en
Feedback
Al-risala-tube

Al-risala-tube

Open in Telegram

..........╔╦╦═╦═╦═╗.....… Al-risala-tube - Gaarommina qalbii Inshaa'allaah🎙Da'awaalee fi ergaawwan miidiyaalee Islaamaa argattu. Alrisalatube.blogspot.com 📩 @qilqil_bot

Show more
4 164
Subscribers
No data24 hours
-117 days
-6830 days
Posts Archive
#Guyyaa Arafaa. #Warri hajjii irra jiru, Guyyaa 9ffaa aduun bahuurraa kaasee Gara Arafaa deemee sagada zuhuriifi asrii walitt
#Guyyaa Arafaa. #Warri hajjii irra jiru, Guyyaa 9ffaa aduun bahuurraa kaasee Gara Arafaa deemee sagada zuhuriifi asrii walitti cimdeessee gaggabaabsee erga sagadee booda hang aduun seentutti du'aa'ii kadhata. Erga aduun seentee booda Gara muzdalifaa deemee achitti maghribaa fi ishaa'ii walitti qabee gabaabsee sagadee, achuma bulee hanga lafti bari'utti tura yoo erga walakkaan halkanii darbee boda achirraa deema yookaa ni bula. #Guyyaan Arafaa nama hajjirra jiruufi kaanifis. • Guyyaa diliin namarraa haqamtu. • Guyyaa gabroottan Rabbii hedduminaan ibiddarraa bilisoomani. •Guyyaa du'aa'iin isa keessaa hunda caaltu. Irra caalaan du'aa'ii (laa ilaaha illallahu wahdahuu, laa sharika lahuu, lahulmulku wa lahulhamdu, wahuwa ala kulli shey'in qadir). •Guyyaa isa keessatti Rabbiin diin islaamaa nuu guute. •Soomanni isaa badii waggaa lamaa tan dabarteefii tandhuftu namarraa haqa (warra hajitti hinjirreef barbaachisaadha). • Guyyaa Rabbiin gabroottan isaatiin malaaykatti dhaadatu.

Soomni guyyaa Arafaa yakka waggaa darbeefi kan waggaa dhufuu namarraa harcaasa, jedhan nabi sallallaahu aleeyhi wasallam. Ara
Soomni guyyaa Arafaa yakka waggaa darbeefi kan waggaa dhufuu namarraa harcaasa, jedhan nabi sallallaahu aleeyhi wasallam. Arafaan guyyaa Jumu'aa boriiti. Soomni guyyaa borii yakka waggaa lamaa namarraa harcaasa soomanuu hin daganne inshaa'allaah. تكفير ذنوب سنة قبله وسنة بعده قال رسول الله -صلى الله عليه وسلم- في حديث صيام يوم عرفة: (صِيَامُ يَومِ عَرَفَةَ، أَحْتَسِبُ علَى اللهِ أَنْ يُكَفِّرَ السَّنَةَ الَّتي قَبْلَهُ، وَالسَّنَةَ الَّتي بَعْدَهُ)

#Waajjira Muummee Ministeeraatti Muummeen Ministeeraa Dr.Abiyyi Ahmad waltajjicha hoogganuudhaan mariin geggeeffamee ture. Hi
#Waajjira Muummee Ministeeraatti Muummeen Ministeeraa Dr.Abiyyi Ahmad waltajjicha hoogganuudhaan mariin geggeeffamee ture. Hirmaattonni: Koree hojii raawwachiiftuu haarawa seeraan yaa'ii waliigalaatiin filatame, hooggantoota Majilisaa duraanii, koree saglan duraanii, pirezidaantota majilisoota naannolee hundaa, Afayaa'ii mana maree bakka bu'oota ummataa(Paarlaamaa), hoogganaa paartii badhaadhinaa fi itti aanaa muummee ministeeraa, ministeera nageenyaa, komishinii poolisa federaalaa, dhimma tikaa fi nageenyaa fi kkf. Marii fi wol mormii cimaa booda kallattiin kaayame:- 1. Sh/Hajjii Ibiraahiim Tufaa fi H/Umar Zallaqaa walgargaaranii torbaan lamaaf Majilisa Federaalaa akka hoogganan. 2. Eida booda guyyaa 10 osoo hincaalle yaa'iin waliigalaa Sharaaton miseensota 300 of keessaa qabu akka waamamu. 3. Salaata Eidaa irratti salaata dura H/Umar akka du'aa'iin banan, salaata booda Sh/Hajjiin akka du'aa'iin cufanii fi Sh/Xaahaan akka salaachisu, Majilisni Finfinnee akka haala mijeessuu fi hoogganu. Gazali Abafira

#Arafa, Jumuah & Eid Khateebs at Masjid Al Haram, Masjid An-Nabawi & Masjid Al Namirah. Akka Haramain.info gabaasetti. • Kuxb
+4
#Arafa, Jumuah & Eid Khateebs at Masjid Al Haram, Masjid An-Nabawi & Masjid Al Namirah. Akka Haramain.info gabaasetti. • Kuxbaa guyyaa Arafaa kabajamaa zulhijjah 9 gaggeefamu Masjid Al Namirah Arafaattii kan kuxbaa gaggeessan Hogganaa #Liigii Muslimoota Addunyaa kan tahan, Sheik Mohammad Bin Abdul-kariim Eisa. • Salaataa Eid Masjid Al-Haramitti gaaf zulhijja 10ffaa kan gaggeessan Sheik Abdullah Juhany, Masjid An-Nabawitti ammoo Sheik Abdu-bari Thubaity. • Kuxbaa Jum'aadhaa gaafa zulhijja 9ffaa Masjid Al-haram kan gaggeessan Sheik Maher Al-muayqali akkasuma Masjid An-Nabawi Sheik Ali Huzaifiin kan gaggeefamu taya. #Yaa rabbi hiree teenyas nuuf taasisi ganda kabajaa sana dhaquu. # haramaininfo # Hajj2022 # Hajj1443

Hiikni isaa "Yaa Allaah ani gabricha keeti ilma gabricha keetiiti, ilmi garbittii keetiiti,sammuun koo harka kee jira,murtii narratti darbeera, murtiinkees murtii haqaati, maqaa kee hunda isaatiinan si kadhadha, kan ati ittiin of moggaafte, ykn kanati uumamakee keessaa nama tokko kan barsiifte, ykn kitaaba kee keessatti kan ati buufte, ykn beekumsa fagoo kan si malee homtuu bira gahuu hin dandeenye keessatti kan ati hanbifatteenin si kadhaa, qur'aana kana qabbana qalbii akka naa gootu, akkasumas ifa qoma kootii akka naa gootu, deemsisaa gadda kootii akka naa gootu,deemsisaa yaaddoo kootii akka naa gootun si kadha yoo jedhe, Rabbi yaaddoo isaatiif gadda isaa sana irraa deemsisee,bakka isaa gammachuu buusuuf malee hin hafu" jedhan.

Hiikni isaa "Yaa Allaah ani gabricha keeti ilma gabricha keetiiti, ilmi garbittii keetiiti,sammuun koo harka kee jira,murtii narratti darbeera, murtiinkees murtii haqaati, maqaa kee hunda isaatiinan si kadhadha, kan ati ittiin of moggaafte, ykn kanati uumamakee keessaa nama tokko kan barsiifte, ykn kitaaba kee keessatti kan ati buufte, ykn beekumsa fagoo kan si malee homtuu bira gahuu hin dandeenye keessatti kan ati hanbifatteenin si kadhaa, qur'aana kana qabbana qalbii akka naa gootu, akkasumas ifa qoma kootii akka naa gootu, deemsisaa gadda kootii akka naa gootu,deemsisaa yaaddoo kootii akka naa gootun si kadha yoo jedhe, Rabbi yaaddoo isaatiif gadda isaa sana irraa deemsisee,bakka isaa gammachuu buusuuf malee hin hafu" jedhan

#Yaaddoo_dhabamsiisuu. Nama tokko yaaddoon ykn gaddi tokko isa mudatee, yoo; "Allaahumma inni Abduka wabnu abdika wabnu amati
#Yaaddoo_dhabamsiisuu. Nama tokko yaaddoon ykn gaddi tokko isa mudatee, yoo; "Allaahumma inni Abduka wabnu abdika wabnu amatika naasiyatii biyadika maadin fiyya hukmuka adlun fiyya qadaa'uka as'aluka bikulli smin huwa laka sammeyita bihi nafsaka aw allamtahu ahadan min khalqika aw anzaltahu fi kitaabika awista'asarta bihii fii ilmilghayibi indaka an taj'alal qur'aanal'aziima rabii'a qalbii wanuura sadrii wa jalaa'a huznii wazahaaba hammii." kan jedhu yoo ta'e, yoo yaaddoo isaatiif gadda isaa irraa deemsisee, bakka isaa gammachuu yoo buuse malee hin hafu.

#Guddina buliin kurnan zulhijjah qaburraa. •Hojiin tokko rabbi biratti irra qulqulluu, ol'aanaa ta'ee argame hin jiru, akkasu
#Guddina buliin kurnan zulhijjah qaburraa. •Hojiin tokko rabbi biratti irra qulqulluu, ol'aanaa ta'ee argame hin jiru, akkasuma irra ajriin isaa guddaadhaa, kan gabrichi hojjetu, irra qulqulluu kan rabbi biratti ajrii guddaa, guyyaa kurnan zulhijjah kanarra. •Caalaan hojii hojjetamu duniyaa guutuu keessa osoo jihaadaas ta'e, namicha yaabbi, qabeenyaa fi lubbuu isaatiin jihaadaaf baye, kan homaanu hin deebi'in kan achumatti shahiide yoo ta'e malee. ما فضل أيام عشر ذي الحجة ما العَمَلُ في أيَّامٍ أفْضَلَ منها في هذِه؟ قالوا: ولَا الجِهَادُ؟ قَالَ: ولَا الجِهَادُ، إلَّا رَجُلٌ خَرَجَ يُخَاطِرُ بنَفْسِهِ ومَالِهِ، فَلَمْ يَرْجِعْ بشيءٍ

Sadarkaa Kurnan Zulhijjaah, Sheikh Alii Jimmaa irraa dhaggeffadhaa. Guyyaaleen kurnan kun, Guyyoota akkaan jajjaba kan rabbiin ittiin kakate, kan nabi muhaammad s.a.w waan hedduu irraa himan kana dhaggeeffadhaa. 💳MB 11 Daqiiqaa 31:14 #on Nuralhuda at 21 july 2020

Baatiin Zulhijjaa Kamisa jalqaba. ----------------------- ---------------------- Guyyoota 10nan ji'a ZulHijjaa keessatti arga
Baatiin Zulhijjaa Kamisa jalqaba. ----------------------- ---------------------- Guyyoota 10nan ji'a ZulHijjaa keessatti argaman keessa, Ibaadaan goonu mindaa gurguddoo qaba, Namni guyyoota kurnan kana soommanuuf qophii ta’e, kamisa irraa eegala. ----------------------- ---------------------- Kana malees ibaadawwan biroo danuutu jiru, kanneen akka -Haajjii fi Umraa -Salaata Jama'aan Masjidatti Salaatuu -Qur'aana Qara'uu -Zikrii baay'isuu -Sadaqaa Sadaqachuu. -Rabbii kadhachuu -Salawaata Buusu Ud-hiyyaa qaluu fa'a, fi kan biroos hedduudha, rabbi nuu haa laaffisu.

Sadarkaa Kurnan Zulhijjaah, Sheikh Alii Jimmaa irraa dhaggeffadhaa. Guyyaaleen kurnan kun, Guyyoota akkaan jajjaba kan rabbiin ittiin kakate, kan nabi muhaammad s.a.w waan hedduu irraa himan kana dhaggeeffadhaa. 💳MB 11 Daqiiqaa 31:14 #on Nuralhuda at 21 july 2020

#Sadarkaa Qur'aanaa #Imaam Al-Khaxxaabiin akka jedhanitti, baayinni lakkoofsa keewwattoota qur'aanaa baay'ina sadarkaa jannat
#Sadarkaa Qur'aanaa #Imaam Al-Khaxxaabiin akka jedhanitti, baayinni lakkoofsa keewwattoota qur'aanaa baay'ina sadarkaa jannataatin wal qixa akka ta'e "Asara" keessatti dhufeera. #Kanaaf namni duniyaa irratti qur'aana qara'aa ture hundi akkuma duniyaa irratti qara'aa turteen sadarkaawwan jannataa ol ba'i jedhama, Namni qur'aana akkaataa baay'ina keewwatoota qur'aanaa kan qara'aa tureetiin guutuu guutuutti qara'e aakhiraatti sadarkaa jannataa isa ol aanaa gubbaa ta'a. #Namni isa irraa kutaa muraasa qara'es, sadarkama hanga qara'ee irra ta'a, Sadarkaan sawaaba isaa iddooma inni duniyaa irratti qara'e sana ta'a. "يُقَالُ لِصَاحِبِ الْقُرْآنِ : اقْرَأْ وَارْتَقِ وَرَتِّلْ ، كَمَا كُنْتَ تُرَتِّلُ فِي الدُّنْيَا ، فَإِنَّ مَنْزِلَكَ عِنْدَ آخِرِ آيَةٍ تَقْرَؤُهَا"

Sheek Jamaal Muusaa Jiloo perezidaantii mana maree waliigala Islaamummaa naannoo Oromiyaa ta'uun filaman. Manni marii waliiga
Sheek Jamaal Muusaa Jiloo perezidaantii mana maree waliigala Islaamummaa naannoo Oromiyaa ta'uun filaman. Manni marii waliigala dhimmoota Islaamummaa naannoo Oromiyaa perezidaantii haaraa mana marichaa filateera. Perezdaantiin mana marichaa duraanii sheek Hajjii Ibraahim Tufaa mana marii dhimmoota Islaamummaa federaalaatti perezidaantummaan filamuu sababeeffachuun majlisni Oromiyaa yaa'ii kanaan Sheek Jamaal Muusaa bakka isaanii buusuun filateera.

Wal-Dorgommii Qur'aanaa addunyaa tokkoffaa bahuun kan badhaafame Biyya Jordon irraa Muhammad Al-Haashimiin badhaasa Doolaara
Wal-Dorgommii Qur'aanaa addunyaa tokkoffaa bahuun kan badhaafame Biyya Jordon irraa Muhammad Al-Haashimiin badhaasa Doolaara Ameerikaa kuma kudhan goonfateera!

Alhamdu lillaah galanni kan Rabbii guddaati. Ummata aduu keessa taa'ee akkanatti Qur'aana hordofu nuuf kennite.
Alhamdu lillaah galanni kan Rabbii guddaati. Ummata aduu keessa taa'ee akkanatti Qur'aana hordofu nuuf kennite.

photo content
+1

Dhaamsa pirezdaantii Majlisa fedraalaa # Shekh_Hajjii_Ibraahiim irraa nugahe: sagantaa Qur'aanaatiif istaadiyeemiin nuuf hayy
Dhaamsa pirezdaantii Majlisa fedraalaa # Shekh_Hajjii_Ibraahiim irraa nugahe: sagantaa Qur'aanaatiif istaadiyeemiin nuuf hayyamameera alhamdulillaahi rabbil aalamiin. kanaafuu warri sagantaa quraanaatiif iddoo faffagoo irraa dhuftan haga guyyaa boruutti finfinnuma turtanii sagantaa irratti akka hirmaattan isin hubachiifna.

Waldorgommiin Qur’aanaa idil-addunyaa Dilbata borii Istaadiyooma Finfinneetti gaggeeffama jedhamee ture, sababoota tokko tokk
Waldorgommiin Qur’aanaa idil-addunyaa Dilbata borii Istaadiyooma Finfinneetti gaggeeffama jedhamee ture, sababoota tokko tokkoof bakki dorgommii istaadiyooma irraa gara hoteela ammaaf maqaan adda hin baafamneetti jijjiiramuu, qopheessitoonni sagantichaa ibsaniiru.

Dorgommii Qur’aanaa adduunyaalessaa kan biyyoonni 56 ol irratti hirmaatan Dilbata dhufu Istaadiyooma magaalaa Finfinneetti gaggeeffamuuf dorgomtoonniifi keessummoonni biyyoota garaa garaa irraa gara Finfinnee seenaa jiru.