cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

Coba Yaadaa💧

✍️ Maxxansa, Sagaleewwanii fi barruuwwan nama sissi'eessan, Seenaa barsiisoo fi barruuwwan gaggabaaboo asirraa ni argattu. ✍️ Kan isinitti tole hiriyoota keessaniif qooduu hin dagatinaa. ✍️https://t.me/DubartiiOgeettii

Show more
Finland1 110The language is not specifiedReligion & Spirituality17 485
Advertising posts
5 379
Subscribers
-324 hours
+107 days
+1830 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Show all...
Dubartii Ogeettii

Isheen eenyuu?

Hamma ilaalcha ofii hin sirreesunetti wanti ilaallu sirrii tahee nytti hin mul'atu.. namni kamiyyuu gara adunyaa kanaa kan dhufe adunyaa tana tajaajiluudhafi dha. Atu nama biratti nama qajeelaa fu gaarii kan taatu gaafa dhukkubsattee fi duute dha. Ofitummaa guddichi tola ooltummaa dha. Gammachuun guddaan nama biraa bira fhaabbattee namni sun gammadaa ta'ee arguudha. Jibbi jalqabaa of jibbiidha.
Show all...
👍 8
Repost from N/a
✍Only powerful men can know the power of women. ✍Dhiira cimaa qofatu dubartiin uumama cimtuu akka taate hubachuu danda'a. ✍Nama nan danda'a jedhee danda'e qofatu dubartiin hammam uumama haala kamiyyuu dandeessu akka taate hubata. ✍Ija argu danda'u qofatu ishee arguu danda'a. ✍Dhiira amala qabu qofatu dubartiin hammam amala qabeettii akka taate beekuu danda'a. ✍Dhiira hubataa qofatu dubartiin hammam hubattuu akka taate hubachuu danda'a. ✍Dhiira laphee jaalalaa qabu qofatu dubartiin hammam uumama jaalachuuf/jaalatamuuf uumamte ta'uu beekuu danda'a. ✍Dhiira dandeettii isaa tolchee beeku qofatu dandeettii dubartiin tokko qabdu beekuu danda'a. ✍Dhiira gatii isaa beeketu gatii duartii tokkoo haalan beekuu danda'a. ✍Dhiira hiikaa bareedinaa tolchee beeku qofatu dubartiin uumama adunyaa kanaaf bareedina taate ta'uu ishee hubata. ✍Nama gameessa qofatu dubartiin hammam uumama gameettii akka taate hubachuu danda'a. @DubartiiOgeettii 🌷
Show all...
Repost from N/a
Only powerful men can know the power of women. Dhiira cimaa qofatu dubartiin uumama cimtuu akka taate hubachuu danda'a. Nama nan danda'a jedhee danda'e qofatu dubartiin hammam uumama haala kamiyyuu dandeessu akka taate hubata. Ija argu danda'u qofatu ishee arguu danda'a. Dhiira amala qabu qofatu dubartiin hammam amala qabeettii akka taate beekuu danda'a. Dhiira hubataa qofatu dubartiin hammam hubattuu akka taate hubachuu danda'a. Dhiira laphee jaalatu qabu qofatu dubartiin hammam uumama jaalachuuf uumamte beekuu danda'a. Dhiira dandeettii isaa tolchee beeku qofatu dandeettii dubartiin tokko qabdu beekuu danda'a. Dhiira gatii isaa beeketu gatii duartii tokkoo haalan beekuu danda'a. Dhiira hiikaa bareedinaa tolchee beeku qofatu dubartiin uumama adunyaa kanaaf bareedina taate ta'uu ishee hubata. @DubartiiOgeettii 🌷
Show all...
👍 1
Lukkuun tokko killee erga hanqaaqxee booda killeen sun akka lukkuu biraa uumtuuf hoo'a kenniteefii yeroo ta'e booda cuuciin sun killee sana keessaa baati. Jireenya keenya keessatti wanti nuti ofirratti moosisnee, daangaa keenyefii kana hin darbu, kana natti darbamuu hin qabu, kun waan ta'uu miti, hin danda'amu, ani hin danda'u ofiin jennee ofii keenya haalotaan, namootaan, yaadaan sakaallamnee iddoo tarkaanfannee bira gahuu qabdu, wanta taasisnee qabaachuu dandeenyu, wanta dubbannee dhugaa bahuu qabnu, wanta dhalootaaf furmaata ta'u, wanta dhukkuba keenyaa furmaata ta'u, wanta dhaba keenyaaf fala ta'u, daangaa maleessummaa, hidhaa yaadaa, sodaa kufaatii, abaarsa namootaa keessaa kan ittiin baanu tokko utuu jiruu daangoofnee jiraachuu filanna. Killeen tokko cuucii taati yookiin ajooftee xurii taatee gatamti. Cuucii ta'uuf tarjaanfiin fudhatamu hoo'a argachuu dha. Hoo'i haati killee sanaaf kennitu mala ittiin wanta hin danda'amne ittiin dandeessistu dha. Hoo'i sun sanyii akka facaasuu dandeessu, fakkaattii ishee akka fiduu dandeessu ifitti amanamummaadhaan waan taasiatuu qabduu fi akka dirqamaattus wanta taasistu dha. Yeroo hoo'a keessa turuu qaba erga xumurtee booda tokkoon tokkoo killeewwaniitiif uraa kennitiifi. Uraan/qaawwi sun karaa cuuciin killee sana keessaa itti baatu dha. Cuuciiwwan killee keessaa erga bahaniis hoo'i isaan waan barbaachisu hoo'a kennuufii itti fufti. Kunuunsi jalqabaa haadhoo lukkuu tokko ilmoo isheef taasistu hoo'a kennuu dha. Wanta lubbuu hin qabne irraa lubbuu akka qabaatu taasisti.
Show all...
👍 3
Galma kee fakkaadhu. Dubbii xixinnoon hin marfamin. Akka harraagessa lukkuu waliin ooltuu dubbii mandaraa keessa hin oolin. Dubbiin mandaraa akka madaa kulkufamtuuti. Isaan si takaalanii gahuumsa kee irraa si hambisu. Galmi kee boruu galmee qofa ta'ee akka hafu si taasisu. Abjuun abjootte abjuu ta'ee akka hafu si gufachiisu. Harraaggessi lafa harraaggessi oolu oolti. Leencis lafuma leenci oolu oola. Lukkuunis lafa oolmaa mataa ishee qabdi. Naannoon kee galma kee boruu sana haa fakkaatani. Xinnoo irraa jalqabi garuu wantootni xixinnoon si hin takaalin. Waan xinnoo taasisuun shaakali garuu galma xinnoo hin qabaatin. Waan xixinnoo baayyee jibbitu qabaachuu dandeessa garuu, xinnoo ta'uu sirriitti jibbi. Daldaltoota dubbii dabaa irraa yaada kee deebifadhu. Isaan waliin gabaa waloo hin qabaatin. Irraa hin bitin itti hin gurgurin. Sanyiin isaan gurguran eenyummaa kee si faala. Sanyiin isaan facaasan sanyii mancaasa. Isaan ulaa banuu caalaa ulaa banaa cufuutu salphataafi. Darbuu kee irra darbatamuu kee jaallatu. Moo'achuuf haala kamiyyuu keessa ta'ii qajeelummaa akka tirikaatti fayyadami. Qajeelummaan gufuu irraa si eegdi. Miiltoo gaarii taatee si waliin jiraattii. Laga moo'ichaatti si ceesisiti. Gabaa wayyoomaan sitti daldaltu waliin si oolchitii. Eenyummaa kee isa sirriin wal si simsiistii. Ofii keen wal si agarsiistii. Ofii kee of si jaalachiisti. Nagaa dhugaa sitti mul'istii. Uumama kamiifuu naatoo sitti hortii. Naannoo kee NAMAAN si marsisiistii.  Eenyummaa kee dhugaa waliin wal si agarsiisitii. Coba Yaadaa 💧✍️
Show all...
👍 5
You are her to win! Miira kee moo'achuuf Rakkina moo'achuuf Haalota moo'achuuf Kufaatii moo'achuuf Dhukkuba moo'achuuf Jibba moo'achuuf Hin danda'amuu moo'achuuf Dangeeffamuu moo'achuuf Dhaba moo'achuuf Hordofaa/tuu ta'uu moo'achuuf Moo'amuu moo'achuuf Ofii kee moo'achuuf
Show all...
👍 6
✍Iddoo kee maleetti hin argamin. ✍Iddoo kee malee hin taa’in. ✍Human kee malee hin socho’in. ✍Jireenyi oolanii buluu dhaa oli dha. Bahanii galuu dhaa oli dha. Jireenyi beela’anii nyaachudhaa oli dha. Daaranii uffachuu dhaa olidha. Jireenyi kufanii ka’uu qofa miti. Jireenyi dhukkubsachuu fayyuus miti. Jireenyi qabeenya hedduu tuulachuus miti. Jireenyi uffata babbadeeraa, nyaata filatamoo, konkolaataa gatii jabeessa qabaachuu, mana hin ijaaramane ijaarrachuudhaa oli dha. Jireenyi maatii beekkamoo, maatii hawaaasa keessatti sodaatamoo irraa dhalachuu, maatii sooressaa maatii hiyyeessaa irra dhalachuudhaa oli dha. Jireenya harkaa dhabnii fi qabeenyi hin ibsu. Jireenyi beekamtiis miti. Jireenyi agarsiisa miti. Jireenyi dubbiis miti. Jireenyi laaqanaa fi hirbaatan oli dha. Jireenyi mana keessa jiraataniin alatti, maatii horannuun olitti, maatii irraa dhalanneen olitti, naannoo keessa jiraannuun olitti, biyya keessatti dhalanneen olitti adunyaadhaaf ta’uu dha. Jireenyi mul’ataa dha. Jireenyi ni argama. Jireenyi adunyaa bal'aa kana keessatti qooda qabaachu dha. Jireenyi oolmaa adunyaadhaaf oolani dha. Jireenyi oolmaa dhalootaaf oolani dha. Jireenyi adunyaa kana irra jiraachuu caalaa adunyaa waliin jiraachu dha.
Show all...
👍 6
Repost from N/a
Dubartiin uumama baayyisuuf uumamte dha. ✍Dubartiitti yoo jecha kennite isheen hima taasistee siif deebisti. ✍Yeroo hima itti kennitu immoo keeyyata taasistee siif deebisti. ✍Yeroo keeyyata itti kennite immoo kitaaba taasistee siif deebisti. ✍Yeroo dubartiidhaaf sanyii tokko kennite isheen immoo sanyii sana baayyistee daa'ima taasistee siif kenniti. ✍Yeroo mana ijaartee itti kennite isheen bareechitee jireenyaaf akka simatu taasisti. ✍Yeroo midhaan dheedhii itti kennitu nyaata bilchata taasistee siif deebisti. Akkasuma faallaa kanaas baayyisuuf uumama addaa dha. ✍'Dubartiin akka 'incubator' dha.' Dr Myles Munroe Dubartii Ogeettii💫
Show all...