en
Feedback
JAARRAA ABBAA GADAA

JAARRAA ABBAA GADAA

Open in Telegram

Goota falmuu dhiifnee Qeerroon Galee ciifnee Oromiyaa Dachii Goota Gantuu fi Yartuu Akkam Goggootaa !!! YAADAF👉 @JAARRAABOT Channel youtube keenya Argachuuf 👇👇 https://youtu.be/p51FnhhOuDY https://youtu.be/p51FnhhOuDY

Show more
1 964
Subscribers
No data24 hours
-17 days
-130 days
Posts Archive
Yoo hin taane akkas ta'a! Hiriyaa gaarii, kan siif yaadu, kan isaaf yaaddu, dhukkubni kee, fayyummaan kee, gaddi kee, gammachuun kee kan isa kan ta'e qabda yoo ta'e dhugumatti ati carra qabeessa. Yeroo tokko tokko namoonni gammachuu keenyaaf sababa ta'an, haala hin eegamneen sababa gadda keenyaa ta'uu danda'u. Hiriyummaan afuura. Waan harkaan hin qabamne, garuu kan gochaan mul'atu. Isa kana walii kunuunsanii boriif wal abdachaa rakkoof gammachuu waliin qoodachaa jireenya waliin itti fufuun carroomudha;yookaa garuu gita abaarsaa ta'a. Walii yaaduun hin jiru yoo ta'e; hiriyaan kee guyyaa gammachuu qofa dhufee, guyyaa gadda keef dhiphina kee hin jiru yoo ta'e, Of gaafadhu;dhuguma hiriyaa qabaa jedhi? Umrii dheeraa waliin lakkoofsiistee, gammachuu hedduu waliin dabrsitee, kan koo kan keeti jetteenii, guyyaa nagaa sana waan hiriyaa tokkorraa eegamu raawwattee, guyyaa rakkoon si muudatu hamma feete argachuu baattuus, sagaleen iyyuu ta'u 'Abshir' siif jira yoo hin jenne, dhugumatti hiriyaa hin qabdu jechuudha. Ilaalii;madaalii;xinxaalii hiriyaa baafadhu;qabda yoo ta'e wal jabeeffadhaa. Yookaa garuu akkas ta'a" guyyaa gabaan tolteef gatii baastu, gurgurtaaf dhiyaatta." Hiriyummaan Afuura! Abebe Tola @Oromotoo @Oromotoo

JEEQUMSI SAMMUU MAAL? Jeequmsi sammuu akkaataa yaadaa,akkaataa hubannaa fi amalaa ilaalchisee nama tokko mudachuufi qaqqabuu
JEEQUMSI SAMMUU MAAL? Jeequmsi sammuu akkaataa yaadaa,akkaataa hubannaa fi amalaa ilaalchisee nama tokko mudachuufi qaqqabuu danda'a. Akkas jechuunis jecha gara-biraan, yaadn i, hubannoo fi amali namoota akkanaa wal fudhachuu dhiisuu danda'a jechuudha. Kunis waliti dhufeenya namaa wajin qabaatan, jiruu fi gammachuu jireenya isaanii hamma malee tuga. Namoota birattis akka malee hubatamuu danda'u. Jeequmsa sammuu qabaachuun namichaaf rakkina akkasuma maatii isaafis rakkina dha. Haa ta'u malee waan itti qaana'an miti. JEEQUMSA SAMMUU MAALTU FIDA? . #💁itti fufaa.. @JECHOOTAHAYYOOTA @JECHOOTAHAYYOOTA YAADAF👉 @Yaadawaljijjiruufbot

Dr #Gammachuu_Magarsaa waggaa lama dura waa’ee nageenyaa Oromiyaa OMN irratti akkana jechuun dubbatan! "Qaamoleen hidhataniifi Mootummaan biyya bulchaa jiru Kan waldhabdan faayidaa ykn haqa Ummataaf yoo ta'e Ummata Keessaniif dursa laadhaa! "Dhugaan kan waaqaati. Nageenyis akkasuma. Lafa dhugaan hin jirre nagaan hinjiru. Qaamni hidhatee bosona jiruufi Mootummaadhaaf an kan dhaamu nagaa yoo barbaaddan ummata keessan dursiisaa. Wanti isin waldhabdaniif haqa ummataa yoo ta'e dhimmi kun kan keessan miti. Dhimma Ummataati. Kanaaf Ummata keessaniif dursa kennaa. Dhugaan kan waaqaati. Waaqni dhugaa irratti nama hin dhiisu. Isin immoo waaqa miti. Lafa kana Oromoof kan kenne waaqa. Gaafa waaqni Oromoodhaaf lafa kana kennu isin immoo achi hin jirtan. Yoo ni dandeessu ta'e ummata kanaaf nagaa kennaa; ummani kun nagayaan haa bulu. Ummanni kun hiyyeessa; nagaa kennaafii. Lafa dhugaan hinjirre nagaan hinjiruu dura dhugaa irratti waliif galaa. Dhugaan isin irratti waliif galtan immoo dhugaa ummataa ta'uu mirkaneeffadhaa. Yoo kun ta'uu baate maqaa ummataan hin nagadinaa. Eenyuyyuu. Akka Oromoo tokkootti hamman beeku, biyya kana keessatti Rakkoon Ummata Oromoo baay'ee walxaxaadha. Namni an kana ni beeka jedhuyyuu sobaadha. Namni halkan tokkoon rakkoo walxaxaa saba kanaa koreedhaan ni hiika jedhuyyuu Sobaadha. Qalbiin keessan dhugaa waaqaatti bula yoo ta'e, dhugaan kan waaqaa ta'uu quba qabdu yoo ta'e, dhugaan waaqaa sun, wanti isin irratti waldhabdan kan keessan miti. Dhimmi irratti waldhabdan Ajandaa warra waldhabdan kanaa miti. Kan Ummatichaati. Dhugaan irratti wal lolaa jirtan kan saba kanaati. Dhugaa kana ummataaf #Waaqatukennee kanarratti waliif galaa! Ummaticha Mari'achiisa. Kan ta'uu qabu kana. Abbaan dhimmaa dhimma kanaa Ummata Oromooti. Warra wal mormu kana miti. Kan Miidhamaa Jirus Ummata Oromooti!. Rakkoon dhalate kunis dhugaa irratti waliif galuu dhabuu irraa dhufa. Dhugaan kun immoo kan waaqaa ta'uu hubachuudha. Namni Waaqa hinsodaanne waan sodaatu hinqabu". Danuu Daamxootiin @dedroro @Dedroro

photo content

Kabajamoo Dr. Artist Alii Muhammad (Alii Birraa) eenyu ture? - Artist Alii Birraa kan dhalate (bara 1940 Dh.K.D) fi kan guddate Magaalaa jaalalaa, tokkummaa kan taate dirre dawaatti. - Maqaan haadha fi abbaan isaaf moggaasan Alii Muhammad jedhama. - Maqaan "Alii Biiraa" jedhu bara 1963 magaalaa DirreDawaatti, yeroo dargaggoonni dandeettii muuziqaa qaban, ofii isaa Alii Mohaammad dabalatee, walitti qabamee gurmaa'anii muuziqaa Afan Oromoo taphachiisuf turetti, garee sana keessa Alii saditu ture (Ali Shebo, Ali Ahmed Ali / Ali Tuche, fi ofii isaatii Alii Mohammed) adda baasuuf, Hojii muuziqaa isa jalqabaa fi dinqisiifamaa "Birraan Bari'ee" jedhuun maqaa Alii Birraa jedhu argateera. Kana booda paaspoortii, ID isaa irratti Alii Biiraa jedhamee waamamuu eegale. - Artiist Alii Birraa; Umurii isaa waggaa 14tti garee muuziqaa Dirredawa "Afranqalloo (The Four Children of Qallo)" jedhu keessatti hojii muuziqaa jalqabe. (Miseensonni baandichaa dargaggoonni garee B keessaa umuriin didiqqoo turan. Alii Birraan hojii isaa isa jalqabaa keessatti baay'ee beekamaa waan ta'eef garee A tti makame.) - Artist Alii Birraa bara jireenya isaa waggaa 50 muuziqaa keessa ture. Albamii fi sirboota tokkicha hedduu hojjateera. Biyyoota addunyaa keessa naanna'ee hojiiwwan muuziqaa isaa dhiheesseera. - Artist Alii Birraan Afaan Oromoo, Hadar, Somaalee, Amaariffa, Afaar fi afaan biyya alaa irraa afaan Ingiliffaa fi Ispeeniin sirbuu irratti dandeettii ajaa'ibaa qaba ture. Meeshaalee muuziqaas taphachaa kan ture yoo ta'u, qindeessaa sirbaa fi walaloo ture. Afranqalloon alatti garee muuziqaa adda addaa keessattis hojjetee jira. - Afaan guddinna Afaan Oromoo keessatti gahee guddaa kan qabu yoo ta’u, artistoota hojii aartii isaa waliin itiyoophiyanota walitti hidhuudhaan, jaallachuu fi wal bira qabuun ummata Oromoo guutuu fi ummata Itoophiyaa guutuu biratti artistii gammeessa jedhaman keessaa isa jalqabaati. -Gumaacha gaarii bara jireenya isaa keessatti taasiseef; Biyya keessaa fi biyya alaa keessatti badhaasa hedduu badhaafameera. Fkn: Dirredawaa fi Jimmaa irraa Doktarummaa kabajaa argatee, Dirredawaatti paarkiin tokko moggaafameef, Adaamatti  daandiin tokko moggaafamefi jira. Naannoo Oromiyaatti badhaasni addaa Nishaan kennameef... Beekkamtii fi badhaasa biroo hedduu argateera. -Kabajamoo Dr. Artist Alii Birraa haadha warraa isaanii waliin ta'uun dhaabbata naamusaa "Birra Children's Education" jedhamu hundeessuun "barnoota daa'immaniif" deeggarsa taasisaniiru. - Dr.Artist Alii Birraa kaleessa umrii waggaa 75tti addunyaa kanarraa boqote. Kana qofa miti....Kun gabaabinnaani... @Jechootahayyoota @Jechootahayyoota

photo content

photo content

Makmaaksa "Dhugaa fi lubbuun guyyaa Rabbii baati!" @OROMOTOO @OROMOTOO
Makmaaksa "Dhugaa fi lubbuun guyyaa Rabbii baati!" @OROMOTOO @OROMOTOO

Bunaaf Nagaa hin dhabiinaa! @OROMOTOO @OROMOTOO
Bunaaf Nagaa hin dhabiinaa! @OROMOTOO @OROMOTOO

Kana beektuu...! Aardii bal'oon addunyaa 👉 Eeshiyaa. Garbi guddaan addunyaa 👉 Paasifik Lagni Guddaan addunyaa 👉 Laga Amaazoon Lagni dheeraan addunyaa 👉 Laga Naayil Channeliin telegramii guddaan 👉 @JECHOOTAHAYYOOTA 👇👇👇👇👇👇 @OROMOTOO @OROMOTOO

👇👇👇👇👇👇🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏 😍😍😍😍😍😍😍😍😍😍😍😍😍 👉❤🙌WOW KABAJAMTOOTA HORDOFTOOTA KEENYA MAAL ARGACHUU BARBAADA????????? 🙏CHANNELI BARNOOTA ADDA ADDA IRRA ARGATU QABANNE DHUFNERRA MAARRE JOIN JOIN QOFA TUQA!! 👇👇👇👇👇👇👇👇👇🌲🌲👇👇 ✅ITTI DABALUUDHAN WARREN CHANNELI KESSAN BEEKSIFACHU BARBAADAN GALMA KANA JOIN GODHA ISININ JENNA 👇👇👇👇👇👇👇👇👇 @ABDETUOR 🙏 @ABDETUOR 🙏 @ABDETUOR 👆👆👆👆👆👆👆👆👆

Repost from JECHOOTA HAYYOOTA
Sammuunkee si guddisuus si balleessuus ni danda'a! Sammuunkoo akkamitti na balleessa? Jechuu dandeessa. Dhugaa dubbachuuf namoota hedduu sammuu isaanitu isaan balleessa. Sammuun namoota hedduu haaloo, jibba, mul'ata dhabuu fi hammeenya gara garaan faalamee isaan ajjeesaa jira. Sammuun akka itti fayyadamaa abbaa sammuuti. Sammuukee wantoota gaggaariin yookiin qajeeloo ta'aniini yoo guutame, ati fayyaalessa jedhamta. Sammuun kee dhimma hin qabu akka ati feete siif ta'a. Kana jechuun of ajjeesuus, of hambisuunis harkakee keessa jira. Yeroo hundaa waa'ee hojii gaarii yaadi yeroo sana ati dhugaamatti jireenyatti jirta. Sammuun hojii gaarii hiin taaneen guutamefi ilaalcha jibbisiisaan faalame, sammuu du'aa jiraataa jiruudha. Yeroo kamuu positive ta'i. Sammuu du'aan hin jiraatin! @Jechootahayyoota @Jechootahayyoota By @Abdetuor

Bakka isa namni siif file caalaa isa ati ofii kee filatuti ta'uuf sitti mijata. Kanaafuu filannoo toli.

Bakka isa namni siif file caalaa isa ati ofii kee filatuti ta'uuf sitti mijata. Kanaafuu filannoo toli.

Addunyaa kana irraa bakki ilmi namaa hoomaa tokko hin yaadneef hoomaaa tokko hojjechuu hin dandeenye bakka awwaalaa akka tahe hin dagatiin. kana yoo beekte guyyaa hundaa carraaqii kee addaan hin kuttu. Share share godhuu hin dagatinaa!! 👇👇👇👇👇👇 @DEDRORO @DEDRORO Yaadaf👉 @Keraj1

#HIN_QABU Henook Makartii namni jedhamu seena tokko dubbata. Jaarsa tokkotu hiriira irraa dhaabbatanii otoobusii eeggatu, isaan booda immoo dargaggeessa tokkotu dhaabata. "Dhiifama abboo laayitarii(qabsiistuu ibiddaa) qabduu?" Jedhee isaan gaafata. Dargaggeessichi tamboo ittiin qabsiifachuuf ture. Deebiin jaarsaas gabaabaa ture. "Hin qabu" jedhe dheekkamsaan. Xiqqoo itti yaadee booda dargaggeessichi nama biroo gaafatee irraa qabsiifate. Daqiiqaa muraasa jaarsi boorsaa(giiphii) isaanii keessaa laayitarii baafatanii ittin tamboo qabsiifatan. Sila isin gaafannaan laayitarii hin qabu naan hin jennee? Utuu qabdanii maaf na dhowwattanii jedhee gaafate. Jaarsi deebii kennaniif "Maal seete?" Jedhanii jalqaban. "Maal seete, laayitarii yoon siif kenne; tarii waliin dubbii eegalla. Waliin dubbii yoo eegalle immoo, otoobusii keessatti wal bira teenya ta'a. Wal bira teenyaan immoo oduun keenya itti fufuu hin oolu. Mucaa gaarii waan fakkaattuuf sin jaaladhan ta'a. Yoon si jaaladhe immoo bakkan bu'utti si buuseen, mana keenyaa irbaata si affeeran ta'a. Mana koo yoo dhufte immoo intala koo waliin wal barta ta'a. Intala koon yoo wal barte immoo tarii wal jaalattu ta'a. Yoo wal jaalattan immoo maaltu beeka dubbiin cimee dhuma irratti wal fuutu ta'a. Argitee? Ani immoo nama laayitarii bitachuu hin dandeenyetti akka heerumtu hin barbaadu. Kanaafu hin qabu garuu qaba."Maal jechuu barbaade beektuu? Yeroo baay'ee wantoonni sadarkaa sadarkaadhaan isa tokko irraa isa tokkotti ce'u, dhuma irratti bakka hin barbaachisne ga'u. Otoo isaan tarkaanfii hin eegalin dursinee achumatti akka dhaabatan yoo goone booda gatii hin barbaachisne baasuu irraa oolla. Malee immoo hiyyeessi durba hin fuudhuu miti. HAlKAN GAARII QABAADHAA! Dubbisi dubbisuun waa baruufi! #Share👇👇👇 @OROMOTOO @OROMOTOO

EEYYEN! ANIS ABJUUN QABA! ▬▬▬▬▬▬▬▬▬ ➥ Wanti ati kun "hin danda'amu baay'ee ulfaataadha" jettu caaladhumattiyyuu sitti ulfaata. Faallaa kanaa wanta ulfaatu kamuu kutannoodhaan itti deemnaan baay'ee salphaadha. ➨ Injifannoon kee harka kee keessa jira. Abjuun kees hiika qaba. Waan abjootte immoo hiika itti kennuuf ammuma irraa dhama'i! Dhamaatii fi milkaa'inni kee hiika abjuu keeti. ➨ Abjuu kee of keessatti awwaaltee hafta taanaan ati ofiifuu hin taatu. Osoo ofiif hin taane namaaf ta'uun hin jiru waan ta'eef. Ofiif yoo taate kaaniif taata. ➨ Jalqabni Milkaa'ina kee garuu anaa miti, isaa miti, ishee miti, isaan miti, nu'is miti, si'uma si'i mataa keeti. SITU SIIF HIIKA QABA. Hiika ofiif kenni namaa gaditti of hin ilaalin, namni ati ofii ol gootu hundinuu akkuma kee ji'a 9 tti dhalatee yeroo sana Maaliin si caala ture mee? Nuti hundinuu yeroo dirra lafaa kanatti dhufnu homaanuu wal hin caallu. Eegas booda namni akkaataa tattaaffii isaatiiniif akkaataa ilaalcha isaatiin wal caaluu jalqaba malee. ➨ Kanaaf gabaabamatti wanti jechuu barbaadu, ilma namaa kana hundaaf yeroon wal qixa kenname. Siifi diina keetiifis wal qixa kenname, akkasumas atiif nama ati ofii olitti ilaaltuufis waluma qixa kenname. ➨ Diina ofiitii gadi ta'anii diina ofiitti hajamuu caala wanti nama jibbisiisuu fi hamilee nama buusu hin jiru. Kanaaf teessee diina keetii gaditti ofi hin yaadiniitii yeroo walqixa siif kennamte kana isaa olitti fayyadamuuf yaali yoos caaluu dandeessaati. ➦ hunda caalatti Channal youtube gadii kana subscribe Godhaa waan baayyee hubatta Subscribe Godhaa qophilee baayee Eegaluuf deeman Subscribe godhaa 👇👇👇 https://youtu.be/p51FnhhOuDY https://youtu.be/p51FnhhOuDY https://youtu.be/p51FnhhOuDY 👇👇👇👇 @OROMOTOO @OROMOTOO

NEW SITE Sign up get 10$ DAILY 3%-7% Interest Minimum Withdrawal $10 https://bestbitbank.com/9505771932286137

EID MUBARAK!! HORDOFTOOTA AMANTII MUSLIMAA HUNDAAF BAGA GUYYAA JAALLATAMAAFI KABAJAMAA TAE EID ALFAXRIITIN ISIN GAHE @JECHOOTAHAYYOOTA @JECHOOTAHAYYOOTA