JECHOOTA HAYYOOTA
Channel kana baanuf kanaan murtesse dhalli nama jireenya Isa guutuu waan gaarii hojjete itti gamadu Caalaa waan tokkole hojjechu akka hin dandenye waanan hubadhefii!!!!! YOUTUBE KEENYA ARGACHUUF 👇👇👇👇👇👇 https://youtu.be/p51FnhhOuDY
Show more📈 Analytical overview of Telegram channel JECHOOTA HAYYOOTA
Channel JECHOOTA HAYYOOTA (@jechootahayyoota) in the Javanese language segment is an active participant. Currently, the community unites 12 424 subscribers, ranking 7 117 in the Religion & Spirituality category and 369 in the Finland region.
📊 Audience metrics and dynamics
Since its creation on невідомо, the project has demonstrated rapid growth, gathering an audience of 12 424 subscribers.
According to the latest data from 07 September, 2026, the channel demonstrates stable activity. Although there has been a change in the number of participants by 362 over the last 30 days and by 21 over the last 24 hours, overall reach remains high.
- Verification status: Not verified
- Engagement rate (ER): The average audience engagement rate is 22.91%. Within the first 24 hours after publication, content typically collects 5.91% reactions from the total number of subscribers.
- Post reach: On average, each post receives 2 845 views. Within the first day, a publication typically gains 734 views.
- Reactions and interaction: The audience actively supports content: the average number of reactions per post is 18.
📝 Description and content policy
The author describes the resource as a platform for expressing subjective opinions:
“Channel kana baanuf kanaan
murtesse dhalli nama jireenya
Isa guutuu waan gaarii hojjete
itti gamadu Caalaa waan tokkole
hojjechu akka hin dandenye
waanan hubadhefii!!!!!
YOUTUBE KEENYA ARGACHUUF
👇👇👇👇👇👇
https://youtu.be/p51FnhhOuDY”
Thanks to the high frequency of updates (latest data received on 08 September, 2026), the channel maintains relevance and a high level of publication reach. Analytics show that the audience actively interacts with content, making it an important point of influence in the Religion & Spirituality category.
Data loading in progress...
| Date | Subscriber Growth | Mentions | Channels | |
| 08 September | +10 | |||
| 07 September | +21 | |||
| 06 September | +14 | |||
| 05 September | +12 | |||
| 04 September | +28 | |||
| 03 September | +15 | |||
| 02 September | +36 | |||
| 01 September | +8 |
| 2 | Ergaa jabduu kana Adabaabaayyi koyye Fachee irrattii maxxanfamee arguun kiyya nagamachisee dhugaa 🥲🥲
@JECHOOTAHAYYOOTA | 958 |
| 3 | Ijoollee wajjiin
Wantoonni Umrii Ijoollummaa keenyatti raawwataman kan hanga ammaatti sammuu keenya keessaa Yaadannoo gammachuu yookaa yaadannoo gaddaa ta’anii hafan hedduutu jira.
Mee yeroo ijoollummaa keetii yaadadhu.
Firii barnootaa gaarii argachuudhaan gaafa badhaafamte akka ati yaadatte shakkii hin qabu, yookiin barattoota keessaa yaamamtee guyyaa maqaan kee kan faarfame yaadachuun kee hafa hin qabu.
Wantoonni akkasii kun sammuu keessatti maxxanafamanii hafanii jiran goonkuma dagachuu hin dandeessu.
Haaluma wal fakkaatuun gadda yeroo ijoollummaa keenya nu qunname dagachuun ulfaataadha. fakkeenyaaf Arraba barsiisaan ijoollee fuul duratti nu arrabse.
Hiriyaa dareetii wajjiin kan wal tumne, hiriyoota keenya fuul duratti yeroo maqaan nu badu goonkuma irraanfatuun hin danda’amu.
Tajaajilli gaariin ijoolleef godhamu ijoollee qofa
irrattii miti kan dhiibbaa uumu. Warraa fi maatii isaanii
irraallee kabajaafi jaalala argamsiisa.
Maatiin barattoota mana Baruumsa sadarkaa tokkoffaa
barsiisota ijoollee isaanii barsiisan ni ziyaaran, ni
galatoomfatan, jaalalaa fi kabajaa isaaniif qaban isaaniif ibsan.
Kun kan ta’eef waan barsiisonni ijoollee isaanii jaalatanii
kunuunsaniif ture. Gammachuu isaanii yeroo tokko tokko jechaan yeroo tokko tokko ammoo xalayaan barressaniifi erganiif.
Kanaafuu ijoollee fuula gaarii itti agarsiisuun,Onnee isaanii booji’uun akkasuma waan dandeettii oogummaa hariiroo namaa wajjiin qabu akka cimsatu godhu itti himuun waan salphaatti hin ilaalin.
Waan dubbiftaniif Galatoomaa 🙏
#shares godhaa #jireenyakeetittigammadi
#viralreelschallenge #fypシ
@JECHOOTAHAYYOOTA
@JECHOOTAHAYYOOTA | 1 215 |
| 4 | Hiyyeessi, maallaqa barbaada.
Dureessi, Tasgabbii barbaada.
Ijoolleen guddachuu barbaadan,
Gurguddaan Umriin xiqqaachuu hawwan.
Warri fuudhe bilisummaa barbaadan
Warri hin fuudhin, Fuudha barbaadan.
“Namni hundi, waan hunda hin qabu”
Waan qabdu amanfadhu 🙏
#JireenyaKeetittiGammadi
@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota | 1 588 |
| 5 | Addunyɑɑ kɑnɑ irrɑtti nɑmɑ bɑrbɑɑchisɑɑ fi kɑɑyyoof dhɑlɑte tɑɑtee ɑrgɑmuuf wɑntootɑ ɑrfɑn 【4】 kɑnɑ yɑɑdɑtti qɑbɑdhu.
➊. Gonkumɑɑ hin ɑriifɑtin❗️
➋. Gonkumɑɑ hin dhiphɑtin❗️
➌. Gonkumɑɑ ɑbdii hin kutin❗️
➍. Gonkumɑɑ wɑntɑ xiqqoon qɑbɑmtee hin dhɑɑbbɑtin❗️
— Miretuu Shɑɑnqoo
🪨 @JECHOOTAHAYYOOTA | 1 982 |
| 6 | #Namni_Waan_Jedhu_hin_Dhabu!
Waan Gaarummaa isaatti Amante
Hojjechuuf Duubatti hin Deebi'in!
➥ Abbaa fi ilmatu lafa fagoo deemuuf waliin manaa bahan. Kan isaan fudhatanii deeman
harree tokkotu turte. Harree sana irratti waan isaan barbaachisu fe'atanii, ilmi harree yaabbatee, abbaan ammoo funyoo itti dha'atee
fuulduraan harkisee qajeelan.
● Osuma deemanii ganda tokko keessa yeroo darbuuf jedhan namoonni jarreen imala irra jiran kana arganii, "maali gurbaan gadheen kun ofii
yaabbateetu abbaa isaa lafoo deemsisaa?," jedhan. Mucaanis dubbii jaraa dhaga'eetu, ofii irraa bu'eetu abbaa isaatiin yaabbadhu anii harkisa jedhee deemsa itti fufan.
● Ammas yeroo xiqqoo achi siqan, "maali abbaan ilmoof hin yaanne?" jedhanii arrabsan. Imaltoonni kun dubbii kana dhageenyaan, abbaanis irraa bu'ee lachuu lafoo deemuu eegalan. Ammas xiqqoo yeroo achi siqan namoonni walitti agarsiisaniitu, "Ilaali argitee, warri qabeenya qaban kun ammoo akkumatti qabeenya isaaniitti fayyadaman hin beekaniim, harreen osoo jirtuu lafoo deemu," waliin jedhan.
Abbaa fi ilmis kana dhaga'aniitu, koottu nuti
lachuu haa yaabbannu jedhanii lama ta'anii yaabbatanii qajeelan.
● Namoota wayii bira yeroo gahan, "maali waaqa hin sodaattanii, hin dubbattu duudaadha jettanii miituu, waaqni maal isiniin jedha?" jedhan.
● Jarris irraa bu'an. Yoo maal goone gammachiisna jedhanii dhiphatan. Amma harree kana ol fuunee baannee deemna, yoos namni nutti gammada waliin jedhan. Harree sana lama ta'anii ol fuudhanii baatanii deeman. Yeroo isaan harree baatan arganii namoonni ni ajaa'ibsiifatan. Ittis kolfan.
● "Maali isaan gowwoota akkamiiti kan harree baatan," jedhanii itti qoosan. Abbaa fi ilmi kana hunda ilaalanii, nama gammachiisuu waan hin dandeenyeef, akkuma ofii yaadanitti imala isaanii itti fufan.
Ergaa:
➦ Waan gaarii hojjettu, yaraas hojjettu namni waan siin jedhu hin dhabu. Ati garuu, namoota
gammachiisuuf osoo hin taane, waan sirrii ta'uu isaa itti amante kamiyyuu hojjechuuf duubatti hin jedhiin!
Lafa kanarratti waan ofiikee yaadde gaarii fi qajeelaa taanaan namni ni dandeessaafi hin dandeessu jedheef osoo hin taane, waan ofiif nan danda'a jette hojjedhu. Via kanan dubbisee irraa. @JECHOOTAHAYYOOTA | 1 850 |
| 7 | 𝗔𝗻𝗶 𝗵𝗶𝗻𝗯𝗲𝗲𝗸𝘂!
Duval jedhama. Mana kitaabaa "Firaansis I" eega ture. Garuu hojiin isaa mana kitaabaa kana eeguu qofa miti. Kitaabota hedduu dubbisa. Baay'ee barachuun beekamaadha. Beekaadhas!
Gaaf tokko namichi akka malee isa jibbu miira hinaaffaan guutamee gara isaa dhaqe. Akkuma bira gaheen ija dalgaan ilaalaa gaaffiilee hinaaffaa irraa maddan itti roobse. Gaaffiilee gaafatame hundaaf Duval deebii tokko qofa kenne. "Ani hinbeeku!" jedhe hafuura tasgabbii qabuun.
Gaaffiilee isaa hundaaf deebii kan dhabe namichi daran aare. "Maaliif wallaalta? Mootiin beekumsa keef miindaa siif kaffala mitii?" ittiin jedhe. Duval deebisee, "Sirriidha! Mootiin waantota ani beekuuf naaf kaffala. Otoo waantota ani hinbeekneef naaf kaffalee silaa qabeenyi biyyichaa guutuun hinga'u ture!" Jedhe. "Waan ani beeku muraasa, waan hin beekne hedduudha!" jechuu isaati.
#Seenaan Duval wantota gurguddoo lama nu barsiisa:-
1) Namoonni nu jibban gaaffiiwwan hinaaffan masakaman yemmuu nutti darbatan hinbeeku jechuun abshaalummaa guddaadha. Beekaa gaaffii sammuu keenya hubuun nu dha'uu danda'u. Miira aarii hinbarbaachifne keessa nu galchuuf, xiyyeeffatanii humna jechootaan nu adabu. Garuu gaaffii dalgaaf deebii bareedduun tokko jirti. "Ani hinbeeku" jechuu! Kun namoota mataa si dhukkubsuuf deemaniif mata dhukkubbii guddaadha.
2) Hammamuu haa beeknu, hammi nuti hin beekne hamma nuti beeknu baay'ee akka caalu beekuu qabna. Otoo hinbeekiin waan beeknu fakkeessuu mannaa, akka hinbeekne beeknee gad teenyee barachuutu ogummaadha. Ani beekaadha nama jedhurra, baay'ee hinbeeku kan jedhutu ogeessa. Baay'ee beekuun gaariidha, kan nuti beeknu waan nuti hinbeekne irra baay'ee akka ta'e beekuunis haalaan barbaachisaadha!
Join
@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota | 2 147 |
| 8 | Oolmaa Kee Qajeelfadhu,. ***.
✍️ganama akkuma hirriba kaateen maal gochuu akka qabdu fi bu'a akkami buusuu akka dandeessuu ganaman xinxali.
✍️Isa booda bu'aa keef midhaa Kee galgala yeroo siree ketti ol baatuu oolmaa kee arramadhu (kunis iddo dogongora kee bara akka demtuuf Kara siif saaqa).
✍️malee guyyaa qaali kan takka si darbinaan irra deebitee hin argannee akkasuman of jala hin gubiin. ✍️"Itti fayyadamuudhaf malee balleessudhaaf guyyaan tokko iyyuu siif hin kennamne".
❤️kanaaf oolmaa Kee Qajeelfadhu. 🔱🔱 iddo nagaa oola🔱🔱.
👉@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota | 1 791 |
| 9 | Namoonni beeksisaa channali kanarratti maxanfachuu barbaadan karaa @Yaadawaljijjiruufbot nu Qunnamuu ni dandeessu🙏 | 2 867 |
| 10 | You are strong when you know your weaknesses. You are beautiful when you appreciate your flaws. You are wise when you learn from your mistakes.
@Jechootahayyoota | 2 275 |
| 11 | “Abjuun kee sodaa kee caalaa haa guddatu; gochi kee jecha kee caalaa sagalee guddaa haa qabaatu; amantiin kee immoo miira kee caalaa haa jabaatu.”
━━━━━━━━━━━
@Jechootahayyoota | 2 496 |
| 12 | KENNI
Garuu akka namni si fayyadamu hin eeyyamin.
JAALADHU
Garuu akka onneen kee akka miidhamu hin eeyyamin.
AMANI
Garuu nama hundaaf gowwaa hin ta’in.
DHAGGEEFFADHU
Garuu sagalee ofii kee hin dhabin.
━━━━━━━━━━━
@Jechootahayyooata | 2 389 |
| 13 | Seena ajaa’ibaa
Jaarsaa fi jaartii wal jaalatu ture wanni kun kan tahee Asuma biyya turkitti kana gaa intaltii hedduu bareeddi namni hundii bareedina ishee kana akka malee dinqisiifata osuma haala kanaan jiranii fuula ishee bareeda kana irratti waa bahan wanti kun ni fayya jette qoricha hedduu fudhatte fayyuu dide. Haaluma kanaan jaarsii kiyya na jibba jette rakkachuu jalqabde, na dhiise deema jette yaadoyte. Dhukkubni kun itti hammachaa dhufe boodarra jaarsii isii kun rakkoo isii kana hubate. Osuma haala kanaan jiranii jaarsa ishee ijji dhukkubde mana yaalaa deeme achumaan ijji isaa lameenu beeyxe. Sana booda isheen dhukkubni kun itti hammaate duute gaafa taaziyaa namni hedduun itti dhufe sabarsiisan achumaan akkana ja’an gaafatan mee gaa duraan gaafa ijji si beeyxu irraa jalqabee haadha mana keetiituu si jiraachisaa ture amma akka taata jedhaniin yeroo kana maal ja’e an bar ijji kiyya fayyaa na qabdi mee isummaan tasgaboyte ja’eetiiin kana godhe malee ijji kiyya fayyaa na qabdi jechuun ummataaf deebise.
Hub: namni dhugaan Nama jaalatu waan hunda namaaf taha jara kana irraa baradhaa.
Namni dubbistan yaada keeysan karaa bot @Yaadawaljijjiruufbot irraa nuuf kaayaa .Galatoomaa🙏🥰
@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota | 3 282 |
| 14 | Waa'ee Olka'uu dhiibbaa dhiigaa (Hypertension) qabxiilee muraasa
1. Utuu hinsafaramin beekuun hindanda'amu
2. 120/80 kan nama hundumaa ta'uu hindanda'u. መቶ 20 በ 80 የሁሉም ሰዉ ኖርማል ግፊት ልኬት አይደለም።
3.Rakkina namoota dulloomanii qofa miti
4. Utuu maatii keessa hin jiraatinis muudachuu danda'a
5.Mallattoo hinqabu(mataa bowwuun mallattoo dhiibbaan dhiigaa dabaluu ta'uu malus namootni baay'een mataa bowwuu hinqaban)
6.Bishaan dhuguun, aannan, dammi, foon dhiibbaa dhiigaa hindabalan
7. Namootni rakkina dhiibbaan dhiigaa olka'uu qaban buna dhuguu ni danda'u. Bunni hindhowwamu
8. Ashaboo, alkoolii, tamboo, caatii dhiisuu. Hirriba ga'aa rafuu fi dhukkuboonni kanbiroo yoo jiraatan yaalamuu
9. Dhiibbaan dhiigaa dabaluuf sababni qoratamee bira ga'ame yoo jiraate yaalamuu. Gosti baayyeen garuu sababa beekamaa hinqabu (essential Hypertension)
10. Qoricha keessan akka ogeessi ajajetti fudhadhaa
11. Qorichi dhiibbaa dhiigaa qaamaan walbaraa? Gonkumaa! የግፊት መድሀኒት ከሰዉነት ጋር ይላመዳል? በፍጹም አይለምድም። እንድህ አይነት ጥያቄ መነሳትም የለበትም
12. Yoo hin yaalamin rakkinoota onnee, ijaa, kalee, dhiigni sammuu keessatti itituu ykn dhangala'uufii kkf geessisuu danda'a
13. Namoota utuu dhiibbaa dhiigaa hinyaalamin jiraatanu akka fakkeenyaatti fudhattanii yaalamuu hindidinaa!
Dr. Gashahun Mekonnen Ispeeshaalistii dhibee keessoo, Yuunivarsiitii Jimmaa irraa.
@JECHOOTAHAYYOOTA | 2 453 |
| 15 | Hordaftoota channali keenya kabajamoo,, Channali Youtube kana SUBSCRIBE godhudhaan Hordoofa Isinin jennaa.Dabalataanis yeroo dhihoo kessatti Baacoo,walaloo,Oduu durii,seenaa Hayyoota,Seenaa Gootota Oromoo hundaa Qabatee Isiniif dhufuuf qophii isaa Xumuraa waan jiruuf SUBSCRIBE godhuudhan Barnoota gara garaa Irraa Argachuu Nin dandessaan jedheen Abdii guddaa irraa Qaba waan taheef Ammuma SUBSCRIBE bakka jettu tuqudhaan maatii Ta'a!!!
❤ISININ JAALADHA OROMOO TIYYA❤
✋✋✋✋✋✋✋✋✋✋✋
Watch "Hacaaluu Consertii America irratti" on YouTube
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
https://youtu.be/TCT8FQ2nlmU | 2 257 |
| 16 | Miseensa keenya kabajamoo yeroo Tokko Dhifamaa Wajjin YouTube Koo kana Subscribe naf Godha Wantoota GaraGaraa irratti Hojjachuuf deema wan tahef.
👇👇👇👇👇👇👇
https://youtu.be/p51FnhhOuDY | 1 |
| 17 | 🌟 Bu'aa Qormaataa Keessan Ilaalchisee Ergaa
Barattootni tokko tokko bu'aa olaanaa galmeessitanii jirtu 👏🥳.
Kaan immoo milkaa'ina gaarii irra geessanii jirtu 😊❤️.
.. Kaan keessan garuu... bu'aan isin argattan akka isin yaaddan hin taane ta'uu danda'a 💔. Garuu maaloo, Sammuun keessan akka isin miidhuuf hin hayyaminaa ! 🫶
Of fooyyeessuuf carraan lammaffaan ammallee jira - Remedial 📚✨.
📖 Yaadadhaa: Bu'aan qormaata kanaa dhuma jireenya keessanii miti. Imalli keessan ammallee dheeraa dha. Abjuun keessan ammallee jiraataa dha, akkasumas gatiin keessan lakkoofsa waraqaa irratti barreeffame caalaa baay'ee guddaa dha 🫶❤️.
🔜 Sababni isaas, gara fuulduraatti balbaloonni haaraan hedduun isin eeggatu 🚪✨. Boqonnaawwan jireenyaa keessan keessaa kanneen hundarra bareedoon ammallee hin barreeffamne 🫴✍️💬.
🔗 Dhumarrattis, Ministeerri Barnootaa qabxii seensa Remedial fi ramaddii Yunivarsiitii yeroo beeksisu, odeeffannoo barbaachisaa ta'e hordofnee isin biraan ni geenya 🤚📢.
❤️ Hunda keessaniif milkaa'ina guddaa hawwina!
Har'a bu'aan keessan maaliyyuu haa ta'u, boruuf abdii hin kutatinaa! 💪🔥
Join 👇 👇 👇 👇 👇 👇 👇
@JECHOOTAHAYYOOTA
@JECHOOTAHAYYOOTA | 3 653 |
| 18 | 🌟 Bu'aa Qormaataa Keessan Ilaalchisee Ergaa
Barattootni tokko tokko bu'aa olaanaa galmeessitanii jirtu 👏🥳.
Kaan immoo milkaa'ina gaarii irra geessanii jirtu 😊❤️.
🌀 Kaan keessan garuu... bu'aan isin argattan akka isin yaaddan hin taane ta'uu danda'a 💔. Garuu maaloo, Sammuun keessan akka isin miidhuuf hin hayyaminaa ! 🫶
Of fooyyeessuuf carraan lammaffaan ammallee jira - Remedial 📚✨.
📖 Yaadadhaa: Bu'aan qormaata kanaa dhuma jireenya keessanii miti. Imalli keessan ammallee dheeraa dha. Abjuun keessan ammallee jiraataa dha, akkasumas gatiin keessan lakkoofsa waraqaa irratti barreeffame caalaa baay'ee guddaa dha 🫶❤️.
🔜 Sababni isaas, gara fuulduraatti balbaloonni haaraan hedduun isin eeggatu 🚪✨. Boqonnaawwan jireenyaa keessan keessaa kanneen hundarra bareedoon ammallee hin barreeffamne 🫴✍️💬.
🔗 Dhumarrattis, Ministeerri Barnootaa qabxii seensa Remedial fi ramaddii Yunivarsiitii yeroo beeksisu, odeeffannoo barbaachisaa ta'e hordofnee isin biraan ni geenya 🤚📢.
❤️ Hunda keessaniif milkaa'ina guddaa hawwina!
Har'a bu'aan keessan maaliyyuu haa ta'u, boruuf abdii hin kutatinaa! 💪🔥
Join 👇 👇 👇 👇 👇 👇 👇
@JECHOOTAHAYYOOTA
@JECHOOTAHAYYOOTA | 1 |
| 19 | Fageenyi dhugumaan, namoota tokko tokko irratti miirri ati qabdu maal akka fakkaatu siif ifa godha.
━━━━━━━━━━━
@Jechootahayyoota | 2 642 |
| 20 | 𝗝𝗶𝗿𝗲𝗲𝗻𝘆𝗮,...
𝗠𝘂𝗿𝘁𝗼𝗼𝗻 𝗴𝗮𝗮𝗿𝗶𝗶𝗻 𝗺𝘂𝘂𝘅𝗮𝗻𝗻𝗼𝗼 𝗶𝗿𝗿𝗮𝗮 𝗸𝗮𝗻 𝗱𝗵𝘂𝗳𝘂 𝘆𝗼𝗼 𝘁𝗮’𝘂, 𝗺𝘂𝘂𝘅𝗮𝗻𝗻𝗼𝗼𝗻 𝗴𝗮𝗿𝘂𝘂 𝗺𝘂𝗿𝘁𝗼𝗼 𝗯𝗮𝗱𝗮𝗮 𝗶𝗿𝗿𝗮𝗮 𝗮𝗿𝗴𝗮𝗺𝗮.
𝗝𝗶𝗿𝗲𝗲𝗻𝘆𝗶 𝗸𝗮𝗻𝗮𝗱𝗵𝗮,....
𝗞𝗮𝗻𝗮𝗮𝗳, 𝗱𝗼𝗴𝗼𝗴𝗴𝗼𝗿𝗮 𝗸𝗮𝗺𝗶𝗶𝗻𝘂𝘂 𝗵𝗶𝗻 𝘀𝗼𝗱𝗮𝗮𝘁𝗶𝗻! 𝗙𝘂𝘂𝗹𝗱𝘂𝗿𝗮𝘁𝘁𝗶 𝗱𝗲𝗲𝗺𝗶 𝗶𝘀𝗮𝗮𝗻 𝗶𝗿𝗿𝗮𝗮 𝗯𝗮𝗿𝗮𝗱𝗵𝘂!
✅Yeroo sammuun kee dadhabu Haalli rakkoodha.
✅Yeroo sammuun kee madaalawaa ta’u haalli qormaata.
✅Garuu yeroo sammuun kee jabaatu Haalli carraa ta'a!
@Jechootahayyoota | 2 771 |
