Mana barumsa sadarkaa 2ffaa shaalaqaa jaatanii Alii magaalaa yaaballoo
Open in Telegram
3 770
Subscribers
+524 hours
+57 days
+2330 days
Posts Archive
Ogeeyyii waajjira barnootaa, dura bu'ootaaΒ fi barsiisota Magaalaa Yaaballoo hundaaf:
βAkkam,nagaa jirtuu Baga bacaqii gannaa nagaan baatanii baga nagaan gara booqaa birraatti Nagaan dhuftan baga Ayyaana Irreecha bara 2019 nagaan geessaan!! Barri 2019 kan Nagaa,Kan badhaadhinnaa,kan Milkaa'inaa isiniif haata'u jechaa guyyaa boruu gaafa guyyaa (24/01/2019) Ayyaana irreecha goda garbii yaaballootti ummata Magaalaa waaliin waan kabajnuuf uffata aadaa keessan ibsuun faayamtanii ganama Sa'aa 12:00 irratti Dhakaa Qakkeetti walgeenyee akka irreeffannu isiniin jedha.
Aadaan nafa ofiiti, nafa ofii abbaatu jabeeffata.
βΒ Β Β Β Β Β Β Β Β Β Β Β Β Β Β Horaa Bulaa,
βAyyaana gaarii !!
BAGA AYYAANA IRREECHAA BARA 2019 NAGAAN GEETTAN!!!
#Beeksisa
Barsiisota Jijjiirraa Keessoo Barbaadan Hundaaf!
--------
BBO - Fulbaana 23/2019 Biiroon Barnootaa Oromiyaa jijjiirraa barsiisotaa marsaa 1ffaa 'online' n gaggeessuun ni yaadatama.
Haaluma walfakkaatuun jijjiirraa marsaa 2ffaa "Jijjiirraa Keessoo" qopheessun manneen barnootaa iddoo duwwaa qaban irratti barsiisota fedhii qaban jijjiirraa keessoon(Aanaalee keessatti manneen barnootaa irraa gara manneen barnootaa biroofi Magaalota keessatti manneen barnootaa irraa gara manneen barnootaa birootti ) moosaajii qophaa'e irratti 'online'n iyyannoo(Apply) gochuu ni dandeessu.
Waajjirri barnootaa Aanaalees manneen barnootaa iddoo duwwaa qaban Wiixata 25/01/2019 jalqabdanii moosaajicharratti banaa akka taasiftan isin beeksifna.
#Hubachiisa:- Barsiisotni Fulbaana 26 - 27/01/2019 tti iyyachuu kan dandeessan ta'uu isin beeksifna.
- #Liinkichas Kibxata Ganama Gad-dhiifna.
Baga Ayyaana Masqalaa Bara 2019 Nagaan Geettan!
Repost from Ministry of Education Ethiopia
π’ αα΅α³ααα«
α 2018 α.α α¨ααα°α α°α¨α α΅αα
αα΅ ααααα« αα°α αα΅α³α½α α αͺαα²α«α (Remedial) ααα αα₯α α¨ααα’α« αα€α΅ αα΅αααα£α½α α₯α α 2019 α.α α α΅αα«α ααα α ααα α¨αααα₯α΅ α©αα¨αα²α²αα½ αα°αα°α£α½α α°ααͺαα½ α ααα‘
1. α 2018 α.α α¨ααα°α α°α¨α α΅αα
αα΅ αα αααα« ααα α αα αα°α αα΅α³α½α α αͺαα²α«α (Remedial) ααα αα₯α α¨α¨αα°α α΅αα
αα΅ α°ααα΅ ααα’α« αα€α΅ αα΅αααα£α½α α°ααͺαα½ α ααα‘
α¨α°αα°α£α½αα α΅α α©αα¨αα²α² α αα¨α°αα αα΅ααα αͺα« (Link) α ααα£α΅ αααα¨α΅ α΅α½ααα½αα¦
π https://student.ethernet.edu.et/view-placement
α
α¬α³ ααα
α¨α₯α‘ https://student.ethernet.edu.et/complaints α°α ααα’
2. α αααα α ααα«ααα΅ α¨α΅αα«α ααα ααͺ αα°ααα ααα½ α¨αααα₯α΅ α©αα¨αα²α²αα½ α¨α°αα°α£α½α α α²α΅ αα’ α°ααͺαα½ α¨α°αα°α£α½αα α΅α α©αα¨αα²α² α αα¨α°αα αα΅ααα αͺα« (Link) α ααα£α΅ αααα¨α΅ α΅α½ααα½αα¦
π https://student.ethernet.edu.et/view-placement
3. α α΅αα«α ααα α ααα α©αα¨αα²α²αα½ α΅α΅αα© α¨αα α«α½α αα£α α°ααͺαα½α‘ α ααα«ααα΅ α¨α°αα°α£α½αα α΅α α©αα¨αα²α² α https://student.ethernet.edu.et/university-transfer/ αα΅ααα αͺα« α ααα£α΅ α¨α«α³α½αα ααα³ (α¨ααα« αα₯α) α αα αα αααα¨α΅ α¨αα΅α½α αααα½αα α₯αααα»ααα’
α΅αα
αα΅ ααα΅α΄α
Ergaa Ariifachiisaa?
Ful.14/2019
Barattoota kutaa 12ffaa bara 2018 Qorumsa Biyyoolessaa fudhattanii qabxii darbiinsaa Remedial qabdaniifi sababa System isin dideef hanga har'aatti iddoo/Yuunifersitii hin filatin hundaaf,
Ministerii har'a hanga sa'aatii 10:00 tti qofa ragaa nuuf ergaa waan jedheef, ammuma ariitiin akka m/b qunnamtanii ragaa barbaachisuu guutattan cimsinee isan beeksifna.
#Very_Urgent
============
#September 21/2026 G C
==============/=//
Dear YE Bureau Heads,(this is SMS from MoE)
Out of the 66,172 students qualified for the remedial program, 38,602 (58.3%) have so far completed their university placement choices, while *27,570 (41.7%)* have not yet submitted their choices.
As today is the deadline, pls urgently inform and remind the students through your respective communication channels to complete their university placement choices within todayβs deadline.
#Notice:
======//
1)M/B sad:2ffaa #Remedial qabu hunda guyyaan xumuraa hardhabta'uu ibsaafi
2)Bartoonni hundi hardha sagantaa Remidial tiif University filachuu isaanii mirkaneefadha
Thank you
Fuulbana 10/2019
BAGA JALQABBII BARUU BARSIISUU BARA 2019 NAGAAN GEETTAN
βοΈBarsiisotaa fi Hojjattoota m/b keennaa hundaaf,
Akkuma beekkamu Fuulbanii 10/2019 guyyaa akka Oromiyaatti Galmeen bara barnootaa 2019 itti xummuramuufi Fuulbanii 11/2019 guyyaa guutumaan guutuutti baruu barsiisuun itti eegalu waan ta'eef, karoora hojii dhuunfaa keessanii qabattanii akka dhuftanii hojii eegaltan kabajaan isan beeksifna.
Hub: Supervision jalqabbii hojiifi qophii karooraa ilaaltu;Naannoo, Godinaa fi Magaala irraa waan dhuftuuf dursitanii akka ofi qopheessitan isan hubachiifna.
πGalata Irraatti Galata π
πOduu Gammachiisaa Ministerii Barnootaa Komii Barattootaaf Deebii Kenne.
Ministerii Barnootaa akkuma Bu'aa Qorumsa Biyyoolessaa bara 2018 beeksiseen, komiin yoo jiraate dhiyeeffadhaa jechuun isaa ni yaadatama. Bu'uuruma kanaan akka m/b keennaatti barattootni Komii adda addaa dhiyeeffattanii jiru. Isaan keessaa komiin gosa barnootaa Fiiziksii(Physics) fi Seenaa(History) isaan duraati.
Har'a Galata Waaqaa barattoota seenaa/History deebiin deebi'ee jira.
πDeebii kanaan Barattootni Dhi 4 Du 3 Ida 7, keessaa, Du 2 kallattiin kan darban yoo ta'u, Dhi 4 fi Du 1 Ida 5 Remedial darbanii jiru.
Baga Gammaddan π Baga waliin gammanne π
Baga Gammaddan! Baga waliin gammanne!
-2147483648_-213217.webp0.12 KB
Fuulbana 04/2019
Ergaa Adda Addaa Guyyaa Har'aa;
πBarattoota kutaa 12ffaa Qorumsa Biyyoolessaa Bara 2018 Fudhattanii Ergaan Kun Isin Ilaallatu Hundaaf;
1. Qabxiin Darbiinsaa Remedial Barattoota Kutaa 12ffaa bara kanaa(2018) Dhiiraa fi dubraalleef >=222 /37% yoo ta'u,
β
Barattootni S/U ykn Natural Sc. M 43 F 26 T 69
β
Barattootni S/H/Social Sc. M 21 F 11 T 32
Walumaagalaatti
β
Barattootni M 64 F 37 T 101 carraa kanaan darbanii jiru.
π Barattootni, barsiisotnii fi qooda fudhattootni hundii Baga Gammaddan π Baga waliin gammanne π
Kanaaf, kan hubattanii qophii barbaachisu hundaa akka gootan;
π Barsiisota m/b keennaa hundaaf,
2. Guyyaa borii Ful.05/2019 Leenjiin Ogummaa irraatti xiyyeeffate akka magaalaatti m/b keennaatti barsiisotaaf kennamti waan jedhameef harcaatii tokko malee akka dhuftanii fudhattan isin beeksifna.
π Sagantaa barnootaa torbee kanaa;
3. Kutaa 9 fi 10 Ganama/Waareen dura
4. Kutaa 11 fi 12 Guyyaa/Waareen booda
5. Hojiin adda addaa boqonnaa qophii irraa eegalee jala qabame akkuma itti fufee jira;
@Suphaa Teessoo 460
@Suphaa Dallaa 123m
@Qulqullinna Mooraa fi daree barnootaa
@Gabatee Gurraacha Halluu Dibuu
@Dareelee Halluu dibuu, Naannawa Alaabaa dabalatee
@Haaromsa staff barsiisotaa jalqabuu fi
@Qonna m/b
fa'a taasisuun hojjatamaa jira.
Kanaaf, hojii eegalamee hin xummuramin beennee ha tumsinuu.
Barii bara kaayoofi Milkii nuuf haa ta'u!
#Barattoota_Qormaata_Biyyoolessaa Darban Hundaaf
Guyyaan Filannoo Yunivarsiitiifi Damee Barnootaa Dheerate!
----
BBO - Fulbaana 01/2019 Barattootni bara 2018 qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa qabxii dhaabbilee barnoota olaanoo/Yunivarsiitii seensisu galmeessisanfi hanga har'aatti Yunivarsiitii itti barachuu barbaaddaniifi Damee Barnootaa Barachuu Feetan '#Online'n Akka Filattan Ministeerri Barnootaa Itoophiyaa Baasee Ture Otuu Hin Filatin Hanga Har'aa Turtan Akka Filattan Jechuun Hanga Fulbaana 05/2019tti Dheeresseera.
Kanaafuu, Hanga Fulbaana 05/2019tti Yunivarsiitiifi Barnoota Barachuu Barbaaddan Liinkii Asii Gaditti Kenname Kana Banuun #Lakkofsa Waraqaa Eenyummaa (#Fayda_ID);Galchuun Filannoo Keessan Gaggeessaa!
Liinkichis:-
https://student.ethernet.edu.et
Barsiisota, barattootaa fi hojjattoota bulchiinsaa m/b keennaa hundaaf,
Hojiin baruu barsiisuu bara barnootaa 2019 akkaatuma Kalaandara barnootaa armaan gadiitti taa'een gaafa guyyaa 05/01/2019 irraa waan eegaluuf, gara hojii idileefi barnoota idilee keessaniitti akka deebitan Waamicha isiniif goona?
πππMaatii M/b Sad.2ffaa Shaalaqaa Jaatanii Aliitti fi Hawaasa Itoophiyaa Hundaafπππ
Baga bara 2018 nagaan keessa Ulluuxxanii bara barnootaa 2019 nagaan geettan.
Barii haaraan:kan nagaa, kan Jaalalaafi tokkumma, kan guddinnaafi misoomaa fi kan Milkaa'innaa nuufi isiniifis haa ta uu, jechaa Baga ittin isin gahe!
Horaa bulaa π
