uk
Feedback
Mana barumsa sadarkaa 2ffaa shaalaqaa jaatanii Alii magaalaa yaaballoo

Mana barumsa sadarkaa 2ffaa shaalaqaa jaatanii Alii magaalaa yaaballoo

Відкрити в Telegram

mana barumsa sad.2ffaa shaalaqaa Jaatanii Ali

Показати більше
3 746
Підписники
-124 години
-17 днів
+5830 днів
Архів дописів
#Barattoota_Qormaata_Biyyoolessaa Darban Hundaaf Guyyaan Filannoo Yunivarsiitiifi Damee Barnootaa Dheerate! ---- BBO - Fulbaana 01/2019 Barattootni bara 2018 qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa qabxii dhaabbilee barnoota olaanoo/Yunivarsiitii seensisu galmeessisanfi hanga har'aatti Yunivarsiitii itti barachuu barbaaddaniifi Damee Barnootaa Barachuu Feetan '#Online'n Akka Filattan Ministeerri Barnootaa Itoophiyaa Baasee Ture Otuu Hin Filatin Hanga Har'aa Turtan Akka Filattan Jechuun Hanga Fulbaana 05/2019tti Dheeresseera. Kanaafuu, Hanga Fulbaana 05/2019tti Yunivarsiitiifi Barnoota Barachuu Barbaaddan Liinkii Asii Gaditti Kenname Kana Banuun #Lakkofsa Waraqaa Eenyummaa (#Fayda_ID);Galchuun Filannoo Keessan Gaggeessaa! Liinkichis:- https://student.ethernet.edu.et

Barsiisota, barattootaa fi hojjattoota bulchiinsaa m/b keennaa hundaaf, Hojiin baruu barsiisuu bara barnootaa 2019 akkaatuma Kalaandara barnootaa armaan gadiitti taa'een gaafa guyyaa 05/01/2019 irraa waan eegaluuf, gara hojii idileefi barnoota idilee keessaniitti akka deebitan Waamicha isiniif goona?

🎄🎄🎄Maatii M/b Sad.2ffaa Shaalaqaa Jaatanii Aliitti fi Hawaasa Itoophiyaa Hundaaf🎄🎄🎄 Baga bara 2018 nagaan keessa Ulluuxxanii bara barnootaa 2019 nagaan geettan. Barii haaraan:kan nagaa, kan Jaalalaafi tokkumma, kan guddinnaafi misoomaa fi kan Milkaa'innaa nuufi isiniifis haa ta uu, jechaa Baga ittin isin gahe! Horaa bulaa 🙏

Yooyyaa jennee nagaafi yooyyoo isin fuune!? Baga Bara Darbuuf Deemu Kallee Namaa fi Sa'aan Keessa Nagaan Ulluuxxanii Har'aa Baatan Jechaa, Guyyaa borii (05/13/2018) ganama sa'aatii 2:00 irratti Ayyaanii Qaamme 5 mataa duree dhaloota egeree jedhuun sadarkaa Magaalaa Yaaballootti, M/b keennaatti waan kabajamuuf; Barsiisotni, hojjattootni bulchiinsaa fi Barattootni hundinuu, Ganama Sa'aatii 2:00 tti m/b tti argamtanii akka waliin kabajnu kabajaan isin waamna. Hub:Namii qabu uffata aadaatiin faayamaa.

Teacher = Te + Ac + H + Er Te – Tellurium: A good conductor of energy. Ac – Actinium: Represents accuracy and precision in learning. H – Hydrogen: Symbolizes the energy and enthusiasm that teachers bring. Er – Erbium: Represents the brilliance and positive impact of a teacher. ✨ A teacher is like a catalyst: they accelerate the transformation of students through knowledge, guidance and inspiration, while continuing to inspire others. Happy Teacher’s Day! 👩‍🏫🧪 #teachersday

⏲️Hagayya, 28/2018 Barsiisota M/b keennaa hundaaf, 📲Gara Hojii Idilee Keessaniitti Akka Galtan Isan Beeksisuu Ta'a. ✅Akkuma Armaan oliitti tuqamuuf yaalameetti, manii barumsaa Galmee barattootaa bara barnootaa 2019 gaafa guyyaa 28/12/2018 kan eegalee yoo ta'u, ✍️ Guyyaan 18-30/2028 yeroo Galmee, ✍️Qaammee 1-5/2018 yeroo ragaan itti qulqullaa'uufi rammaddiin adda addaa itti gaggeeffamu, ✍️Fuulbana 01/2019 guyyaa b/taan rammaddii daree itti ilaallatuufi rammaddiin hojii adda addaa barsiisotaa itti taasifamu fi ✍️ Guyyaan 04/01/2019 guyyaa barnootni itti eegalu ta'uu isaa beektanii, gaafa guyyaa Qaammee 01/13/2018 tti hojii akka seentan isan beeksifna.

Barsiisota Jijjiirraa Gaafattan Hundaaf ---------- BBO - 28/12/2018 Guyyaa jijjiirraan itti ibsamu Roobii galgala jennee ture sababa ragaa qulqulleeffachuufi mirkaneessuu walqabateen harcaatiin waan uumameef beellama kabajuu dhabuu keenyaaf #Dhiifama_Gaafachaa, Boru #Jimaata_29/12/2018 Galgala Sa'aatii 12:00 irraa eegalee kan gadi dhiifamu ta'uu ibsaa, ammas. obsaan akka nu eegdan gaafanna.

Hagayya,28/2018 Barattoota kutaa 12ffaa bara barnootaa 2018 Qorumsa Biyyoolessaa fudhattanii qabxii seensa Yuunifersitii fiddan hundaaf, Link armaan gadii seentanii vedio hordoffoftanii iddoo/placement akka filachuu dandeettan isan beeksifna. https://www.facebook.com/share/v/18rbARTggz/

Hagayya,23/2028 ✍Barnootni Gannaa Hojii Tajaajila Lammummaati. Barsiisotni Shaalaqaa Hojii Barattoota kutaa 8ffaa Qorumsa Bultii Addaatiif qopheessuu eegalan akkuma itti fufaniitti jiru. 👉Barnoota dabalataa kennuu fi gaafilee shaakalchiisuun dabartee, guyyaa har'aa qorumsii online waan ta'eef, shaakallii qorumsaa Komputeraan jalaqabsiifamanii jiru. Carraa Gaarii isaaniif hawwina!!!

‎#Magaalaa_Yaaballoo ‎ Mana Barumsaa Sadarkaa 2ffaa Shaalaqaa Jaatanii Alii'tti Hojii Kennaa Tajaajila Lamummaatiin Teessoon Barattootaa 460 Suphame. ‎ ‎ Godina Booranaa Magaalaa Yaaballoo Mana Barumsaa Sadarkaa 2ffaa Shaalaqaa Jaatanii Alii'tti hojii kennaa tajaajila lamummaatiin teessoon barattootaa 460 qarshii 470,000/kuma dhibba afur fi torbatama oliin suphuun bara barnootaa 2019'f qophii taasisan. ‎ ‎ Dura Bu'aan Dareektera Mana Barumsaa Barsiisaa Saara Huqqaa hojii kennaa tajaajila lamummaa gannaa kanaa keessatti hirmannaa hawaasa mana barumsaatiin teessoon 460 fi dareen dabalaataa 11 suphamuu isaa dubbataniiru. Dabalaataniis barattoota baay'ina 3038 tahaniif tuutoriyaaliin kennamuu isaa himaniiru. ‎ ‎ Hojii qophii barnootaa bara itti aanuf bifa kanan haala duree haala mijaataa barattoota uumuf sochiin Manni Barumsaa Sadarkaa 2ffaa Shaalaqaa Jaatanii Alii taasisaa jiru kana jajjabeessan itti gaafataman Waajjira Paartii Badhaadhina Damee Magaalaa Yaaballoo Aab Katamaa Tolosaa manneen barnootaa biroos muuxannoo kana fudhachuun irratti hojjachuu akka qaban dhaamaniiru. ‎ ‎ Ittigaafataman Waajjira Barnootaa Magaalaa Yaaballoo Aab Olaanii Galataa karoora kennaa tajaajila lamummaa bara kana qabatame keessa tokkoo suphaa teessoo fi daree ta'uusa himuun, karoora kana milkeesuf manneen barnoota magaalaa hunda keessatti hojjatamaa jirachuu ibsaniiru. ‎ ‎ Xummura irrattis Barsiisa Kaasaa Baddiluu hojii kana gatii madalawaan hojjachaa turan fi akkasumas dhuunfaa isaatiin teessoo barattootaa baay'ina jaha, teessoo laabatoorii baay'ina jaha akkasumas minjaala shan kaffaltii tokko malee hojjatee deeggarsa taasise galateeffataniiru. ‎

✍️Bu'aa Qorumsa Biyyoolessaa Bara Barnootaa 2018; ✍️Dhi 73 Du 11 Ida 84 👉 %10.4 ✍️ Saayinsii Uumamaatiin ol'aanaan barataa Esifan Tilahun Meta 504.25(Akka Godinaatti) ✍️ Saayinsii Hawaasaatiin Ol'aanaan barattuu Daraartuu Taadholee Kusuu 452.17 👉 Barataan komii qabu yoo jiraate Karaa link armaan gadiitiin gaafachuu ni dandeettu. 👉 https://result.eaes.et/complaint Ammas irra deebiin Baga Gammaddan Baga waliin gammanne 🙏

✍️Baga Gammaddan!!! 👉Barattootni, Barsiisotni, Maatiin Barattootaa fi Qooda fudhattootni sadarkaa adda addaa hundii keessan 🙏 Baga Bu'a Dadhabbii Keessanii argitan! Bu'aa Dadhabbii ofii arguun hunda dura waan guddaa waan taateef. ✍️ Warrii milkaa'e Galma guddaa isaan fuula dura jiru jabaatanii itti fufanii bira gahuu akkuma danda'an, warrii har'a hin milkaa'inis bori jabaannaan Karaa adda addaatiin milkaa'uun akka danda'amu beekuu qabdu. ✍️ Sababa network tiif barattoota teenna baay'ee ilaaluu baannuuyyuu, hanga ammaatti barattoota ilaallee keessaa barattootni 36 darbanii jiru.Isaan keessaa barataa Esifan Tilahun Meta (NSc) qabxii 504.25'n dursaa jira. Ammas irra deebiin Baga Gammaddan 🙏 ...milkaa'innii itti fufa...

Break Gadi dhiifameeraa laalladhaa!