Mana barumsa sadarkaa 2ffaa shaalaqaa jaatanii Alii magaalaa yaaballoo
Открыть в Telegram
3 751
Подписчики
+124 часа
Нет данных7 дней
+5530 дней
Архив постов
Teacher = Te + Ac + H + Er
Te – Tellurium: A good conductor of energy.
Ac – Actinium: Represents accuracy and precision in learning.
H – Hydrogen: Symbolizes the energy and enthusiasm that teachers bring.
Er – Erbium: Represents the brilliance and positive impact of a teacher.
✨ A teacher is like a catalyst: they accelerate the transformation of students through knowledge, guidance and inspiration, while continuing to inspire others.
Happy Teacher’s Day! 👩🏫🧪
#teachersday
⏲️Hagayya, 28/2018
Barsiisota M/b keennaa hundaaf,
📲Gara Hojii Idilee Keessaniitti Akka Galtan Isan Beeksisuu Ta'a.
✅Akkuma Armaan oliitti tuqamuuf yaalameetti, manii barumsaa Galmee barattootaa bara barnootaa 2019 gaafa guyyaa 28/12/2018 kan eegalee yoo ta'u,
✍️ Guyyaan 18-30/2028 yeroo Galmee,
✍️Qaammee 1-5/2018 yeroo ragaan itti qulqullaa'uufi rammaddiin adda addaa itti gaggeeffamu,
✍️Fuulbana 01/2019 guyyaa b/taan rammaddii daree itti ilaallatuufi rammaddiin hojii adda addaa barsiisotaa itti taasifamu fi
✍️ Guyyaan 04/01/2019 guyyaa barnootni itti eegalu ta'uu isaa beektanii, gaafa guyyaa Qaammee 01/13/2018 tti hojii akka seentan isan beeksifna.
-2147483648_-213163.webp0.12 KB
Barsiisota Jijjiirraa Gaafattan Hundaaf
----------
BBO - 28/12/2018 Guyyaa jijjiirraan itti ibsamu Roobii galgala jennee ture sababa ragaa qulqulleeffachuufi mirkaneessuu walqabateen harcaatiin waan uumameef beellama kabajuu dhabuu keenyaaf #Dhiifama_Gaafachaa, Boru #Jimaata_29/12/2018 Galgala Sa'aatii 12:00 irraa eegalee kan gadi dhiifamu ta'uu ibsaa, ammas. obsaan akka nu eegdan gaafanna.
Hagayya,28/2018
Barattoota kutaa 12ffaa bara barnootaa 2018 Qorumsa Biyyoolessaa fudhattanii qabxii seensa Yuunifersitii fiddan hundaaf,
Link armaan gadii seentanii vedio hordoffoftanii iddoo/placement akka filachuu dandeettan isan beeksifna.
https://www.facebook.com/share/v/18rbARTggz/
Hagayya,23/2028
✍Barnootni Gannaa Hojii Tajaajila Lammummaati.
Barsiisotni Shaalaqaa
Hojii Barattoota kutaa 8ffaa Qorumsa Bultii Addaatiif qopheessuu eegalan akkuma itti fufaniitti jiru.
👉Barnoota dabalataa kennuu fi gaafilee shaakalchiisuun dabartee, guyyaa har'aa qorumsii online waan ta'eef, shaakallii qorumsaa Komputeraan jalaqabsiifamanii jiru.
Carraa Gaarii isaaniif hawwina!!!
#Magaalaa_Yaaballoo
Mana Barumsaa Sadarkaa 2ffaa Shaalaqaa Jaatanii Alii'tti Hojii Kennaa Tajaajila Lamummaatiin Teessoon Barattootaa 460 Suphame.
Godina Booranaa Magaalaa Yaaballoo Mana Barumsaa Sadarkaa 2ffaa Shaalaqaa Jaatanii Alii'tti hojii kennaa tajaajila lamummaatiin teessoon barattootaa 460 qarshii 470,000/kuma dhibba afur fi torbatama oliin suphuun bara barnootaa 2019'f qophii taasisan.
Dura Bu'aan Dareektera Mana Barumsaa Barsiisaa Saara Huqqaa hojii kennaa tajaajila lamummaa gannaa kanaa keessatti hirmannaa hawaasa mana barumsaatiin teessoon 460 fi dareen dabalaataa 11 suphamuu isaa dubbataniiru. Dabalaataniis barattoota baay'ina 3038 tahaniif tuutoriyaaliin kennamuu isaa himaniiru.
Hojii qophii barnootaa bara itti aanuf bifa kanan haala duree haala mijaataa barattoota uumuf sochiin Manni Barumsaa Sadarkaa 2ffaa Shaalaqaa Jaatanii Alii taasisaa jiru kana jajjabeessan itti gaafataman Waajjira Paartii Badhaadhina Damee Magaalaa Yaaballoo Aab Katamaa Tolosaa manneen barnootaa biroos muuxannoo kana fudhachuun irratti hojjachuu akka qaban dhaamaniiru.
Ittigaafataman Waajjira Barnootaa Magaalaa Yaaballoo Aab Olaanii Galataa karoora kennaa tajaajila lamummaa bara kana qabatame keessa tokkoo suphaa teessoo fi daree ta'uusa himuun, karoora kana milkeesuf manneen barnoota magaalaa hunda keessatti hojjatamaa jirachuu ibsaniiru.
Xummura irrattis Barsiisa Kaasaa Baddiluu hojii kana gatii madalawaan hojjachaa turan fi akkasumas dhuunfaa isaatiin teessoo barattootaa baay'ina jaha, teessoo laabatoorii baay'ina jaha akkasumas minjaala shan kaffaltii tokko malee hojjatee deeggarsa taasise galateeffataniiru.
✍️Bu'aa Qorumsa Biyyoolessaa Bara Barnootaa 2018;
✍️Dhi 73 Du 11 Ida 84
👉 %10.4
✍️ Saayinsii Uumamaatiin ol'aanaan barataa Esifan Tilahun Meta 504.25(Akka Godinaatti)
✍️ Saayinsii Hawaasaatiin Ol'aanaan barattuu Daraartuu Taadholee Kusuu 452.17
👉 Barataan komii qabu yoo jiraate Karaa link armaan gadiitiin gaafachuu ni dandeettu.
👉 https://result.eaes.et/complaint
Ammas irra deebiin Baga Gammaddan Baga waliin gammanne 🙏
✍️Baga Gammaddan!!!
👉Barattootni, Barsiisotni, Maatiin Barattootaa fi Qooda fudhattootni sadarkaa adda addaa hundii keessan 🙏
Baga Bu'a Dadhabbii Keessanii argitan!
Bu'aa Dadhabbii ofii arguun hunda dura waan guddaa waan taateef.
✍️ Warrii milkaa'e Galma guddaa isaan fuula dura jiru jabaatanii itti fufanii bira gahuu akkuma danda'an, warrii har'a hin milkaa'inis bori jabaannaan Karaa adda addaatiin milkaa'uun akka danda'amu beekuu qabdu.
✍️ Sababa network tiif barattoota teenna baay'ee ilaaluu baannuuyyuu, hanga ammaatti barattoota ilaallee keessaa barattootni 36 darbanii jiru.Isaan keessaa barataa Esifan Tilahun Meta (NSc) qabxii 504.25'n dursaa jira.
Ammas irra deebiin Baga Gammaddan 🙏
...milkaa'innii itti fufa...
Break
Gadi dhiifameeraa laalladhaa!
Hagayya,19/2018
Odeeffannoo hanga ammaa jirtu;
Bu'aan Qorumsa Biyyoolessaa bara 2018 Galgala Kana Naannoo Sa'aatii 1:00 tti gadi dhiifama jedhamaa jiraa obsaan eeggadhaati miira tasgabiitiin ilaalladhaa!
Kallattii kamiinuu Waaqayyoon isin ha milkeessuu!
+1
Akkuma Jalqabdaniin Hirmaannaa keessaniin waan xummurtaniif Ulfaadhaa, wayyamaa!
Godina Booranaatti MB Bu'uura Borii Hirmaannaa Hawaasa Barnootaatiin ijaaramaa ture xummuramee Simannaa Barattootaaf qophaa'eera.
#Adeemsa_Qabxii_Kutaa_12ffaa_Ittiin_Ilaallattan!
= = =
✅ Qabxii Qormaata kutaa 12ffaa bara 2018 gaafa 18/12/2018 waaree dura ykn gaafa 19/12/2018 waaree booda akka gadi lakkifamu ministeerri Barnootaa ibse karaalee armaan gadiitiin adeemsa armaan gadii kana hordofuun ilaallachuu dandeessu!
1. Website ፡ https://result.eaes.et
2. Telegram bot፡ https://t.me/EAESbot
#website
1. Liinkii kana banuu: https://result.eaes.et
👇
2. Fuulli Jalqabaa - Student Result Irratti
👇
3. Registration Number
fi
First Name galchuu
👇
4. 'Check My Result' kan jedhu tuquudhaani.
•=•=•==•=•
Hubachiisa :- RN fi FN akkaataa 'Admission Card' irra taa'ee jirutti galchuu hin dagatinaa!
👉Haga ammaa garuu gadi hin dhiifamne.
Carraa Gaarii!!!
=•=•==
WAAMICHA GALMEE✍️📢📢📢📢📢📢📢📢📢
BARATTOOTAA FI MAATII BARATTOOTAA HUNDAAF,
BAGA BARA BARNOOTAA 2019 NAGAAN GEETTAN JECHAA,
GALMEEN BARA BARNOOTAA 2019 HAGAYYA, 18-30/2018 TTI WAAN GAGGEEFFAMUUF, BARATTOOTNI KAN HUBATTANUU DHUFTANII AKKA GALMOOFTANIIFI MAATIINIS IJOOLLEE TEESSAN AKKA ERGITAN/FIDDANII GALMEESSITAN KABAJAAN ISIN BEEKSIFNA.
HUB:
✅BARATAAN GALMAA'UUF DHUFU KAMUU LAKKOOFSA FAAYIDAA(FAN NO.) QABAACHUUN DIRQAMA
✅BARATTOOTNI BULEEYYIIN KAARDIIN GALMAA'U
✅BARATTOOTNI HAARAAN; WARAQAA QULQULLINNAA, RAGAA BARNOOTAA, SUURAA MAATII FI ISAANII 1-1(3*4) FIDACHUU
✅ BARATTOOTNI SABABA KAMIINUU BARNOOTA ADDAAN KUTANII ITTI DEEBI'UUF DEEBI'AN KAMUU WARAQAA DEEGGARSAA GANDA ISAANII IRRAA BARREEFFATANII AKKA DHUFANII FI
✅M/B NAMA GUYYAA JEDHAME KANAAN ALAATTI DHUFE KAN HIN GALMEESSINE TA'UU ISAA HUBACHIIFNA.
👉LAKKOOFSII HIRMAANNAAN ITTI GALII TA'U:CBE✅1000026626432
WELCOME!!!
#Oduu_Ammee!
Firiin Qormaata Biyyoolessaa Kutaa 12ffaa Bara 2018 Ibsame.
BBO - Hagayya 16/2018 Ministeerri Barnootaa Itoophiyaa Qabxii Qormaata Biyyoolessaa Kutaa 12ffaa Bara 2018 Ifoomse.
Haaluma kanaan, bara 2018, akka waliigalaatti barattoonni 550,201 qormaata Kutaa 12ffaa fudhatan.
Kanneen qormaata darban 70,544 (12.82%)
Oromiyaa keessatti, Sagantaa Galgalaafi Fagoo dabalatee barattoota qormaata fudhatan 197 034 keessaa 20,877 (10.53%) qormaata darbaniiru.
#Manneen_barnootaa_barattoota_isaanii_100% dabarsan:
- Biyyaalessaa: 88
- Oromiyaa: 37
#Qabxii_olaanaa_biyyaalessaa:
- Damee Barnootaa Saayinsii Uumamaa (#Natural_Science): 591 – Mana Barnootaa #Bultii_Addaa_WMO_Adaamaa irraa yoo ta'u,
- Damee Barnootaa Saayinsii Hawaasaa (#Social_Science) 576 – Mana Barnootaa Ifa Boruu #Bultii_Addaa_Dodolaa irraa ta'uun beekameera.
Qabxii 'Remedial 'kan argatan ilaalchisee odeeffannoon bal’aan fuula dura ibsama.
#Liinkii ittiin Qabxii Ilaallattan Akkuma Gad-dhiifameen Isin Biraan Geenya!
#Bu'aan_Qormaata_Kutaa12ffa_Ifoome!
#Bu'aan qormaataa bara barnootaa 2018 barattoota kutaa 12ffaa ifoome
Barattoota Qormaata Biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2018 qoramaan keessaa harki 12.8 qofti qabxii darbiinsaa argachuu Ministeerri Barnootaa beeksiseera.
Ministirri Barnootaa Piroofeesar Birhaanuu Naggaa ibsa Miidiyaaleef kennaniin; barattoota kuma 550 qormaata kutaa 12ffaa fudhatan keessaa barattoonni kuma 70 fi 500 qofti qabxii dhibbantaa 50fi isaa ol galmeessan.
Magaalaan Finfinnee %32.3 dabarsuu naannoolee hunda irraa sadarkaa 1ffaa galmeessuu kaasaniiru.
Manneen barnootaa barattoota qormaataaf dhiyeessan keessaa 565 barataa tokkollee dabarsuu akka hindandeenye ibsaniiru.
Manneen barnootaa 88 guutummaatti barattoota isaanii akka dabarsanis dubbatan.
Akkasumas bu’aa olaanaan barana damee saayinsii Uumamaatiin galmaa’e 591/600 (Mana barumsaa Odaa Special Board Adaamaa) saayinsii Hawaasummaatiin ammoo 576/700 ta’uu himaniiru.
Barattoonni qabxii isaanii guyyaa muraas booda toora interneetiifi karaa ergaa gabaabaatiin ilaaluu akka danda'anis himaniiru.
