en
Feedback
Oduu fi Beeksisa ▢

Oduu fi Beeksisa ▢

Open in Telegram

🌐 Oduu fi Beeksisa ✅ Group kana irratti Oduu, odeessaa fi taateewwan haaraa Itoophiyaa, Afriikaa fi guutuu addunyaa irratti ta’an argattu Beeksisa Hojiinis Yeroo mara waan haaraa jiru baruuf gara keenya koottaa, waan isinitti dhagahamus nutti himaa. 📩

Show more
1 505
Subscribers
No data24 hours
+87 days
+3730 days

Data loading in progress...

Tags Cloud
No data
Any problems? Please refresh the page or contact our support manager.
Incoming and Outgoing Mentions
---
---
---
---
---
---
Attracting Subscribers
February '25
February '25
+49
in 0 channels
January '25
+135
in 0 channels
Get PRO
December '24
+122
in 0 channels
Get PRO
November '24
+39
in 0 channels
Get PRO
October '24
+17
in 0 channels
Get PRO
September '24
+3
in 0 channels
Get PRO
August '24
+178
in 2 channels
Get PRO
July '240
in 0 channels
Get PRO
June '240
in 0 channels
Get PRO
May '240
in 0 channels
Get PRO
April '240
in 0 channels
Get PRO
March '240
in 0 channels
Get PRO
February '240
in 0 channels
Get PRO
January '240
in 1 channels
Get PRO
December '230
in 0 channels
Get PRO
November '230
in 0 channels
Get PRO
October '230
in 0 channels
Get PRO
September '230
in 0 channels
Get PRO
August '230
in 0 channels
Get PRO
July '230
in 0 channels
Get PRO
June '230
in 0 channels
Get PRO
May '230
in 0 channels
Get PRO
April '230
in 0 channels
Get PRO
March '23
+9
in 0 channels
Get PRO
February '23
+13
in 0 channels
Get PRO
January '23
+24
in 0 channels
Get PRO
December '22
+24
in 0 channels
Get PRO
November '22
+19
in 0 channels
Get PRO
October '22
+24
in 0 channels
Get PRO
September '22
+35
in 0 channels
Get PRO
August '22
+18
in 0 channels
Get PRO
July '22
+22
in 0 channels
Get PRO
June '22
+21
in 0 channels
Get PRO
May '22
+30
in 0 channels
Get PRO
April '22
+47
in 0 channels
Get PRO
March '22
+51
in 0 channels
Get PRO
February '22
+16
in 0 channels
Get PRO
January '22
+66
in 0 channels
Get PRO
December '21
+33
in 0 channels
Get PRO
November '21
+75
in 0 channels
Get PRO
October '21
+395
in 0 channels
Get PRO
September '21
+301
in 0 channels
Get PRO
August '21
+112
in 0 channels
Get PRO
July '21
+62
in 0 channels
Get PRO
June '21
+457
in 0 channels
Get PRO
May '21
+31
in 0 channels
Get PRO
April '21
+35
in 0 channels
Get PRO
March '21
+58
in 0 channels
Get PRO
February '21
+10
in 0 channels
Get PRO
January '21
+30
in 0 channels
Get PRO
December '20
+810
in 0 channels
Date
Subscriber Growth
Mentions
Channels
27 February0
26 February+1
25 February+1
24 February+2
23 February+2
22 February+2
21 February+4
20 February+4
19 February+4
18 February+4
17 February+3
16 February0
15 February+1
14 February+4
13 February+2
12 February0
11 February+1
10 February0
09 February+3
08 February+1
07 February+2
06 February0
05 February+2
04 February+1
03 February0
02 February+1
01 February+4
Channel Posts
#Taarifa Finfinneetti tajaajila geejjibaa baabura salphaa irratti daballiin taarifaa taasifameera. Tajaajilli amma jiru birri
#Taarifa Finfinneetti tajaajila geejjibaa baabura salphaa irratti daballiin taarifaa taasifameera. Tajaajilli amma jiru birrii 10 ka ture yoo ta'u, gara birr 20 akka dabalu beekkamera. Dabalaa taarifa geejjibaa baaburaa kun muudde 1/2017 kan eegalu ta’uu odeeffannoo Biiroo Geejjibaa Finfinnee irraa argame ni agarsiisa. #share             t.me/oduufibeeksisa             t.me/oduufibeeksisa             t.me/oduufibeeksisa

2
#Finfinnee Dambiin uffannaa ogeeyyii hoteelaa fi itti fayyadama faaya miidhaginaa murteessu bahuu Waajjirri Haqaa Magaalaa Fi+1
#Finfinnee Dambiin uffannaa ogeeyyii hoteelaa fi itti fayyadama faaya miidhaginaa murteessu bahuu Waajjirri Haqaa Magaalaa Finfinnee beeksise. Kunis Dambii Lakk.178/2017 ta’ee kan baheedha. Dambiin kun "ogeessota hoteelotaa fi tajaajila kana fakkaatan keessatti hojjetaniif sirna uffannaa, faayaafi meeshaalee miidhaginaa walfakkaatu hundeessuun aadaa fi gatii biyyattii eeguuf dambii baheedha"jedhan. Fakkeenyaaf seera uffannaa irraa: ➡️ Uffannaan qaama laphee hin uwwisnee ykn uffanna mormaa gadi uwwisu yoo hin uffannee, ➡️ Uffannaan dubartoota dheerinna isaa fi tarsoofni isaa jilba ol yoo ta'e, ➡️ Qubeelaa cidhaa malee ala faaya biraa naannoo mul'atutti uffachuun adabbii akka qabu kaa'ameera. Danbiin kun, ogeessota hoteelotaa fi dhaabbileen tajaajila kana fakkaatan irratti kan bu’uureffate yoo ta'u, dambii kanaan hojjechaa jiraachuu fi dhiisuu isaanii yeroo yeroon hordoffiin ni taasifama jedhameera. #share             t.me/oduufibeeksisa             t.me/oduufibeeksisa             t.me/oduufibeeksisa
442
3
#Itoophiyaa Poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaa suuraa eenyummaa namoota dhuunfaa 6 kan Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa seeraa+5
#Itoophiyaa Poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaa suuraa eenyummaa namoota dhuunfaa 6 kan Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa seeraa fi hojimaata siiviil aviyeeshinii cabsuudhaan to'annoo jala oolchee fi qorannoo shororkeessummaa banuun agarsiisan jedhe gadhiisee jira. Poolisiin shakkamtoota kan to'annaa jala kan oolcheef sababa waqtii gannaan haalli qilleensaa waan jijjirameef "balalii Finfinnee irraa gara Maqaleetti taasifamu hin dandaa'u" yeroo ogeeyyiin jedhanitti, balalii akka itti fufu dirqisiisuun jeequmsaa fi shororkeessaa uumuun to'annaa jala oolcheera jechuun ibseera. Boru mana murtiitti akka dhiyyeessu himeera. #share             t.me/oduufibeeksisa             t.me/oduufibeeksisa             t.me/oduufibeeksisa
589
4
#share t.me/oduufibeeksisa t.me/oduufibeeksisa t.me/oduufibeeksisa+1
#share             t.me/oduufibeeksisa             t.me/oduufibeeksisa             t.me/oduufibeeksisa
527
5
#Telegiraam 🗝 Hundeessaa fi hoji gaggeessaan Telegraama Paavil Duroov Faransaayitti to'annoo jala oole. 🗝 Imbaasiin Raashiyaa Faransaayitti argamu haala Duroov itti jiru dhiyeenyaan hordofaa jira. Duroov har'a mana murtiitti ni dhiyaata. 🗝 Biloogaroonni mormii imbaasii Faransaay keessatti akka gaggeeffamu waamicha dhiyeessaa jiru. Hundeessaa fi hoji gaggeessaan appii Telegram Paavel Durov Sanbata galgala Faransaay Paarisiin alatti buufata xiyyaaraa Burgeet keessatti to'annoo jala ooleera. Duroov jeettii dhuunfaa isaatiin imaluuf osoo jiruu to'annoo jala oole. Biyyaa boqannaaf deeme Azarbaajaan irraa ka'uun Faransaayirraan imaluuf yeroo buufata xiyyaaraa bu'u to'annoo jala oolfameera. Faransayitti ajaja hidhaa qaama qorannoo poolisii sadarkaa jalqabaatiin akka to'annoo jala oolee himameera. Qorannoon kun qaawwa Telegraama hogganu irratti kan xiyyeeffate dha. Poolisiin Faransaay "Telegraamni sochiin yakkaa, daldalli qoricha sammuu namaa hadoochu, shororkeessummaa, maallaqa seeraan alaa daddabarsuu fi hanni daangaa malee daddarbameera" jechuun qorannoo ni gaggeessaa jedhame. Telegraamni dhimma kana irratti hanga ammaatti yaada hin kennine. Ministeerri Biyya Keessaa Faransaay fi poolisiin dhimma kana irratti yaada hin kennine. Itti aanaan Af-yaa’ii Duumaa Raashiyaa Vilaadilaav Daavaankov Paavel Duroov akka gadhiifamu Ministira Dhimma Alaa Sargee Laavrooviif ergaa barreessaniin gaafataniiru. Hidhaan kun siyaasaan kan ka’e ta’uu fi odeeffannoo dhuunfaa fayyadamtoota Telegiraamii argachuuf meeshaa ta’uu akka danda’u himaniiru. Hedduun isaanii Telegiraamiin bilisummaa yaada dhowwuuf kan kaayyeffate ta'uu dubbataniiru. Telegram yeroo dhiyoo asitti fayyadamtoota hedduu horachuun isaa ni beekama. Keessattuu Raashiyaa fi Yukireen keessatti fayyadamtoota baay'ee kan qabu yoo ta'u, addunyaa guutuutti lakkoofsi fayyadamtootaa biliyoona 1 gaheera. Yeroo dhiyoo asitti hoggantootaa fi qondaaltota addunyaa hedduu biratti waltajjii ergaa filatamaa ta'eera. Durov lammummaa Raashiyaa fi Faransaay qaba. #TF1TV #BFM #share             t.me/oduufibeeksisa             t.me/oduufibeeksisa             t.me/oduufibeeksisa
461
6
#GERD Tarbaayinoota 3ffaa fi 4ffaa Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa guyya kaleessaa hojii eegalchiisuu isaanii Ministirri+2
#GERD Tarbaayinoota 3ffaa fi 4ffaa Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa guyya kaleessaa hojii eegalchiisuu isaanii Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsaniiru. Yuunitiiwwan biroos akkaatuma karoora isaaniin raawwatamaa jiraachuu himaniiru. Humni Elektirikii Itiyoophiyaa bara baajata xumurame Hidha Haaromsa Guddichi Itiyoophiyaa irraa dhiyeessii anniisaa waliigalaa biyyattii keessaa %17 gumaachuu beeksiseera. #share             t.me/oduufibeeksisa             t.me/oduufibeeksisa             t.me/oduufibeeksisa
402
7
Leenjifamtoonni kuma 134 laanjii pirojektii Inisheetiivii Koodarii Itiyoophiyaa Miiliyoona shanii fudhachaa jiru-Ministeera I
Leenjifamtoonni kuma 134 laanjii pirojektii Inisheetiivii Koodarii Itiyoophiyaa Miiliyoona shanii fudhachaa jiru-Ministeera Innoveeshinii fi Teeknooloojii Mootummaan leenjii Inisheetiivii koodar Itiyoophiyaa dhiheenya ifoomsuunsaa nibeekama. Namoonni fedhii qaban karaa liinkii https://www.ethiocoders.et/ seenuun galmaa'u ni danda'u. #share             t.me/oduufibeeksisa             t.me/oduufibeeksisa             t.me/oduufibeeksisa
484
8
Jilli Atileetiksii Itiyoophiyaa gara Peeruu imale. Jilli Atileetiksii Itiyoophiyaa Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa umrii
Jilli Atileetiksii Itiyoophiyaa gara Peeruu imale. Jilli Atileetiksii Itiyoophiyaa Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa umrii waggaa 20 gadiirratti hirmaatu gara Peeruu imaleera. Shaampiyoonaan Atileetiksii Addunyaa umrii waggaa 20 gadii bara Faranjootaa Hagayya 27- 31, 2024 Peeruu Liimmaatti ni gaggeeffama. #share             t.me/oduufibeeksisa             t.me/oduufibeeksisa             t.me/oduufibeeksisa
463
9
Labsiin kabaja ayyaana ummataa fi ayyaanotaa murteessuuf bahe hojiirra ooleera. Rippabiliika Dimookiraatawaa Federaalaa Itoophiyaatti Labsiin kabaja ayyaanaa fi ayyaanota ummataa murteessuuf bahe hojiirra ooleera. Ayyaanota biyyoolessaa labsii kana keessatti kabajaman:- 1. Fulbaana 1-Jijjiirama Bara haara 2. Gurraandhala 23 guyyaa injifannoo Adwaa, 3. Ebla 23 guyyaa hojjettoota addunyaa, 4. Ebla 27 Guyyaa Sabboontotaa (Injifannoo) Ayyaanonni biyyoolessaa labsichaan yaadaman: Ayyaanota biyyaalessaa labsii kanaa fi seerota birootiin beekamtii argatan akkuma jirutti ta'ee, ayyaanonni armaan gadii sadarkaa biyyaatti akka ayyaana biyyaalessaatti beekamtii argataniiru. 1.Gurraandhala 12 Guyyaa Gootota Wareegamtoota 2. Sadaasa 29 Guyyaa Sabaafi Sab-lammoota Ayyaanota amantii ilaalchisee: Ayyaanonni armaan gadii ayyaanota amantii akka biyyaatti kabajaman ta’uun eeramaniiru: 1. Fulbaana 17- Ayyaana Masqalaa 2. Jijjiiramni waggaa 4'n dhufu akkuma eegameetti ta'ee, Muddee 29 guyyaa ayyaana dhalootaa iyyasuus Kiristoos 3. Ammajji 11-ayyaana cuuphaa 4. Ayyaana Fannoo, 5. Ayyaana Faasikaa, 6. Ayyaana Mawulida( dhalootaa) 7. Ayyaana Iid al-fixrii fi 8. Ayyaana Iid al-Adihaa dha. Labsichi tajaajilaa fi hojiiwwan guyyaa ayyaana ummataa kennamuu ykn raawwatamuu danda’an ni tuma. Labsiin Lakk.16/1975 (Labsii Lakk. 28/1975 fi Labsii Lakk 29/1995 fooyya'een) dambii boqonnaa torbaanii irraa kan hafe labsii kana irratti haqameera. Labsiin kun Hagayya 8 irraa eegalee hojiirra oola. #share             t.me/oduufibeeksisa             t.me/oduufibeeksisa             t.me/oduufibeeksisa
755
10
Public Holidays Proclamation No.1334_2024.pdf
582
11
Biyyoota alaatti dameewwan ogummaa #Naarsii adda addaatiin qaxaramuun fayyadamoo ta’uu barbaadan odeeffannoo gabaa hojii Itiy
Biyyoota alaatti dameewwan ogummaa #Naarsii adda addaatiin qaxaramuun fayyadamoo ta’uu barbaadan odeeffannoo gabaa hojii Itiyoophiyaa lmis.gov.et irratti galmaa'uun sirna adeemsa calallii ministeera fayyaa waliin taasifamuu irratti fayyadamoo ta'uu akka dandeettan ministeerri hojii fi ogummaa beeksiseera. Carraa kanatti fayyadamuuf lmis.gov.et irratti galmaa’uu fi buufata tajaajila giddugaleessaa naannoo keessan jirutti odeeffannoo baayoomeetiriksii kennuu fi lakkoofsa eenyummaa hojii argachuun barbaachisaadha. Tajaajila kanaaf kaffaltiin akka hin jirre beekuun gowwoomsitoota irraa of eeguu akka qabdan Ministeerichi dhaamsa dabarseera. #share             t.me/oduufibeeksisa             t.me/oduufibeeksisa             t.me/oduufibeeksisa
920
12
"Hagayya 20, 2016 eegalee meeshaalee waraanaa qabatanii deemuun dhorkaadha" - B/G/S/O Naannoo Amaaraatti manni maree nageenya
"Hagayya 20, 2016 eegalee meeshaalee waraanaa qabatanii deemuun dhorkaadha" - B/G/S/O Naannoo Amaaraatti manni maree nageenya bulchiinsa saba Oromoo “nageenya waloof” jecha sochiiwwan meeshaalee waraanaa irratti murtoo dhorkaa kaleessa Hagayya 20, 2024 eegalee hojiirra oolu dabarse. Haaluma kanaan magaalaa Kamiseetti:- 👉 bakka kenniinsa tajaajila uummataa, 👉 bakka walitti qabama uummataa, 👉 bakka hiriira nagaa fi walgayii siyaasaa, 👉 Dhaabbilee mootummaa fi miti mootummaa meeshaa waraanaa qabatanii socho’uun kan dhorkame ta’uu ibsameera. Dabalataan bakka oomishaa fi raabsaa garagaraa, dhaabbilee amantaatti, bakka oolmaa daa’immanii, gabaa fi hoteela, akkasumas manneen barnootaa fi dhaabbilee fayyaatti dhorkaan kun hojiirra oola jedhame. #share             t.me/oduufibeeksisa             t.me/oduufibeeksisa             t.me/oduufibeeksisa
758
13
#share t.me/oduufibeeksisa t.me/oduufibeeksisa t.me/oduufibeeksisa
#share             t.me/oduufibeeksisa             t.me/oduufibeeksisa             t.me/oduufibeeksisa
654
14
#Mindaa "Hojjetoota dhaabbilee dhuunfaaf sirreefamni mindaa kan ittin taasifamuuf mootummaan kallattii akka kennuuf gaaffiin dhiyaateera" - KWHI Fooyya’iinsa imaammata diinagdee maakroo mootummaan labse hordofuun mindaan hojjettoota dhaabbilee dhuunfaa akka sirreeffamuuf Konfedereeshiniin Waldaalee Hojjetoota Itiyoophiyaa (KWHI) gaafateera. Itti aanaan preezdaantii dhaabbatichaa obbo Ayyaalew Ahimad ibsa gaazexaa rippoortaraaf kennaniin;  "Hojjettoota mootummaa baajata mootummaan hoogganamaniif sirreeffamni mindaa akka taasifamu ibsamus, dhaabbileen dhuunfaa baajata fi bu'aa mataa isaaniitiin waan hojjetaniif, mootummaan mindaa hojjettootaaf bu'uura godhachuun sirreeffama akka taasisuuf kallattin mootummaa irraa eegamaa jira." jedheera. "Mindaan hojjettootaa galii xiqqaa argatan akka ol ka'u dhiibaa jirra," jedhan. Itti dabaluunis hojjettoonni mootummaa fi dhuunfaa kuun fooyya'aa, kuun kufaa kan jedhamu jiraachuu hin qabu jedhan. "Mootummaan dhimma kana bira darbuu hin danda'u jennee amannus, yeroo carraawwanii fi rakkoon biyyoolessaa akkasii uumamu, haaromsa gochuun, invastarootaa fi dhaabbilee ilaalchisee marii gaggeessuun kallattiin kennamuufii qaba" jedhaniiru. #EthiopianReporter #Mindaa #Itoophiyaa #share             t.me/oduufibeeksisa             t.me/oduufibeeksisa             t.me/oduufibeeksisa
653
15
#share t.me/oduufibeeksisa t.me/oduufibeeksisa t.me/oduufibeeksisa
#share             t.me/oduufibeeksisa             t.me/oduufibeeksisa             t.me/oduufibeeksisa
614
16
#ABO_WBO Mootummaa waliin 'marii gaggeessaa hin jirru' nuti ammallee mariif qophii dha jedheera. Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) yeroo ammaa kana mootummaa Itoophiyaa waliin marii gaggeessaa akka hin jirre ibse. "Mootummaa Itoophiyaa fi WBO gidduu haasaan deemaa jiru homtuu hin jiru," jedheera. Ministirri Muummee Abiy Ahimad ibsa tibbana kennan irratti, mootummaan hidhattoota Oromiyaa fi Amaaraa keessa socho’an waliin itti fufinsaan marii gaggeessaa jiraachuu dubbatanii turan. Marii taasisaa jiran irratti rakkoo kan ta’e "gareewwan hidhattootaa maqaa tokkoon socho’an gidduu tokkummaa jiraachuu dhabuu" akka ta’ees dubbataniiru. WBO'n ibsa baaseen marii ammatti gaggeeffamaa jiru akka hin jirre ibsuun, haata'u malee mariif qophii ta’uu mirkaneesseera. "WBOn yoomillee gaaffii ummata keenyaa otoo hin sharafiin haasawaa rakkoo hundee furuu dandahuuf qophiidha," jedha ibsichi. Mariin mootummaa fi WBO kan mootumman Shanee jedhuun giddutti marsaa lamaan Taanzaaniyaatti gaggeeffame waliigaltee malee xumuramuu ni yaadatama. #AS #OMN #share t.me/oduufibeeksisa t.me/oduufibeeksisa             t.me/oduufibeeksisa
615
17
       🌐 Oduu fi Beeksisa “Group kana irratti Oduu, odeessaa fi taateewwan haaraa Itoophiyaa, Afriikaa fi guutuu addunyaa irratti ta’an argattu Beeksisa Hojiinis Yeroo mara waan haaraa jiru baruuf gara keenya koottaa, waan isinitti dhagahamus nutti himaa. 📩    t.me/oduufibeeksisa                     
597
18
https://vm.tiktok.com/ZMF825G6f/
255
19
https://youtube.com/channel/UCANVzvqvRBp5Q3d2bp8a8AQ
292
20
Haacaaluu Haacaaluu Haacaaluu Si miti nutu du'e Yaa jaaluu...! Join✨ https://t.me/+xPF_wxpig09hMTZk
Haacaaluu Haacaaluu Haacaaluu Si miti nutu du'e Yaa jaaluu...! Join✨ https://t.me/+xPF_wxpig09hMTZk
314