cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

Galaa Sammuu

The reading nation, the leading nation! Chaanaalii kana keessatti:- 👉kitaabilee dubbisaaf tolan 👉Cuunfaa kitaabilee 👉Barreeffamoota Yaada keessaniif:- @Qananii1

Show more
Finland634The language is not specifiedBooks2 845
Advertising posts
9 020
Subscribers
+424 hours
+1707 days
+42830 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Odeeffannoo wayitaawaa hojii Waldaa Misooma Oromiyaa karaa telegiraamiin darbu argachuuf hidhaa armaan gadii cuqaasuun chaanaalii Oromia Development Association jedhu kana 'join' godhaa! https://t.me/odawmo
Show all...
Oromia Development Association ODA

ODA/WMO

👍 4
"WMO'n kan milkaa'eef waan uummanni Oromoo wajjin jiruufi." Obbo Abbaa Duulaa Gammadaa. [WMO-Ebla 20/2016] Walharkaa fuudhinsi deeggarsa midhaan nyaataa mana barumsa Bultii Addaa WMO mana barumsa Bultii Addaa WMO damee Bishooftuutti bakka walitti qabaan Boordii WMO, hoggantoonni bulchiinsa godinaafi keessummoonni aanaaleerraa dhufan argamanitti gaggeeffame. Deeggarsa kanarratti godinaaleen 15 xaafii kuntaala 938, maallaqa Qr. mil 10.6, sukkaara kuntaala 50 fi sangoota 6  waliigalatti deeggarsa Qr. Mil 22.1 olitti tilmaamamu gumaachachaniiru. Sagantaa kana irratti argamuun haasaa kan taasisan, walitti qabaan boordii WMO obbo Abbaa Duulaa Gammadaa, "WMO'n kan milkaa'eef waan uummanni Oromoo duukaa jiruufi. Ciminaafi milkaa'ina mana barumsaa kanaatiifis jalqaba galateeffamuu kan qabu uummata Oromooti." jechuun galateeffataniiru. Dabalataanis, "Barattoonni asitti barattan imaanaa biyyaa of harkaa qabdu."jechuun barattoonni jabaatanii akka baratan dhaamsa dabarsaniiru. Sagantaa kanarratti keessummootaan baga nagaan dhuftan kan jedhan, daarikteerri olaanaan WMO obbo Dajanee Itichaa, "WMOn waggoottan kurnan darban mana barumsa bultii Addaa dhaabuun dhaloota qaroo, naamusaafi beekkumsa goonfatan oomishaa jira."jechuun keessummoota gumaacha fidan galateeffataniiru. Dhumarratti godinaaleefi aanaalee gumaacha taasisaniif beekkamtiin adda addaa taasifameera. Tokkummaan Misoomaaf!
Show all...
👍 3
👍 7 3
Repost from Galaa Sammuu
Kitaaba ilaalcha namoonni Gurraachotaaf qaban jijjiirsise!
Show all...
👍 9 1
Sirni saaqiinsa mana barumsa Addaa WMO Asallaa-Xiyoo gaggeeffame. [WMO-Eebla 10/2016] Sirni saaqiinsa mana barumsa Addaa Waldaa Misooma Oromiyaa Asallaa-Xiyoo bakka daarikteerri Olaanaan WMO obbo Dajanee Itichaafi I/A kantiibaa Bulchiinsa magaalaa Asallaa obbo Abdullaahii Hammuu argamanitti gaggeeffame. Sagantaa kanarratti haasawaa kan taasisan daarikteerri olaanaan WMO obbo Dajaneen,“WMO'n hojii dhaloota ijaaruu sadarkaa hundatti hojjechaa jira. Dhaloonni immoo barnoota qulqullina qabuun ijaarama."jechuun barattoonni jabaatanii barachuu akka qaban dhaamsa dabarsaniiru. Manni barumsaa kun barattoota ciccimoo kutaa 7-8tti jiran walitti qabuun kan barsiisu yoo ta'u, WMO'n galteewwan barnootaa guutuun dhaloota qaroo egeree biyyaatiif gumaachan oomishuuf xiyyeeffannaan barnootarratti hojjechaa jiraachuun ni beekkama. Manni barumsa Addaa WMO kun godina Arsii keessatti 20ffaa yoo ta'u, hanga ammaatti WMOn manneen barnootaa Addaa WMO 46 banuun barattoonni itti barachaa jiru. Tokkummaan Misoomaaf!
Show all...
👍 10 4
Kitaaba seenaa Hundeeffa Waldaa Maccaafi Tuulamaa. Akkasumas taateewwan bara 1950fi 1960 keessaa sirriitti qindeessedha. Dubbisaa🙏
Show all...
👍 24 8
Artificial intelligence Afaan Oromootiin. Dubbisuun nama guutuu nama taasisa!
Show all...
👍 37 3
Beeksisa Gita Hojii Banaa! Bitootessa 25, 2016. Waldaan Misooma Oromiyaa gita hojii banaa qaburratti ogeeyyii dorgomsiisee qacaruu barbaada. Kanaafuu, ogeeyyiin ulaagaalee beeksifni kuni gaafatu guuttan dorgomuu kan dandeessan ta'uu isin beeksifna. Tokkummaan Misoomaaf!
Show all...
Repost from Galaa Sammuu
👍 12 3