cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking Β«Accept allΒ», you agree to the use of cookies.

avatar

Ambo University Special School 🏫

Ambo University Special Non-Boarding Secondary School Official Channel 🏫 πŸ‘₯Group : https://t.me/eduagent2 πŸ’¬Feedback : http://t.me/aduagent2bot πŸ—£Invite : https://t.me/eduagent2 Entrance: https://t.me/+4JtgT-ei0S5kZmQ0 α΄˜α΄α΄‘α΄‡Κ€α΄‡α΄… ʙʏ@eduagent

Show more
Ethiopia7 399The language is not specifiedEducation54 792
Advertising posts
1 834
Subscribers
+724 hours
+497 days
+24930 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Barattoota Qormaata Biyyoolessaa Fudhachuuf Qophaa'an Hundaaf Ni Fayyada! ----------------------- #Qajeelfama_Naamusa_Qormaataa_Dhaabbilee_Barnootaa_Olaanoo_Ministeerri_Barnootaa_Bsaseen Hogganamuun Barattoota Keenya Bu'a Qabeessa Taasisa. Ministeerri Barnootaa Itiyoophiyaa qajeelfama naamusa qormaata biyyoolessaa dhaabbilee barnootaa olaanoo ittiin bulchu kan qabu yoo ta'u, kaayyoon walii galaatis barattoota marsariitiirratti(online) qoraman adeemsa qormaataa keessatti seera kabajanii akka qoraman guchuun sirna haqa qabeessa, amanamaafi walsimaa ta'e diriirsuudha. Qajeelfama kana keessatti barattoota naamusa qormaataa cabsaniifi tarkaanfii fudhatamuu qaban #keewwata35 ta'an tarreffamaniiru. #Keewwata1- Barataan dhugaatii alkoolii dhugee machaa'e gara mooraa qormaataa galuu hin danda'u. Qormaata si'a san kennamaa jiru hin qoramu. #Keewwata2- Barataan ykn barattootni barsiisaa dirqama isaa bahaa jiru sodaachise/sodaachisan qormaata si'a san kennamaa jiru hin qoraman. #Keewwata3- Wiirtuu qormaataaf hin heyyamane, meeshaa qormaataaf hin heyyamamne keessa galanii argamuun dhoorkaadha. #Keewwata4- Barataan waraqaa eenyummaa gate hin qoramu, #Keewwata5- Barattootni qaama qormaata kennuufi bulchuun yeroo gaafataman waraqaa eenyummaa isaanii ibsu agarsiisuu, sakattaa'amuun dirqama ta'a. #Keewwata6- Dubartiin uffata fuulaatiin fuulli isaanii hin mul'anne yoo ta'e, dubartii/dhiirri qormaata kennitu/kennu, dubartiin/dhiirri balbal irratti sakattaatu/ttaa'u fuula irraa fudhattee akka agarsiiftuufi eenyummaa adda baafachuu dirqama. Barattuun ajaja kana hin kabajne, gara qormaataa hin seentu, qaama nageenyaa achi jiruun to'annaa jala ooltee dhimmi ishee qoratama. #Keewwata7- Yeroo qormaataa kabajuun barbaachisaadha. Garuu, qormaatni kennamuu erga jalqabee daqiiqaa 20 booda baratan dhufe qormaata si'a sanii qoramuu hin danda'u. #Keewwata8- Qormaata kennamaa jiru daqiiqaa 30 dursanii bahuun dhoorkaadha. Barataan didee bahu yoo jiraate qormaatni isaa/ishee ni haqama. #Keewwata9- Barataan mataa isaa uffataan, dhahannaa dabbasaatiin, maaskii fuulaatiifi bifa namoota biroo goyyomsuufi rifachiisuun of dhoksuu yaale qormaata hin fudhatu. #Keewwata10-Barataan qormaata erga dubbisee booda waan dhukbsate fakkaatee kutaa qormaataatii bahe/baate qormaata hin fudhatu/ttu. Qaama nageenya achi jiruun to'annaa jala oolee/ttee dhimmi qoratama. #Keewwata11- Barataan ta'e jedhee, qormaatni hatame jechuun barattoota jeequu yaale qormaata hin fudhatu, ni dhoorkama. #Keewwata12- Barataan qormaata fudhatu tokko kutaa itti ramadameen ala qoramuu hin danda'u. Kan yaalu yoo jiraate to'annaa jala oolee dhimmi isaa qoratama. #Keewwata13- Yeroon qormaataaf kenname erga xumuramee booda barreessuun dhoorkaadha. Barreessuu yoo dhaabuu baate immoo, barsiisaan qormaata kennu of eeggannoo afaanii kennuu qaba. kanaanis yoo dhaabuu baate, waraqaa deebii irratti mallattoo addaa gochuu ni danda'a. #Keewwata14- Gara kutaa qormaataa galamu sakattaa'amuu kan dide qormaata hin fudhatu. To'annaa jala oolee dhimmi isaa qoratama. #Keewwata15 - Barataan barsiisaa qormaata kennuufi hojjattoota haala mijeessan arrabse, sodaachiseefi abaare qormaata si'a sanii hin fudhatu. Dhimmi isaas ni qoratama. #Keewwata16 - Bilbila qabatanii galuun dhoorkaadha. Kan qabatee argame qormaata irraa ari'ama. To'annaa jala oolee dhimmi isaa qoratama. #Keewwata17- Waraqaa eenyummaa barataa biraa qabachuun, bakka bu'anii qoratamuuf yaalun dhoorkadha. Kan yaalee argame qormaata sadi walitti aansee jiru hin fudhatu. To'annaa jala oolee dhimmi isaa qoratama. #keewwata18- Qormaatni qisaasame jechuun odeeffannoo dogoggoraa barataan kenne of eeggannoo afaaniittu kennamaaf. #Keewwata19- .Yeroo dhimmi yakkaa qoratamu yaadannoo qabachuun, kaalkuleetara, bilbila harkaa, meedhaalee sagalee waraabaniifi suuraa kaasan qabachuun dhoorkadha.
Show all...
AVACOIN

Gold is where you find it.

πŸ‘ 5😒 2
Grade 12.pdf2.69 KB
Grade 10.pdf3.74 KB
Grade 11.pdf2.78 KB
Model Exam G 8 (paper).docx0.66 KB
Model Exam G 8 (Stage).pdf1.39 KB
Model Exam G 9 (paper).docx0.22 KB
Model Exam G 9 (Stage).docx0.21 KB
Model Exam G 10 (Paper).docx0.24 KB
Model Exam G 10 (Stage).docx0.18 KB
Model Exam G 11 (Paper).docx0.28 KB
Model Exam G 11 (Stage).docx0.22 KB
Model Exam G 12 (Paper).docx0.24 KB
Model Exam G12 (Stage).docx0.23 KB
Model Exam G 8 (paper).docx0.66 KB
B/toota Kutaa 12ffaa Hundaaf Adimission kardiin keessan dugda irraan chaaphaa m/b qabaachuu qaba waan jedhameef Wixata (24/10/2016) sa'a 3:00-4:00 gidduutti qofa a m/b tti argamuun itti taasisattan m/b ergaa isiniif dabarsa.
Show all...
😒 7πŸ‘ 2😁 2
B/toonni maqaan keessan armaan gaditti tarreeffame guyyaa boruu (21/10/2016) manni barumsaa ergaa ariifachiisaaf waan isin barbaaduuf sa'a 2:30 tti akka mana barumsaatti sa'aatii kabajjanii argamtan manni barumsaa ergaa isiniif dabarsa. Carraa kanaanis Cufiinsi mana barumsa keenyaa Waxabajjii 28/2016 ta'uu hubattanii kanneen qophii adda addaatti jirtan akka qophooftan ni ibsina.
Show all...
Guca Dorgomtoonni Feestivaalaa Kan MBA Yuun.docx0.22 KB
😁 7🀑 4
B/toota kutaa 9-11 hundaaf . Sagantaa Kitaabni itti galu isin beeksisuu ilaala. B/taan kamiyyuu sagantaa armaan gadii qofaan kitaaba fudhattan akka mana dubbisaatti galchitanii kitaaba kutaa itti aanuu akka fudhattan isin beeksisaa barataan kamiyyuu sagantaa baheen ala kan isin hin keessummeessine ta'uu beektanii akka galchitanii fudhattan jechaa b/taa kitaaba hin galchine kamiyyuu manni barumsaa kan tarkaanfii naamusaa itti fudhatu ta'uu irra deebinee isin beeksisna.Hubachiisa Kitaabni isiniif kenname haaraa waan ta'eef yoo citaa qabaate/fuullis qollis cite, barreeffama qabaate fi miidhamaa ta'e kan isin irraa hinfuudhamne ta'uu akka baaktan. Sagantaa Jimaata (21/10/2016) waaree duraa (sa'a3:00-6:00kutaa 11ffaa) Waaree Booda (8:00-9:00 10A, Sa'a 9:00-10;00 10B,Sa'a 10:00-11:00 tti 10C ) Sanbata/Qidaamee/22/10/2016 Waaree Dura (3:00-4;00 9A,4:00-5:00 9B Sa'a 5:00-6:00 tti 9C)
Show all...
πŸ‘ 2
#BEEKSISA. (Waxabajjii 17/2016) 1- Barattoota #Qormaata_Biyyoolessaa_Kutaa_12ffaa Bara 2016 Fudhatan Hundaaf 2- Barattoota Kutaa12ffaa #Dubartii_Ulfaafi_Harma_Hoosisan Hundaaf Qormaata Biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara 2016 akka biyyaatti barattoota kuma 700 oliif kennamu keessaa barattootni kuma 240 ol (35%) ol kan Oromiyaa ta'uun beekamaadha. Kanuma bu'uura gochuun barattootni keenyaa gara iddoo(Yunivarsiitii) qormaataa deemun dura seeraafi naamusa qormaataa beekuu qaban gamanumaa hubachuun barbaachisaadha. Barataan qormaataaf gara Yunivarsiitii deemu hundi:- - Moobaayilii harkaa, - Meeshaalee qara qaban kamiiyyuu, - Meeshaalee elektirooniksii (sagalee waraaban, suuraa kaasaniifi )kkf. qabatanii gara iddoo qormaataa seenuu yaalun guutumaa guututti qormaatarraa kan haqsiisuufi battalumatti to'annaa seeraa jala kan oolchu ta'uu, - Qormaata walirraa ilaaluufi garagalchuunfi qormaata hatuun yakka ta'uu, -Turtii guyyaa sadiitiif qofa kan ta'u uffata guyyaafi halkanii qabatanii seenuu, (baay'isuu hin qabdan), - Rakkoo mooraa Yunivarsiitii keessatti isin qunnamuu danda'uuf sodaa tokko malee battalumatti qaama dhihootti argattaniif beeksisuun furmaata argachuu dandeessu, - Manatsirii ijaa (eye glass) rakkoo ijaatiif isiniif ajajame kaawwattanii seenuu ni dandeessu. Kanas dursitanii qaama isin simatuuf beeksisuu qabdu. -Iddoo qormaataa/Yunivarsiitii keessatti, wacuun, iyyuun, sagalee namoota biroo jeequun fayyadamuun dhoorkaa ta'uu beekuu, - Ajajaafi qajeelfama giddu galli qormaataa baasu kabajuun dirqama ta'uu beekun barbaachisaadha. - Barattootni '#online'n qoraman mana isaaniitii deddeebi'anii waan qormaniif yeroo qormaataa kabajuun xiyyeeffannoo kennuufii qabu, - Qormaaticha yaadaafi qalbiin tasgabbaa'anii hojjachuuf gamanumaa of qopheessuu qabu. GUYYAAN QORMAATAA #Barnoota Saayinsii Hawaaaa Adoolessa 3-5/2016 #Barnoota Saayinsii Uumamaa Adoolessa 9-11/2016 kan kennamu ta'a Odeeffannoo Dabalataaf πŸ‘‡ https://www.facebook.com/profile.php?id=61560852613328 Share godha...
Show all...
Oromia Education Bureau

Oromia Education Bureau. 18 likes Β· 305 talking about this. Digital creator

πŸ‘ 5❀ 2
B/toota mana barumsa keenyaa hundaaf.Dhaabbanni INSA B/toota mana barumsa BA fi MB Addaa kutaa 9-11 hundaaf leenjii Addaa kennuuf saganteessee jira. Kanaaf b/toonni keenya guyyaa 3 gidduutti b/sota Laboratory ICT biratti akkaataa kutaa keessaniin akka boruu kaastanii link ergameen galmooftan isiniif ibsaa barataan kamiyyuu leenjii kana fudhachuun dirqama ta'uun haa hubatamu. Hubachiisa: Galmeen guyyoota 3n kana qofatti ta'a
Show all...
πŸ‘ 5⚑ 5πŸ”₯ 1
Choose a Different Plan

Your current plan allows analytics for only 5 channels. To get more, please choose a different plan.