cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

Qaanqee Fugug Official

.. 🆈🅾️🆄🆃🆄🅱️🅴 https://youtube.com/channel/UCwQlPgjRvX3hb_kDnmHZ_rw FACEBOOK 👇 https://www.facebook.com/qaanqee.fugug Contact 👉 @fugug48 Group Discussion 👇 t.me/fugug48 📩Yaadaaf @fugug_bot

Show more
The country is not specifiedThe language is not specifiedThe category is not specified
Advertising posts
179
Subscribers
No data24 hours
No data7 days
No data30 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Repost from Tokkummaa
Photo unavailableShow in Telegram
Koloneel Gammachuu Ayyaanaa hidhaa seeran alaa yeroo dheeraatiin booda, ajaja dhaddachi ijibbaataa kaleessa dabarse hordofuudhaan har'a hiikamaniiru. Hoogganoota ABO hafan dabalatee hidhamtoonni siyaasaa, miseensonni ABOfi KFO, sabboontonni, qeerroofi qarreen hidhaa keessatti dararamaa jiran hundinuu hatattamaan akka hiikaman ammas irra deebinee gaafanna. Kan hiikaman deebifamanii akka hidhamnes gaafachaa olaantummaa seeraaf dursi akka laatamu jenna.
Show all...
Repost from Yayaa Bashir
Photo unavailableShow in Telegram
Hoggansa Olaanaa ABO keessaa tokko kan tahaniifi Marsaa hedduuf manni murtii gadhiifnaan qaamni Nageenyaa biyyatti hiikuu didee rakkisaa kan ture guyyaa hardhaa bahuu isaanii dhageenye. Koloneel Gammachuu Ayyaanaa Baga baatan... Intalli K/l Gammachuu , Meeroon Gammachuu atis baga gammadde... kanneen Hafanis hiikaa!!!!!
Show all...
Repost from Etana Habte
Photo unavailableShow in Telegram
Xumura Dubbii! "Jaarraa 21ffaa, bara 2022 keessa jirra" CD ykn sirba bara 1991'tin hin dhiichisinaa! Shakkii bu'uura dhabeessa "Tarii Jawar Mohammed fedhii oromo gurguraa laata" jedhu ofumaaf bukeessitanii, ofumaaf bilcheessitanii ofumaaf hin nyaatinaa! Waan nu cabsee diina itichu hin hojjatinaa! Waan hin fakkaanne fakkeessitanii Waraana oromoo baldhaas hin xiqqeessinaa. Qawwee ilmi oromoo (W-B-O'n) dhiiga itti dhangalaasee, lafee itti cabee, kufee ka'uun diinarraa hiikkachuun hidhate, Callema mormaa ykn Sa'aatii harkarraa abbaan fedhe yeroo fedhetti namarraa hiiku gootanii hin kaasinaa. Jiddutti ammoo Qaama tokkotti quba qabdanii olola summii garaagarummaa hin facaasinaa! Ifa Gochuuf: Jawaar Obboleessa Jaal Marrooti,Jaal Marroonis Obboleessa Jawaariiti. Tokko qalamaan, tokkommoo qawween dhiibuun abshaalummaa siyaasaati!
Show all...
Amma namni keenya baay'een tarkaanfii naannoo Amaaraa keessatti fudhatamaa jiruun yoo mirqaanu argaa jirra. Kan itti aanee dhufu itti hin mul'anne. Warri federaalaa kun waanuma naannoo san jilbeenfachiisanii kan biraa usanii laalanu kan se'us hedduu dha. Dhugaan jiru garuu, Oromoorraa silas hiraarri dhaabatee hin beeku tahuyyuu, duula kaabaarraa as deebii wanni Oromiyaatti tahuuf jiru na yaaddessa. Qalbii warra Amaaraa fincila kajeelaa jiru dhidhiibuuf jecha Bilxiginnaan akkuma barte hammeenya isii daangaa hin qabne san Oromoo irratti jabeessiti. Kan amalaa fi kaayyoo PP dagatee amma mirqaanu kun gaafas ammoo booyichatti deebi'a. Kanaafuu miira keenya boruuf qusachuun hin badu.
Show all...
Photo unavailableShow in Telegram
Koloneel Gammachuu Ayyaanaa hidhaa seeran alaa yeroo dheeraatiin booda, ajaja dhaddachi ijibbaataa kaleessa dabarse hordofuudhaan har'a hiikamaniiru. Hoogganoota ABO hafan dabalatee hidhamtoonni siyaasaa, miseensonni ABOfi KFO, sabboontonni, qeerroofi qarreen hidhaa keessatti dararamaa jiran hundinuu hatattamaan akka hiikaman ammas irra deebinee gaafanna. Kan hiikaman deebifamanii akka hidhamnes gaafachaa olaantummaa seeraaf dursi akka laatamu jenna.
Show all...
Repost from Etana Habte
Lola kaabaa ===== Mootummaan Eertiraa ibsa kaleessa baase keessatti ''TPLF lola narratti banuufi waan taheef anis of ittisuuf qoophii dha'' ergaa jedhu dabarseera. Ibsa kana keessatti wanni akka yaaddoo guddaatti kaasan ifaa dha. TPLF lafoota Walqaayit, Tsagadee fi Humaraa yoo toyate karaa ittiin Suudaanitti bahu banata, sun akka milkaawuuf warri Lixaa duukaa dhaabbachaa jiru, yoo sun milkaaweef Eertiraaf balaa guddaa dha yaada jedhu jala muran. Warri Tigraayis lafa keenya inchii takkallee hin dhiifnu, ni toyanna jechaa jiru. Kaayyoon isaanii guddaan ''marfama keessa jirrurraa of baasuu qabna'' kan jedhu. Wanni akka marfamaatti dhiheeffatan karaan gama Suudaanitti bahan humnoota Amaaraa fi Eertiraadhaan jalaa cufamuu dha. Amma sana lolanii banachuuf waan qophaahan fakkaatu. Hafuura kana keessatti hriirri warra Ertiraa fi humnoota Amaaraa gama tokkorratti wal jabeessaa jiraachuun ifa. Lachuu diinummaa gad fagoo warra Tigraay irraa qabaniif jecha hawwiin TPLF balbala Suudaanitti ittiin bahu (the gateway to neighbouring Sudan) deebisee argachuu akka hin milkoofne ciniinnatanii loluuf jiru. Hiriira kana keessatti mootummaan Abiy Ahmad garri goru ammatti ifa hin taane. Haa tahu malee, sirnichi dinagdeedhaan waan bututee jiruuf jecha warra Lixaa deebisee araarfachuuf dhamaatiitti jira. Warra Lixaa biratti fuula argachuuf ammoo humnoota Amaaraa fi Eertiraa irraa akka of fageessu gorfame. Duulli gidduu kana maqaa 'hidhannoo hiikkachiisuu' jedhuun naannoo Amaaraa keessatti godhamaa jirus gorsa kanarraa dhufe. Kun ammoo finxaaleyyii Amaaraa fi Eertiraa biraa dheekkamsa hamaa fidaa jira. Hundumaafuu wanti tokko ifa tahaa dhufee jira. Abiy Isaayaasii fi warra Lixaa keessaa tokko filachuuf yeroon isa sardu dhufeera. Ammatti warra lachuu shawwadee giddugaleessatti taphachaa yeroo bitachuuf carraaqaa jiraatuyyuu akkasitti fagoo deemuu hin danda'u. Sababni isaas gareen Tigraayii fi Eertiraa dantaa mata mataa isaaniif jecha dafanii lolatti seenuun waan hin oolleef Abyiif yeroon taphaa hin jiraatu. Tarsiimoon yeroo bitannaa Abiy qabatee jiru inni lammaffaa ammoo ''faan-oo irratti duulee hiikkachiisaan jira waan taheef Oromoorraa deeggarsa argachuun danda'a'' kan jedhu. Dhugaan jiru garuu, kan Oromoo nagaa qeheesaarratti 'Shanee' ittiin jedhee fixaa jiru faan-oo caalaa Bilxiginnaa dha. Faan-oo kan rimaa'ee, dhalee, harma hoosisee, dardaroomsee asiin gahes isuma Bilxiginnaa dha. Oromoon Bilxiginnaa ofirratti dagatee faan- oo ajandaa godhatu yoo jiraate dafee ija haa banatu. Diina isa dhugaa adda baafachuuf (to identify the actual enemy) burjaajii rakasa akkasii ofirraa qulqulleessuu gaafata.
Show all...
Photo unavailableShow in Telegram
Eid Mubarak!! =========== ☆ Hordoftoonni Amantaa Musliimaa hundii baga ayyaana Iid-Al Faxirii bara kanaa nagaan geessan. ■ Ayyaanni kun kan nagaa, kan gammachu, kan rizqii, kan milkii isiniif haa ta'u. Eid Mubarak !! እንኳን ለኢድ አል ፊጥር በዓል በሰላም አደረሳችሁ። ኢድ-ሙባረክ @Fugug48
Show all...
Photo unavailableShow in Telegram
☆ Baga geessan baga geenye warra baranaa warra bara heeddu nuu haa godhuu, Ramadanaa bara kana kan nagaya fi fayyaa, kan gammachu, kan keeyri, kan rizqi fi milki, akkasumas kan ilmii nuu haa godhu jeecha ammaas irraa deebi'ee, Hordoftootni amaanta muslimaa maraan baga Ramadana bara 1443 nagayan ittin isin gahee RAMADAN MUBARAK !!
Show all...
Photo unavailableShow in Telegram
BAGA RABBIIN ITTIIN NUUN GAHE. ::::::: ::::: ::::::: ::::: ::::::: ☆ Addeessi Ji’a Ramadaanaa jum’aa har’aa waan argameef, Soomanni galgala har’aa kan jalqabamu tahuun beekkameera. * Warra irraa fayyadamu nu haa taasisu !!
Show all...
Hordoftoonni Amantaa Muslima hundi keessanu baga ji'a kabajamaa fi jaalatamaa kanaan isin gahe🙏
Show all...
Choose a Different Plan

Your current plan allows analytics for only 5 channels. To get more, please choose a different plan.