MURTI GUUTOO
Open in Telegram
Jireenya kee namoota biroo wajjin wal hin madaalin . Aduu fi Ji'a wal bira qabamee hin ilaalamuu Sababni isaa Yoo Yeroon Isaanii ga'u ni ifu!!!
Show more423
Subscribers
No data24 hours
No data7 days
No data30 days
Data loading in progress...
Similar Channels
Tags Cloud
No data
Any problems? Please refresh the page or contact our support manager.
Incoming and Outgoing Mentions
---
---
---
---
---
---
Attracting Subscribers
August '24
August '240
in 0 channels
July '24
+19
in 0 channels
Get PRO
June '24
+25
in 0 channels
Get PRO
May '24
+49
in 0 channels
Get PRO
April '24
+21
in 0 channels
Get PRO
March '24
+27
in 0 channels
Get PRO
February '24
+34
in 0 channels
Get PRO
January '24
+51
in 0 channels
Get PRO
December '23
+32
in 0 channels
Get PRO
November '23
+319
in 0 channels
| Date | Subscriber Growth | Mentions | Channels | |
| 06 August | 0 | |||
| 05 August | 0 | |||
| 04 August | 0 | |||
| 03 August | 0 | |||
| 02 August | 0 | |||
| 01 August | 0 |
Channel Posts
Obbee -moollee
Obbee- moolleen gosa sirbaa yeroo fuudhaa fi heerumaa sirbamu keessaa tokko tahee,kan dubartoonni ergaa garaa garaa ittiin dabarfataniidha.
Keessaayyuu guyyaa gurbaa fuudhu dubartoonni warra hintala heerumtuu gurbaa hanqinna inni qabu qeequun ibsuuf kan itti gargaaramaniidha.
fkn:-1)miidhaginna dhabuusaa ibsuuf
"Obbee moollee obbiyyoo moollee
Eega moollee heerumni hin oollee
Abbaan baataa ilmi kanbaataa
Afaan mooyyee cabde fakkaataa
Tuqaa boollaa baye fakkaataa
Itti hin baafnuu mucattii nyaataa"
Obbee moolleen intala baayyee fokkistuu taate yoo tahu kan isheen heerumte heerumni hin hafuu jechaadhaaf yoo tahu gurbaan baayyee fokkisaa tahuu ibsuuf sirba kanaan ergaa dabarfatu.
2)Amalasaa ibsuuf
Amala irraa hin eegamne yoo qabaates sirbanii akkasiin qeequ.
"Eega moollee heerumni hin oollee
Qorii Goonee hambisaa eeynee
Ka soddaatiifuu hambisaa hin beeynee
Bada qarbe gabataa xambe"
Gurbaan kun nama safuu hin eegne,kan garaa jaalatu tahuu isaa bifa kanaan sirbuun waan garaa isaan hanqate dabarfatu.
| 2 | LJaalala kee hin quufu
Utuu haalli kam dhufee
Yoomuu sin irraanfadhu
Balbala koo sitti cufee
Jiraachuutu ulfaate
Onnee koos adabee
Obseen tahaa jedhees
Sii obsuun dhadhabee.,
Sumaafan maraadhaa
Halkan hirriba dhiisee
Jaalalli kee natti cimee
Baayyee na dhiphisee
Utuu naaf danda'amee
Si liqimsuufaan yaalaa
Nadhiin gorora keetiis
Nadhii dammaa caalaa
Eessaan si argaree
Atoo manaa hin baatuu
Anoo jaalala keef jedhee
Qaatan ta'ee maraatuu
Adaraa nan dhamaasin
Obseetin dadhabee
Adaraa naan taasisiin
Simbira baalleen cabe..
Walaloo dabalataa argachuuf
Join👇
MURTI GUUTOO
MURTI GUUTOO
☆☆☆☆☆☆☆
═══════════ | 159 |
| 3 | 1ffaa. Bifa Fardeenii
Bulloo:- diimaa gara daalachaa.
Booqaa:- kan addarratti bifa adii qabu.
Shaanqoo:- gurraacha.
Booree:- daalacha ykn boora.
Magaal:- bifa bosonuu ykn gurraacha gara daalachaa.
Daamaa:- diimaa.
2ffaa. Hariiroon Fardaa fi Oromticha gidduu jiru:- Oromoon jiruu fi jireenya isaa keessatti, Farda akka beelladaa qofatti osoo hin taane, akka faayaa fi qabeenya mararree tokkotti ilaala. Yeroo lolaa fi Cidhaa akkasumas ayyaana adda addaa irratti fardatti dhimma baha. Geejibaaf illee Fardi qooda guddaa qaba.
Gaafa gammachuu fi gaddaa, cidhaa fi goojee irratti dhimma itti baha, Oromoon.
Walumaagalatti, Fardii fi Oromummaan adda bahanii hin ilaalaman.
3ffaan, Fardi farda irraa dhalata; Fardatu dhalcha.
4ffaan. Meeshaaleen yeroo lolaa Farda irratti qabatan, kanneen akka Eeboo fi Gaachanaati.
Eeboon ittiin diina/ nyaapha waraanuuf yoo fayyadu, Gaachanni ittiin ofirraa qolachuuf fayyada.
5ffaan, Farda gara barbaadanii fi xiyyeeffannoo ykn to'annoo ofii jala oolchanii dhimma itti bahuuf luugamu.
Farda sakaaluun kan barbaachiseef immoo, akka hin badneef, akka bakka hin taane, awwaara ykn biyyoo irra gangalatee akka hin xuroofnee fi akkasumas, #shape ykn dhaabbiin qaama isaa akka hin babbadneef!
Maqaan uffata kooraa Fardaa immoo " Gilaasa " jedhama! | 173 |
| 4 | https://t.me/baharOrotelegram/3054 | 1 |
| 5 | ✍️ ajab
:: baraa mitii bara yaraa
Nama mitii nama dharaa
Hayyus mitii doofaa yaraa
harka miilas dugda garaa
kan hin qabne akka mara
Nutti ulfaate beekuf gara
Dhugaa dhokse dhara goobse
Murttiin isaa Soba coomse
Mirga dhiise biratti gorse
Ifa jaamse dukana goobanse
Bona roobse gannacaams
Dhugaa guuse dhara dorrobse
Kana arginee yo dubbannu
Nutti bookisa nutti rorisa
Nu boochisa nu dorsisa
Maqaa sobaa nutti uffisa
Oduu ijoon nu labsisa
Bara baraan nu boochisaa | 184 |
| 6 | Qoosaa gabaabduu
Hattuu
gurbaa tokkotu halkan qophaa isaa osoo deemaa jiruu hattoonni isa arganii hordofuu eegalan
Bakka dukkana gahanii gurbaa kana qaban.
Qabanii waan inni qabu irraa humnaan harkaa fuuchuudhaaf wol qabatanii baayyee wol lolanii booda laaffisanii gurbaan of dadhabnaan yeroo hattoonni kun kiisii isaa seenan qarshii tokko qofaatu keessa jira😳
Sana booda hattoonni kun aaranii "qarshii takkoof jecha akkanatti if cinqitii akkasitti akka nuti si rukunnu of gootee?" Jedhanii gaafatan
Gurbaan kunis akkas jedhee deebiseef
"an qarshii kuma afurin kaalsii keessaa qaba diqqa isa najalaa fuutu jedheetani malee,
An goowwaadha moo kanin qarshii 1f jedhee akkanatti tumamu". Jedheen 😂😂😂😂😂😂😂😂
Sana booda qarshicha hunda jalaa fudhatan
Qoosaa dabalataa argachuuf
MURTI GUUTOO join and share | 178 |
| 7 | #Iccitii Lakkoofsa ( 7 ) beektuu ❓👈
"Lakkofsi ulamaa'ii baay'ee ajaa'ibsiise lakkofsa 7 subhaanallaah" hanga guyyaa qiyaamaatti hiikkaa isaa beekuu hin dandeessu
Ilaali mee
~Baayyyinni Samii 7
~Baayyinni dachii 7
~Torbanitti guyyaa 7 tu jira
~Balbalti jahannam 7
~Naannawa kaabaa yeroo7 naannawama
~Safwaa walmarwaa jidduu 7 fiigama
~Ijoolleen akka salaatatatti ajajamtu amata 7 tti jedhan # Rasuulli{ﷺ }
~Suuratul fatihaan aayata 7 qaba
Adduunyaa tanarra bahaara 7 'tu jira
~Hajjiitti jamratul aqabaaatti dhakaa 7darbatama
~Hogguu iidaa takbiiraa 7tu godhama
~Addunyaa kanarra ardii 7 tu jira
~Guyyaa qiyaamaa nama gosa 7 tu gaaddisa jalatti dheessa
Jechi kalimaa laa ilaaha illallaah Muhammad rasuulullah 7 adadi hulaa jannataa 7 suuraa yuusuf keessattis maaliif arge mootichi sa'a 7 gabbataa sa'a 7 lallaafaa nyaatu ammas garbuu 7 magarroo fi garbuu 7 gogaa waa heddutu jira ajaa'iba lakkofsa 7 irraa allahu akber Isaannan rabbiin isaaniif gaaddiseessu gaaddisa isaatiin guyyaa qiyaamaa 7
Mee barreessi maqaa #Allah marraa 7 hafuuraa ni baafattaa cinqii hundarraa guyyaa kana keessatti sheyxaanni barreessuu sin dhoowwin ati nama isa boochisu tahi barreessuudhaan
#Sher osoo gootanii Rabbiin milkii ufii isiniif haa fedhu dhumarati salawaata busaa {ﷺ } | 385 |
| 8 | Namichaatu bofa ibidda keessatti gubachaa jiru argee ibidda keessaa baasee lubbuu isaa baraaruuf murteesse.Garuu,akkuma inni ibidda keessaa ol baaseen, boftichi namtichi hidduun dhukkubbi cimaadhaaf isa saaxile.Yeroo kana,namtichi boficha gad dhiifnaan bofichi kallattumaan ibiddicha keessatti deebi'ee kufe.Namtichi naannawa isaa ilaalee,sibiila wayii argate,isa fayyadamuun boficha ibidda keessaa baasee lubbuu isaa baraare.Yeroo kana namni wayii dhaabbatee isa laalaa ture.Namtichi isa ilaalaa ture isatti dhihaatee,"Bofichi si hiddee ture,tahus lubbuu isaa baraaruuf yaalaa jirta.maaliifi garuu?"jedheen.Yeroo kana namtichi,"Nama hidduun amala bofaati.Nama gargaaruun amala kooti.Boftichi na hidduun isaa amala koo jijjiiruu hin danda'u"jechuun deebiseef.
"Sababa namni akka malee si miidheef amala gaarii qabdu hin geeddarin!"
Do not lose your good heart,but learn to take precautions. | 196 |
| 9 | Guraandhala 29/2016
;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;
ARTIKILII
;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;
JOOBIRRI MAALI ?
;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;
Joobirri allaattiiwwan jiran keessaa gooftaa qilleensa irraa jedhamee waamama.
""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""
Allaattiiwwan jiran hundumaa keessaa kan akka joobiraa fageessee waa argu hin jiru. Dhalli namaa hundumtuu akka joobiraa fageessee waa arguu qaba.
""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""
Akka qorattootni baay'een jedhanitti joobirri maayilii 50 irratti fageessee arga jedhu. Namni hunduu akka joobiraatti fageessee waa arguudhaaf wantoota xixiqqoo naannoo isaa ilaaluu dhiisee fageessee yaaduu qaba.
""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""''"""""""""""""""""""
Joobirri humna haareffata. Namni fiigichaa galma qabu fiigu tokko yoomillee humna haareffataa fiigu qaba.
Haala nama qunnamu irraa kan ka'e namni gidduutti ni dadhaba.
Yeroo dadhabu garuu abdii kutachuu osoo hin taane humna haareffachuu isaati.
""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""
Joobirri yeroo umuriin isaa naannoo waggaa 30 ga'u humna isaa deebisee haareffata.
Yeroo humna haareffatu guyyaa 150f / Ji'a Shaniif kattaatti galee taa'a.
"""'''''''''''''''''''""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""
Kattaa keessatti koochoo isaa isa duraanii fi qeensa isaa of irraa baasee qaama isaa warra kaanis haareffachuun kochoo haaraa ittiin balali'u biqilfatee kattaa keessaa ba'a.
""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""
Joobirri fayyaa ajjeesee nyaata malee raqa maqaa Joobirummaa isaa xureessu gonkumaa hin nyaatu. Joobirri dandeettii addaa waan qabuuf biyya tokko irraa gara biyya tokkootti osoo hin boqotiin balili'ee ce'a.
"""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""
Akka Joobiraatti nutis dhaloota keenya waan gaarii barsiisuu qabna.
"""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""" | 208 |
| 10 | #Kunis_nidarba!
-------------------
Namicha #hiyyeessa tokkotu baay'ee rakkachuu irraan kan ka'e #gasoodhaan lafa qotee midhaan facaafata. #Imaltoonni wayii itti dhufanii "Maali namichoo akkamitti akkasitti dadhabdee lafa kana #gasoodhan qottee facaafta, sitti hin ulfaatuu?" jedhaniin. Namichis "#kunis_nidarba" jedheen. Kana caalaa deebii biraa itti hindeebifne. Imaltootni sunis deebii namichaa ajaa'ibsiifatanii bira kutanii imala isaanii itti fufan. Waggaa muraasa booda #namichi lafa gasoon qotaa ture sun sooromee #qabeenya horatee #jireenya gaarii jiraachuu jalqabe. Guyyaa biraa tokko #imaltonni sun ammas osoo karaa deemanii aduun itti dhiinan mana namicha wayii nu bulchaa jedhanii #kadhatanii buluuf ol galan. Taa'anii buna #dhugaa haasawanii yoo wal qoratan namichi abbaa qabeenyaa mana isaa buufatan kun isa waggoota muraasa dura #hiyyeessa gasoodhaan lafa qotu sana ture. Jarri sunis akkamitti haala kanaan jijjiramee sooromuun isaa baay'ee isaan dinqisiisee, akkamitti akkasitti sooromte jedhanii yoo isa gaafatan "Kunis hindarba" ittiin jedhe namichi sooressichi sun.
Isaanis achi bulanii #daandii imala ofii itti fufan. Yeroo dheeraa booda imaltoonni sun daandii sanarra deebi'anii otoo galuuf jiranii #Siidaa (Awwaala) nama tokkoo arganii itti goranii yoo maqaa ilaalan namicha #sooressa mana isaa bulaniidha. #Maqaa isaa jalatti jecha "#KUNIS_NIDARBA" jedhutu barreeffamee jira. lmaltoonni sun jecha kana gaafa argan isa inni gaafa gasoodhan lafa qotuu san yaadatanii baay'ee ajaa'bsifatanii du'uu isaatti immoo gaddanii "ayii!" jechaa imala isaanii itti fufan. Ammas yeroo murtaa'en booda imaltootni sun yoo daandii sanarra dhufan #Siidaan sun kaafamee daandii asphaaltii ta'ee jira. Ammas taateen sunis darbuu hubatan.
-------------------------------
#Maal_jechuuf. Wanti hindarbine akka hinjirre seenaa namicha kanarraa nihubatna. Kanaaf #imalli hundumtuu nidarba. Rakkinis ta’e quufni; beekumsis ta’e wallaallummaan; argachuus ta’e dhabuun; hiyyumnis ta’e sooromni, tuffachuus ta’e tuffatamuun nidarba. Wanti hunduu yeroo muraasa booda nidarba. Beekumsi, qabeenyi, guddinni, aangoo, maqaa, bifti, humnifi olaantummaa dhaabbataan dhala namaaf kenname hinjiru. Inni waan hundaan guutuufi dhaabbatee hafuu #Waaqayyo qofa. Yeroo siif laatametti gaarii yaadi; wanta gaariis godhii darbi. Booda carraan kun akka dhibu beeki.
#Namni haalli hunduu bitaafi dukkana sitti fakkaatu immoo #abdii hinkutin. Akkuma argachuun darbu dhabuunis nidarba. Har’a jechuun boru miti. Dhukkubnis ta'e qorumsi har'aas nidarba. #Obsa yoo qabaatteefi gara Waaqayyoo yoo ilaalte Waaqayyo #biiftuu haaraa siif baasa. Yaa firakoo koo inni ati amma keessa jirtu rakkina osoo hintaane daandii #jireenyaa dirqama ati keessa darbuu qabduudha. Inni bo’e akka boo’etti, inni kolfes akka kolfeetti hinhafu. Sababni isaas haalli amma keessa jirtu #KUNIS_NIDARBA. Kanaaf deemsa kee hin dhaabin fuulduratti
Via Lalisa Fekadu fuula barruu | 194 |
| 11 | Fully Funded Scholarships for International Students
BS, MS, PhD Scholarships in Canada 🇨🇦 in 2024 (Apply Now)
Visit: https://carraadesk.com/bs-ms-phd-scholarships-in-canada-in-2024-fully-funded/
France Excellence Europa Scholarships 2024 | Study in France
Link: https://carraadesk.com/france-excellence-europa-scholarships-2024/
SI Leader Lab 2024 | Swedish Institute Leadership Program | Fully Funded
Link: https://carraadesk.com/si-leader-lab-2024-swedish-institute-leadership-program/
University of Milan Scholarship 2024-25 Italy 🇮🇹 (Admissions Open)
Visit: https://carraadesk.com/university-of-milan-scholarship-2024-25/
Study in Italy: 🇮🇹 University of Pavia Scholarship 2024-25
Visit: https://carraadesk.com/university-of-pavia-tuition-fee-waiver-scholarship-in-italy/
University of Padova Scholarship in Italy 🇮🇹 2024 (Apply Now)
Visit: https://carraadesk.com/university-of-padova-scholarship-2024-in-italy/
University of Padova Scholarship in Italy 🇮🇹 2024 (Apply Now)
Visit: https://carraadesk.com/university-of-padova-scholarship-2024-in-italy/
United Arab Emirates University Scholarship 2024 | Fully Funded
Link: https://carraadesk.com/ueau-scholarship-2024-fully-funded-study-in-uae/
WTO Essay Award 2024 | a prize of CHF 5,000 | Fully Funded trip to Greece
For more info visit: https://carraadesk.com/wto-essay-award-2024-fully-funded-trip-to-uk/
𝗨𝗻𝗶𝘃𝗲𝗿𝘀𝗶𝘁𝘆 𝗼𝗳 𝗧𝗿𝗲𝗻𝘁𝗼 𝗜𝘁𝗮𝗹𝘆 🇮🇹 Scholarship 2024 (Apply Now)
Visit: https://carraadesk.com/university-of-trento-scholarship-2024-italy/
University of Genova Scholarship 2024-25, Italy 🇮🇹 (Without IELTS)
Visit: https://carraadesk.com/university-of-genova-scholarship-2024/
University of Macerata Scholarship 2024-25 (Study in Italy) 🇮🇹
Visit: https://carraadesk.com/university-of-macerata-scholarship-2024-25-study-in-italy/
University of Camerino Scholarship in Italy 🇮🇹 2024 (Without IELTS)
Visit: https://carraadesk.com/university-of-camerino-scholarship-2024-25/
University of Luxembourg 🇱🇺 Scholarship 2024-25 (Apply Now)
Visit:https://carraadesk.com/the-university-of-luxembourg-scholarships-2024/
Politecnico di Milano Scholarships 2024 | Study in Italy
Link: https://carraadesk.com/politecnico-di-milano-scholarships-2024-study-in-italy/
Goldsmiths University International Scholarship in UK 2024
Link: https://carraadesk.com/goldsmiths-university-international-scholarship-in-the-uk/
የዩናይትድ ስቴትስ ስኮላርሺፕ 2023-24 (ለዩኤስ + ዓለም አቀፍ ተማሪዎች) List of USA Scholarships 2023-24 (For U.S+International)
https://carraadesk.com/list-of-usa-scholarships-2023-24-for-u-s-international-students/
[ 2,200 ስኮላርሺፕ ] GKS Korean 🇰🇷 Government Scholarship 2024 OPEN Now (2,200 Scholarships)
Visit: https://carraadesk.com/gks-korean-government-scholarship-2024/ | 248 |
| 12 | 👉🏿Of Ilaalee
Dargaggeessa tokkotu ture. Kutaa kudha lammaffaa
akkuma xumureen haadha manaa fuudhe. Fuudhee utuu
hin turiin immoo harmee isaa bira ishee kaa'atee hojii
barbaaddachuu gara magaalaa guddaa deeme. Yoo hojii
argate battalumatti dhufee akka ishee fudhate waadaa
seeneef. Magaalaa deeme sanatti waan ajaa'ibsiisaa tokko
arge. Of ilaalee. Yeroo sana of ilaaleen hin turre.
Of ilaalee arge sana baay'ee ajaa'ibsiifatee haadha manaa
isaaf kennaa erguuf bite. Ni ergeef. Isheenis keessatti of
ilaalaa boossi turte. Utuu walirraa hin kutiin yeroo dheeraa
boosse. Harmeen mucihaa gara haadha manaa ilma isaanii
sana deemanii maaliif akka isheen boossu gaafatan.
Miira baay'ee dheekkamuun of ilaalicha itti kennitee,
"Ilaalaa! Raajii ilmi keessan narratti hojjete. Deebi'ee
dhufeen si fudhadhaa jedhee waadaa naaf seenee utuu
jiruu, dubartii kana fakkaattu achii fuudhee! Isayyuu
fuudhuun isaa xinnaannaan ilaaltee haa aartu jedhee
meeshaa kana keessa kaa'ee natti ergee!" jette.
Jaartiin irraa fuudhanii yeroo ilaalan waan ajaa'ibsiisaa
argan. "Dubartii dulloomtuu tokkotu keessa jira.
Achumaan, "Muu yaa intala koo! Mucaan koo jaartii kana
fuudhee? Kanaaf jettee boossaaree? Isheenoo jaartiidhaa
hamma duutii kanaaf hin boo'in!" jedhan jedhama. | 202 |
| 13 | Dubartoonni maaliif dhiirota dhiisanii deemuu?
Addunyaa jaalala keessatti dhiirri fi dhalaan walitti dhufeenya jaalala waliin qabaachuun waanta baramaa gulantaa namni hundinuu keessa darbudha.
A). Amala dhiirotaa dubartoonni akka baqatan godhan kurnan.
Akka Ogeessonni yaala sammuu jedhanitti, uumaman dhiirri adamsaa yoo ta'u dubartoonni immoo adamfamoodha. Kana jechuun Namni adamoo deemuu tokko milkoome mirgaan galuudhaaf carraaqii, qopheen fi akkamitti adamsuu akka qabu beekuu qaba.
Amala dubartoonni nama gaa'ilaaf barbaadan irraa arguu hin barbaanne
1). Nama hanga malee Oftuulu
2). Nama ofitti amanamummaa hin qabne.
Akka malee oftuuluunis ta'e miiraa gad aantummaa ofiif qabaachuun ofiin of murteessu dhabuun mallattoo dhukkuba dhibee sammuuti. Kanaaf ofitti amanamummaa madaala isaa eeggate qabaachuun fayyaalessadha.
3). Dhiira hafuuraa nama kutu.
Kana jechuun guyyaatti alkudhan bilbilee ykn barreessee maal nyaatte,maal dhugde, eessa jirta, akkasan ta'e, akkas godhi fikkf boqonnaa ishee dhowwatu. "Jarjaraan re'ee hin horu". Waan hundinuu dangaa yoo qabaate gaariidha.
4). Dhiira naamusa kan hin qabne. Kabaja ati isheefis ta'e hiriyootasheef, hiriyootakeef, namoota naannookee jiraniif kennitu, of kabajjufi ilaalcha ati qabdu of keessatti qabata. Namuusa qabaannan hunda qabda.
5). Waan hin qabne ta'u(reverse psychology).
Utuu jaalattuu akka nama hin jaalannee hin ta'iin. Yoo jaalatta ta'e miirakee sirritti ibsiif. Akka jaalattu Itti agarsiisi malee utuu of fakkeessuuf baqattuu dhabuu dandeessa.
6). Haasakeetti daanga godhi.
Yeroo isheen waan xiyyeefannoo barbaadu sitti haasoftu hin baaciin. Miira ishee hordofaa taphachiisi.
7). Fedhii saal_qunnamtiif hin jarjariin. Har'a wal bartee boru siree kan qabattu yoo ta'e sana booda carraan deebite arguukee dhiphaadha. Nama gaa'ilaaf barbaaddu yoo ta'e hin aariifatiin miirashee dhaggeefadhu.
8). Nama hinaafuu fi to'annaa baay'isu.
9). Waan hin qabne qaba hin jedhiin. Yoo siin sin barbaanne utuu hin barfatiin haa deemtu.
10). Waan haasooftu ta'i. Namni waan karoorse irratti ejjennoo hin qabne gaa'ila isaa irratti ejjennoo hin qabu.
Kana hunda qabaattee yoo dubarri si dhiiftee deemte
Waaqayyootu dafee si furee baga deemte.
Garagalchi isaa dubartootaafis in ta'a..
©Tolasaa Burqaa | 247 |
| 14 | Jechoota haaraa Gujii baradhee gale muraasa.
Mucuca > Dhiifama
Jaldhaaba > Foollee
Ilti Mucuca > Na ofkolchaa
Rifanoo > Siree ykn Bakka bultii
Miinjaloo > Bakka Qodaan kaa'amu
Qachaa > Bakka warri yaa'aa qubatu
Toggise > Dhaabbadhe ykn Calliseera
Qorbisa > Marii
Sirriiqa > Suuta
Mennennuu > Baayyee Xinnoo
Daafanaa > Gowwaa
Qaroo > Qaxalee
Yaraa > Dabeessa
Sharee > Jaalallee
Qoloo > Uuffata gad kaawwatan
Bacaa > bayyee.
Waloma
Visit Oromia | 180 |
| 15 | No text... | 269 |
| 16 | Aareetiin dubbadhe garaadhaan
gubadhe biyya abba kiyyarratin
namummaa hanqadhe
hojadhee hin nyaadhu maalifin
bula kadhadhee
yaa ilmaan oromo oromticha xabboo
booranaa bareento ilmaan (2)lameen
aabbo yaadadhaa seenaa kalee
calanqoo fi aanolee lafee isaani laale
hirriiba nadidee galee
Way gootota kalee eenyutu isaan
caale ni fakkaatan malee warra
qabsoo bu'uure jaala elemoo
turee oromoo guutu beeka akkamiin dagatama ahmad xaqii sheeka
mucee amlmueee diina qabee
hacuucee waraana bira darbee walda
gabree gurra irra kutee seenaa
boonsa galmeese lubbuu
isaatin kute
yaaya alii siree diina billaan ciree
goota diida niinni ka akka ittisaa
rooba seenaa isaa yaadate luynilleen
danbbooba
seenaa dhugaa awwaaltanii
soba dhugaa gochuuf yaaltani
miniliik nama kaleesa nu ugguraa
ture kana oromoo n hin dagatu
hamamiiyu yoo ture
qomaaxa miila hin qabne
kophee itti keesanii harka
rukutaniif fuuldura teesanii
Kun ceeraafi fokku aadamalee
akkamiitti harka dhoytaf nama
kalee si qalee
harkasirraa muree maalif
dooluu itti raafta silaa dhiira
taatee gumaa harka sanii
baafta
if hin gartuu dooluu itti raasi waan
hafe hanga ceekuu namni
waan kalee dabre hin yaadanne
ta boruu hin beekuu | 258 |
| 17 | Xiinxala jaalalaa kan 'Saatillaafotaa' 😳
Dhiironni Haadha manaa argachuu kan dadhaban sababoota 15niini jedhu Pirezdaanti Mugaabeen😎
Gaashe #Mugaabeen akka jedhanitti dhiironni baay'een Dhaabbiitti hafoota ... Dubartoonni baay'een immoo dhaabbatanii eegdota kan ta'aniif sababoota kanneeniini jedhu🤔🤔🤔
1.Bareedduu yoo taate 👉 Bilchinni yaadaa zeeroodha.
2.Hubannoo kan qabdu yoo taate 👉 fuula guurtuu taati. ( Yabbuu namarra buufatti)
3. Soorettii (qabeenya kan qabdu) yoo taate 👉 sin kabajju!
4. Hojjattuu cimtuu yoo taate 👉 Siif yeroo hin qabdu!
5. Kan fuula namatti hin kennine yoo taate 👉 Ulaagaa isheetu baay'ata.
6. Garraamii (gara laafettii) yoo taate 👉 Onneen ishee Dhiira biraatiin miidhameera.
7. Itti gaafatamummaan kan itti dhaga'amu yoo taate 👉 Jaalalaaf dhimma hin qabdu!
8.Baay'ee barattee beekumsa kan qabdu yoo taate 👉 Yeroo hunda "Anatu sirriidha" siin jetti.
9. Kan hin baranne yoo taate 👉 Yeroo ati sirreessitu Siin lolti, siin ooddi!
10. Haxxee (Abshaala) yoo taate 👉 lafuma duwwaa kanarratti si sobdi😂
11. Baay'ee amala qabeettii yoo taate 👉 dhibooftuu sitti taati!
12. Fungaa yoo taate 👉 nyaata yeroo hojjattu Mi'eessituu itti baay'istee baasii guddaaf ai saaxilti 😂
13. Daldaltuu yoo taate 👉 Haadha manaa si godhattww Abbaa warraa sitti taati.
14. Mucaa manaa yoo taate 👉 Si jalaa baanaan hin deebitu.
15. Araadaa yoo taate 👉 Sirratti baalagoomti 🙈
Yaadni Mugaabeen sirriidhamoo sirrii miti kan jedhu isinumti keessoon fixadhaa!
Hub; 1. Barruun kun turjumaana!
2. Suuraa kana kanan fayyadameef akka isin dubbistanuuf malee barruu waliin hidhata homaa qabaateef miti! | 215 |
| 18 | #HappyMonday!
#Hayyootni maali jedhuu?👇
1. "Namoonni hedduu gorsa yoo fudhataniyyuu, kanneen itti fayyadaman beektota qofa. "
— (Thomas Takias)
2. "Sababa teessee ilaaltuuf namoonni gurguddoo sitti fakkaatu. Kanaafuu ka’i!"
— (Jecha warra Ingilizii)
3. "Ifa arguuf dukkana halkanii dabarsuun dirqama."
— (Wiiliyaam Sheekispir)
4. "Kaleessaaf gaabbuu fi boruuf dhiphachuun guyyaa har’aa balleessuudha."
— (Maaksim Troobey)
5. "Cabbii caalaa yoo addaatteyyuu, urjii caalaa yoo qulloofteyyuu ceephoo jalaa bahuu hin dandeessu."
— (William Shekispir)
6. "Addunyaa kana jechi ibsu hin jiru."
— (Jecha warra Morookoo)
7. "Nama carraa qabu galaanatti yoo darbatteyyuu qurxummii afaanitti qabatee baha."
— (Jecha warra Arabaa)
8. "Namni suuta deemu dafee bakka yaade gaha."
— (Jecha warra Chaayinaa)
9. "Daandii bakka yaadde si geessitu utuu hin beekiin adeemsa hin jalqabiin!"
— (Jecha warra Ingilizii)
10. "Namni waan hundumaa hawwu nama guddaadha. Namni waan argachuu danda’u qofaa hawwu immoo nama ogeessadha."
— (Jecha warra Aayilaandii)
11. "Namni dogoggora isaa mul’isee himatu akka nama kosii manaa haruuti."
— (Maataammaa Gaandii)
12. "Nama tokko dogoggora isaa irraa deebisuun hojii guddaadha."
— (Abrahan Liinkan)
13. "Namoonni hammuma gammachuuf of qopheessan gammadu."
— (Abraham Liinkan)
14. "Namoota biroodhaaf hin yaadnu yoo taane, wanta namaaf gochuufii dandeenyu yoo dhiifne burqaa gammachuu tokko Akka gogsine beekuu qabna."
— (Rey Liiman Wiilber)
15. "Gammachuu fi shittoon walfakkaatu. Utuu namootaaf biifanii ofiis urgeeffatu."
— (Maaliif Waaltoo Imarsan)
16. "Maallaqni:
√ Nyaata malee fedhii nyaataa hin bitu!
√ Qoricha malee fayyaa hin bitu!
√ Hordoftoota malee hiriyaa hin bitu!
√ Hojjettoota malee Amanamtoota hin bitu."
— (Heenriik Ibsan) | 233 |
| 19 | https://t.me/HUMNA_JABAA | 31 |
| 20 | Waa Sadii
✧Waa Sadii Ifa Waa
Sadii immoo dukkana
➪ Guyyaan ifa halkaan dukkana.
➪ Barumsi ifa wallalli dukkana.
➪ Bilisummaan ifa gabrummaan dukkana.
✤ Waa Sadii Qabaadhu!
➪ Amantummaa
➪ Dhugaa
➪ Qulqullumaa
✤ Addunyaan Waa Sadii Qabdii!
➪ Dhalachuu
➪ Barachuu
➪ Du'uu
✤ Waa Sadii Dabaladhu!
➪ Beekumsa
➪ Eebba manguddoo
➪ Jaalala
✤ Yaa Lubbuu Waa Sadiif Ta'ii!
➪ Dandeenyaan biyyaaf ta'ii
➪ Dadhabnaan lammiif ta'ii
➪ Dadhabnaan ofiif ta'ii
✤ Waa Sadii Hin Dagatiin!
➪ Kaayyoo kee
➪ Afaan kee
➪ Aadaa kee
✤ Waa Sadii Jaaladhu!
➪ Eebba
➪ Jaalala
➪ Gootummaa
✤ Ilmi Waa Sadii dha!
➪ Kan ofiif jiraatu
➪ Kan biyyaaf jiraatu
➪ Kan biyyaan jiraatudha.
✤ Jaarsummaan Waa Sadii!
➪ Obsuu
➪ Gorsuu
➪ Dhoksuudha.
✤ Waa Sadii Kabaji!
➪ Amantii kee
➪ Manguddoo
➪ Beellama.
✤ Waa Sadii Cimsi!
➪ Hiriyyummaa
➪ Jaalala
➪ Waadaa seente.
✤ Waa Sadii Hawwuun gaariidha!
➪ Fayyaa
➪ Gammachuu
➪ Hiriyaa gaarii
✤ Waa Sadii Namaa Xiqqeessa!
➪ Sobuu
➪ Hatuu
➪ Machaa'uu.
✤ Waa Sadii Itti fayyadamii!
➪ Yeroo
➪ Beekumsa
➪ Qarshii
Waa Sadii feeti!
➪ Foon lafee hin qabne ( Arraba gaarii)
➪ Itilee rifeensa hin qabne ( Fuula gaarii)
➪ Lafee foon hin qabne ( Ilkaan gaarii).
✤ Waa Sadii Jala Deemi!
➪ Hayyuu
➪ Dhugaa
➪ Barsiisaa.
🙏🙏 Horaa bulaa! | 234 |
