cookie

ما از کوکی‌ها برای بهبود تجربه مرور شما استفاده می‌کنیم. با کلیک کردن بر روی «پذیرش همه»، شما با استفاده از کوکی‌ها موافقت می‌کنید.

avatar

MURTI GUUTOO

Jireenya kee namoota biroo wajjin wal hin madaalin . Aduu fi Ji'a wal bira qabamee hin ilaalamuu Sababni isaa Yoo Yeroon Isaanii ga'u ni ifu!!!

نمایش بیشتر
فنلندة3 349زبان مشخص نشده استآموزش96 864
پست‌های تبلیغاتی
423
مشترکین
-124 ساعت
+27 روز
+1430 روز

در حال بارگیری داده...

معدل نمو المشتركين

در حال بارگیری داده...

Obbee -moollee Obbee- moolleen gosa sirbaa yeroo fuudhaa fi heerumaa sirbamu keessaa tokko tahee,kan dubartoonni ergaa garaa garaa ittiin dabarfataniidha. Keessaayyuu guyyaa gurbaa fuudhu dubartoonni warra hintala heerumtuu gurbaa hanqinna inni qabu qeequun ibsuuf kan itti gargaaramaniidha. fkn:-1)miidhaginna dhabuusaa ibsuuf "Obbee moollee obbiyyoo moollee Eega moollee heerumni hin oollee Abbaan baataa ilmi kanbaataa Afaan mooyyee cabde fakkaataa Tuqaa boollaa baye fakkaataa Itti hin baafnuu mucattii nyaataa" Obbee moolleen intala baayyee fokkistuu taate yoo tahu kan isheen heerumte heerumni hin hafuu jechaadhaaf yoo tahu gurbaan baayyee fokkisaa tahuu ibsuuf sirba kanaan ergaa dabarfatu. 2)Amalasaa ibsuuf Amala irraa hin eegamne yoo qabaates sirbanii akkasiin qeequ. "Eega moollee heerumni hin oollee Qorii Goonee hambisaa eeynee Ka soddaatiifuu hambisaa hin beeynee Bada qarbe gabataa xambe" Gurbaan kun nama safuu hin eegne,kan garaa jaalatu tahuu isaa bifa kanaan sirbuun waan garaa isaan hanqate dabarfatu.
نمایش همه...
👍 3
LJaalala kee hin quufu Utuu haalli kam dhufee Yoomuu sin irraanfadhu Balbala koo sitti cufee Jiraachuutu ulfaate Onnee koos adabee Obseen tahaa jedhees Sii obsuun dhadhabee., Sumaafan maraadhaa Halkan hirriba dhiisee Jaalalli kee natti cimee Baayyee na dhiphisee Utuu naaf danda'amee Si liqimsuufaan yaalaa Nadhiin gorora keetiis Nadhii dammaa caalaa Eessaan si argaree Atoo manaa hin baatuu Anoo jaalala keef jedhee Qaatan ta'ee maraatuu Adaraa nan dhamaasin Obseetin dadhabee Adaraa naan taasisiin Simbira baalleen cabe.. Walaloo dabalataa argachuuf Join👇 MURTI GUUTOO MURTI GUUTOO ☆☆☆☆☆☆☆       ═══════════
نمایش همه...
1ffaa. Bifa Fardeenii Bulloo:- diimaa gara daalachaa. Booqaa:- kan addarratti bifa adii qabu. Shaanqoo:- gurraacha. Booree:- daalacha ykn boora. Magaal:- bifa bosonuu ykn gurraacha gara daalachaa. Daamaa:- diimaa. 2ffaa. Hariiroon Fardaa fi Oromticha gidduu jiru:- Oromoon jiruu fi jireenya isaa keessatti, Farda akka beelladaa qofatti osoo hin taane, akka faayaa fi qabeenya mararree tokkotti ilaala. Yeroo lolaa fi Cidhaa akkasumas ayyaana adda addaa irratti fardatti dhimma baha. Geejibaaf illee Fardi qooda guddaa qaba. Gaafa gammachuu fi gaddaa, cidhaa fi goojee irratti dhimma itti baha, Oromoon. Walumaagalatti, Fardii fi Oromummaan adda bahanii hin ilaalaman. 3ffaan, Fardi farda irraa dhalata; Fardatu dhalcha. 4ffaan. Meeshaaleen yeroo lolaa Farda irratti qabatan, kanneen akka Eeboo fi Gaachanaati. Eeboon ittiin diina/ nyaapha waraanuuf yoo fayyadu, Gaachanni ittiin ofirraa qolachuuf fayyada. 5ffaan, Farda gara barbaadanii fi xiyyeeffannoo ykn to'annoo ofii jala oolchanii dhimma itti bahuuf luugamu. Farda sakaaluun kan barbaachiseef immoo, akka hin badneef, akka bakka hin taane, awwaara ykn biyyoo irra gangalatee akka hin xuroofnee fi akkasumas, #shape ykn dhaabbiin qaama isaa akka hin babbadneef! Maqaan uffata kooraa Fardaa immoo " Gilaasa " jedhama!
نمایش همه...
نمایش همه...
✍️ ajab :: baraa mitii bara yaraa Nama mitii nama dharaa Hayyus mitii doofaa yaraa harka miilas dugda garaa kan hin qabne akka mara Nutti ulfaate beekuf gara Dhugaa dhokse dhara goobse Murttiin isaa Soba coomse Mirga dhiise biratti gorse Ifa jaamse dukana goobanse Bona roobse gannacaams Dhugaa guuse dhara dorrobse Kana arginee yo dubbannu Nutti bookisa nutti rorisa Nu boochisa nu dorsisa Maqaa sobaa nutti uffisa Oduu ijoon nu labsisa Bara baraan nu boochisaa
نمایش همه...
Qoosaa gabaabduu Hattuu gurbaa tokkotu halkan qophaa isaa osoo deemaa jiruu hattoonni isa arganii  hordofuu eegalan Bakka dukkana gahanii gurbaa kana qaban. Qabanii waan inni qabu irraa humnaan harkaa fuuchuudhaaf wol qabatanii baayyee wol lolanii booda laaffisanii gurbaan of dadhabnaan yeroo hattoonni kun kiisii isaa seenan qarshii tokko qofaatu keessa jira😳 Sana booda hattoonni kun aaranii "qarshii takkoof jecha akkanatti if cinqitii akkasitti akka nuti si rukunnu of gootee?" Jedhanii gaafatan Gurbaan kunis akkas jedhee deebiseef "an qarshii kuma afurin kaalsii keessaa qaba diqqa isa najalaa fuutu jedheetani malee, An  goowwaadha moo kanin qarshii 1f jedhee akkanatti tumamu". Jedheen 😂😂😂😂😂😂😂😂 Sana booda qarshicha hunda jalaa fudhatan Qoosaa dabalataa argachuuf MURTI GUUTOO join and share
نمایش همه...
👍 1
#Iccitii Lakkoofsa ( 7 ) beektuu ❓👈 "Lakkofsi ulamaa'ii baay'ee ajaa'ibsiise lakkofsa 7 subhaanallaah" hanga guyyaa qiyaamaatti hiikkaa isaa beekuu hin dandeessu Ilaali mee ~Baayyyinni Samii 7 ~Baayyinni dachii 7 ~Torbanitti guyyaa 7 tu jira ~Balbalti jahannam 7 ~Naannawa kaabaa yeroo7 naannawama ~Safwaa walmarwaa jidduu 7 fiigama ~Ijoolleen akka salaatatatti ajajamtu amata 7 tti jedhan # Rasuulli{ﷺ } ~Suuratul fatihaan aayata 7 qaba Adduunyaa tanarra bahaara 7 'tu jira ~Hajjiitti jamratul aqabaaatti dhakaa 7darbatama ~Hogguu iidaa takbiiraa 7tu godhama ~Addunyaa kanarra ardii 7 tu jira ~Guyyaa qiyaamaa nama gosa 7 tu gaaddisa jalatti dheessa Jechi kalimaa laa ilaaha illallaah Muhammad rasuulullah 7 adadi hulaa jannataa 7 suuraa yuusuf keessattis maaliif arge mootichi sa'a 7 gabbataa sa'a 7 lallaafaa nyaatu ammas garbuu 7 magarroo fi garbuu 7 gogaa waa heddutu jira ajaa'iba lakkofsa 7 irraa allahu akber Isaannan rabbiin isaaniif gaaddiseessu gaaddisa isaatiin guyyaa qiyaamaa 7 Mee barreessi maqaa #Allah marraa 7 hafuuraa ni baafattaa cinqii hundarraa guyyaa kana keessatti sheyxaanni barreessuu sin dhoowwin ati nama isa boochisu tahi barreessuudhaan #Sher osoo gootanii Rabbiin milkii ufii isiniif haa fedhu dhumarati salawaata busaa {ﷺ }
نمایش همه...
Namichaatu bofa ibidda keessatti gubachaa jiru argee ibidda keessaa baasee lubbuu isaa baraaruuf murteesse.Garuu,akkuma inni ibidda keessaa ol baaseen, boftichi namtichi hidduun dhukkubbi cimaadhaaf isa saaxile.Yeroo kana,namtichi boficha gad dhiifnaan bofichi kallattumaan ibiddicha keessatti deebi'ee kufe.Namtichi naannawa isaa ilaalee,sibiila wayii argate,isa fayyadamuun boficha ibidda keessaa baasee lubbuu isaa baraare.Yeroo kana namni wayii dhaabbatee isa laalaa ture.Namtichi isa ilaalaa ture isatti dhihaatee,"Bofichi si hiddee ture,tahus lubbuu isaa baraaruuf yaalaa jirta.maaliifi garuu?"jedheen.Yeroo kana namtichi,"Nama hidduun amala bofaati.Nama gargaaruun amala kooti.Boftichi na hidduun isaa amala koo jijjiiruu hin danda'u"jechuun deebiseef. "Sababa namni akka malee si miidheef amala gaarii qabdu hin geeddarin!" Do not lose your good heart,but learn to take precautions.
نمایش همه...
👍 1
Guraandhala 29/2016 ;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;; ARTIKILII ;;;;;;;;;;;;;;;;;;;; JOOBIRRI MAALI ? ;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;; Joobirri allaattiiwwan jiran keessaa gooftaa qilleensa irraa jedhamee waamama. """""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""" Allaattiiwwan jiran hundumaa keessaa kan akka joobiraa fageessee waa argu hin jiru.  Dhalli namaa hundumtuu akka joobiraa fageessee waa arguu qaba. """""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""" Akka qorattootni baay'een jedhanitti joobirri maayilii 50 irratti fageessee arga jedhu.  Namni hunduu akka joobiraatti fageessee waa arguudhaaf wantoota xixiqqoo naannoo isaa ilaaluu dhiisee fageessee yaaduu qaba. """"""""""""""""""""""""""""""""""""""""""''""""""""""""""""""" Joobirri humna haareffata.  Namni fiigichaa galma qabu fiigu tokko yoomillee humna haareffataa fiigu qaba. Haala nama qunnamu irraa kan ka'e namni gidduutti ni dadhaba. Yeroo dadhabu garuu abdii kutachuu osoo hin taane humna haareffachuu isaati. """""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""" Joobirri yeroo umuriin isaa naannoo waggaa 30 ga'u humna isaa deebisee haareffata. Yeroo humna haareffatu guyyaa 150f / Ji'a Shaniif kattaatti galee taa'a. """'''''''''''''''''''"""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""" Kattaa keessatti koochoo isaa isa duraanii fi qeensa isaa of irraa baasee qaama isaa warra kaanis haareffachuun kochoo haaraa ittiin balali'u biqilfatee kattaa keessaa ba'a. """""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""" Joobirri fayyaa ajjeesee nyaata malee raqa maqaa Joobirummaa isaa xureessu gonkumaa hin nyaatu.  Joobirri dandeettii addaa waan qabuuf biyya tokko irraa gara biyya tokkootti osoo hin boqotiin balili'ee ce'a. """"""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""" Akka Joobiraatti nutis dhaloota keenya waan gaarii barsiisuu qabna. """"""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""
نمایش همه...
#Kunis_nidarba! ------------------- Namicha #hiyyeessa tokkotu baay'ee rakkachuu irraan kan ka'e #gasoodhaan lafa qotee midhaan facaafata. #Imaltoonni wayii itti dhufanii "Maali namichoo akkamitti akkasitti dadhabdee lafa kana #gasoodhan qottee facaafta, sitti hin ulfaatuu?" jedhaniin. Namichis "#kunis_nidarba" jedheen. Kana caalaa deebii biraa itti hindeebifne. Imaltootni sunis deebii namichaa ajaa'ibsiifatanii bira kutanii imala isaanii itti fufan. Waggaa muraasa booda #namichi lafa gasoon qotaa ture sun sooromee #qabeenya horatee #jireenya gaarii jiraachuu jalqabe. Guyyaa biraa tokko #imaltonni sun ammas osoo karaa deemanii aduun itti dhiinan mana namicha wayii nu bulchaa jedhanii #kadhatanii buluuf ol galan. Taa'anii buna #dhugaa haasawanii yoo wal qoratan namichi abbaa qabeenyaa mana isaa buufatan kun isa waggoota muraasa dura #hiyyeessa gasoodhaan lafa qotu sana ture. Jarri sunis akkamitti haala kanaan jijjiramee sooromuun isaa baay'ee isaan dinqisiisee, akkamitti akkasitti sooromte jedhanii yoo isa gaafatan "Kunis hindarba" ittiin jedhe namichi sooressichi sun. Isaanis achi bulanii #daandii imala ofii itti fufan. Yeroo dheeraa booda imaltoonni sun daandii sanarra deebi'anii otoo galuuf jiranii #Siidaa (Awwaala) nama tokkoo arganii itti goranii yoo maqaa ilaalan namicha #sooressa mana isaa bulaniidha. #Maqaa isaa jalatti jecha "#KUNIS_NIDARBA" jedhutu barreeffamee jira. lmaltoonni sun jecha kana gaafa argan isa inni gaafa gasoodhan lafa qotuu san yaadatanii baay'ee ajaa'bsifatanii du'uu isaatti immoo gaddanii "ayii!" jechaa imala isaanii itti fufan. Ammas yeroo murtaa'en booda imaltootni sun yoo daandii sanarra dhufan #Siidaan sun kaafamee daandii asphaaltii ta'ee jira. Ammas taateen sunis darbuu hubatan. ------------------------------- #Maal_jechuuf.  Wanti hindarbine akka hinjirre seenaa namicha kanarraa nihubatna. Kanaaf #imalli hundumtuu nidarba. Rakkinis ta’e quufni; beekumsis ta’e wallaallummaan; argachuus ta’e dhabuun; hiyyumnis ta’e sooromni, tuffachuus ta’e tuffatamuun nidarba. Wanti hunduu yeroo muraasa booda nidarba. Beekumsi, qabeenyi, guddinni, aangoo, maqaa, bifti, humnifi olaantummaa dhaabbataan dhala namaaf kenname hinjiru. Inni waan hundaan guutuufi dhaabbatee hafuu #Waaqayyo qofa. Yeroo siif laatametti gaarii yaadi; wanta gaariis godhii darbi. Booda carraan kun akka dhibu beeki. #Namni haalli hunduu bitaafi dukkana sitti fakkaatu immoo #abdii hinkutin. Akkuma argachuun darbu dhabuunis nidarba. Har’a jechuun boru miti.  Dhukkubnis ta'e qorumsi har'aas nidarba. #Obsa yoo qabaatteefi gara Waaqayyoo yoo ilaalte Waaqayyo #biiftuu haaraa siif baasa. Yaa firakoo koo inni ati amma keessa jirtu rakkina osoo hintaane daandii #jireenyaa dirqama ati keessa darbuu qabduudha. Inni bo’e akka boo’etti, inni kolfes akka kolfeetti hinhafu. Sababni isaas haalli amma keessa jirtu #KUNIS_NIDARBA. Kanaaf deemsa kee hin dhaabin fuulduratti Via Lalisa Fekadu fuula barruu
نمایش همه...
یک طرح متفاوت انتخاب کنید

طرح فعلی شما تنها برای 5 کانال تجزیه و تحلیل را مجاز می کند. برای بیشتر، لطفا یک طرح دیگر انتخاب کنید.