en
Feedback
Olii Xaafaa

Olii Xaafaa

Open in Telegram

Loltoota warra homaafuu hin jilbeeffanneen guddisa! https://www.facebook.com/share/p/1HbLYaHBsq/

Show more
829
Subscribers
-224 hours
-127 days
-1830 days
Posts Archive
Deemsi milkaa'inaaf deemamu, akka galaana guddaa qurxummiiwwan nama nyaatan hedduun guutameettti gad of darbachuuti. Akka dukkana bineensota nama nyaatan hedduu of keessaa qabu keessas fedhanii adeemuti. Akka dukkana ta'es beekanii, akka hammeenyi jirus hubatanii, 'guyyoonni gaariin, guyyoota gadhee hedduu booda dhufu' jedhanii adeemuuti.

Barnoonni Afaan Ingiliffaa keenya haala gaariin itti fufeera. Ammallee barattoota fudhachaa jirra.
Barnoonni Afaan Ingiliffaa keenya haala gaariin itti fufeera. Ammallee barattoota fudhachaa jirra.

Barnoonni Afaan Ingiliffaa keenya har'a, Adoolessa 3, Magaala Ambootti jalqabeera. English Mastery House 🏠 Ni dhufta, dandee
Barnoonni Afaan Ingiliffaa keenya har'a, Adoolessa 3, Magaala Ambootti jalqabeera. English Mastery House 🏠 Ni dhufta, dandeettii Afaan Ingiliffaa akkaan cimsatta! Magaala Ambootti!

Dhaloonni barachuu qaba. Garuu, sirni barumsaa keenya ammaa akkaan dadhabaa fi duubatti hafaadha.
Dhaloonni barachuu qaba. Garuu, sirni barumsaa keenya ammaa akkaan dadhabaa fi duubatti hafaadha.

Iddoo itti dandeettii Ingiliffaa kee guddifattu! https://t.me/EMHousy

Galmeen itti fufeera. Barnoota bifa bareedaa ta'een, Adoolessa 1/2018 eegalla. Galmaa'aa, hiriyyoota keessan biraan gahaa! Ga
Galmeen itti fufeera. Barnoota bifa bareedaa ta'een, Adoolessa 1/2018 eegalla. Galmaa'aa, hiriyyoota keessan biraan gahaa! Galmeen itti fufeera! Spoken English! Ingiliffaa waggaa lamatti baratamu, ji'a lama keessatti karaan isaa hubatamu, maaliif osoo homaa hin bariin, waggaa 12 baratta beektaa? Achittan sitti hima. Na dubbisi. O931693189 Magaala Ambootti!

"Legends never die. Cowards do" " Haachaaluu Hundeessaa ( Hacee) is my legend, my hero. The man whose bravery and heroism con
+2
"Legends never die. Cowards do" " Haachaaluu Hundeessaa ( Hacee) is my legend, my hero. The man whose bravery and heroism convinced me astonishingly. We will never, ever forget your legacy."

Barnoota Afaan Ingiliffaa, Magaalaa Ambootti!
Barnoota Afaan Ingiliffaa, Magaalaa Ambootti!

Yaadota koo karaa TikTokii https://vt.tiktok.com/ZSQKEeyPE/

Lolli kee hamma dadhabdutti osoo hin taane, hamma mootuutti ta'uu qaba. Mo'uuf erga eegaltee osoo hin mo'iin hin xumuriin.

Ijoolleen kee gootota akka ta'a, yoo barbaadde dursii abbaa goota ta'i. Abbaa dabeessarraa gootonni hin dhalatanihoo!

Sirni Barnootaa Itiyoophiyaa irra deebi'amee bocamuu kan qabu amma. Kana booda ijoolleen waggaa 18 osoo hin taane, waggaa 8 qofa Mana Barumsaa keessa turuu qabdi. Isayyuu waan hiika qabu yoo barsiisan.

Namoonni kun milkaa'inaaf ni kadhatu, naamusa jireenyammoo in tuffatu! Kadhachuu akka karaa gabaabaa milkaa'inatti geessuutti itti fayyadamuu barbaadu. Dhibaa'ummaa hafuura isaanii keessa jirummoo Waaqayyo ni ciggaa'a!

Karaa, inni iddoo ati barbaaddutti geessu sun dadhabsiisaa, obsa fixachiisaa fi nuffisiisaadha. Ati isarra deemuuf qophaa'aa ta'i malee akka warra kaanii "guyyoonni gaariikoo akkasumatti dhufu" jettee hin abdatiin.

Namni waa'ee ofiishee dhiphachuurra, waa'ee Arsenaalii fi Manchester dhiphattu garba! Namni waa'ee kubbaa miillaa warra Awurooppaa dhiphattu, doktoora, aartistii, injineera, nama biyya bulchuyyuu yoo taate isheen garba wallaalummaati. Dhaloota baratte garuu immoo garbummaa sammuurraa bilisa ofii baasuu hin dandeenye qabna. Yeroo isheen asii waa'ee kubbaa isaaniif karaa cuftu, isaan immoo Afrikaan nutti seeenuu hin qabdu jedhanii loltoota kumaatamaan bobbaasanii daangaa cufu. Dhaloota garba, dhaloota sammuun ishee dhaqna hin qabamne qabna.

Yeroo namoonni sababii wallaalummaa keen si tuffatan kan hin aarre, yeroo namoonni sababii hiyyuma keen si tuffatan, kan hin mufanneef, nama obsaa qabu waan taateef miti, hafuurri dhiirummaa kee waan du'eef. Hiyyumni kee si hin aarsu taanaan, wallaalummaan kee si hin aarsu taanaan, namota biratti gatii dhabuun kee si mufachiisu taanaan, intalli ati ija jaalalaan ilaaltu sun  kan dhiira biraa ta'uun si hin aarsu yoo ta'e, maaltu si aarsee anniisaa ittiin jireenya kee jijjiirtu siif kenna!? Dhiirri bu'uurarraa yoo hin aarre, aarii isammoo kallattii madda anniisaa isaaf ta'utti qajeelchuu yoo hin dandeenye matumaa jijjiiramuu hin danda'u. Aaruu danda'i! Aariin kee garuu akka aarii gowwootaa namootarratti kan xiyyeeffatu osoo hin taane, jireenya kee jireenya namoonni fageenyarraa kabajan taasisuu irratti kan xiyyeeffatu haa ta'u. Yeroo namoonni si tuffatan, tuffii isaanii dagachuurra, tuffii isaanii anniisaa fi sababatti jijjiiruun ittiin jireenyakee tarkaanfachiisuu irratti xiyyeeffadhu!

Obsuun namoota baay'eef bor in darba jedhanii harka maratanii taa'uudha. Guyyoota keessaa guyyaan tokko, ji'oota keessaa ji'in tokko, baroota keessaa barri tokko faara natti tolee fiixee gaarummaatti ol baha jedhanii abdachuudha. Obsuun bor in darba jettee nyaata sitti hin tolle gammadaa nyaachuu miti. Bor nyaata kana jijjiiruun qaba jettee hojjechaa nyaachuudha.