uk
Feedback
Olii Xaafaa

Olii Xaafaa

Відкрити в Telegram

Loltoota warra homaafuu hin jilbeeffanneen guddisa! https://www.facebook.com/share/p/1HbLYaHBsq/

Показати більше
855
Підписники
-124 години
-47 днів
-1830 день
Архів дописів
Sirni Barnootaa Itiyoophiyaa irra deebi'amee bocamuu kan qabu amma. Kana booda ijoolleen waggaa 18 osoo hin taane, waggaa 8 qofa Mana Barumsaa keessa turuu qabdi. Isayyuu waan hiika qabu yoo barsiisan.

Namoonni kun milkaa'inaaf ni kadhatu, naamusa jireenyammoo in tuffatu! Kadhachuu akka karaa gabaabaa milkaa'inatti geessuutti itti fayyadamuu barbaadu. Dhibaa'ummaa hafuura isaanii keessa jirummoo Waaqayyo ni ciggaa'a!

Karaa, inni iddoo ati barbaaddutti geessu sun dadhabsiisaa, obsa fixachiisaa fi nuffisiisaadha. Ati isarra deemuuf qophaa'aa ta'i malee akka warra kaanii "guyyoonni gaariikoo akkasumatti dhufu" jettee hin abdatiin.

Namni waa'ee ofiishee dhiphachuurra, waa'ee Arsenaalii fi Manchester dhiphattu garba! Namni waa'ee kubbaa miillaa warra Awurooppaa dhiphattu, doktoora, aartistii, injineera, nama biyya bulchuyyuu yoo taate isheen garba wallaalummaati. Dhaloota baratte garuu immoo garbummaa sammuurraa bilisa ofii baasuu hin dandeenye qabna. Yeroo isheen asii waa'ee kubbaa isaaniif karaa cuftu, isaan immoo Afrikaan nutti seeenuu hin qabdu jedhanii loltoota kumaatamaan bobbaasanii daangaa cufu. Dhaloota garba, dhaloota sammuun ishee dhaqna hin qabamne qabna.

Yeroo namoonni sababii wallaalummaa keen si tuffatan kan hin aarre, yeroo namoonni sababii hiyyuma keen si tuffatan, kan hin mufanneef, nama obsaa qabu waan taateef miti, hafuurri dhiirummaa kee waan du'eef. Hiyyumni kee si hin aarsu taanaan, wallaalummaan kee si hin aarsu taanaan, namota biratti gatii dhabuun kee si mufachiisu taanaan, intalli ati ija jaalalaan ilaaltu sun  kan dhiira biraa ta'uun si hin aarsu yoo ta'e, maaltu si aarsee anniisaa ittiin jireenya kee jijjiirtu siif kenna!? Dhiirri bu'uurarraa yoo hin aarre, aarii isammoo kallattii madda anniisaa isaaf ta'utti qajeelchuu yoo hin dandeenye matumaa jijjiiramuu hin danda'u. Aaruu danda'i! Aariin kee garuu akka aarii gowwootaa namootarratti kan xiyyeeffatu osoo hin taane, jireenya kee jireenya namoonni fageenyarraa kabajan taasisuu irratti kan xiyyeeffatu haa ta'u. Yeroo namoonni si tuffatan, tuffii isaanii dagachuurra, tuffii isaanii anniisaa fi sababatti jijjiiruun ittiin jireenyakee tarkaanfachiisuu irratti xiyyeeffadhu!

Obsuun namoota baay'eef bor in darba jedhanii harka maratanii taa'uudha. Guyyoota keessaa guyyaan tokko, ji'oota keessaa ji'in tokko, baroota keessaa barri tokko faara natti tolee fiixee gaarummaatti ol baha jedhanii abdachuudha. Obsuun bor in darba jettee nyaata sitti hin tolle gammadaa nyaachuu miti. Bor nyaata kana jijjiiruun qaba jettee hojjechaa nyaachuudha.

Daandii naman ta'uu qabutti na geessurra yoon deeme waa lamatu na mudata. Daandicha injifannoon xumuruu yookiis akka gootaatti daandicha irratti du'uudha. Daandiin kanaa alatti jiru kamuu daandii dhibaa'ummaa fi dabummaati!

"Milkaa'inni guyyuma tokko olkaatee, waan guddaa hojjechuudhaan osoo hin taane, guyyuma hunda olkaatee waan  hojjechuu qabdu hojjechuun dhufa"~ Olii Xaafaa

Daandiidhuma namoonni dhibaa'oo sun irra deemaniirra deemaa, waanuma isaan hojjetan hojjechaa, akkuma isaan yaadanitti yaadaa, akkuma isaan dubbatanitti dubbachaa, akkuma isaanii TikTokirraa TikTokiitti utaalan utaalaa, fuulduree kan isaaniirraa adda ta'e qabaachuuf hawwita taanaan, ijoollummaa hafuuraa qabda. Daandiin dhibaa'oon irra gulufan galma tokko qofa qaba.

"Hiyyeessa taatee hiyyummaa keetti hin aartu yoo ta'e, hiyyeessa taatee itti fufta. Namoota biratti gatii dhabde, isatti hin aartu yoo ta'e, gatii dhabdee itti fufta. Wallaalummaa keen namoonni si ceepha'anii isatti hin aartu yoo ta'e, wallaalaa taatee itti fufta"~ Olii Xaafaa

Lolli kee hamma abdii kuttutti osoo hin taane, hamma mo'otutti ta'uu qaba. Mo'uuf miti taanaan, bu'uurumarraayyuu hin jalqabiin. Warri abdii kutan hin mo'an, warri mo'an abdii hin kutan.

Waan namoonni baay'een godhan gochuun dhibaa'ummaarraa dhufa. Filannoo namoonni hedduun filatan filachuun wallaalummaadha. Waan namoonni hedduun hojjetan hojjechuun hiika dhabeessa. Daandii namoonni hedduun irra fiigan bowwootti geessa. Ati isa isaan godhan hin godhiin! Yeroo isaanii gara bitaatti adeeman gara mirgaatti adeemi! Yeroo isaan amanan shakki! Yeroo isaan shakkan amani! Yeroo isaan dubbatan callisi! Yeroo isaan callisan dubbadhu! Yeroo isaan fiigan, suuta adeemi! Yeroo isaan suuta adeeman, fiigi! Yeroo isaan tapha goota taphachuu barbaadan, sodaan akka sitti dhaga'amu eeyyami! Yeroo isaan sodaatan, gootummaan itti adeemi! Namoonni hedduun dhibaa'ota, isa isaan godhan gochuun dhibaa'ummaadha!

Deemsi milkaa'inaaf deemamu, akka galaana guddaa qurxummiiwwan nama nyaatan hedduun guutameettti gad of darbachuuti. Akka dukkana bineensota nama nyaatan hedduu of keessaa qabu keessas fedhanii adeemuti. Akka dukkana ta'es beekanii, akka hammeenyi jirus hubatanii, 'guyyoonni gaariin, guyyoota gadhee hedduu booda dhufu' jedhanii adeemuuti.

Namni Kubbaa Miillaa warra Awurooppaaf harka rukutaa ooltu, " Garba Ammayyaati" Ani ijoollee Kubbaa Miillaa warra Awurooppaaf harka rukuttu hin dhalchu, yoo dhalche immoo dhalchuu kootti nan gaabba. Ijoollee koo keessaa akka isa tokkootti akka hin lakkaa'amnes nan taasisa!

Milkaa'inni meeshaa guddaa ati ittiin diinota kee fi warra sitti hin amanne adabdudha. Kanaaf, mo'uun dirqama!

Dhibaa'ummaan hojjechuu dhiisuu qofa osoo hin taane, waan hiika hin qabne, waan fuuldureekee hin ijaarre hojjechuudhas.

Amalli kee hin jijjiramu taanaan, fuuldureen kee dursee murtaa'eera. Boriin kee bu'aa gocha kee har'aati. Fuuldureen ati aarsaa hin kanfaleef, gatii hin baasneef qabaattu hin jiru. Abjuuu akkasii keessaa bahi.

Bor guyyaa Kibxataa akka sa'aa biyya keenyaatti sa'aa 10:00 -12 :00 karaa "Facebook Live" dhimmoota armaan gadiifi biroo irratti kallattiin haasofna. Gaaffilee, yaada qabdan qopheeffadhaa. Bor wal haa agarru! Wantoota irratti haasofnu: 1. Dhiphina 2. Kophummaa 3. Yaaddoo akkasumaanii 4. Kallattii Wallaaluu 5. Araada ( gosa kamiyyuu) 6. Naamusa Dhabuu 7. Waa Jalqabdee itti fufuu dadhabuu 8. Eenyummaa keetti quufuu dhabuu 9. Miiraan dadhabuu 10. Sodaa kufaatii 11. Barfachuu, duubatti harkifachuu 12. Of tuffachuu 13. Hiriyyoota amanamoo dhabuu 14. Hariiroo ( gosa kamiyyuu) 15. Nama fakkeenya siif ta'uu dhabuu Wantoota armaan olii kanarratti haasofna. https://www.facebook.com/share/p/17hb6KAe2K/