Olii Xaafaa, Oli the Great
前往频道在 Telegram
Loltoota warra homaafuu hin jilbeeffanneen guddisa! https://www.facebook.com/share/p/1HbLYaHBsq/
显示更多755
订阅者
无数据24 小时
-27 天
-1030 天
帖子存档
"Jireenya keessatti Mo'amuu" amanee fudhachuurra wanti lubbuu koo dhiphisu hin jiru.
20 11月, 06:23
You can join our Telegram channel via this link:
@EnMHouse
16 11月, 14:40
Eenyuyyuu "Sooressoonni namoota hamoo, hiyyeessonni immoo garraamoota, warra Waaqayyo faara tolaan ilaalu" godhee akka si hin amansiisne of eeggadhu.
12 11月, 06:00
Lolli kee hamma dadhabdutti osoo hin taane, hamma mootutti ta'uu qaba.
08 11月, 08:13
Abdii kutachuun filannoo salphaa dabeessonni filataniidha. Abdii kutachuun waan dhiphataniif osoo hin taane dhiphachuu waan hin barbaanneef, filannoo dhibaa'oon filatanidha.
Hafuura baafachaa jirta taanaan abdii hin kutiin. Garuu immoo waa gochuuf yaaluu hin dagatiin.
03 11月, 07:15
English Mastery House 🏠
Barnoonni Afaan Ingiliffaa " English Mastery House" jalqabeera. Mana Barumsaa Qophaa'ina Amboo keessatti.
Afaan Ingiliffaa, akka Afaan Dhalootaa keetti dubbachuu barbaannan, English Mastery House" kaayyoo kee kana bira akka geessuuf si tumsa. Si barsiisa!
28 10月, 09:48
"Dhaloota beekumsa tuffatu, oomishuun haa dhaabbatu!"
Sirni barnootaa keenya foyya'uu, cimuu fi yeroo kan giddu galeeffatee ta'uu qaba. Kun akka ta'uuf dhiibbaa gochuun gaariidha. Kanarra, ijoolleen afaan dhaloota ishee sirnaan qubeessuu hin dandeenye barnoonni gatii akka hin qabnetti yaaduun dogoggora. Dargaggoonni keenya hedduun bizinesii hojjetanii miliyeenaroota ta'uu barbaadu akkasittis amanu. Kun ta'uuf, garuu ulaagaawwan lama yoo xiqqaatan guutamuu qabu:
1. Sirni dinagdee fi dhaabbileen miliyeenaroota sana baachuu danda'an ijaaramuu fi jiraachuu qabu. Namoonni beekumsa barbaachisu qabaatanii, cimaniidhumayyuu hojjetanii sirnii fi dhaabbilee kanaaf haala mijeessan hin jiran taanaan ni daanga'u.
Hub: Sirnii fi dhaabbilee kun immoo namoota baratan, warra beekumsa qaban, warra naamusa qabaniin ijaarama. Jarri ofii sooressoota ta'uu dhiisuu danda'u. Garuu, sirna kana beekumsaa fi qabeenya biyya isaanii qindeessuun ijaaru. Kanaaf, fakkeenyi Addunyaa Dhihaati. Addunyaa Dhihaa hedduu keessatti sirnii fi dhaabbilee akkasii waggootaaf aarsaan itti kanfalamee ijaaramaniiru. Sirni lammileen isaanii cimanii, beekumsaan hojjennaan keessatti badhaadhan namoota baratan kanaan ijaarameera. Kanaaf, achitti dargaggoonni barumsaa idilee irraa qollifatanii hojjechuu filachuun sababa qabeessa. Amma fakkeenyaaf, magaala ani jiraadhu keessatti namoonni 50' waggoota shanan dhufan kana keessa qabeenya hedduu, miliyeenotaan lakkaa'amu horachuu danda'uu?" osoon jedhee hin danda'an. Sababni, sirnii fi dhaabbileen kana baachuu danda'an hin jiran. Galii namoonni magaalitti argatan dabalatee, haalonni dinagdee biroo kana eeyyamu hin jiru.
Hub: Sirni kun ammas dhaloota beekumsa gonfateen hin ijaaramu taanaan, hundi kee mana buskuttii fi mana suuqii bantee keessa dhaabbachaa oolta malee akka ati yaaddu sana waanuma bizinesii hojjetteef qabeenyi kuufamu hin jiru.
Haala akkasii kana hunda cabsanii qabeenya kan horatan namoota muraasa qofa ta'u. Isaanuu waggoota hedduuf itti fufinsaa fi tarsiimoo qara ta'een kan hojjetan, beekumsaa fi naamusa haalota kanarra isaan aansu warra qaban. Jarri kun magaala tokko keessa nama tokko ykn lamatu jira. Yookiin immoo hin jiranis ta'a.
Kanaaf, gabaabaatti ijoolleen kee umurii ijoollummaa isheetti akka barattu, akka xiinxaltu godhi malee bizinesii hojjetta jettee gurra hin cobsiin. Booda isaanuu beekumsaa fi fedha isaaniin waan hojjetan filachuu danda'u. Yoo ofiikee barsiisuu dandeesse manattu barsiifadhu. Kanarra, inumaayyuu daree barnootaa ishee keessaa 1ffaa bahuu akka qabdutti gorsi. Garuu, nama cimaa ta'uurratti malee barataa cimaa ta'uu qofarratti akka daanga'an hin godhiin.
2. Addunyaa ammyyaa fi miidiyaa hawaasaa kana keessatti sirnaa fi dhaabbilee magaala keen yookiin immoo biyya keessa jiraattuun osoo hin daanga'iin qabeenya horachuu yoo barbaadde immoo, sadarkaa addunyaatti nama waa gurguruu danda'u ta'uu qabda. Kun beekumsa qofa osoo hin taane, kuufama dandeettii hedduu kan barbaadudha. Inni kun immoo caalaatti naamusa fi tarsiimoo ol'aanaa kan barbaadudha. Kunis, namoota hedduuf abjuu bira hin gahamnedha.
Kanaaf, ergaa koo yoon xumuru. Sirni barumsaa keenya dadhaabaadha. Jijjiiramuu qaba. Sirni barnootaa dadhabaa ta'uun dhaloota balaaf saaxileera jechuun garuu barnoonni, beekumsi hin barbaachisu jechuu miti. Rakkoon Afrikaa inni bu'uuraa, Afrikaan gootota, gootummaa isaanii immoo beekumsaa fi tarsiimoon deeggaran dhabuu isheeti.
Akka amma beekumsa tuffannu kanatti beekumsa tuffachuu itti fufnaan, dhiironni keenya mana qumaaraa fi puuliitti galuu ta'a. Dubartoonni keenya immoo hamma biyyoonni Arabaa rohobootii hojii isaanii hedduu isaaniif hojjetan tolfatanitti achitti godaanu jechuudha.
Kun immoo boodatti rakkoo isa ammaa caalaa walxaa fi paartiin siyaasaa ati jaallattu sun furuu hin dandeenye dhala.
"Dhaloota beekumsa tuffatu, oomishuun haa dhaabbatu!"
Hub: Barreeffamni armaan olii gaaffii walfakkaataa namoota 15'f dhihaate irraa cuunfamee kan barreeffamedha. Namoonni kun namoota akkuma tasaa bakkee addaa addaatti gaafatamanidha.
25 10月, 08:00
Sabni dhiironni isaa naamusa jireenyaan, dandeettiin, cimina hafuuraan, beekumsaan hin hidhanne yoomuu ni caba. Dhaadannoon wanti dhufu hin jiru. Osuma dhaadattu diinni lafee kee caccabsa malee homaa hin jijjiirtu. Dhiirota jajjaboo, warra lolanii mo'an uumuun akka sabaattis cimnee itti fufuuf gargaara.
22 10月, 09:09
https://t.me/EnMHouse
"English Mastery House" join gochuun itti dabalamaa! Dandeettii Afaan Ingiliffaa keessan cimsaa!
21 10月, 09:07
Yeroo namoonni sababii wallaalummaa keen si tuffatan kan hin aarre, yeroo namoonni sababii hiyyuma keen si tuffatan, kan hin mufanneef, nama obsaa qabu waan taateef miti, hafuurri dhiirummaa kee waan du'eef. Hiyyumni kee si hin aarsu taanaan, wallaalummaan kee si hin aarsu taanaan, namota biratti gatii dhabuun kee si mufachiisu taanaan, intalli ati ija jaalalaan ilaaltu sun kan dhiira biraa ta'uun si hin aarsu yoo ta'e, maaltu si aarsee anniisaa ittiin jireenya kee jijjiirtu siif kenna!? Dhiirri bu'uurarraa yoo hin aarre, aarii isammoo kallattii madda anniisaa isaaf ta'utti qajeelchuu yoo hin dandeenye matumaa jijjiiramuu hin danda'u. Aaruu danda'i! Aariin kee garuu akka aarii gowwootaa namootarratti kan xiyyeeffatu osoo hin taane, jireenya kee jireenya namoonni fageenyarraa kabajan taasisuu irratti kan xiyyeeffatu haa ta'u. Yeroo namoonni si tuffatan, tuffii isaanii dagachuurra, tuffii isaanii anniisaa fi sababatti jijjiiruun ittiin jireenyakee tarkaanfachiisuu irratti xiyyeeffadhu!
20 10月, 07:47
"Yaad-rimeen dhiirota ciccimoo malee, maatii cimaa uumuu, maatiiwwan ciccimoo malee, garee hawaasaa ciccimoo uumuu, garee hawaasaa ciccimoo malee, biyya cimtuu ijaaruu" jedhu yaad-rimee hiika dhabeessaa fi dhugaa hin taanedha. Biyyi cimtuun garee dhiirotaa ciccimoo fi gootota ta'aniin ijaaramti. Biyyi dadhabduu fi humna dhabeettiin, bu'aa dhiirota dadhaboo fi dhibaa'oti.
19 10月, 02:47
Miira dhiphina dandamatu, sammuu dhiibbaa jalatti hojjetu gabbifachuu hin dandeenye taanaan jireenya keessatti mo'uuf ni rakkatta.
17 10月, 02:56
Bizinesa jalqabuuf jedhee, Waajjirri Daldalaa Oromiyaa ''Handaara Galaanaa si barbaachisa." waan naan jedhaniifuu, Asab yeroo dhihootti nuuf deebi'uu qaba 😃
10 10月, 01:54
Dhabuutti beekuun gaariidha. Dhabuutti of madaksuun garuu gaarii miti.
Hiyyumatti beekuun gaariidha. Hiyyumatti of madaksuun garuu gaarii miti.
Tuffatamanii arguun gaariidha. Tuffatamuutti of madaksuun, akka homaayyuu hin taanetti amananii fudhachuun garuu gaarii miti.
Hafuurri kee isaan kana akka cabsu malee akka homaayyuu hin taanetti amanee akka fudhatu hin eeyyamiin.
07 10月, 07:28
Hamma kufaatii sodaattu, hamma tuffatamuu sodaattu, hamma yeroo ta'e tokkoof beela'uu, dheebochuu, namootaan hubatamuu dhabuu sodaattu osoo "gaabbii fuuldura kee jiru" sodaatta ta'e, sila jireenyi kee ni jijjiirama ture.
Dhiirri dhugaan kufaatii, tuffatamuu sodaata osoo hin taane, gaabbii sodaata.
Bor gaabbuurra isaan jireenya keessatti argachuu barbaaduuf lolee bor du'uun filadha!
Goota isa barbaaduuf lolu ta'i malee dabeettii guyyoota gara booddeetti gaabbitu hin ta'iin!
05 10月, 07:13
Baga Ayyaana Irrreechaa bara 2019 nagaan geessan.
Irreechi kun Oromiyaa fi Itiyoophiyaaf injifannoo fidee haa dhufu.
Itti fufnee akkasuma akka kabanyuuf, Irreecha injifannoo haa ta'u.
02 10月, 06:30
English Mastery House" sagantaa isaa boonaaf galmee eegaleera.
Ambootti argamna!
Online barachuu warri barbaaddanis galmaa'uu dandeessu.
Odeeffannoo dabalataa fi galmeef: 0931693189
01 10月, 03:59
