ru
Feedback
Olii Xaafaa, Oli the Great

Olii Xaafaa, Oli the Great

Открыть в Telegram

Loltoota warra homaafuu hin jilbeeffanneen guddisa! https://www.facebook.com/share/p/1HbLYaHBsq/

Больше
800
Подписчики
Нет данных24 часа
-87 дней
-2530 день
Архив постов
Dargaggoonni Oromoo hojiis hin qaban, yeroos hin qaban. Osuma hojiin wal guuree dhufeeyyuu immoo dandeettii fi naamusa ittiin hojjetanis hin qaban. Rakkoo hamaa fi walxaxaa!

Rakkoo kee hundumaaf furmaanni milkaa'ina keeti. Haaloo Bahus yoo barbaadde, meeshaan ati fayyadamtu milkaa'ina. Namoota si tuffatee? Milkaa'i haaloo bahi. Hiriyyoota kee si ganee? Milkaa'i haaloo bahi. Jaalallee kee si dhiisee? Milkaa'i haaloo bahi. Diinota kee si aarsee? Milkaa'i haaloo bahi. Milkaa'inni kee rakkoo kees ni fura. Diinota kee fi warra si tuffatan hundumaas ni adaba. Ati akka warra gowwootaa inaaffaa gadhee fi jibbinsa anniisaa kee fiixuun hin qabamiin!

Dhiirri fuulduree isheef hin lolle, dhiira gowwaadha. Dhiirri osoo loluu malee osoo dhibaa'uu du'uun iyyuu fafa.

Ati akka nama gowwaa hin inaafiin, hin jibbiin. Kanaaf, yerooyyuu hin qabaatiin. Waan hiika qabeessa tokkoof loluu qofarratti xiyyeeffadhu. Namoota hamooyyuu yoo ta'e, gaarummaa isaaniitti agarsiisuu keef hin gaabbiin, garuu itti fuftee gochuu dhiisuudhaan isaan adabi. Hadheeffattee guyyoota gadhee hin jibbiin, guyyoota gara booddeetti namoota dogoggoraa fi aarsaa of-tuulummaarraa dhufu kanfaluurraa si eegu. Laphee kee gaarii godhii eegi. Osuma milkaa'inni warra biroo sababa isaaniin morkachaa jirtuuf baay'ee si gammachiisuyyuu dhiisee garuu immoo si hin gaddisiisin, si hin aarsiinis. Gaarummaa akka siif ta'u hawwitu namoota biroof ta'uu isaatti hin mufatiin. Hiriyyoota kooti warra ati jettu gootota, amanamoo ta'uu akka qaban hin dagatiin. Caalaadhumatti immoo warra milkaa'ina kee akka milkaa'ina isaaniitti, mo'uu kee akka mo'uu isaaniitti lakkaa'an, kufaatiin kee immoo akkuma kufaatii isaaniitti itti dhaga'amu ta'uutu irra jira. Atis garuu hiriyyaa isa kana ta'i. Jireenyarra yaada malee bololi'uurraa of eegi!

Aarsaan mo'uuf kanfalamu yeroo tokkotti miirri lama akka sitti dhaga'amu godha. Dhiphinaa fi gammachuudhuma dhiphina sanarra dhufu dhamdhamuu. In dhiphitta, in gaddita, in aarta ta'a. Garuu immoo akkasuma ta'uu isaaf gama cinnacha kee tokkoon gammachuun sitti dhaga'ama. Akka mo'uuf aarsaa kanfalaa jirtu yeroo sana hubatta. Aarsaan mo'uuf kanfalamu, mo'amanii aarsaa kanfalurra hiika qabeessaa fi ulfina qabeessa.

A short principle of proper planning: Plan for success. Prepare yourself for resistance. Execute regardless. This mentality is much more powerful!

Hiyyuma baay'ee gadhee kan godhu sooressootaan osoo hin taane, hiyyeessotuma akka keen tuffatamuu keeti. Wallaalummaa baay'ee gadhee kan godhu beektotaan osoo hin taane, wallaalotuma akka keen tuffatamuu keeti. Ani sooressa hiyyeessa tuffatu argee hin beeku, garuu immoo hiyyeessa, hiyyeessa tuffatuu fi leeyyasiisu argeera. Ani beekaa wallaalaa tuffatu argee hin beeku garuu immoo wallaalaa, wallaalaa tuffatuu fi leeyyasiisu argeera. Kanaaf, kiyyoo hiyyumaa fi wallaalummaa cabsuun dirqama kan ta'u!

Dhiironni hedduun haadha manaa isaanii ni shakku garuu immoo isheedhuma wajjin jiraatu. Haadha manaakee hin shakkiin. Yoo shakkite garuu itti fuftee haadha manaa kee akka isheen taatu hin eeyyamiin.

Daandiin Milkaa'inatti geessu sun akkaan nuffisiisaa fi obsa fixachiisaadha. Isarra deemuuf kutadhu malee ni salphata jettee hin eegiin.

Waan namoonni baay'een godhan gochuun dhibaa'ummaarraa dhufa. Filannoo namoonni hedduun filatan filachuun wallaalummaadha. Waan namoonni hedduun hojjetan hojjechuun hiika dhabeessa. Daandii namoonni hedduun irra fiigan bowwootti geessa. Ati isa isaan godhan hin godhiin! Yeroo isaanii gara bitaatti adeeman gara mirgaatti adeemi! Yeroo isaan amanan shakki! Yeroo isaan shakkan amani! Yeroo isaan dubbatan callisi! Yeroo isaan callisan dubbadhu! Yeroo isaan fiigan, suuta adeemi! Yeroo isaan suuta adeeman, fiigi! Yeroo isaan tapha goota taphachuu barbaadan, sodaan akka sitti dhaga'amu eeyyami! Yeroo isaan sodaatan, gootummaan itti adeemi! Namoonni hedduun dhibaa'ota, isa isaan godhan gochuun dhibaa'ummaadha!

Rakkoo kee hundumaaf furmaanni milkaa'ina keeti. Haaloo Bahus yoo barbaadde, meeshaan ati fayyadamtu milkaa'ina. Namoota si tuffatee? Milkaa'i haaloo bahi. Hiriyyoota kee si ganee? Milkaa'i haaloo bahi. Jaalallee kee si dhiisee? Milkaa'i haaloo bahi. Diinota kee si aarsee? Milkaa'i haaloo bahi. Milkaa'inni kee rakkoo kees ni fura. Diinota kee fi warra si tuffatan hundumaas ni adaba. Ati akka warra gowwootaa inaaffaa gadhee fi jibbinsa anniisaa kee fiixuun hin qabamiin!

Gabaabaas taatu dheeraa Furdaas taatu qal'aa Bareedaas taatu fokkisaa Beekamaas taatu kan hin beekamne Sooressa taatu hiyyeessa,  filannoo ati qabdu tokkoo fi tokko cimtee hojjettee of jijjiiruudha. Cimanii hojjechuun safartuu kamiinuu filannoo sirriidha! Cimanii hojjechuun iddoo kamittuu, haala kam keessattuu filannoo sirrii fi bu'aa qabeessa.

Deemsi milkaa'inaaf deemamu, akka galaana guddaa qurxummiiwwan nama nyaatan hedduun guutameettti gad of darbachuuti. Akka dukkana bineensota nama nyaatan hedduu of keessaa qabu keessas fedhanii adeemuti. Akka dukkana ta'es beekanii, akka hammeenyi jirus hubatanii, 'guyyoonni gaariin, guyyoota gadhee hedduu booda dhufu' jedhanii adeemuuti.

Barnoonni Afaan Ingiliffaa keenya haala gaariin itti fufeera. Ammallee barattoota fudhachaa jirra.
Barnoonni Afaan Ingiliffaa keenya haala gaariin itti fufeera. Ammallee barattoota fudhachaa jirra.

Barnoonni Afaan Ingiliffaa keenya har'a, Adoolessa 3, Magaala Ambootti jalqabeera. English Mastery House 🏠 Ni dhufta, dandee
Barnoonni Afaan Ingiliffaa keenya har'a, Adoolessa 3, Magaala Ambootti jalqabeera. English Mastery House 🏠 Ni dhufta, dandeettii Afaan Ingiliffaa akkaan cimsatta! Magaala Ambootti!

Dhaloonni barachuu qaba. Garuu, sirni barumsaa keenya ammaa akkaan dadhabaa fi duubatti hafaadha.
Dhaloonni barachuu qaba. Garuu, sirni barumsaa keenya ammaa akkaan dadhabaa fi duubatti hafaadha.

Iddoo itti dandeettii Ingiliffaa kee guddifattu! https://t.me/EMHousy

Galmeen itti fufeera. Barnoota bifa bareedaa ta'een, Adoolessa 1/2018 eegalla. Galmaa'aa, hiriyyoota keessan biraan gahaa! Ga
Galmeen itti fufeera. Barnoota bifa bareedaa ta'een, Adoolessa 1/2018 eegalla. Galmaa'aa, hiriyyoota keessan biraan gahaa! Galmeen itti fufeera! Spoken English! Ingiliffaa waggaa lamatti baratamu, ji'a lama keessatti karaan isaa hubatamu, maaliif osoo homaa hin bariin, waggaa 12 baratta beektaa? Achittan sitti hima. Na dubbisi. O931693189 Magaala Ambootti!