en
Feedback
Ortodoksiin Deebi Qabdi📖📖💯

Ortodoksiin Deebi Qabdi📖📖💯

Open in Telegram

Kaayyoo Channel Kanaa Barumisaa gaffi fi Deebii Shakkitootaa Deebisuu fi Barumsa Ortodoksii Barsiisuuf

Show more
The country is not specifiedReligion & Spirituality97 527
224
Subscribers
+124 hours
+37 days
+830 days
Posts Archive
Simalee hin tolu Simalee hin tolu Adeemsi koo Simalee hin tolu Karoorri koo Koottu x2 Haadha koo Yaa Dubree Si’idha hirkoon koo Simalee hin tolu Abdii cubbamootaa >> Maaryaam Haadha Gooftaa >> Urgooftuu Naardoosi >> Harmee Iyyasuusii >> Ayyaana Qabeettii >> Dubree Qulqulleettii Simalee hin tolu Maqaan kee Dammadha >> Nicaala Hundarra >> Ati Daawwitiidha >> Gooftaa siin Agarra >> kanaaf si waammanna >> Baraaf Si Abdanna Simalee hin tolu Ani sin waammadha >> Abdiin si godhadha >> furmaanni rakkoo koo >> siddha yaa Giiftii koo >> ergan sitti hirkadhe >> Gammachuu Argadhe Simalee hin tolu Abdii cubbamootaa >> Maaryaam Haadha Gooftaa >> Urgooftuu Naardoosi >> Harmee Iyyasuusii >> Ayyaana Qabeettii >> Dubree Qulqulleettii F/ttuu Ganat Ayyala    ✥✥✥✥✥ http://t.me/FaaruuSAIAHU http://t.me/faaruuHuSAIA ♡ ㅤ   ⎙ㅤ    ⌲           ✉️    ˡᶦᵏᵉ    ˢᵃᵛᵉ    ˢʰᵃʳᵉ     ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ

Gabri'eeltu dhufe Waaqa biraa Missiraachoon nagaa isa harka jira Abidda abiddaan dhaamsa Waaqni keenya Bishaan hin barbaadu akka keenya Naabokadanatson Siidaa kalaksiisee Waltajjiitti baasee Labsii labsisisee Akka sagadaniif Dirqamaan bobbaase Sagalee fiinoodhaan yemmuu dhageessanii Kukkufaa waaqessa hundumti keessanii Namni kanaa didee murtiif dhiyeeffamaa Dhiifamallee hin qabu abiddaf kennamaa Daa'imnii sadanii Gochichaan mormanii Mootichis dhagahee Lapheen isaanii na'ee Ibiddaa bobeessa Achi keessaa buusaa Jedheetu ajajee mootin labsii baasee Daa'imman sadanis achi keessa buusee Yemmuu derbataman sadii kan turanii Afurtuu mul'atee gabree'eel wajjinii Goftanoo nu oolchaa Shakkii hin qabnu jechaa Qeerqoosis harmee isaan Jabaadhu ittiin jechaa Daa'imni wallaalan Gara isaa mee ilaalaa Iyyaluxaannana qeerqoos jaajjabeessee Yaadadha dhimmichaa waaqatu qajeelchee Ergamaa gabree'eel     ✥✥✥✥✥ http://t.me/FaaruuSAIAHU http://t.me/faaruuHuSAIA ♡ ㅤ   ⎙ㅤ    ⌲           ✉️    ˡᶦᵏᵉ    ˢᵃᵛᵉ    ˢʰᵃʳᵉ     ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ

+2
Habaabooni✝ Habaabooni "Daraareera Ililliinis "urgaa'eera Bara haaraan "nu gaheera Waaqni ittiin nu gahe "Bara haaraani" Moofaa keenya haaressee Araara nuuf baayisee Hundumaa nii dabarse Dukkanichi "bari'eera Booqaa birraa "argineerra Galatasaaf "qophoofneerra Waaqayyotti gammanne "olmaasaatiif" maqaasaa ni jajanna Aarsaa ni dhiyeessinaa Dhugaan nii waaqeffaannaa Lafa gogaa "hundaa jiisee Biqiloota "lalisiisee Tulluuwwanii "Madaqoomsee Hirmaatani uumamni "Arjummaasaarra" Bifadhaan faayamanii Halluu gaarii uffatani Mul'atu miidhagani Dungoo hin dhaamne "qopheeffannee Sagalee fiinoo "dhageessisne Gammachuudhaan "Ilil jenne Meeshaa faaruu qabanne "galata laanna" Oobdiisaa keessa guunne Ayyaanasaan badhaane Kenna keenya galchine Bara Ifa nuuf haa ta'u Kan milkii nuuf haa ta'u eyyeen nuuf haa ta'u Jaalalaan tura nageenyaani Fooniif dhiigasaa fudhattani Gonfoo jireenyaaf qophooftanii Jaalalaan tura nageenyaani

Maalummaa Faarfannaa 🍃🍂.Faarfannaa jechuun galateeffannaa jechuudha.Farfannaan yeroo hundaa kennaa isaa kan ta'e Waaqayyoof kan dhiyaatu jajannaa,galatoo,kadhaafi galateeffannaa of keessaa qaba. 🍂🍃.Faarfannaan of keessatti barreeffama walaloo,iccitii fi yeedaloo qabata.Kitaaba qulqulluu keessatti dhalli namaa yeroo gara garaatti faarfannaa Waaqayyoof dhiyeesaa akka turan ni hubanna. 🍃🍂.Fakkeenyaaf yeroo Israa'eloonni masrii bahanitti seera Bahuu 15:1;yero Israa'eloonni harka diinota isanii jalaa bahanitti faarfannaa mooticha Baarqii fi Raajitti dibooraan dhiyaate (kitaaba qondaltotaa.5:1). 🍃🍂.Qulqulluun Daawitiis yeroo hunduma Waaqayyoof faarfachuu isaa irraa kan ka'e kitaabni Daawit illee faarfannaa Daawit jedhamee beekama. 🍂🍂.Kakuu haaraa keessattis akkasuma namoonni faarfachaa akka turan ni hubanna.Fakkeenyaaf Gooftaa gara Iyyerusalem yeroo galutti faarfannaan Hosaayinaa dhiyaachuu isa.Maat.21:9,Luq.19:28 🍃🍃.Gaafa kadhannaa kamisaatti faarfannaan dhiyaachuusaa,Maat.26:30,Mana hidhaa keessatti Qulqulluu phaawuloosi fi silaas faarfannaa dhiyeessuu isaani H.D.B.16:22. 🍂🍂.Iddoo gara garagaraatti faarfannaan jiraachuusaa ni hubanna.kitaabni qulqulluunis yeroo gara garaatti akka faarfannu ni abbooma. 🍂🍃.Kanaafuu Faarfannaa jechuun kadhachuu,galateeffachuu,garaa laaffifachuu jechuu yommuu ta'u aarsaa laphee qulqulluu Waaqayyoof dhiyaatudha.Qol.4:2 https://t.me/BaruumsaaOrtodoksii12

#Hewaan_ishee_duraa_fi_Hewaan_ishee_haaraa Hewaan dhala namaa hundatti badii fi du'a yeroo fiddu; haati keenya dubroon Maariyaam garuu qoricha foonii fi lubbuu nuuf deesseetti. S/um 3:16, Luq 2:11 Hewaan muka hamaa fi gaarii nama barsiistu kan ta'e firii Balasii akka hin nyaanne yeroo dhorkamtu, haati keenya garuu muka jireenyaa Kiristoosiin nuuf deesse. S/um 3:24, Yoh 15:1 Hewaan sababa cubbuun gara Gannataatti akka hin galle Ergamootaan yeroo dhorkamtu, haadha keenya garuu ergamootatu ishee eegaa ture. S/um 3:24, Mul 12:1 Hewaan ajajamuu dhiisuu isheetiin balballi Gannataa yeroo itti cufamu, ajajamuu haadha keenyaatiin immoo balballi Gannataa cufamee ture nuuf banameera. Hewaan dhiphinaa fi ciniinsuun yeroo deessu, haati keenya garuu ciniinsuu fi dhiphina malee deessetti. S/um 3:16, Luq 2:6-7 ☐ Hewaan mucaan isheen deesse inni hangafaa Qaayeel lubbuu namaa kan ajjeese ture, haati keenya kan deesse Iyyesuus Kiristoos garuu lubbuu ilmaan namaa kan fayyisuu fi jireenya bara baraa kan namaaf kennudha. Hewaan fooniin haadha hundumaa yeroo jedhamtu, haati keenya dubroon Maariyaam garuu afuuraan haadha hundumaa jedhamteetti. S/um 3:20, F/D 86:5, Yoh 19:26 Hewaan balleessaa isheen yeroo itti murteeffamee gara biyya lafaatti darbatamtu, haati keenya garuu aangoo Ilma isheen du'aa kaatee ol-baateetti. F/D 131:8 Inni biraa haati keenya cubbuu daddarbaa/cubbuu Addaam/Xinte Aabbisoo hin qabdu. Ibr 7:4 Haati keenya hangam iyyuu mucaa Addaamii fi Hewaan taatu sababa Addaamii fi Hewaaniin cubbuun ilmaan namaa irratti daddarbaa ture sun haadha keenya hin arganne. Gooftaan akka beekuu fi akka hojii isaatti ishee eegeera. #Yaa_maariyaam_kanaaf_si_jaalanna Maaliif shakkitaa? https://t.me/BaruumsaaOrtodoksii12

🌿🌿 GORSA BAREEDAA DHIIRA OGEESSAAF🌿🌿🌿 ========================= 👉 Haadha warraa keetiif ulfina Kenni. sababni isaas dhaqna kee gartokkee waan taateef, dabalataan kadhatni kee akka siif dhagaahamuuf. 📖 1Phex 3:7 👉 Haadha warraa keetiif beekiitii wajjin jiraadhu. 📖 1Phex 3:7 ■■■■■■■■■■■■■■■■■■ 👉 Haadha warraa kee akka dhaqna kee jaallattutti jaalladhu.📖 Efe 5:28 👉 Jaalalaan Haadha warraa keetiif Abboomamiif; kristosiin yoo safeeffatta ta'e. 📖 Efe 5:21 👉 Abbaaf Haadha kee caalaa Haadha warraa keetti maxxani. 📖 Efe 5:31 ■■■■■■■■■■■■■■■■■■ 👉 Haadha warraa keetiin alatti dhaqna kee akka feete gochuu hin dandeessu. 📖 1Qor 7:4 👉 Haadha warraa kee bira gahuu hin didin. Sobdee Na dhukkuba hin jedhin. Sababni isaa dhiira kan biraa akka isheen ilaaltuuf karra saaqaa akka jirtu hin dagatin. 📖 1Qor7:5 ■■■■■■■■■■■■■■■■■ 👉 Haadha warraa keetti gonkumaa gar-gar hin bahin. Sababni isaas isa waaqayyoo walitti qabsiise homtuu gargar hin baasin waan jedhuuf. 📖 Mat 19:6 👉 Haadha warraa keetti hamaa hin yaadin. Ittis hin hammaatin.📖 Qol 3:19 ■■■■■■■■■■■■■■■■■■ 👉 Haadha warraa keetti gammadi. 📖 Fakk 5:18 👉 Hojii mana keetiif hojjedhu dhibaa'aa hin ta'in. 📖 2Tas 3:11 👉 Haadha warraa keetiif amanami, hin sobin. 📖 Fakk 19:22 ■■■■■■■■■■■■■■■■■■ 👉 Qulqullummaa kee eeggadhu, dhiqadhuu haadha warraa keetti miidhagi. Tarii haati warraa kee namoota mimmiidhagoo keessa ooluu dandeessi kanaaf manatti galtee kana sirraa dhabuu hin qabdu. 👉 Abbaaf Haadha kee ykn hiriyoota kee gidduutti Haadha warraa kee hin ifatin. Yoo isheen dogongorte iyyuu suuta hubachiisi. ■■■■■■■■■■■■■■■■■■ 👉 Itti gaafatamummaan manaa sitti kennamee akka jiru hin dagatin. Waa'ee mana kee ciminaan itti yaadi. 👉 Qabeenyi manaa kan walii keessanii akka ta'e hin dagatin, kanaaf qisaasama irraa of qusadhu. ■■■■■■■■■■■■■■■■■■ 👉 Amaloota fafee ykn suusii irraa of qoqqobi, suusii keessa jirta yoo ta'e , murtoo jabaadhaan keessaa bahi. Sababni isaa maatiin kee sababa kee qaana'u waan ta'eef. 👉 Naga qabeessa ta'i malee yeroo hundumaa nama dubbii jaallatu hin ta'in.📖 Mat 5:9 ~~~~ ✍️An MAHIBERE TINSA'E dha. Follow, share, like gochuun maatii haa taanu! Nagaaniif araarri waaqayyoo isiniif haa baay'atu! 🙏🙏🙏🙏

+1
Haadha icciiti koo/ምስጥረኛዬ ነሽ An nan beekaa manni kee eddoo booqqonnaatti Eddoo nagaaf eddoo Tasgabiitti Eessaan deema hin jedhu yoon gadu Kidaanimihiraat osoo at naaf jirtu(2) Mana qulqulluumati fakkii kee fuuldura Booqqonnaan koo achii tulluu qulqulluurra Eddoo ebbiffaama mana keetti argame Nan milka'ee maqaa kee wame Haadha icciiti koo sii icciittin koo Kidaanimiirat jabina koo waada Araara jabiina koo Illiile miidhagadu gariidha foolin kee Eebba keen qoodadha hin dhiisu mana kee Kan kee na taassiisi na fudhu haadha koo Haa daraaru ife jiruun kan koo Haadha icciitti... Akka waan na biraa naannoo koo akka jirtu Laphee koo akkasitti kan siti duubbatu Bo'een bayyaanadha siti hime keessa koo Tasa hin turtu yoo laaltu mana koo Haadha icciiti... Yeroo hunda haadha koo sababni sii waamuf Waadan kee jabaadha furmaata laphee koof Bakkan deemu hundaati harme si qabaadhe Waan si qabuuf nageenya argadhe Haadha icciiti... F/taa Darajjee    ✥✥✥✥✥ ♡ ㅤ   ⎙ㅤ    ⌲           ✉️    ˡᶦᵏᵉ    ˢᵃᵛᵉ    ˢʰᵃʳᵉ     ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ

Bataskaana bira yeroo dabartan maaf sagaddu? maal jechuunis tasaallamtu? 👇👀 ‎ ‎👉 HoE 18:22 Mandara Qiisaariyaatti bu'ee, kana booddee Yerusaalemitti ol ba'ee, waldaa kristiyaanaa nagaa gaafate; darbee Anxokiyaa isa Sooriyaa keessaatti gad bu'e. ‎💠 Mana kiristaanaa nagaa gaafachuuf jennee sagadnee(huggumnee) darbina. ‎ ‎2. Bataskaanatti maaf huggumtanii ykn sagaddanii ol seentu? ‎ ‎👉 Far. 5:7 ulfinaan si sodaachuudhaanis, gara mana qulqullummaa keetti garagalee kufee siif nan sagada. ‎Mat.10:12 Manichatti yeroo lixxanis nagaa dhi'eessaa. ‎💠 Mana itti seentan hunda nagaa gaafadhaa waan nuun jedhameef nagaa gaafanna. ‎ ‎3.Maal jennee Mana Qulqullummaa nagaa gaafanna?👈 ‎ ‎👉 Nagaan siif haa ta'u Yaa Mana Qulqullummaa Fakkaattii Iyyerusaalem ishee Samii jenneeti.✅ ‎✍️ Yeroo kanas quba keenya mallattoo Fannoo taasifannee of mallatteessuu qabna. ‎💠 Yeroo tokko ykn yeroo sadii irra deebi'uun of mallatteessaa nagaa gaafachuu dandeeny. ‎➡️ kunis kan ibsu tokkummaa fi sadummaa Sillaasee ti. ‎ ‎4.Utubaa ykn Keenyan (girgiddaa)mana Qulqullummaa maaf dhungattu?👈 ‎ ‎👉 Ba'uu 30:26 Dibaticha dunkaana itti wal ga'an sana dibi. ‎👉 lakk. 29 Akkasitti isaan in qulqulleessita, isaanis hundumaa irra kan qulqullaa'an in ta'u; namni isaan tuqu hundinuu qullaa'aa in ta'a. ‎💠 Dibata qulqullaa'aa dibame sana tuqnee Xuraa'ummaa keenya irraa qulqullaa'uuf jecha dhunganna. ‎ ‎5.Taabota(Tsillaatiif) Maaliif sagaddu?👈 ‎ ‎👉 Iyya. 7:6 Iyyaasuun Sanduuqa kakuu Waaqayyoo duratti hamma galgalaatti adda isaatiin gad gombifame. ‎💠 Qulqulloota irraa baranne.... https://t.me/BaruumsaaOrtodoksii12

Bara haaraan nu gesseetta Araara kee nuuf baay'istee Hunduma dabarsiteetta galataaf nu qopheessite(2) Abaaboon daddaraareera Ililleenis urgaa'era Biqiloonnis bareedani Magariisa uffatani(3) Bacaqii gannaa darbine Booqaa kan argine Umamni hunduu lalisee Galatan si'if mirgise Inni moofaan sun darbeera Haaraadhan bakka bu'eera Tasa deebi'ee hin dhufu Achiinaan garuu hin hafu(3) Bacaqii... Dachiin miidhagdee muldhatte Galaanni guutees hir'ate Kun hundumtuu hojii keeti Ulfaadhu jiraatamo ati (3) Bacaqii... Umrii keenya eebbistee Bara gaabbii nuuf kennitee Waaqeeffaffamuun si'iif malaa Waaqayyoo abbaa jaalalaa(3) Bacaqii... Bara araara nuuf dabaltee biiftuu jaalala kan baastee Hin jiru sii malee goofta Faaruunuu sitti xiqqaata (3) Bacaqii...          ✥✥✥✥✥ http://t.me/FaaruuSAIAHU http://t.me/faaruuHuSAIA ♡ ㅤ   ⎙ㅤ    ⌲           ✉️    ˡᶦᵏᵉ    ˢᵃᵛᵉ    ˢʰᵃʳᵉ     ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ

Ceenee bara haaraatti Yaa arjaa Arjummaa keetti Irreen Keenya Si faanaa Hundaa Ni Moonaa Bara Haaraa bara araaraa Bara Carromtoota Haaromsitee Nuuf Dabalta Galatoomi Gooftaa Arjummaa keen maaltuu sin fakkaataa Abbummaa keen eenyuu sin qiixxataa(2) Yaa guddichaa hangafa lubaa situ nudhaaf Mala Si qabaannee sin gonfannee kan ceene kitilaa Ati jiraannaan maaltu nu takaalaa Ati nu qabnaan hundi nutti tolaa(2) Dhuguma dhukkuba keenya gaddaa Keenya baattee Bara araaraa Nuuf kennite aangoo du'aa gitte Mee akka keetti eenyu kan nu baatee Eenyu akka keetti lubbuu kan nuu laatee(2) Yeroo haaraa nuuf kennitee nutoo ragaa baanaa Maalirraa akkaa nu fayyistee  ni beekna(2) Yaa Iyyasuus kanaaf si faarfannaa Yaa kiristoos kanaaf si laallabnaa(2) Nuti Dhaloonni filatamnee dhiigaan kan bitamee Dukkana irraa Gara Ifaa Si'iin kan waamamne Bara haaraa gaalata haaraanii Ni simannaa gammachuu guddaanii(2) Maqaa Kee Humna Nuuf ta'ee Hundaa Ni moo'anne Fuldura isaa siin oolfate  eenyutu leeyya'ee Siin qabaatee eenyutu qaanaa'ee

🌿JECHOOTA ABBOOTAA🌿 🎚️604🎚️▪️" Kiristaana ta'uu jechuun cubbuu dhiifama hin godhamneef dhiifama gochuu jechuudha.sababni isaas Waaqayyoon cubbuu kee dhiifama hin godhamneef dhiifama siif godheera. Dhiifama gochuu yoo hin dandaanye si'ifi mootummaa samii gidduu daangaa ijaaraa jirta jechuudha."      🌿 + Abuna Shinoodaa + 🎚️605🎚️▪️" Cubbuu kee beekta yoo ta'ee namatti hin murteessitu. Obboleessa isaa irratti namni murteessu, xurii isaa osoo hin dhiqatin nama biraatin uffata kee maaliif xureessite?, kan jedhu dhibaa'aa fakkaata."       🌿+ Qulqulluu Musee Tsaliim+ 🎚️606🎚️▪️"Nagaa jechuun rakkoo malee jiraachuu osoo hin taane, rakkoo keessatti Waaqayyoon argachuudha. Waaqayyoo si waliin yoo ta'ee, boolli leencotaa masaraa mootii keessaa ta'a. Abidda keessis akka fixeensa ganama ta'aa. "    🌿+ Qulqulluu Qeerloos isa Iskindiriyaa+ 🎚️607🎚️▪️" Kaayyoon jireenya keenyaa Kiristoosin fakkaachuudha. Kan uumamneef qabeenya yookiin beekamtii uffachuuf osoo hin taane, addunya dukkanaa kana keesaatti ifa Waaqayyoo mul'isuufidha. Namootni yeroo si argan waa'ee jiraachuu keetif Waaqayyoon akka galateeffatanitti jiraadhu."    🌿 + Qulqulluu Gorgoriyoos isa Inzinaazuu + 🎚️608🎚️▪️" Sammuun kee osoo hin eeyyamin arrabni kee akka dursu hin eeyyamin. Aariidhaan jechi dubbattu dhagaa gara galaanatti darbatameedha waan ta'eef deebi'ee hin ba'u. Jechoota kee jajjabeessuuf eebbaaf itti fayyadami.Sababni isaas afaan kee kan uumamee Waaqayyoon galateeffachuufidha."      🌿+Qulqulluu Baasiliyoos isa Qiisiriyaa+ 🎚️609🎚️▪️" Waaqayyoo kan si jaallatu addunyaa irra ati qofti akka jirtuttiidha. Inni hundaaf aduu walqixa baasa, ta'us jaalalli inni tokkon tokkon namaaf qabu addaa fi gad-fagoodha. Sababa keetin rakkoo kan fudhate sin qofa fayyisuuf osoo ta'ellee ni godha ture."       🌿 +Qulqulluu Agusxiinoos+ 🎚️610🎚️▪️"Gaabbii jechuun dogoggora kee yeroo darbeef gadduu qofa miti.Gaabbii jechuun jireenya kee jijjiiruun lammaffaa gara cubbuu sanaatti deebi'uu dhiisuuf murteessuudha. Waaqayyoo kan barbaadu imimmaan kee qofa osoo hin taane si mataa kee waliini."     🌿+Qulqullu Yisaaq isa Sooriyaa Waaqayyoo Abboota kana nuuf keennef galanni haa ta'u!🙏 https://t.me/BaruumsaaOrtodoksii12

An nan beekaa manni kee eddoo booqqonnaatti Eddoo nagaaf eddoo Tasgabiitti Eessaan deema hin jedhu yoon gadu Kidaanimihiraat osoo at naaf jirtu(2) Mana qulqulluumati fakkii kee fuuldura Booqqonnaan koo achii tulluu qulqulluurra Eddoo ebbiffaama mana keetti argame Nan milka'ee maqaa kee wame Haadha icciiti koo sii icciittin koo Kidaanimiirat jabina koo waada Araara jabiina koo Illiile miidhagadu gariidha foolin kee Eebba keen qoodadha hin dhiisu mana kee Kan kee na taassiisi na fudhu haadha koo Haa daraaru ife jiruun kan koo Haadha icciitti... Akka waan na biraa naannoo koo akka jirtu Laphee koo akkasitti kan siti duubbatu Bo'een bayyaanadha siti hime keessa koo Tasa hin turtu yoo laaltu mana koo Haadha icciiti... Yeroo hunda haadha koo sababni sii waamuf Waadan kee jabaadha furmaata laphee koof Bakkan deemu hundaati harme si qabaadhe Waan si qabuuf nageenya argadhe Haadha icciiti... 👇👇Join godhaa 👇👇👇 ╭══•|❀:✞✟✞❀|•══╮ ✥┈┈••●◉✞◉●••┈••✥ @FaruuHaara @Ortho_Ring ✥┈┈••●◉✞◉●••┈••✥ ╰══•|❀:✞✟✞❀|•══╯ Like 🥰👍

Repost from Dirree Faarfannaa
Galtani itti haa fufu faarsan haa dhiyaatu Waaqayyoon ni jira inni nama hin gatu Wanta dhageenyufi wanta ilaalluni Faarfachuu  hin dhiisnaa hae fufu galtani Dhiigni wareegamtoota inni dhangala’e Kiristaanota hundaaf isatu abdii ta'e Akka amannu qofaaf nuti yoom waamamne Ibiddicha keessas galataaf dhaabanne Ibidda ibiddaan akkamin dandeessa Gonka adda hin citu sirni qulqulleessa Samiidha gaditti samiidha olittii Manni Kiristaanaa Har'as borus jirti Sogidda kan taane Addunyaaf mi'oofne Dadarbatamneetu hedduu rukutamnee Hanga ajjeefamnuun dachaadhan daballa Erga duune boodas mana isaatti galla Biyya Abdii godhannu ka'aa ni fudhanna Faarsaaf ililledhan galmichaas ni dignaa Jecha sobdotadha tasa hin sodaatina Amantaan jabaadhaa gonka hin raafaminaa          ==•|•== F/taa Darajjee Jimaa      ━━━━━━━━━━━ ✅ @DirreeFaaruu02@DirreeFaaruu02       ♡      ⌲       ✉️       ˡᶦᵏᵉ   ˢʰᵃʳᵉ   ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ

B/saa keenyaa dhugumatti Eebbifamaa waaqayyoo gooftaan sagalee jireenya isin haa dhagechisuu dhalituu mootummaa isaa isin haa godhuu🥰🥰🥰🥰

Kiristoos qaama isaa, "mana qulqullummaa kana jigsaa" hin jennee? "hoolichi mana qulqullummaa isheeti" jedhamee hin barreeffamnee? Kanaafuu, "maaloo gara boqonnaa keetti ka'i; atii fi taabonni mana qulqullummaa kee" jechuun akkuma Phaawuloos, 'gara boqonnaa isaatti akka galluuf haa jabaannu' jedhe, "Yaa Gooftaa 'boqonnaa kee' kan jedhame gara samiiwwaniitti ati qofti kaatee hin hafiin; bultoo qaama (mana qulqullummaa kee) haadha kees fuudhii ka'i" jechuudha. ➻Du'aa ka'umsi Giiftii keenyaa namoota baay'eef falmii ta'uun isaa akkam nama gaddisiisa?! Kiristoos, "Du'aa ka'umsii fi jireenyi anadha" jedheera. Dhuguma haati du'aa ka'umsa kana deesse ka'uun ishee waan guddaadhaa? Haati jireenya deesse jiraattuu taate yoo jedhame waan nama aarsudhaa? Duuti kan du'e Ilma isheetiin mitii? Haadha jireenyaa duuti qabee hanbise jechuun gammachuu kan kennu warra du'a wajjin walii galaniifidha. "Taabonni dubbattuun Waaqni irra bule duutee hafteetti , taabonni tsiyoon (Dubroon) Filisxeemiin (du'aan) booji'amtee hafteetti" jechuun kan gammadu Diyaabiloos isa firii gadameessa isheetiin burkutaa'edha. ➻Nuyi Ortodooksotaan kan nu ajaa'ibu du'uu isheeti malee du'aa ka'uu ishee miti

✝️ #Duaa_Kaumsaa_fi_Ol_fudhatamuu ✝️ #Dubroo_Maariyaam ➻Abboonni keenya waa'ee Giiftiin keenya Dubroo Maariyaam eeyyama Ilma isheetiin du'a irraa ka'uu yeroo barsiisan ragaa isaan kitaaba qulqulluu keessaa dhiyeessan "Maaloo gara boqonnaa keetti ka'i; atii fi bultoon (taabonni) mana qulqullummaa kee" Faar. 131:8 kan jedhudha. Caqasa kana du'aa ka'umsa Dubroo Maariyaam waliin wal qabsiisuun amma kan jalqabe osoo hin taane dubbii jaarraa baay'ee lakkoofsisedha. Paatriyaarikiin 33ffaa Iskindiriyaa Qulqulluun Tewoodoosiyoos seenaa boqonnaa fi du'aa ka'umsa Giiftii keenyaa kan abboonni isa dura turan isaaf dabarsan barreeffama isaa waggoota 1500 dura barreesse irratti, hayyoota dubbii Maariyaamii biratti Dorctor of Dormition' jedhamuun kan beekamu hayyichi Yohaannis inni Damasqoo, manneen kiristaanaa duukaa bu'oota ta'an hunduu dirsaanota (kitaabolee) isaaniirratti yeroo waa'ee du'aa ka'umsa Dubroo Maariyaam kaasanii fi ayyaana Ol-fudhatamuu ishee kabajan kutaan kitaaba qulqulluu isaan dubbisan Faarfannaa Daawit, "Maaloo gara boqonnaa keetti ka'i; atii fi taabonni mana qulqullummaa kee" jedhudha. Gaaffii, ' caqasa kana maaltu Dubroo Maariyaam waliin walitti fida? Maariyaam kaateetti jedhaa?' jedhu barreeffama gabaabduu kana keessatti ilaalla! ➻Faarfannaan, Daawwit waa'ee ijaaramuu mana qulqullummaa fi taabotichis gara mana qulqullummaa kanaatti seenuu isaa faarfate, akkasuma mucaan isaa Solomoonis yeroo manni qullqullummaa sun ijaaramee xumuru faarfate kana Dubroo Maariyaam wajjin maaltu walitti fida? (2Seen. 6:41).Abboonni keenya caqasa kana Dubroo Maariyaam wajjin kan walitti fidan akka Daawwit waa'ee mana qulqullummaa fi taabotaaf dubbate isaan jalaa dhokateetii? Caqasa kana Dubroo Maariyaam wajjin akka walitti fidnu wanti nu kakaase maali? ➻Isa Daawit waa'ee taabotaa dubbate akka nuyi waa'ee Dubroo Maariyaamiif dubbannu kan nu taasise Daawit matumasaati. Kunis; ➴ Daawit yeroo taabonni Waaqayyoo gara isaa dhuftu, "Taabonni Waaqayyoo akkamitti gara koo dhufa" yeroo jedhu hin dhageenyee? (2Saam. 6:9). Kakuu haaraattis dubbii kana Eelsaabex, "Haati Gooftaa koo gara koo dhufuun akkamitti naaf ta'a?" jettee Dubroo Maariyaamiif irra hin deebinee? (Luq. 1:43]). ➴Daawit yammuu taabonni inni sodaate gara isaatti dhiyaatu, teessoo isaa irraa bu'ee haati manaa isaa Melkool hamma itti kolfitutti taabota duratti utaalee hin faarfannee? (2Sam. 6:16). Gadameessa Eelsaabex keessa kan ture Yohaannis, 'sagalee nagaa Dubroo yeroo dhagahu' hamma haati isaa isaa isa dinqisiifattutti, 'ulfichi gammachuudhaan utaale' hin jedhamnee? (Luq. 1:44). Qulqulluun Gorgooriyoos inni Nuusis namoota kabajni Ilma ishee fi Dubroo Maariyaam isaaniif hin galleef, "akka Yohaannis gadameessa keessatti utaaluu yoo dadhabdan maal qaba erga of bartanii illee bultoo Waaqayyoof osoo akka Daawit galata dhiyeessitan?" kan jedhe kanaafidha. ➴Nuyi maal haa goonu! Akkuma taabonni Waaqayyoo mana nama Geet mana Abidaaraa gara ji'a sadii turte jedhame, "Maariyaamis mana Zekkaariyaas gara ji'a sadii turte" jedhamee barreeffamee dubbisne. (2Sam. 6:11; Luq. 1:56). ➻Egaa yammuu seenaan taabota Waaqayyoo seenaa Dubroo Maariyaam waliin tokko ta'ee arginu isa Daawit taabotaaf dubbate nuyimmoo maaliif Dubroo Maariyaamiif hin caqasnu? Silaa seenaa Dubbii Maariyaamii caqasna osoo jenne; akkuma taabotichi warqeedhaan faayame ishee qulqullummaadhaan faayamte, akkuma taabotichi mana qulqullummaa keesaa ture ishee mana qulqullummaatti guddatte, taaboticha namni uleen isaa laliste Aaron akkuma eege ishee Yooseef inni uleen isaa laliste ishee eege, taaboticha kan tuqe Oozaan akkuma dheekkamame (2Sam. 6:7) seenaa Tawufaaniyaa isa reeffa Dubroo tuqee dheekkamame caqasna turre. ➻"Taabota mana qulqullummaa kee" jechuun haadha bultoo qaama kee isa mana ququllummaa jedhame sanaa jechuudha.

Akkamitti biraa hafta? Yaa Maariyaam Qulqulleettii, Haadha Mootii samii, Ati addunyaa irraa boqottee, Gara samiitti ol baatee, Maqaan kee nu biratti, Har'as urjii fakkaatee ifa. Ayyaana gammachuu, Maariyaam nuuf kadhadhu, Haadha keenya qulqulluu, Gooftaa kee nuuf kadhadhu, Nuuf ta'i dawoo nagaa. Ati yoo nuyi addunyaa keessa turre, Jaalala Waaqayyoo qabattee, Ilma kee laphee keetti baattee, Gadda hedduu obsitee, Fannoo isaa jala dhaabbattee, Amantii kee hin ganne Gammachuun samiirraa dhufe, Haati keenya boqottee, Kabajaan ol fudhatamte, Ergamoonni simatanii, Samii keessatti galateeffatan. “Kunoo haati Gooftaa dhufte!” Jedhanii samiirraa waaman, Maqaa ishee ol fudhatanii, Faarfannaa itti fufanii, Kabaja ishee labsanii, Maariyaam haa ulfaatu! Ati haadha Gooftaa keenya, Ati qulqulluu keessaa qulqulluu, Ati ifa keessaa ifa, Ati abdii warra dadhaboo, Ati jajjabina warra gaddaaniif Ati kadhannaa keenyaaf dawoo. Yeroo onneen keenya citu, Yeroo imimmaan keenya lolu, Yeroo abdii keenya dhumu, Gara kee ol ilaalla; “Yaa Haadha keenya!” jennee, Gooftaa kee nuuf kadhadhu. Ayyaana Maariyaam, Guyyaa kabajaa ishee, Guyyaa gammachuu keenya, Guyyaa samii fi lafti, Maqaa ishee itti faarfatu. Qulqulluun Pheexiroos, Qulqulluun Phaawuloos, Ergamoonni samiirraa, Qulqulloota Waaqayyoo hundi, Kabaja ishee labsanii, Gammachuun samii guutame. Ati du'aan hin mo'amne, Duuti siif boqonnaa ta'e, Lubbuu kee Gooftaan simate, Qaama kee kabajaan eeggatee, Ol fudhatee si kabaje, Haadha isaa ulfina kennee Yaa Haadha Gooftaa, Yaa Qulqulleettii Maariyaam, Nu ilmaan kee yaadadhu, Gara Gooftaa nuuf dhaqi, Araara nuuf kadhadhu. Biyya lafaa keessatti, Cubbuu hedduu keessa jirra; Nuti dadhaboo taaneerra, Karaa dheeraa deemneerra, Garuu abdii hin kutanne— Maariyaam nuuf kadhadhu! Yaa haadha araaraa, Yaa haadha qulqullinaa, Yaa haadha warra amanani Yaa faaya Mana Kiristaanaa, Ayyaanni kee nu haa eegu, Kadhannaan kee nu haa jabeessu. Har'a Shilfataa jechuun, Gara keenya keessatti faarfanna; Maariyaam ol baatee, Gooftaa bira boqottee, Nu immoo lafa kana irraa, Gara jireenya bara baraa haa ilaallu. Yaa Maariyaam Qulqulleettii, Haadha Gooftaa Iyyesuus, Yeroo nu dadhabnu nu jajjabeessi, Yeroo kufnu maaloo nu kaasi, Yeroo cubbuu nu mo'u nu yaadachiisi, Gooftaa kee nuuf kadhadhu. Guyyaan kee guyyaa gammachuu, Maqaan kee maqaa kabajaa, Seenaa kee madda abdii, Kadhannaan kee dawoo, Jaalalli kee nuuf yaadannoo, Shilfataan kee nuuf eebba! Kanaaf har'a faarfannaa, Garaa guutuudhaan faarfannaa Maariyaam nuuf kadhadhu, Gooftaatti adaraa nuuf himi; Hanga guyyaa dhumaatti, Amantii keenya nuuf eegii Yaa Dubaroo Maariyaam! _itti fufa____ @yaaqulqulleettiinuufkadhadhu Walaleessaan walaloo Dn Ayyalee Mulaatuu/Abbaa Qabsoo Gimbii Oromiyaa!!!