Diinaa'ol Kumaa
Open in Telegram
Rakkina kee rakkisaa keetti hin himiin.
Show moreThe country is not specifiedThe category is not specified
1 384
Subscribers
+124 hours
+17 days
-1730 days
Posts Archive
1 384
WAA'EE MIRGA WABII
âď¸Qorataan poolisii shakkamaa osoo gadi hin lakkisinii fi mana murtii osoo hin dhiyeessin saâaatii daangeffamee ol yoo tursiise furmaanni battalaa shakkamaan qabu buâuura SDFY Kw. 64tiin mirga wabii gaafachuudha. Gaaffiin mirga wabii kun barreeffamaan kan qophaaâu taâee,mallattoo shakkamaa iyyateetiin mirkanaaâee dhiyaata Gaaffii mirga wabii buâuura SDFY kw. 64tiin dhiyaateef ilaalee manni murtii yaada qorataa poolisii ykn abbaa alangaa fudhachuun saâaatii 48:00 keessatti murtee kennuu qaba.Kana jechuun gaaffiin mirga wabii dhiyaatee guyyaa lama keessatti furmaata argachuu waan qabuuf, dhimmoota biroo caalatti dursi kennameefii ilaallamuu qaba. Abbaan alangaa ykn qorataan Poolisii gaaffii mirga wabii irratti yaada kennu of eeggannoodhaan dhimmoota qulqulleeffatee taâuu qaba.
âď¸Mormuufis taâe moormuu dhiisuuf sababa haqa qabeessa ibsuun manni murtii ajaja haqa qabeessa akka kennuuf deeggaruu qaba. Caalatti, mormiin isaa seeraa fi ragaa qabatamaa irratti hundaaâuu qaba malee tilmaama miira dhuunfaa irraa madduun taâuu hin qabu.
âď¸Mirgi wabii kan hayyamamu dirqama wabii mallatteessisuu dhaan ykn maallaqa dirqamni
ittiin seenamu mana murtiitti qabsiisuudhaan,gama tokkoon bilisummaa shakkamaa kan eegsisu taâee, gama biraatiin immoo dhaddacharratti argamuu himatamaa dirqisiisu olaantummaa seeraa kabachiisa. Kanaafuu,mirgi wabii waadaa himatamaan/shakkamaan ykn namni biroo akka shakkamaan/himatamaan dirqama beellama fuulduraa sirnaan hordofuuf seenamuudha.
âď¸Akka qajeeltootti, namni sababa gocha yakkaatiin tooâatame kamiyyuu wabii qabsiisee ykn waamee gadi lakkifamuuf mirga qaba. Haala addaatiin garuu, ulfaatina gocha raawwatamee, cimina adabbii yakkichi hordofsiisuu fi haala miidhamaan yakkaa keessatti argamu tilmaama keessa galchuudhaan mirgi wabii dhoorkamuu ni dandaâa.Dhimmi shakkamaan ittiin himatame duâaan kan isa adabsiisu yoo taâe ykn hidhaa cimaa waggaa 15 ykn sanaa oliin kan adabsiisuu fi miidhamaan yakkichaa hubaatii isa irra gaheen kan duâuu dandaâu yoo taâe mirgi wabii hin hayyamamu.
âď¸Dabalataanis, buâuura SDFY kw. 67tin sababoota amala shakkamaa tilmaama keessa galchuun haallan gaaffii mirga wabii fudhatama dhabsiisan jiru. Isaanis: shakkamaan iyyata mirga wabii dhiyeeffate dirqama wabummaa seene hin raawwatu jedhamee yoo yaadame, gaafa wabiidhaan gadi lakkifame yakka biroo raawwachuu dandaâa jedhamee yoo sodaatame ykn ragaa balleessuu dandaâa jedhamee yoo tilmaamame mirgi wabii dhoorkamuu ni mala. Akkaataa seera kanaatti gochi shakkamaan ittiin himatame mirga wabii kan dhoorkachiisuu miti. Amalaa fi naamusa shakkamaattu mirga wabii isa dhabsiisa.
âď¸Tumaan seeraa SDFY kw. 67 jalatti kaaâame hojimaata keessatti haala sababaawaa fi haqa qabeessummaa hin qabneen yoo hiikamu ni mulâata. Fknf: shakkamaan ykn himatamaan sababa waraqaa eenyummaa ykn bakka jireenyaa dhaabbataa hin qabneef jechuun abbaan alangaa gaaffii mirga wabii yoo mormuu, manni murtiis mormii kanaan yoo gaaffii mirga wabii kufaa taassisu ni mulâata. Haa taâu malee, murtii MMWF Dh/ijibbaataa galmee lakk. 131863 irratti kenneen shakkamaan magaalaa keessatti bakka jireenyaa ykn waraqaa eenyummaa dhaabbii hin qabu jechuudhaan mirga wabii shakkamaa dhorkachuun heera mootummaa kan dhiibu taâuu kaaâeera. Akkasumas, dhadachi kun mirga wabii ilaalchisee murtii biroo kenneen shakkamaan tokko mirgi wabii yoo eegameef dirqama wabii isaa hin raawwatu jechuudhaaf sababni gahaa fi seerawaa taâe, sababni gahaa fi seerawaa kunis qixa haalawwan naannoo gargaraa fi qixa yakkichaatiin ilaalamuu qaba jedheera.
âď¸Dirqamoota mirga wabii keessatti mallatteeffaman keessaa tokko guyyaa beellamaatti saâaatii dhaddachaa kabajanii mana murtii dhiyaachuudha.Dirqamni biraa hawaasa irratti yakka biroo raawwachuu irraa of qusachuu shakkamaati. Walitti dhiyeenya qabuun, maallaqa isaatiin ykn haala kamiinuu ragaa sossobee, gowwoomsee, doorsisee, biyyaa baasee karaa kamiinuu kan balleessu yoo taâe mirgi wabii isaa mormamuu fi dhoowwatamuu ni dandaâa.
1 384
âGorsa 20 Qorannoo Milkaaâina Abukattoo Seeraa Haaraaf...
âď¸âď¸âď¸âď¸
Milkaaâinni seeraa beekumsa seera qofa osoo hin taane, hariiroo namaa, naamusa ogummaa fi yaada tarsiimoo cimaa gaafata jedha.
âď¸Gorsawwan kunneen bakka sadiitti qoodamu:
âď¸I. Dandeettii Ogummaa fi Qophii (1â7)
Kutaan kun humna beekumsa seeraa fi qophii mana murtii irratti xiyyeeffata.
1âď¸Qorannoo seeraa gadi fageenyaan gochuu â Labsii, dambii fi murtiiwwan hiika dirqamaa qaban hordofuu.
2âď¸Dhugaa dhimmaa sirriitti beekuu â Seera dura dhugaa fi haala dhimmaa hubachuu.
3âď¸Seera sirna adeemsa (procedure) beekuu â Yeroo daangaa fi aangoo mana murtii sirriitti beekuu.
4âď¸Barreeffama seeraa cimaa qabaachuu â Ifaa, gabaabaa fi ragaan deeggarame barreessuu.
5âď¸Ragaa-baatota qopheessuu â Mana murtii dura sirriitti qopheessuu.
6âď¸Dubbisuu itti fufiinsaan â Seerri yeroo yeroon waan jijjiiramuuf of haaromsuu.
7âď¸Xiinxala balâina (detail) irratti xiyyeeffachuu â Dogoggorri xiqqaan illee buâaa jijjiiruu dandaâa.
đ Ergaan isaa: Abukaaton milkaaâan buâuura ogummaa cimaa qabaachuu qabu.
II.âď¸ Itti Aanaa Maamilaa fi Naamusa Ogummaa (8â14)
Kutaan kun hariiroo maamilaa fi amanamummaa irratti hundaaâa.
8âď¸Iftoomina fi amanamummaa â Abdii sobaa hin kennin.
9âď¸Dhaggeeffachuu sirriitti â Maamilaa obsaan dhaggeeffachuu.
10âď¸Iccitii eeguu â Buâuura ogummaa seeraa ti.
11âď¸Odeeffannoo yeroo yeroon kennuu â Adeemsa dhimmaa maamilaa beeksisuu.
12âď¸Naamusa ogummaa eeguu â Mormii keessatti illee kabaja eeguu.
13âď¸Gara-laafina fi fageenya ogummaa wal madaalchuu â Miiraan hin hogganamin.
14âď¸Waliigaltee kaffaltii ifaa gochuu â Rakkoo maallaqaa gara fuulduraatti hambisuu.
đ Ergaan isaa: Milkaaâinni abbaa seeraa amanamummaa maamilaa irratti hundaâa.
III.âď¸ Milkaaâina Daldalaa fi Hariiroo (15â20)
Kutaan kun ogummaa akka hojii daldalaatti ilaaluu irratti xiyyeeffata.
15âď¸Gorsaa (Mentor) argachuu â Muuxannoo namoota duraanii irraa barachuu.
16âď¸Hariiroo (Networking) ijaaruu â Hojiin namoota irraa dhufa.
17âď¸Maqaa ofii ijaaruu (Personal Branding) â Maaliin akka beekamtan murteessuu.
18âď¸Yeroo sirnaan bulchuu â Qophii fi dursi hojii murteessaa dha.
19âď¸Teeknooloojii fayyadamuu â Meeshaalee seeraa ammayyaa fayyadamuu.
20âď¸Of eeggannoo gochuu â Fayyaa fi boqonnaa eeguun milkaaâina yeroo dheeraa fida.
đ Ergaan isaa: Beekumsa qofa osoo hin taane maqaa, hariiroo fi fayyaanis murteessaa dha.
Xumura
âď¸âď¸âď¸
Milkaaâinni abukattoo seeraa wantoota sadii irratti hundaaâa:
1âď¸Beekumsa seeraa cimaa
2âď¸Hariiroo maamilaa amanamaa
3âď¸Of bulchuu fi of ijaaruu
Hiika gabaabaa: Milkaaâuuf beekumsi, naamusni fi dandeettiin of bulchuu walitti hidhachuu qabu.
1 384
Repost from Musa.H.âď¸.Law Room
Waajjira_Qonnaa_fi_Lafaa_Aanaalee_Midhaan_2ffaa_Bunaa_2ffaa_fi_WN8.pdf7.05 KB
1 384
Qajeelfamnii Adabbii 3/2017 erga hojii irra olee booda dhimmoota yakkaa qajeelfamchii ragaâuun dura raawatamanii garuu murtiin adabbii isaani erga qajeelfamnii haara ragaâee booda murtaaâaan ilaalchisee
Qajeelfama adabbii yeroo gochich raawattamee turen murtaaâuu qaba moo adabbi haara isa foyyaâee yeroo murtiin kennamuu hojii irra jiruun murtaaâuu qaba kan jedhu ilaalchisee Q/Adabbii 3/2017 waant ibsu hin jiru waan taâeef mannen murtii yeroo ammaa adabbii yoo murteesan galmeewan dhimma hundaaf 3/2017 qofa fayyadamaa akka argaman
galmeewan mannen murtii hedduu kessatti muâulachaa argama.
Yakkoota cicimmoottif adabbin Q/Adabbii 3/2017ttin yoo murtaaâu hangii adabbii murtaâuu dandaâuu garaagarumaa kan hordofsisuu taâuu
dhimmoota qabatamaa irraa ni huubatama waan taâeef dhimmoota yakkaa qajeelfamchii ragaâuun dura raawataman ilaalchisee qajeelfama adabbii kamtuu dhimma isa kamif raawaatamumaa qaba dhimmi jedhu xiyyeefannoo kan barbaaduudha.
Dhaddachi Ijibbaataa MMWF hiikkoo seeraa dirqisisaa lakk.galmee 113065ttin (hinmaxxafamnee) fi lakk.galmee 95438 ttin(Jildii 17ffaa) kenneen ajeelfamnii adabbii foyyaâee tokko erga hojii irra olee booda
mannen murtii qajeelfamnii adabbii ini duraa hojii irra osoo jiruu gocha yakkaa raawatamee irratti murtii yoo kennan hanga adabbiichaa
murteesuu irratti qajeelfamootnii lamaan gargaarumaa ni hordofsisuu
taâanaan qulqulleesuun
qajeelfama adabbii
himatamaaf adabbii
salphisuudhaan isa fayyaduu dandaâuu filachuuf dirqama akka qaban fi qajeelfama isa kamtuu himatamaa fayyada jedhani fillachuun dirqama
mannen murtii taâuu ibsuun Heera M/ Federaalawaa
Dimokraatawaa Rippaablika Itoophiyaa keewwata 22(2) fi Seera Yakkaa bara 1996 bahee keewwata 6 ibsuun hiikkoo seeraa dirqisisaa kenneera.
Yaadnii armaan gadit Afaan Amaarifaan ibsamee jecha jechaan warraabii murtii lakk.galmee 113065 fi 95438 keessaa kan fudhatameedha.
1 384
DHIMMA_YAKKAA_IRRATTI_MORMII_SADARKAA_DURAA_HIMATAMAAN_KAASUU_DANDA'U:
==============================
â
1ď¸âŁ.Himatamaan foormii himannaa,bifa, yookiin qabiyyee himannaa mormuun akka mormii sadarkaa duraatti kaasuu danda'a,sdfy keewwata 130(1).
â#A.Himatamaan foormii fi qabiyyee himannaa irratti mormii dhiheessee Manni Murtii yoo fudhate akka haala dhimmichaatti himanni akka jijjiiramu yookiin akka dabalamu yookiin himannaa haaraa akka qopheessu ajajuu ni danda'a,sdfy keewwata 130(1) fi 119(1).
â#B.Bu'uura Manni Murtii ajajeen Abbaan Alangaa yoo hin raawwanne,himatamaan yeroodhaaf too'annaa jalaa gadi lakkifama,sdfy keewwata 122.
â#C.Himanni Abbaa Alangaa yoo jijjiirame,yoo dabalame yookiin himanni haaraa yeroo dhihaatu Manni Murtii himatamaaf dubbisuun akka hubatu ni taasisa,sdfy keewwata 119(2).
â#D.Itti aansuunis himata jijjiirame,dabalame ykn haaraa banamee dhihaateef himatamaan dhagahuuf qophii ta'uu fi dhiisuu Manni Murtii himatamaa gaafachuu qaba,sdfy keewwata 120(1).
â#E.Akkuma himanni himatamaaf qaqqabeen battalumatti himata dhagahuu yoo itti fufe mirga ofirraa ittisuu himatamaa kan hin sarbine ta'ee Mana Murtiitiif yoo mul'ate dhimmicha dhagahuu itti fufa.
â#F.Manni Murtii dhimma battalumatti itti fufuun mirga ofirraa ittisuu kan himatamaa yookiin haala himannaa Abbaa Alangaa jijjiiru ta'ee yoo argame garuu,himata dhagahuuf beellama biraa kennuu qaba,sdfy keewwata 120(3).
â
2ď¸âŁ.Himatamaan darbiinsa yeroo akka mormii sadarkaa duraatti kaasuu danda'a.Himanni Abbaa Alangaa darbiinsa yerootiin kan daangeeffame yoo ta'e,himatamaan mormii kaasuu baatus Manni Murtii kaka'umsa isaatiin Galmee cufuu qaba.
â
3ď¸âŁ.Himatamaan gocha yakkaa raawwate jedhamee ittiin himatameef itti gaafatamaa ta'uu dhabuu ibsuun akka mormii sadarkaa duraatti kaasuu danda'a(criminal irresponsibility).
â#Keessattuu,himatamtichi dhukkuba sammuu ykn gaggabdoon kan jeeqamu yoo ta'e waan gocha raawwatu beekuu fi dhiisuu isaa fi kan kana fakkaatan yaada ogeessa beekumsa addaa qabuun(Hospitaala dhimma kana adda baasuu danda'uun) qulqulleessuun dirqama.
â
4ď¸âŁ.Dhimmichi dursa Murtii kan argate yoo ta'e akka mormii sadarkaa duraatti kaasuu danda'a,sdfy keewwata 130(1)(b).
â
5ď¸âŁ.Dhimmichi dhiifamaan yookiin maaruudhaan/baraarsaan kan hafe yoo ta'e himatamaan akka mormii sadarkaa duraatti kaasuu danda'a.
â
6ď¸âŁ.Dhimmichi Mana Murtii birootti dhihaatee ilaalamaa kan jiru yoo ta'e akka mormii sadarkaa duraatti kaasuu danda'a.
â
7ď¸âŁ.Himanni dhihaate mirga ofirraa ittisuu himatamaa kan tuqu yoo ta'e himatamaan kanuma sababaan deeggaruun ibsuun akka mormii sadarkaa duraatti dhiheessuu danda'a.
Himatamaan akkuma himanni dubbifameefi hubateen booda mormii qabu duguugee kaasuu qaba.Yoo battalumatti mormii sadarkaa duraa qabu hin kaafne booda kaasuu hin danda'u.Garuu,murtii mormii irratti kennamu haqa kan daangeessu yoo ta'e(prohibit to give valid judgment) mormiin booda irratti ka'uu akka danda'u sdfy keewwata 130(3) jalatti ifa taasiseera.
#Mormiiwwan sadarkaa duraa seera deemsa falmii yakkaa keewwata 130 jalatti tumaman duguugamanii kan kaa'amanii miti.Mormii sadarkaa duraa seera kana jalatti hin tumamnes dhimmichaaf rogummaa qaba taanaan himatamaan mormii biraa kaasuu danda'a.
#Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Jildii 14ffaa Lakkoofsa Galmee 73514 ta'een"himatamaan mormii sadarkaa duraa seera deemsa falmii yakkaa keewwata 130 jalatti hin tumamnes akka mormii sadarkaa duraatti kaasuu akka danda'u" hiikoo kennee ture.
#Haalawwan hin adabsiisne(of irraa ittisuu seera qabeessa yookiin legitimate self-defense) Vs seeraa:
#Namni mirga isaa yookiin kan nama biroo miidhaa seeraan alaa irraa yookiin miidhaa seeraan alaa dhiheenyatti qaqqabu irraa oolchuuf miidhaan sun akka hin qaqqabne taasisuuf karaan biroo yoo hin jiraanne hamma haalichaa osoo hin darbin gochi raawwateef hin adabamu,seerri yakkaa bara 1996 bahe keewwatni 78 ifa taasisee jira.
Credit to Chala Abdurahiman
1 384
âď¸ HERREGNI BAANKII MOOTUMMAA SALPHAA TTI HIN UGGURAMUU!
Dhaddachi Ijibbaataa Qajeeltoo Jabaa Kaaâe
đď¸ Dhaddachi Ijibbaataa galmee lakkoofsa 208397 (Jildii 28) irratti murtii kenneen, ajajni mana murtii âUggura Qabeenyaa (Asset Freeze)â sirna seeraa cimaa irratti hundaaâee qofa kennamuu akka qabu murteesseera.
đ QABXIILEE IJOO MURTII
âď¸ Uggurri dhaabbata mootummaa irratti of-eeggannoo addaa barbaada
Dhaabbileen mootummaa qabeenya isaanii ni dhoksu ykn ni balleessu jechuun hin amanamne. Kanaaf, sababa gahaa malee herrega baankii isaanii ugguruun sirrii miti.
âď¸ Uggurri ragaa irratti hundaaâee qofa kennama
Akka Seera Sirna Falmii Hariiroo Hawaasaa keewwata 151â154tti, himatamaan qabeenya isaa balleessuuf ykn dhoksuuf yaada qabaachuun ragaan yoo mirkanaaâe qofa uggurri ni kennama.
âď¸ Waliigalteen Bulchiinsaa amala addaa qaba
Mootummaan waliigaltee addaan kutuuf aangoo qaba. Qaamni miidhame garuu beenyaa gaafachuu dandaâa malee waliigalteen akka itti fufu mootummaa dirqisiisuu hin dandaâu.
đ BUâUURA MURTII (SPIRIT OF THE DECISION)
1ď¸âŁ Uggurri tarkaanfii ittisaa malee adabbii miti
Kaayyoon isaa haala jiru eeguudha.
2ď¸âŁ Faayidaa fi miidhaa madaaluun barbaachisaa dha.
Maallaqa mootummaa ugguruun tajaajila uummataa gufachiisuu dandaâa.
3ď¸âŁ Hojii mootummaa dhaabuun hin dandaâamu
Ajajni ugguraa hojii mootummaa gufachiisuu hin qabu.
â
CUUNFAA IJOO
âDhaabbanni mootummaa dhaabbata itti fufiinsa qabu waan taâeef, akka nama dhuunfaa qabeenya isaa balleessu dandaâa jechuun hin shakkamu. Kanaafuu, sababa gahaa malee maallaqa mootummaa ugguruun seeraan sirrii miti.
1 384
MMWFed. Dh. Ij. Lakk. Galmee 10489 jildi 7ffaa irratti murtii kenneen baajata idilee Waajjiraaf ramadamu mindaa fi hojii Tajaajila uummataa akka ittiin gaggeessuuf ramadameef idaaf qabamee raawwiif akka oolu taasisuun jireenya waajjirichaa gaaffii keessa galchaa waan ta'eef hiikkoo analogy sdfhh kwt 404tiin qabeenya akkasii irratti raawwii ajajuun hin danda'amu jechuun hiikkoo dirqisiisaa kennee jira.
1 384
FORMII WALIIGALTEE LIQII MAALLAQAA
âWaliigaltee Liqii Maallaqaa
âWaliigalteen kun kanaan booda â Waliigaltee Liqi Liqeessaaâ ykn âLiqeessaaâ jedhamee kan waamamu Obbo/Aadde/W/rit.. Maqaa __________
Teessoo: Bulchiinsa Magaalaa __, Kifla Katamaa ____ Woreda __ Lakk. Manaa ____
âFi
âKanaan booda âLiqi Fudhataa Waliigalteeâ ykn âLiqeeffataaâ jedhamanii kan waamaman Obbo/Aadde/W/rit __________
Teessoo: Bulchiinsa Magaalaa __, Kifla Katamaa ____ Woreda __ Lakk. Manaa ____ gidduutti kan taasifame dha.
âLiqi Fudhataan waliigaltee Liqi Kennaa waliigaltee irraa Qarshii __ liqeeffachuuf fedhii waan qabaniif, Kennaan waliigaltee maallaqa kana liqeessuuf waan walii galaniif, akka Seera Hariiroo Hawaasaa keeyyata 2471 fi dambiiwwan itti fufan irratti hundaaâuun waliigaltee liqii kana guyyaa //__ A.L.E tti. mallatteessaniiru.
âKennaan waliigaltee karaa waliigaltee kanaan Qarshii __ (jechaan______) liqeessaniiru.
âFudhataan waliigaltee maallaqa waliigaltee kanaan liqeeffaman Qarshii __ (______) karaa waliigaltee kanaan Kennaa waliigaltee irraa harkaatti fudhataniiru.
âFudhataan waliigaltee maallaqa karaa waliigaltee kanaan liqeeffatan hunda guyyaa tokkotti guyyaa /_/____ tti deebisuuf dirqama galaniiru.
âFudhataan waliigaltee maallaqa liqeeffatan yeroo keeyyata 4 irratti ibsame keessatti yoo kaffaluu baatan, guyyaa kaffaltiin itti darbe irraa kaasee dhala (interest) 9% waliin kaffaluuf dirqama galaniiru.
âWaliigaltee kana irratti wal-dhabdeen yoo uumame dursa karaa nagaa fi waliigalteen hiikuuf yaaliin ni taasifama. Waliigalteen hiikuun yoo hin dandaâamne, mana murtii aangoo qabutti iyyannoo dhiyeeffachuu ni dandaâama.
âGareewwan waliigaltee keessaa tokko yoo waliigaltee diige, akkaataa Seera Hariiroo Hawaasaa keeyyata 1789, 1790 fi 1791 tiin, waliigaltee diiguu isaaniitiif beenyaa Qarshii __ (______) kaffaluuf walii galaniiru.
âWaliigalteen kun guyyaa ragaaleen itti argaman fi gareewwan mallatteessan //____ irraa kaasee kan hojjetu taâa.
âKennaa Waliigaltee (Liqeessaa): Obbo/Aadde/W/rit: ________
Mallattoo: ________
âFudhataa Waliigaltee (Liqeeffataa): Obbo/Aadde/W/rit: ________
Mallattoo: ________
âRagaalee
âNuâi ragaaleen armaan gadii, Kennaan waliigaltee fi Fudhataan waliigaltee fedhii isaaniitiin waliigaltee liqii maallaqaa kana yeroo raawwatan ragaa taâuu keenya mallattoo keenyaan ni mirkaneessina.
Ragaa 1ffaa:
Maqaa______
Mallattoo ____
Ragaa 2ffaa:
Maqaa________
Mallattoo ____
1 384
FORMII WALIIGALTEE LIQII MAALLAQAA
âWaliigaltee Liqii Maallaqaa
âWaliigalteen kun kanaan booda â Waliigaltee Liqi Liqeessaaâ ykn âLiqeessaaâ jedhamee kan waamamu Obbo/Aadde/W/rit.. Maqaa __________
Teessoo: Bulchiinsa Magaalaa __, Kifla Katamaa ____ Woreda __ Lakk. Manaa ____
âFi
âKanaan booda âLiqi Fudhataa Waliigalteeâ ykn âLiqeeffataaâ jedhamanii kan waamaman Obbo/Aadde/W/rit __________
Teessoo: Bulchiinsa Magaalaa __, Kifla Katamaa ____ Woreda __ Lakk. Manaa ____ gidduutti kan taasifame dha.
âLiqi Fudhataan waliigaltee Liqi Kennaa waliigaltee irraa Qarshii __ liqeeffachuuf fedhii waan qabaniif, Kennaan waliigaltee maallaqa kana liqeessuuf waan walii galaniif, akka Seera Hariiroo Hawaasaa keeyyata 2471 fi dambiiwwan itti fufan irratti hundaaâuun waliigaltee liqii kana guyyaa //__ A.L.E tti. mallatteessaniiru.
âKennaan waliigaltee karaa waliigaltee kanaan Qarshii __ (jechaan______) liqeessaniiru.
âFudhataan waliigaltee maallaqa waliigaltee kanaan liqeeffaman Qarshii __ (______) karaa waliigaltee kanaan Kennaa waliigaltee irraa harkaatti fudhataniiru.
âFudhataan waliigaltee maallaqa karaa waliigaltee kanaan liqeeffatan hunda guyyaa tokkotti guyyaa /_/____ tti deebisuuf dirqama galaniiru.
âFudhataan waliigaltee maallaqa liqeeffatan yeroo keeyyata 4 irratti ibsame keessatti yoo kaffaluu baatan, guyyaa kaffaltiin itti darbe irraa kaasee dhala (interest) 9% waliin kaffaluuf dirqama galaniiru.
âWaliigaltee kana irratti wal-dhabdeen yoo uumame dursa karaa nagaa fi waliigalteen hiikuuf yaaliin ni taasifama. Waliigalteen hiikuun yoo hin dandaâamne, mana murtii aangoo qabutti iyyannoo dhiyeeffachuu ni dandaâama.
âGareewwan waliigaltee keessaa tokko yoo waliigaltee diige, akkaataa Seera Hariiroo Hawaasaa keeyyata 1789, 1790 fi 1791 tiin, waliigaltee diiguu isaaniitiif beenyaa Qarshii __ (______) kaffaluuf walii galaniiru.
âWaliigalteen kun guyyaa ragaaleen itti argaman fi gareewwan mallatteessan //____ irraa kaasee kan hojjetu taâa.
âKennaa Waliigaltee (Liqeessaa): Obbo/Aadde/W/rit: ________
Mallattoo: ________
âFudhataa Waliigaltee (Liqeeffataa): Obbo/Aadde/W/rit: ________
Mallattoo: ________
âRagaalee
âNuâi ragaaleen armaan gadii, Kennaan waliigaltee fi Fudhataan waliigaltee fedhii isaaniitiin waliigaltee liqii maallaqaa kana yeroo raawwatan ragaa taâuu keenya mallattoo keenyaan ni mirkaneessina.
Ragaa 1ffaa:
Maqaa______
Mallattoo ____
Ragaa 2ffaa:
Maqaa________
Mallattoo ____
By Asleddin Ahmed
1 384
âď¸ Mirga Mindaa Hojjetaa Mootummaa too'annaa Seeraa Jala jiruu â Labsii Haaraa (1353/2016)
Hojjetaan mootummaa tokko yakkaan shakkamee tooâannoo jala yoo oole ykn yeroo murtaaâeef yoo hidhame, mirgoota seera qabeessa armaan gadii qaba
1ď¸âŁ Kaffaltii Mindaa Walakkaa (50%) đ°
Hojjetaan sun guyyaa jalqabaa irraa eegalee yeroo tooâannoo jala jiru keessatti hanga jiâoota 3tti mindaa isaa keessaa 50% argachuu mirga qaba.
Manni Hojii âhojii hin hojjanneâ sababa jedhuun mindaa isaa guutummaatti dhaabuu hin dandaâu.
2ď¸âŁ Daangaa Yeroo (Jiâoota 3) âł
Too'annaa Seeraa Jala jiâoota 3 ol Yoo ture, jiâa sadaffaa booda kaffaltiin mindaa ni dhaabama.
Garuu hojjetaan sun bilisa yoo gadhiifame, mindaan dhaabbate guutummaatti isaaf ni kaffalama.
3ď¸âŁ Kaffaltii yeroo bilisa baâu đ
Hojjetaan sun bilisa yoo gadhiifame ykn himanni isaa yoo Adda cite:
Mindaan 50% dura hin kaffalamne ture yeroo tokko keessatti guutummaatti isaaf ni kaffalama. â
Yeroon inni hidhaa keessa ture akka yeroo tajaajila hojii isaatti ni lakkaaâama. đ
Gara hojii isaa duraatti deebiâuu mirga guutuu qaba. đ˘
4ď¸âŁ Mindaan guutummaatti kan dhaabamu yeroo kami? đŤ
Mindaan hojjetaa guutummaatti kan dhaabamu:
Mana murtiitiin balleessaa taâee yakka itti murtaaâee murtiin hidhaa yoo itti kenname qofa.
Kanaafuu, buâuuruma labsii haaraa hojjetaa mootummaatiin, hojjetaan hanga murtiin irratti hin kennaminitti mindaan isaa guutummaatti dhaabamuu hin dandaâu; walakkaa mindaa isaa kaffaluun dirqama dha.
1 384
Adeemsa Dhagaya Dhimma Yakkaa Keessatti Hafiinsa Himatamaafi Tarkaanfiiwwan Fudhatamuu Dandaâan Ilaalchisee Murtiilee Dirqisiisoo Dhaddacha Ijibbaataa MMWFtiin Kennaman
=======//=======//=======//=========//==========//======//======//======
Adeemsa dhagaya dhimma yakkaa keessatti tarkaanfilee manneen murtii fudhachuu danadaâan ilaalchisee Dhaddachi Ijibbaataa MMWF murtiilee garaagaraa kan kenne yammuu taâu, isaan keessaa kan jalqabaa murtii dhaddachichi dhaddacha gaafa 10/09/2004 ooleen Lakk.Ga.76909 taâe (Jildii 13ffaa) irratti kennedha. Buâuura murtii kanaatiin, adeemsa dhagaya dhimma yakkaa keessatti ragaan namaa abbaa alangaafi himatamaa erga dhagahamee xumuramee booda guyyaa galmeen murtii kennuuf bule irratti himatamaan beellama isaa kabajee dhiyaachuu dhiisee yoo hafe manni murtii bakka himatamaan hin jirretti ilaalee murtii balleessummaafi adabbii kennuu
qaba malee eeguu hin qabu, guyyaa yaadni adabbii dhiyaachuu qabutti himatamaan beellama irraa hafee murtiin adabbii waan kennameef qofa dhimmichi bakka hin jirretti ilaalame hin jechisiisu jechuun Heera Mootummaa FDRI kwt 20(4) fi tumaalee seera deemsa falmii yakkaa adda addaa buâuura godhachuun xiinxaleera.
Dhimmi kan biroon murtii dirqisiisaa dhaddacha gaafa 22/01/2010 ooleen Lakk.Ga.127313 (Jildii
22) taâe irratti kenname yammuu taâu, dhimma kana keessatti immoo dhaddachichi; himatamaan guyyaa ragaan abbaa alangaa dhagahamu dhiyaatee, dhaggeeffatee, gaaffii qaxxaamuraa gaafatee, ragaa ittisaa dhiyeeffadhu jedhamee guyyaa beellamame irratti beellama irraa yoo bade manni murtii bakka inni hin jirretti itti fufee ragaa madaalee murtii kennuu qaba jedheera. Dhimma kana keessatti ragaa ittisaa eeguuf beellamni irra deddeebiidhaan kennamaa turuus ibseera.
Kana malees, dhaddachichi murtii dirqisiisaa dhaddacha gaafa 30/05/2014 ooleen Galmee Lakk. 211518 ta'e irratti (kan hin maxxanfamne) kenneen; Ragaan abbaa alangaa dhagahamee, guyyaa dhimmichi qoratamee jal-murtiin kennamuuf beellamametti himatamaan beellama irraa yoo hafe galmeen cufamuu akka hin qabnee fi dhimmichi itti fufee ilaalamee murtiin kennamuu qaba jedheera.
Murtiiwwan kun kallattii kan agarsiisan taâullee of eeggannoo manneen murtii taasisuu qaban hin
akeekne. Gaaffiiwan kaâuu dandaâan: tarkaanfiiwwan fudhatamuu qaban kun s/d/f/y keessatti hammatamee bakka hin jirretti (fedhii qaama seera baasuutiin ala) manneen murtii ofumaan fudhachuu ni dandaâuu? Tumaa s/d/f/y kwt 76 (nama mirga wabiitiin bahe) waliin akkamitti ilaalamuu qaba? Manneen murtii taâe jedhee hafuu (miliquu) ykn sababa humnaa ol taâeen hafuu (fakkeenyaaf butamee) mirkaneeffatanii bira darbumoo hafuun isaa qofti gahaadha? Yoo sababa gahaa qabaatehoo sirni itti keessa deebiâee ilaalamuuf ni jiraa? kan jedhanidha.
Kanas taâe sana, mirgi haala haqa qabeessa taâeen dhagahamuu himatamaa mirga heera irraa madde waan taâeef kabajamuu qaba. Manneen murtiis kabachiisuuf itti gaafatamummaa olâaanaa ďż˝qabu. Gama birootiin immoo mirgi kun himatamaadhaaf dahoo taâee, akka inni miliquuf carraa uumuu, adeemsi akka lafarra harkifatu ykn murtiin akka hin kennamne taasisuu waan hin qabneef gama hundaan of eeggannoodhaan madaaluun barbaachisaa natti fakkaata.
1 384
Isin isa kam filattu?
âMulâata yeroo qabaattu , rakkinni akka sitti baayâatu hin dagatiin! Xiyyaarri lafaa ol kaâuusaan dura baayâee iyya. Yeroo kaâuuf jettu waan baayâeetu si iyyisiisa. Hamma goda jirtutti humnoonni gajjallaa baayâee cimoodha. Si iyyisiisu, sin gadhiisani! Baankiin siif hin liqeessu, mootummaan eeyyama siif hin kennu, hiriyyoonni sin gargaaran, firri harka siif hin reebu, namni baayâeen siwajjin hin jiru! Yeroo sanatti filannoo lama qabda. Dhiisuu yookiin itti fufuu!â
Haasaa Dr. Gammachuuti.
1 384
#DhIjMMWF
 âKonkolaachisaan SY kwt 559(2) irra darbuudhaan yeroo tokkotti, bakka tokkotti miidhamtoota tokkoo ol irratti miidhaa geessise kan adabamuu qabu himannaa tokko jalatti malee akka yakka daddabalamaatti himannaa tokkoo ol jalatti mitiâ jechuun galmee gara garaa irratti kenname- himatamtoota biroo (kanneen lubbuu fi fayyaa namaa eeguuf dirqama hin qabne) yakka dagannoo SY kwt 559(2) jalatti balleessaa taasifamaniif raawwatiinsa kan qabudha.
1 384
Repost from Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa
Bittaaf_gurgurtaa_bu'aa_boba'aa_1363_to_Oromic_by_Adugna_A.pdf2.82 MB
