cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

Musa.H.Ⓜ️.Law Room

A blog About Ethiopian Law and Free legal education

Show more
Ethiopia2 836The language is not specifiedLaw1 165
Advertising posts
7 461
Subscribers
+2424 hours
+1337 days
+68730 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

proclamation_no_780_2013_money_laundering_and_financing_of_terrorism.pdf30.35 MB
የንብረት ማስመለስ ረቂቅ አዋጅ (1).pdf1.06 MB
Qajeelfama_Lak_27_2016_Fooya'iinsa_Qajeelfama_18_2014_BAAWO.pdf5.34 KB
𝐆𝐢𝐛𝐢𝐫𝐚 𝐆𝐚𝐥𝐢𝐢 𝐌𝐢𝐧𝐝𝐚𝐚 𝐇𝐨𝐣𝐣𝐚𝐭𝐨𝐨𝐭𝐚𝐚 𝐈𝐫𝐫𝐚 𝐌𝐮𝐫𝐚𝐦𝐮 𝐅𝐨𝐨𝐲𝐲𝐞𝐞𝐬𝐬𝐮𝐮𝐟 𝐐𝐨𝐫𝐚𝐧𝐧𝐨𝐨𝐧 𝐄𝐞𝐠𝐚𝐥𝐚𝐦𝐞𝐞 𝐣𝐢𝐫𝐚𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮 𝐐𝐮𝐛𝐚 𝐐𝐚𝐛𝐝𝐮𝐮? Kanaan dura ministeerri Maallaqaa gibira galii mindaa fooyyessuuf qorannoo akka eegalu ibsuun isaa ni yaadatama. Haaluma kanaan Ministeerri Maallaqaa kutaa hawaasaa galii gadi aanaa qabu deeggaruuf safartuu gibiraa galii mindaa irratti fe’ame fooyyessuuf qorannoo eegaluu isaa beeksifameera. Galiin waliigalaa hojjetaa kamiyyuu Birrii 600 ol yoo ta’e gibira galii mindaa %10 kan kaffalu yoo ta’u, hojjetaan galiin isaa Birrii kuma 10 ol ta’e ammoo gibirri %35 ni kaffalama. Sadarkaan gibira mindaa kun gareewwan galii gadi aanaa hawaasaa irratti dhiibbaa waan uumuuf qorannoon fooyya’uu eegalamee akka jiru barameera. Maddeen Ministeera Maallaqaa irraa argaman gabaasaa kanaaf akka himanitti, qorannoon kun irra caalaa mindaa xiqqaa birrii 600 irratti kan xiyyeeffate ta’uu ibsameera. Akkasumas gibira ol’aanaa yokiin mindaa birrii kuma kudhanii ol kaffalamu keessaa dhibbeentaa 35 dabaluuf yaadameeti. Kanaan duras Konfedereeshiniin Gamtaa Hojjetoota Itiyoophiyaa (KGHI) Waajjira Ministira Muummee dabalatee, safartuu gibiraa mooraa irratti kaa’amu akka hir’isuuf gaaffii Ministeera Maallaqaatiif dhiyeessee akka ture kallattii konfiraansichi kenneen ni mul’isa. Konfedereshiniin gamtaa hojjatoota Itiyoopiyaa gaaffii kana erga dhiyeessan booda muummicha ministeeraa waliin marii taasisanii turun isaanii ni yaadatama. Haa ta’u malee, gaaffileen marii Muummicha ministeeraa waliin taasifameen ka’an tokko tokko deebi’us, gariin isaanii deebii kan hin arganne yoo ta’u gaaffilee deebii hin arganne keessaa konfedereeshiniin gamtaa hojjatoota Itiyoopiyaa irra deddeebiin ibsanii turan keessaa inni guddaan tokko gibira galii mindaa hir’isuu akka ta’e ibsaniiru. Qorannoo haaromsa safartuu gibiraa Ministeera Maallaqaan eegalame quba akka hin qabne Pireezidaantiin KGHI Kaasaahuun Fooloo kan ibsan tahus safartuu gibiraa hir’isuuf gaaffiin irra deddeebi’amee dhiyaachaa akka ture yaadachiisaniiru. Gibirri kun hangam akka hir’ifamuu qabu al tokkoof murteessuun rakkisaa waan ta’eef, qorannoo gaggeessuun barbaachisaa ta’uu, qorannichi yeroo raawwatamus baasii jireenyaa wajjin kan walsimu ta’uu akka qabu cimsanii dubbataniiru. Kanumaan walqabatee Koreen Dhaabbii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Dhimma Karoora, Baajata fi Faayinaansii labsii gibira gatii dabalataa haaraan bakka buusuuf yaada dhihaate irratti, marii ummataa irratti ibsa kan kennan Ministirri Maallaqaa, Naannoo Ayoob Tekaaliin (Dr.) gibira galii irratti hojiin haaromsaa bal’aan hojjetamaa akka jiru ibsaniiru . Ibsi gibira galii qaama ibsa gibira gatii dabalataa akka hin taane kan ibsan Ayoob (Dr.) Ministeerri Maallaqaa dhimmichaaf xiyyeeffannoo kennuun qorannoo bal’aa gaggeessaa jiraachuu ibsaniiru. Ministirri kun akkuma hojii isaa xumureen paarlaamaaf ni dhiheessa jedhan. Odeeffannoo guutuu: Gabaasa gaazexaa rippoortaraa Irraa argachuu dandeessu. ✍ 🔰𝑩𝒂𝒓𝒏𝒐𝒐𝒕𝒂𝒂 𝒇𝒊 𝑶𝒅𝒆𝒆𝒇𝒇𝒂𝒏𝒏𝒐𝒐 𝒅𝒉𝒊𝒎𝒎𝒐𝒐𝒕𝒂 𝒔𝒆𝒆𝒓𝒂𝒂𝒕𝒊𝒊𝒏 𝒘𝒂𝒍𝒒𝒂𝒃𝒂𝒕𝒂𝒏 𝒌𝒂𝒎𝒊𝒚𝒚𝒖𝒖 𝒂𝒌𝒌𝒂𝒔𝒖𝒎𝒂𝒂𝒔 𝒍𝒂𝒃𝒔𝒊𝒊𝒍𝒆𝒆, 𝒎𝒖𝒓𝒕𝒊𝒍𝒆𝒆 𝒅𝒉𝒂𝒅𝒅𝒂𝒄𝒉𝒂 𝒊𝒋𝒊𝒃𝒂𝒂𝒕𝒂𝒂,𝒌𝒊𝒕𝒂𝒂𝒃𝒐𝒐𝒕𝒂𝒂 𝒇𝒊 𝒃𝒂𝒓𝒓𝒆𝒆𝒇𝒂𝒎𝒐𝒐𝒕𝒂 𝒅𝒉𝒊𝒎𝒎𝒂 𝒔𝒆𝒆𝒓𝒂𝒂 𝒃𝒂𝒓𝒔𝒊𝒊𝒔𝒐𝒐 𝒊𝒕𝒕𝒊 𝒇𝒖𝒇𝒊𝒏𝒔𝒂𝒏 𝒂𝒓𝒈𝒂𝒄𝒉𝒖𝒖𝒇 𝒇𝒖𝒖𝒍𝒂 𝒕𝒆𝒍𝒆𝒈𝒊𝒓𝒂𝒂𝒎𝒊𝒊 𝒌𝒆𝒆𝒏𝒚𝒂𝒂 𝒍𝒊𝒊𝒏𝒌𝒊𝒊 𝒂𝒓𝒎𝒂𝒂𝒏 𝒈𝒂𝒅𝒊𝒊 𝒌𝒂𝒏𝒂 𝒋𝒐𝒊𝒏 𝒈𝒐𝒄𝒉𝒖𝒏 𝒉𝒐𝒓𝒅𝒂𝒇𝒂𝒂, 𝒌𝒂𝒏𝒏𝒆𝒆𝒏 𝒃𝒊𝒓𝒐𝒐𝒕𝒊𝒊𝒇𝒊𝒔 𝒒𝒐𝒐𝒅𝒂𝒂. 👉https://t.me/musalawyer
Show all...
Musa.H.Ⓜ️.Law Room

A blog About Ethiopian Law and Free legal education

𝐋𝐚𝐛𝐬𝐢𝐢 𝐐𝐚𝐛𝐢𝐲𝐲𝐞𝐞 𝐋𝐚𝐟𝐚 𝐃𝐡𝐮𝐧𝐟𝐚𝐚 𝐆𝐚𝐝𝐢 𝐋𝐚𝐤𝐤𝐢𝐬𝐢𝐢𝐬𝐮𝐮,𝐁𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚𝐚 𝐊𝐚𝐟𝐚𝐥𝐮𝐮 𝐅𝐢 𝐃𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐧𝐢𝐢 𝐃𝐡𝐚𝐚𝐛𝐮𝐮 𝐊𝐚𝐧 𝐃𝐮𝐫𝐚𝐚 𝐅𝐨𝐨𝐲𝐲𝐞𝐞𝐬𝐬𝐮𝐮𝐧 𝐑𝐚𝐠𝐠𝐚𝐚𝐬𝐢𝐟𝐚𝐦𝐞 𝐈𝐥𝐚𝐚𝐥𝐜𝐡𝐢𝐬𝐞𝐞 𝐈𝐛𝐬𝐚 𝐊𝐞𝐧𝐧𝐚𝐦𝐞. @musalawyer
Show all...
ለሕዝብ_ጥቅም_ሲባል_የመሬት_ይዞታ_የሚለቀቅበትን፣_ካሣ_የሚከፈል_ዎች_መ_አዋጅ_ቁጥር_1161_2011ን.pdf5.09 KB
👍 2
Labsiin qabiyyee lafa dhunfaa gadi lakkisiisuu, beenyaa kafaluu fi deebisanii dhaabuu raggisfame ilaalchisee ibsa kenname. Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa walga’ii idilee 34ffaa taa’een labsii fooyya’iinsaa haal-duree abbummaan lafaa itti gadhiifamu, beenyaan itti kaffalamu, akkasumas deebisanii dhaabuu faayidaa ummataaf ta’u akka raawwatamu murteessuuf bahe raggaasiseera. Kabajamtuu Aadde Shewit Shanka, Dura teessuu koree dhaabbataa bu’uuraalee misoomaa fi geejjibaa magaalaa, labsii kana ilaalchisee gabaasaa fi yaada dhiheessaniiru.  Dura taa’aan kun labsii fooyya’e kanaan qaamolee buqqaatota deebisanii dhaabuu fi deebisanii dhaabuuf aangoo fi itti gaafatamummaa qaban ifatti adda baasuun sirna diriirsuu isaa eeraniiru. Labsiin kun piroojektoonni haala qulqullinaa fi yeroo qusannaa qabuun akka hojjetamuu fi guddina biyyaaf gumaacha isaanii akka dabalu tumaa kan hammate ta’uu ibsaniiru. Akkasumas labsii pirojektoonni walfakkaatan baasii walfakkaataafi yeroo walfakkaataan akka xumuraman hayyamu diriirsu ta’uu ibsaniiru. Akkasumas, sababa falmii mana murtii fi sababa gaaffii beenyaa hin malletiin herrega baankii addaan kutuun harkifannaa hojii pirojektoota irratti raawwatamaa ture kan hir’isu labsii ta’uu murtoo yaadame keessatti ibsameera. Kabajamtuu Aadde Esgenet Mengestu Dura taa’aan koree dhaabbii seeraa fi haqaa mana marichaa sirni kaffaltii beenyaa kanaan dura ture gocha malaammaltummaaf kan saaxilame ta’uu fi hojjettoonni misoomaa beenyaa sirrii akka hin arganne hubachiisaniiru. Labsiin fooyya’e kun qabeenyi mootummaa fi ummataa akka hin qisaasamne kan taasisu ta’uu ibsaniiru. Kabajamtuu Aadde Esgunet akkasumas labsiin haaraan kun sirna haqaa irratti rakkoo akka hin fidnee fi namni beenyaa malu hin arganne gara dhaabbata abbaa seerummaa ol’aanaa deemuun mirga isaa kabachiisuu akka danda’us ibsaniiru. Miseensonni mana marichaa wixinee kanarratti yaada adda addaa dhiyeessaniiru. Labsiin fooyya’e kun gochaalee kiraa sassaabdummaa kanaan dura mul’atan dhabamsiisuudhaan pirojektoota bajataa fi yeroo qabameen xumuruuf kan gargaaru ta’uu ibsaniiru. Akkasumas falmiin beenyaa waliin walqabatu gara mana murtii federaalaatti dhiyaatee manneen murtii bakka jirutti akka dhagahamu yaadonni dhiyaataniiru. Gama biraatiin haala amma jiruun mootummoonni naannolee fi magaalota kaffaltii beenyaa raawwachuu dadhabuu malu; Pirojektoonni haaraan yeroo karoorfaman baajata naannoleef ramadamu ilaalcha keessa kan galfamu ta’uun deebii kennameera. Daangaan raawwatiinsa labsiin fooyya’ee tilmaama beenyaa fi kaffaltii labsichi erga mirkanaa’ee booda raawwatameef; Pirojektoota misoomaa beenyaan dura hin kaffalamiin labsii jiruun akka ilaalaman ibsamee jira. Dhumarratti wixineen labsii kun sagalee caalmaan akka Labsii Lakkoofsa 1336/2016 tti raggaasigamee jira.   
Show all...
ለሕዝብ_ጥቅም_ሲባል_የመሬት_ይዞታ_የሚለቀቅበትን፣_ካሣ_የሚከፈል_ዎች_መ_አዋጅ_ቁጥር_1161_2011ን.pdf5.09 KB
Miseensi biraa Obbo Fireew Tasfaayee jedhaman ammoo ''haala amma jiruun aanaaleen dandeettiin beenyaa kaffaluu isaanii akkaan daangeffamaadha,'' jechuun milkaa'ina labsii kanaarratti yaaddoo qaban ibsan. Miseensi paarlaamaa kun dabaluun ''akka yaada kootti kaffaltiin beenyaa dirqama waloo osoo ta'ee. Gama kanaan mootummoonni federaalaa fi naannolee osoo waltumsanii hojjetanii yaada jedhun qaba,'' jedhan. Miseensi paarlaamaa biraan Wondiwasan Admaasee jedhaman akkuma Obbo Fireew ''labsiin fooyya'e kan mootummoonni federaalaa fi naannolee waliin ta'uun raawwatan ta'uu qaba malee itti gaafatamummaa guutuu naannoleef kennuun rakkoodha,'' jedhan. Naannolee hedduun hojjettoota mootummaaf mindaa kaffaluuyyuu hin dandeenye kan jedhan Obbo Wondiwasan ''naannoo mindaa hojjettootaa kaffaluu hin dandeenyeen beenyaa kaffali yoo jenne labsii kan duraas ta'e kan fooyya'ee ba'e osoo hin milkeessin gidduutti rarraanee hafuu keenya,'' jedhan. Dubartiin miseensa paarlaamaa taate tokko ammoo akkas jette: ''hojiiwwan labsii duraa jalatti hojjetamaa turanii fi ammallee hin xumuramin akkasumas gaaffilee beenyaa hanga yoonaa hin deebi'in jiran akkaataa deebisuu danda'uun fooyya'uu qaba,'' jedhan. Maddi BBC Afaan Oromo 🔰𝑩𝒂𝒓𝒏𝒐𝒐𝒕𝒂𝒂 𝒇𝒊 𝑶𝒅𝒆𝒆𝒇𝒇𝒂𝒏𝒏𝒐𝒐 𝒅𝒉𝒊𝒎𝒎𝒐𝒐𝒕𝒂 𝒔𝒆𝒆𝒓𝒂𝒂𝒕𝒊𝒊𝒏 𝒘𝒂𝒍𝒒𝒂𝒃𝒂𝒕𝒂𝒏 𝒌𝒂𝒎𝒊𝒚𝒚𝒖𝒖 𝒂𝒌𝒌𝒂𝒔𝒖𝒎𝒂𝒂𝒔 𝒍𝒂𝒃𝒔𝒊𝒊𝒍𝒆𝒆, 𝒎𝒖𝒓𝒕𝒊𝒍𝒆𝒆 𝒅𝒉𝒂𝒅𝒅𝒂𝒄𝒉𝒂 𝒊𝒋𝒊𝒃𝒂𝒂𝒕𝒂𝒂,𝒌𝒊𝒕𝒂𝒂𝒃𝒐𝒐𝒕𝒂𝒂 𝒇𝒊 𝒃𝒂𝒓𝒓𝒆𝒆𝒇𝒂𝒎𝒐𝒐𝒕𝒂 𝒅𝒉𝒊𝒎𝒎𝒂 𝒔𝒆𝒆𝒓𝒂𝒂 𝒃𝒂𝒓𝒔𝒊𝒊𝒔𝒐𝒐 𝒊𝒕𝒕𝒊 𝒇𝒖𝒇𝒊𝒏𝒔𝒂𝒏 𝒂𝒓𝒈𝒂𝒄𝒉𝒖𝒖𝒇 𝒇𝒖𝒖𝒍𝒂 𝒕𝒆𝒍𝒆𝒈𝒊𝒓𝒂𝒂𝒎𝒊𝒊 𝒌𝒆𝒆𝒏𝒚𝒂𝒂 𝒍𝒊𝒊𝒏𝒌𝒊𝒊 𝒂𝒓𝒎𝒂𝒂𝒏 𝒈𝒂𝒅𝒊𝒊 𝒌𝒂𝒏𝒂 𝒋𝒐𝒊𝒏 𝒈𝒐𝒄𝒉𝒖𝒏 𝒉𝒐𝒓𝒅𝒂𝒇𝒂𝒂, 𝒌𝒂𝒏𝒏𝒆𝒆𝒏 𝒃𝒊𝒓𝒐𝒐𝒕𝒊𝒊𝒇𝒊𝒔 𝒒𝒐𝒐𝒅𝒂𝒂. 👉https://t.me/musalawyer
Show all...
Musa.H.Ⓜ️.Law Room

A blog About Ethiopian Law and Free legal education

👍 7 5
𝐋𝐚𝐛𝐬𝐢𝐢𝐧 𝐐𝐚𝐛𝐢𝐲𝐲𝐞𝐞 𝐋𝐚𝐟𝐚𝐚𝐫𝐫𝐚𝐚 𝐍𝐚𝐦𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐊𝐚𝐚𝐬𝐮𝐮𝐟𝐢𝐢 𝐁𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚𝐚 𝐊𝐚𝐟𝐚𝐥𝐮𝐮 𝐇𝐚𝐚𝐫𝐨𝐨𝐟𝐧𝐢 𝐌𝐚𝐚𝐥 𝐎𝐟 𝐊𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐚 𝐐𝐚𝐛𝐚? Paarlaamaan Itoophiyaa dhimma namoota qabiyyee [lafaa] irraa kaasuu, beenyaa kaffaluu fi kanneen kaafaman deebisanii qubsiisuu irratti labsii waggaa shan dura ba'e fooyyessuun labsii haaraa baaseera Manni Maree Bakka Bu'oota Uummataa Itoophiyaa yaa'ii idilee 34ffaa irratti akkaataa namoota qabiyyee lafaarraa kaasuu, kaffaltii beenyaa fi kanneen kaafaman qubachiisuu irratti wixinee labsii dhihaate raggaasiseera. Wixineen labsii dhimma lafaa haarofti kun Waxabajjii 25, 2024 sagalee caalmaan kan raggaasifame yoo ta'u, sagaleen mormii afuriifi callisi ja'a isa mudateera. Labsiin kun qaamoleen [namoonni] qabiyyeen lafaa harkasaanii jiru akka gadhiisan wayita taasifamanitti beenyaa ga'aafi deeggarsa barbaachisaa kennuuf sirna dandeessisu diriirseera. Beenyaa kaffaluufi kanneen qabiyyeen lafasaanii gadhiisan deebisanii qubsiisuuf qaamni aangoo qabu labsii kana keessatti ibsameera. Labsii haaraan kun hojii daangaan walqabatee jiru salphisuun qabiyyee lafaa yookiin qabeenyaan walqabatee dhiibbaa fi rakkoo mudataa ture akka furu ibsameera. Akkaataa labsii kanaan hojiin beenyaa kaffaluu naannolee fi bulchiinsota magaalotaaf kennameera. Labsiin kun maal of keessatti qabateera? Amma Paarlaamaan Itoophiyaa dhimma namoota qabiyyee [lafaa] irraa kaasuu, beenyaa kaffaluu fi kanneen kaafaman deebisanii qubsiisuu irratti labsii waggaa shan dura ba'e fooyyessuun labsii haaraa baaseera. Kanaan dura qabiyyeewwan lafaa misoomaa fi tajaajila uummataaf barbaadaman wayita abbaa qabiyyee gadhiisisan beenyaa kan kaffalu mootummaa federaalaati. Akkaataa labsii haaraa kanaan hojiin beenyaa kaffaluu kan naannolee fi bulchiinsota magaalaa ta'eera. Labsiin kun raggaasifamuu dura miseensonni mana maree bakka bu'ootaa wayita wixinee isaarratti mari'ataa turan ''naannoleen humna kaasaa kaffaluu qabaachuu irratti sodaa qaban'' kaasuun mari'ataniiru. Faayidaa uummataaf jecha qabiyyee lafaa gadhiisisuu, beenyaa kaffaluu fi kanneen qabiyyeesaaniirraa ka'an deebisanii ijaaruu ilaalchisuun labsii kanaan dura ture fooyyessuun wixineen labsii haaraan mana maree bakka bu'ootaan kan raggaasifame Kibxata kaleessaa ture. Labsii haaraan kun kan waggaa shan dura ba'ee hojiirra oolaa jiru irratti keewwatoota ijoo sadi dabaluun fooyyesseera. Labsii duraan ture fooyyessuun maaliif akka barbaachiseefi keewwattoota fooyyeffaman irratti ibsa kan kennan mana marechaatti bakka bu'aan mootummaa Obbo Tasfaayee Baljigee kan kanaan duraa raawwii hojii fi itti fayyadama yeroo irratti dhiibbaa uumeera jedhan. ''Kanneen misoomaaf jedhamuun kaafamaniif beenyaan karaa jaarmiyaa misoomaawwan bu'uuraa ijaaruun kaffalamaa ture. Kana malees jaarmiyaan kun hojii daangaa kabachiisuu fi pirojektoota misooma bu'uuraa ijaaruu dabalatee hojiiwwan hojjetuun dhiibbaa jala galeera, as keessatti qisaasamni yeroos ni mudata.'' Kanaaf lafti gadhiisifame misoomaawwan bu'uuraa fi tajaajila uummataaf kan oolu yoo ta'e, hojiin qabeenya tilmaamuu, kaffaluu fi abbaa qabiyyee lafarraa kaasuu naannolee yookiin bulchiinsota magaalaatti darbeera jedha ibsi qondaala kanaa. Kaffalatiin kun beenyaa tilmaama qabeenyaan kaffalamu, deeggarsa diinagdee namoota kaafamaniif taasifamu akkasumas sababa kanaan hariiroon hawaasaa yoo miidhame xiinsammuu namootaa kunuunsuuf beenyaa kaffalamufaa of keessatti hammateera. Abdii fi yaaddoo labsii kanaa Miseensonni mana maree bakka bu'ootaa wayita wixinee labsii kanarratti mari'atan gaaffii yaaddoo of keessaa qabu kaasaniiru. Labsiin kun kaffaltii beenyaan walqabatee barfannaa yeroo kan furu ta'uu kan kaasan minseensi paarlaamaa Obbo Fiqiruu Worquu, ''naannoleen haaraa hundaa'an hojjettoota mootummaaf mindaa kaffaluu wayita dadhabanitti hojii guddaa akkasii naannoleerratti fe'uun haga milkaa'a?'' jechuun gaafatan.
Show all...
Musa.H.Ⓜ️.Law Room

A blog About Ethiopian Law and Free legal education

👍 2
Labsiin qabiyyee lafaarraa namoota kaasuufi kaffaltii beenyaa maal of keessaa qaba? June 26, 2024 Paarlaamaan Itoophiyaa dhimma namoota qabiyyee [lafaa] irraa kaasuu, beenyaa kaffaluu fi kanneen kaafaman deebisanii qubsiisuu irratti labsii waggaa shan dura ba'e fooyyessuun labsii haaraa baaseera Manni Maree Bakka Bu'oota Uummataa Itoophiyaa yaa'ii idilee 34ffaa irratti akkaataa namoota qabiyyee lafaarraa kaasuu, kaffaltii beenyaa fi kanneen kaafaman qubachiisuu irratti wixinee labsii dhihaate raggaasiseera. Wixineen labsii dhimma lafaa haarofti kun Waxabajjii 25, 2024 sagalee caalmaan kan raggaasifame yoo ta'u, sagaleen mormii afuriifi callisi ja'a isa mudateera. Labsiin kun qaamoleen [namoonni] qabiyyeen lafaa harkasaanii jiru akka gadhiisan wayita taasifamanitti beenyaa ga'aafi deeggarsa barbaachisaa kennuuf sirna dandeessisu diriirseera. Beenyaa kaffaluufi kanneen qabiyyeen lafasaanii gadhiisan deebisanii qubsiisuuf qaamni aangoo qabu labsii kana keessatti ibsameera. Labsii haaraan kun hojii daangaan walqabatee jiru salphisuun qabiyyee lafaa yookiin qabeenyaan walqabatee dhiibbaa fi rakkoo mudataa ture akka furu ibsameera. Akkaataa labsii kanaan hojiin beenyaa kaffaluu naannolee fi bulchiinsota magaalotaaf kennameera. Labsiin kun maal of keessatti qabateera? Amma Paarlaamaan Itoophiyaa dhimma namoota qabiyyee [lafaa] irraa kaasuu, beenyaa kaffaluu fi kanneen kaafaman deebisanii qubsiisuu irratti labsii waggaa shan dura ba'e fooyyessuun labsii haaraa baaseera. Kanaan dura qabiyyeewwan lafaa misoomaa fi tajaajila uummataaf barbaadaman wayita abbaa qabiyyee gadhiisisan beenyaa kan kaffalu mootummaa federaalaati. Akkaataa labsii haaraa kanaan hojiin beenyaa kaffaluu kan naannolee fi bulchiinsota magaalaa ta'eera. Labsiin kun raggaasifamuu dura miseensonni mana maree bakka bu'ootaa wayita wixinee isaarratti mari'ataa turan ''naannoleen humna kaasaa kaffaluu qabaachuu irratti sodaa qaban'' kaasuun mari'ataniiru. Faayidaa uummataaf jecha qabiyyee lafaa gadhiisisuu, beenyaa kaffaluu fi kanneen qabiyyeesaaniirraa ka'an deebisanii ijaaruu ilaalchisuun labsii kanaan dura ture fooyyessuun wixineen labsii haaraan mana maree bakka bu'ootaan kan raggaasifame Kibxata kaleessaa ture. https://www.bbc.com/afaanoromoo/articles/c2llydz5pz9o Labsii haaraan kun kan waggaa shan dura ba'ee hojiirra oolaa jiru irratti keewwatoota ijoo sadi dabaluun fooyyesseera. Labsii duraan ture fooyyessuun maaliif akka barbaachiseefi keewwattoota fooyyeffaman irratti ibsa kan kennan mana marechaatti bakka bu'aan mootummaa Obbo Tasfaayee Baljigee kan kanaan duraa raawwii hojii fi itti fayyadama yeroo irratti dhiibbaa uumeera jedhan. ''Kanneen misoomaaf jedhamuun kaafamaniif beenyaan karaa jaarmiyaa misoomaawwan bu'uuraa ijaaruun kaffalamaa ture. Kana malees jaarmiyaan kun hojii daangaa kabachiisuu fi pirojektoota misooma bu'uuraa ijaaruu dabalatee hojiiwwan hojjetuun dhiibbaa jala galeera, as keessatti qisaasamni yeroos ni mudata.'' Kanaaf lafti gadhiisifame misoomaawwan bu'uuraa fi tajaajila uummataaf kan oolu yoo ta'e, hojiin qabeenya tilmaamuu, kaffaluu fi abbaa qabiyyee lafarraa kaasuu naannolee yookiin bulchiinsota magaalaatti darbeera jedha ibsi qondaala kanaa. Kaffalatiin kun beenyaa tilmaama qabeenyaan kaffalamu, deeggarsa diinagdee namoota kaafamaniif taasifamu akkasumas sababa kanaan hariiroon hawaasaa yoo miidhame xiinsammuu namootaa kunuunsuuf beenyaa kaffalamufaa of keessatti hammateera. Abdii fi yaaddoo labsii kanaa Miseensonni mana maree bakka bu'ootaa wayita wixinee labsii kanarratti mari'atan gaaffii yaaddoo of keessaa qabu kaasaniiru. Labsiin kun kaffaltii beenyaan walqabatee barfannaa yeroo kan furu ta'uu kan kaasan minseensi paarlaamaa Obbo Fiqiruu Worquu, ''naannoleen haaraa hundaa'an hojjettoota mootummaaf mindaa kaffaluu wayita dadhabanitti hojii guddaa akkasii naannoleerratti fe'uun haga milkaa'a?'' jechuun gaafatan.
Show all...
Miseensi biraa Obbo Fireew Tasfaayee jedhaman ammoo ''haala amma jiruun aanaaleen dandeettiin beenyaa kaffaluu isaanii akkaan daangeffamaadha,'' jechuun milkaa'ina labsii kanaarratti yaaddoo qaban ibsan. Miseensi paarlaamaa kun dabaluun ''akka yaada kootti kaffaltiin beenyaa dirqama waloo osoo ta'ee. Gama kanaan mootummoonni federaalaa fi naannolee osoo waltumsanii hojjetanii yaada jedhun qaba,'' jedhan. Miseensi paarlaamaa biraan Wondiwasan Admaasee jedhaman akkuma Obbo Fireew ''labsiin fooyya'e kan mootummoonni federaalaa fi naannolee waliin ta'uun raawwatan ta'uu qaba malee itti gaafatamummaa guutuu naannoleef kennuun rakkoodha,'' jedhan. Naannolee hedduun hojjettoota mootummaaf mindaa kaffaluuyyuu hin dandeenye kan jedhan Obbo Wondiwasan ''naannoo mindaa hojjettootaa kaffaluu hin dandeenyeen beenyaa kaffali yoo jenne labsii kan duraas ta'e kan fooyya'ee ba'e osoo hin milkeessin gidduutti rarraanee hafuu keenya,'' jedhan. Dubartiin miseensa paarlaamaa taate tokko ammoo akkas jette: ''hojiiwwan labsii duraa jalatti hojjetamaa turanii fi ammallee hin xumuramin akkasumas gaaffilee beenyaa hanga yoonaa hin deebi'in jiran akkaataa deebisuu danda'uun fooyya'uu qaba,'' jedhan.
Show all...
2
Choose a Different Plan

Your current plan allows analytics for only 5 channels. To get more, please choose a different plan.