uk
Feedback
Diinaa'ol Kumaa

Diinaa'ol Kumaa

Відкрити в Telegram

Rakkina kee rakkisaa keetti hin himiin.

Показати більше
Країна не вказанаКатегорія не вказана
1 384
Підписники
+124 години
+17 днів
-1730 днів
Архів дописів
WAA'EE MIRGA WABII ✍️Qorataan poolisii shakkamaa osoo gadi hin lakkisinii fi mana murtii osoo hin dhiyeessin sa’aatii daangeffamee ol yoo tursiise furmaanni battalaa shakkamaan qabu bu’uura SDFY Kw. 64tiin mirga wabii gaafachuudha. Gaaffiin mirga wabii kun barreeffamaan kan qophaa’u ta’ee,mallattoo shakkamaa iyyateetiin mirkanaa’ee dhiyaata Gaaffii mirga wabii bu’uura SDFY kw. 64tiin dhiyaateef ilaalee manni murtii yaada qorataa poolisii ykn abbaa alangaa fudhachuun sa’aatii 48:00 keessatti murtee kennuu qaba.Kana jechuun gaaffiin mirga wabii dhiyaatee guyyaa lama keessatti furmaata argachuu waan qabuuf, dhimmoota biroo caalatti dursi kennameefii ilaallamuu qaba. Abbaan alangaa ykn qorataan Poolisii gaaffii mirga wabii irratti yaada kennu of eeggannoodhaan dhimmoota qulqulleeffatee ta’uu qaba. ✍️Mormuufis ta’e moormuu dhiisuuf sababa haqa qabeessa ibsuun manni murtii ajaja haqa qabeessa akka kennuuf deeggaruu qaba. Caalatti, mormiin isaa seeraa fi ragaa qabatamaa irratti hundaa’uu qaba malee tilmaama miira dhuunfaa irraa madduun ta’uu hin qabu. ✍️Mirgi wabii kan hayyamamu dirqama wabii mallatteessisuu dhaan ykn maallaqa dirqamni ittiin seenamu mana murtiitti qabsiisuudhaan,gama tokkoon bilisummaa shakkamaa kan eegsisu ta’ee, gama biraatiin immoo dhaddacharratti argamuu himatamaa dirqisiisu olaantummaa seeraa kabachiisa. Kanaafuu,mirgi wabii waadaa himatamaan/shakkamaan ykn namni biroo akka shakkamaan/himatamaan dirqama beellama fuulduraa sirnaan hordofuuf seenamuudha. ✍️Akka qajeeltootti, namni sababa gocha yakkaatiin too’atame kamiyyuu wabii qabsiisee ykn waamee gadi lakkifamuuf mirga qaba. Haala addaatiin garuu, ulfaatina gocha raawwatamee, cimina adabbii yakkichi hordofsiisuu fi haala miidhamaan yakkaa keessatti argamu tilmaama keessa galchuudhaan mirgi wabii dhoorkamuu ni danda’a.Dhimmi shakkamaan ittiin himatame du’aan kan isa adabsiisu yoo ta’e ykn hidhaa cimaa waggaa 15 ykn sanaa oliin kan adabsiisuu fi miidhamaan yakkichaa hubaatii isa irra gaheen kan du’uu danda’u yoo ta’e mirgi wabii hin hayyamamu. ✍️Dabalataanis, bu’uura SDFY kw. 67tin sababoota amala shakkamaa tilmaama keessa galchuun haallan gaaffii mirga wabii fudhatama dhabsiisan jiru. Isaanis: shakkamaan iyyata mirga wabii dhiyeeffate dirqama wabummaa seene hin raawwatu jedhamee yoo yaadame, gaafa wabiidhaan gadi lakkifame yakka biroo raawwachuu danda’a jedhamee yoo sodaatame ykn ragaa balleessuu danda’a jedhamee yoo tilmaamame mirgi wabii dhoorkamuu ni mala. Akkaataa seera kanaatti gochi shakkamaan ittiin himatame mirga wabii kan dhoorkachiisuu miti. Amalaa fi naamusa shakkamaattu mirga wabii isa dhabsiisa. ✍️Tumaan seeraa SDFY kw. 67 jalatti kaa’ame hojimaata keessatti haala sababaawaa fi haqa qabeessummaa hin qabneen yoo hiikamu ni mul’ata. Fknf: shakkamaan ykn himatamaan sababa waraqaa eenyummaa ykn bakka jireenyaa dhaabbataa hin qabneef jechuun abbaan alangaa gaaffii mirga wabii yoo mormuu, manni murtiis mormii kanaan yoo gaaffii mirga wabii kufaa taassisu ni mul’ata. Haa ta’u malee, murtii MMWF Dh/ijibbaataa galmee lakk. 131863 irratti kenneen shakkamaan magaalaa keessatti bakka jireenyaa ykn waraqaa eenyummaa dhaabbii hin qabu jechuudhaan mirga wabii shakkamaa dhorkachuun heera mootummaa kan dhiibu ta’uu kaa’eera. Akkasumas, dhadachi kun mirga wabii ilaalchisee murtii biroo kenneen shakkamaan tokko mirgi wabii yoo eegameef dirqama wabii isaa hin raawwatu jechuudhaaf sababni gahaa fi seerawaa ta’e, sababni gahaa fi seerawaa kunis qixa haalawwan naannoo gargaraa fi qixa yakkichaatiin ilaalamuu qaba jedheera. ✍️Dirqamoota mirga wabii keessatti mallatteeffaman keessaa tokko guyyaa beellamaatti sa’aatii dhaddachaa kabajanii mana murtii dhiyaachuudha.Dirqamni biraa hawaasa irratti yakka biroo raawwachuu irraa of qusachuu shakkamaati. Walitti dhiyeenya qabuun, maallaqa isaatiin ykn haala kamiinuu ragaa sossobee, gowwoomsee, doorsisee, biyyaa baasee karaa kamiinuu kan balleessu yoo ta’e mirgi wabii isaa mormamuu fi dhoowwatamuu ni danda’a.

“Gorsa 20 Qorannoo Milkaa’ina Abukattoo Seeraa Haaraaf... ✍️✍️✍️✍️ Milkaa’inni seeraa beekumsa seera qofa osoo hin taane, hariiroo namaa, naamusa ogummaa fi yaada tarsiimoo cimaa gaafata jedha. ✍️Gorsawwan kunneen bakka sadiitti qoodamu: ✍️I. Dandeettii Ogummaa fi Qophii (1–7) Kutaan kun humna beekumsa seeraa fi qophii mana murtii irratti xiyyeeffata. 1✍️Qorannoo seeraa gadi fageenyaan gochuu – Labsii, dambii fi murtiiwwan hiika dirqamaa qaban hordofuu. 2✍️Dhugaa dhimmaa sirriitti beekuu – Seera dura dhugaa fi haala dhimmaa hubachuu. 3✍️Seera sirna adeemsa (procedure) beekuu – Yeroo daangaa fi aangoo mana murtii sirriitti beekuu. 4✍️Barreeffama seeraa cimaa qabaachuu – Ifaa, gabaabaa fi ragaan deeggarame barreessuu. 5✍️Ragaa-baatota qopheessuu – Mana murtii dura sirriitti qopheessuu. 6✍️Dubbisuu itti fufiinsaan – Seerri yeroo yeroon waan jijjiiramuuf of haaromsuu. 7✍️Xiinxala bal’ina (detail) irratti xiyyeeffachuu – Dogoggorri xiqqaan illee bu’aa jijjiiruu danda’a. 👉 Ergaan isaa: Abukaaton milkaa’an bu’uura ogummaa cimaa qabaachuu qabu. II.✍️ Itti Aanaa Maamilaa fi Naamusa Ogummaa (8–14) Kutaan kun hariiroo maamilaa fi amanamummaa irratti hundaa’a. 8✍️Iftoomina fi amanamummaa – Abdii sobaa hin kennin. 9✍️Dhaggeeffachuu sirriitti – Maamilaa obsaan dhaggeeffachuu. 10✍️Iccitii eeguu – Bu’uura ogummaa seeraa ti. 11✍️Odeeffannoo yeroo yeroon kennuu – Adeemsa dhimmaa maamilaa beeksisuu. 12✍️Naamusa ogummaa eeguu – Mormii keessatti illee kabaja eeguu. 13✍️Gara-laafina fi fageenya ogummaa wal madaalchuu – Miiraan hin hogganamin. 14✍️Waliigaltee kaffaltii ifaa gochuu – Rakkoo maallaqaa gara fuulduraatti hambisuu. 👉 Ergaan isaa: Milkaa’inni abbaa seeraa amanamummaa maamilaa irratti hunda’a. III.✍️ Milkaa’ina Daldalaa fi Hariiroo (15–20) Kutaan kun ogummaa akka hojii daldalaatti ilaaluu irratti xiyyeeffata. 15✍️Gorsaa (Mentor) argachuu – Muuxannoo namoota duraanii irraa barachuu. 16✍️Hariiroo (Networking) ijaaruu – Hojiin namoota irraa dhufa. 17✍️Maqaa ofii ijaaruu (Personal Branding) – Maaliin akka beekamtan murteessuu. 18✍️Yeroo sirnaan bulchuu – Qophii fi dursi hojii murteessaa dha. 19✍️Teeknooloojii fayyadamuu – Meeshaalee seeraa ammayyaa fayyadamuu. 20✍️Of eeggannoo gochuu – Fayyaa fi boqonnaa eeguun milkaa’ina yeroo dheeraa fida. 👉 Ergaan isaa: Beekumsa qofa osoo hin taane maqaa, hariiroo fi fayyaanis murteessaa dha. Xumura ✍️✍️✍️ Milkaa’inni abukattoo seeraa wantoota sadii irratti hundaa’a: 1✍️Beekumsa seeraa cimaa 2✍️Hariiroo maamilaa amanamaa 3✍️Of bulchuu fi of ijaaruu Hiika gabaabaa: Milkaa’uuf beekumsi, naamusni fi dandeettiin of bulchuu walitti hidhachuu qabu.

+5
Waajjira_Qonnaa_fi_Lafaa_Aanaalee_Midhaan_2ffaa_Bunaa_2ffaa_fi_WN8.pdf7.05 KB

Qajeelfamnii Adabbii 3/2017 erga hojii irra olee booda dhimmoota yakkaa qajeelfamchii raga’uun dura raawatamanii garuu murtiin adabbii isaani erga qajeelfamnii haara raga’ee booda murtaa’aan ilaalchisee Qajeelfama adabbii yeroo gochich raawattamee turen murtaa’uu qaba moo adabbi haara isa foyya’ee yeroo murtiin kennamuu hojii irra jiruun murtaa’uu qaba kan jedhu ilaalchisee Q/Adabbii 3/2017 waant ibsu hin jiru waan ta’eef mannen murtii yeroo ammaa adabbii yoo murteesan galmeewan dhimma hundaaf 3/2017 qofa fayyadamaa akka argaman galmeewan mannen murtii hedduu kessatti mu’ulachaa argama. Yakkoota cicimmoottif adabbin Q/Adabbii 3/2017ttin yoo murtaa’u hangii adabbii murta’uu danda’uu garaagarumaa kan hordofsisuu ta’uu dhimmoota qabatamaa irraa ni huubatama waan ta’eef dhimmoota yakkaa qajeelfamchii raga’uun dura raawataman ilaalchisee qajeelfama adabbii kamtuu dhimma isa kamif raawaatamumaa qaba dhimmi jedhu xiyyeefannoo kan barbaaduudha. Dhaddachi Ijibbaataa MMWF hiikkoo seeraa dirqisisaa lakk.galmee 113065ttin (hinmaxxafamnee) fi lakk.galmee 95438 ttin(Jildii 17ffaa) kenneen ajeelfamnii adabbii foyya’ee tokko erga hojii irra olee booda mannen murtii qajeelfamnii adabbii ini duraa hojii irra osoo jiruu gocha yakkaa raawatamee irratti murtii yoo kennan hanga adabbiichaa murteesuu irratti qajeelfamootnii lamaan gargaarumaa ni hordofsisuu ta’anaan qulqulleesuun qajeelfama adabbii himatamaaf adabbii salphisuudhaan isa fayyaduu danda’uu filachuuf dirqama akka qaban fi qajeelfama isa kamtuu himatamaa fayyada jedhani fillachuun dirqama mannen murtii ta’uu ibsuun Heera M/ Federaalawaa Dimokraatawaa Rippaablika Itoophiyaa keewwata 22(2) fi Seera Yakkaa bara 1996 bahee keewwata 6 ibsuun hiikkoo seeraa dirqisisaa kenneera. Yaadnii armaan gadit Afaan Amaarifaan ibsamee jecha jechaan warraabii murtii lakk.galmee 113065 fi 95438 keessaa kan fudhatameedha.

DHIMMA_YAKKAA_IRRATTI_MORMII_SADARKAA_DURAA_HIMATAMAAN_KAASUU_DANDA'U: ============================== ✅1️⃣.Himatamaan foormii himannaa,bifa, yookiin qabiyyee himannaa mormuun akka mormii sadarkaa duraatti kaasuu danda'a,sdfy keewwata 130(1). ✔#A.Himatamaan foormii fi qabiyyee himannaa irratti mormii dhiheessee Manni Murtii yoo fudhate akka haala dhimmichaatti himanni akka jijjiiramu yookiin akka dabalamu yookiin himannaa haaraa akka qopheessu ajajuu ni danda'a,sdfy keewwata 130(1) fi 119(1). ☑#B.Bu'uura Manni Murtii ajajeen Abbaan Alangaa yoo hin raawwanne,himatamaan yeroodhaaf too'annaa jalaa gadi lakkifama,sdfy keewwata 122. ☑#C.Himanni Abbaa Alangaa yoo jijjiirame,yoo dabalame yookiin himanni haaraa yeroo dhihaatu Manni Murtii himatamaaf dubbisuun akka hubatu ni taasisa,sdfy keewwata 119(2). ☑#D.Itti aansuunis himata jijjiirame,dabalame ykn haaraa banamee dhihaateef himatamaan dhagahuuf qophii ta'uu fi dhiisuu Manni Murtii himatamaa gaafachuu qaba,sdfy keewwata 120(1). ☑#E.Akkuma himanni himatamaaf qaqqabeen battalumatti himata dhagahuu yoo itti fufe mirga ofirraa ittisuu himatamaa kan hin sarbine ta'ee Mana Murtiitiif yoo mul'ate dhimmicha dhagahuu itti fufa. ☑#F.Manni Murtii dhimma battalumatti itti fufuun mirga ofirraa ittisuu kan himatamaa yookiin haala himannaa Abbaa Alangaa jijjiiru ta'ee yoo argame garuu,himata dhagahuuf beellama biraa kennuu qaba,sdfy keewwata 120(3). ✅2️⃣.Himatamaan darbiinsa yeroo akka mormii sadarkaa duraatti kaasuu danda'a.Himanni Abbaa Alangaa darbiinsa yerootiin kan daangeeffame yoo ta'e,himatamaan mormii kaasuu baatus Manni Murtii kaka'umsa isaatiin Galmee cufuu qaba. ✅3️⃣.Himatamaan gocha yakkaa raawwate jedhamee ittiin himatameef itti gaafatamaa ta'uu dhabuu ibsuun akka mormii sadarkaa duraatti kaasuu danda'a(criminal irresponsibility). ✔#Keessattuu,himatamtichi dhukkuba sammuu ykn gaggabdoon kan jeeqamu yoo ta'e waan gocha raawwatu beekuu fi dhiisuu isaa fi kan kana fakkaatan yaada ogeessa beekumsa addaa qabuun(Hospitaala dhimma kana adda baasuu danda'uun) qulqulleessuun dirqama. ✅4️⃣.Dhimmichi dursa Murtii kan argate yoo ta'e akka mormii sadarkaa duraatti kaasuu danda'a,sdfy keewwata 130(1)(b). ✅5️⃣.Dhimmichi dhiifamaan yookiin maaruudhaan/baraarsaan kan hafe yoo ta'e himatamaan akka mormii sadarkaa duraatti kaasuu danda'a. ✅6️⃣.Dhimmichi Mana Murtii birootti dhihaatee ilaalamaa kan jiru yoo ta'e akka mormii sadarkaa duraatti kaasuu danda'a. ✅7️⃣.Himanni dhihaate mirga ofirraa ittisuu himatamaa kan tuqu yoo ta'e himatamaan kanuma sababaan deeggaruun ibsuun akka mormii sadarkaa duraatti dhiheessuu danda'a. Himatamaan akkuma himanni dubbifameefi hubateen booda mormii qabu duguugee kaasuu qaba.Yoo battalumatti mormii sadarkaa duraa qabu hin kaafne booda kaasuu hin danda'u.Garuu,murtii mormii irratti kennamu haqa kan daangeessu yoo ta'e(prohibit to give valid judgment) mormiin booda irratti ka'uu akka danda'u sdfy keewwata 130(3) jalatti ifa taasiseera. #Mormiiwwan sadarkaa duraa seera deemsa falmii yakkaa keewwata 130 jalatti tumaman duguugamanii kan kaa'amanii miti.Mormii sadarkaa duraa seera kana jalatti hin tumamnes dhimmichaaf rogummaa qaba taanaan himatamaan mormii biraa kaasuu danda'a. #Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Jildii 14ffaa Lakkoofsa Galmee 73514 ta'een"himatamaan mormii sadarkaa duraa seera deemsa falmii yakkaa keewwata 130 jalatti hin tumamnes akka mormii sadarkaa duraatti kaasuu akka danda'u" hiikoo kennee ture. #Haalawwan hin adabsiisne(of irraa ittisuu seera qabeessa yookiin legitimate self-defense) Vs seeraa: #Namni mirga isaa yookiin kan nama biroo miidhaa seeraan alaa irraa yookiin miidhaa seeraan alaa dhiheenyatti qaqqabu irraa oolchuuf miidhaan sun akka hin qaqqabne taasisuuf karaan biroo yoo hin jiraanne hamma haalichaa osoo hin darbin gochi raawwateef hin adabamu,seerri yakkaa bara 1996 bahe keewwatni 78 ifa taasisee jira. Credit to Chala Abdurahiman

⚖️ HERREGNI BAANKII MOOTUMMAA SALPHAA TTI HIN UGGURAMUU! Dhaddachi Ijibbaataa Qajeeltoo Jabaa Kaa’e 🏛️ Dhaddachi Ijibbaataa galmee lakkoofsa 208397 (Jildii 28) irratti murtii kenneen, ajajni mana murtii “Uggura Qabeenyaa (Asset Freeze)” sirna seeraa cimaa irratti hundaa’ee qofa kennamuu akka qabu murteesseera. 📌 QABXIILEE IJOO MURTII ✔️ Uggurri dhaabbata mootummaa irratti of-eeggannoo addaa barbaada Dhaabbileen mootummaa qabeenya isaanii ni dhoksu ykn ni balleessu jechuun hin amanamne. Kanaaf, sababa gahaa malee herrega baankii isaanii ugguruun sirrii miti. ✔️ Uggurri ragaa irratti hundaa’ee qofa kennama Akka Seera Sirna Falmii Hariiroo Hawaasaa keewwata 151–154tti, himatamaan qabeenya isaa balleessuuf ykn dhoksuuf yaada qabaachuun ragaan yoo mirkanaa’e qofa uggurri ni kennama. ✔️ Waliigalteen Bulchiinsaa amala addaa qaba Mootummaan waliigaltee addaan kutuuf aangoo qaba. Qaamni miidhame garuu beenyaa gaafachuu danda’a malee waliigalteen akka itti fufu mootummaa dirqisiisuu hin danda’u. 📌 BU’UURA MURTII (SPIRIT OF THE DECISION) 1️⃣ Uggurri tarkaanfii ittisaa malee adabbii miti Kaayyoon isaa haala jiru eeguudha. 2️⃣ Faayidaa fi miidhaa madaaluun barbaachisaa dha. Maallaqa mootummaa ugguruun tajaajila uummataa gufachiisuu danda’a. 3️⃣ Hojii mootummaa dhaabuun hin danda’amu Ajajni ugguraa hojii mootummaa gufachiisuu hin qabu. ✅ CUUNFAA IJOO “Dhaabbanni mootummaa dhaabbata itti fufiinsa qabu waan ta’eef, akka nama dhuunfaa qabeenya isaa balleessu danda’a jechuun hin shakkamu. Kanaafuu, sababa gahaa malee maallaqa mootummaa ugguruun seeraan sirrii miti.

+2
jildii12ffaafinal (1).pdf26.50 MB

MMWFed. Dh. Ij. Lakk. Galmee 10489 jildi 7ffaa irratti murtii kenneen baajata idilee Waajjiraaf ramadamu mindaa fi hojii Tajaajila uummataa akka ittiin gaggeessuuf ramadameef idaaf qabamee raawwiif akka oolu taasisuun jireenya waajjirichaa gaaffii keessa galchaa waan ta'eef hiikkoo analogy sdfhh kwt 404tiin qabeenya akkasii irratti raawwii ajajuun hin danda'amu jechuun hiikkoo dirqisiisaa kennee jira.

FORMII WALIIGALTEE LIQII MAALLAQAA ​Waliigaltee Liqii Maallaqaa ​Waliigalteen kun kanaan booda “ Waliigaltee Liqi Liqeessaa” ykn “Liqeessaa” jedhamee kan waamamu Obbo/Aadde/W/rit.. Maqaa __________ Teessoo: Bulchiinsa Magaalaa __, Kifla Katamaa ____ Woreda __ Lakk. Manaa ____ ​Fi ​Kanaan booda “Liqi Fudhataa Waliigaltee” ykn “Liqeeffataa” jedhamanii kan waamaman Obbo/Aadde/W/rit __________ Teessoo: Bulchiinsa Magaalaa __, Kifla Katamaa ____ Woreda __ Lakk. Manaa ____ gidduutti kan taasifame dha. ​Liqi Fudhataan waliigaltee Liqi Kennaa waliigaltee irraa Qarshii __ liqeeffachuuf fedhii waan qabaniif, Kennaan waliigaltee maallaqa kana liqeessuuf waan walii galaniif, akka Seera Hariiroo Hawaasaa keeyyata 2471 fi dambiiwwan itti fufan irratti hundaa’uun waliigaltee liqii kana guyyaa //__ A.L.E tti. mallatteessaniiru. ​Kennaan waliigaltee karaa waliigaltee kanaan Qarshii __ (jechaan______) liqeessaniiru. ​Fudhataan waliigaltee maallaqa waliigaltee kanaan liqeeffaman Qarshii __ (______) karaa waliigaltee kanaan Kennaa waliigaltee irraa harkaatti fudhataniiru. ​Fudhataan waliigaltee maallaqa karaa waliigaltee kanaan liqeeffatan hunda guyyaa tokkotti guyyaa /_/____ tti deebisuuf dirqama galaniiru. ​Fudhataan waliigaltee maallaqa liqeeffatan yeroo keeyyata 4 irratti ibsame keessatti yoo kaffaluu baatan, guyyaa kaffaltiin itti darbe irraa kaasee dhala (interest) 9% waliin kaffaluuf dirqama galaniiru. ​Waliigaltee kana irratti wal-dhabdeen yoo uumame dursa karaa nagaa fi waliigalteen hiikuuf yaaliin ni taasifama. Waliigalteen hiikuun yoo hin danda’amne, mana murtii aangoo qabutti iyyannoo dhiyeeffachuu ni danda’ama. ​Gareewwan waliigaltee keessaa tokko yoo waliigaltee diige, akkaataa Seera Hariiroo Hawaasaa keeyyata 1789, 1790 fi 1791 tiin, waliigaltee diiguu isaaniitiif beenyaa Qarshii __ (______) kaffaluuf walii galaniiru. ​Waliigalteen kun guyyaa ragaaleen itti argaman fi gareewwan mallatteessan //____ irraa kaasee kan hojjetu ta’a. ​Kennaa Waliigaltee (Liqeessaa): Obbo/Aadde/W/rit: ________ Mallattoo: ________ ​Fudhataa Waliigaltee (Liqeeffataa): Obbo/Aadde/W/rit: ________ Mallattoo: ________ ​Ragaalee ​Nu’i ragaaleen armaan gadii, Kennaan waliigaltee fi Fudhataan waliigaltee fedhii isaaniitiin waliigaltee liqii maallaqaa kana yeroo raawwatan ragaa ta’uu keenya mallattoo keenyaan ni mirkaneessina. Ragaa 1ffaa: Maqaa______ Mallattoo ____ Ragaa 2ffaa: Maqaa________ Mallattoo ____

FORMII WALIIGALTEE LIQII MAALLAQAA ​Waliigaltee Liqii Maallaqaa ​Waliigalteen kun kanaan booda “ Waliigaltee Liqi Liqeessaa” ykn “Liqeessaa” jedhamee kan waamamu Obbo/Aadde/W/rit.. Maqaa __________ Teessoo: Bulchiinsa Magaalaa __, Kifla Katamaa ____ Woreda __ Lakk. Manaa ____ ​Fi ​Kanaan booda “Liqi Fudhataa Waliigaltee” ykn “Liqeeffataa” jedhamanii kan waamaman Obbo/Aadde/W/rit __________ Teessoo: Bulchiinsa Magaalaa __, Kifla Katamaa ____ Woreda __ Lakk. Manaa ____ gidduutti kan taasifame dha. ​Liqi Fudhataan waliigaltee Liqi Kennaa waliigaltee irraa Qarshii __ liqeeffachuuf fedhii waan qabaniif, Kennaan waliigaltee maallaqa kana liqeessuuf waan walii galaniif, akka Seera Hariiroo Hawaasaa keeyyata 2471 fi dambiiwwan itti fufan irratti hundaa’uun waliigaltee liqii kana guyyaa //__ A.L.E tti. mallatteessaniiru. ​Kennaan waliigaltee karaa waliigaltee kanaan Qarshii __ (jechaan______) liqeessaniiru. ​Fudhataan waliigaltee maallaqa waliigaltee kanaan liqeeffaman Qarshii __ (______) karaa waliigaltee kanaan Kennaa waliigaltee irraa harkaatti fudhataniiru. ​Fudhataan waliigaltee maallaqa karaa waliigaltee kanaan liqeeffatan hunda guyyaa tokkotti guyyaa /_/____ tti deebisuuf dirqama galaniiru. ​Fudhataan waliigaltee maallaqa liqeeffatan yeroo keeyyata 4 irratti ibsame keessatti yoo kaffaluu baatan, guyyaa kaffaltiin itti darbe irraa kaasee dhala (interest) 9% waliin kaffaluuf dirqama galaniiru. ​Waliigaltee kana irratti wal-dhabdeen yoo uumame dursa karaa nagaa fi waliigalteen hiikuuf yaaliin ni taasifama. Waliigalteen hiikuun yoo hin danda’amne, mana murtii aangoo qabutti iyyannoo dhiyeeffachuu ni danda’ama. ​Gareewwan waliigaltee keessaa tokko yoo waliigaltee diige, akkaataa Seera Hariiroo Hawaasaa keeyyata 1789, 1790 fi 1791 tiin, waliigaltee diiguu isaaniitiif beenyaa Qarshii __ (______) kaffaluuf walii galaniiru. ​Waliigalteen kun guyyaa ragaaleen itti argaman fi gareewwan mallatteessan //____ irraa kaasee kan hojjetu ta’a. ​Kennaa Waliigaltee (Liqeessaa): Obbo/Aadde/W/rit: ________ Mallattoo: ________ ​Fudhataa Waliigaltee (Liqeeffataa): Obbo/Aadde/W/rit: ________ Mallattoo: ________ ​Ragaalee ​Nu’i ragaaleen armaan gadii, Kennaan waliigaltee fi Fudhataan waliigaltee fedhii isaaniitiin waliigaltee liqii maallaqaa kana yeroo raawwatan ragaa ta’uu keenya mallattoo keenyaan ni mirkaneessina. Ragaa 1ffaa: Maqaa______ Mallattoo ____ Ragaa 2ffaa: Maqaa________ Mallattoo ____ By Asleddin Ahmed

⚖️ Mirga Mindaa Hojjetaa Mootummaa too'annaa Seeraa Jala jiruu – Labsii Haaraa (1353/2016) Hojjetaan mootummaa tokko yakkaan shakkamee too’annoo jala yoo oole ykn yeroo murtaa’eef yoo hidhame, mirgoota seera qabeessa armaan gadii qaba 1️⃣ Kaffaltii Mindaa Walakkaa (50%) 💰 Hojjetaan sun guyyaa jalqabaa irraa eegalee yeroo too’annoo jala jiru keessatti hanga ji’oota 3tti mindaa isaa keessaa 50% argachuu mirga qaba. Manni Hojii “hojii hin hojjanne” sababa jedhuun mindaa isaa guutummaatti dhaabuu hin danda’u. 2️⃣ Daangaa Yeroo (Ji’oota 3) ⏳ Too'annaa Seeraa Jala ji’oota 3 ol Yoo ture, ji’a sadaffaa booda kaffaltiin mindaa ni dhaabama. Garuu hojjetaan sun bilisa yoo gadhiifame, mindaan dhaabbate guutummaatti isaaf ni kaffalama. 3️⃣ Kaffaltii yeroo bilisa ba’u 🔓 Hojjetaan sun bilisa yoo gadhiifame ykn himanni isaa yoo Adda cite: Mindaan 50% dura hin kaffalamne ture yeroo tokko keessatti guutummaatti isaaf ni kaffalama. ✅ Yeroon inni hidhaa keessa ture akka yeroo tajaajila hojii isaatti ni lakkaa’ama. 📈 Gara hojii isaa duraatti deebi’uu mirga guutuu qaba. 🏢 4️⃣ Mindaan guutummaatti kan dhaabamu yeroo kami? 🚫 Mindaan hojjetaa guutummaatti kan dhaabamu: Mana murtiitiin balleessaa ta’ee yakka itti murtaa’ee murtiin hidhaa yoo itti kenname qofa. Kanaafuu, bu’uuruma labsii haaraa hojjetaa mootummaatiin, hojjetaan hanga murtiin irratti hin kennaminitti mindaan isaa guutummaatti dhaabamuu hin danda’u; walakkaa mindaa isaa kaffaluun dirqama dha.

Adeemsa Dhagaya Dhimma Yakkaa Keessatti Hafiinsa Himatamaafi Tarkaanfiiwwan Fudhatamuu Danda’an Ilaalchisee Murtiilee Dirqisiisoo Dhaddacha Ijibbaataa MMWFtiin Kennaman =======//=======//=======//=========//==========//======//======//====== Adeemsa dhagaya dhimma yakkaa keessatti tarkaanfilee manneen murtii fudhachuu danada’an ilaalchisee Dhaddachi Ijibbaataa MMWF murtiilee garaagaraa kan kenne yammuu ta’u, isaan keessaa kan jalqabaa murtii dhaddachichi dhaddacha gaafa 10/09/2004 ooleen Lakk.Ga.76909 ta’e (Jildii 13ffaa) irratti kennedha. Bu’uura murtii kanaatiin, adeemsa dhagaya dhimma yakkaa keessatti ragaan namaa abbaa alangaafi himatamaa erga dhagahamee xumuramee booda guyyaa galmeen murtii kennuuf bule irratti himatamaan beellama isaa kabajee dhiyaachuu dhiisee yoo hafe manni murtii bakka himatamaan hin jirretti ilaalee murtii balleessummaafi adabbii kennuu qaba malee eeguu hin qabu, guyyaa yaadni adabbii dhiyaachuu qabutti himatamaan beellama irraa hafee murtiin adabbii waan kennameef qofa dhimmichi bakka hin jirretti ilaalame hin jechisiisu jechuun Heera Mootummaa FDRI kwt 20(4) fi tumaalee seera deemsa falmii yakkaa adda addaa bu’uura godhachuun xiinxaleera. Dhimmi kan biroon murtii dirqisiisaa dhaddacha gaafa 22/01/2010 ooleen Lakk.Ga.127313 (Jildii 22) ta’e irratti kenname yammuu ta’u, dhimma kana keessatti immoo dhaddachichi; himatamaan guyyaa ragaan abbaa alangaa dhagahamu dhiyaatee, dhaggeeffatee, gaaffii qaxxaamuraa gaafatee, ragaa ittisaa dhiyeeffadhu jedhamee guyyaa beellamame irratti beellama irraa yoo bade manni murtii bakka inni hin jirretti itti fufee ragaa madaalee murtii kennuu qaba jedheera. Dhimma kana keessatti ragaa ittisaa eeguuf beellamni irra deddeebiidhaan kennamaa turuus ibseera. Kana malees, dhaddachichi murtii dirqisiisaa dhaddacha gaafa 30/05/2014 ooleen Galmee Lakk. 211518 ta'e irratti (kan hin maxxanfamne) kenneen; Ragaan abbaa alangaa dhagahamee, guyyaa dhimmichi qoratamee jal-murtiin kennamuuf beellamametti himatamaan beellama irraa yoo hafe galmeen cufamuu akka hin qabnee fi dhimmichi itti fufee ilaalamee murtiin kennamuu qaba jedheera. Murtiiwwan kun kallattii kan agarsiisan ta’ullee of eeggannoo manneen murtii taasisuu qaban hin akeekne. Gaaffiiwan ka’uu danda’an: tarkaanfiiwwan fudhatamuu qaban kun s/d/f/y keessatti hammatamee bakka hin jirretti (fedhii qaama seera baasuutiin ala) manneen murtii ofumaan fudhachuu ni danda’uu? Tumaa s/d/f/y kwt 76 (nama mirga wabiitiin bahe) waliin akkamitti ilaalamuu qaba? Manneen murtii ta’e jedhee hafuu (miliquu) ykn sababa humnaa ol ta’een hafuu (fakkeenyaaf butamee) mirkaneeffatanii bira darbumoo hafuun isaa qofti gahaadha? Yoo sababa gahaa qabaatehoo sirni itti keessa deebi’ee ilaalamuuf ni jiraa? kan jedhanidha. Kanas ta’e sana, mirgi haala haqa qabeessa ta’een dhagahamuu himatamaa mirga heera irraa madde waan ta’eef kabajamuu qaba. Manneen murtiis kabachiisuuf itti gaafatamummaa ol’aanaa �qabu. Gama birootiin immoo mirgi kun himatamaadhaaf dahoo ta’ee, akka inni miliquuf carraa uumuu, adeemsi akka lafarra harkifatu ykn murtiin akka hin kennamne taasisuu waan hin qabneef gama hundaan of eeggannoodhaan madaaluun barbaachisaa natti fakkaata.

Isin isa kam filattu? “Mul’ata yeroo qabaattu , rakkinni akka sitti baay’atu hin dagatiin! Xiyyaarri lafaa ol ka’uusaan dura baay’ee iyya. Yeroo ka’uuf jettu waan baay’eetu si iyyisiisa. Hamma goda jirtutti humnoonni gajjallaa baay’ee cimoodha. Si iyyisiisu, sin gadhiisani! Baankiin siif hin liqeessu, mootummaan eeyyama siif hin kennu, hiriyyoonni sin gargaaran, firri harka siif hin reebu, namni baay’een siwajjin hin jiru! Yeroo sanatti filannoo lama qabda. Dhiisuu yookiin itti fufuu!” Haasaa Dr. Gammachuuti.

Labsii_Bulchiinsa_fi_dhabamsiisaa_Balfa_Jajjaboo_Lakk_1383_2017.pdf1.38 MB

240590.pdf7.71 KB

#DhIjMMWF   “Konkolaachisaan SY kwt 559(2) irra darbuudhaan yeroo tokkotti, bakka tokkotti  miidhamtoota tokkoo ol irratti miidhaa geessise kan adabamuu qabu himannaa tokko jalatti malee akka yakka daddabalamaatti  himannaa tokkoo ol jalatti miti”  jechuun  galmee gara garaa irratti kenname-  himatamtoota biroo (kanneen lubbuu fi fayyaa namaa eeguuf dirqama hin qabne) yakka dagannoo  SY kwt 559(2) jalatti balleessaa taasifamaniif raawwatiinsa  kan qabudha.

Danbii Ittiin Bulmaata Waldaa Barsiisotaa (1) (1).pdf73.98 MB

Bittaaf_gurgurtaa_bu'aa_boba'aa_1363_to_Oromic_by_Adugna_A.pdf2.82 MB

Labsii Lak 155 Bara 2002.pdf2.51 MB

Dambii Lak 242 Bara 2016.pdf11.30 MB