ar
Feedback
SBO Press (Sagalee Barsiisota Oromiyaa)

SBO Press (Sagalee Barsiisota Oromiyaa)

الذهاب إلى القناة على Telegram

Beeksisa hojii gaazexaa, Barnootaa,TV fi raadiyoo, gabatee beeksisa, marsariitii, miidiyaa hawaasaa fi kkf irraa bakka tokkotti argattu📡 📡 📡 📡 📡 #chaanaalii bashannanaa 𝑻𝒆𝒍𝒆𝒈𝒓𝒂𝒂𝒎𝒂: https://t.me/barsiisotaaf

إظهار المزيد

📈 نظرة تحليلية على قناة تيليجرام SBO Press (Sagalee Barsiisota Oromiyaa)

تُعد قناة SBO Press (Sagalee Barsiisota Oromiyaa) (@barsiisotaaf) لاعباً نشطاً. يضم المجتمع حالياً 40 653 مشتركاً، محتلاً المرتبة 4 560 في فئة التعليم والمرتبة 810 في منطقة Ethiopia.

📊 مؤشرات الجمهور والحراك

منذ تأسيسه في невідомо، حقق المشروع نمواً سريعاً وجمع 40 653 مشتركاً.

بحسب آخر البيانات بتاريخ 17 يونيو, 2026، تحافظ القناة على نشاط مستقر. خلال آخر 30 يوماً تغيّر عدد الأعضاء بمقدار 282، وفي آخر 24 ساعة بمقدار 15، مع بقاء الوصول العام مرتفعاً.

  • حالة التحقق: غير موثّقة
  • معدل التفاعل (ER): يبلغ متوسط تفاعل الجمهور 33.42‎%. وخلال أول 24 ساعة من النشر يحصد المحتوى عادةً 10.95‎% من ردود الفعل نسبةً إلى إجمالي المشتركين.
  • وصول المنشورات: يحصل كل منشور على متوسط 13 584 مشاهدة. وخلال اليوم الأول يجمع عادةً 4 451 مشاهدة.
  • التفاعلات والاستجابة: يتفاعل الجمهور بانتظام؛ متوسط التفاعلات لكل منشور يبلغ 55.

📝 الوصف وسياسة المحتوى

يصف المؤلف القناة بأنها مساحة للتعبير عن الآراء الذاتية:
Beeksisa hojii gaazexaa, Barnootaa,TV fi raadiyoo, gabatee beeksisa, marsariitii, miidiyaa hawaasaa fi kkf irraa bakka tokkotti argattu📡 📡 📡 📡 📡 #chaanaalii bashannanaa 𝑻𝒆𝒍𝒆𝒈𝒓𝒂𝒂𝒎𝒂: https://t.me/barsiisotaaf

بفضل وتيرة التحديث المرتفعة (أحدث البيانات بتاريخ 18 يونيو, 2026) تحافظ القناة على حداثتها ومستوى وصول مرتفع. وتُظهر التحليلات تفاعلاً نشطاً من الجمهور، ما يجعلها نقطة تأثير مهمة ضمن فئة التعليم.

40 653
المشتركون
+1524 ساعات
+1857 أيام
+28230 أيام
أرشيف المشاركات
Calaalii Xummuraa Hordofii_0001 (1).pdf6.97 MB

photo content
+1

#Beeksisa Biiroon Galiiwwanii Oromiyaa ogeesota jalqabaa qacaruudhaaf beeksisa guyyaa 13/09/2018 baasee galmeessaa turuun ni yaadatama. Iddoon Qormaataa akkaataa itti galmooftaniin Kalaastara armaan gadiitti qoodamee jira. 1. Dambidolloo irratti➡️Qellam Wallagga 2. Shaambuu irratti ➡️Horroguduruu wallagga 3. Naqamtee irratti ➡️ Naqamtee, W/lixaa, Najjoofi W/bahaa 4. Mattuu irra Mattuu➡️ Ilubaabor fi Buno Beddellee 5. Jimma➡️irratti Aggaaroo, M/Jimmaa fi Godina Jimmaa 6. Fichee irratti➡️Shawaa Kaabaa, Sandaafaa fi Shanoo 7. Baatuu➡️irratti Shawaa lixaa, Shawaa kibba lixaa, Shawaa bahaa, Ambo, Waliso, Holotaa, Shaggar, Bishooftuu, Mojoo, Adaamaa, Baatuu fi kanneen biroo 8. Ciroo➡️irratti Maayaa Harargee lixaa fi Harargee bahaa 9. Asallaa➡️irratti Arsii lixaa, Arsii Bahaa, Dodola, Shaashamanneefi Asallaa 10. Roobe➡️irratti Baalee bahaa, Baaleefi M/Roobee 11. Bulee horaa➡️irratti Gujii lixaa, Bulee horaa, Gujii, Shaakkiso, Boorana, Mooyyaleefi Booranaa bahaa Kanaaf yeroo maqaan keessan isinii maxxanfame kilaastara itti ramadamtanitti gaafa guyyaa 13/10/2018 ganama keessaa sa'aatii 2:00 tti waraqaa eenyummaa biyyoolessaa national id ykn waraqaa eenymaa gandaa kan haara'e qabattanii akka argamtan isin beeksisna.

photo content

#Lafa_Mana_Barsiisota_Yuuniversiitiiwwanii Qajeelfamni mana Jireenyaa barsiisotaa fooyya'ee bahus tajaajila maleessa ta'ee tajaajilaa jira. hanga ammaattis hojiirra Oolmaan isaa qulqullina kan hin qabnee fi bakkoota hedduutti kan hin raawwatamnedha. bakka hedduuttis hooggansi mootummaa Sadarkaa Aanaa, Magaalaa fi Godinaa qajeelfamicha ofiif oolchuun Saamicha gaggeessaa jiru. ammas Qajeelfamni bahe kun barsiisaa fi Ogeessa Fayyaa hunda hammachuu kan qabuu fi Qajeelfama kana dura bahee fi Amma bahaa jiru kanas mootummaan Qaama walabaa ijaaruun hojiirra Oolmaa isaa hordofuu qaba. ammas qajeelfamni kun qaama fediraalaa fi Naannoo hordofu hin qabu yoo ta'e Dubbiima kaleessaa kan ittiin inni firaa fi Aangoo qabu Lafa magaalaa tokko keessaa bakka shanii fi kudhanii maqaa barsiisaan fudhachaa ture irra deebisuuf kan tajaajilu ta'a. Xibabuu Itichaa

photo content

Raawwachiistota Qormaata Naannoo Kutaa 6ffaafi 8ffaa Bara 2018 Irraa Maaltu Eegama? ------------ BBO - Waxabajjii 06/2018 Qormaata Naannoo Xumura Barnoota Sad. 1ffaa (Kutaa 6ffaafi Xumura Barnoota Sad. G/G (Kutaa 8ffaa) bara 2018 #Waxabajjii 08 -12 /2018 kennamu ilaalchisee Namoota Qormaata Raawwachiisan (#Qindeessaa Kilaastara Qormmaataa, #Itti_Gaafatamaa_Buufata Qormaataa, #Supparvaayizaroota Qormaataafi #Qortoota/#Barsiisota_Qormaata_Kennan) gaheen isaanii adda bahee taa'eera. #1_Gahee_Qindeessaa_Kilaastaraa_Qormaataa- - Haala Qajeelfama Bulchiinsa Qormaataa Biiroo Barnootaa Oromiyaatiin haala waliigalaa naamusaafi nageenyummaa qormaataa kilaastarichaa olaantummaan hogganuu, - Raawwachiistota qormaataa, barattootaafi qaama nageenya(Poolisii)f adda addaan ibsa (Orrientation) gahaa kennuu . - Sagantaa qormaataa qopheessuufi bakka mul'atutti maxxansuu, - Raawwachiistota qormaataa olaantummaan ramaduu, - Ragaafi Atteendaassii barattoota kilaastara isaatti qoramanii dursee argachuu qaba. - Raawwachiistota qormaataa #Naamusaafi_Nageenya qormaataa hin kabajne dhaabsisuu/ittisuu/, kilaastara keessaa ariuu hanga seeraaf dhiheessuutti tarkaanfii fudhachuu ni danda'a. - Dura bu'ootni manneen barnootaa, barsiisotaafi namni kamiiyyuu (kan dhimmi hin ilaallanne) gara kilaastara qormaataatti akka hin dhihaanne qaama nageenyaa waliin ni hojjata. - Raawwachiistotni xalayaan ramadamuu isaanii ni mirkaneeffata, baajii mormaas ni hojjachiisa, - Waraqaan qormaataa kutaa qulqulluufi nageenyaaf mijatu keessa teessisuun sa'aatii 24 akka eegamu taasisuu, - Bilbila harkaa fayyadamuu ni danda'a. #2_Gahee_Itti_Gaafatamaa_Buufata_Qormaataa:- - Itti waamamni isaa/ishee qindeessaa kilaastara qormaataaf yoo ta'u gaheen hojiis: - Ragaa bartootaa M/B itti ramadamee(warqaa deebii, poostaa warqaa deebii, odeeffannoo poostaafı warqaa deebii irratti guuttamuu, atteendaansii qorataamtootaa fi k.k.f) qulqullinnaan guuttamuu ni mirkaneessaa... - Sa'aatii qormaatni itti kennamu sa'aatii 1:30 dursanii buufatatti argamuu - Moobaayiliin harkaa, sa'aatiin harkaafi meeshaalee elektrooniksii qabatanii kilaastara qormaataa seenuu hindanda'an/dhoorkadha. - Hojii dabalataa qindeessan kilaastaraa kennuuf ni raawwata. #3_Gahee_Supparvaayizaraafi_Qoraa:- - Sa'aatii qormaanni eegalu sa'aatii 1:30 dursuun kilaastara qormaataatti argamuu, - Daree qormaataa dursanii sakatta'uu, - Barattoota kaardii galmee/(Admission Card) qabsiisee daree /galma/ qormaataa fuulduratti hiriirsuufi sakatta'aa seensisuu, - Odeeffannoowwan Waraqaa Deebii irratti guutamuu qaban barattoota qulqullinaan ni guuchisa, atteendaansiis ni mallatteessisa. - Xumura qormaata irratti barattoota irraa waraqaa deebii tartiibaan ni sassaaba, atteendaansiin walqabsiisuun Itti Gaafatamaa Buufata Qormaataaf galii godha. - Daree qormaataa keessatti sagalee olkaasun dubbachuun/barattoota sagaleen jeequn dhoorkaadha. - Bilbila harkaa, sa'aatii harkaafi meeshaalee elektirooniksii kamiiyyuu qabatanii kilaastara qormaataa seenun dhoorkaadha. #Hubachiisa:- Raawwachiistotni Qormaataafi Barattootni Hunduu Poolisiin Sakattaa'aman Malee Gara Kilaastara Qormaataa Seenuu Hindanda'an/Dhoorkaadha!

photo content

Qajeelfama filannoo WBNO .pdf3.08 MB

photo content

photo content

photo content

photo content
+1

photo content
+1

Karoora waggaa Barnoota hundaa Kutaa 1-8.docx2.87 KB

photo content

photo content
+1

#Barsiisotaaf......🙋‍♂️ Gosoota malleen baruu barsiisuu! 1. Mala Od-ibsaa (Lecture Method) * Hiika: Barsiisaan odeeffannoo kallattiin barattootaaf dhiyeessuu. * Fakkeenya: Barsiisaan Seenaa waa’ee gootota Oromoo barattootaaf qofa dhiyeessuu. 2. Mala Marii Garee (Group Discussion Method) * Hiika: Barattoonni garee xixiqqootti qoodamanii yaada wal-jijjiiruu. * Fakkeenya: Barattoonni garee 5-5 ta’anii "Maaliif qilleensi naannoo keenyaa faalama?" jedhu irratti mari’achuu. 3. Mala Agaree (Demonstration Method) * Hiika: Gocha tokko akkamitti akka hojjetamu agarsiisuu. * Fakkeenya: Barsiisaan Baayoloojii microscopy akkamitti akka fayyadaman agarsiisuu. 4. Mala Marii Paanalii (Panel Discussion) * Hiika: Namoonni muraasni barattoota dura ta’anii dhimma tokko irratti mari’achuu. * Fakkeenya: Hayyoonni sadii waa'ee "Miidhaa Narkootikii" barattoota dura ta'anii mari'achuu. 5. Mala Falmii (Debating Method) * Hiika: Dhimma tokko irratti garee deggeruu fi mormuun falmuu. * Fakkeenya: Gareen tokko "Barnoonni teeknoolojii caala" yoo jedhu, gareen biraa immoo "Teeknoolojiitu barnoota caala" jedhee morkachuu. 6. Mala Yaada Burqisiisuu (Brainstorming Method) * Hiika: Yaada hunda osoo hin mormin dafee walitti qabuu. * Fakkeenya: Barsiisaan "Maqaa bineensota bosonaa beektan hunda dubbadha" jedhee barattoonni akka yaada maddisiisan gochuu. 7. Mala Gaaffii (Questioning Method) * Hiika: Gaaffii fi deebii giddu-galeessa godhachuu. * Fakkeenya: Barsiisaan barsiisaa gidduutti "Magaalaan guddoon Itoophiyaa eenyu?" jedhee barattoota gaafachuu. 8. Mala Diraamaa (Drama Method) * Hiika: Barnoota tokko gocha diraamaatiin agarsiisuu. * Fakkeenya: Seenaa "Abbaa Gadaa" tokkoo barattoonni diraamaan uffata aadaa uffatanii agarsiisuu. 9. Mala Gahee Taphachuu (Role Play Method) * Hiika: Barattoonni bakka nama biraa bu'anii taphachuu. * Fakkeenya: Barataan tokko akka "Barsiisaa", inni biraan akka "Barataa" ta'ee waliin dubbachuu. Guutuu isaa bifa PDF'tiin Karaa Telegram channel keenyaa argachuu dandeessu👇👇 𝑻𝒆𝒍𝒆𝒈𝒓𝒂𝒂𝒎𝒂: https://t.me/barsiisotaaf

Gosoota Malleen baruu barsiisuu.pdf7.95 KB