ar
Feedback
BUBBEE MEDIA

BUBBEE MEDIA

الذهاب إلى القناة على Telegram
8 178
المشتركون
-1224 ساعات
-187 أيام
-7630 أيام
أرشيف المشاركات
FILANNOO BIYAALESSAA FI ITOOPHIYAA Itiyoopiyaa keessatti filannoon biyaalessaa bara 1995 G.C irraa kaasun marsaa 6 f adeemsif
FILANNOO BIYAALESSAA FI ITOOPHIYAA Itiyoopiyaa keessatti filannoon biyaalessaa bara 1995 G.C irraa kaasun marsaa 6 f adeemsifameera. Kan Bara 2021 immoo sababa weerara koroonaa vaayirasiin kan hafe yoo tahu marsaa 7ffaan Caamsaa Kana keessa gaggeeffama. Eenyu Filattu? Paarii barbaaddan yoo filattaan mirgi keessan hammam kabajama? Dhugaa dubbachuuf biyya kana keessatti filannoon haqa qabeessi gaggeeffamee hin beeku. Namni kamiiyyuu Paartii aangoo irraa jiru malee paartii biraa yoo filatte ni ajjeefama ykn ni hidhama. Sababni inni gaggeeffamuufis biyyattiin diimokiraasin bulti jedhanii fakkeessuuf akkasumas filannoo gaggeefameera jedhanii uummataa gowwoomsuu fi biyyoota biroo biratti fudhatama argachuufi. Biyya kanatti Dimokiraasiin waraqaa irraatti barreeffamaa oolu kuni guyyaa tokko hojiirra oolee hin beeku. Filannoon bara kanas baasii fi dadhabbii humna namaa malee wanti tahu kanuma duraan beeknudha. BUBBEE MEDIA ©️ Share @BUBBEEMEDIA Share @BUBBEEMEDIA

#ARSI_UNIVERSITY_DINSHO_CAMPUS Barattoonni Yuunivarsiitii Arsii Rakkoo Hamaa keessa jirra jedhan. "Akkuma suuraa Armaan olii
+1
#ARSI_UNIVERSITY_DINSHO_CAMPUS Barattoonni Yuunivarsiitii Arsii Rakkoo Hamaa keessa jirra jedhan. "Akkuma suuraa Armaan olii kanarratti argitan Yuunivarsiitichatti hanqinni library(mana dubbisa kitaabaa) waan jiruuf Barattoonni hedduun teessoo irra ta'anii dubbisan argachuuf ganamaan dhaqnee achi dhaabbanna. Daqiiqaa 30 hanga sa'aatii tokko achi erga dhaabbanne boodayyuu guyyaan teessoo dhabnee gara dormitti deebinu ni jira. Kuni immoo fedhii nuti dubbisaaf qabnu xiqqeessaa deemuun rakkoo adda addaaf nu saaxilaa jira" Barattoota Yuunivarsiitii Arsii Dabalataanis rakkoon Time management illee akka jiru Barattoonni dubbatan. Library yeroo baayyee dafee hin banamu . barataan sababa garaagaraan turee dhaqes teessoo hin argatu , kuni immoo Rakkoo cimaa keessa nu galcheera jedhan. "Rakkoon kuni immoo dhalootni dubbisa irra fagaachun barnoota akka jibbu godha. Kanaaf qaamni dhimmi ilaallatu rakkoo kanaaf furmaata akka itti nuuf kennu barbaadna" jedhan. Share @BUBBEEMEDIA Share @BUBBEEMEDIA

Dooniwwan Ulaa Hoormuuziin gara Iraan imalaa turan 38 kallattii jijjiiran Uggura Ameerikaan Ulaa Hoormuuziin gaggeessaa jirtu
Dooniwwan Ulaa Hoormuuziin gara Iraan imalaa turan 38 kallattii jijjiiran Uggura Ameerikaan Ulaa Hoormuuziin gaggeessaa jirtu hordofee Dooniwwan Ulaa Hoormuuziin gara Iraan imalaa turan 38 kallattii jijjiiruu ibsame. Duula Waraanni Giddugaleessa Bahaa Ameerikaa qarqara Galaanaa Ulaa Hoormuuzitti gaggeessaa jiruun Dooniwwan Ulaa Hoormuuziin gara Iraan imalaa turan 38 kallattii akka jijjiiraan taasifamuu eerame. Suuraa socho’aa ajajichi qoodeen Dooniwwan gara Iraan darbuuf imala eegalan Dooniwwanii fi Heeliikoptaroota waraanaa Ameerikaan wayita dhorkaman mul’ataniiru. Iraan hanga gara mariitti deebituutti dhorkichi cimee kan itti fufu ta’a jedhame. Dhorkaa Ameerikaan ulicharratti gaggeessaa jirtu hordofee gatiin boba’aa guyyaa gara guyyaatti daran dabalaa jiraachuu ibsame. Sababa kanaan biyyoota miseensa ‘Neetoo’ dabalatee biyyoonni hedduun Ameerikaa komachaa jiru. BUBBEE MEDIA ©️ SHARE @BUBBEEMEDIA SHARE @BUBBEEMEDIA

Rikardii Addunyaa Haaraa galmaa'e! Maaraatoonii 'London' daqiiqa muraasa dura xumurameen, Atileetiin Keeniyaa Sebastiyaan Saa
Rikardii Addunyaa Haaraa galmaa'e! Maaraatoonii 'London' daqiiqa muraasa dura xumurameen, Atileetiin Keeniyaa Sebastiyaan Saawwee injifateera. Atleetichi fageenya kana xumuruuf sa'aatii 1:59.30 itti fudhateera. Kunis rikardii addunyaa haaraa ta'uun galmaa'ee jira. Kanaan dura rikardiin kun atleetii Keeniyaa biroo Kelviin Kiptuum (2:00.35) harka ture. Kanaanis, injifataan har'a Saawwee maaraatoonii sa'aatii lama gadiin xumuruun atleetii addunyaa keeniyaa isa jalqabaa ta'uu danda'eera. Maqaan isaas galmee dinqiiwwan addunyaa (Guinness World Records) irratti kan galmeeffamu ta'a. Atleetii Saawwee waliin dorgommii cimaa kan taasise Itoophiyaa irraa Yoomif Kejeelchaa, sa'aatii 1:59.41 ta'een lammaffaa ta'uun xumureera. Yoomif maaraatoonii guutuu yoo fiigu kan jalqabaa yoo ta'u, dorgommii jalqabaatiin sa'aatii kanaan xumuruun addunyaa irratti atleetii jalqabaa ta'uun seenaa hojjateera. Dabalataanis, sa'aatiin kun rikardii maaraatoonii Itoophiyaa haaraa ta'uun galmaa'eera. BUBBEE MEDIA ©️

#ODUU_AMMEE Qormaatni Naannoofi Biyyoolessaa Bara 2018 Waxabajjii keessa kennama jedhame. Qormaatni Naannoo 6ffaafi kutaa 8ff
#ODUU_AMMEE Qormaatni Naannoofi Biyyoolessaa Bara 2018 Waxabajjii keessa kennama jedhame. Qormaatni Naannoo 6ffaafi kutaa 8ffaa Waxabajjii jalqabarraa kan kennamuu yoo ta'u, qormaatni biyyoolessaa kutaa 12ffaa immoo ji'a Waxabajjii walakkaa irraa eegalee kan kennamu ta'uu BBO n ifoomseera Barattootni qormaata biyyoolessaafi naannoo fudhachuuf qophiirra jiranis daran qophii isaanii akka cimsan jajjabeessaniiru. Haaluma walfakkaatun, hoggansiifi barsiisotni manneen barnootaa fooyya'insi qabxii barattootaa harka keessan waan jiruuf abdiin keenyaafi maatii barattootaa akka dhugoomsitan jechuun dhaamaniiru. Dhumarratti, Qormaatni Naannoo kutaa 6ffaafi 8ffaa guuyyootni 45 qofa kan hafan yoo ta'u, Qormaata Biyyoolessaa kutaa 12ffaa immoo, guyyoota 55 kan hafe waan ta'eef barattootnifi barsiisotni keenya yeroo muraasa hafte tanatti fayyadamuun qabxii olaanaa galmeessuuf akka hojjattan jedhameera. BUBBEE MEDIA ©️ Share @BUBBEEMEDIA Share @BUBBEEMEDIA

#ODUU_AMMEE Qormaatni Naannoofi Biyyoolessaa Bara 2018 Waxabajjii keessa kennama jedhame. Qormaatni Naannoo 6ffaafi kutaa 8ff
#ODUU_AMMEE Qormaatni Naannoofi Biyyoolessaa Bara 2018 Waxabajjii keessa kennama jedhame. Qormaatni Naannoo 6ffaafi kutaa 8ffaa Waxabajjii jalqabarraa kan kennamuu yoo ta'u, qormaatni biyyoolessaa kutaa 12ffaa immoo ji'a Waxabajjii walakkaa irraa eegalee kan kennamu ta'uu BBO n ifoomseera Barattootni qormaata biyyoolessaafi naannoo fudhachuuf qophiirra jiranis daran qophii isaanii akka cimsan jajjabeessaniiru. Haaluma walfakkaatun, hoggansiifi barsiisotni manneen barnootaa fooyya'insi qabxii barattootaa harka keessan waan jiruuf abdiin keenyaafi maatii barattootaa akka dhugoomsitan jechuun dhaamaniiru. Dhumarratti, Qormaatni Naannoo kutaa 6ffaafi 8ffaa guuyyootni 45 qofa kan hafan yoo ta'u, Qormaata Biyyoolessaa kutaa 12ffaa immoo, guyyoota 55 kan hafe waan ta'eef barattootnifi barsiisotni keenya yeroo muraasa hafte tanatti fayyadamuun qabxii olaanaa galmeessuuf akka hojjattan jedhameera. BUBBEE MEDIA ©️ Share @BUBBEEMEDIA Share @BUBBEEMEDIA

✝️✝️ BAGA GEESSAN✝️✝️✝️ Hordoftoonni Amantaa Kiristaanaa Hundi keessanuu Baga Ayyaana Du'aa kahuu Gooftaa Iyyesuus kiristoos(
✝️✝️ BAGA GEESSAN✝️✝️✝️ Hordoftoonni Amantaa Kiristaanaa Hundi keessanuu Baga Ayyaana Du'aa kahuu Gooftaa Iyyesuus kiristoos(Fasikaa) nagaan geessan Ayyaanichi kan:- Gammachuu Jaalalaa Nageenyaa Quufaa Tokkummaa fi Milkaa'inaa isiniif yaa tahu nuuf yaa tahu. Barattoonni Mooraa garaagaraa irraa akkaataa Ayyaana itti dabarsitan suuradhaan karaa liinkii gadii kanaan nuuf ergaa. Kan namoota duursa nuuf erganii fi Suuraan isaanii qulqullina qabu deebisnee kan Maxxansinu taha. Nu erguuf 👉 @sisman7 ✝️✝️✝️Happy Easter ✝️✝️✝️ 🌼 🌸 🌻Ayyaana Gaarii 🌼 🌸 🌻       BUBBEE MEDIA ©️ Share @BUBBEEMEDIA Share @BUBBEEMEDIA

✝️✝️✝️ BAGA GEESSAN✝️✝️✝️ Hordoftoonni Amantaa Kiristaanaa Hundi keessanuu Baga Ayyaana Du'aa kahuu Gooftaa Iyyesuus kiristoo
+1
✝️✝️✝️ BAGA GEESSAN✝️✝️✝️ Hordoftoonni Amantaa Kiristaanaa Hundi keessanuu Baga Ayyaana Du'aa kahuu Gooftaa Iyyesuus kiristoos(Fasikaa) nagaan geessan Ayyaanichi kan:- Gammachuu Jaalalaa Nageenyaa Quufaa Tokkummaa fi Milkaa'inaa isiniif yaa tahu nuuf yaa tahu. Barattoonni Mooraa garaagaraa irraa akkaataa Ayyaana itti dabarsitan erguu barbaaddan asirraan nuuf ergaa. Deebisnee kan maxxansinu taha. 👇👇👇👇👇👇👇 @sisman7 ✝️✝️✝️Happy Easter ✝️✝️✝️ 🌼 🌸 🌻Ayyaana Gaarii 🌼 🌸 🌻       BUBBEE MEDIA ©️ Share @BUBBEEMEDIA Share @BUBBEEMEDIA

ODUU GAMMACHIISAA Barattoota Department management barattan Hundaaf Channel kuni Barattoota Department management Qofaaf kan banameedha. Wantoonni Channel Kanarraa Argattan:-Gaaffilee Exit Exam 2015 - present jiran ni argattu. ✍ Gaaffilee model Exit Exam mooraa hundaa ni argattu. ✍ Exit Exam blueprint module ni argattu. ✍ Gaaffilee Exit Exam, Model Exit Exam and other practice Exam iddoo tokkootti gaaffilee 2500 ol ni argattu ✍ pdf or Module of major course mooraa garagaraa ni argattu ✍ ppt major course mooraa garagaaraa ni argattu ✍ words, Pdf and other reading materials of major course mooraa garaagaraa ni argattu ✍ Gaaffilee Exit Exam Course tokkoon tokkoon keessaa qophaa'an iddoo tokkotti ni argattu. ✍ October 1 2026 irraa eegalee sagantaan Gaaffilee baroota darbanii shaakaluu sa'aatii isin filattan irratti hunda'uun guyyaa guyyaan gaaffiin 10-20 isiniif dhiyaata ✍ Odeeffannoo wayitawaa Exit Exam wal qabatu ni argattu. ✍ Dabalaanis module, pdf&ppt related course ni argattu fknf Organization Behavior and Organization Theory Everyone who Interested can Join using the link below 👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇 Join @MNGMNT7 Join @MNGMNT7

Haleellaan USA bu’uuraalee misoomaa hawaasaa irratti raawwataa jirtu “kufaatii naamusaa” argisiisa jedhame. Ministirri dhimma alaa Iraan haleellaa Ameerikaan bu’uuraalee misoomaa hawaasaa Iraan irratti raawwattu “kufaatii naamusaa” kan agarsiisu jechuun qeeqan. Ministirichi dabaluudhaan haalli kun Iraan akka duubatti deebitu kan hin dirqisiisne ta’uullee himan. Ministirichi fuula Twitter irratti barreeffama gabaabaa qoodaniin, "Dhaabbilee sivilii dabalatee riqichoota ijaaramaa jiran irratti haleellaa raawwachuun, lammiilee Iraan harka akka kennatan hin taasisu," jedhan. Gochi akkasii faallaa isaatiin "diinni burjaaja’e injifatamaa fi kufaatii naamusaa keessa jiraachuu isaa kan agarsiisudha," jechan Dhiheenya kana Teeraan, magaalaa Kaaraajitti, riqicha guddaa dhiyoo ijaarame kan B-1 jedhamu irratti haleellaa waloo Ameerikaa fi Israa’el raawwatameen, yoo xiqqaate lubbuun namoota 8 darbuu fi namoonni biroon hedduun madaa’uun gabaasameera. Haleellaan kun riqicha sanas bakka lamatti kutee jira. "Tokkoon tokkoon riqichaa fi gamoo kan durii caalaa jabaatee deebi’ee ijaarama. Garuu wanti deebi’ee hin ijaaramne maqaa fi kabaja Ameerikaa irratti miidhaa gaheedha," jedhan ministirichi. Preezidantiin USA Donald Trump ibsa kennaniin, “Torbee 2 ykn 3 dhufan keessatti haleellaa jabaa ni raawwannna; yeroo gabaabaa keessatti Iraan gara “bara dhagaatti” (stone age) isaan ni deebisna,” jechuun dhaadateera. Preezidaanti Tiraampi dabalataanis, yoo waliigalteerra hin gahamne bu’uuraalee misoomaa murteessoo ta’an irratti haleellaa bal’aa raawwachuuf akka jiran ibsaniiru. “Waliigalteen yoo hin raawwatamin, tokkoon tokkoon buufataalee humna elektiriikaa isaanii hunda, tarii hunda isaanii al-tokkotti ni rukunna,” jedhaniiru. BUBBEE MEDIA ©️ Share @BUBBEEMEDIA Share @BUBBEEMEDIA

Cost II & Operation Research Mid-exam Share @BUBBEEMEDIA Share @BUBBEEMEDIA
+9
Cost II & Operation Research Mid-exam Share @BUBBEEMEDIA Share @BUBBEEMEDIA

COST I MID-EXAM Share @BUBBEEMEDIA Share @BUBBEEMEDIA
+9
COST I MID-EXAM Share @BUBBEEMEDIA Share @BUBBEEMEDIA

#BEEKSISA_ARIIFACHIISAA KUTAA 12FFAA Galmeen barattootaa bara kana Bitootessa 15, 2018 hanga sa'aatii 11:30 qofatti kan gagge
#BEEKSISA_ARIIFACHIISAA KUTAA 12FFAA Galmeen barattootaa bara kana Bitootessa 15, 2018 hanga sa'aatii 11:30 qofatti kan gaggeeffamu tahuun ibsameera. Barataan yeroo jedhame keessatti hin galmaa'in qorumsa fudhachuu akka hin dandeenye fi waggaa itti aanu eeggachuun kan qoraman taha. Yeroon qorumsaa hanga ammaatti guyyaan isaa kan hin mirkanoofne ta’us, Waxabajjii keessa akka kennamu tilmaamameera. Barattoonni irra deebiin qormaata fudhatan immoo kaffaltii qarshii 750 kaffaluun marsariitii https://register.eaes.et irratti galmaa'uu danda'u. 1. Galmeef Birrii 150 2. Qorumsa gosa ja'an tokkoon tokkoof qarshii 100 jechuudha. Hubachiisa 1. Barataan kamiyyuu ragaa barnootaa kutaa 9-11 qabachuu qaba 2. Iddoo qormaata itti qoramu filachuuf mirga guutuu qaba. BUBBEE MEDIA ©️ Share @BUBBEEMEDIA Share @BUBBEEMEDIA

IID MUBARAK 🌙 Hordoftootni Amantii islaamaa hundi keessanuu Baga Ayyaana Liid al-fixrii waggaa 1447 Nagaan geessan. Ayyaanic
IID MUBARAK 🌙 Hordoftootni Amantii islaamaa hundi keessanuu Baga Ayyaana Liid al-fixrii waggaa 1447 Nagaan geessan. Ayyaanichi kan:- ✍gammachuu, ✍jaalalaa ✍badhaadhinaa, ✍Tokkummaa fi kan ✍milkaa'inaa isiniif yaa tahu. IID MUBARAK 🌙 AYYAANA GAARII🙏🙏🙏 BUBBEE MEDIA ©️ SHARE @BUBBEEMEDIA SHARE @BUBBEEMEDIA

#Oduu_Ammee: Ayyaanni Iid al-Fixrii Jimaata Ta'uun Isaa Mirkanaa'e! Makkaa — Sa'ud Arabiyaatti har'a galgala (Roobii) guutuu
#Oduu_Ammee: Ayyaanni Iid al-Fixrii Jimaata Ta'uun Isaa Mirkanaa'e! Makkaa — Sa'ud Arabiyaatti har'a galgala (Roobii) guutuu biyyattii keessatti ji'a Shawaal barbaaduun yoo gaggeeffamaa turee iyyuu, ji'ichi hin argamne. Haaluma kanaan: Kamisa borii, guyyaa 30ffaa baatii Ramadaanaa ta'ee kan soomamu yoo ta'u, ayyaanni guddaan Iid al-Fixrii guyyaa borii booda, Jimaata, Bitootessa 11, bara 2018 (March 20, 2026) akka oolu Mana Murtii Ol-aanaan Sa'ud Arabiyaa ifatti beeksiseera. Ayyaanni kun guyyaa kabajamaa Jimaataa waliin walitti dhufuu isaatiin miira addaa fi qophii barakaa qabuun kabajama. Hordoftoota amantaa Islaamaa hundaaf, ayyaana Iid al-Fixrii 1447ffaa kanaan isiniin ga'e! Ayyaanni kun kan nagaa, jaalalaa fi gammachuu akka isiniif ta'u garaa guutuun isiniif hawwina. Akkuma sooma Ramadaanaa nagaan xumurre, ayyaanichas maatii, firaa fi hiriyoota keessan waliin tokkummaa fi wal-gargaarsaan akka dabarsitan dhaamsa keenya dabarsina. BUBBEE MEDIA ©️ Share @BUBBEEMEDIA Share @BUBBEEMEDIA

#ROORROO_DAANGAA_DARBE Oromoon hanga yoomitti qe'ee isarratti dararama? #Jaardagaa_jaartee_shullukee Bara dhufee darbu uumman
#ROORROO_DAANGAA_DARBE Oromoon hanga yoomitti qe'ee isarratti dararama? #Jaardagaa_jaartee_shullukee Bara dhufee darbu uummanni kuni finxaaleyyiin qe'ee isaarraa buqqa'aa, gidirfamaa baroota lakkoofsiseera. Haati ulfaa ilmoo ishee garatti kan dhalate immoo lapheettii baattee qe'ee ishee irraa godaanaa jirti. Qaamni nageenya Uummataa kanaaf dhaabbate eenyu? Uummanni kuni eenyutti himata? Hanga yoomitti qe'ee isaarratti saamamee ajjeefama. Namni rakkina haadhaa argee hin gaddine hin jiru. Mootummaan erga waggaa meeqatii uummata kanaaf eeggumsa gochuu dadhabee. moo osoo beekuu callisaa jira? Immimmaan Namoota qulqulluu kuni maaf dhageettii dhabe? Iyya Saba kanaa qaamni dhaga'ee deebii laatu maaf dhabame. Boo'ichi harmee fi Immimmaan ishee qooruu dide? Miidiyaan uummanni kuni qabu maaf rakkoo Saba isaa dhiisee kan uummataa adii hasa'aa oola? Uummataa kanaaf sagalee eenyutu taha? Waaqayyoo qofti immimmaan Saba qulqulluu kanaa yaa argu😭😭😭 BUBBEE MEDIA ©️ Share @BUBBEEMEDIA Share @BUBBEEMEDIA

#ExitExam Odeeffannoo Bu’aa Qormaata Bahumsaa (Exit Exam) Qormaanni Exit exam walakkaa waggaa(mid-year) karaa Online kennama
#ExitExam Odeeffannoo Bu’aa Qormaata Bahumsaa (Exit Exam) Qormaanni Exit exam walakkaa waggaa(mid-year) karaa Online kennama ture xummuramuun isaa ni yaadatama. Garuu bu'aan isaa hanga ammatti hin ifoomne. Qormaatni karaa Online waan kennameef waan hunda xummuranii qabxii ifoomsuun waan kana hunda tursiisuu miti. Haa ta'u malee,Ministeerri barnootaa barattoonni akka hin rifanneef qormaanni hundi hanga xumuramutti tursiifamuu danda'a. Qabxiin Akkamitti Ifooma? • Ministeerri Barnootaa bifa File-tiin Yuunivarsiitotaaf erga. • Yuunivarsiitiin gara Koolleejjotaa fi Dippaartimentootaatti gadi buusa. • Department ammoo barattootaaf ifoomsa. Maal Gochuu Qabdu? ✓ kanaaf barattoonni Liinkii Online eeguu irra, karaa Dippaartimentii keessanii hordofaa. Aaga dhaga'aa🙏🙏🙏 BUBBEE MEDIA ©️ Share @BUBBEEMEDIA Share @BUBBEEMEDIA

SEEROTA 14 N KOORIYAA KAABAA 1. Namni yakka hojjette hanga dhaloota sadiitti gaafatama 2. Konkolaataa ykn kompiitara bitachuu
SEEROTA 14 N KOORIYAA KAABAA 1. Namni yakka hojjette hanga dhaloota sadiitti gaafatama 2. Konkolaataa ykn kompiitara bitachuuf heeyyama mootummaa argachuu qabda 4.TV chaanaalii sadii qofa ilaalun danda'a 5. Akka perezidaantii isaanitti uffachuus ta’ee rifeensa sirreeffachuun dhorkaadha. 6. Durba tokkotti waa'ee jaalalaa haasa'uu dhiira ishee fuudhuu danda'u qofaadha 7. Maatiin mucaa isaanitiif maqaa pirezidaantii isaanii baasuun hin danda’amu; yoo dura baasaniif ta’e immoo jijjiiruufii qabu 8. Iddoo hundamattuu halkan ibsaan ni cufama. 9. Uffata jiinsii bifa samii (blue) uffachuun dhorkaadha. 10. Biyyattii keessa qaama miidhamaan hin jiru ;yoo jiraates ni ajjeefama. 11. Magaalaa guddoo 'piyongyang' keessa nama heeyyamameef qofatu jiraachuu danda’a 12. Raadiyoo cufuun tasumaa hin heyyamamu 13.Tiraafikii durbaa qofaatu jira. 14. Filannoon Kooriyaa kaabaa waggaa 5, shaniin geggeeffama! Garuu kaardiin filannoo 1 qofatu jira!😬 BUBBEE MEDIA ©️ Share @BUBBEEMEDIA Share @BUBBEEMEDIA

WAAN AJAA'IBAATI !!! Akkuma uummama hundaa Aduunis ni dulloomtii, ni duutis ! 1. Aduun Amma umrii meeqarra Jirti? Aduun ammat
WAAN AJAA'IBAATI !!! Akkuma uummama hundaa Aduunis ni dulloomtii, ni duutis ! 1. Aduun Amma umrii meeqarra Jirti? Aduun ammatti umrii waggaa biiliyoona 4.6 irra jirti. Kun umrii "giddugaleessaa" jedhama. Ammatti anniisaa ishee madda Hayidiroojinii irraa argatti. 2. Aduun yoom Dulloomti? Waggaa biiliyoona shan booda, Boba'aan Hayidiroojinii aduu keessaa ni dhumata. Yeroo kanatti aduun jijjiirama guddaa keessa darbuu eegalti. Yeroo kanatti Aduun garmalee bokokuun ni guddatti. Ifni ishee ni hir'ata, garuu hoo'i ishee dachaan dabala. Aduun yeroo dulloomtee bokoktu kanatti caccabuun pilaaneetota isheetti dhiyoo jiran:- Meerkurii, Veenuusii fi Lafa liqimsuu dandeessi. Alli Aduu erga irraa caccabee urjii adii xiqqootu gidduutti hafa. Innis turtii booda erga Hydrogen fixee gara urjii gurraacha hin muullannetti jijjiirama. Walumaa galatti, Aduun dulloomtee kan duutu waggaa biiliyoona 5 booda waan taheef ammatti yaaddoon hin jiru! BUBBEE MEDIA ©️ Share @BUBBEEMEDIA Share @BUBBEEMEDIA

BAGA GUYYAA KABAJA ADWAA GEESSAN Adawaan guyyaa uummanni Itoophiyaa seenaa adda duree Afrikaa itti hojjetaniidha. Moo'umsi Ad
BAGA GUYYAA KABAJA ADWAA GEESSAN Adawaan guyyaa uummanni Itoophiyaa seenaa adda duree Afrikaa itti hojjetaniidha. Moo'umsi Adawaa guyyaa uummata aditti abjuu tahee amanuuf itti ulfaate, guyyaa xaaliyaanif gadda tahe boquu cabsatanii fi guyyaa Itoopiyaan Addunyaa irratti maqaan ishee olka'ee lallabameedha. Keessumattu gootonni oromoo qaqqaalin guyyaa itti xaaliyaanii fi warra baandaa tahee fayidaaf biyya gurgure guyyaa itti salphisaniidha. Dhugumatti seenan dabee barreeffamus Waraana kana irrattis adda durummaan kan lolee lolchisiise gootota oromooti. Isaanis:- 1. Abbabaa Argaa Bacharee 2. Baqqalaa Wayyaa 3. Garasuu Dhukii 4. Hayila Mariyaam Maammoo 6. Balaay Zallaqaa Qilxuu Ayyaano 7. Kabbadaa Bizunahi 8. Garbii Bultoo 9. Koloneel Abdiisaa Aagaa 10. Generaal Jaagamaa Keelloo 11. Muluu Wasanuu Injifannoon Adawaa seenaa gootummaa oromoo fi Itoophiyaa qofa osoo hin taane guyyaa boqonnaa haaraa Afrikaanota hundaati. Seenaa Rirmi hin nyaatu. BUBBEE MEDIA ©️ Share @BUBBEEMEDIA Share @BUBBEEMEDIA