1 645
Obunachilar
-324 soatlar
-137 kunlar
-1730 kunlar
Postlar arxiv
1 645
HARIIROO MAATII
Jireenya ofii boriif jecha waan baayye dhoksu, obsus ture malee namni kaayyoo jireenyaa qabu maatii ofii miti namuma biraa waliin jiraatuyyuu hatuu fi sobuun hin malle .
Nama gooyyomsaa, acabarbaraa,ykn waliin dhahaa nama sobaa nama waliin jiraachuun ni ulfaata .
Namni nama malee hin jiraanne hin jiraanne jechuun hin ulfaatu.
Amanamummaan kee ibsituu namummaa keeti. Nama kamiiniyyuu waliin yeroo dheeraa fi hariiroo gaariin jiraachuuf akkasumas fudhatamummaa fi kabaja argachuuf , amanamummaan waan akkaan murteessaadha.
Waaqa birattis akkasuma mitiiree?
Dhugaa seeraa fi seenaanis beeku yoo dubbannee, Hubannes Qabeenyi jaarsaaf jaartii kanuma waliiniiti.
Wal shakkuu jechuun of shakkuu jechuudha. Walii isaanii shakkuu hin qabaniin dhaamsa obbolummaati.
@BarsiisaaAy Irraati
1 645
Beekumsa Nam-tolchee (AI) Barattoota fi Barsiisota Fayyadan
Meeshaalee fi aplikeeshiniwwan Beekumsa Nam-tolchee (AI) gurguddoon hojii da'waa fi barnootaa keessatti gargaaran kanneen armaan gadiiti:
1. ChatGPT (chatgpt.com)
Kitaabotaa fi barreeffamoota gurguddoo gabaabsuuf gargaara.
Karoora barnootaa, gaaffilee, fi qormaata qopheessuuf ni fayyada.
Barreeffamoota gara afaanota hedduutti hiikuuf dandeettii guddaa qaba.
Qorannoo fi odeeffannoo walitti qabuu irratti gargaarsa kenna.
Hubachiisa: Odeeffannoo shari'aa mirkaneeffachuu fi dhimma fatawaa irratti isa qofa irratti hirkachuu dhiisuun barbaachisaadha.
2. Gemini (gemini.google.com)
Qorannoo gochuuf, xiinxaluu fi gabaabsuuf baay'ee fayyada.
Tajaajiloota Google adda addaa (akka Drive, Docs) wajjin walitti hidhata qaba.
3. Copilot (copilot.microsoft.com)
Sanadoota (documents) barreessuu fi barreeffama dhiheenyaa (presentations) qopheessuuf gargaara.
Meeshaalee barnootaa fi da'waa qopheessuuf baay'ee mijataadha.
4. Perplexity (perplexity.ai);
Meeshaalee qorannoo maddoota (sources/references) agarsiisan keessaa isa hunda caaluudha.
Odeeffannoo mirkaneeffachuu fi maddoota kitaabotaa ariifatti argachuuf fayyada.
5. NotebookLM (notebooklm.google.com);
Kitaabotaa fi faayiloota (PDF) mataa keetii itti fe'uun, barreeffama sana keessaa gaaffii gaafachuuf si hayyama.
Barattoota beekumsaa qabxiiwwan (notes) fi qorannoowwan isaanii irra deebi'anii ilaaluuf ni gargaara.
ChatGPT: Gabaab
Guduunfaa: Teeknooloojiin kunniin yoo ogummaan itti fayyadaman, hojii barnootaa tajaajiluu keessatti humna guddaa fi yeroo qusachuu danda'u.
@BarsiisaaAY
1 645
#Dhaloota_Sodaan_bite!
Dhaloonni ammaa kuni dhaloota sodaaf bitamedha. Dhaloonni sodaan bitame haala hundumaa keessatti sodaatu isa argata.
Namoonni nan jaallatani jedhee ni sodaata; Nama isa jaallatu yoo argatu immoo deebisee akka isa hin jibbineef ni sodaata.
Fudhatamummaa na dhaba jedhee ni sodaata; Nama fudhatamummaa kennuuf yoo argatu immoo deebisee akka isa hin dhiibbanneef ni sodaata.
Nama waliin ta'uu ni sodaata; Nama irraa baqatee kophaa jiraachuus ni sodaata.
Nama isatti dhiyaate akka hin miineef ni sodaata; Namicha yoo miidhe ammoo irra deebi'ee namicha irraa adda bahuu yoo yaadu namicha nan miudha jedhees ni sodaata.
Osoo hin fuudhiin kophaakoo hafuufii jedhee ni sodaata; Erga fuudhee garuu nan miidhama jedhee waan yaaduuf fuudhuus ni sodaata
Waan sodaatuuf hirribni isa hin fudhatu; Hirribni waan isa fudhachuu dideefis ni sodaata.
Akka hin daldalleef kisaaraa sodaata; Akkumatti yoo taa'es hiyyummaa sodaata.
Garaa jabaatee erga bahee balaa ni sodaata; Sodaatee yoo hafe namoonni sodaattuu naan jedhu jedhee yoo yaadus ni sodaata.
Sodaa irraa ka'uun Ta'uu fi gochuu kan qabdu osoo hin godhiin waggaa 100 hamma jiraattu sodaakee injifattee ol jettee waggaa 10f kaayyoodhaan jiraattee yoo dabarte siif wayya.
Sodaa injifatanii jiraachuun alatti milkaa'inni tokkollee hin jiru!
@BarsiisaaAy
SHARE SHARE SHARE
1 645
XIYYEEFFANNOOF 1, Dubbachuun dura, Yaadi! 2, Mallatteesuun dura, dubbisi! 3, Barsiisuun dura, baradhu! 4, Gorsuun dura, hojiin agarsiisi! 5, Muruun dura, safari! 6, Ajjeessuun dura, bakka buusi! 7, Xiinxaluun dura, hubadhu! 8,-> Amanuun dura, mirkaneeffadhu! 9, Du'uun dura, qalbii geeddaradhu! 10, Murteessuun dura, qoradhu! 11, Hojjechuun dura, karoorsi! 12, Dhukaasuun dura, ilaami! 13, Deemun dura, abdii horadhu! 14,-> Qoosuun dura, adda baafadhu! 15, Nyaachun duraa hojjedhu! 16, Dhiibuun osoo hin taane malaan hojjadhu! 17, Taa'uun dura iddoo ilaalladhu! 18, Yeroo dubbattu, waan ijoo qofa dubbadhu! 19, Yommuu aartu, dafii tasgabbaa'i! 20,Yommuu mariyattu, hubataa ta'i! 21,Yeroo murteessitu, gara kuteessa ta'i. 22,Yommuu, rakkattu, dafii mala barbaadi. 23, Yommuu fudhattu, lakkaa'i! Yaadoota dabalataa argachuuf @BarsiisaaAY share godhi.
1 645
Osuma dubbistani yeroo gaha yoo qabattani fi fedha hojii Online qabaattan waan arman gadii yaalaa.
Code erga App sana buustani fayyadamtan 3410992 dha.
Win big prizes in the game generous rewards await your participation!https://h5.toptdcloud.com/h5/index.html#/share_gamePage?uid=3410992
1 645
Jijjirama (Change)
"Jijjiiramni uffata jijjiiruu miti; ilaalcha kee gadi fageenyaan fooyyeessuudha."
Namoonni baay'een jijjiirama jechuun wanta alaan mul'atu qofa jechuun yaadu. Uffata haaraa uffachuu, bakka haaraa deemuu, hojii haaraa jalqabuu ykn namoota haaraa wajjin walbaruun jijjiirama fakkaachuu danda'a.
Garuu jijjiiramni dhugaan keessaa namaa keessatti jalqaba.
Yoo ilaalchi kee akkuma durii ta'e, wanti alaan jijjiiramu hundi yeroo muraasaaf qofa hojii qaba.
Jireenyi kee dhugumaan kan jijjiiramu yeroo yaadni kee, amalli kee fi akka ati rakkoo ilaaluu jalqabdu jijjiiramudha.
Namni milkaa'uu barbaadu dura yaada isaa ni jijjiira.
Namni gammachuu barbaadu dursee ilaalcha isaa ni fooyyeessa.
Namni guddachuu barbaadu dogoggora isaa irraa barachuu ni filata; himannaa keessa jiraachuu miti.
Jijjiiramni guddaan yeroo tokko keessatti hin dhufu. Guyyaa guyyaan yaada gaarii fudhachuu, amala badaa dhiisuu, fi waan haaraa barachuun suuta suuta nama haaromsaa deema.
Namni tokko jireenya isaa jijjiiruu yoo barbaade:
Rakkoo keessatti carraa arguuf of leenjisuu qaba.
Sodaa keessatti abdii argachuu qaba.
Kufaatilee keessatti barnoota argachuu qaba.
โจ Dhugaan guddaan: Uffata kee guyyaa tokko keessatti jijjiiruu dandeessa; garuu jireenya kee jijjiiruuf ilaalcha kee jijjiiruun dirqama.
Har'a of gaafadhu: "Waan na mudate jijjiiruu hin danda'u ta'a; garuu akkamittan ilaalu jijjiiruu nan danda'aa?"
Yeroo ilaalchi kee jijjiiramu, murtiin kee ni jijjiirama. Yeroo murtiin kee jijjiiramu, hojii kee ni jijjiirama. Yeroo hojii kee jijjiiramu, jireenyi kee ni jijjiirama.
๐ก Jijjiiramni dhugaan keessaa jalqaba; alatti immoo ni mul'ata.
sสแดสแด๐ฏ๐ @BarsiisaaAY
1 645
โJireenyi gabaabaa, garuu hojiin gaariin bara baraan jiraata. Addunyaan tuni dhumtudha; waan taโeef, sammuu keenya qulqulleeffannee, garaa keenya fayyifanne haa jiraannu. Gaarummaan ofiifis, sabaafis furmaata!
Jibbi ni darba, jaalalli ni hafa. Qabeenyi ni dhuma, maqaan gaariin ni jiraata. Kanaaf yeroo nuuf kenname kana keessatti wal kabajuu, wal gargaaruu fi hojii gaarii hojjechuun jireenya keenya haa miidhagsinu. Namni hojii gaarii facaasu yeroo dheeraa booda illee yaadatamaa jiraata. Addunyaan tuni bakka turtii miti; bakka darbiitii dha. Haa taโu malee, hojii keenya keessaa waan gaarii dhalootaaf haa hambifnu.โ ๐ฟ๐คฒโจ
โGaariin hojjedhu; yeroo darbe hin deebitu, garuu hojii gaariin kee bara baraan ni dubbatama.โ
@BarsiisaaAy
1 645
Jabaattee yoo hojjatte kan hawwitu dhugaa ni ta'a.
Fedhii fi abjuun kee hawaa qofarratti hin turu; kan dhugaatti jijjiiramu gocha jabaa fi cichoo qabuuni. Bu'aan barbaadamu si'a tokkotti kan dhufu osoo hin taane, yaalii itti fufaa fi yeroo hundaatiin dhufa. Abjuu kee gara karoora guyyaatti jijjiiri. Fedhii ofii keetii ol kaasuuf aarsaa kafali, bu'aan feete sun yeroo isaatti ni dhufa.
@BarsiisaaAY
1 645
Nama Cimaa Hin Sochoone Ta'uuf wantoota 6n kana godhi!
1. Yaadni neegativi tokko sammuu keetti yeroo dhufu yaada poozativaa 5n qopheeffadhu.
2. Nama hunda hin gammachisin muraasni yoo aaran hoomaa miti!
3. Ofikee gad hin buusiin waan barbaade illee yoo ta'e.
4. Dhiifama ofikeef godhi. Waanta darbee ofimakee wajjiin xumuradhu!
5. Warra duubatti si deebisan fulduratti sin dhiibne irraa fagaadhu!
6. Rakkinaaf qorumsa hin sodaatin ittuma adeemi!
@BarsiisaaAY
1 645
MAMMAAKSA AFAAN OROMOO
1.Aadaa fi aduun ni dhokatan malee hin badani.
2.Abbaaniyyatu malee ollaan namaa hin birmatu.
3. Abbaa gabaabaa daa'imni hiriy aa seeti.
4. Abbaan daadhii dhugeef ilmi afaan hin urgaawu.
5. Aabbaafis dhugaa aayyaafis dhugaa jedhe mucaan.
6. Abbaan ni baata ilmi ni nyaata.
7. Abbaanuu hin gallee fardaa booyani.
8. Abbaan mana jira malee gurri ala jira.
9. Abbaan loonii dhoqqee hin xireeffatu.
10.Abbaan warraa gaaddidduu manaati.
11: Abbaan arjoomeef ilmi arjaa hin ta'u.
12. Abbaa dhokseet akaakayyu himate.
13. Abbaan Seeraa alangee lafa hin godhu.
14. Abbee nyaataa buuleef qoriin jala hin bultu.
15.Abbee nyaatu nyaadhu abbee kaatu kaadhu. 16. Abaaree ajjeeseet kakatee kaase.
17. Abaarri gowwaa eebban qixxee dha. 18. Abjuun bara beelaa biddeen biddeen jetti. 19. Abjuuxsodaatanii hiriiba hin dhaban.
20. Abjuun du'uun jiraachu dha.
21. Addaan baane jedhe namtich furrii fudhate.
22. Adaamin ollaa agamsaa ganamnis booya galgallis booya.
23. Adamsoof deemet raada ajjeesee gale.
24. Adamsoo milkiin lama tokko waaree tokko ganama.
25. Adala riphe adurree se'ani.
26. Aadala goomsun suuta suutani.
27. Adda nyaataniif hin gabbatan.
28. Adi nyaataa adii haga.
29 Addaateef ilkaan alanfachuu hin dhiisu.
@BarsiisaaAY
1 645
๐๐๐๐๐ ๐๐๐๐๐ ๐๐๐๐ ๐๐๐๐ ๐๐๐๐๐ ๐ ๐๐๐๐๐๐๐๐ ๐๐๐๐ ๐๐๐๐๐ ๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐ ๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐ ๐๐๐๐๐ ๐๐๐๐๐ ๐๐๐๐ ๐๐๐๐๐ ๐๐๐๐ ๐๐๐ ๐๐๐๐๐ ๐ ๐๐๐๐๐๐๐๐ ๐๐๐๐๐๐ ๐๐๐ ๐๐๐๐๐ ๐๐๐๐๐๐. ๐ฉ๐๐๐๐๐๐๐ ๐๐๐๐๐ ๐๐๐๐๐ ๐๐๐ ๐๐๐๐๐๐๐๐ ๐๐๐๐๐ ๐ ๐๐๐๐๐๐๐๐ ๐๐๐๐๐๐๐ ๐๐๐ ๐๐๐๐๐ ๐๐๐๐๐๐๐ ๐๐๐๐๐๐๐ ๐๐ ๐๐๐๐ ๐๐๐๐๐ ๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐. "Death is more universal than life; everyone dies but not everyone lives."@BarsiisaaAY
1 645
GORSA QAJEELTOO MILKAA'INA JIREENYAA:
1. Eessaan dhufe, Eessattin deema, Maaliifin uumamee bari.
2. Seera uumaa (natural law) kabaji.
3. Yeroo hunda dhugaa dubbadhu, haqaan hojjedhu.
4. Amala gaarii, namooma, amanamummaa, naamusa kkf qabaadhu.
5. Jibba dhala namaa kamuu ofirraa balleessi.
6. Nama miidhuu irraa fagaadhu.
7. Karaa qaxxaamuraa fi daba cubbuu irraa fagaadhu.
8. Amantii qabaadhu, Rabbi kadhachaa sodaadhu
9. Haadhaa fi abbaa, maatii keetiif tola oolii gammachiisi.
10. Hiriyaa gaarii filadhu
11. Mul'ata qabaadhu.
12. Baradhu, barreessi, dubbisi, beekkumsa horadhu.
13. Hanga duututti barataa ta'i.
14. Dubbachuu fi hojjechuu dura hubachuu bari.
15. Jaarsolii fi Manguddoo irraa beekkumsa argadhu.
16. Du'a akka hin oolle yaadadhu.
17. Taa'uu hin baay'isin sochoo'i, deemii dalagi.
18. Nama qormaata irra furmaata; Boo'icha irra moo'icha irratti xiyyeeffadhu.
19. Waan dabre yaadachaa hin oolinii dhiisi fuuldura ilaali.
20. Keessummaa ykn nama hayyuu waliin haasa'i irraa baradhu
21. Seenaa namoota gaggaarii fi milkaa'anii dabranii dubbisi.
22. Gufuu si mudatu osoo hin dhiphatin akka carratti fayyadami; kufaatiif harka hin kennin obsi.
23. Oduu dhaggeeffachuu fi Miidiyaa hawaasummaa online baay'isin.
24. Namoota si caalan irraa baradhu malee itti hin hinaafin.
25. Namoota gowwaa, hamaa, jibbaa, hinaafaa, haasida, fakkeessaa, sobaa, abdi kutataa kkf irraa fagaadhu.
26. Hedduu dubbachuu hin baay'isin.
27. Waan namni akka siif tahu feetu dursii namaaf tahi.
28. Qorichoota si macheessan dhaabi
29. Halkan yeroon (sa'aa 3 - 4) hirriiba rafi.
30. Ganamaan dammaqi
31. Ispoortii hojjedhu
32. Nyaata gosaa (kudraa fi mudraa baay'isi; cooma, soogiddaafi sukkara hir'isi) fi hamma isaa hanga dandaโame madaalii nyaadhu.
33. Namootaaf dhiifama gochuu aadeffadhu, araaramaa fi waliigalaa ta'i.
34. Miira dorgommii fi naman caalaa ofirraa balleessi.
35. Fedhii, hawwii fi miira kee daangeffadhu.
36. Fudhataa osoo hin taane kennataa ta'uun beekkami. Nama rakkataa gargaarii arjaa ta'i.
37. Waan fedhii itti hin qabne hin hojjetin
38. Waan dhala namaa fayyaduu fi yoomuu itti yaadatamtu dalagi.
39. Yoomuu hin boonin, of hin tuulin, fiinxaalessa hin ta'in dhala namaaf jiddugaleessa ta'i.
40. Ofii gaarii ta'ii "Cubbuu fi Irbuu" irraa fagaadhu.
Horaa bulaa deebanaa
Baลreessaa: Anwar Ahmed
~~
@BarsiisaaAY
1 645
Hubadhu, yoo didde booda ana biratti yoo nama biraa hamattes ani hin dubbadhu, gubaa kees hin gubadhu.
Innis dhimma Liqaati. Waa'ee liqaa waan laman jedha.
Liqii fudhachuuf ni kadhatta. Namni liqeesses deebifachuuf ni kadhata. Liqiin Kadhaa cala balaa qaba jechuudha.
1 645
Amaloota namoota milkaa'anii shanan
1. Ganamaan ka'u.
2. Ni galateeffatu.
3. Waan barbaadan tokko argachuuf sammuutti yaadu.
4. Waan yaadan gara gochaatti jijiiruu.
5. Gareen hojjetu.
@BarsiisaaAY turtii yeroo muraasaa booda deebineerra.
Jirtuuuuu.
Yoo jirattan baga jiraattan like, share ....
1 645
Haa Hafu.
Yoo daa'imni dhoqqee harkaan qabdee kaatee harkuma dhoqqee sanaan uffata si qabattee si balleessite, aaruu fi mufachuu dandeessa .
Garuu aarii kee haaloo baafachuuf atis dhoqqee harkan qabdee daa'ima xureessuuf yaaluunis taโe yaaduun walaalaa da'ima sani gadi akka taate of beeksisuudha.
Akkasuma Yoo namni tokko nama arrabse deebisanii arrabbsuun akkuma amma waa'ee daa'ima dubbannee sani. Namni nama arrabsu waan lama akka qabu of beeksisa.
1. Akka jechoonni negative taโan sammuu isaa keessa jiru.
2. Wallaalaatu nama arrabsa.
3. Yoo sareen nama ciniinte deebisanii saree hin ciinani.
4. Yoo harreen nama dhiitte , deebisanii harree hin dhiitani.
Namni beekaa ykn namni gaariidha jedhamu Yoo yeroo aarii isaa nama raabsu ykn nama dhaanu osoo hin taane yoo Obsedha.
@BarsiisaaAY
1 645
"#Humni dhugaan iyya keessatti osoo hin taane, callisummaa fi dammaqina hin mulโanne keessatti argama!
"Leenci gurraachi bosona keessatti kan beekamu sagalee guddaadhaan osoo hin taane, sochii isaa ogummaa fi nama irraa dhokatee taโeenidha. Jireenya kee keessatti jijjiirama fiduuf yeroo hunda dubbachuun si hin barbaachisu; sammuu kee dammaqinaan (Presence) leenjisuun โhumna kee hin mulโanneโ fayyadami."
โจ Leenca Gurraacha irraa kan barannu seerota jireenyaa gurguddoo 3
1. Humna Hin Mulโanne
Leenci gurraachi dukkana keessatti dhokatee sochoโuu dandaโuun isaa dammaqina (Awareness) guddaa akka qabu agarsiisa. Atis jireenya kee keessatti milkaaโina argachuuf yaada kaleessaa fi boruutiin bittinnaaโuu irra, akka leenca gurraacha yeroo ammaatti mootummaa qabaachuun humna sammuu kee hin mulโanne guddisi.
2. Ija Jabinaa fi Ogummaa keessaa
Leenci gurraachi mallattoo ogummaa fi ija jabinaati. Ija jabinni dhugaan jechuun sodaa dhabuu osoo hin taane, sodaa mooโuun ogummaadhaan deemuu dandaโuudha. Yeroo of irratti amanamummaa jalqabdu, qeeqni namootaa yookiin fudhatama dhabuun (Rejection) imala kee dhaabuuf humna hin qabaatu.
3. Dukkana Gara Carraatti Jijjiiruu.
Bineensonni biroo dukkana sodaachaa yeroo jiranitti, leenci gurraachi garuu dukkana akka bakka itti dhokatuu fi akka carraa guddaatti fayyadama. Rakkoolee jireenya kee keessatti si mudatan akka gufuu osoo hin taane, akka bakka eenyummaan kee itti ijaaramuu fi ogummaan itti guddatuutti ilaali.
Ergaa Guddaan Guyyaa Harโaa
"Akka leenca gurraachaatti callisaan, ija jabinaan fi dammaqinaan deemii. Ciminni kee kan madaalamu hiika ati jireenya keef kennituun malee, rakkoo si mudatuun miti. Harโa jechuun iyya fi jeequmsa hin barbaachifne keessaa baโiitii gara ogummaa keessa keetti ilaali. Humna kee hin mulโanne (dammaqina kee) fayyadami, ija jabinaan jiraadhu, kallattii jireenya keetii immoo murtee mataa keetiin hoggani. @BarsiisaaAY
1 645
โ ๏ธ Right now, the TickBit AI agent is ready to credit $30 to your starting balance.
No conditions. No deposit. In just one click.
๐ What you get in 5 seconds:
โ
$30 โ a welcome bonus to get you started.
โ
Per-second profit straight to your account.
โ
0% effort โ the bot trades while you relax.
โ
Instant withdrawals from $0.1 with zero fees.
โณ The $30 offer is limited! Grab it while itโs available
๐ START AND CLAIM $30 ๐๐ป
#ad ๐ข InsideAd
1 645
๐
๐๐๐๐๐๐๐ ๐๐ ๐๐๐ ๐๐๐๐ฅ๐I
โฅ Amalli gaariin meeshaa ittiin Uumaa fi Uumama biratti jaalatamtuu dha!
โฅ
๐ฎ๐๐๐๐๐ ๐๐'๐๐๐ ๐๐๐๐๐๐๐๐๐โฅ Ati nama amala gaarii qabu taanaan mukaaf citaatu si jaalata, hundatu gaarii siif yaada, hundaatus siif fira. Firaaf, orma biraa kabajaa argatta. Akkasumas, rabbiin birattis ni jaalatamta. Amalli gaariin hundee milkaaโinaati. Hojii malee guddinni hin jiru, Amala ykn naamusa malees hojjechuun hin danda'amu. ๐ต๐๐๐ ๐๐๐๐๐ ๐๐๐๐๐๐ ๐๐๐๐ ๐๐๐๐๐๐๐ ๐๐๐๐ ๐๐๐๐๐๐๐๐๐ ? ๐ โ Nama yeroo hundaa yaanni isaa positive ykn qajeelaa ta'e qabu. โ Nama nama hunda ija tokkoon ilaalu. โ Nama waan gaarii hunda ofiif jaalatu nama biraatifis hawwu. โ Nama haasaa bareedu, kan nama hundaa biratti naamusaa gaarii qabu jechuudha. "Nama amala gaarii qabu" jechuun, nama yeroo hunda ilaalcha namoota keessaatti bakka guddaa qabu dha. @Maddabeekumsaan #share #follow and #comment godhaa.
1 645
Kabaja Barsiisaa1. Kabaja fi Ulfina Guutuu:Barsiisaa ofii akka abbaatti ilaaluun,sagalee isaa olitti dubbachuu
dhiisuu fi kabaja addaa laachuufii.
2.Qalbiin Dhaggeeffachuu:Yeroo inni barsiisu xiyyeeffannoo guutuu kennuufii fi waan biraatiin
dhimmuu dhiisuun yaada isaa hordofuu akkasumas yaadannoo qabachuu. Waan hin galleefii
gaafachuu.
3.Gad-of-qabummaa Agarsiisuu:Beekumsa argachuuf barsisaa duraatti gadi of qabanii
argamuun furtuu milkaaโina barataati.
4. Dheekkamsa Isaa Irratti Obsuu:Barsiisaan yoo si sirreessuuf sitti dubbate, miira tasgabbii fi
dogoggora ofiitti gaabbuu agarsiisuu dha malee Gumgumuu, hamachuu fi arrabsuu dhiisanii
dogoggora ofii irraa deebi'uuf adababbi fudhachuu keessatti obsuun barbaachisaa dha.
5.Eeyyama Gaafachuu :Daree keessatti ta'e dhimma dhuunfaa irratti eeyyama malee gidduu @Maddabeekumsaan
1 645
#3_Namni_Tokko_Si_Oolchuu_Dandaha
โGammachuun qoodame dacha taโa; gaddi qoodame immoo walakkaa taโa!โ Jechama durii.
Dhugaa salphaan namoota hedduu duโa irraa oolche tokko: โWaan hundumaa sirreessuun si irraa hin eegamu; nama tokko qofatti himuu qabda!โ kan jedhudha. Bara kana namoonni baayโeen tarkaanfii of-ajj-eesuu akka fudhatan kan taasisu nama itti dhiโaatu dhabuudha. Gaagaโamni jaarraa 21ffaa inni guddaan jireenya hawaasummaa miidiyaa hawaasummaan bakka buusuu keenya jedheen amana. Kun immoo wal bira teenyee akka waldhabnu, walitti dhihoo taanee akka wal wallaallu, wajjin nyaannee dhugaa dalga akka wal hubannu nu taasiseera. Facebook irraa hiriyyoota 5000 qabna, of biraa garuu nama itti himannu tokko hin qabnu. Kun miidhama guddaadha.
Miirri human kee ol taโe yommuu sitti dhagaaโamuu fi lubbuu kee irratti murteessuuf yoo yaaddu, al-tokko dhaabadhuu waa yaadi: Nama tokkotti yoo himte si oolchuu akka dandaโu. Nama tokko qofa. Eyyee, tarkaanfii fudhachuu dura nama tokkotti himadhu. Falli jiraa!
#4_Seera_Sahatii_24_Fayyadami
โMiiraa fi gocha gidduu yeroo hundumaa balballi jira. Toora balbalichaa dhaabadhu!โ
Meeshaalee gurguddoo of ajjee-chaa injifachuu dandaโan keessaa tokko yeroodha. Waldhaansa saayikoloojii caalaa, qoricha fudhachuu caalaaโฆyeroo fudhachuun furmaata guddaadha. Miirri of ajjee-suuf nama kakaasu jiโootaaf yookaan torbanootaaf nama bira hin turu. Battaluma tokko dhufa. Garuu human guddaadhaan. Akka dambalii galaanaa qilleensa humnaan sochoosuuti. Dambaliin immoo ni darba.
Yeroo itti dambaliin of ajjee-chaa sitti dhagaaโamu hunda seera saโatii 24 fayyadami. โHamma bor yoona kanaatti tureen isa booda murteessa!โ jedhi. Saโatiiwwan as deeman 24 keessatti wantonni baayโeen ni sirratti. Ilaalchi kees jijjiiramuu dandaโa. Saโatiin 24 sun yoo dhumu ammas itti fuftee saโa 24 fudhatta. Haala kanaan, hamma dambaliin sun guutummaan guutuutti si dhiisee deemutti itti fuftee jiraatta.
Bara 2001 namoota of ajjee-suu irraa oolan 193 irratti qorannoon taasifame akka addeessutti, dambaliin of ajjee-chaa sun kan isaan irra ture daqiiqaa 10 qofa akka taโe dubbatan. Kaan immoo daqiiqaa 5 qofa ture jedhan. Kanaafuu, saโatii 24 dhufan keessatti tarkaanfii kamuu akka hin fudhanne murteessi.
#5_Duuti_Kee_Rakkoo_Sana_Hin_Furu
Dhugaa hadhawaan tokko kunooti: Of ajjee-suun rakkoo kee hin furu; rakkoo sana namoota biroof dabarsa malee!โ
Namni of ajjee-su jireenya isaa keessatti rakkoon furmaata hin qabne akka isaan mudatetti yaada. Rakkoo sanaaf immoo furmaanni waan jiru itti hin fakkaatu. Dhugaan jiru garuu rakkoon sun hin furamu. Ittumaa iyyuu maatiif, firootaaf, akkasumas namoota isaan jaallataniif darba.
Rakkoon dinagdee, hoji-dhabdummaan, jaallatanii ganamuun, dhukkubnii fi wantonni biro akka namni of ajjee-su sababa taโuu dandaโan, gaafa namni of ajjees-e isaan hin duโan. Namni sababa isaanii of balleesse garuu madaa yoomuu hin qoorre maatii isaa lubbuun jiraniif dabarsee deema. Kanaafuu, gaafa yaadni of ajjee-chaa gara kee dhufu hundumaa gaagaโama guddaa maatii fi firoota keetti dhufu yaadi. โAbbaan koo akkam taโa? Haati koo ana dhabdee akkam taati?โ isa jedhu yaadi.
#Gudunfaa_Ergaa_Koo: Guyyaan hin dabarre hin jiru. Haallis akkasuma. Tokkoo tokkoon guyyoota achii as adeemanii carraa fidanii dhufan qabu. โKaayyoo dhaabbata malee rakkoo dhaabbataan hin jiru!โ jedhee kitaaba koo โDaandii Moโattootaaโ irratti barreesseen ture. Guyyaa fi haala darbuu hin oolleef jettee jireenya kee irratti tarkaanfii hin dabarre hin fudhatin! Furmaanni tokkichi jiru diduudha! Dambalii miiraa tarkaanfii hamaatti si oofu didi! Harka hin kenning. Bakka itti murteessite sanaa sochoโi. Nama tokkoof bilbili. Itti himadhu. Waliin nyaadhu. Irraanfadhu. Daqiiqaa xiqqoo booda miirri sun si dhiisee deema. Maaliif? Miironni keessummoota keenya nu doโatanii darban malee firoota dhaabbatoo nu wajjin jiraatan miti. Maddi :Fuula fb Eebbisaa Baayyisa @MaddaBeekumsaan
#deemsiittifufayooWaaqayyojedhe
Endi mavjud! Telegram Tadqiqoti 2025 โ yilning asosiy insaytlari 
