ar
Feedback
MADDA BEEKUMSAA

MADDA BEEKUMSAA

الذهاب إلى القناة على Telegram
1 661
المشتركون
-124 ساعات
+27 أيام
-1430 أيام
أرشيف المشاركات
Osuma dubbistani yeroo gaha yoo qabattani fi fedha hojii Online qabaattan waan arman gadii yaalaa. Code erga App sana buustani fayyadamtan 3410992 dha. Win big prizes in the game generous rewards await your participation!https://h5.toptdcloud.com/h5/index.html#/share_gamePage?uid=3410992

Jijjirama (Change) "Jijjiiramni uffata jijjiiruu miti; ilaalcha kee gadi fageenyaan fooyyeessuudha." Namoonni baay'een jijjiirama jechuun wanta alaan mul'atu qofa jechuun yaadu. Uffata haaraa uffachuu, bakka haaraa deemuu, hojii haaraa jalqabuu ykn namoota haaraa wajjin walbaruun jijjiirama fakkaachuu danda'a. Garuu jijjiiramni dhugaan keessaa namaa keessatti jalqaba. Yoo ilaalchi kee akkuma durii ta'e, wanti alaan jijjiiramu hundi yeroo muraasaaf qofa hojii qaba. Jireenyi kee dhugumaan kan jijjiiramu yeroo yaadni kee, amalli kee fi akka ati rakkoo ilaaluu jalqabdu jijjiiramudha. Namni milkaa'uu barbaadu dura yaada isaa ni jijjiira. Namni gammachuu barbaadu dursee ilaalcha isaa ni fooyyeessa. Namni guddachuu barbaadu dogoggora isaa irraa barachuu ni filata; himannaa keessa jiraachuu miti. Jijjiiramni guddaan yeroo tokko keessatti hin dhufu. Guyyaa guyyaan yaada gaarii fudhachuu, amala badaa dhiisuu, fi waan haaraa barachuun suuta suuta nama haaromsaa deema. Namni tokko jireenya isaa jijjiiruu yoo barbaade: Rakkoo keessatti carraa arguuf of leenjisuu qaba. Sodaa keessatti abdii argachuu qaba. Kufaatilee keessatti barnoota argachuu qaba. ✨ Dhugaan guddaan: Uffata kee guyyaa tokko keessatti jijjiiruu dandeessa; garuu jireenya kee jijjiiruuf ilaalcha kee jijjiiruun dirqama. Har'a of gaafadhu: "Waan na mudate jijjiiruu hin danda'u ta'a; garuu akkamittan ilaalu jijjiiruu nan danda'aa?" Yeroo ilaalchi kee jijjiiramu, murtiin kee ni jijjiirama. Yeroo murtiin kee jijjiiramu, hojii kee ni jijjiirama. Yeroo hojii kee jijjiiramu, jireenyi kee ni jijjiirama. 💡 Jijjiiramni dhugaan keessaa jalqaba; alatti immoo ni mul'ata. sʜᴀʀᴇ💯👉 @BarsiisaaAY

“Jireenyi gabaabaa, garuu hojiin gaariin bara baraan jiraata. Addunyaan tuni dhumtudha; waan ta’eef, sammuu keenya qulqulleeffannee, garaa keenya fayyifanne haa jiraannu. Gaarummaan ofiifis, sabaafis furmaata! Jibbi ni darba, jaalalli ni hafa. Qabeenyi ni dhuma, maqaan gaariin ni jiraata. Kanaaf yeroo nuuf kenname kana keessatti wal kabajuu, wal gargaaruu fi hojii gaarii hojjechuun jireenya keenya haa miidhagsinu. Namni hojii gaarii facaasu yeroo dheeraa booda illee yaadatamaa jiraata. Addunyaan tuni bakka turtii miti; bakka darbiitii dha. Haa ta’u malee, hojii keenya keessaa waan gaarii dhalootaaf haa hambifnu.” 🌿🤲✨ “Gaariin hojjedhu; yeroo darbe hin deebitu, garuu hojii gaariin kee bara baraan ni dubbatama.” @BarsiisaaAy

Jabaattee yoo hojjatte kan hawwitu dhugaa ni ta'a. Fedhii fi abjuun kee hawaa qofarratti hin turu; kan dhugaatti jijjiiramu gocha jabaa fi cichoo qabuuni. Bu'aan barbaadamu si'a tokkotti kan dhufu osoo hin taane, yaalii itti fufaa fi yeroo hundaatiin dhufa. Abjuu kee gara karoora guyyaatti jijjiiri. Fedhii ofii keetii ol kaasuuf aarsaa kafali, bu'aan feete sun yeroo isaatti ni dhufa. @BarsiisaaAY

Nama Cimaa Hin Sochoone Ta'uuf wantoota 6n kana godhi! 1. Yaadni neegativi tokko sammuu keetti yeroo dhufu yaada poozativaa 5n qopheeffadhu. 2. Nama hunda hin gammachisin muraasni yoo aaran hoomaa miti! 3. Ofikee gad hin buusiin waan barbaade illee yoo ta'e. 4. Dhiifama ofikeef godhi. Waanta darbee ofimakee wajjiin xumuradhu! 5. Warra duubatti si deebisan fulduratti sin dhiibne irraa fagaadhu! 6. Rakkinaaf qorumsa hin sodaatin ittuma adeemi! @BarsiisaaAY

MAMMAAKSA AFAAN OROMOO 1.Aadaa fi aduun ni dhokatan malee hin badani. 2.Abbaaniyyatu malee ollaan namaa hin birmatu. 3. Abbaa gabaabaa daa'imni hiriy aa seeti. 4. Abbaan daadhii dhugeef ilmi afaan hin urgaawu. 5. Aabbaafis dhugaa aayyaafis dhugaa jedhe mucaan. 6. Abbaan ni baata ilmi ni nyaata. 7. Abbaanuu hin gallee fardaa booyani. 8. Abbaan mana jira malee gurri ala jira. 9. Abbaan loonii dhoqqee hin xireeffatu. 10.Abbaan warraa gaaddidduu manaati. 11: Abbaan arjoomeef ilmi arjaa hin ta'u. 12. Abbaa dhokseet akaakayyu himate. 13. Abbaan Seeraa alangee lafa hin godhu. 14. Abbee nyaataa buuleef qoriin jala hin bultu. 15.Abbee nyaatu nyaadhu abbee kaatu kaadhu. 16. Abaaree ajjeeseet kakatee kaase. 17. Abaarri gowwaa eebban qixxee dha. 18. Abjuun bara beelaa biddeen biddeen jetti. 19. Abjuuxsodaatanii hiriiba hin dhaban. 20. Abjuun du'uun jiraachu dha. 21. Addaan baane jedhe namtich furrii fudhate. 22. Adaamin ollaa agamsaa ganamnis booya galgallis booya. 23. Adamsoof deemet raada ajjeesee gale. 24. Adamsoo milkiin lama tokko waaree tokko ganama. 25. Adala riphe adurree se'ani. 26. Aadala goomsun suuta suutani. 27. Adda nyaataniif hin gabbatan. 28. Adi nyaataa adii haga. 29 Addaateef ilkaan alanfachuu hin dhiisu. @BarsiisaaAY

𝒀𝒆𝒓𝒐𝒐 𝒂𝒎𝒎𝒂𝒂 𝒌𝒂𝒏𝒂 𝒘𝒂𝒂𝒏 𝒇𝒆𝒆𝒕𝒆 𝒅𝒖𝒃𝒃𝒂𝒕𝒕𝒖𝒔 𝒘𝒂𝒂𝒏 𝒇𝒆𝒆𝒕𝒆 𝒃𝒂𝒓𝒓𝒆𝒆𝒔𝒔𝒊𝒕𝒖𝒔 𝒙𝒊𝒚𝒚𝒆𝒆𝒇𝒇𝒂𝒏𝒏𝒐𝒐𝒏 𝒏𝒂𝒎𝒂𝒂 𝒆𝒓𝒈𝒂𝒂 𝒘𝒂𝒂𝒏 𝒔𝒂𝒏𝒂𝒂 𝒐𝒔𝒐𝒐 𝒉𝒊𝒏 𝒕𝒂𝒂𝒏𝒆 𝒅𝒐𝒈𝒐𝒈𝒈𝒐𝒓𝒂 𝒋𝒆𝒄𝒉𝒂𝒂 𝒚𝒌𝒏 𝒒𝒖𝒃𝒆𝒆 𝒊𝒍𝒂𝒂𝒍𝒂. 𝑩𝒆𝒆𝒌𝒖𝒎𝒔𝒂 𝒏𝒂𝒎𝒂𝒂 𝒊𝒓𝒓𝒂𝒂 𝒘𝒂𝒂 𝒃𝒂𝒓𝒂𝒄𝒉𝒖𝒖 𝒎𝒂𝒍𝒆𝒆 𝒅𝒐𝒈𝒐𝒈𝒈𝒐𝒓𝒂 𝒃𝒂𝒓𝒃𝒂𝒂𝒅𝒖𝒖𝒏 𝒚𝒆𝒓𝒐𝒐 𝒃𝒆𝒆𝒌𝒖𝒔𝒂 𝒃𝒂𝒓𝒃𝒂𝒂𝒅𝒖𝒖 𝒏𝒂𝒎𝒂 𝒋𝒂𝒍𝒂𝒂 𝒒𝒊𝒔𝒂𝒂𝒔𝒆𝒔𝒔𝒂. "Death is more universal than life; everyone dies but not everyone lives."
@BarsiisaaAY

GORSA QAJEELTOO MILKAA'INA JIREENYAA: 1. Eessaan dhufe, Eessattin deema, Maaliifin uumamee bari. 2. Seera uumaa (natural law) kabaji. 3. Yeroo hunda dhugaa dubbadhu, haqaan hojjedhu. 4. Amala gaarii, namooma, amanamummaa, naamusa kkf qabaadhu. 5. Jibba dhala namaa kamuu ofirraa balleessi. 6. Nama miidhuu irraa fagaadhu. 7. Karaa qaxxaamuraa fi daba cubbuu irraa fagaadhu. 8. Amantii qabaadhu, Rabbi kadhachaa sodaadhu 9. Haadhaa fi abbaa, maatii keetiif tola oolii gammachiisi. 10. Hiriyaa gaarii filadhu 11. Mul'ata qabaadhu. 12. Baradhu, barreessi, dubbisi, beekkumsa horadhu. 13. Hanga duututti barataa ta'i. 14. Dubbachuu fi hojjechuu dura hubachuu bari. 15. Jaarsolii fi Manguddoo irraa beekkumsa argadhu. 16. Du'a akka hin oolle yaadadhu. 17. Taa'uu hin baay'isin sochoo'i, deemii dalagi. 18. Nama qormaata irra furmaata; Boo'icha irra moo'icha irratti xiyyeeffadhu. 19. Waan dabre yaadachaa hin oolinii dhiisi fuuldura ilaali. 20. Keessummaa ykn nama hayyuu waliin haasa'i irraa baradhu 21. Seenaa namoota gaggaarii fi milkaa'anii dabranii dubbisi. 22. Gufuu si mudatu osoo hin dhiphatin akka carratti fayyadami; kufaatiif harka hin kennin obsi. 23. Oduu dhaggeeffachuu fi Miidiyaa hawaasummaa online baay'isin. 24. Namoota si caalan irraa baradhu malee itti hin hinaafin. 25. Namoota gowwaa, hamaa, jibbaa, hinaafaa, haasida, fakkeessaa, sobaa, abdi kutataa kkf irraa fagaadhu. 26. Hedduu dubbachuu hin baay'isin. 27. Waan namni akka siif tahu feetu dursii namaaf tahi. 28. Qorichoota si macheessan dhaabi 29. Halkan yeroon (sa'aa 3 - 4) hirriiba rafi. 30. Ganamaan dammaqi 31. Ispoortii hojjedhu 32. Nyaata gosaa (kudraa fi mudraa baay'isi; cooma, soogiddaafi sukkara hir'isi) fi hamma isaa hanga danda’ame madaalii nyaadhu. 33. Namootaaf dhiifama gochuu aadeffadhu, araaramaa fi waliigalaa ta'i. 34. Miira dorgommii fi naman caalaa ofirraa balleessi. 35. Fedhii, hawwii fi miira kee daangeffadhu. 36. Fudhataa osoo hin taane kennataa ta'uun beekkami. Nama rakkataa gargaarii arjaa ta'i. 37. Waan fedhii itti hin qabne hin hojjetin 38. Waan dhala namaa fayyaduu fi yoomuu itti yaadatamtu dalagi. 39. Yoomuu hin boonin, of hin tuulin, fiinxaalessa hin ta'in dhala namaaf jiddugaleessa ta'i. 40. Ofii gaarii ta'ii "Cubbuu fi Irbuu" irraa fagaadhu. Horaa bulaa deebanaa Baŕreessaa: Anwar Ahmed ~~ @BarsiisaaAY

Hubadhu, yoo didde booda ana biratti yoo nama biraa hamattes ani hin dubbadhu, gubaa kees hin gubadhu. Innis dhimma Liqaati. Waa'ee liqaa waan laman jedha. Liqii fudhachuuf ni kadhatta. Namni liqeesses deebifachuuf ni kadhata. Liqiin Kadhaa cala balaa qaba jechuudha.

Amaloota namoota milkaa'anii shanan 1. Ganamaan ka'u. 2. Ni galateeffatu. 3. Waan barbaadan tokko argachuuf sammuutti yaadu. 4. Waan yaadan gara gochaatti jijiiruu. 5. Gareen hojjetu. @BarsiisaaAY turtii yeroo muraasaa booda deebineerra. Jirtuuuuu. Yoo jirattan baga jiraattan like, share ....

Haa Hafu. Yoo daa'imni dhoqqee harkaan qabdee kaatee harkuma dhoqqee sanaan uffata si qabattee si balleessite, aaruu fi  mufachuu dandeessa . Garuu aarii kee haaloo baafachuuf atis dhoqqee harkan qabdee daa'ima xureessuuf yaaluunis ta’e yaaduun walaalaa da'ima sani gadi akka taate of beeksisuudha.  Akkasuma Yoo namni tokko nama arrabse deebisanii arrabbsuun akkuma amma waa'ee daa'ima dubbannee sani.  Namni nama arrabsu waan lama akka qabu of beeksisa. 1. Akka jechoonni negative ta’an sammuu isaa keessa jiru. 2. Wallaalaatu nama arrabsa. 3. Yoo sareen nama ciniinte deebisanii saree hin ciinani. 4. Yoo harreen nama dhiitte , deebisanii harree hin dhiitani. Namni beekaa ykn namni gaariidha jedhamu Yoo yeroo aarii isaa nama raabsu ykn nama dhaanu osoo hin taane yoo Obsedha. @BarsiisaaAY

"#Humni dhugaan iyya keessatti osoo hin taane, callisummaa fi dammaqina hin mul’anne keessatti argama! "Leenci gurraachi bosona keessatti kan beekamu sagalee guddaadhaan osoo hin taane, sochii isaa ogummaa fi nama irraa dhokatee ta’eenidha. Jireenya kee keessatti jijjiirama fiduuf yeroo hunda dubbachuun si hin barbaachisu; sammuu kee dammaqinaan (Presence) leenjisuun ‘humna kee hin mul’anne’ fayyadami." ✨ Leenca Gurraacha irraa kan barannu seerota jireenyaa gurguddoo 3 1. Humna Hin Mul’anne Leenci gurraachi dukkana keessatti dhokatee socho’uu danda’uun isaa dammaqina (Awareness) guddaa akka qabu agarsiisa. Atis jireenya kee keessatti milkaa’ina argachuuf yaada kaleessaa fi boruutiin bittinnaa’uu irra, akka leenca gurraacha yeroo ammaatti mootummaa qabaachuun humna sammuu kee hin mul’anne guddisi. 2. Ija Jabinaa fi Ogummaa keessaa Leenci gurraachi mallattoo ogummaa fi ija jabinaati. Ija jabinni dhugaan jechuun sodaa dhabuu osoo hin taane, sodaa moo’uun ogummaadhaan deemuu danda’uudha. Yeroo of irratti amanamummaa jalqabdu, qeeqni namootaa yookiin fudhatama dhabuun (Rejection) imala kee dhaabuuf humna hin qabaatu. 3. Dukkana Gara Carraatti Jijjiiruu. Bineensonni biroo dukkana sodaachaa yeroo jiranitti, leenci gurraachi garuu dukkana akka bakka itti dhokatuu fi akka carraa guddaatti fayyadama. Rakkoolee jireenya kee keessatti si mudatan akka gufuu osoo hin taane, akka bakka eenyummaan kee itti ijaaramuu fi ogummaan itti guddatuutti ilaali. Ergaa Guddaan Guyyaa Har’aa "Akka leenca gurraachaatti callisaan, ija jabinaan fi dammaqinaan deemii. Ciminni kee kan madaalamu hiika ati jireenya keef kennituun malee, rakkoo si mudatuun miti. Har’a jechuun iyya fi jeequmsa hin barbaachifne keessaa ba’iitii gara ogummaa keessa keetti ilaali. Humna kee hin mul’anne (dammaqina kee) fayyadami, ija jabinaan jiraadhu, kallattii jireenya keetii immoo murtee mataa keetiin hoggani. @BarsiisaaAY

⚠️ Right now, the TickBit AI agent is ready to credit $30 to your starting balance. No conditions. No deposit. In just one click. 🚀 What you get in 5 seconds:$30 — a welcome bonus to get you started. ✅ Per-second profit straight to your account. ✅ 0% effort — the bot trades while you relax. ✅ Instant withdrawals from $0.1 with zero fees. ⏳ The $30 offer is limited! Grab it while it’s available 👉 START AND CLAIM $30 👈🏻 #ad 📢 InsideAd

𝐅𝐀𝐀𝐘𝐈𝐃𝐀𝐀 𝗔𝗠𝗔𝗟𝗔 𝗚𝗔𝗔𝗥𝐈I ➥ Amalli gaariin meeshaa ittiin Uumaa fi Uumama biratti jaalatamtuu dha! ➥
𝑮𝒂𝒂𝒓𝒊𝒊 𝒕𝒂'𝒖𝒖𝒏 𝒐𝒇𝒖𝒎𝒂𝒂𝒇𝒊𝒊
➥  Ati nama amala gaarii qabu taanaan mukaaf citaatu si jaalata, hundatu gaarii siif yaada, hundaatus siif fira. Firaaf, orma biraa kabajaa argatta. Akkasumas, rabbiin birattis ni jaalatamta. Amalli gaariin hundee milkaa’inaati. Hojii malee guddinni hin jiru, Amala ykn naamusa  malees hojjechuun hin danda'amu. 𝑵𝒂𝒎𝒂 𝒂𝒎𝒂𝒍𝒂 𝒈𝒂𝒂𝒓𝒊𝒊 𝒒𝒂𝒃𝒖 𝒋𝒆𝒄𝒉𝒖𝒖𝒏 𝒏𝒂𝒎𝒂 𝒂𝒌𝒌𝒂𝒎𝒊𝒊𝒕𝒊 ? 👇 ➙ Nama yeroo hundaa yaanni isaa positive ykn qajeelaa ta'e qabu. ➙ Nama nama hunda ija tokkoon ilaalu. ➙  Nama waan gaarii hunda ofiif jaalatu nama biraatifis hawwu. ➙ Nama haasaa  bareedu, kan nama hundaa biratti naamusaa  gaarii qabu  jechuudha. "Nama amala gaarii qabu" jechuun, nama yeroo hunda ilaalcha  namoota keessaatti bakka guddaa qabu  dha. @Maddabeekumsaan #share #follow and #comment godhaa.

Kabaja Barsiisaa1. Kabaja fi Ulfina Guutuu:Barsiisaa ofii akka abbaatti ilaaluun,sagalee isaa olitti dubbachuu dhiisuu fi kabaja addaa laachuufii. 2.Qalbiin Dhaggeeffachuu:Yeroo inni barsiisu xiyyeeffannoo guutuu kennuufii fi waan biraatiin dhimmuu dhiisuun yaada isaa hordofuu akkasumas yaadannoo qabachuu. Waan hin galleefii gaafachuu. 3.Gad-of-qabummaa Agarsiisuu:Beekumsa argachuuf barsisaa duraatti gadi of qabanii argamuun furtuu milkaa’ina barataati. 4. Dheekkamsa Isaa Irratti Obsuu:Barsiisaan yoo si sirreessuuf sitti dubbate, miira tasgabbii fi dogoggora ofiitti gaabbuu agarsiisuu dha malee Gumgumuu, hamachuu fi arrabsuu dhiisanii dogoggora ofii irraa deebi'uuf adababbi fudhachuu keessatti obsuun barbaachisaa dha. 5.Eeyyama Gaafachuu :Daree keessatti ta'e dhimma dhuunfaa irratti eeyyama malee gidduu @Maddabeekumsaan

#3_Namni_Tokko_Si_Oolchuu_Dandaha “Gammachuun qoodame dacha ta’a; gaddi qoodame immoo walakkaa ta’a!” Jechama durii. Dhugaa salphaan namoota hedduu du’a irraa oolche tokko: “Waan hundumaa sirreessuun si irraa hin eegamu; nama tokko qofatti himuu qabda!” kan jedhudha. Bara kana namoonni baay’een tarkaanfii of-ajj-eesuu akka fudhatan kan taasisu nama itti dhi’aatu dhabuudha. Gaaga’amni jaarraa 21ffaa inni guddaan jireenya hawaasummaa miidiyaa hawaasummaan bakka buusuu keenya jedheen amana. Kun immoo wal bira teenyee akka waldhabnu, walitti dhihoo taanee akka wal wallaallu, wajjin nyaannee dhugaa dalga akka wal hubannu nu taasiseera. Facebook irraa hiriyyoota 5000 qabna, of biraa garuu nama itti himannu tokko hin qabnu. Kun miidhama guddaadha. Miirri human kee ol ta’e yommuu sitti dhagaa’amuu fi lubbuu kee irratti murteessuuf yoo yaaddu, al-tokko dhaabadhuu waa yaadi: Nama tokkotti yoo himte si oolchuu akka danda’u. Nama tokko qofa. Eyyee, tarkaanfii fudhachuu dura nama tokkotti himadhu. Falli jiraa! #4_Seera_Sahatii_24_Fayyadami “Miiraa fi gocha gidduu yeroo hundumaa balballi jira. Toora balbalichaa dhaabadhu!” Meeshaalee gurguddoo of ajjee-chaa injifachuu danda’an keessaa tokko yeroodha. Waldhaansa saayikoloojii caalaa, qoricha fudhachuu caalaa…yeroo fudhachuun furmaata guddaadha. Miirri of ajjee-suuf nama kakaasu ji’ootaaf yookaan torbanootaaf nama bira hin turu. Battaluma tokko dhufa. Garuu human guddaadhaan. Akka dambalii galaanaa qilleensa humnaan sochoosuuti. Dambaliin immoo ni darba. Yeroo itti dambaliin of ajjee-chaa sitti dhagaa’amu hunda seera sa’atii 24 fayyadami. “Hamma bor yoona kanaatti tureen isa booda murteessa!” jedhi. Sa’atiiwwan as deeman 24 keessatti wantonni baay’een ni sirratti. Ilaalchi kees jijjiiramuu danda’a. Sa’atiin 24 sun yoo dhumu ammas itti fuftee sa’a 24 fudhatta. Haala kanaan, hamma dambaliin sun guutummaan guutuutti si dhiisee deemutti itti fuftee jiraatta. Bara 2001 namoota of ajjee-suu irraa oolan 193 irratti qorannoon taasifame akka addeessutti, dambaliin of ajjee-chaa sun kan isaan irra ture daqiiqaa 10 qofa akka ta’e dubbatan. Kaan immoo daqiiqaa 5 qofa ture jedhan. Kanaafuu, sa’atii 24 dhufan keessatti tarkaanfii kamuu akka hin fudhanne murteessi. #5_Duuti_Kee_Rakkoo_Sana_Hin_Furu Dhugaa hadhawaan tokko kunooti: Of ajjee-suun rakkoo kee hin furu; rakkoo sana namoota biroof dabarsa malee!” Namni of ajjee-su jireenya isaa keessatti rakkoon furmaata hin qabne akka isaan mudatetti yaada. Rakkoo sanaaf immoo furmaanni waan jiru itti hin fakkaatu. Dhugaan jiru garuu rakkoon sun hin furamu. Ittumaa iyyuu maatiif, firootaaf, akkasumas namoota isaan jaallataniif darba. Rakkoon dinagdee, hoji-dhabdummaan, jaallatanii ganamuun, dhukkubnii fi wantonni biro akka namni of ajjee-su sababa ta’uu danda’an, gaafa namni of ajjees-e isaan hin du’an. Namni sababa isaanii of balleesse garuu madaa yoomuu hin qoorre maatii isaa lubbuun jiraniif dabarsee deema. Kanaafuu, gaafa yaadni of ajjee-chaa gara kee dhufu hundumaa gaaga’ama guddaa maatii fi firoota keetti dhufu yaadi. “Abbaan koo akkam ta’a? Haati koo ana dhabdee akkam taati?” isa jedhu yaadi. #Gudunfaa_Ergaa_Koo: Guyyaan hin dabarre hin jiru. Haallis akkasuma. Tokkoo tokkoon guyyoota achii as adeemanii carraa fidanii dhufan qabu. “Kaayyoo dhaabbata malee rakkoo dhaabbataan hin jiru!” jedhee kitaaba koo ‘Daandii Mo’attootaa’ irratti barreesseen ture. Guyyaa fi haala darbuu hin oolleef jettee jireenya kee irratti tarkaanfii hin dabarre hin fudhatin! Furmaanni tokkichi jiru diduudha! Dambalii miiraa tarkaanfii hamaatti si oofu didi! Harka hin kenning. Bakka itti murteessite sanaa socho’i. Nama tokkoof bilbili. Itti himadhu. Waliin nyaadhu. Irraanfadhu. Daqiiqaa xiqqoo booda miirri sun si dhiisee deema. Maaliif? Miironni keessummoota keenya nu do’atanii darban malee firoota dhaabbatoo nu wajjin jiraatan miti. Maddi :Fuula fb Eebbisaa Baayyisa @MaddaBeekumsaan #deemsiittifufayooWaaqayyojedhe

#Of_Ajjeesuun_Furmaata_Miti! (Eebbisaa Baayisaa) “Hunda irra jaallatamaa koo, Ammas irra deebi’ee of qabuu dadhabuuf akkan jedhu natti dhagaa’ama. Yeroo baay’ee rakkisaa akkanaa keessa ni darbina jedhee hin yaadu. Anis kana booda fayyuu hin danda’u. Sagaleewwan dhaga’uu jalqabeera, garuu qalbii koo sassaabbachuu hin dandeenye. Kanaaf hojjechuuf waan hundumaa caalaa gaarii ta’e hojjechuufan jedha. Ati jireenya koof gammachuu isa dhumaa kenniteetta. Akka namni kamuu na wajjin ta’uu hin dandeenyetti na wajjin turte—ati. Hamma dhukkubni balaafamaan kun na qabateetti namoonni lama akka keenyatti jiraachuu danda’u jedhee hin yaadu. Kana caalaa waldhaansoo qabuu hin danda’u. Jireenya kee jeeqaa akkan jiru nan beeka, anaan ala hojii kee hojjechuu ni dandeessa. Akka dandeessus nan beeka. Ilaa argitaa? Kana illee sirreessee barreessuu danda’aa hin jiru—ani. Dubbisuus hin danda’u. Wanti ani jechuu barbaadu, gammachuu jireenya koof laatte hundaaf sin galateeffadha. Baay’ee naaf obsite, gaarummaa hammana hin jedhamnes natti agarsiisteetta. Isa kana immoo namni hunduu akka beeku dubbachuun barbaada. Otuu namni na oolchuu ni danda’a ta’ee silaa situ na oolcha ture. Gaarummaa keen ala waan hunduu na dhiisee deemeera. Kana caalaa jiraadhee jireenya kee jeequu hin barbaadu. Namoonni lama hamma keenya gammadanii jiraachuu ni danda’u jedhee hin yaadu!” Kan armaan olitti dubbiste kun xalayaa Aadde Virginia Woolf, barreessituu beekamtuun biyya Ingilizii, bara 1941 barreessite ture. Of ajj-eesuu ishee daqiiqaa muraasa dura abbaa manaa ishee baay’ee jaallattuuf barreessitee keesse. Sana booda of ajj-eesuun addunyaa kanattii adda baate. Addunyaa kana irraa namoonni hedduun jireenya isaaniitti murteessuun umurii isaanii malee of ajj-eesaniiru. Biyya keenyattis mudannoon akkanaa baay’ataa jira. Kanaafuu, qajeeltoowwan muraasa barreessuun barbaade. #1_Miirawwan_Keessummoota_Dhufanii_Deemanidha Jiruu fi jireenya keessatti namni kamuu waldhaansoo mataa isaa qaba. Bifti isaa adda adda haa ta’u malee namni waldhaansoo jireenyaa hin qabne hin jiru. Hundi keenya iyyuu yeroo itti miira baay’ee ulfaataa dabarsinu ni qabna. Dhugaan nuti hubachuu qabnu tokko garuu miirawwan yeroof nu to’atan keessummoota nu do’atanii deeman malee kan nu wajjin turan miti. Ogeessonni saayikoloojii akka jedhanitti miirri hammamuu yoo nutti ulfaate qaama keessa keenya turuu kan danda’u garuu sekondii 90 qofadha. Yeroo gabaabduu kana miira aarii sana to’achuu yoo dandeenye tarkaanfii hin barbaachisne fudhachuu irraa baraaramna. Miirawwan negetiivii kanneen akka aarii, yeelloo, abdii kutannaa, hinaaffii fi kkf yeroo nu to’atan hunda yaadachuu kan qabnu, keessummoota daqiiqaa muraasaaf nu do’achuuf dhufan qofa ta’uu isaaniiti. Kanaafuu, miira darbee deemuuf jennee tarkaanfii dhaabbataa of irratti fudhachuu irraa of haa eeggannu. #2_Sammuun_Keenya_Nu_Sossoba “Yaadota kee hunda hin amaniin!” Jechama durii. Sammuun kee yeroo hundumaa siif hiriyyaa gaarii miti. Al tokko tokko diina ta’a. Gaafa haalli siif mijatu, ati gammaddu, sitti toluu fi miira gaarii keessa jirtu sammuun kee fira kee ta’ee hojiiwwan gaggaarii hojjeta. Rakkinoota fura. Haa ta’u malee, gaafa haala rakkisaa keessa seentu, gaafa aartu, abdii kutattu, namoonni si ganan…sammuun kees diina ta’a. Si soba. Sobni inni si sobu inni guddaan immoo: “Karaa ittiin keessaa baatu hin qabdu!” kan jedhudha. Namoonni of ajj-eesuuf murteessaan sammuun isaanii egeree gaarii yaaduu akka hin dandeenye qorannoowwan ni agarsiisu. Guutummaan guutuutti egereen isaanii itti dukkanaa’a. Filannoo fooyya’aa arguus ta’e yaaduu hin danda’an. Dhugaan jiru garuu, rakkoo kamiifuu furmaanni inuma jira. Yeroo dubbii sobaa sammuu kee irraa dhageessu, “Si dhaga’aan jira; ati garuu ni sobda!” jedhee deebisiif. Hiriyyaa sitti dhi’aatuuf bilbili. Nyaata nyaadhu. Daqiiqaa muraasa miillaan deemi. Soba sammuu keetii amantee, egeree kee irraa abdii kutachuun tarkaanfii hin barbaachisne hin fudhatin.

🧠 *How to Think in English* Thinking in English is the real key to speaking fluently. If you stop translating… your English becomes faster and more natural. ⭐ Step-by-step method: 1️⃣ Start with small thoughts Think simple sentences in your daily life: 👉 “I am eating” 👉 “I am feeling tired” 2️⃣ Name things around you Look around and say in your mind: 👉 “This is a chair” 👉 “The weather is nice” 3️⃣ Talk to yourself Describe what you’re doing: 👉 “I am opening my phone” 👉 “Now I will reply to messages” 4️⃣ Stop translating Don’t think in Hindi first. Think directly in English—even if it’s basic. 5️⃣ Be consistent Do this daily for a few minutes… and you’ll see a big change. 👉 Tip: Simple English is powerful—don’t try to be perfect. @MaddaBeekumsaan

Kabajamoo fi Jaalatamoo Hordoftoota(Follower) @MaddaBeekumsaan , chaanaaliin keessan kun waggaa 2 kaasee barreeffamoota kitaabota adda addaa irra, muuxannoo dubbisichaa irraa ,akkasumas maarsariitiiwwan adda addaa irraa waantota gorsa dhalootaaf ta'a jedhee yaadu kan saba #Hundaa giddu galeeffatee, afaan oromon barreeffamee fi Amantaa hunda giddugaleeffate ture.  Kanaafuu namoonni chaanaalii kana dubbisaa irras waan xiqqaatullee hubanoo argachaa jirtan ❤,👍 , fi yaadaa, jajjabinaa, ykn waantoota hafuu qabaniifi dabalamuu qaban #Comment jalatti akka nuuf kennitan.  Inni biraanimmoo namonni waantoota ani barreessaa jiru caalaa waan dhaloota kana fayyadu ofirkaan qaba kan jettan chaanaali kana abbummasa  siniif dabarsuu danda'a. Maqaa keessanitti jijjiirattanis, maqaa biraa itti moggaaftanii barreessu dandeessu . Isinis #Comment jalatti nan fudhadha jedhaa.  Hunda dura Galatoomaa ulfaadhaa.  Wantan dogoggoree nama mufachiisu yoo jiraate hadaraa waaqaa dhiifaman jedha.  Owner @MADDABEEKUMSAAN IRRAA.

Bu'aa yaadaa
“Wanti ilma namaa dulloomsu baay’inna waggoota duubatti  dhiise osoo hin ta’in kaayyoo dhabuudha jedha hayyuun rokko. Waggoonni gogaa suntursa, garuu kaayyoo dhabuun lubbuu (ruuhi) ajjeesa.    ”Yaaduun; ba’aa baadhachuudha, humnaa fi annisaa  baasudha, adeemsa hawaa sammuuti. Akkuma adeemsa gochaa keessatti bareedinnaa fi fokkinna argitan, adeemsa  sammuu keessattis odeefannoo gaddisisaa fi gammachiisaa ni argattu. Yaanni; addunyaa dhuunfaa nama tokko hanga addunyaa dhuunfaa nama dhibbaa bal’isuu danda’a. Afaan  ykn qooqa haarawa barachuun addunyaa isinin ala jiru guddistu. Yaada haarawa dagaagsudhaanis keesso  keessan bal’isuu dandeessu. ✅@Maddabeekumsaan irraa. #Join#Follow#Share godhi.

MADDA BEEKUMSAA - إحصائيات وتحليلات قناة تيليجرام @barsiisaaay