1 658
Subscribers
-324 hours
+57 days
+930 days
Posts Archive
1 658
"POWER of VISION"
Maddi rakkinaa inni guddaa fi hangafaa namoota sirrii iddoo dogoggoraa taa'aniini dha. Namoota abjuu nama biraa keessa jiraatan ykn jiraachuun ofii isaanii dadhabsiisan. Rakkinni rakkoo tahee umurii akka dheeratu kan taasisu isaan ofii isaanii ilaalcha nama biraan of bocani dha. Ofii isaanii dhiisuu nama biraa ta'anii namoota ofii isaanii dibamaniin dha.
Namni ati mootii taata, ati doktora taata fi kkf jedhamani yeroo tahetti waan jedhaman sana tahuuf ni yaalu. Kallattii kamiinis tahu wanta jedhaman sana tahanii ni argamu. Namoonni akka kanaa madda rakkinaa ijoo tahuun ni beekamu. Abjuu nama biraa fiixaan baasuuf jireenya isaanii boqonnaa malee jiraatu. Gaaffii keessi isaanii isaan gaafatu deebisuu irra Wanta namni biraa isaanii hawwe sana keessatti ofii isaanii ilaalanii kallattii namni biraa boceef irra ofii isaanii deemsisuu filatu. Galma ofii dhiisanii galma namaa irra deemu. Galma nama biraa galmaan gahuuf yaadu. Yeroo kanatti madda rakkinaa tahuun argamu. Ofii isaanii madda rakkinaa tahuu hubachuu hin dandahamu maalifii abjuu nama biraa keessa waan ofii isaanii dhoksaniif dhokatanii jiraachuu filatu.
Abjuu nama biraa keessa ofii kee keessee adunyaa tana balleessuu, faaluu, rakkisuu irra abjuu dhabuu wayya. Maaliif? Waan hin qabne waan beektuf waan qabaachuu qabdu sana immoo guyyaa tokko qabaachuuf barbaaduu ni eegalta.Haala kanaan ofii keenyas dhabnee, dhalootaa dhabaa deebna. Nama falaa tahuu irra adunyaa faalaa jiraanna. .
Abjuu kee haatii fi abbeen kee siif hin beekani. Mul'ati kee eenyummaa bira hin jiru. Abjuun hin dhaalamu. Abjuun hin hatamu. Abjuun yaada wanta hin qaqqabamne gara wanta qaqqabamuutti jijjiiru dha.
Abjuun beeluun fi dheeboo keessaa kan nama baasu dha. Abjuun dhalootaaf faloo ta'uu, rakkina ija furmaataan ilaalu tti karaa nu baasu nu agarsiisa.
Abjuun kee eenyummaa kee ti. Eenyummaa kee sirrii keessa jiraa dhu.
@BarsiisaaAY
1 658
Onnee si jaalatu gonkumaa hin miidhin. Sababni isaas tarii onneen sun lammata si jaallachuu hin danda'u ta'a.━━━━━━━━━━━ @BarsiisaaAY
1 658
𝗦𝗶 𝗳𝗮𝘆𝘆𝗮𝗱𝗮𝗮 𝗱𝘂𝗯𝗯𝗶𝘀𝗶 "Milkaa'inni xumura miti; kufaatiin immoo dhuma miti. Wanti guddaan itti fufanii deemuu dha." — Winston Churchill "Barnoonni meeshaa addunyaa itti jijjiirtan isa humna guddaa qabu dha." — Nelson Mandela "Wanti Har'a ati gootu boru kee ni murteessa." — Mahatma Gandhi "Namni of moo'ate, nama kuma moo'ate caala." — Lao Tzu "Carraan hojii cimaa uffatee dhufa; kanaaf namoonni hedduun isa hin beekan." — Thomas Edison "Jireenyi akka biskileetii dha; madaallii eegsisuuf socho'uu qabda."— Albert Einstein "Abjuu kee yoo hin hordofne, namni biraa abjuu isaa akka hojjettu si qacara." — Steve Jobs "Nama guddaa kan si taasisu beekumsa qofa osooo hin taane namuusadha.@BarsiisaaAY
1 658
✍️ Mammaaksa Oromoo
➊. Akka hin cabne beekaaf bishaan dhagaatti bu'a.
➋. "Akkan itti dhales akkan itti arraabbadhus natu beeka," jette xaddeen.
➌. "Akkan ani jedhe fardatu dide akka fardi jedhe anatu dide kanatti karaa irraa maqne."
➍. Adurree barri qabe hantuutni eegee nyaate.
➎. "Anaafis rafuu hin taatu atiifis nyaachuu hin taatu osoo na dhiifte," jedhe namichi tafkiidhan.
➏. Anatu farda se'ee harreetti okoo haame.
➐. Baay'attee dallaa guutteef harreen loon hin taatu.
➑. Bofti qal'ateef eegee hin qaban.
➒. "Bishaantu afaan na jiraaf malee silaa waanan dubbaadhu baay'eedha," jette qurxummiin.
➓. Barcuma irra taa'anii muka hin hamatan.
➊➊. Barcumaa fi ulfina abbaatu of jalatti qanansiifata.
➊➋. "Cilee ta'uuf gubanne cilee taanees gubanne," jedhe mukti.
➊➌. Daa'imni hin boonye dugda haadhaa irratti du'a.
➊➍. "Deemi teenya okkoteen raafuu barte," jedhe namichi gogorrii qalachuuf qabee harkaa baanan.
➊➎. Dhugaa fi lubbuun gaafa rabbiin jedhe baati.
➊➏. Dhoksaan fanxoo hin fayyisu.
➊➐. Eeboo darbatanii jinfuu hin qabatan.
➊➑. Firri firatti gala jennaan mukti qottoo lagatti qajeelte.
➊➒. Firoomne jedhanii waraabessatti foon hin fe'atan.
➋✿. Gowwaan yoo itti kolfan waan kolfaniif se'a.
➋➊. Garbittiin gargaarsa argatte majii dhoksiti.
➋➋. Gowwaan fardaa ergisaatiin boona.
➋➌. Hoolaan gaafa qalame samii arga.
➋➍. Hammaarranis hammaatanis dhuma hin ooltu.
➋➎. Hiriyaan wal hin amanne laga hundatti waliif kakata.
➋➏. Humna qabaannan sagaliin lolu, dhabnaan sagalee tolu.
➋➐. Humnaan nyaataniif humna namaaf hin ta'u.
➋➑. Ijaa fi saree ganda hin lagan.
➋➒. Kan dhadhaa baqsite osoo jirtuu kan raafuu affeelte michiin dhahe.
➌✿. Korma dhugaan booratu biyyeen ija hin buutu.
➌➊. Loon kana ooftee ooftee abbaan geessa jedhee namichi hatticha dhama'een.
➌➋. Maqaan baduu mannaa mataan baduu wayya.
Maddi :Fuula miidiyaa Hawaasaa irraa.
1 658
#Choice • Chance • Change
Jireenyi guyyaa guyyaan filannoo nuuf dhiheessiti. Filannoon keenya immoo gara murtiitti nu geessa. Addunyaa kana irratti tarkaanfiin kamuu murtoo irraa eegala.
Osoo hin murteessin dura, waan murteessitu sana haalaan hubachuun isa hangafadha. Yeroo ga'aa fudhattee itti yaaduudhaan dhimmicha gadi fageenyaan xinxali!
Jireenya kee keessatti murtoon tuffatamu hin jiru. Murtoon xiqqoo hin qabdu. Murtoon dogogoraa xiqqoon gatii hin barbaachifne si baasisuu waan dandeessuuf, murtoon ati tuffattu tokko illee jirachuu hin qabu.
Yeroo miirri kee ol ka'ee jiru baay'ee gammaddee yeroo jirtu waadaa kamuu seenuu irraa of qusadhu! Yeroo miirri gadi bu'ee jiru, Yeroo gadditee jirtu immoo murtoo kamuu hin murteessin! Murtoo kamuu murteessuuf miira madaalamaa si gaafata.
Namoonni milkaa’inoo yeroo hundumaa gochaa isaaniif itti gaafatamummaa fudhachuun beekamu. Namoota akkan ani yaadu qofatti yoo yaadde ati sirriidha jedhu irraa of eeggannoo godha.
@BarsiisaaAy
1 658
Alkoolii yeroo dheeraa fi baay'inaan dhuguun qaama hunda irratti miidhaa geessisuu danda'a. Isaan keessaa:
Sammuu: yaadannoo hir'isuu, dandeettii yaaduu gadi buusuu.
😷Onnee: dhiibbaa dhiigaa olkaasuu, onneen guddataa dadhabuu (cardiomyopathy), onneen sirnaan hin rukutamne (arrhythmia).
😷Tiruu: dhibee tiruu dukkanaa'uu (fatty liver), hepatitis alkoolii, fi cirrhosis.
😷Kaansarii: carraa kaansarii afaanii, qoonqoo, ujummoo nyaataa, tiruu, mar'imaanii, fi harmaa dabala.
😷Dandeettii ittisa dhibee: qaamni dhibee ofirraa ittisuu ni laafa.
😷Narvii: harka fi miilli akka mudhii ykn gubatan (peripheral neuropathy).
😷Rakkoo walqunnamtii saalaa.
😷Hanqina nyaataa: keessumaa hanqina Vitamin B1 (Thiamine).
🎵Mallattoolee yeroo dheeraa:
👍Fuulli fi ijaan halluu bifa keelloo (jaundice)
👍Harka raafamuu.
👍Dadhabbii yeroo hunda
👍Miila fi garaa keessaa bishaan kuufamuu.
Alkoolii irraa of qusadhaa!
Fayyaa hin dhabiinaa!
Via Dr Yoosan Abarraa(Hakima waligalaa)
@BarsiisaaAy
1 658
HARIIROO MAATII
Jireenya ofii boriif jecha waan baayye dhoksu, obsus ture malee namni kaayyoo jireenyaa qabu maatii ofii miti namuma biraa waliin jiraatuyyuu hatuu fi sobuun hin malle .
Nama gooyyomsaa, acabarbaraa,ykn waliin dhahaa nama sobaa nama waliin jiraachuun ni ulfaata .
Namni nama malee hin jiraanne hin jiraanne jechuun hin ulfaatu.
Amanamummaan kee ibsituu namummaa keeti. Nama kamiiniyyuu waliin yeroo dheeraa fi hariiroo gaariin jiraachuuf akkasumas fudhatamummaa fi kabaja argachuuf , amanamummaan waan akkaan murteessaadha.
Waaqa birattis akkasuma mitiiree?
Dhugaa seeraa fi seenaanis beeku yoo dubbannee, Hubannes Qabeenyi jaarsaaf jaartii kanuma waliiniiti.
Wal shakkuu jechuun of shakkuu jechuudha. Walii isaanii shakkuu hin qabaniin dhaamsa obbolummaati.
@BarsiisaaAy Irraati
1 658
Beekumsa Nam-tolchee (AI) Barattoota fi Barsiisota Fayyadan
Meeshaalee fi aplikeeshiniwwan Beekumsa Nam-tolchee (AI) gurguddoon hojii da'waa fi barnootaa keessatti gargaaran kanneen armaan gadiiti:
1. ChatGPT (chatgpt.com)
Kitaabotaa fi barreeffamoota gurguddoo gabaabsuuf gargaara.
Karoora barnootaa, gaaffilee, fi qormaata qopheessuuf ni fayyada.
Barreeffamoota gara afaanota hedduutti hiikuuf dandeettii guddaa qaba.
Qorannoo fi odeeffannoo walitti qabuu irratti gargaarsa kenna.
Hubachiisa: Odeeffannoo shari'aa mirkaneeffachuu fi dhimma fatawaa irratti isa qofa irratti hirkachuu dhiisuun barbaachisaadha.
2. Gemini (gemini.google.com)
Qorannoo gochuuf, xiinxaluu fi gabaabsuuf baay'ee fayyada.
Tajaajiloota Google adda addaa (akka Drive, Docs) wajjin walitti hidhata qaba.
3. Copilot (copilot.microsoft.com)
Sanadoota (documents) barreessuu fi barreeffama dhiheenyaa (presentations) qopheessuuf gargaara.
Meeshaalee barnootaa fi da'waa qopheessuuf baay'ee mijataadha.
4. Perplexity (perplexity.ai);
Meeshaalee qorannoo maddoota (sources/references) agarsiisan keessaa isa hunda caaluudha.
Odeeffannoo mirkaneeffachuu fi maddoota kitaabotaa ariifatti argachuuf fayyada.
5. NotebookLM (notebooklm.google.com);
Kitaabotaa fi faayiloota (PDF) mataa keetii itti fe'uun, barreeffama sana keessaa gaaffii gaafachuuf si hayyama.
Barattoota beekumsaa qabxiiwwan (notes) fi qorannoowwan isaanii irra deebi'anii ilaaluuf ni gargaara.
ChatGPT: Gabaab
Guduunfaa: Teeknooloojiin kunniin yoo ogummaan itti fayyadaman, hojii barnootaa tajaajiluu keessatti humna guddaa fi yeroo qusachuu danda'u.
@BarsiisaaAY
1 658
#Dhaloota_Sodaan_bite!
Dhaloonni ammaa kuni dhaloota sodaaf bitamedha. Dhaloonni sodaan bitame haala hundumaa keessatti sodaatu isa argata.
Namoonni nan jaallatani jedhee ni sodaata; Nama isa jaallatu yoo argatu immoo deebisee akka isa hin jibbineef ni sodaata.
Fudhatamummaa na dhaba jedhee ni sodaata; Nama fudhatamummaa kennuuf yoo argatu immoo deebisee akka isa hin dhiibbanneef ni sodaata.
Nama waliin ta'uu ni sodaata; Nama irraa baqatee kophaa jiraachuus ni sodaata.
Nama isatti dhiyaate akka hin miineef ni sodaata; Namicha yoo miidhe ammoo irra deebi'ee namicha irraa adda bahuu yoo yaadu namicha nan miudha jedhees ni sodaata.
Osoo hin fuudhiin kophaakoo hafuufii jedhee ni sodaata; Erga fuudhee garuu nan miidhama jedhee waan yaaduuf fuudhuus ni sodaata
Waan sodaatuuf hirribni isa hin fudhatu; Hirribni waan isa fudhachuu dideefis ni sodaata.
Akka hin daldalleef kisaaraa sodaata; Akkumatti yoo taa'es hiyyummaa sodaata.
Garaa jabaatee erga bahee balaa ni sodaata; Sodaatee yoo hafe namoonni sodaattuu naan jedhu jedhee yoo yaadus ni sodaata.
Sodaa irraa ka'uun Ta'uu fi gochuu kan qabdu osoo hin godhiin waggaa 100 hamma jiraattu sodaakee injifattee ol jettee waggaa 10f kaayyoodhaan jiraattee yoo dabarte siif wayya.
Sodaa injifatanii jiraachuun alatti milkaa'inni tokkollee hin jiru!
@BarsiisaaAy
SHARE SHARE SHARE
1 658
XIYYEEFFANNOOF 1, Dubbachuun dura, Yaadi! 2, Mallatteesuun dura, dubbisi! 3, Barsiisuun dura, baradhu! 4, Gorsuun dura, hojiin agarsiisi! 5, Muruun dura, safari! 6, Ajjeessuun dura, bakka buusi! 7, Xiinxaluun dura, hubadhu! 8,-> Amanuun dura, mirkaneeffadhu! 9, Du'uun dura, qalbii geeddaradhu! 10, Murteessuun dura, qoradhu! 11, Hojjechuun dura, karoorsi! 12, Dhukaasuun dura, ilaami! 13, Deemun dura, abdii horadhu! 14,-> Qoosuun dura, adda baafadhu! 15, Nyaachun duraa hojjedhu! 16, Dhiibuun osoo hin taane malaan hojjadhu! 17, Taa'uun dura iddoo ilaalladhu! 18, Yeroo dubbattu, waan ijoo qofa dubbadhu! 19, Yommuu aartu, dafii tasgabbaa'i! 20,Yommuu mariyattu, hubataa ta'i! 21,Yeroo murteessitu, gara kuteessa ta'i. 22,Yommuu, rakkattu, dafii mala barbaadi. 23, Yommuu fudhattu, lakkaa'i! Yaadoota dabalataa argachuuf @BarsiisaaAY share godhi.
1 658
Osuma dubbistani yeroo gaha yoo qabattani fi fedha hojii Online qabaattan waan arman gadii yaalaa.
Code erga App sana buustani fayyadamtan 3410992 dha.
Win big prizes in the game generous rewards await your participation!https://h5.toptdcloud.com/h5/index.html#/share_gamePage?uid=3410992
1 658
Jijjirama (Change)
"Jijjiiramni uffata jijjiiruu miti; ilaalcha kee gadi fageenyaan fooyyeessuudha."
Namoonni baay'een jijjiirama jechuun wanta alaan mul'atu qofa jechuun yaadu. Uffata haaraa uffachuu, bakka haaraa deemuu, hojii haaraa jalqabuu ykn namoota haaraa wajjin walbaruun jijjiirama fakkaachuu danda'a.
Garuu jijjiiramni dhugaan keessaa namaa keessatti jalqaba.
Yoo ilaalchi kee akkuma durii ta'e, wanti alaan jijjiiramu hundi yeroo muraasaaf qofa hojii qaba.
Jireenyi kee dhugumaan kan jijjiiramu yeroo yaadni kee, amalli kee fi akka ati rakkoo ilaaluu jalqabdu jijjiiramudha.
Namni milkaa'uu barbaadu dura yaada isaa ni jijjiira.
Namni gammachuu barbaadu dursee ilaalcha isaa ni fooyyeessa.
Namni guddachuu barbaadu dogoggora isaa irraa barachuu ni filata; himannaa keessa jiraachuu miti.
Jijjiiramni guddaan yeroo tokko keessatti hin dhufu. Guyyaa guyyaan yaada gaarii fudhachuu, amala badaa dhiisuu, fi waan haaraa barachuun suuta suuta nama haaromsaa deema.
Namni tokko jireenya isaa jijjiiruu yoo barbaade:
Rakkoo keessatti carraa arguuf of leenjisuu qaba.
Sodaa keessatti abdii argachuu qaba.
Kufaatilee keessatti barnoota argachuu qaba.
✨ Dhugaan guddaan: Uffata kee guyyaa tokko keessatti jijjiiruu dandeessa; garuu jireenya kee jijjiiruuf ilaalcha kee jijjiiruun dirqama.
Har'a of gaafadhu: "Waan na mudate jijjiiruu hin danda'u ta'a; garuu akkamittan ilaalu jijjiiruu nan danda'aa?"
Yeroo ilaalchi kee jijjiiramu, murtiin kee ni jijjiirama. Yeroo murtiin kee jijjiiramu, hojii kee ni jijjiirama. Yeroo hojii kee jijjiiramu, jireenyi kee ni jijjiirama.
💡 Jijjiiramni dhugaan keessaa jalqaba; alatti immoo ni mul'ata.
sʜᴀʀᴇ💯👉 @BarsiisaaAY
1 658
“Jireenyi gabaabaa, garuu hojiin gaariin bara baraan jiraata. Addunyaan tuni dhumtudha; waan ta’eef, sammuu keenya qulqulleeffannee, garaa keenya fayyifanne haa jiraannu. Gaarummaan ofiifis, sabaafis furmaata!
Jibbi ni darba, jaalalli ni hafa. Qabeenyi ni dhuma, maqaan gaariin ni jiraata. Kanaaf yeroo nuuf kenname kana keessatti wal kabajuu, wal gargaaruu fi hojii gaarii hojjechuun jireenya keenya haa miidhagsinu. Namni hojii gaarii facaasu yeroo dheeraa booda illee yaadatamaa jiraata. Addunyaan tuni bakka turtii miti; bakka darbiitii dha. Haa ta’u malee, hojii keenya keessaa waan gaarii dhalootaaf haa hambifnu.” 🌿🤲✨
“Gaariin hojjedhu; yeroo darbe hin deebitu, garuu hojii gaariin kee bara baraan ni dubbatama.”
@BarsiisaaAy
1 658
Jabaattee yoo hojjatte kan hawwitu dhugaa ni ta'a.
Fedhii fi abjuun kee hawaa qofarratti hin turu; kan dhugaatti jijjiiramu gocha jabaa fi cichoo qabuuni. Bu'aan barbaadamu si'a tokkotti kan dhufu osoo hin taane, yaalii itti fufaa fi yeroo hundaatiin dhufa. Abjuu kee gara karoora guyyaatti jijjiiri. Fedhii ofii keetii ol kaasuuf aarsaa kafali, bu'aan feete sun yeroo isaatti ni dhufa.
@BarsiisaaAY
1 658
Nama Cimaa Hin Sochoone Ta'uuf wantoota 6n kana godhi!
1. Yaadni neegativi tokko sammuu keetti yeroo dhufu yaada poozativaa 5n qopheeffadhu.
2. Nama hunda hin gammachisin muraasni yoo aaran hoomaa miti!
3. Ofikee gad hin buusiin waan barbaade illee yoo ta'e.
4. Dhiifama ofikeef godhi. Waanta darbee ofimakee wajjiin xumuradhu!
5. Warra duubatti si deebisan fulduratti sin dhiibne irraa fagaadhu!
6. Rakkinaaf qorumsa hin sodaatin ittuma adeemi!
@BarsiisaaAY
1 658
MAMMAAKSA AFAAN OROMOO
1.Aadaa fi aduun ni dhokatan malee hin badani.
2.Abbaaniyyatu malee ollaan namaa hin birmatu.
3. Abbaa gabaabaa daa'imni hiriy aa seeti.
4. Abbaan daadhii dhugeef ilmi afaan hin urgaawu.
5. Aabbaafis dhugaa aayyaafis dhugaa jedhe mucaan.
6. Abbaan ni baata ilmi ni nyaata.
7. Abbaanuu hin gallee fardaa booyani.
8. Abbaan mana jira malee gurri ala jira.
9. Abbaan loonii dhoqqee hin xireeffatu.
10.Abbaan warraa gaaddidduu manaati.
11: Abbaan arjoomeef ilmi arjaa hin ta'u.
12. Abbaa dhokseet akaakayyu himate.
13. Abbaan Seeraa alangee lafa hin godhu.
14. Abbee nyaataa buuleef qoriin jala hin bultu.
15.Abbee nyaatu nyaadhu abbee kaatu kaadhu. 16. Abaaree ajjeeseet kakatee kaase.
17. Abaarri gowwaa eebban qixxee dha. 18. Abjuun bara beelaa biddeen biddeen jetti. 19. Abjuuxsodaatanii hiriiba hin dhaban.
20. Abjuun du'uun jiraachu dha.
21. Addaan baane jedhe namtich furrii fudhate.
22. Adaamin ollaa agamsaa ganamnis booya galgallis booya.
23. Adamsoof deemet raada ajjeesee gale.
24. Adamsoo milkiin lama tokko waaree tokko ganama.
25. Adala riphe adurree se'ani.
26. Aadala goomsun suuta suutani.
27. Adda nyaataniif hin gabbatan.
28. Adi nyaataa adii haga.
29 Addaateef ilkaan alanfachuu hin dhiisu.
@BarsiisaaAY
1 658
𝒀𝒆𝒓𝒐𝒐 𝒂𝒎𝒎𝒂𝒂 𝒌𝒂𝒏𝒂 𝒘𝒂𝒂𝒏 𝒇𝒆𝒆𝒕𝒆 𝒅𝒖𝒃𝒃𝒂𝒕𝒕𝒖𝒔 𝒘𝒂𝒂𝒏 𝒇𝒆𝒆𝒕𝒆 𝒃𝒂𝒓𝒓𝒆𝒆𝒔𝒔𝒊𝒕𝒖𝒔 𝒙𝒊𝒚𝒚𝒆𝒆𝒇𝒇𝒂𝒏𝒏𝒐𝒐𝒏 𝒏𝒂𝒎𝒂𝒂 𝒆𝒓𝒈𝒂𝒂 𝒘𝒂𝒂𝒏 𝒔𝒂𝒏𝒂𝒂 𝒐𝒔𝒐𝒐 𝒉𝒊𝒏 𝒕𝒂𝒂𝒏𝒆 𝒅𝒐𝒈𝒐𝒈𝒈𝒐𝒓𝒂 𝒋𝒆𝒄𝒉𝒂𝒂 𝒚𝒌𝒏 𝒒𝒖𝒃𝒆𝒆 𝒊𝒍𝒂𝒂𝒍𝒂. 𝑩𝒆𝒆𝒌𝒖𝒎𝒔𝒂 𝒏𝒂𝒎𝒂𝒂 𝒊𝒓𝒓𝒂𝒂 𝒘𝒂𝒂 𝒃𝒂𝒓𝒂𝒄𝒉𝒖𝒖 𝒎𝒂𝒍𝒆𝒆 𝒅𝒐𝒈𝒐𝒈𝒈𝒐𝒓𝒂 𝒃𝒂𝒓𝒃𝒂𝒂𝒅𝒖𝒖𝒏 𝒚𝒆𝒓𝒐𝒐 𝒃𝒆𝒆𝒌𝒖𝒔𝒂 𝒃𝒂𝒓𝒃𝒂𝒂𝒅𝒖𝒖 𝒏𝒂𝒎𝒂 𝒋𝒂𝒍𝒂𝒂 𝒒𝒊𝒔𝒂𝒂𝒔𝒆𝒔𝒔𝒂. "Death is more universal than life; everyone dies but not everyone lives."@BarsiisaaAY
1 658
GORSA QAJEELTOO MILKAA'INA JIREENYAA:
1. Eessaan dhufe, Eessattin deema, Maaliifin uumamee bari.
2. Seera uumaa (natural law) kabaji.
3. Yeroo hunda dhugaa dubbadhu, haqaan hojjedhu.
4. Amala gaarii, namooma, amanamummaa, naamusa kkf qabaadhu.
5. Jibba dhala namaa kamuu ofirraa balleessi.
6. Nama miidhuu irraa fagaadhu.
7. Karaa qaxxaamuraa fi daba cubbuu irraa fagaadhu.
8. Amantii qabaadhu, Rabbi kadhachaa sodaadhu
9. Haadhaa fi abbaa, maatii keetiif tola oolii gammachiisi.
10. Hiriyaa gaarii filadhu
11. Mul'ata qabaadhu.
12. Baradhu, barreessi, dubbisi, beekkumsa horadhu.
13. Hanga duututti barataa ta'i.
14. Dubbachuu fi hojjechuu dura hubachuu bari.
15. Jaarsolii fi Manguddoo irraa beekkumsa argadhu.
16. Du'a akka hin oolle yaadadhu.
17. Taa'uu hin baay'isin sochoo'i, deemii dalagi.
18. Nama qormaata irra furmaata; Boo'icha irra moo'icha irratti xiyyeeffadhu.
19. Waan dabre yaadachaa hin oolinii dhiisi fuuldura ilaali.
20. Keessummaa ykn nama hayyuu waliin haasa'i irraa baradhu
21. Seenaa namoota gaggaarii fi milkaa'anii dabranii dubbisi.
22. Gufuu si mudatu osoo hin dhiphatin akka carratti fayyadami; kufaatiif harka hin kennin obsi.
23. Oduu dhaggeeffachuu fi Miidiyaa hawaasummaa online baay'isin.
24. Namoota si caalan irraa baradhu malee itti hin hinaafin.
25. Namoota gowwaa, hamaa, jibbaa, hinaafaa, haasida, fakkeessaa, sobaa, abdi kutataa kkf irraa fagaadhu.
26. Hedduu dubbachuu hin baay'isin.
27. Waan namni akka siif tahu feetu dursii namaaf tahi.
28. Qorichoota si macheessan dhaabi
29. Halkan yeroon (sa'aa 3 - 4) hirriiba rafi.
30. Ganamaan dammaqi
31. Ispoortii hojjedhu
32. Nyaata gosaa (kudraa fi mudraa baay'isi; cooma, soogiddaafi sukkara hir'isi) fi hamma isaa hanga danda’ame madaalii nyaadhu.
33. Namootaaf dhiifama gochuu aadeffadhu, araaramaa fi waliigalaa ta'i.
34. Miira dorgommii fi naman caalaa ofirraa balleessi.
35. Fedhii, hawwii fi miira kee daangeffadhu.
36. Fudhataa osoo hin taane kennataa ta'uun beekkami. Nama rakkataa gargaarii arjaa ta'i.
37. Waan fedhii itti hin qabne hin hojjetin
38. Waan dhala namaa fayyaduu fi yoomuu itti yaadatamtu dalagi.
39. Yoomuu hin boonin, of hin tuulin, fiinxaalessa hin ta'in dhala namaaf jiddugaleessa ta'i.
40. Ofii gaarii ta'ii "Cubbuu fi Irbuu" irraa fagaadhu.
Horaa bulaa deebanaa
Baŕreessaa: Anwar Ahmed
~~
@BarsiisaaAY
