uz
Feedback
Gefersa Burayu Full Gospel Believers Church

Gefersa Burayu Full Gospel Believers Church

Kanalga Telegram’da o‘tish

Amantoota Gara Guutummaa Kiristoositti Guddisuu!

Ko'proq ko'rsatish
637
Obunachilar
Ma'lumot yo'q24 soatlar
-17 kunlar
+1730 kunlar
Postlar arxiv
Nagaan Gooftaa isiniif haa baay'atu, jechaan sagantaan dargaggootaa keenya har'as yeroo isaa eeggatee qayyabannaa Macaafa Qulqulluuttin kan itti fufu ta'a!

BEEKSISA ARIIFACHIISAA: Jiraattota Magaalaa Buraayyuuf. ***** Nagaan Waaqayyoo isiniif haa ta'u. Yeroo baayyee maatiin guddina ijoollee isaaniif kan ta'u: #Nyaachisuu, #Uffisuu, #Barsiisuu fi waan gaariidha jedhanii amanan hundumaa ofii isaaniitti hir'isanii gochuufii irratti as hafee hin qaban. Kan nama gaddisiisu garuu #Jireenya_Hafuuraa ijoollee isaanii irratti maatii hedduun hin xiyyeeffatan. Namni immoo hariiroon inni Waaqayyoo wajjin qabu fayya-buleessa miti taanaan karaa kam iyyuu fayya-buleessa ta'uu hin danda'u! Keessumaa hammeenyi bara dhumaa kun immoo dhaloota haaraa kana irrattidha xiyyeeffannaan isaa guddaan. Kanaaf carraa barattootni mana barumsaa idilee xumuranii boqonnaarra turan kanaan ijoollee keessan gara keenyatti yoo ergattan akka isin hin gaabbine afaan guunnee isinitti beeksifna. #Hubachiisa: 📌 Saafeloota umurii 12-18 qofa barbaanna 📌 Saalaan hin qoodnu 📌 Amantaadhaan hin qoodnu 📌 Maatiin saafela galmaa'uu dirqama nu wajjin wal argee mucaa isaa nutti kennachuu qaba 📌 Torbanitti guyyaa tokko qofa (Sanbata Duraa ganama 2:30 - 6:00) barsiifna 📌 Leenjiin nuti kenninu #Holistic_Development (Guddina Hunda Galeessa) kan of keessaa qabuu fi Macaafa Qulqulluu irratti kan bu'uureffameedha! 📌 Bakki itti leenjifnu waldoota kiristiyaanaa naannoo Buraayyuu, Maariyaamii jiran keessatti ta'a. Yeroo galmooftan isin beeksisaa deemna. 📌 Guyyaan galmee hanga Adoolesaa 3 (03/11/2018) qofa. 📌 Waldootni Kiristiyaanaa akka waldaatti saafeloota keessan nu wajjin ta'uudhaan galmeeffattanii leenjisuu dandeessu. 📌 Bilbilaa galmaa'aa: 0927516866, 0910917117, 0917710770 PASSION FOR YOUTH MINISTRY! 👉 Rooted in Christ! 👉 Living for Purpose! 👉 Impacting the World!

BEEKSISA: Sagantaan Dargaggootaa BS itti fufna har'a! Tarii sila dogoggoraan beeksisa irratti akka waan hin jirreetti beeksifamee inni ture, amma qulqulleessineerra. Yeroodhaan argamaa Qayyabannaan keenyanitti fufa! (P/Naol Bekele)

Nagaan Waaqayyoo isiniif haa baayyatu! Har'a sa'a booda Qayyabannaa Macaafa Qulqulluutu jira! Kanaafuu yeroon argamaa!

Guyyaa 5ffaa Efe. 5 ¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯ ¹⁵ Egaa attamitti akka deddeebitan haleelaa ilaalladhaa! Akka warra ogeessotaatti malee, akka warra ogeessota hin ta'iniitti hin jiraatinaa! ¹⁶ Guyyoonni kun guyyoota gadhee waan ta'aniif, yeroo isiniif kenname utuu hin dabarsin itti hojjedhaa! ¹⁷ Kanaaf jaalalli gooftaa maal akka ta'e hubadhaa malee, wallaalota hin ta'inaa! ¹⁸ Dhugaatiidhaan machooftanii of hin wallaalinaa, isaanis of hin balleessinaa! Qooda kanaa hafuura qulqulluudhaan guutamaa! ¹⁹ Qooqa garaa garaatiin, faarfannaa galataatiin, weedduu hafuuraatiinis wal harkaa fuudhaa! Garaa keessan keessatti faarfachaa galata gooftaa dhageessisaa! ²⁰ Yeroo hundumaa waan hundumaafuu maqaa gooftaa keenya Yesus Kristosiin Waaqayyo abbaadhaaf galata galchaa!

Ovozli xabar14:01

Jireenya irraa Afaa qabna.m4a10.02 MB

Faar 17:15,16:11,60:3-5, 68-9 2qor :3:18 2phex :1-15 Yih 15

Ovozli xabar09:37

Ovozli xabar00:05

20260623_135603.aac7.29 MB

Ovozli xabar17:17

Yeroo Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Dargaggootaa! #Dilbata_Waaree_Booda! Sa'a 9:00 irraa eegalee!! Dargaggoota Kiristoos Kees
+5
Yeroo Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Dargaggootaa! #Dilbata_Waaree_Booda! Sa'a 9:00 irraa eegalee!! Dargaggoota Kiristoos Keessa Gad Fagaatan! Warra Dubbii Waaqayyoo mi'eeffatan!!

AKKAM JIRTU DARGAGGOOTNI KEENYA??? BOR sagantaan dargaggootaa Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu itti fufna!

TOKKUMMAA SAGANTAA MAATII WALDAA KEENYAA! 👉 Guyyaa gaafa 30/09/2018 haala addaan yeroo jalqabaaf geggeeffameera. Waaqayyoon haa galatu!