Gefersa Burayu Full Gospel Believers Church
Ir al canal en Telegram
Amantoota Gara Guutummaa Kiristoositti Guddisuu!
Mostrar más633
Suscriptores
+124 horas
+17 días
-230 días
Archivo de publicaciones
Oduu gammachiisaa isiniif qabannee dhufnee jirra!
Dilbata borii sa'a boodatti, Gareen Faarfattootaa Waldaa keenya, gareen Duunaamis sagantaa addaa, qabiyyeewwan gargaaraan dabaalame nuuf qabatanii dhufaa waan jiraniif, hundumtii keessan sa'a 8:30tti hiriyootaa fi maatii keessan afeertanii yeroon akka argamtan jaalala Waaqayyoo isin afeerra.
Irraa hin hafamu!
#Beeksisaa_Arifachiisaa
Nagaan waaqayyoo gooftaa keenyaa yesuus kristoos isinif haa baay'atuu
Akkuma beektan torban kun #prayer_week dha kadhachaa turre yeroo gaarii turee. Kun egaa amaleeffannoo gaarii waaee waan hafuuraa ji'aa keessaa torbaan tokkoo addaan baafnee ciree dhisnee, kaan keenyaamoo kan ciree ilee ittin wangeelli haa babal'aatu jettani kan account keenyaati darbatani hojii gaarii nuyi yoo xiqqaatee waggootaa 2 lakkoofsiseera. Kana jechuun ji'uma keessa kana gonna jechu mitti guyyaa guyyaati ilee nurraa Eegamaa jechudha. Isaa kanaaf Gooftaan isin haa eebbisuu warreen Amanamummaa hordofani nu wali kadhatan hundii keessan warreen isinif hin mijaa'in hafees Eebbifamaa nu walin immoo jajjabaadha isinin jenna.
Gara Yaadakoo ijoo tti yoon deebi'uu Guyyaa borii Sabataa xiqqaa Tamsaasaa wangeelaa waan qabnuufis gareen keenyii hundii keessaan ganama sa'atii 2:00 tti Waldaatti wal arginee yerootii kadhannaa walin jalqabnuudha. Wal yaadachisaa walitti himaa dhaamsaa garee kanas walif Share Share godha
Hub:
Yeroon argamnee yeroon deebinaa hin dhibaa'ina waanti irraa darbuu hin jiruu wanti ho'ee deebi'ee qurruu hin jiruu keessumaa Macaafni keenyimoo hafuuraa gubaa qabaadhaa jedha
Yeroon argama halkaan gaarii. Waan abboommaamtaniif Waaqayyoo isin haa Eebbisuu
Nagaa wajjin!
Isa. 11
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹ Hidda Iseyi keessaa latiin in ba'a, dameenis hundee isaa keessaa ba'ee ija in godhata;
² hafuurri Waaqayyoo isa irra in buufata, innis hafuura ogummaatii fi hafuura hubannaa ti, hafuura gorsaatii fi hafuura humnaa ti, hafuura beekumsaatii fi hafuura sodaa Waaqayyoo ti.
Yesuusis utuu barsiisuu akkana jedhe; “Barsiistota seeraa irraa of eeggadhaa. Isaan uffata dhedheeraa uffatanii nanaannaʼuu fi gabaa keessattis nagaa gaafatamuu jaallatu; manneen sagadaa keessatti taaʼumsa ulfinaa, lafa cidhaatti immoo iddoo ulfinaa jaallatu. Isaanis mana haadha hiyyeessaa saamanii onsu; of argisiisuuf jedhaniis kadhannaa dheeressu. Namoonni kunneen adaba guddaa adabamu.”
Yesuusis fuullee iddoo kennaan kaaʼamuu taaʼee namoota maallaqa isaanii miʼa buusii keessa buusan ilaala ture. Sooreyyiin baayʼeenis maallaqa baayʼee miʼa sana keessa buusaa turan. Haati hiyyeessaa hiyyeettiin tokko dhuftee saantima sibiila diimaa xixinnoo lama kan gatiin isaa gara saantima tokkoo taʼe miʼa sana keessa buufte.
Yesuusis barattoota isaa ofitti waamee akkana jedhe; “Ani dhuguman isinitti hima; haati hiyyeessaa hiyyeettiin kun warra miʼa buusii kana keessa kennaa buusan hunda caalaa buufteerti. Isaan hundi qabeenya isaanii irraa kennan; isheen garuu hiyyuma ishee keessaa waan hunda, waan ittiin jiraattu hunda kennite.”
Maarqos 12:38-44
1 Gara Warra Tasaloniiqee 2:1-8
---
¹ Obboloota nana! Isin bira dhufuun keenya utuu waa'ee hin baasin akka hin hafne isin ofii keessanii iyyuu gaarii gootanii in beektu.
² Isin bira utuu hin dhufin filiphphisiiyusitti akka dhiphanne, namoonni akka nutti darbanis in beektu. Isin biraas warri nuun morman utuma baay'atanii iyyuu, wangeela isaa akka isinitti himnuuf Waaqayyo keenya ija jabina nuuf kenneera.
³ Wanti nuyi isin gorsinu jal'ina keessaa, xuraa'ummaa keessaas hin baane; haxxummaas hin qabu.
⁴ Akka isa Waaqayyo qoree nu ilaalee, wangeela hadaraa nutti kenneetti in dubbanna; namoota utuu hin ta'in, Waaqayyoon isa garaa keenya qoree ilaalu gammachiisuudhaaf in dhamaana.
⁵ Nuyi isin biratti warra dubbii itti kuulan, warra ittiin qabanii nu ga'a jechuu dadhabuu isaanii dhokfatan akka hin ta'in ba'eessa gootanii in beektu; kanas Waaqayyo in beeka.
⁶ Nuyi isin irraas yoo ta'e warra kaan irraas yoo ta'e namoota irraa ulfina hin barbaanne.
⁷ Nuyi akka ergamoota Kristositti ulfaatoo ta'uu utuma dandeenyuu, akka haadha ijoollee ishee ofitti qabduutti isin gidduu jiraanne.
⁸ firoomaaf baay'ifnee isin in yaadna; sababii isin jaallannuuf wangeela Waaqayyoo duwwaa utuu hin ta'in, lubbuu keenyas immoo isiniin ga'uun nutti in tola.
Gara Ibrootaa 12:2-9
---
² Yesus isa amantii keenya jalqabee fiixaan baasu sanattii ija hin buqqifannu. Inni gammachuu fuula isaa dura jiru sanaaf jedhee, fannoo irratti du'uu isaatiif yeelloo isa irra ga'e homaatti utuu hin lakkaa'in, obsaan fannoo irratti du'uu in danda'e; ergasiis gara mirga teessoo Waaqayyoo taa'e.
³ Isin dadhabdanii yaadni keessan akka hin laafnetti ittiin mormuu cubbamootaa isa obsaan danda'e sana yaadatti qabadhaa!
⁴ Cubbuudhaan wal'aansoo qabuu keessan keessatti ammuma iyyuu dhiigni keessan hamma dhangala'uu ga'utti jabaattanii hin dhaabanne.
⁵ Sagalee gorsaa isa Waaqayyo akka ilmaaniitti isinitti dubbatu irraanfattaniittuu ree? Inni, "Ilma ko! Gooftichi si barsiisuudhaaf yommuu si adabu, salphaatti hin ilaalin; adabee yommuu si qajeelchus garaa hin kutatin!
⁶ Gooftichi nama jaallatu barsiisuuf in adaba, nama akka ilmaatti fudhatus in reeba" in jedha.
⁷ Isinis barsiifamuudhaaf adaba kana obsaan danda'aa! Waaqayyo wanta ilmaaniif godhamuun ta'u, isiniif in godha; ilmi abbaan isaa barsiisuuf hin adabne immoo isa kam ree?
⁸ Adaba hundinuu barsiifamuudhaaf argatan keessaa, utuu hin argatin yoo haftan garuu isin ilmaan abbaa hin beekamneettii dhalattan malee, dhuguma ilmaan isaa hin taatan.
⁹ Kana malees, abboota lafa kana irratti barsiisuuf nu adaban qabna; nus isaan in safeeffanna. Abbaa keenya isa hafuuraaf immoo caalchifnee abboomamnee jireenya argachuun nuuf hin ta'uu ree?
Yeroo fudha yaada kana wajjin bu'aa
+9
🔥 SAGANTAA TOKKUMMAA FAARFATTOOTAA FI DARGAGGOOTAA! 🔥
🙌 “Ilaa, obboloonni walii wajjin jiraachuun attam gaariidha! Attam namatti tola!”
— Faarfannaa 133:1
https://t.me/GefersaBurayuFGBC
+9
🔥 SAGANTAA TOKKUMMAA FAARFATTOOTAA FI DARGAGGOOTAA! 🔥
🙌 “Ilaa, obboloonni walii wajjin jiraachuun attam gaariidha! Attam namatti tola!”
— Faarfannaa 133:1
https://t.me/GefersaBurayuFGBC
+9
🔥 SAGANTAA TOKKUMMAA FAARFATTOOTAA FI DARGAGGOOTAA! 🔥
🙌 “Ilaa, obboloonni walii wajjin jiraachuun attam gaariidha! Attam namatti tola!”
— Faarfannaa 133:1
https://t.me/GefersaBurayuFGBC
+9
🔥 SAGANTAA TOKKUMMAA FAARFATTOOTAA FI DARGAGGOOTAA! 🔥
🙌 “Ilaa, obboloonni walii wajjin jiraachuun attam gaariidha! Attam namatti tola!”
— Faarfannaa 133:1
https://t.me/GefersaBurayuFGBC
+9
🔥 SAGANTAA TOKKUMMAA FAARFATTOOTAA FI DARGAGGOOTAA! 🔥
🙌 “Ilaa, obboloonni walii wajjin jiraachuun attam gaariidha! Attam namatti tola!”
— Faarfannaa 133:1
https://t.me/GefersaBurayuFGBC
