cookie

Sizning foydalanuvchi tajribangizni yaxshilash uchun cookie-lardan foydalanamiz. Barchasini qabul qiling», bosing, cookie-lardan foydalanilishiga rozilik bildirishingiz talab qilinadi.

avatar

⛪✥HUNDEE AMANTAA✥⛪

Ko'proq ko'rsatish
Reklama postlari
1 763
Obunachilar
Ma'lumot yo'q24 soatlar
Ma'lumot yo'q7 kunlar
-4030 kunlar

Ma'lumot yuklanmoqda...

Obunachilar o'sish tezligi

Ma'lumot yuklanmoqda...

👏👏Baga torban 2ffaa sooma Guddichan isin Ga'e!!!👏👏 ✍️Torban 2ffaa sooma guddicha Qulqulleetti (qidisit) jedhama. Moggaasa maqaa kana kan kennefis qulqullicha Yaaredidha. Qulqulleettii kan jedhameefis waa'ee qulqullina sanbataa waan dubbatuuf. Qulqulluun Yaareed kitaaba sooma Digguwaa jedhu irratti torban kanaaf faarfannaa akkas jedhu kan itti faarfate dha.  "Waaqayyoof bitamaa, maqaa isaas waamaa, hojii isaas ormatti himaa, maqaa isaatiifis galata dhiheessaa, sanbata kabaja, waan gaariis godhaa, kan nyaattuun hin balleessine kan hattuun hin agarre galmee samiirraatti walitti qabadhaa, kan qophooftan tahaa, gara kiristoos jiru gara oliis yaadaa" jedha.Torban kun egaa torban Gooftaan keenyaa  Iyyasuus Kiristoos isaa kufe ol kaasuf kan dhadhabe utubuf kan Abdii kute abdii itti hooruuf gara addunyaa kanatti erga dhufe booda nu barsiisuf gara gadaamii Qorontoos seenun guyyaa inni sooma itti eegaledha (Maat 4:1_). ✍️Torban kana keessaatti qulqulleettin mana kiristaanaa keenyaa waa'ee waaqayyoof bitamu, sagadu, galatefachun akka ta'uf fi qulqulluumma isaa ni barsiisifti. Kana malees amantoota ijoolleeshee waa’ee qulqullummaa gadi fageenyaan yeroo bira caalaa torban kana keessa ni barsiifti. Sirna Qulqulleessa (“qiddaasee”) irrattis lallabni lallabamu, ergawwan dubbifamanis, hojii Ergamootaa fi wangeelli dubbifamanis waa’ee qulqullummaa kan barsiisani dha. ✍️Qulqulluu jedhame kan galatefamus argama qulqulluu kan ta'e, qulqulluumasatin kan galatefamu, qulqulluumma isaan kan jiraatu, qulqulluumman amala kan ta'eef qulqulluun qulqulloota waaqayyoodha.  ✍️Qulqulluun Yohaanis "si duwwatu qulqulluudha" jechuun Ergamoonni sammiirratti faarfanna garbicha isaa Muusedhan akka galatefatan barreesera (mul 14:3_5). Waaqayyon kan dhagesse  Haannaan "akka waaqayyo qulqulluun hin jiru... Isa irraa kan hafee qulqulluun hin jiru"  jechuun faarfatteti.(1ffaa.Sam. 2:2). ✍️Raajichi Isaayyaas Waaqayyoon qulqulluu qulqulluu qulqulluu jedhamee boqonnaa malee guyyaa fi halkan akka galateeffatamu fi kan isaan dorgomuu akka hin jirre dubbateera (Isaa 6:3, 40:25). ✍️Waaqayyoo ofi isaati yeroo ofi ibsuu "Ani waaqni keessaan qulqulluu akkan ta'ee isinis qulqulluu ta'a"( See.Leew 19:2 1peex 1:15) jechuun waaqayyoo dubbateera.  Egaa maqaan isaa qulqulluu inni ta’e uumaan uumamtoota hundaa inni qulqulluummaa isaatiin warra kan isaa ta’an warra isatti amananii isaaf abboomamanii jiraatanis akka qulqulleessu barreeffameera, fakkeenyaaf, foon isaa fi dhiiga isaa fudhachuutiin akka qulqulloofnu, inni Sanbata akka qulqulleesse, aarsaa gara mana Waaqayyootti amantootni galchan hundumaas kan qulqulleessu Waaqayyoo isa qulqulluu dha. ✍️Gadii siqee waaqayyoo akkas jedha".......Guyyaa Sanbata kootiis eegaa!"( Leew 19:3).  Kanas waaqayyoo qulqulluu kan ta'ee waa'ee qulqulleetti sanbata kabajuu akka qabnu kan nu barsisudha fi sanbanni qulqulluu ta'uu ishee akka hubannu kan dubbatedha. "Guyyaa Sanbataa qulqullinaatti eeguudhaaf yaadadhu! "(  seera ba'uu 20_8_11) " Waaqayyo waan uume hundumaa raawwatee guyyaa torbaffaatti waan boqoteef, guyyaa torbaffaa sana in eebbise, in qulqulleesses." (Seera Uumamaa 2: 3) ..........Torban kana keessaattis yeroo sirna qulqulleessas kan dubbifamu (1 Tas 4:1_12, 1Pex 1:13_ 25, HDB 10: 17_30 , Faar 95/96:5).       👉Eebbi sanbata qulqulleetti hunda keenyarra haa baluu! Join https://t.me/+UE8OsP4gdv93PxwT
Hammasini ko'rsatish...
Ortoodoksii ishee dhugaa

"Gara karaatti (Ortoodoksii) as ba'aatii ilaalaa!

https://t.me/+UE8OsP4gdv93PxwT

'Daandiin (Ortoodoksii) durii, karaan inni ba'eessi sun amma eessa jira?' jedhaatii gaafadhaa! Boqonnaa akka argattanitti karicha (Ortoodoksii) irra adeemaa!" Er.6:16

👏👏👏BAGA GEESSAN👏👏👏 ⁉️Sooma gosa akkamii soomnu? 👉Akka tasaa akka sooma bara raajicha Isaayyas keessa sooma faayida hin qabne akka hin taanef of eegadhu! Nuyi maalif soomne? Ati nuuf hin beekne erga ta'ee, nuyi maalif of dhiphifnee? (Raj. Isaa. 58:3). Gooftaanis akkana jechuun ni deebisaaf "soomiin ani foo'adhe isa akkasiiti ree? Inni isin soomuudhaa jettan, isa namni gaafa tokkoon of dhiphisee, akka dhalladduu coollagee mataa isaa gad-qabatee, uffata gaddaas uffatee daaraa keessa taa'u kanaa? Guyyaan waaqayyo jaallatus isa kanaa?" (Raaj. Isaa. 58:5) jedhenii ✍Yaa saba waaqayyo sooma nutii soomnu hunduu akka hin fudhatamnee hin beektanii. Torbanitti guyyaa lama kan soome namichi warra faarisootaa kan ta'e qaraxa funaana ture sun sooma isaatiif gatii wanta tokko illee hin arganne. (Luq 18:12). waa'ee cubbuu raawwannef osoo hin dhiphatin, osoo gad of hin qabinii fi osoo of hin salphisin soomun bela'uurra hin jiru. ✍Bara raajicha Ermiyaas keessa kan ta'e soomiin cubbamtoota akkanumaan gatii kan hin qabne ture. Kadhanna isaanis hin dhageenyeef." Isaan soomanii yoo kadhatanis ani isaaniif hin dhaga'u;"(Raaj Ermi 14: 12) Sababni isaa abboomamuu dadhabaniiru. Ni soomuu garuu abboomii waaqayyoo irra fagaataniiru. ✍Namatti muldhachuuf warreen soomaan hunduu amma bakka jiranii of yaadachun, fedhii waaqayyoo isaanirra barbaadu raawwachuu qabu. kanaan alatti gatiinii isaanii biyya lafaa nama fulduraatti hafa waan ta'eef. "Yeroodhuma soomtanitti immoo, akka warra of argisiiftuu nyaara keessan hin guurinaa! Isaan soomuun isaanii namootatti akka mul'atutti, fuula isaanii in boosomsu; dhuguman isinitti hima, isaan gatii isaanii fudhataniiru".(Maat 6:16) Egaa hunduumti keenya bakka jirru dhabbanne of haa qorannu. Sooma turre malee bu'a tokko hin bufnee akka hin jennef, kan narra eegamuu maaltu hir'dhate? jechun har'a of haa qorannu. Hiikaa sooma sirritti haa hubannuu; bu'a sooman argamuus haa beeknu. Yeroo tokko tokko akka waan qaama biraaf hojjennuti gaafa soomni dhufuu kan jibbinu ni jira. kun garuu fedhii foon keenyaan qorumsa nutti dhufuu waan ta'eef irratti haa barru. Garuu namoonni hiika sooma beekaan gammachuun simatu.yeroo itti hojii gudda lubbu isaaniif itti buufatanii dhas. Kanaaf nutis sooma kana sooma gammachuun simannee gatii lubbuu keenyaa itti argannuu waaqayyoo nuuf haa taasisuu.  Sooma of agarsiisuf soomnu osoo hin taane sooma gaabbii  itti gallee gatii lubbuu keenyaa itti argannu waaqayyi nuu haa taasisuu.  "Ati garuu yeroodhuma soomtutti, mataa kee dibadhu, fuula kees dhiqadhu, Soomuun kee abbaa kee isa wanta dhoksaatti hojjetamu hundumaa argutti malee, namota duratti akka hin mul'anne godhi! Abbaan kee inni wanta dhoksaatti hojjetamu hundumaa argu immoo gatii siif in kenna" (Maat 6:17-18) 🤲Soomaa ittin gatii lubbu itti argannuu waaqayyoo nuuf haa taasisuu!
Hammasini ko'rsatish...
Waa’ee Ergamootaa (Abo.13:2-23) fi (Abo.6:11-22) irratti barreeffame gaaffii ka’uuf deebii Gaaffichi: 1. “Ergamaan kun maalif aarsaa fudhachuu dide? (Abo.13:16). Ergamaa inni kaan (Abo.6:19-21) irratti aarsaa fudhateera mitii?” 2. “Itti dabalees, maalif maqaa isaa itti himuu dide? (Abo.13:18). Fakkeenyaaf, Gabri’eliin, Luba Zakkaariyaasitti, ‘Ani Gabri’elii dha, fuula Waaqayyoo dura kanan dhaabadhu.’ (Luq.1:19) jedheera mitii; inni kun maalif itti himuu dide?” 3. “Ergamaan kun immoo aarsaa Geediwoon fudhate (Abo.6:19-21). Inni (Abo.13:16) irraa fudhachuu dide mitii; inni kun maalif fudhate? 4. “Kanaafuu, inni kun aarsaa fudhachuu isaatiin garaagarummaan isaan kana lameen gidduu jiru maali dha?” 5. “Isaan lachuu Ergamaa Waaqayyoo jedhamu?” 6. “Kan Maanu’eetti mul’ate ‘Aarsaa Waaqayyoof dhi’eessi!’ jedheen; kan Geediwoon immoo osoo ergamaa ta’ee jiruu aarsaa fudhachuun isaa Waaqayyoon ta’uu isaa ibse moo?” Gaaffilee kanneeniif deebii argachuuf, “Instant View” kan jettu tuquun banaa dubbisaa! Channel, “Gaaffii Shakkitootaaf Deebii Ga’aa” jettu kanaaf miseensa hin taane yoo ta’e, kunoo ammuma link, @abdiimaariyaamiifinjira jedhu kana tuquun banaatii itti makamaa miseensa ta’aa! https://telegra.ph/Waaee-Ergamootaa-Abo132-23-fi-Abo611-22-irratti-barreeffame-gaaffii-kauuf-deebii-10-15
Hammasini ko'rsatish...
Waa’ee Ergamootaa (Abo.13:2-23) fi (Abo.6:11-22) irratti barreeffame gaaffii ka’uuf deebii

፩ Hundee yaadichaa hubachuuf (Abo.13:2-23) irra kan jiru dubbisi!  Achi irratti gaaffiin ka’u : 1. “Ergamaan kun maalif aarsaa fudhachuu dide? (Abo.13:16). Ergamaa inni kaan (Abo.6:19-21) irratti aarsaa fudhateera mitii?” (Abo.6:19-21) irraa itti deebina! Jalqaba irratti haadha warraa Maanu’eetti mul’atee, ergaa sana kan isheetti hime Ergamaa Waaqayyoo ta’us, Maanu’eetti yemmuu waan inni jedhee fi waa’ee isaa itti himtu isheen immoo, “Namni Waaqayyoo inni bifni isaa akka bifa ergamaa Waaqayyoo guddaa sodaachisaa…

Arjummaa Isaatiin Baroota Kan Jijjiiru Waaqayyo Abbaan Keenya Eegee Tiksee Bara Maarqos Dabarsee Bara Haaraa Bara Luqaasin Kan Nu Gahe Galatni Fi Ulfinni Guddaan Isaaf Haa Ta’u.
Hammasini ko'rsatish...
Durbee maariyaamiin tokkittidha koochoowwan lama garuu qabdi.Kunis qulqullummaa foonii fi qulqullummaa lubbuuti.Waaqa akka deessuuf kan geesises kanuma.Uumaa samiif lafaas akka barruu isheetti baattu kan godhes kanuma.Ibiddi waaqummaas ishees hin gubne.Osoo hin dahiin duras ta'e deessee boodas durbadha.Waaqa hin jijjiiramne barabaraan jiraataa isa ta'e sanaaf haati isheedha. Osoo hin dahiin durba yeroo deesses durba deessee boodas isheen durbadha.Maat.1:18 Haatii keenyi biiftuu bahaati.Gooftaa hunda olii qofaatus bultoo taasifate.Ilmishee biiftuu qajeelummaati.Durboon baha biiftuu jedhamte yennaa addunyaa kanatti dhufte ifa dhugaan addunyaaf ife.Waaqni afdunyaan dukkanaan weeraramee akka hafu sila hin barbaanneef ifti jireenyaa karaa ishee akka bahuuf dursee ishee qopheesse.Yeroo kanas dhalli namaa dukkana keessa ture ifa guddaa arge.Maat.4:17 Kana jechuun dhala namaa ganiinsaan tureef mataa amantii kan ta'e kiristoos dhalateefi.Dhala namaa garbummaan hidhamee jiruuf angafi lubootaa kiristoos dhalateefi.Dhala namaa wallaalummaan tureef ogummaa dhugaa kan ta'e kiristoos dhalateefi.Dhala namaa beelaa fi dheebuun turaniif dhiigaa fi foon isaa kan kennu kiristoos ni dhalateef.Dhala namaa hojiin Daabiloos fakkaata turaniif fakkeenyi dhugaan kiristoos dhalateefi. Namoonni tokko tokko kiristoos durbee maariyaamii irraa dhalatee kan irraa adda bahe itti fakkaata.Anis nan jedha yaa gowwaa Gooftaan foon koo kan nyaate dhiiga koos kan dhuge ani isa waliin innis ana waliin jiraata kan jedhe foonii fi dhiiga ishee kan fudhate haadha isaa irraa kan adda bahu sitti fakkaataa? Koochoon ishee tokko kana.Qulqullummaa!Isheen tokko taatee osoo jirtuu durba.Akkasuma haadha.Haadhas durbas sila taateef lama hin jennu.Giddugaleessummaan kana.Kunis Hojii lama waalomaan qabattee argamuu isheeti.Kuni maalif ta'ee? waa'ee kiristoos barsiisuufi.Inni waaqadha.Inni namadha. Ta'us garuu waaqas namas sila ta'eef kiristoos tokko malee lama hin jennu.Giddu galeessa kan jennus kanumaafi. Michuu koo caqasa kana qabattee inni araarsaa jechuuf hin aariifatiin.Waaqni Abbaan waaqa garuu nama hin taane.Waaqni Afuura qulqulluunis waaqa garuu nama hin taane Waaqni Ilmi garuu waaqa nama immoo ta'eera. Kanaaf maaf ilmi giddu galeessa tokkicha waaqaa fi nama gidduu jiru jedhamee? Waaqummaa fi namummaa waloomsee kan mul'ate isa qofaa jechu malee kan biraa miti.Aangoon gadi hin jenne abbaa waliin tokko.Bakkaanis akka hin jenne teessoo abbaa waliin jira. Giddu galeessummaan isaa Walooma agarsiisuuf malee araarsummaa ibsuuf miti.Inni mataa isaa jireenya.Jireenya kadhatee kan siif kennu sitti hin fakkaatiin.Yoh.11:25 Yohaannis Afaan Warqeen barreeffame. 👉Obboloota koo afuuraa adaraa keessan kadhannaa keessaniin WaldeTinsa'e jedhaa na yaaddadhaa!🙏 Fuula Telegiraamiin Miseensa ta'uuf👇 @Naataniim Fuula yutuubin subscribe gochuuf👇 https://www.youtube.com/c/TaodokosTube Yaadaaf Gaaffii asiin na quunnamaa! @Rabuuniikoo
Hammasini ko'rsatish...
👏Miseensa 1000 ol Waliin👏 👉Chaanelli keessan "GODOLIYAAS" turtii ji'a lama hin guutne keessatti miseensota #800 ol horatee jira. Amma immoo bara haaraa fuldura keenya jiru miseensota #1000 ol waliin kabajuuf karoorfateera. Kana kan godhu immoo anumaaf fi si'idha! Kanaafuu dursii ofii #join godhi isa booda yoo xiqqaate hiriyyoota kee #sadiif qoodi! Yoo wal dhageenye Waaqayyo nu dhagaha; yoo walcina dhaabbanne Waaqayyo nu wajjin ta'a! 👉Yeroo baay'ee wantoota nuti salphisnee ilaallu sababa fayyina keenyaa ta'uu danda'u waan ta'eef #ergaa obbolummaa kana salphistee hin ilaaliin obboleessa/eettii koo! Akkuma na dhageesse Waaqayyos si haa dhagahu; gatiin kee samiirraati! Yaada ykn Gaaffiif👉 @lamtesh Miseensa ta'uuf link gadii👇"VIEW CHANNEL" jedhu tuquun #join godhaa! https://t.me/Kalabhiyahu
Hammasini ko'rsatish...
GODOLIYAAS

"Addunyaan hunduu ni darba; fedhiin fooniis ni bada; seera Waaqayyoo kan raawwatu garuu bara baraaf ni jiraata!" Yaadaa fi gaaffiif @lamtesh irratti nuuf ergaa! *Godoliyaas-Waaqayyo Guddaadha*

“Taabota Qulqullummaa kee” kan jedhame Mana qulqullummaa kan jeedhame Foon keef bultoo kan taate jechuudha. Kiristoos Foon isaatiin "kunoo Mana Qulqullummaa kana diigaa" hin jennee? “Hoolichi Mana qulqullummaa isheeti” jedhamee hin barroofnee? Kanaaf "gara boqonnaa keetiitti ka'i atii fi taabonni mana Qulqullummaa keetii" jechuun Phaawuloos "gara boqonnaa isaatti galuuf haa jabaannu" akkuma jedhe " Yaa Gooftaa gara samii "boqonnaa kee" jedhamteetti ati qofaan kaatee hin hafiin Bultoo Foon keetii kan taate Haadha kees qabadhuu ka'i jechuudha. Du'aa ka'uun Giiftii keenyaa namoota baay'ee mormisiisuun isaa akkam nama gadisiisaa? Kiristoos 'Ka'umsiifi Jireenyi ana' jedheera. Dhugamatti haati ka'umsa deesseef du'aa ka'uun ishee waan guddaadhaa? Haati jireenyaa jiraattuu taate yoo jedhamu nama dheekamsiisaa? Duuti kan du'e Ilma isheetiin mitii? Haadha jireenyaa duuti qabee hambise jedhamuun namni inni gammachiisu gargaartota du'aati. “Taabotni dubbattuun Waaqayyo keessa bule burkutooftee hafteetti jechuun; Taabonni Tsiyoon Filsxeem keessatti booji'amtee hafteetti" jechuun kan isa gammachiisu Firii gadameessa isheetiin kan burkutaa'e Diyaabiloos dha. Nuun ORTODOOKSOTA kan nu ajaa'ibu Du'uu ishee malee KA'UU ishee miti. Qulqullu Yaaree "Duuti Maariyaamii nama hunda ajaa'iba akkuna jedhe, jireenya kan argamsiifte durbeen Maariyaam; Irreewwan Waaqa hammatan; jilbootni Teessuma Waaqayyoo Ta'an Du'aan injifatamuun isaanii akkam nama ajaa'iba? Du'aa ka'uun ishee garuu waanuma nutis eegnedha. Alaazaariin 'Alaazaar' 'Alaazaar' jedhee kan Waaqni kaase; Gooftaan du'a isaatiin guyyaa jimaataa namoota hedduu du'a kaase, Haadha isaa du'a kaase yeroo jedhamu kanneen dheekkaman kan akkamiidha? Dhuga baatota lamaan kanneen jedhaman Eeliyaas fi Henook gara dachee kanaatti dhufanii erga barsiisanii booda ajjeefamanii "guyyaa sadii fi walakkaa booda Afuurri jireenyaa Waaqarraa ba'es isaanitti gale. Ka'aniis miilla isaaniitiin dhaabbatan...samii irraas sagalee guddaa gara kanatti as ol-ba'aa jedhu dhaga'an; utuu diinonni isaanii ilaalaniis gara samiitti ol ba'an. (Mul 11÷4-12) Eeliyaasii fi Henookiin dhufaatii isaan dura lammata akka isaan hin duunetti du'aa kaasee diinota isaanii fuulduratti kan olbaasu Haadha isaa jaalleewwan isaa fuulduratti olbaaseera yeroo jedhamu dheekkamsaan mormuun maal jechuudha? Akka Ilma isheetti ofii ishee samiitti olba'uu (Ascension) jechuunii fi ilmi ishee du'aa kaasee ofitti fudhate (Assumption) jechuu gidduu garaagarummaa jiru hubachuun yoo danda'ame Giiftiin keenya du'aa kaateetti jechuun maal wal nama mormisiisa? Eeliyaas isa bokkaa (rooba) dhorkeerra Durbeen Rooba dhugaa argamsiifte hin caaltuu? Henook isa adeemsa isaa Waaqayyo waliin taasifateerra Bultoo Waaqayyoo kan taate Haati Waaqayyoo hin caaltuu? Nuti garuu Qulqulluun Ephifaaniyoos "Du'a isheetiin lafti yoo gadditu samiirratti ammoo gammachuu guddaatu ta'e" akkuma jedhe Durbeen Maariyaam Addunyaa darburraa gara Addunyaa hin dabarreetti yeroo ceetus ta'e; Aangoo ilma isheetiin du'aa kaatee samiitti yeroo olbaatu gammachuu samiirratti ta'e amantiitiin ni hubanna. Hiyyeessichi Alaazaarillee yeroo inni du'e ergamoonni fuudhanii gara Abrahaamitti fudhatanii turan; Eeliyaas yeroo ol ba'an ergamoonni saragallaa Ibiddaa fi fardeen ibiddaatiin ol baasani turan. Olba'uu Haadha Waaqaa yeroo yaadaummoo faarfannaan kanaa ol ta'e nutti mul'ata. Qulqulluun Tewoodoosiyoos akkuma barreesse; Maddii kitaaba hin maxxanfamne “Dubree Maariyaam Fudhachu Hin Sodaatiin!” jedhu irraa 👉Obboloota koo afuuraa adaraa keessan kadhannaa keessaniin WaldeTinsa'e jedhaa na yaaddadhaa!🙏 Fuula Telegiraamiin Miseensa ta'uuf👇 @Naataniim Fuula yutuubin subscribe gochuuf👇 https://www.youtube.com/c/TaodokosTube Yaadaaf Gaaffii asiin na quunnamaa! @Rabuuniikoo
Hammasini ko'rsatish...
Sooma Filsataa Filsataa jechuun godaansa;deemsa;mul'annaa jechuudha.Kunis olfudhatamuu haadha keenya durbee maariyaamii agarsiisa.Kunis haati keenya durbee maariyaamiin erga boqattee booda getesemenii gara gannataa olfudhatamuu boodas foon ishee gannata muka jireenya iddoo turtee ka'uu kan agarsiisudha.Soomni kun sooma labsii torban mana kiristaanaa keessa tokko. Durboo maariyaamiin waggaa sadi mana abbaa fi haadha ishee;waggaa kudha lama mana qulqullummaa;ji'a sagal mana yoosef;waggaa soddomii sadiif ji'a sadii gooftaa keenyaaf iyyesuus kiristoos waliin;waggaa kudha afur wangeelawwicha yohannis erga jiraattee booda waggaa 64tti boqatte. Galatoo duuka bu'ootaan erga awwaalamtee booda akka sanyi namaa kaanii du'a ka'umsa osoo hin eegiin aangoo ilma isheen faarfannaa ergamootaa waliin gara samiitti olbaate. Baga Geessan! 👉Obboloota koo afuuraa adaraa keessan kadhannaa keessaniin WaldeTinsa'e jedhaa na yaaddadhaa!🙏 Fuula Telegiraamiin Miseensa ta'uuf👇 @Naataniim Fuula yutuubin subscribe gochuuf👇 https://www.youtube.com/c/TaodokosTube Yaadaaf Gaaffii asiin na quunnamaa! @Rabuuniikoo
Hammasini ko'rsatish...
Boshqa reja tanlang

Joriy rejangiz faqat 5 ta kanal uchun analitika imkoniyatini beradi. Ko'proq olish uchun, iltimos, boshqa reja tanlang.