cookie

Sizning foydalanuvchi tajribangizni yaxshilash uchun cookie-lardan foydalanamiz. Barchasini qabul qiling», bosing, cookie-lardan foydalanilishiga rozilik bildirishingiz talab qilinadi.

avatar

Ortoodoksii ishee dhugaa

"Gara karaatti as ba'aatii ilaalaa! Daandiin (Ortoodoksii) durii, karaan inni ba'eessi sun amma eessa jira?' jedhaatii gaafadhaa! Boqonnaa akka argattanitti karicha irra adeemaa!" Er.6:16 👉 Join telegram channel https://t.me/+UE8OsP4gdv93PxwT

Ko'proq ko'rsatish
Reklama postlari
4 637
Obunachilar
+1224 soatlar
+1107 kunlar
+33430 kunlar

Ma'lumot yuklanmoqda...

Obunachilar o'sish tezligi

Ma'lumot yuklanmoqda...

👍 6
Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa tokko Ameen! "Gugeenis nannoo gara galgalaa afaan isheetii baala ejeraa siif haa qabattee Nohitti deebite" Se. Uma. 8:11 Gugeen qulqulluu Nohi biraa ergamte Bidiruu ykn Yamala keessaa baatee gara lafa isa bishaan badisaatiin guutame daawwattee, bishaan ilma namaa balleessuuf dhufee sun eeyyama Waaqayyo ta'ee dhaabachuu roobaa fi goguu lolichaa himuuf mallattoof akka ta'utti baala jiidhaa qabattee gara Nohitti deebiteetti. Nohis yeroo kana bokkaan badisaa dhaabachuu fi laaqiin sun qooruu isaa bareetu maatii fi beelladoota akkasumas uumamoota qabatee gara doonichaatti seene hundumaa qabatee jireenya nagaa lafarraa eegale. Kakuu haaraatti fakkeenya gugee kan taate haatii fi giiftiin keenya q/Maariyaamiin addunyaa bookkaa cubbuu fi bittaa diiyaabiloosiin dhiphachaa jiru kana kan bilisoomsu Ilma Ishee Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosiinis oduu gammachisaa fi fayyina hunda keenyaa qabattee argamteetti. Giiftii Maariyaamiin Gugeen, haalli lalisaan sun goginsa addunyaa kanaa kan gara lalisaatti jijjire Uumaa keenyaa Iyyasuus Kiristoosiinis fakkeeffama. Mnni kiristinnaa keenyaas guyyaa harra kana bu'uura taasifachuun bittaan diiyaabiloos hafeera ykn barbadaa'eera, gidiraa fi dhiphinaan jiraachuun hafeera jetteettu du'aa ka'uu Gooftaa dursuun mallattoo oduu gammachisaa allaadduu ykn qexxamaa qabattee gara amantoota ishee deemuun oduu gammachuu dhalachuu, du'aa ka'uu Gooftaa himti. Baga ittiin Isin ga'e.
Hammasini ko'rsatish...
👍 15💔 2
Faasikaan keenya Kiristoos nuuf qalameera. (1QOr 5:7)
Hammasini ko'rsatish...
11👍 5
ለጥብሓ ሥጋከ ንሴሰዮ ወለነቅዐ ደምከ ንረውዮ ኢየሱስ ክርስቶስ በግዕ ዘቀራንዮ                                              ለላህከ ገጽከ ንትሜነይ ከመ ንርእዮ                                                 ውስተ ስያሓ ሱራፊ ለስእለትየ ደዮ                            ወበሕማመ ሞትከ አምላካዊ ለቁስልነ አጥዕዮ                   (መርገፍ ዘተዓምረ ኢየሱስ)                                         Yaa Hoolicha Qaraaniyoo Iyyesuus Kiristoos, Foon kee aarsaa ta'e irraa nyaannee burqaa Dhiiga kee irraa dheebuu baana.                                   Bareedina kee arguuf ni hawwina.                                             Kadhannaa keenyaa Xoofoo Suraafiitti nuuf dabali.                                                                            Yaa Waaqayyo, Dhukkubbii kee du'aaf si geessiseen madaa keenya fayyisi.                          (Margafii Ajaa'iba Iyyesuus )                                                                  Baga Ayyaana Fannifamuu  Gooftaa fi Fayyisaa keenya Iyyesuus Kiristoosiin nagaan isin ga'e.      
Hammasini ko'rsatish...
15👍 8
Mismaarota shanan Gooftaan keenya ittiin waraaname. 1,Saadoor 2,Alaadoor 3,Doonaat 4,Adeeraa fi 5,Roodaas Maaloo Nutti Araaramii 😭🙏
Hammasini ko'rsatish...
😢 2
GUYYAA JIMAATAA Waan guyyaa kana Q. Yohaannis Afaan Warqee akkasitti ibsan; ❣Hunda kan qabe qaban; hunda kan bitu hidhan; Ilma Waaqa jiraataa hidhan; dheekkamsaan harkisan; Innis jaalalaan duukaa bu'e; warra qalaniin duratti akka hoolaa garraammii hin dubbanne; fuula jaalala gad of qabummaan guutamee booda isaanii hordofsiisanii fudhatan! ❣Angafoonni ergamootaa sodaa fi hollannaadhaan fuula isaa dura kan dhaabbatan waltajjiirra dhaaban; Dhiifama cubbuu kan taasisuun cubbamaadha jedhan; Warreen murteessan irratti kan murteessu isa irratti murteessan; Suraafeliif gonfoo kan gonfachiisu gonfoo qoree gonfachiisan; Kiruubeliif uffata kabajaa/surraa kan uwwisu uffata diimaa itti uwwisan; tuutni ergamootaa sodaa gonkaan kan sagadaniif, dorsisuudhaaf fuldura isaatti jilbeeffatan! ❣Gad of qabuun akkasii gad-of-qabummaa akkamiiti? Obsi kun hundi obsa akkamiiti? Kana hunda callisuunis callisa akkamiiti? Hamma kana hunda nama jaalachuunis jaalala akkamiidha? Jaalalli Ilma Waaqayyoo teessoo isaa irraa gadi buuse hanga du'aattis geessise! ❣Isa yakka hin qabne akka yakkamaatti fannisan. Isa madda jireenyaa ta'e cubbamoota wajjin lakkaa'an! Harkawwan Addaamiin hojjetan fannoorratti mismaaraan waqaraman! Maaloo miilonni gannata keessa deddeebi'an fannoorratti waqaraman! ❣#Maaloo! Afaan fuula Addaamitti afuura jireenyaa 'if' jedhe homxaaxxee dhangaggaa'aa hadhooftuun makame dhuge! Maaloo! Gidiraa Waaqa Ilmaa kan dubbatu afaan akkamiiti? Hidhii akkamiiti? Laphee akkamiiti? ❣Dhukkubbiin gooftaa jaalalaa yammuu dubbatamu lapheen gargar hirama; yaadnis ni rukutama; lubbuunis ni raafamti; foonis ni dadhaba. Kan hin duune du'e; du'a balleessuuf du'e; du'oota fayyisuuf du'e! Namoomni isa jaallattan bo'aafii😭 [#Qiddaasee_Yohaanis_Afaan_warqee]
Hammasini ko'rsatish...
13🥰 3👍 2
🥰 1