cookie

Sizning foydalanuvchi tajribangizni yaxshilash uchun cookie-lardan foydalanamiz. Barchasini qabul qiling», bosing, cookie-lardan foydalanilishiga rozilik bildirishingiz talab qilinadi.

avatar

Walaloo Ortodoksii

“Waaqayyo karaa tokko, karaa lamas ni dubbata.” (Iyo.33:14). Dubbii sagalee Waaqayyoo bifa Walaloon baranna! Walaloo nuu erguuf: @Sanyiimulaatuu

Ko'proq ko'rsatish
Reklama postlari
3 319
Obunachilar
+324 soatlar
+117 kunlar
+8930 kunlar

Ma'lumot yuklanmoqda...

Obunachilar o'sish tezligi

Ma'lumot yuklanmoqda...

Photo unavailableShow in Telegram
Yihuudonni qaana’uun of wallaalanii Gooftaan du'aa ka'uu ijaan gaafa arganii Itti fakkaatee waan ekeraan jiraatee Innoo foon uffatee du'aa ka'a kanaa kakate
Hammasini ko'rsatish...
45👍 14💯 10🙏 7🥰 3
Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Afuura Qulqulluu Waaqayyoo Tokkotti Ni Amanna Ashamaa akkam jirtuu hundii keessaani Biyya alaaf keessaa martuu bagaa geessanii Ayyaana waggaa ayyaantuu argaa dhugumaani Isin ishoo baga geessani hundumtii keessanii ...Duuti Sin Moone!!!... Waaqa Abbaa keenyaa du'aa mo’ee Galatan ka'ee inni samiitti ol ba'ee Ergamootaan marfamee du'aa ka'ee Aangoo isaatiinis du'aa ka’uu danda'ee Ilmii Maariyaami cubbuu keenyaaf jedhe Ulfina isaa dhiisee gadii of deebisee Guyyaa sadii booda du'aa nan ka’a jedhee Durbeen nu badhaaftee kunooti deesse Yihuudonni qaana’uun of wallaalanii Gooftaan du'aa ka'uu ijaan gaafa arganii Itti fakkaatee waan ekeraan jiraatee Innoo foon uffatee du'aa ka'a kanaa kakate Aangoonkee guddaa ofiin du'aa ka'unkee Nama aja'ibaa waa'een hojii Waaqummaakee Waaqni akka keeti hin jiru dinqiidha hojiinkee Addunyaan hundi argeera aangoof jabinakee Seexanni Diinni hidhaatti gadi darbatamee Lubbuu Ijoollee waaqaaf jireenyi labsame Kan du’aaf yaadamee jireenyaaf akeekaame Duuti keenya hafee jireenyaaf yaadamee Abdii dhabnee gaafa yaaddoon miidhamne Gammachuu dhabnee gaddaan guutamnee Gooftaa dagachuun Seexanaan garboomne Afuura xuraa’oo Seexanaan kan ulfoofnee Danda'an hundumaa gooftaan bara baraa Waaqni qulqullootaa nuuf ta'eera araraa Gochaa diina nurraa kaaseera gooftaani Galatoomi Waaqayyoo nuuf jecha duuteeni Du'a hin sodaattu simachuuf itti deemtaa Goota lafaaf samii ati hundumaa mootaa Cubbuu keenyaaf kan du’ee sumaa gooftaa Abdiin keenyaa sumaa nun nuu boqochiifta Guyyaa sadiif garaa lafaa keessa jiraattee Gaafa ka'umsakee ergamootaan marfamtee Aangoo yihudoota waan hundaan qaanessite Du'i keenya hafeera kunoo jireenyaatti jijjiirtee Galanni kan keetii kaleessas harras ta'uu borii Ani yoomiyyuu kan keetii dhugaa ilmaakeeti bari Ani simalees hin qabu ati abbaakoo na gargaari Du'aa bara baraarra maqaa keetiif jedhii na baraarii Ililleen Gammada hundumtuu ka'eera du’aa gooftaani Gammachuun nuuf ta’eera du'aa moo'e ka'uusaatini Gammadeetan ililchaa anis cubbaama arrabaa kootiini Galannikeeti samiif lafaa gubbaarrattis ati mootiini ...........................................Itti Fufa....................................... @yaaqulqulleettiinuufkadhadhu👈Join join taasisaa itti makamaa. Walaleessaan Walaloon D/n Sanyii Mulaatuu. BAGA GEESSAN!!!💠
Hammasini ko'rsatish...
17👍 6👏 5
Photo unavailableShow in Telegram
Nutti Araarami💔 Cubbuu Keenyaaf Dhiifama
Hammasini ko'rsatish...
😭 50💔 20 5👍 1
Photo unavailableShow in Telegram
Fuulakee gaafan ilaaluu fuulakootu dhiigaa uffataa Reebicha irraan kan ka'ee lafeenkee bakkeetti mula'ata Rakkinaa kee argee eenyuutu siif hubatee dirmatee? Qofaa kee naaf duutee ananimmoo lubbuukoo oolfatte
Hammasini ko'rsatish...
😭 68 12😁 1
Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokkoo Ameen ... burkutaayee ciccitee... Fannookee jalattii argannee haadha keenyaa Kennaa bara baraa lubbuu keenyaaf beenyaa Badhaasa haadhummaa kennaa jaalalakeetii Eessaattiyyuu hin argamuu Abbaan akka keetii Yohaannis jaalalleen Gooftaa isaa walin deemee Badhaasaf Gooftaa walin garaasitti argame Ilma ishee tokkicha fannoorratti agartee Imimmaan loolastee fannoorrattii ilaaltee Obsuu hin dandeenyee haatii mucaa tokkoo Isa walin isheen kan agartee hedduu rakkoo Akkamin haa callistuu durbeen Maariyaami? Maaloo boo'ichaa isheef jedhii nuttii araaramii Gammoojjii Gibxii keessa isa walin deemtee Mucaa isheef jechaa kan walin achitti godantee Garaa dhala akkamin callistii durbeen haatii isaa? Itti huursaanii Qaraaniyoo gubbaatti fannisaa! Akka hoolaa qalmaaf deemtuu ati callistee Gochawwan isaani hundumaa kan simattee Gaarii malee hin beektuu dubbachuu hamaa Hoolaa Faasiikaa dhiigaan faayyiftee nama Gonfoo qoree gochuun mataatti tolchuuni Mataa Gooftaa waranaani hedduu dhiigsaanii Ilmaa waaqayyoo gidirsaa lafarraa harkisaa Dhiigaasa Qulqulluu lafaatti gadii lolasaa Anaaf jecha cubbuu koof dhiigaakee dhangalaasaa Foonkee Qulqulluu anaaf jecha burkutaayee cicciitee Abbaa gar-lafeessaa ati lubbuukoof badhaasa Durboon Haatikee rakkookee ilaaltee siif dhiphattee Fannoo jiidhaa sii bachisaa shimalaan dhaanamtee Dadhabe kufee akka nama gadii of qabe gooftaani Jaalalaan nama hundumaa dhiigaa keen kan bittee Mootii mootota Waaqayyoo hundumaa sidha gooftaani Maalummaakoo jaallatte kan naaf dhiigdee ati? Ani maalin siif godhee garafeen sii dhiiksee kalee Badiinkoo guddaadha naaf dhiiftee gooftaakoo ati Abbummaa keetin argatte kabaja lubbuunkoo hamilee Fuulakee gaafan ilaaluu fuulakootu dhiigaa uffataa Reebicha irraan kan ka'ee lafeenkee bakkeetti mula'ata Rakkinaa kee argee eenyuutu siif hubatee dirmatee? Qofaa kee naaf duutee ananimmoo lubbuukoo oolfatte Kabaja bara baraa siif haa ta’uu cubbaaman arrabnikoo Galatoomi waaqakoo teessoo keerraatti argadhuu ulfinaa Naaf galatoomi dhugaa ani siifan jiraadha Abbaakoo Galanni Abbaaf Ilmaaf Afuura Qulqulluuf dhiifnaa Deessee kan nuu badhaafteef deessuu waaqayyoof Irrattii fannifamee kan nu fayyisee fannoo waaqayyoof Eegumsa isaaniin kan nu eegan ergamoota waaqayyoof Kadhannaa isaaniin kan nu gargaran qulqulloota waaqayyoof GALANNI HAA TA'U BARA HAMMA BARAATTI AMEEN❗️❗️❗️ ...............................itti fufa......................... @yaaqulqulleettiinuufkadhadhu Walaleessaan Walaloo Dn/Sanyii Mulaatuu Ittaanaa Oromiyaa,Finfinnee
Hammasini ko'rsatish...
😭 20👍 7 5
Photo unavailableShow in Telegram
Jaalalakee dhugaa nutti agarsiiftee fannoorratti Lubbuukee nuuf laattee guddummaakee dagattee Jaalala abbummaakee tolaa hojiikee baranneeti Fayyina argannee lubbuun nu gammadee jiraattee Garbichaa Tsaadiqin jedhama naaf kadhadha adaraa🤲
Hammasini ko'rsatish...
29🥰 15👍 5🙏 5
Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokkoon Ameen ...utuun siin hin qabaannee... Utuun siin hin qabaannee yoonaa akkamin ta'aa Bakkeetti gatameen bineensaaf ta'an turee soora Jaalallikee dhugaan hin jijjiramnee yoomu mi'aa Ormi jaalala kee wallaalee ciisee ta'eera gororaa Jaalalakee dhugaa nutti agarsiiftee fannoorratti Lubbuukee nuuf laattee guddummaakee dagattee Jaalala abbummaakee tolaa hojiikee baranneeti Fayyina argannee lubbuun nu gammadee jiraattee Maaloo yaa amantoota maaliif dagannee olmaasaa Akkamumaan callisnaa nuuf of kennee dhufuusaa Jaalalaa mucaa namaaf jedhee ofiin of kennee du'uusaa Fayyina keenyaaf jedhee reebamee barruun waraanamuusaa Dhiphinni qaraaniyoo kaballaan gaafa fannoo nuuf jedhee Hadhooftuu obaafamtee utuu dammaaf Haannaan siif maluu Atii utuu hundaa gochuu dandeessuu hadhooftuu dhugdee Hadhaawaa dhugdee ofii,nuun mi'aawa nu obaaftee Abbaakoo Yakkamaa si godhanii hattoota gidduu fannifamtee salphatte Kabaji kee mulqamee qullaa kee lafaaf samii gidduu dhaabattee Cubbuunkoo gatii si kaffalchiisee kan birriin hin shallagamnee Utuu Waaqummaa kee arganii jal’oonni kan sitti hin amannee Sittii qoosani Waaqummaake sarbanii, hancufaa sittii tufaa Wayyoo abbaakoo naaf jettee argitee dhiphuu siif mallee Kan si ganee harraa itti fakkaatuus bor hin beekuu ni kufaa Nutoo siif jiraanna taanee garbichakee arras boruu yoomillee Maaloo nu godhadhuka nuun siif hojjenna taanee garbakee Egaa adaraa Nurraa fagaatiin nuuf ergii qulqulluu afuurakee Nutoo hin qabnuu humna siin malee hin bulluu nagaa arganne Atii afuura sombaa keenyaa,raabsituu dhiiga keenyaa onnee ❝Adaraa Sillaasee naaf dirmadhuu atii na gargaari Ana cubbamaa kanaa fayyisii jedhaa naaf kadhadhaa Gubachuu sanaa kan qabnee boqonnaa na gargaarii Maaloo naaf kottuu Sillaasee adaraa naaf dirmadhaa❞ ................................................itti fufa........................................... @yaaqulqulleettiinuufkadhadhu Walaleessaan walaloo Dn Sanyii Mulaatuu Finfinnee,Oromiyaa⚫️🔴⚪️
Hammasini ko'rsatish...
14👍 7🥰 2🔥 1
Gaafa as irratti, “‘Miidiyaa Sootiriyaa’ ‘Subscribe,’ ‘Join’ fi ‘Follow’ godhaa!” jedhamu, jechaan waanuma salphaa nutti fakkaata. Dhugaadha, garuu aarsaan kana as nutti fiduudhaaf kaffalame hagam akka ta’ee eenyuutu hubate? 🤔 Kanaaf isin immoo ‘kana gochuun keenya gatii isaanii kana deebisuudhaafidha’ jedhaa yaadaatii waanuma isiniin jedhame, “Miidiyaa Sootiriyaa” : ‘YouTube Channel’ — ‘Subscribe’ ;  ‘Telegram Channel’ —  ‘Join’ ; ‘Facebook Page’ — ‘Follow’ gochuun miseensa taane cina dhaabannee jajjabina taanee, tajaajila mana kiristiyaanaa keenyaas daran akka cimuuf yoo deeggerre mee maal rakkoo qaba?🤔 Kanaafuu: 1. ‘YouTube Channel’ - ‘Subscribe’ 2. ‘Telegram Channel’ - ‘Join’ 3. ‘Facebook Page’ - ‘Follow’ taasisaa!🙏
Hammasini ko'rsatish...

8🥰 4👍 2
YouTube Channel
Subscribe
Telegram Channel
Join
Facebook Page
Follow
Photo unavailableShow in Telegram
Ofiikeeti dhiphattee gidiramaa,jaalalaan naaf du'uukee Qullaake naaf buuftee anaaf jechaa salphachuunkee Jecha siif hin Malleen arrabsamaa hancufaa sitti tufaa Fannoo jiidhaa baachuu dadhabdee gatantaraa kufaa
Hammasini ko'rsatish...
💔 55 18😭 16👍 9
Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Afuura Qulqulluu Sadaan Waaqa Tokkoon Ameen ...dadhabdee kuftu... Kaballaan dhaanama gaafa dadhabdee kuftu Gindillaa sitti fe’anii namummaan dadhabdee Waaqummaake amanuu dhiisanii kan si tuffatu Fuullikee jijjiirame naatoonkee bareeda dhabdee Ofiikeetii qulqulluu qulqulloota dhiiga qulqulluu Cubbamaan si reebaa gaafa si balleessaan lubbuu Tabba qaraaniyoo ol baatee sodaa malee qalamu Namni dhiisa jedhuu hin jiruu hunduu wal falmuu Yihuudotaan dhiitamaa jireenya badhaafta Cubbuu isaaniif dhiitamaa hawwiitaafiim Jennata Fannoorraa otoo jirtuu Abbaakee kadhattaafiim! Abbaan akka kee danda'aa cubbuukoo hin jiruum! Fannoo isa jiidhaa uddeellattee Cubbuukoof eeltee Kaballaan dhaanamtee fuullikee dhiiga uffatee Cinaacha waraanamtee dhiigakee naaf lolastee Fannoorraatti duutee jireenya naaf labsite Kun siif hin maluu tureen gaafan ilaaluu oolmaakee Cubbamaa hin jibbitus tasumaa uumama harkakee Nuuf jechaadha gatii kanaan foonke ciccitee dhumuuni Dhiigake Qulqulluu addunyaa fayyisuu dhangalaasuuni Ofiikeeti dhiphattee gidiramaa,jaalalaan naaf du'uukee Qullaake naaf buuftee anaaf jechaa salphachuunkee Jecha siif hin Malleen arrabsamaa hancufaa sitti tufaa Fannoo jiidhaa baachuu dadhabdee gatantaraa kufaa Oolmaankee gaafa sana na nyaatti keessakoo gubdee Kaballaan dhaamamee jinfuun rukutamtee dhiphattee Anaaf of laattee foonkee naaf kukkuttee fannoorrattii Nu fayyifteettaa nuuf duutee du’a mootee kaateetii Naatookee bareedaa yeroo dhaanamtuu kaballaani Sittii ga’isani haa fannifamu jechuun sitti iyyanii Gaarii namaaf yaadde malee lubbuu fayyisuuni Akka nama cubbamaa si hadheessani si ajjeesuuni ........................................itti fufa............................... @yaaqulqulleettiinuufkadhadhu Walaleessaan Walaloo Dn Sanyii Mulaatuu Finfinnee,Oromiyaa⚫️🔴⚪️
Hammasini ko'rsatish...
🥰 15👍 7 6👏 1