Ŵåļāļőő Ŏŕŧŏđŏķŝĭĭ
Kanalga Telegram’da o‘tish
“Waaqayyo karaa tokko, karaa lamas ni dubbata.” (Iyo.33:14). Dubbii sagalee Waaqayyoo bifa Walaloon baranna! Walaloo nuu erguuf: @OromooOrtodoksii
Ko'proq ko'rsatish4 256
Obunachilar
Ma'lumot yo'q24 soatlar
-237 kunlar
-8030 kunlar
Ma'lumot yuklanmoqda...
O'xshash kanallar
Taglar buluti
Ma'lumot yo'q
Muammo bormi? Iltimos, sahifani yangilang yoki bizning qo'llab-quvvatlash boshqaruvchimizga murojaat qiling>.
Kirish va chiqish esdaliklari
---
---
---
---
---
---
Obunachilarni jalb qilish
Aprel '26
Aprel '26
+2
0 kanalda
Mart '26
+4
0 kanalda
Get PRO
Fevral '26
+6
0 kanalda
Get PRO
Yanvar '26
+26
0 kanalda
Get PRO
Dekabr '25
+24
0 kanalda
Get PRO
Noyabr '25
+25
0 kanalda
Get PRO
Oktabr '25
+22
1 kanalda
Get PRO
Sentabr '25
+5
1 kanalda
Get PRO
Avgust '25
+9
0 kanalda
Get PRO
Iyul '25
+5
0 kanalda
Get PRO
Iyun '25
+7
0 kanalda
Get PRO
May '25
+9
3 kanalda
Get PRO
Aprel '25
+14
0 kanalda
Get PRO
Mart '25
+17
0 kanalda
Get PRO
Fevral '25
+40
1 kanalda
Get PRO
Yanvar '25
+155
2 kanalda
Get PRO
Dekabr '24
+67
0 kanalda
Get PRO
Noyabr '24
+172
0 kanalda
Get PRO
Oktabr '24
+225
1 kanalda
Get PRO
Sentabr '24
+326
2 kanalda
Get PRO
Avgust '24
+1 117
0 kanalda
Get PRO
Iyul '24
+81
0 kanalda
Get PRO
Iyun '24
+135
0 kanalda
Get PRO
May '24
+124
0 kanalda
Get PRO
Aprel '24
+146
0 kanalda
Get PRO
Mart '24
+161
0 kanalda
Get PRO
Fevral '24
+134
1 kanalda
Get PRO
Yanvar '24
+206
1 kanalda
Get PRO
Dekabr '23
+365
27 kanalda
Get PRO
Noyabr '23
+204
1 kanalda
Get PRO
Oktabr '23
+373
23 kanalda
Get PRO
Sentabr '23
+643
0 kanalda
Get PRO
Avgust '23
+604
0 kanalda
Get PRO
Iyul '23
+51
0 kanalda
Get PRO
Iyun '23
+46
0 kanalda
Get PRO
May '23
+27
0 kanalda
Get PRO
Aprel '23
+17
0 kanalda
Get PRO
Mart '23
+25
0 kanalda
Get PRO
Fevral '23
+22
0 kanalda
Get PRO
Yanvar '23
+58
0 kanalda
Get PRO
Dekabr '22
+68
0 kanalda
Get PRO
Noyabr '22
+60
0 kanalda
Get PRO
Oktabr '22
+38
0 kanalda
Get PRO
Sentabr '22
+357
0 kanalda
| Sana | Obunachilarni jalb qilish | Esdaliklar | Kanallar | |
| 18 Aprel | +1 | |||
| 17 Aprel | 0 | |||
| 16 Aprel | 0 | |||
| 15 Aprel | 0 | |||
| 14 Aprel | 0 | |||
| 13 Aprel | 0 | |||
| 12 Aprel | +1 | |||
| 11 Aprel | 0 | |||
| 10 Aprel | 0 | |||
| 09 Aprel | 0 | |||
| 08 Aprel | 0 | |||
| 07 Aprel | 0 | |||
| 06 Aprel | 0 | |||
| 05 Aprel | 0 | |||
| 04 Aprel | 0 | |||
| 03 Aprel | 0 | |||
| 02 Aprel | 0 | |||
| 01 Aprel | 0 |
Kanal postlari
Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Afuura Quqlulluu Waaqayyoo Tokkoon Ameen.
Kutaa 2ffaaf isa xumuraa.
...iccitii sillaasee kan barree...
Mucummaa Sillaaseen Sababa cubbuuf dhabnee
Sadan Sillaasee keessaa tokkoo ilmii Waaqayyoo
Garbummaa Addaamin barbadeessuuf kan dhufe
Ilmaa abbaa ilmaa maariyaam inni waaqayyoo
Imimmaan Addaam fuudhee kan ilaalee Sillaaseeni
Imimmaan gaabbiif marartee, jannataa kan hawweeni
Waawwaanna gidiraa,kan beelaaf rakkinaa Addaamiini
Fuula waaqayyoon durattis dhihaatee deebii argachuuni
Waadaan Sillaasee Irbuudhaa yoomuu hin moofa'u
Kan nuuf kakatee hundumaa raawwachuuf ariifatuu
Waaqa akkasii qabnaa maarree isaaf galanni haa ta’uu
Irbuusaa hin diiguu ijoolleesaa inni kan mararsiifatuu
Abbaarraa Afuuraan,Haadharraa foon dhalatee Iyyesuus
Cubbuu Addaamiif jedhee jaallatamaa ilmaa kan ergees
Kunoo ittin fayyaa kottaa seenaa mootummaakoo jedhee
Nuun jedheka Qulqulleettiin Sillaasee nuun nu kaadhimee
Harkaa Yohaanisiitti kunoo cuuphaame Iyyesuus Gooftichii
Yordaanoos deemee garbummaa diiguuf Naazirtichii
Galiilaa ka'ee ni deeme innoo gara lagaa Yordaanosi
Cuuphamuuf dhaqee gara Qulqulluu harkaa Yohaanosi
Galaana walakka dhaabatee maarree mootichii Iyyesuusi
Bishaanin cuuphame kan fayyisee Addaamiin Kiristoosi
Abbaan isaa samiirra ilmaa isaa isa jaallatamaa nuuf kenne
Afuurri Qulqulluun fakkeenya gugee fakkate kan lallabee
Sadummaaf tokkummaa iccitii sillaasee kan barree
Nii ifoomsee Waaqni qaama sadummaasa gubbaarraa
Dur iccitiin Sillaasee kan nu duraa dhokatee kan agarre
Amma kunoo barreerraa sadummaaf tokkumaa kanarraa
Amalaaf kennaa isaatin inni yoomiyyuu qulqulluudha
Foon keenya ulfaatullee gonkaa inni Waaqayyoodha
Yordaanos argitee sodaattus dubatti deebitee naatusi
Raajotan kan dubbatamee raajiin akka raawwatuufisi
Nuf lallabeerahoo fakkeenya garaa garaan waa'eesaa
Gad-of qabummaa guddaan waa'ee mootummaasaa
Gara Yohaannisiin dhaquun Gooftaan ni Cuubama nuufi
Nuuf laateerahoo icciitii cuuphaadha akka barannuufi
..................................................itti fufa..................................
@yaaqulqulleettiinuufkadhadhu
Walaleessaan Walaloo Dn/ Sanyii Mulaatuu
Oromiyaa finfinnee ⚫️🔴⚪️
| 2 | Kunoo inni cuuphaamee ilma abbaa ilma Maariyaam | 995 |
| 3 | Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Afuraa Qulqulluu
Waaqayyo Tokkotti Ni Amanna Ameen.
...Mootiin lafaaf samii ana miti...
Ashamaa akkam jirtuu hundi keessanii
Ayyaana cuuphaa kabajuuf kan dhuftanii
Maarree baga ittiin isin gahee Sillaaseeni×፫/3
Yaa mootii lafaaf samii siif haa ta’uu nagaan jechuuni
Nagaa gaafate seexanni Addaamiin Waaqa gochuuni
Maal nagaan akkasii jechuun deebisee gaafate innisii
Mootiin lafaaf samii ana miti jechuun morme innisii
Seexannis qaana’ee deebi'e ofirra waan godhu dhabee
Abdii kutaadhe jedhee hin bulleen eegalee tooftaalee
Addaam didee Hewwaan dhaqee gowwoomsuu jalqabee
Yaa mootitti lafaaf samii nagaan siif haa ta'uun eegale
Hewwaanis kolfaan gaggabdee seexannis baayyee gammade
Kanaan booda Seexanni argate laphee Hewwaanirraa isa maddee
Seexannis jalqabee gaaffii waa'ee jireenya isaanii itti inaafee
Maal jedhe Gooftaan akkamitti jiraadhaa jedhee itti hasaasee
Mukaa kana hin nyaatinaa jedhe Gooftaan akka nu abboometti
Yoo nyaattan ni duutuu du'aa bara baraa jedhe akka dubbatetti
Jettee dubbatte Hewwaan giiftummaan itti dhaga’aamee gammaddee
Eessa akka deemtu hin yaanne gooftummaan lapheesheerraa madde
Gooftaan keessaan ni sobaati akkasaa taatuu jedhe sossobee
Tole jettee nyaatte kuttee Itsebelaasiin iji ni baname dhugumaa
Abbaa manaasheef geessitee kuttee nyaatee eegale gaabbee
Hewwaanin jibbuu eegalee Addaam gochaashee hundumaa
Ergamaan Waaqayyoo ergamee ari'ee isaaniin Jennataa
Akkasaan hin deebineef eegumsa eegale balbala jennataa
Addaam jalqabe imimmaan buusee araarfachuuf yaalee
Imimmaaniif dhiiga dhumarratti malaa boo'u itti fufu eegalee
Jennataa baasee hin dhiifne seexanichii waadaa gabrummaa
Dhagarratti naaf mallatteessaa jechuun itti dubbate isaanitti ba’e
Tole jechuun mallatteessanii seexaannif waadaa garbummaa
Laga Yordaanos tokko si'ool keessas tokko kaa'ee deebi’e
Waaqayyos dhagaheera imimmaan cubbuu boo'icha Addaam
Waggaa 5500 booda dhala dhalaa keerraa dhaladheen si fayyisa
Seexanni ni aare jecha Waaqayyo garbicha isaaf seene gaddeem
Kunoo Addaam abdiin guutame dhaabbachuun eege fayyisaa
Guyyaan abdiin gahee waadaan Addaamiif seene tokkoo lamaa jedhee
Harra bor jedhamee lakkaa’amaa dhufe Yohaannisiin kaasee gooftaanii
Yohaannis cuuphaan dhageessisee sagaleen karaa qulqulleessa jedhee
Dhugumaan Gooftaan waadaa hin diigu dhufee cuuphaame gooftaanii
Lagni Yordaanos Carroome gooftaa simachuuf xumurte qophiishee hundaa
Gooftaa argitee baqattee Lagni Yordaanos simannaaf burraaqaa gammadaa
Gooftaan itti seenee cuuphame harka Yohaannis cuuphaatti gad-deebi'ee
Addaamif Hewwaan nama hundaaf inni dur badee mucummaan deebi'ee
Addaamiif Hewwaan deebi'aanii iddoosaanii duraatti gammachuun guutamanii
Waaqayyoon galateeffachaa faaruuf ililleen wal jalaa qaba burraaqanii
Galanniif ulfinni hooqubaaf kabajni teessoo isaa irratti bara baraan galanni
Abbaaf Ilma Afuura Qulqulluu sadan Waaqa tokkoof ta'uu galanni
.................................kutaa 2ffaan.....itti fufa...................................................
@yaaqulqulleettiinuufkadhadhu
Walaleessaan Walaloo Dn/ Sanyii Mulaatuu
Gimbii Oromiyaa romiyaa⚫️🔴⚪️ | 988 |
| 4 | Ijoolleen Tewaahidoo qofti baga geessan❤️🥰❤️🥰 | 1 227 |
| 5 | Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokkoon Ameen.
Jireenyi keenya tolee abdii hin mulqamne
👉BAGA GEECHAN‼
Maarree egaa ayyaana waggaa ayyaantuutu argaa
Maal ayyaantuu qofaaree ayyaanaanis ni arga
Jedheera Ijoollee Waaqayyoo hundumti keessanii
Baga ittiin isin gahee gooftaa Waaqni dhugaanii
Yaa Beetaliheem Mandara Qulqullooftuu
Gooftaatu filatee akka achitti dhalatuu
Beetaliheemis filatamtee ifaan guutamtee
Waadaa Waaqayyo siif galeenis qulqullooftee
Gooftaan dhalateera Beetaliheemitti durbarraa
Afuura isaaniitiin irraa ittisan beelladoonni qorra
Ifaan guutamteetti Mandarri Beetaliheemii
Gooftaa kan deesse durbummaani Maariyaamii
Carraa qabeettii durbaa Mootittii lafaaf samii jedhanii
Ergamoonni isaa si faarsanii gammachuun guutamanii
Cubbuurraa hiikamanii gammachuun burraaqanii
Harka fuudhii dhiheessanii kuufanii siifis sagadanii
Addaamiif hewwaanirraa hiikame cubbuu guddaanii
Lubbuun si'ool keessaa gammadanii burraaqanii
Ililleef galataan faarfannaanis wal jalaa qabanii
Addeessi guddaanis argamee Beetaliheemiitti jedhanii
Waadaasaa hin diigu Gooftaan keenya
Yeroodhaan raawwata Abbaan nageenyaa
Dhalli namaa hundi yeroo ofiisaa wallaalee
Addunyaa cubbamtuu keessa yerootti imalee
Maariyaamiin ilaalaa ji’a 9fi guyyaa5 guutuu
Abidda Waaqummaa ishee dhugaan baattuu
Gadameessa durbootti Gooftaan murteeffamee
Dhugaadhaan dhalatee kan raajootan lallabame
Guyyaa eebbifamaa hundumaarraa adda ba'e
Kiyyoon Seexanaas diigamee itti barbadaa'ee
Golgi cubbuu guddaas nurraa balleeffame
Inni jaarraa dheeraa waadaan duraa galamee
Abbootaaf raajotaan Raajiin dura dubbatamee
Beellama isaa eegee guyyaa abdiin eegalame
Waaqayyoof dhalli namaa yerootti araarame
Kunoo banameera balballi cubbuun cufame
Ergamoonni samiif dhalli namaa waltahee
Gamtaan tokko tahe inni duraan adda bahe
Ameen Galanni Waaqayyoof samii gubbaarratti
Nageenyis mucaa namaaf haa ta'u lafarratti
Guyya jedhame hundumtuu aarsaa dhiheessanii
Tiksoonnis gammadanii Beetaliheemiitti faarsanii
Hayyoonni sadeenis biyyaa fagooti dhufanii
Isaanis Warqee, karbee fi qumbiin harka fuudhanii
Seexanni dukkana'aanii jaarrotaaf dhaabatee
Biiftuun hin dhaamne Beetaliheem irraan baate
Dukkana bara dheeraa ifa isheen liqimsitee
Lubbuu si'ool keessaaf ifa ishee labsite
Ilil jedhaa gammadaa addunyaan fayyitee
Ilmi Maariyaam Nu fayyiseera dhalatee
Gammadaa faarfadha galatas galchaa
Kunoo fayyineerra nuti ijjoolleensaa ililcha
.........................................itti fufa.............................
@yaaqulqulleettiinuufkadhadhu
Walaleessaan Walaloo Dn Ayyalee Mulaatuutiin
Gimbii,Oromiyaa⚫️🔴⚪️ | 1 231 |
| 6 | Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Ilmaa Afuura Qulqulluu Sadan Waaqayyo Tokkoon Ameen
"Wangeelli nuyi lallabnu yoo haguugame immoo, warra karaa badiisaa irra jiran duwwaadhaaf haguugame" .2ffaa Qoronxoos 4:-3
Akkam jirtu nagaa keessanii? Nagaas isini gaafachuu hin dagannee akkam jirtu nagaa keessan minii?! Anis nagaa kiyya galata Sillaasee.Akkuma beekamuu yeroo dheeraaf tajaajila dhiiseen turee, isas sababan dhiiseefin qabaa.Mee channel kun namoota 5500 ol ta'ee turee.kanaan boodammoo maal akkanni ta'aa jiru isiniyyuu dhaqxanii ilaaluu dandeessuu, Sababa maaliif akkanni gadi deebi'ee anaaf naaf galuu didee,tarii walaloon koo kun isin dogoggorsee laata? Moo haala hojii kootiitu isiniif hin taane laata? Daandii Waaqayyoo irraan isin kaachisee laata? Gaaffii kanneen oliitu natti dhaga'amee hamileetu na bu'e.
Akka isin walaloo na gaafachaa turtan argeera garuu deebii isiniif kennuuf sammuunkoo naaf hin eeyyamnee.harra kanin dhufee yaada keessan barbaadeera.Addaan kunnumoo,itti fufnee walaloon wal barsiifnu? Mee yaada keessan naaf qoodaa???😭😭😭 | 1 083 |
| 7 | Baga geessan ijoolleen durbee Maariyaam❤️❤️❤️ | 1 109 |
| 8 | Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Afuura Qulqulluu Sadan Waaqa Tokkoon Ameen
...maaliifan qaana'a?...
Maariyaam jedhee gaafan waamu maqaakee
Maaliifan qaana'a ani haadhakoo jechuu shakkee
Kan naaf kennee badhaasa fannoon mucaakee
Addunyaan qaana’ee maariyaam waamuu maqaakee
Utuu beekanii haadhummaa kee kan shakkani isaanii
Ati hin shakkamtuu turteem haadhummaankee kunii
Ormii jecha atii hin qabneen si arrabsee yoo sijibbee
Atoo naaf haadhakootii warra si jibban maaltu dhibee
Bara baraan kan jiraattuu kennaa haadhummaa keetiini
Utuu atii hin jiraannee eenyuree wabiin lubbuu kootii
Atoo ilmakee naaf kadhattee naaf kennisiifta dhiifamaani
Namni ija malee deemuu yoomuu ni kufa hallayyaatti
Ijakoo na tuttuqaa madaakoo horfanii kan na jibbanii
Waanuman si jaalladhee si godhadheef anoo haadhakoo
Isaaniin hin dhageessuu gurrikoo ani siif nan wareegamaanii
Ani qulqullummaa qabaadheef miti situ naaf ta'eeka hirkoo
Addunyaan sii balaleefatuu akka waan jaraa miiteetti
Ijoolleen Tewaahidoo siin abdanna mootummaa ilmakeefi
Atoo abdii keenya kanaaf si waammannee jennee qulqulleettii
Maqaankee Damma lafaaf samiirratti waa'ee lubbuu keenyaafi
Gammoojjii Gibxii gaafan yaaduu imimmaan kee gaafasii
Ilmakee faana godaantee jaalalaa nu barsiiftee nuunisii
Imimmaan haadhummaakee jira fuula ilma keetii duraa
Yoomuu nuuf fiddaa araaraaf dhiifama ilmaakee biraa
Warrii sin jaallanne egaa hin qaban dhiifamaaf araaraa
Abidda si'ool keessaa isaan kan jiraataan dhiphuuf dararaa
Gaafa sana baruu mi'aa haadhummaakee jaalalaa haadhaa
Yoomuu sin buusuu lapheekoorraa ani kanaaf sin baadhaa
Kee gaarummaan barreeffamees miti dubbatamee hin dhumu
Waan ati nuuf taatee hin beektuu gadheen ofiin bultee yaatuu
Fayyaatti du'ee jiraatti raata'ee ijaajjiitti kan mugaa deemuu
Godoo taatee keessaa iyyaa ooluu isaan akkuma maraatuu
Kankee dubbatamee hin dhumuu arraba koo cubbamtuu kanaani
Dhaloonni martuu na galateeffatu kunoo galanni siif haa ta'uuni
Ani cubbamaa yoon ta'ees siin qaba maalin yaada’aa giiftiikoo
Adaraa nuuf kadhadhu nun dhiisin nun cubbamaadha haadhakoo
................................................itti fufa...............................................
@yaaqulqulleettiinuufkadhadhu
Walaleessaan Walaloo Dn Ayyalee Mulaatuu
Finfinnee Oromiyaa⚫️❤⚪️ | 1 147 |
| 9 | Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Afuura Qulqulluu Waaqayyo Tokkoon Ameen
Taklahaymaanotii
Taklahaymaanotii balleessaa Xaa'otii
Si waamna ilmaan kee hangafa abbootii
Firii Zaggaaze'aab kan Igzi'aariyaa
Faayyisuuf kadhattee biyya Itoophiyaa
Eegumsaa ergamaa warri kee ni abdatuu
Mikaa'eel mikaa'eel jechuudhaan kadhatuu
Yoo lolellee diinni fuudhuuf Igzi'aariyaa
Mikaa'eeltu jiraa kan nuuf dhagahu iyyaa
Mootolomiin loluus dheekkamus baayyisee
Waaqa kan keetitu diina kee qanessee
Dura maqaan kan kee Gammachuu tsiyoonii
Biqiltuu abbaan dhaabee siin jedhe waaqayyoonii
Yoo adamsoo deemtuu bineensa daggalaa
Waaqayyoot si waamee siif labse jaalalaa
Kanaan booda atii Qabsuuraan cimuudhaaf
Guutuu addunyaattiis wangeela labsuudhaaf
Watwaachiste diinaa xonqaayiwwan hundaa
Nu'iif dabarsitee amantaa himte nama hundaa
Eessatu si hafee kaaba kibbi illee
Kaafaadhamoo walloo yookaaniis salaalee
Luba amanamaa kan dhiyeessu aarsaa
Kadhannaa isaatiin kan haqe abaarsaa
Abbaa koo Takliyyee abbaa nama maraa
Waaqa gooftaa biraa kan fidu araaraa
Waggaa diigdami lama eenyutu dhaabbataa
Miila tokkoon dhaabbatees maaltu nuuf kadhataa
Kansaa kun addaadhaa Gonka Qabsuurrisaa
Gara kan kee dhufnee nurraa haqi abaarsaa
Yaa dabra libaanos dachee eebbifamtuu
Gooticha amantaa Kan keessummeessituu
Dabra asboo Salaalee irraa nuuf kadhatee
Kunoo maqaasaa yoo waamnu hundi ni boqotee
Har'as lafa raajii kan diinni sodaatuu
Ahizaabonnillee isaaf jilbiinfatuu
Tsabalaaf imnatiisaan kunoo fayyineerraa
Taklahaymaanootiin bilisa baaneerraa
@yaaqulqulleettiinuufkadhadhu
Walaleessaan walaloo Samuu'el Darajjee
Gimbii, Oromiyaa | 1 417 |
| 10 | Akkam Raajidharee?
Akkam raajidharee hojiin waaqa keenyaa
Aangoo isaatiinii nuuf kenne nageenyaa
Aangoon isaa dinqii hin qabu madaalaa
Ulfinni waaqayyoo jecha keenya caalaa
Akkam nama dhibaa danuu raajiin isaa
Waa'eensaa dinqiidhaa nama dhiba kansaa
Anaan na dinqeeraa taanan dhugaadhaanii
Mootiin Isa qofaa baruma baraanii
Samiis ni abboomaa laftis kan isaatii
Mootidha guddaadhaa baraa hamma baraattii
Akkam nama dinqaa dhugaan ajaa'ibaa
Waa'een hojii isaa hedduu nama dhibaa
Akkam raajidharee waa'eensaa gooftaanii
Hojiin isaa dinqii baruma baraanii
Kan hunda abboomuu taa'eetoo samiirraa
Guddummaan kan jiruu biyya lafaatirraa
Kan kallattii hundaan galataan duurfamuu
Uumamtoota isaatiin Isa waaqeffamuu
Akkam raajidharee yoo Isa faarsanii
Ergamoonni isaa isaaf sagadanii
Argeera hubatee hin mamu ijji koo
Gaarummaasaan dhufee nama oolcha rakkoo
Iyyesuus Kiristoos waaqa waaqotaatii
Madaala hin qabuu bakka hundumaattii
Kan ija nuuf ta'ee ibse dukkanicha
Waa'eesaa ibsuudhaafi anoo dhabe jecha
Kan cabaa fayyisuu dubbatee sagalee
Fayyisaan hin jiruu yaa waaqa simalee
Kan uumamnisaa marti Isa ragaa bahuu
Ajaa'ibumaam dinqii hoomtuu hammasaan gahuu
Hoomtuu isan gituu hundumaa ni moo'aa
Tasumaa eessattuu maaltu hammasaa ga'aa
Ani argadheeraa balbala jireenyaa
Iyyesuus Kiristoos nu'iif waaqa keenyaa
Mooticha nageenyaa nageenyawaan isaa
Biyya hundumaadha biyyii fi bittaansaa
Magaalli inni hin binne kamiidhaa tasumaa
Isumatu sooraa uumama hundumaa
Barruun isaa ballaa lafa hunda bitaa
Lafaaf samii irratti tasan qabu gitaa
Akkam Raajidharee hojiin waaqa kanaa
Maqaasaatti amannee taane Kiristaanaa
Kanaaf gammachuudhaan maqaasaa faarsinaa
Isatti amanuudhaan amanamnee baanaa
Anaan na dinqeeraa waa'eensaa baay'isee
Ijoollee Addaam hundaa isatu fayyisee
Laallee hubanneerraa ijji nuuf banamee
Barruu isaatirraa kennaan nuuf kennamee
Walaleessaan walaloo Saamu'eel Darajjee
@yaaqulqulleettiinuufkadhadhu
Gimbii Oromiyaa | 1 426 |
| 11 | Mormishee citus ittumaa fufeera raajii dalaguuttii
Dammaaf aannan roobee akkuma rooba gannaattii
Sa'aatii sadii oliif hojjeteera rajii ulfina sillaaseedha
Ergamootasaan marfamee ol ba'ee garaa boqonnaadha
...............................................itti fufa.............................................
@yaaqulqulleettiinuufkadhadhu
❝Yaa Qüļqűllëěţţïį Arseemaa Uumaakee nuuf kadhadhu adaraakee❞
Walaleessaan Walaloo Dn Sanyii Mulaatuu
Finfinnee,Oromiyaa⚫️🔴⚪️ | 1 306 |
| 12 | Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Afuura Qulqulluu Sadaan Waqaa Tokkootti Nii Amannaa Ameen.
... jechuun ofiishee laattee...
Dhala hin qaban turanii haatiif abbaanshee
Fuula Waaqayyootti deddeebi'ee imimmaanshee
Lamaanuu amantaan cimoo sodaatu Waaqayyoonisi
Dhalaaf jechaa imimmaan lolaasuu laphee cabaanisi
Atii lapheekee guutuu amanii waaqayyoonkee
Innoo siif raawwata yaadaaf karooraakee
Lapheekee Qulqulluun kadhadhu uumaakee
Waan kadhatte argachuuf siif awwaataa waaqnikee
Maaloo daa'ima nuuf kennii kan tajaajiltuu siinii
Dhiiras ta'u dubaraa nuuf kennii keetii isaanii
Kan siif jilbeenfatu,siif bitamee buluu sodaanii
Akkas Jechuun kadhatanii Sillaasee uumaasaani
Kadhannaa nama dhaga'uuf kan hin cufannee gurra
Gubboos hin barbaaduu innoo raawwatee gibira
Laphee Qulqulluu qofaa barbaadaa innoo ijisaa
Boo'anii kadhachuun nii raawwataa hojiisaa
Qulqulleettiin Arseemaa yaadamteetta Sillaaseeni
Wareegaan dhalattee waaqayyoof hojjachuuni
Amantiin jaallatamaa uumaakee galateeffachuuni
Waaqayyoof hojjechaa amantaatti jabaachuunii
Wareegaman waan argamteef hin turree mana maatiikee
Atiis deemtee jiraachuuf gara gadaamii mana uumaakee
Kanumaaf filatamtee sillaaseef hojjechuuf kadhimamtee
Filatamtuu dubaraa haadha bareedinaan kan badhaafamtee
Mootiitu turee mootii gidiramaa kan waaqa harkee waaqessu
Wanna tokkoo yaadee seexanaan oofamee kan odeessuu
Hojjetoota isaa waamee dirqiin akka deemaniif ergaa tokkoo
Dubartii bareedduu fidaati kottaa kan taatuu cidha kankoo
Nama ogummaa fakkii kaasuu ergee isaan waliin dirqamsiisee
Isaanis eegalanika barbaachaaf ka'anii biyyaa hundaa deemsisee
Utuu deemanii argaan nama jedhamtuu qulqulleettii Arseemaani
Suuraa kaastuun kaastee ergiteef mootiif akka ilaaluuf isheeni
Jedhe mootiin qabaa fidaa isheen naaf taatii kun naaf gaarii
Anii jireenya dachee hin barbaaduu naaf wayyaa uumaakoo
Dirqamsiisaa qabaati fida kottaa ittiin jedhee isaaniin aariini
Diddus dirqama ajajaatiin fidanii lafarra harkisaa aariini
Dhuftee dhaabbattee fuula Dirxaadisii itti dubbattee
Anii waaqa harkee keetiifis hin sagaduu kan jettee
Waaqayyoon qabattee dhaabbattee cimtee fulduratti
Akka malee aaree mootichii ishee amansiisuu jedhutti
Namoonni qulqulloonni jiruu ishee fanaa kan qabamanii
Isaaniin hidhanii darbatanis boollaa bineensaa keessatti
Akka ilaaltee amantuu Dirxaadisii jedhe ilaalchisaanii
Bineensoonni hin nyaanne warraa darbatamaan keessatti
Isheenis agartee gammaddee galateeffattee Sillaaseeni
Ammas hin dhiifnee mootichii dabaan sunii hin amanneeni
Abiddaa qopheesse kan ilaaluuf ulfaatuu ijaan namatti
Achii keessa buusaa haa gubattuu jechuun yaadeeti
Utuu itti hin bu'iin seentee deemtee walakkaa abiddaa
Waaqayyoo godheeraa abiddaa bishaani taasiseera
Hin gubannee nagumaan baatee keessaa gaddaa
Mootii kana ilaalee hin amanneef nama jechisiiseera
Amma wannii gochaan hin jiruu itti heeruma diddeetti
Waaqa keef hin sagaduu jettee raajiin barsiifteetti
Sillaasee amanii innoo mootii lafaaf samii baraani
Akka jettee Jechuun lallabdee dhaabbattee jabinaani
Amma garaa mana adabaaf reebichaa gidiraaf dhiphina
Alangeen garafamaa waaqayyoon waaqessaa jiraatuu
Hiriyyoonni ishees walumaan gidirfamaa kan obsanii
Isaan martinuu wareegamanii haftee qofaatti isheeni
Ishee baasanii kutuuf irraa mormaashee ajaja fudhatanii
Tole jettee eeyyamteef akka mormaashee irraa kutanii
Garuu hin dandeenyekaa ifaa irraa jiruuf qulqullinaa ishee
Eeyyama gaafatanii irraa kutuuf jedhanii mormaashee
Agarteettikaa gonfoo warqee kan qophaa'eef samiirraa
Sodaa tokkoo malee dhaabbattee albeef diinaa fulduraa
Fuulakee nuuf aguugii malee sii ajjeesuu hin dandeenyuuni
Jechuun gaafatanii humnaan gaafa gochuu dadhabanii
Kadhannaa ishee xumurtee hamma uumaashee argitutti
Obsaan kadhatte waaqayyoon imimmaan ishee lolaastee
Kadhannaa ishee dhaga'eeraa innoo simachuuf jennaatatti
Amma raawwachuu dandeessuu jechuun ofiishe laattee | 1 111 |
| 13 | Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokkoon Ameen
Mana Kiristaanaa
Missirroo Kiristoos mana kiristaanaa
Addunyaaf lallabdi daandii isa fayyinaa
Gooftaan kattaa irrattii ishee bu'uureessee
Dhiigaafi foon isaatiin ishee qulqulleessee
Kan dhugaa lallabduu yaa galma jaalalaa
Rakkoo ilmaan namaaf kan kennitu falaa
Pheexiroos Irratti gooftaan kan ijaaree
Ofitti nu waamee seenaa nuuf jijjiiree
Wangeela Kiristoos addunyaaf labsitee
Dhiigaa Fi foon gooftaa guyyuun qopheessitee
Kan kabajni maluuf ni laatti kabajaa
Qannoonaa kan laattuu ilmaansheef ajajaa
Akka Isaayyaas caafe maqaa tolootaanii
Kabaja waaqayyoo dubbatti baraanii
Mana qulqullummaa ishee kakuu haaraa
Isheetu barsiisaa jireenya bara baraa
Hayyonni Yeedaloon waaqayyoon waaqessuu
Xiqqaa guddaan marti gaabbiin of qopheessuu
Faarfattoonni ishee yeedaloo Yaarediin
Galata dhiyeessuu amantoota waliin
Luboonni ishee marti gaabbii nu barsiisuu
Mootummaa waaqaatiif nu'iin ni geessisuu
Diyaaqonoonni ishee kadhaadhaa jedhanii
Mootummaan waaqayyoo dhiyaachuu labsanii
Ayee oolmaa ishee mana kiristaanaa
Kan akka ishee tasa eessaati argannaa
Waaqa si nuuf kenneef ni laannaaf hooqubaa
Hunda ija tokkoon ilaaltii cimaa fi dadhabaa
Balbaloonni ishee dallaan osoon hafnee
Kiristoos lallabuu nut osoo hubannee
Meeshaalee qulqullaa'oo kan aarsaaf galataa
Icciitiin isaanii hima dhiphuu gooftaa
Taabota muuseetiin sabashee eebbistee
Ifa tasa hin dhaamne addunyaaf ibsitee
Qiddaaseen Maahileetiin haadha sirna guddaa
Maaltu himamee dhumaa waazeemaa fi waadaa
Guyyoonni waggaa keessaa hunduu maqaa qabaa
Qabsuurri qulqullootaas wangeela lallabaa
Siinkisaraaf Gadliin Dirsaanni ergamootaa
Raajiin maariyaamiis dinqiiwwan dubbataa
Sabaan osoon qoodnee hanga handara lafaa
Afaan osoon laaliin dubbiis ta'ee bifaa
Mana jaalalaatii kan hunda haammattee
Ahizaabootaafillee nageenya labsitee
Iddoo aarsaa dhugaa ishee kakuu haaraa
Gaabbiin nu deebistee nuuf kadhatti araaraa
Waaqa ishee nuuf kenneef galatatu ta'aa
Bara jireenya koo isheef ragaan ba'aa
@yaaqulqulleettiinuufkadgadh
Samuel Dereje 20/05/2016 Fitche, Selale | 1 185 |
| 14 | Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Afuura Qulqulluu Waaqayyo Tokkoon Ameen!
Fuula kan kee duraa
Fuula kan kee duraa eesattin miliqaa
Si jalaa dhokadhee eenyu biran dhaqaa
Kan argituu hundaa dukkanni sin dhorkuu
Lafaaf samiirratti hoomtuyyuu sin morkuu
Fuula kan kee duraa eessatti baqatuu
Uumamni kee hunduu maqaa kee jajatuu
Kanaafuu anillee mee eessattin deemaa
Barruu keetti qabdaa at galmee hundumaa
Si jalaa dhokachuun waan bu’aan qabneefuu
Uumamni martinuu gara keetti dheeffuu
Tarseesitti dheeffuun tasan qabu bu’aa
Kanaaf ajajameen si’iif ragaa ta’aa
Yoon samiirra bahee yoon koochoo biqilchee
Si jalaan dhokadhuu osoon seenees dachee
Galaana keessattis qurxummii abboomtaa
Tokko osoo sin hafin hundumaa hooggantaa
Fuula kee duraa hoo eessattin godaanaa
Dhiifama si kadheen jiraadha si faanaa
Balasiin nan dhoksuum fuula kee haguugee
Dhiifaman si kadhaa badiisaa koo beekee
Lafa onaa keessaas ni dhageessa iyyaa
Maaltu si dhokataa si yaa gooftaa kiyyaa
Kanaaf harka koo balliseen badii koo amanaa
Arjummaa kan keetiin naaf laatta fayyinaa
Sababa maalitiin kanan siin qaana’uu
Si qabadhee bahee an tasumaan na’uu
Na dhageessa gooftaa sitti amaneeraa
Fuula kan keen jiraa ani yeroo maraa
Badii koo ilaaltee nan gatin bakkeettii
Dhiifama naaf godhii na qabi ofittii
Laafina koo ilaaltee irra daddarbaa koo
Nan dagatin atii adaraa waaqa koo
Duwwaa ta’us anii kan Zayitan qabnee
Karra kee gooftaa koo akka nattin cufnee
Silaa hundaa beektaa mudaa koo adda baaftee
Dhiifama godhiifii lubbuun koo gadditee
Cubbuun koo galaanaa kan guutu dacheerraa
Araaraan balleessii naaf kenni araaraa
Ani si amanee tasumaa hin kufuu
Jireenyi siin alaa gooftaa natti yaa hafuu
Cubbuu koo ilaalee si duraan baqadhuu
Yakkamaa ta’uu koof an sirraan fagaadhuu
Akka na fayyistuu nan beeka amanee
Fuula keen dhaabbadhaa balbala kee banee
Seeni laphee kootti ijaari godoo kee
Naaf dhiisi uumaa koo wantan an si yakkee
Jaalala keen fedhaa jaalala isa dhugaa
Eebba keetiin koottu naaf kennimee sugaa
Fuula kan kee duraa eessatti baqatuu
Boolla isa kamii kan nama fudhatuu
Addaamis badiisaaf of dhoksuus baay’isee
Dhiifama kan keetu huccuu itti uffisee
Yoonaasis si didee yoo si jalaa dheeffuu
Inni ati dubbattee didanis hin hafuu
Kanaaf si duraan maqnuu cubbuu keenya ilaallee
Boonyee imimmaaniin gaabbii galla malee
Kan si lolun jiruu ripheetoo si jalaa
Loltuu hin leenjistuu harkaa qabda falaa
Yaada namaa beektaa duursitee hubattaa
Cuubbamaas qulqulluu barruu keetti baattaa
Aal takkaan ilaaltaa samiif lafa hundaa
Hojii keenya maraa galmee irraa qabdaa
Eelshaadaayi atii kan hundaa dandeessuu
Uumamni kee martuu kanaaf si waaqessuu
Yakki koo baay’atus falli biraan jiruu
Sitti boohuu qofaa kan ilmaan kee furuu
Mana keetti seenee maqaa keef sagadee
Fayyina argachuu araara keen yaadee
Beekumsa qabaadhuus danda’us kalaqaa
Fuula kee duraammoo an eessuman dhaqaa
Daawwit hubateeraa lafa hunda jirtaa
Guddummaa kan keetiin mooteetoo jiraattaa
Kanaaf yeroo hundaa dura kan keen jiraa
Si qofatu anaaf rakkoo kiyya furaa
Harra irraa kaasee si jalaan godaanuu
Osoo ati jirtuu diinni koo nan dhaanuu
Faallaa diinaa ta’een guyyuun sitti dheessaa
Laphee koo guutuudhaan si qofan waaqessaa
Kan itti dheessanii ati yaa waaqayyoo
Sitti kan abdatee takkaan qabu leeyyoo
Gara kee deebinaa jaalalaan qabamnee
Addunyaaf labsinaa guddummaa kee beeknee
Fuula keen barbaadaa jedheeraa Daawwitii
Sitti kooluu gallaa at deebi’i nuttii
@yaaqulqulleettiinuufkadhadhu
Walaleessaan walaloo Samuu'el Darajjee | 1 287 |
| 15 | Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Afuura Qulqulluu
Waaqa Tokkootti ni Amanna Ameen.
Baga Geessan⚫️✝️🔴✝️⚪️✝️
...Mootittii Illeen...
Ashamaa akkam jirtu hundii keessani
Garaanaf garasii gidduus kan teessani
Damaraa fannoo kabajuuf kan dhuftanii
Baga geessani hunduntii keessani×2
Mootittiin illeen damaraa dhaabbattee
Raajii dalaguuf waaqayyoon kadhatte
Muka walitti qabdee Abiddaan gubdee
Aarri isaas deemee garaa tulluu guddaa
Tulluuwwan sadiitu turee isan keessaa
Aarris dhaqee irra qubatee isa gidduu
Balfaan itti gatame kan turee keessaa
Kadhannaa godhattee argitee gaaddidduu
Hojjetoota ishee waamte eegalan qotuu
Ergaa baayyee qotaanii itti bahaan isaantu
Kuno Fannoon argameera ililleen gammadaa
Jettee mootittiin addunyaatti dhaamte gammadaa
Gooftaan kan nuf kennee fayyisaa lubbuuni
Mallattoo eenyummaa badhasaa uumaani
Gargaaraaf jabina keenya yeroo dhiphinaa
Nuuf kabajaa fannoon Waaqayyoo ulfinaa
Qaraaniyoo gubbaatti fannoorra ooltee
Cubbuu keenyaaf jettee ofiif dhiphattee
Gindillaa cimaa sana nuuf baattee eeltee
Rakkoo cimaa sana fedhiin nuuf simattee
Ati Kennaa keenyaam baguma nuuf kennamtee
Waaqa fayyisaa keenyaa baga naaf jiraattee
Fannoo Kiristoosiin nuti kanaaf bilisa baanee
Ni moona daabiloos yoo fannoo isaa qabannee
Hundumaa keenyaafuu fannoo murteessadhaa
Kan nujajjabeessu nuuf humna keenyadhaa
Cubbuu hojjatee Addaam gannata itti ba'ee
Innis Fannoo Kiristoosiin gannatatti deebi'ee
Humna fannoo Kiristoosiin diinni ni qaana'ee
Saba Addaam hundaaf Gammachuun ni ta'ee
Qaraaniyoorratti dhiigasaa nuuf lolaasee
Fannoodhaan Kiristoos bilisa kan nubaasee
Si'ooliidhaa baane gannatatti kan deebinee
Daabiloosiin gannee Waaqa duukaas buunee
Seexanni fannoodhaan yeroo hidhamettii
Si'ool duwwaa taatee muldhatte bakkeettii
Fannoo Kiristoostu nuuf humna nuuf ta'ee
Diina keenya kuffisee lafaan isa ga'ee
Diinni si goyyomsuuf waan fedhe jedhullee
Qarshiidhaafii horii batee yoo dhufellee
Kuti fannoo kankee akka sirran bullee
Siin jedhee goyyomsuuf yoo si sossobellee
Tole hin jedhiniif hin fudhatin ammallee
Dhigaan argannee dhiigaanis uffannee malee
Fannoon humna qabaa qabadhu sirriitti
Humna isaa hin shakkin baadhu lapheettii
Kanaafuu kakadhu hin kutin fannookee
Sitti hin dhiyaatu in sodaata diinni kee
Duuka isaa bu'uuf hidhadhu fannoosaa
Fannoon humna qabaa diina kee salphisaa
Abdii kee godhadhu amani humna isaa
Qarshiif horii miti ulfaataa dhiigasaa
Dhiigaafii foon isaa fannoorraa argannee
Haadha gaafa rakkoo Durbees badhaafamnee
Fannoosaa jalatti haadha isaas nuuf kennee
Garuu hedduun isaanii isa kana hin beeknee
Ilmashee Iyyasuustu fannoon fannifamee
Nu du'aa nu kaasuuf fannoon ajjeefamee
Inni najaalatuu fannoo kankoo baatee
Naduukaas haa bu'uu ofirra kaa'atee
Maariqoos 8:34,maatiwoos 16:24 dubbatee
Jedhee Waaqayyoonis wangeelaan dubbatee
Maatiyoosis barreesse kanuma hubatee
Jabaadha dhaabbadhaa hunduu haammatee
Kan fannookoo baatee ana duukaan buunee
Anaaf ta'uu hin maluu inni nan jaalannee
Nuun jedhe Waaqayyoos inni nun jibbinee
Ofirra kaa'annee mormatti hidhannee
Kanaaf duukaa haa buunuu fannoo isaa qabannee
Sirriitti haa hubannuu fannoon isaa humna keenyaa
Of dura qabannee moona yoomiyyuu diina keenyaa
Yoomuun irraanfatin tasan adaaraa hin dagatinii
Hin kutin fannookee ofirraan baasini wajjin du'ini
Tolee jedhikaa calliftee bira hin darbinkaa
.................................itti fufa..............................
@yaaqulqulleettiinuufkadhadhu
Walaleessaan Dn Ayyalee Mulaatuu
Finfinnee Oromiyaa ⚫️💠🔴💠⚪️💠 | 1 261 |
| 16 | Akkam jirtu nagaa keessani? Anis nagaa kooti galata sillaasee.
Gaafa isin kara karaa walaloo na gaafattan akkuma isin na galafattaniin utuun isinii ergeen baayyeen gammadan turee.haa ta'uu maleessaa darbee darbee naaf mijachuu dhiisuu danda'aa.kanaafuu baayyeen keessan walaloo ayyaana masqalaaf na gaafachaa jirtu anis walaloo ayyaanaaf ta'u isiniif qopheesseera kanaafuu gaafa fulbaanaa 12 naannoo sa'aatii 2tti nu eegaa.galatoomaa.
@yaaqulqulleettiinuufkadhadhu
Kan jedhu join godhaatii itti dabalamaa. | 1 127 |
| 17 | Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Afuura Qulqulluu Waaqayyoo Tokkoon Ameen
Baraa Haaraa...
Bara haaraan yeroo gammachuutii
Ililleen kanaaf bareeddii kanaaf aduun baatii
Baga gammaddanii baga siniin ga'ee
Ganna cabsee bahee birraatu bari'ee
Abaaboon daraaree barris jijjiirramee
Kan waqtii jijjiiruuf waaqayyoon faarfamee
Ililchaa faarfadhaa harka keessan kaasaa
Dukkana isa hamaa gooftaat bariisisaa
Baga nuuf bari'ee baga siniin ga'ee
Ilil jedhaa maaloo birraatu bari'ee
Meerreree ililtaan maaliif callistanii
Kan har'aa nu ga'eef harkan rukkuttanii
Bara haaraa kanatti laphee haareffadhaa
Cubbuu darbe dhiisuun gaabbiidhaan dhiqadhaa
Xurii cubbuu dhiisuun ta'aa nama haaraa
Jaalalaan jiraadhaa saba koo adaraa
Baallamiitu daraare xiqqaatu guddatee
Gamanaa gamastuu nagaa wal gaafatee
Aarsaan dhi'eeffamee firatu wal-waamee
Inni bara moofaa ni irraanfatamee
Waa tokko dhagahaa waa'ee mootii Saabaa
Ogummaan Solomoon baay'ee ajaa'ibaa
Isheen isa ilaaluuf aarsaa dhiyeessitee
Bara haaraa kanaan biyyatti deebitee
Inquu laxaatish jennaan inquxaaxaash jennee
Itiyoophiyaanonni mee maaluma dhabnee
Hundaa adda baasanii abboonni amantaa
Akka ittiin lakkoofnuu waggootaaf ji'ootaa
Mee al tokko ililchaa abboota keenyaafii
Kalaandarii sirrii waan nuuf kennaniifii
Isaan abdii godhannee har'a geenye nuunii
Bara baraan moonee harras jijjiiruunii
Yoo birraan bariituu barataat ol' ba'ee
Baadiyyaaf magaalaan jaalalaan wal ta'ee
Yoo abaaboon dhoo'u waa tokkot hawwamee
Karoora waggaatu har'a karoorfamee
Yoo darbellee moofan yeroon isaa dhumee
Seera akkasii kana gooftaatu nuuf tumee
Egaa waa'een barichaa akkas nuuf haa ta'uu
Ilmoon abbaa isaa abbaan ilmoo ofii bara itti dhaga'uu
Gantummaanis hafee shakkii fi mamiinii
Bara itti cimnuudhaa hunduu amantaanii
Lapheedhaan deebinee kan gaabbii itti galluu
Dhiigaaf foonsaa nyaannee kan taanu qulqulluu
Ajajasaa hundaa bara itti eegnuudhaa
Nuuf haa ta'u barichi bara gammachuudhaa
Akka nuti hin laafnee akka abdiin kutnee
Innoo nu eeggataa akkan hafne kufnee
Walaleessaan walaloo Samu'eel Darajjee
@yaaqulqulleettiinuufkadhadhu | 1 641 |
| 18 | 😭😭😭 | 1 293 |
| 19 | Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokkoon Ameen.
Maal eeguutti jirraa???...
Raajiin bara sanaa kunoo dur kan raajamee
Dhufaatiin gooftaa inni gaafas kan lallabamee
Mallattoo bara xumuraa raawwachuu dachee
Kunoo ilaalaa yaa sabaa waan hunduu rawwatee
Mee gaaffii wal haa gaafannuu eessa akka jirruu
Mee maal hojjennaa maal rawwachaa jirtuu
Dhugaama waaqayyoof mee of haa gaafannuu
Waa'ee lubbuu keenyaaf amma haa falmannuu
Bakkeen keenyaa nama amantaa keessi kan biraa
Maaliif utuu dhageenyuu gurra cufannee darbinaa?
Mee itti haa yaannu waa'ee lubbuu keenyaaf gibira
Yoo nuti ofiif hin taanu ta'ee maaltu nuuf dirmataa?
Mana Qulqulluu dhiiftee kan deemtu mana badiisaa
Lubbuukeef hin dhimmitu waa'ee foon keef malee
Mee eegaa bara xumuraaf argiteetta mallattichaa
Maaliif hin deebituu ati dhiiftee gara gooftichaa
Galgalaaf ganama yoomuu hin qabnu daangaa
Foon keenya furdisuu nii barbaanna dhangaa
Biqiloota keessaan yoo qamaanees jimaa
Muka jibbamaa kan waaqayyoon jibbamaa
Garuu maal fayyadaa dhangaan foonii lubbuufi
Foon keenya bareechinee lubbuu keenya hubuufi
Sobee nu sossobaa boodammoo nu gubuufii
Kanaaf garaanis nyaataafii nyaannis garaafii
Keessattuu anaaf isiniif warroonni amanneefii
Nuti kan nyaachuu qabnuu dhangaa lubbuufi
Kan of keessaa qabuu eebbaaf sugaa kennuufi
Foolii dhugaa isheen Qulqulluu jiraattuufi
Qadaaddii maaddiishee mee buqqisaa ilaalaa saaqa
Dhangaa lubbuu qabdii kunoo isheenoo dhugaa Waaqa
Mi'aa keessasheef kunoo maqaa itti moggaaftee
Gatii lubbuu keenyaa mee qarshiin baayyiftee!!!
Bara keessa jiraannuu isayyuu yeroo ammaaf
Shiroon homaa hin qabnee qarshiin soddomaa
Hoteela gurguddaattimmoo innumtuu shantamaa
Dhangaan lubbuu isheen caaltuu kunoo dammaa
Kottaa nyaadhaa dhugaa fooniif dhiigaa isaas
Caatiif sigaaraa maaliif hin dhiiftan yaa gurbaa
Ta'u siif wayyaaree seexanootaaf garbootaa
Maal siif godhaa maaloo nyaattee akka Arbaa
Maaliif hordoofnaa nuti jireenyaaf faashinii farnjii
Nutti fakkaatee bareedinnisaa ayii akka raajii
Meeshaa si'oolitti nama geessuu kan ittiin badnuu
Jaalala waaqayyoo irraa kan nama dhorkuu
Mee itti yaadii of ilaalii dhaabbadhuuti xiqqooshee
Harraaf sitti fakkaachuu danda'aa faayaa gaarii
Harraaf miidhagaa boriif badiisaaf nama geessan
Kanaaf bishaannis abiddis kunoo akka fedha keetii
-------------------------------------itti fufa------------------------------
@yaaqulqulleettiinuufkadhadhu
Walaleessaan walaloo Dn Ayyalee Mulaatuu
Gimbii,Oromiyaa🖤❤️🤍 | 1 364 |
| 20 | Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokkoon Ameen.
Maal eeguutti jirraa???...
Raajiin bara sanaa kunoo dur kan raajamee
Dhufaatiin gooftaa inni gaafas kan lallabamee
Mallattoo bara xumuraa raawwachuu dachee
Kunoo ilaalaa yaa sabaa waan hunduu rawwatee
Mee gaaffii wal haa gaafannuu eessa akka jirruu
Mee maal hojjennaa maal rawwachaa jirtuu
Dhugaama waaqayyoof mee of haa gaafannuu
Waa'ee lubbuu keenyaaf amma haa falmannuu
Bakkeen keenyaa nama amantaa keessi kan biraa
Maaliif utuu dhageenyuu gurra cufannee darbinaa?
Mee itti haa yaannu waa'ee lubbuu keenyaaf gibira
Yoo nuti ofiif hin taanu ta'ee maaltu nuuf dirmataa?
Mana Qulqulluu dhiiftee kan deemtu mana badiisaa
Lubbuukeef hin dhimmitu waa'ee foon keef malee
Mee eegaa bara xumuraaf argiteetta mallattichaa
Maaliif hin deebituu ati dhiiftee gara gooftichaa
Galgalaaf ganama yoomuu hin qabnu daangaa
Foon keenya furdisuu nii barbaanna dhangaa
Biqiloota keessaan yoo qamaanees jimaa
Muka jibbamaa kan waaqayyoon jibbamaa
Garuu maal fayyadaa dhangaan foonii lubbuufi
Foon keenya bareechinee lubbuu keenya hubuufi
Sobee nu sossobaa boodammoo nu gubuufii
Kanaaf garaanis nyaataafii nyaannis garaafii
Keessattuu anaaf isiniif warroonni amanneefii
Nuti kan nyaachuu qabnuu dhangaa lubbuufi
Kan of keessaa qabuu eebbaaf sugaa kennuufi
Foolii dhugaa isheen Qulqulluu jiraattuufi
Qadaaddii maaddiishee mee buqqisaa ilaalaa saaqa
Dhangaa lubbuu qabdii kunoo isheenoo dhugaa Waaqa
Mi'aa keessasheef kunoo maqaa itti moggaaftee
Gatii lubbuu keenyaa mee qarshiin baayyiftee!!!
Bara keessa jiraannuu isayyuu yeroo ammaaf
Shiroon homaa hin qabnee qarshiin soddomaa
Hoteela gurguddaattimmoo innumtuu shantamaa
Dhangaan lubbuu isheen caaltuu kunoo dammaa
Kottaa nyaadhaa dhugaa fooniif dhiigaa isaas
Caatiif sigaaraa maaliif hin dhiiftan yaa gurbaa
Ta'u siif wayyaaree seexanootaaf garbootaa
Maal siif godhaa maaloo nyaattee akka Arbaa
Maaliif hordoofnaa nuti jireenyaaf faashinii farnjii
Nutti fakkaatee bareedinnisaa ayii akka raajii
Meeshaa si'oolitti nama geessuu kan ittiin badnuu
Jaalala waaqayyoo irraa kan nama dhorkuu
Mee itti yaadii of ilaalii dhaabbadhuuti xiqqooshee
Harraaf sitti fakkaachuu danda'aa faayaa gaarii
Harraaf miidhagaa boriif badiisaaf nama geessan
Kanaaf bishaannis abiddis kunoo akka fedha keetii
-------------------------------------itti fufa------------------------------
@yaaqulqulleettiinuufkadhadhu
Walaleessaan walaloo Dn Ayyalee Mulaatuu
Gimbii,Oromiyaa🖤❤️🤍 | 442 |
