cookie

Sizning foydalanuvchi tajribangizni yaxshilash uchun cookie-lardan foydalanamiz. Barchasini qabul qiling», bosing, cookie-lardan foydalanilishiga rozilik bildirishingiz talab qilinadi.

avatar

Alatinostube/አላትኖስቱብ/

"Kanaafu akka fedha waaqayyotti qoruumsa kan fudhattan waan gaari hojjecha lubbu keessan waaqa amaanamti Galfata kenna dha" 1 phex. 4:19. ስለዚህ ደግሞ እንደ እግዚአብሔር ፈቃድ መከራን የሚቀበሉ፥ መልካምን እያደረጉ ነፍሳቸውን ለታመነ ፈጣሪ አደራ ይስጡ. 1ጴጥሮ 4 : 19

Ko'proq ko'rsatish
Reklama postlari
5 712
Obunachilar
-124 soatlar
+537 kunlar
+28030 kunlar

Ma'lumot yuklanmoqda...

Obunachilar o'sish tezligi

Ma'lumot yuklanmoqda...

እንደሚታወቀው ቴሌግራም መክፈል ጀምሯል። እስከ አሁን active ሆናችሁ መስራት ያልጀመራችሁ ተመዝግባችሁ መስራት ትችላላችሁ። 👇 http/t.m/kLio0Nahio7.HeRaSDK1 http/t.m/kLio0Nahio7.HeRaSDK1
Hammasini ko'rsatish...
Repost from N/a
Hammasini ko'rsatish...
"Seera Uumamaa" Koorsii walitti fufaa B/saa Daani'eel Maammoo kutaa 15ffaa.

Namni kamuu Sababa afaanitiin Mana Kiristaanaa dhiisee ba'uu hin qabu. Afaan Oromiffaatin tajaajila guutuu kenninee mootumaa ishee hin darbineef amantoota qaqqabsiisuun kayyoo keenya hundee Iyyasuus irratti Maxxaneedha. @Lallaba Karaa Baruumsatiin Baruumsi karaa Tv Mana Lubummaa Oromiyaan darbu ilaalamee gulaalamee kan tamsa'u yoo ta'u kallattidhaan warreen hordofuu danda'an qofaaf osoo hin taane warreen @TV illee hin arganneef barsiisonni wangeelaa baruumsa karaa keenyan darbu haalan qalbeeffatanii #Wangeela bakka hedduun ga'uu danda'u. #wayitaawaa Odeeffannoo Haaraafi Amanamaa qaqqabsiisdhaan Tv #OCN yeroo hundumaa hanga isaaf danda'ametti dhaabbata kam irraayyu bilisa ta'ee kamiifuu osoo hin loogin Odeeffannoo Haaraa haala ilaalcha fi baruumsa Mana Kiristaanatiin Amantootaafi Daawwattota biraan ga'uuf ni yaala. OCN Akka dhaabbataati ilaalcha #Amantii malee @Sanyummaafi @bifa @Qabeenya kan ilaallu miti. @Faaruu OCN Faaruu garaagaraa faarfattoota eenyummaa isaanii manni kiristaanaa beektu harkaa fuudhudhaan guutuu addunyaa irratti karaa satellite isaan ni tamsaasa. kun ammoo keessummattu mannen dilbataa baadiyyaa keessatti barattootni baratan salphaatti TV keenya hordofuudhaan faaruu garaagaraa wal qo'achiisuu akka danda'aniif karaa bana. Faaruun ijoodhaan waa sadiif gargaara @Galata @Kadhannaa @Baruumsa isaan kun hundi garuu Amantoota jabeessuuf oolu. @Faarfannaa @Lallaba @Afaan Oromoo @Ortodoksii @faarfannaa_durii @መንፈሳዊ @መዝሙር @ስብከት @ውይይት @ወቅታዊ @ኦርቶዶክስ @ቤተ ክህነት @እምነት@ሲኖዶስ @አቡነ @ማትያስ @ሳዊሮስ @ሄኖክ @ናትናኤል @ኤርሚያስ @ማኅበረ @ተዋሕዶ @ቀሲስ @በላይ @ምህረተአብ @መስቀል @ንስሃ @አዲስ አበባ @ትምህርት @በዓል @አቡነ_ጴጥሮስ @ብፁዕ @ቁልቢ ገብርኤል @ንግስ @ማኅሌት @ሰዓታት @የቆዩ_መዝሙሮች @ዋዜማ @ቅኔ @ቅዳሴ @ቤተ ክርስቲያን @ደብረ @ዜማ @ayyaana @sirna_galatoo @qiddaasee @yeedaloo @dubbisa @baruumsa @koorsii @kennaa @amantaa @oduu @ibsa @kitaaba @qulqulluu #youtube #subscribe @Mana Lubummaa Oromiyaa OCN TV sagalee mana Kiristaanaa.

4👍 2
Abdii qabu garuu dhala hin qabani. Qajeelummaa qabu garuu dhala hin qabani. Waan nama ajaa'ibu immoo Abrihaamii fi Saaraan dhala dhabuu isaaniitiin guyyaa tokkollee walis lolanii, Waaqayyorrattis gungumanii hin beekani. ✍️ Har'a bara kana namoonni hedduun waanuma dhala dhabaniif wal jeequ, galgallii fi ganamni lola, bultii hedduunis sababa dhala dhabummaatiin diigameera. Kaan immoo osooma dhala qabaniiyyuu jaalala hin qabani, gammachuu hin qabani, walii galtee hin qabani. Abrihaamii fi Saaraan garuu, dhala yoo dhaabaniyyuu jaalala qabu. Abrihaamii fi Saaraan Dhala hin qabani garuu gammachuu qabu. Dhala hin qabani garuu walii galtee qabu........... ✍️ Sillaaseenis jaalalaa fi hojii gaarii jaroota kanaa ilaalanii rakkoo isaanii furuuf, isaan eebbisuuf waan dhufaniif Abrihaamiin ofitti waamanii dhala akka argatu itti himan. Saaraanis dubbii kana yemmuu dhageessee ni kolfite. Sillaaseenis Saaraan waan kolfiteef maqaan mucichaayyuu "Yiisaaq" jedhama jedhaniin. 👉 Barumsakoo nan goolaba! Hojiin Abrihaam hojjetee ittiin qulqullaa'e/eebbifame hedduudha! Isaan keessaa gurguddoon:- ➽ Waaqa tolfamaa ganee Waaqa dhugaa barbaaddachuusaa! ➽ Waaqa dhugaadhaaf jedhee waan hundumaa dhiisuusaa! ➽ Keessummaa simachuusaa! ➽ Dhalasaa aarsaa dhiyeessuusaa! ✍️ Egaan Gooftaan Yihuudotaan "Hojii Abrihaam hojjedhaa" kan jedhes isaan kanadha. Yihuudonni jecha qofaan of kuulu/of cululuqsu! Gochaan garuu shaakkittaa'oodha. Jireenyi isaanii maalumaafuu kan hin mijanne walgaaddota! Hidda lafarraa lakkaawwatanii abbaa isaaniitiin(Abrihaamiin) kan dhaadatan, garuu immoo jireenya abbaa isaanii jireenya Abrihaamiin kan hin jiraanne of hin agarreedha. Gooftaa isa hundumaa beeku fuuldurattis qooda baratanii jijjiiramuu qaban, dhaadannoo "Abrihaam abbaa keenya" jedhu qabatanii of jejaaf dhiyaatani. Inni garuu hojii Abrihaam hojjete hojjechuu fi jireenya Abrihaam jiraate jiraachuudhaan yoo ta'e malee; sanyii Abrihaam ta'uu qofaan fayyuun akka hin danda'amne jala sararee itti hime. 👉 Dubbistoota barreeffama kanaa! Dhugaan isiniin jedha! Nutis jireenya gaarii jiraachuuf hojii gaarii hojjechuun dirqama. Jireenya abboota keenyaa qulqullootaa jiraachuuf hojii isaan hojjetan hojjechuun, kan isaan tuffatan tuffannee, kan isaan kabajan immoo kabajuutu nurraa eegama. "Hojii Abrihaamiin hojjedhaa" Br/saa Baacaa Nagaasaa (BTH) Hagayya 28/2015 B.
Hammasini ko'rsatish...
7👍 2💘 1
Abrihaamis yeroo sanatti nama malee Waaqa ijaan argee hin beekuu, kanaaf Waaqummaasaa dhoksee bifa namaatiin itti mul'ate. ➽ Waan inni hawwu/barbaadu fakkaatee itti mul'achuuf. Ammas Waaqayyo yoomiyyuu taanaan wanta nuti amantiidhaan taanee hawwinu/kajeelluu fakkaatee nutti mul'ata. Abrihaam yeroo sana kan inni hawwu/barbaadu keessummaadha/namadha. Waaqayyommoo gatii hojii gaarummaasaatiif Abrihaamiin eebbisuu yaade. Kanaaf waan inni barbaaduun/hawwuun fakkaatee garasaa dhaquun filannoo Waaqayyoo ta'e. ✍️ Abrihaamis ka'ee fiigee sagada Waaqeffannaa isaaniif sagadee; "Gooftaa koo, ani si duratti faara tolaadhaan ilaalameera yoon ta'e, ana garbicha kee bira hin darbin!” jedhe. Uma. 18:3 👉 Keeyyata kutaa kitaaba qulqulluu kana Abboonni akka hiikanitti Abrihaam akkas jechuun isaa; "Ani mana kootti kan si seensisu hojii gaarii hin qabu, ani cubbamaadha, manni koos, lapheen koos, guutummaan jireenya kootii xuraa'aadha, jireenya tokkummaa fi sadummaa keetiin si keessummeessuu danda'u hin qabu, garuu ati arjaa, abbaa dhiifamaa waan taateef fuuldura keetti faara tolaadhaan ilaalameera yoon ta'e na bira hin darbiin gara daasii kootti gori" jechuu isaati jedhu. ➽ Maatii Waaqayyoo! Waaqayyo gara jireenya keenyaatti akka seenuuf, Waaqayyo mana keenya akka daawwatuuf........hojii gaarii qabaachuun barbaachisaadha. Mee yaadaa! Abrihaam hojii gaarii akkasii osoo qabuu kan akkas jedhe anii fi isinoo maal haa jennuu?............ 👉 Abrihaam itti fufees "Mee, bishaan xinnoo isiniif fidee, miilla keessan isiniif dhiqaa, muka kana jalatti aara galfadhaa!; buddeena cabaa tokko isiniif nan fida; isa booddee darbuu in dandeessu, kanaafis gara garbicha keessanii dhuftaniittu'oo" jedheen, isaanis, "Akkuma jette godhi!" jedhan. Uma. 18:4-5. ✍️ Inni amma Abrihaam "miilan siif dhiqa" jedhuun kun, isa Daawit “Yakka koo raawwadhuu ana irraa dhiqi, cubbuu koottiis ana qulleessi!” jedhee kadhate (Far. 51:2), isa bara boodaas kasoominaan gadi jedhee miila Duuka bu'ootasaa dhiqe (Yoh. 13:5-14), isa hunda keenya xurii cubbuurraa nu dhiqu Waaqayyodha. ✍️ Inni amma Abrihaam "daasiikoo keessa boqodhaa" jedhee waamu kun, isa ofii isaatiiyyuu boqonnaa ta'e, lubbuufis fooniifis boqonna isa kennu, "kan dadhabdan garakoo kottaa ani isinan boqochiisaa" jedhee isa nu waamu (Mat. 11:28), isa hundumaaf boqonnaa kennu Waaqayyodha. ✍️ Inni amma Abrihaam buddeena cabduu nyaachisuudhaaf affeeru kun, isa ofiisaatiiyyuu buddeen jireenyaa ta'e, isa waggoota afurtamaaf buddeen/mannaa samiirraa harcaasee Isiraa'eloota soore, isa buddeen shanii fi qurxummii lama namoota kuma shanii ol nyaachise, isa uumama hundumaa barruusaarraa sooru Waaqayyodha. 👉 Abrihaam ".....kanaaf gara mana garbicha keessanii dhuftaniittu'oo" jedhe. Amma Abrihaam kan isatti mul'atan/garasaa kan dhufan kun nama waan itti fakkaataniif; nyaachuudhaaf, dhuguudhaaf, boqochuudhaaf dhufani jedhee yaade. Sababni inni akkasitti yaadeef immoo inni kan durii jalqabee kan baree fi kan inni eegaa ture warreen akkasii(warra nyaatanii dhuganii boqotan) waan ta'eef. Isaan garuu, bifa inni hawwuu fi eeguun yoo dhufaniyyuu, kaayyoon dhufaatii isaanii garuu nyaatanii dhuganii boqochuuf osoo hin taane, isa eebbisuuf, gaddasaa gammachuutti jijjiiruuf, kan inni dhabe kennuufiif, daba diyaabiloos isarratti qindeesse diiguuf ture. ➾ Maatii Waaqayyoo! Yeroo hunda yoo namni gara keenya dhufu ykn yoo nu barbaadu faayidaama dhuunfaa isaatiif qofa waan nu barbaadu nutti hin fakkaatiin. Yeroo tokko tokko namoonni gara jireenya keenyaatti dhufan kan seenaa keenya jijjiiran, kan gara daandiitti nu deebisan, kan eebba nuuf argamsiisan ta'uu danda'u. ✍️ Egaan isaanis(Sillaaseenis) Abrihaamiin "akkuma jette godhi" jedhaniin. Innis miila dhiqee, nyaatas dhiyeesseef. Isaanis erga sooratanii booda Abrihaamitti icciitii tokko (kaayyoo dhufaatiisaanii) itti himan. Icciitichis icciitii rakkoo mana Abrihaam keessa jiru furuuti. Daasii Abrihaam keessa rakkoo tokkotu ture! Rakkochis rakkoo dhala dhabuuti. Abrihaamii fi Saaraan qabeenya qabu garuu dhala hin qabani. Dhaala qabu garuu dhala hin qabani. Amantii qabu garuu dhala hin qabani.
Hammasini ko'rsatish...
💘 2 1
obboleessasaa Looxiin qofa fudhatee ba'ee Waaqayyoon duuka kan bu'e abba amantii dhugaati. ✍️ Maatii Waaqayyoo! Mee keeyyatuma kana keessatti of haa ilaallu. Nuti har'a osoo kitaabni harka keenyarra jiruu, osoo dubbisnuu, osoo barsiisotnii fi hiiktonni kitaabaa hiikanii nu barsiisanii,.......jijjiiramuu dadhabne. Abrihaam garuu ulaagaalee kana keessaa tokkollee osoo isaaf hin guutiin akkasumaan amantiidhaan Waaqayyoon barbaade. Daawit "Ati, 'Fuula koo barbaaddadhu!' akka jette, yaadni garaa koo anatti in hima; ammas ani fuula kee nan barbaaddadha, yaa Waaqayyo fuula kee ana duraa hin dhoksin, garbicha kee dheekkamsaan of irraa hin deebisin!" jedha. ✍️ Abrihaamis amantiidhaan Waaqayyoon barbaadee erga argatee boodas haadha manaasaa fi ilma obboleessa isaarraan kan hafe waan qabu hunda dhiisee isa duuka bu'e. Gara inni isa ajejetti adeeme. Kiristinnaan jalqab hojii cubbuurraa fagaachuudha. Gola dukkanaa keessaa ba'uudha. Isa booda laphee guutuu amanuun of gananii Kiristoos duukaa bu'uudha. Osoo gola dukkanaa keessaa hin ba'iin isa duukaa bu'uun hin danda'amu......... ✍️ Abrihaam Waaqayyoof jedhee waan hundaa dhiise. Anii fi isin hoo? Jireenya hedduu keenyaa keessatti seenaan kun faallaa ta'ee mul'ataa hin jiruu?. Baay'een keenya faallaa seenaa kanaa jiraataa jirraam! Qabeenyaaf jennee Waaqayyoon kan dhiifne meeqan keenyaam! Aangoodhaaf jennee Waaqayyoon kan daganne hedduutu jirraam! Ogummaa fi beekumsa keenyaaf jennee Waaqayyoon kan dhiifne yaraa mitiim! Siyaasaaf jennee, maatii keenyaaf jennee, sanyii/qomlo keenyaaf jennee, hiriyaa jaalalaatiif/kaadhimaaf jennee........Waaqayyoon kan dhiifne lakkoofsa hin qabnu! ➽Kitaabni qulqulluun akkas jedha ture! “Yaa mucaakoo, as ilaali, gurra kees as qabi, firootakee, mana abbaa kees irraanfadhu!” Far. 45:9 “Namni maqaa kootiif jedhee manneen yookiis obboloota yookiis obboleettota yookiis abbaa yookiks haadha yookiis ijoollee yookiis araddaa dhiise, dachaa dhibba in fudhata; jireenya bara baraas in argata.” Mat. 19:29 ➽ Isa hundumaa qabuuf jedhanii hundumaa dhiisuun waan salphaa ture. Nuti garuu faallaa sagalichaa jiraachaa jirra. Waaqayyo qalbii jijjiirrannaan nu haa ga'u! ➽ Wanti nama gaddisiisu immoo warroonni nuti Waaqayyoon dhiifne isaanitti maxxannu kunneen hanga dhumaatti nu waliin hin turani. Nu ganu, nu gatu,.......Abbaa fi haati keenyallee nu dhiisu. “Abbaa fi haati koo na dhiisaniiru, Waaqayyo garuu na simatee.” Faar. 27፥10 ➽ Firootakoo! Addunyaan kun hanga nuti ishee fayyadnutti qofa nu simatti. Abbaanis ta'ee haati, obboleessiis, hiriyaanis, kanneen siifan jira nuun jedhan hunduu kan nuti abdannee duukaa buunu yeroodhaaf nu sossobu malee ni jijjiiamu. Kan nutti hin jijjiiramne, kan nu hin buufne,.....Waaqayyo qofa. Kanammoo bara jireenya keenyaa ishee dabarsine kana keessatti mirkaneeffanneerra! Kanaaf hundaa dhiifnee isa duukaa haa buunu. ✍️ Egaan Abrihaam erga waan hundumaa dhiisee ba'ee booda yeroo muraasaaf qormaatni godaansaa isa mudate. Imalli amantii ulfaataadha. Gaafa Waaqayyoon duukaa bu'uuf ka'amu diyaabiloos kiyyoo qopheessa. Qormaanni ni heddummata. Beela, dheebuu, ari'atama/godaansa, dhukkuba fi kkf simachuun dirqama. Abrihaamis akkasuma ta'e. Sababa beelaatiin godaansa simate. Yeroo muraasa boodas lafa Kana'an irratti bakka Keebroon jedhamtutti ba'ee daandii qaxxaamuraa cinatti daasii/dunkaana buufatee jiraachuu eegale. S.U 13:18 ✍️ Kutaa kitaaba qulqulluu kana keessatti hima "Daandii qaxxaamuraa cinatti daasii buufate" jedhu yoon dubbisu na ajaa'iba. "Maaltu si ajaa'iba?" naan jettanii? ➾ Inni jalqabaa "Daasii buufate" kan jedhudha. Mee nuti waggaa meeqa jiraannaa? Hin beektanii? Eeyyee! Sirriidha! Eenyullee daangaa bara jireenyasaa hin beeku. Haa ta'u malee, nuti amantootni immoo kitaaba qulqulluu( Faar. 89(90):1) wabii/ragaa godhannee barri jireenya ilma namaa waggaa torbaatama, yoo baay'atemmoo saddeetama akka ta'e ni beekna. Sanayyuu gidiraadhaan xumurra. Garuummoo akka nama duuti hin agarree ykn akka nama bara baraan jiraatuutti gamoo irratti gamoo ijaarra. Abrihaam garuu waggaa dhibbaa fi torbaatamii shan(175) jiraate. S.U 25:7.
Hammasini ko'rsatish...
4👍 2
"Hojii Abrihaamiin hojjedhaa!" Yoh. 8:39 ✍️ Sagalee kana kan dubbate umaa Abrihaam, uumaa keenya kan ta'e; Abrihaamiin dura Abbaasaa fi Afuura qulqulluu wajjin tokkummaa fi sadummaadhaan waaqeffamaa kan ture, Abrihaamittis tokkummaa fi sadummaa isaatiin nama fakkaatee kan itti mul'ate, Abrihaamiin boodas qaama sadan keessaa sanyii Abrihaamirraa foon uffachuun gonka nama kan ta'e, ilma Waaqayyoo Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos yoo ta'u; kan inni dubbateefis "Sanyii Abrihaam" kan ofiin jedhan, garuummoo hojii fi amantiidhaan Abrihaamiin kan hin fakkaanne, Yihuudotaafi. ✍️ Kaayyoon barumsa kanaa immoo nuti kiristiyaanonni kiristiyaanummaa keenya qofaan dhaadachuu/boonuu; "Qulqullootaa qabna, ergamoota qabna..........." jechuu qofa osoo hin taane, hojii gaarii kiristiyaanummaa akka qabaannu, jireenya qulqullootaa akka jiraannuuf nu hubachiisuufi. Waaqni Abrihaam icciitiisaa nuuf ibsee nu haa barsiisu, kan barannuunis akka jiraannu nu haa gargaaru. ✍️ Guutummaa yaada sagalee kanaa kan argannu wangeela Gooftaa keenyaa isa qulqullichi Yohaannis barreesse 8:31-59 dubbisaa! Keeyyata kutaa kitaaba qulqulluu kana irratti Gooftaan keenya dhugaatti amanuun akka nama fayyadu, dhugaan birmaduu/bilisa akka nama baasu yoo barsiisu Yihuudonni immoo "Nuti sanyii Abrihaamii, Abbaan keenya Abrihaamii" jedhanii dhaadachuu eegalan! Barumsasaa tuffachuu/mormuu isaaniiti. Dhugaa jibbuu isaaniiti. Yeroo kanadhagaa Gooftaan gocha isaanii fi jecha isaanii madaalee ilaalee waan wal hin fakkaanneef "osoo ijoollee/sanyii Abrihaam taataniiwoo hojii Abrihaamiin hojjettu turtan........." jedheen. Ijoollee/sanyii Abrihaam ta'uu keessan afaan qofaa osoo hin taane hojiidhaan agarsiisaa jechuu isaati. Ijoollee Abrihaam ta'uu keessan jechaan qofa osoo hin taane gochaanis agarsiisaa jechuu isaati. Gabaabumatti "Hojii Abrihaamiin hojjedhaa, jireenya Abrihaamiin jiraadhaa" jechuu isaati. Sababiin isaas osoo hojiidhaan hin fakkaatiin afaan qoofan "sanyii Abrihaam, ijoollee Abrihaam........." jechuun fayyina hin ta'u waan ta'ee. Kanas Yohaannis cuuphichi osoo Gooftaan barumsaasaa hin eegaliin dursee yoo daandii qulqulleessu; “Abbaan keenya Abrahaamiidha jettanii kan galtan isinitti hin fakkaatin Waaqayyo dhagoota kanattii Abrahaamiif ijoollee kaasuu akka danda'u isinitti nan hima.” jechuudhaan Faarisotaa fi Saduuqota yoo akeekkachiisu ni argina. Mat. 3:9 ✍️ Obbolootakoo! Jecha qofaan 'ani kan abaluuti' jedhanii maqaa qulqullootaa fi abbootaatii dhaadachuun fayyina nuuf hin ta'u! Hojii isaanii hojjechuu, jireenya isaanii jiraachuun dirqama. Waanan jechaa jiru kun isiniif gala mitii? "Mucaa tewaahidoo" ofiin jechuun qofti bu'aa hin qabu, barumsa tewaahidoon barsiiftuun seerashee eeganii yoo jiraatan malee. "Mucaa Maariyaamii, mucaa Mikaa'elii, mucaa Takliyyee..........." jechuun qofti fayyina hin ta'u, si'iilii qulqullootaatti maxxananii suuraa ka'uunis qofaasaa gatii hin qabu, jireenya isaanii yoo jiraanne, hojii isaanii yoo hojjenne malee! ➽ "Ani mucaa Waaqayyooti" jechuuniyyuu qofaasaatti hiika hin qabu! Akka eyyema Waaqayyootti jiraachuu, abboommiisaa eeguutu barbaachisa. Kanaafidha Gooftaanis; "Jaalala abbaa koo isa samii irraa nama hojjetutu mootummaa waaqaatti gala malee, namni, 'Yaa gooftaa, yaa gooftaa' naan jechuu duwwaadhaan itti gala miti.” kan jedheef. Mat. 7:21. Kanaafuu haala irra jirru of haa sakattaanu. 👉 Gara duubbii ijoottan isin deebisa. Caqasa ka'umsa godhannee kaane kana (Yoh. 8:31-59) isin guutummaa keeyyatichaa dubbisaa, ani garuu keeyyatuma kana irratti qabxii lama ijoo godhadheen waa jedha. Abrihaam eenyu? Hojiinsaawoo maal ture? ✍️ Gaaffii kana deebisuuf gara boodaatti deebinee seenaasaa kitaaba seera dhalootaa/uumamaa 12:1 irraa eegallee ilaalla. Eeyyee! Nan beeka! Seenaa kana kanaan dura barattaniis ta'u, dubbistanii beektu. Garuu, sagaleen Waaqayyoo yeroo hunda haaraa waan ta'eef, yoo waa xiqqoo irraa argattan hin beekamuuti dubbisaa!
Hammasini ko'rsatish...
5
Waggaa hamma kanatti garuu "gamoorratti gamoon ijaarradha" hin jenne ykn "manuma sadarkaasaa eeggaten ijaarradha" hin jenne. "Daasii buufate" jedha kitaabni qulqulluun. Maarree garaagarummaan Abrihaamii fi nu gidduu jiru nama hin ajaa'ibuuree? Anaan na ajaa'ibeera. Mee qooyyabaa! Abrihaam waggaa 175 tti daasii erga buufatee, nuti bara gabaabduu kanatti maal keessa jiraachuutu nuuf mala turee? Feestaalii haphiin(ሲስ ፌስታል) nutti xiqqaata jettuu? Abrihaam dheerina umuriisaas yoo jenne, qabeenyas yoo jenne gamoo ijaaruuf wanti isa daangessu hin jiru ture. Inni garuu jireenyi biyya lafaa kan bu'aa hin qabne ta'uushee waan hubateef lafarratti daasii buufatee samiirrattimmoo gamoo isa hin diigamne ijaarrate. Nuti garuu, dhugaan kun waan nu jalaa badeef, lafarratti gamoo walirratti tarreessinee ijaarra, samiirraawoo daasii qabnaa laata? Umurii gabaabbachuurraan kan ka'emmoo kanumti gamoo ijaaruu jalqabee osoo hin xumuriin hirriba isa dhuma hin qabneen fudhatamus jiraam. Nuti warri ammaaf hin waamamnemmoo kanas hubachaa hin jirru. Tokko kanatu na ajaa'iba! ➾ Inni lammaffaan kan na ajaa'ibu daandii qaxxaamuraa cina buufachuu isaati. Bakka hin dhibne keessaa daandii cina buufachuun maaliif barbaachisee? መቼም namoota daandiirra darban deeggarsa kadhachuuf akka hin jenne qabeenya qaba. Miidhagina manasaa agarsiifachuufi akka hin jennemmoo daasiin maalsaatu miidhagaa? Maarree maaliif daandii cina buufatee? Akka daldalaaf isaaf mijatuufii laata? Moo saamichaaf laata? ✍️ Nan amana! Har'a bara keenya manneen daandii cinatti ijaaraman faayidaan isaan kennan warroota armaan olitti caqafamaniin ala miti. Baay'een isaanii mana hanni/samichi itti geggeeffamudha! Baay'een isaanii agarsiifannaaf kan ijaaramanidha. Baay'een isaanii mana ejjaati. Baay'een isaanii mana daldalaati. Namoonni gabaa hedduu argachuuf mana daandii cinaatti ijaaru. ✍️ Daasiin Abrihaam garuu kaayyoo fi karoora kanneenirraa adda ta'e, hojii qulqullummaatiif daandii cina dhaabbatte. Hojichis hojii keessummaa simachuuti. Abrihaamii fi Saaraan daandii cina daasii buufatanii keessumma simatu ture! Isa beela'e nyaachisu, isa dheebote obaasu, isa aduun itti dhihe bulchu, kan dadhabe boqochiisu,.....walumaa galatti daasii daandii cinaa sana keessatti hojii gaarii Waaqayyoon gammachiise, kan isaaniinis eebbisiisee fi galateeffachiise hojjetaa turan. Abrihaam immoo inumaayyuu yoo keessummaan hin dhufne nyaata hin nyaatu ture. Hagabuu oolee hagabuu bula! Seeyixannis hojii gaarummaasaa kan waan inaafeef of buruqsee daandiirra taa'uun akka namoonni gara mana Abrihaam hin deemne danqaa ture. Abrihaamis yemmuu keessummaan manasaarraa citu "Maalan balleesse laataa?" jedhee guyyaa sadii fi halkan sadiif nyaata lagate. Bara seerri soomii/laguu hin tumamne sanatti Abrihaam sooma ofirratti tume. Bara labsiin soomii hin baane sana keessa Abrihaam sooma ofirratti labse. Amma bara keenya namoonni hedduun garaa isaanii dadhabanii seera soomii kan diigan, labsii soomii kan morman danuudha. Abrihaam garuu "hangan keessummaa argadhutti hin nyaadhu" jedhee guyyaa sadii guutuu yoo soomu; Sillaaseen dadhabbiisaa, soomasaa, kadhannaasaa, imimmaansaa, boo'ichasaa, hawwiisaa fi hojii gaariisaa ilaalanii daba diyaabiloosiin diiguudhaaf tokkummaa fi sadummaadhaan gara mana Abrihaamitti bifa namaatiin keessummaa fakkaatanii dhufan. “Abrihaam ol ilaalee namoonni sadii isa dura dhaabachuu isaanii arge” Uma. 18:2 ✍️ Abrihaam hojii gaarummaasaa kanaan osoo hin beekiin Sillaasee simate. Qulqullichi Phaawuloos; “Keessummoota simuu hin dagatinaa! Karaa kanaa namoonni utuu hin beekin ergamoota Waaqayyoo simataniiru.” jedha. Ibr. 13:2 Inni Xoobitii fi Xoobiyaadhaaf jedhe! Abrihaam garuu uumaa ergamootaa Sillaasee simate. 👉 "Sillaaseen maaliif bifa namaatiin itti mul'ataniii⁉️" yoo jedhame; ➽ Waan inni beekuun/waan gitasaa ta'een itti mul'achuuf. Waaqayyo yoomiyyuu taanaan waan nuti kanaan dura arginee beeknu/waan gita keenya ta'e fakkaatee nutti mul'ata. Waan humna keenyaan oliitiin nutti mul'atee nu rifaasisuun kaayyoo Waaqayyoo miti.
Hammasini ko'rsatish...
3
Abrihaam eenyu? ✍️ S.U. 11:26 irratti akka ilaallutti Abban Abrihaam Taaraa jedhama. Akka abboonni kutaa kitaaba kanaa hiikanitti immoo Abbaan Abrihaam Taaraan nama waaqa-harkee ykn waaqa tolfamaa soofee gurguruudhaan ittiin jiraatu ture. Guyyoota keessaa guyyaa tokko ilmasaa Abrihaamiin "waaqa tolfamaa kana gurgurii kottu" jedhee gara gabaatti erge. Abrihaamis osoo daandiirra jiruu in beela'e, in dheebotes. Yeros waaqa tolfamichaan "Yoo waaqa taate beela'eeraa mee waa na nyaachisi, dheebodheeraa mee na obaasi" jedheen. Inni garuu jalaa callise! Abrihaam ammoo "tolee na nyaachisuu fi na obaasuu yoo dhiiftemmoo mee akkan hin mukoofne na haasofsiisi" jedheen. Inni garuu ammas homaa itti hin dubbanne. ➽ Faarfatichi Daawit waa'ee waaqa tolfamoo akkas jedha; "Waaqoliin ormootaa warqii fi birriirraa harka namaatiin kan hojjetamanidha. Isaan afaan qabu garuu hin dubbatan, ija qabu garuu hin argan/hin ilaalan, gurra qabu garuu hin dhaga'an, funyaan qabu garuu hin fuunfatan, afuura qabu garuu hin harganan/afaan isaanii keessa hin jiru; warri isaan kana hojjetanis, warri isaan kanatti amananis hunduu akka isaanii haa ta'an." jedha. Faar. 135:15-18 ✍️ Waaqni Taaraan waaqessuu fi daldalus Abrihaamiif deebii kennuu hin dandeenye. Abrihaamis gabaa ga'ee "Osoo ija qabuu kan hin ilaalle, osoo gurra qabuu kan hin dhageenye, osoo afaan qabuu kan hin dubbanne, waaqni keessan as jiraa kottaa bitadhaa" jedhee iyyuutti ka'e. Namoonni isa beekan "kun ilma Taaraa mitii? Ni maraatemoo?" jechaa itti qoosaa deemu. Namoonni isa hin beeknemmoo " Kan inni salphise eenyutu kabajee bitaayyuu fidee dhufee iyyaa?" jechaa bira darbanii deemu ture. Yemmuu galgalaa'us Abrihaam waan aareef "durayyuu anatu hin beekne malee ati qoraaniif kan uumamte mukadha malee waaqa miti" jedhee dhagaadhaan tumee burkuteessee Waaqa kan biraa barbaaddachuu eegale. Seenaa kana hundi keessanuu gadi fageenyaan waan beektaniif isatti yeroo keessan hin gubu kallattumaan gara dubbii ijoottan isin geessa. Abrihaamis qorannoo fi yaalii waaqeffannaa hedduu erga geggeessee booda kan inni qoratee fi waaqessuuf yaale hunduu uumama ta'uu isaanii yoo mirkaneeffatu dhuma irratti "Yaa Waaqa biiftuu/aduu natti dubbadhu, kan na uumte Waaqni dhugaan eessa jirtaa? Natti mul'adhu; ogummaan koo dhumeera, barbaachi koos goolabameera, maaloo nan joorsiin na boqochiisi" jedhee yoo kadhatu Waaqayyos; "Abrihaam Abrihaam, "Biyya kee keessaa, lammii kee keessaa, mana abbaa kee keessaas ba'iitii gara biyya ani si argisiisuu dhaqi! Ani saba guddaa sin godha, sin eebbisa, maqaa kee nan guddisa, eebbaafis in taata. Warra si eebbisan nan eebbisa, warra si abaaranis nan abaara, qomoon biyya lafaa irraa hundinuu sababii keetiif in eebbifamu" jedhe. S.U. 12:1-3 ✍️ Abrihaamis "kun akkamittiin ta'aa?" jedhee osoo hin shakkiin, osoo oolee hin buliin qajeelfama Waaqummaa sana fudhatee gara ajejametti imala eegale....... Hojiin Abrihaam hojjete maali? ✍️ Gooftaa keenya qoricha keenya Iyyesuus Kiristoosiin dabalatee barsiisotnii fi barreessitootni kitaaba qulqulluu hedduun Abrihaam abba amantii ta'uusaa fi amantii isaas hojiidhaan kan agarsiise ta'uusaa caqasuun dhaloonnis hojii Abrihaam kana akka hojjetuuf kutaalee kitaaba qulqulluu keessaa bakka hedduutti caqasaniiru. Fakkeenyaaf:- “Gara abbaa keessan gara Abrihaam, gara Saaraa ishee isin deessees ilaalaa.” Isa. 51:2 "Abrihaamiin yoo ilaalle, Inni Waaqayyoon amanate, kunis qajeelummaatti lakkaa'ameef" Gal. 3:6 “Inni caaffata qulqullaa'aa keessaa, "Abrihaam Waaqayyoon amanate, kunis qajeelummaatti in lakkaa'ameef" jedhu in raawwatame; inni fira Waaqayyoo jedhamee in waamame.” Yaq. 2:23 ✍️ Egaan hojiin gaariin Abrihaam hojjetee ittiin galateeffatame, kan nutis akka hojjennuuf ajejamne kun maalidha yoo jenne; ✍️ Abrihaam Bara dukkanaa sana, bara kitaabni hin barreeffamiin sana, bara lallabdoo/barsiisotnii fi hiiktonni kitaabaa hin jirre sana, bara seerri hin tumamiin bara seera lapheetiin bulamu sana tattaaffii mataa isaatiin Waaqayyoon barbaadee kan argatee fi Waaqayyoofis jedhee maatiisaa, qe'ee dhalootasaa fi biyyasaa dhiisee haadha manaasaa Saaraa fi ilma
Hammasini ko'rsatish...
4
Boshqa reja tanlang

Joriy rejangiz faqat 5 ta kanal uchun analitika imkoniyatini beradi. Ko'proq olish uchun, iltimos, boshqa reja tanlang.