cookie

ما از کوکی‌ها برای بهبود تجربه مرور شما استفاده می‌کنیم. با کلیک کردن بر روی «پذیرش همه»، شما با استفاده از کوکی‌ها موافقت می‌کنید.

avatar

Walaloo Ortodoksii

“Waaqayyo karaa tokko, karaa lamas ni dubbata.” (Iyo.33:14). Dubbii sagalee Waaqayyoo bifa Walaloon baranna! Walaloo nuu erguuf: @Sanyiimulaatuu

نمایش بیشتر
فنلندة1 651زبان مشخص نشده استدین و مذهبی26 851
پست‌های تبلیغاتی
3 413
مشترکین
+224 ساعت
+217 روز
+10230 روز

در حال بارگیری داده...

معدل نمو المشتركين

در حال بارگیری داده...

Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Afuura Qulqulluu Sadaan Waaqa Tokkoon Ameen Kutaa 2ffaaf isa xumuraati. ...iji cubbuukoo haguugamaa... Waa'eenkee hin qoosamuu gaarummaan hojiikee Danda'aa cubbuu kootii du'aa kaastaa mucaakee Nutoo siin qabna kanaaf boonna nutii ijoolleenkee Kan kee kun ajaa'ibsiisaadha gaafa ilaalan hojiinkee Garaakoon dadhabe,imimmaan fuula na dhiqee waa'eekeef Na marartaa siin mararsiifadhees,naaf duuteem Cubbuukoof Ba'aa koo naaf eeltee alangeen dirrikee dhaanamee gubatee Rakkoo koof cubbuukoo simalee,eenyuree kan naaf hubatee? Waa'eekee gaafan yaaduu gochaa abbummaakee Isa naaf dhiphattee wareegama hedduu naaf taatee Abbaan eebbifamaa gammachiisaan mucaa kee Kan naaf taatee anaaf atii waan hundumaa gootee Dhiphinni kee gaaf jimaata kanaaf garaankoo raafama Gochaan abbummaakeen iji cubbuukoo haguugamaa Garaa laafessa Abbaa atii danda'a waan hundumaa Dhiphinnikee hundii na duraa jiraam guyyaa hundumaa Yoon siif walaleessee faarfadhe,lallabee waaqeffadhu Garaan diinota akkaan gubate na loluuf isaan ariifatuu Anii yoomiyyuu sin waaqessaa maqaakee hin galaafadhu Warraa naan mormaan aangookeen kan narraa ariituu Kaballaan dhaanamtee,naatookee bareedaatti hanchufa Reebichaan madoofte qorees mataattii si baachisanii Waa'ee Waaqummaa keettii qoosaa hanchufa sitti tufaa Yihuudoonni akkanni fannifamuu akka malee itti wacanii Hoolaan cidhaa qalmaaf deemuu callisee kan qalamuu Garraamiin akka gugee Waaqummaasaan kan kabalamuu Gaarii nuuf yaadeeti kan ofii fuullii dhiigaan diimatee Balleessaan lubbuu hojiin Seexanaas kanaaf isaan diigamtee Dhangala'ee dhiignikee Qulqulluun addunyaa kan fayyisee Mukaa jiidhaarratti fannifamtee lubbuukoo naaf obaastee Kabaja morma koorraa mallattoo jaalalaan kan na moosisee Waa'ee mootummaa kees cimsitee kan nuun barsiiftee Waaqummaakee kan mormanii obboloonni Musiliimaa Kan Waaqummaakee ganee jiraatuu warrii siin mormanii Bor baduuf jiruu isaan kan isaanii mannisaani ibiddumaa Anii siin ganuu sin gannes waaqummaakee hin shakkuunii Hundaarratti mootee mootii bara baraan mo'ee jiraatuu Gaddaaf dhiphina rakkinaaf ballinaan nu waliin hirmaateetu Gaddaa koof jajjabina,rakkinaa koof obsaa naaf laatteetu Kanaaf garaan koo siif raafame waa'eekeef walaleesseetu ..........................................itti fufa.............................................. @yaaqulqulleettiinuufkadhadhu Garbicha Sillaasee kanaaf immoo naaf kadhadhaa adaraa keessan❝Garbicha Tsaadiqin jedhama❞ Walaleessaan Walaloo Diyaaqon Sanyii Mulaatuu Finfinnee Oromiyaa⚫️🔴⚪️
نمایش همه...
🥰 11 6👍 5
Photo unavailableShow in Telegram
Yoo barbaaddee dacheerra deemaa dubbiikee barsiiftee Cubbamoota danuu humnaaf aangoo keen kan fayyiftee Hunduu raajiikee ilaalaa hojiikee daraan ajaa'ibsiifachaa Namoota siif bitamaan filtee bartootakee godhachaa
نمایش همه...
27🥰 6🙏 2
Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Afuura Qulqulluu Sadaan Waaqa Tokkoon Ameen ...waanuma naaf hin taanee maal qabda?... Yoo barbaaddee cubbuu koof waadaa galtee Na fayyisuuf naaf ofitti murtee naa kakattee Waadaa bannee kan hin jijjiramnee naaf seentee Lubbuukee wareegdee foonkee naaf burkuteessitee Yoo barbaaddee ergamaakee gara Galiilaatti ergitee Sagalee gammachuu akkanni itti himuuf abbomtee Innis deemee gara Galiilaatti kakuu cimaa baatee Dhaqee gammachiisee qulqulleetti durboo kabajamtee Yoo barbaaddee waadaakee kabajjee biyyaa lafa dhuftee Garaa durboo keessa bultookee dhugaa kan godhattee Nuun nu jaallattee nu fayyisuuf ati kan jaallattee Magaalaa Daawwit keessaatti durboorraa nuuf dhalattee Dhalachuu keetiin dacheen iftee gammachuun guutamtee Dukkanni si'ool ifaan hedduu kan guutamtee argamtee Lubbuun si'ool keessaa akkaan Gammadaa burraaqaa Waan hin eegiin gaafa argaan waan akka aduu Barraaqaa Yoo barbaaddee dacheerra deemaa dubbiikee barsiiftee Cubbamoota danuu humnaaf aangoo keen kan fayyiftee Hunduu raajiikee ilaalaa hojiikee daraan ajaa'ibsiifachaa Namoota siif bitamaan filtee bartootakee godhachaa Yoo barbaaddee aangoo keetiin isaaniin geggeessaa Humna afuuraakeen isaaniin daraan jajjabeessaa Barumsakee dubbii abbaakeef afuura Qulqulluuni Hundumaa laatteefi isaaniin geeggeessaa jiraachuuni Aangoonkee jabaa eenyuutu ga’aa hamma kee kanaa Tasumaa hin jiru hin dhalatuus lamuu deebi'ee jarana Mootii,Gooftaa,Waaqa Waaqoota hundarratti mootee Bara baraan atii kan jiraattuu kanaaf nuufis abbaa taatee Yoo barbaaddees dhugaan nuuf wareegamtee nu fayyiftee Dadhabe kufee humna kan hin qabnee ol kaastee hirkistee Akkanni jabaatee siif garboomuuf humna waaqummaan hiitee Utuu siin qabnuu utuu atii nuuf jirtuu abdiin jiraannaa manakee ...... walaloon kun hin xumuramne kutaan lammaffaa itti fufaa...... @yaaqulqulleettiinuufkadhadhu Walaleessaan Walaloo Dn Sanyii Oromiyaa Finfinnee⚫️🔴⚪️
نمایش همه...
🥰 11 6👍 4
Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Afuura Qulqulluu Sadaan Waaqa Tokkoon Ameen Nagaan Waaqayyoo isiniif yaa baayyeetu akkam jirtu yaa maatii Sillaasee nagaa keessani? Anis nagaa kootii galata Sillaasee kootii. Maal jedheen dhiifama isin gaafadha laata?😭 Maal jedheen fuula keessan dura dhaabbadhaa? Maal jedhee akkan eegaluun dhabee sababnisaas namoonni hedduun keessan walaloo mataa duree hedduu naaf ergaa turtani.Anis deebii isiniif laachuu hin dandeenye kanaaf garaan keessan akka nattii gaddu,nattis gaddee tilmaamuun nan rakkisuu.ta'uus arguus dhaga'uus dhabee miti yeroo sanatti haala rakkisaa keessan turee.keessuma obboleessaako maqaan isaa ❝NUGEEKOO❞ jedhee banatee addattin dhiifama si gaafachuun barbaadaa waadaakee siif milkeessuu dadhabuu kootti dhiifama maqaa sillaaseen siin jechuun barbaada. Obboleessakoo kanaa qofaas miti namoonni muraasni keessan jirtu kanaaf anis rakkoo/qormaata hamaa keessan turee.Qormaatichas haga harraatti hin milkoofnee wal dhaansootti jirra.utuun qorumsa hama kana keessa jiru maatii gruop kanaatin maqaa Sillaaseen warri nattii gadditaan dhiifama*3 Eeyyama isaa ta'ee bor walaloo mataa dureen isaa ❝waanuma naaf hin taanee hin jiru❞ kan jedhuun dhufaan jira. Adaraa keessan Uumaa keenyaa Qüļqűllëěţţïį Sillaasee akka naaf kadhattan isin gaafadha.GARBICHA TSAADIQ🤲🤲🤲 Dn Sanyii Mulaatuuti. Nagaa Wajjiin
نمایش همه...
20👏 11🥰 7👍 1
Photo unavailableShow in Telegram
Yihuudonni qaana’uun of wallaalanii Gooftaan du'aa ka'uu ijaan gaafa arganii Itti fakkaatee waan ekeraan jiraatee Innoo foon uffatee du'aa ka'a kanaa kakate
نمایش همه...
51👍 18💯 11🥰 5🙏 5
Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Afuura Qulqulluu Waaqayyoo Tokkotti Ni Amanna Ashamaa akkam jirtuu hundii keessaani Biyya alaaf keessaa martuu bagaa geessanii Ayyaana waggaa ayyaantuu argaa dhugumaani Isin ishoo baga geessani hundumtii keessanii ...Duuti Sin Moone!!!... Waaqa Abbaa keenyaa du'aa mo’ee Galatan ka'ee inni samiitti ol ba'ee Ergamootaan marfamee du'aa ka'ee Aangoo isaatiinis du'aa ka’uu danda'ee Ilmii Maariyaami cubbuu keenyaaf jedhe Ulfina isaa dhiisee gadii of deebisee Guyyaa sadii booda du'aa nan ka’a jedhee Durbeen nu badhaaftee kunooti deesse Yihuudonni qaana’uun of wallaalanii Gooftaan du'aa ka'uu ijaan gaafa arganii Itti fakkaatee waan ekeraan jiraatee Innoo foon uffatee du'aa ka'a kanaa kakate Aangoonkee guddaa ofiin du'aa ka'unkee Nama aja'ibaa waa'een hojii Waaqummaakee Waaqni akka keeti hin jiru dinqiidha hojiinkee Addunyaan hundi argeera aangoof jabinakee Seexanni Diinni hidhaatti gadi darbatamee Lubbuu Ijoollee waaqaaf jireenyi labsame Kan du’aaf yaadamee jireenyaaf akeekaame Duuti keenya hafee jireenyaaf yaadamee Abdii dhabnee gaafa yaaddoon miidhamne Gammachuu dhabnee gaddaan guutamnee Gooftaa dagachuun Seexanaan garboomne Afuura xuraa’oo Seexanaan kan ulfoofnee Danda'an hundumaa gooftaan bara baraa Waaqni qulqullootaa nuuf ta'eera araraa Gochaa diina nurraa kaaseera gooftaani Galatoomi Waaqayyoo nuuf jecha duuteeni Du'a hin sodaattu simachuuf itti deemtaa Goota lafaaf samii ati hundumaa mootaa Cubbuu keenyaaf kan du’ee sumaa gooftaa Abdiin keenyaa sumaa nun nuu boqochiifta Guyyaa sadiif garaa lafaa keessa jiraattee Gaafa ka'umsakee ergamootaan marfamtee Aangoo yihudoota waan hundaan qaanessite Du'i keenya hafeera kunoo jireenyaatti jijjiirtee Galanni kan keetii kaleessas harras ta'uu borii Ani yoomiyyuu kan keetii dhugaa ilmaakeeti bari Ani simalees hin qabu ati abbaakoo na gargaari Du'aa bara baraarra maqaa keetiif jedhii na baraarii Ililleen Gammada hundumtuu ka'eera du’aa gooftaani Gammachuun nuuf ta’eera du'aa moo'e ka'uusaatini Gammadeetan ililchaa anis cubbaama arrabaa kootiini Galannikeeti samiif lafaa gubbaarrattis ati mootiini ...........................................Itti Fufa....................................... @yaaqulqulleettiinuufkadhadhu👈Join join taasisaa itti makamaa. Walaleessaan Walaloon D/n Sanyii Mulaatuu. BAGA GEESSAN!!!💠
نمایش همه...
19👍 6👏 5
Photo unavailableShow in Telegram
Nutti Araarami💔 Cubbuu Keenyaaf Dhiifama
نمایش همه...
😭 52💔 20 5👍 1😢 1
Photo unavailableShow in Telegram
Fuulakee gaafan ilaaluu fuulakootu dhiigaa uffataa Reebicha irraan kan ka'ee lafeenkee bakkeetti mula'ata Rakkinaa kee argee eenyuutu siif hubatee dirmatee? Qofaa kee naaf duutee ananimmoo lubbuukoo oolfatte
نمایش همه...
😭 68 12😁 1
Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokkoo Ameen ... burkutaayee ciccitee... Fannookee jalattii argannee haadha keenyaa Kennaa bara baraa lubbuu keenyaaf beenyaa Badhaasa haadhummaa kennaa jaalalakeetii Eessaattiyyuu hin argamuu Abbaan akka keetii Yohaannis jaalalleen Gooftaa isaa walin deemee Badhaasaf Gooftaa walin garaasitti argame Ilma ishee tokkicha fannoorratti agartee Imimmaan loolastee fannoorrattii ilaaltee Obsuu hin dandeenyee haatii mucaa tokkoo Isa walin isheen kan agartee hedduu rakkoo Akkamin haa callistuu durbeen Maariyaami? Maaloo boo'ichaa isheef jedhii nuttii araaramii Gammoojjii Gibxii keessa isa walin deemtee Mucaa isheef jechaa kan walin achitti godantee Garaa dhala akkamin callistii durbeen haatii isaa? Itti huursaanii Qaraaniyoo gubbaatti fannisaa! Akka hoolaa qalmaaf deemtuu ati callistee Gochawwan isaani hundumaa kan simattee Gaarii malee hin beektuu dubbachuu hamaa Hoolaa Faasiikaa dhiigaan faayyiftee nama Gonfoo qoree gochuun mataatti tolchuuni Mataa Gooftaa waranaani hedduu dhiigsaanii Ilmaa waaqayyoo gidirsaa lafarraa harkisaa Dhiigaasa Qulqulluu lafaatti gadii lolasaa Anaaf jecha cubbuu koof dhiigaakee dhangalaasaa Foonkee Qulqulluu anaaf jecha burkutaayee cicciitee Abbaa gar-lafeessaa ati lubbuukoof badhaasa Durboon Haatikee rakkookee ilaaltee siif dhiphattee Fannoo jiidhaa sii bachisaa shimalaan dhaanamtee Dadhabe kufee akka nama gadii of qabe gooftaani Jaalalaan nama hundumaa dhiigaa keen kan bittee Mootii mootota Waaqayyoo hundumaa sidha gooftaani Maalummaakoo jaallatte kan naaf dhiigdee ati? Ani maalin siif godhee garafeen sii dhiiksee kalee Badiinkoo guddaadha naaf dhiiftee gooftaakoo ati Abbummaa keetin argatte kabaja lubbuunkoo hamilee Fuulakee gaafan ilaaluu fuulakootu dhiigaa uffataa Reebicha irraan kan ka'ee lafeenkee bakkeetti mula'ata Rakkinaa kee argee eenyuutu siif hubatee dirmatee? Qofaa kee naaf duutee ananimmoo lubbuukoo oolfatte Kabaja bara baraa siif haa ta’uu cubbaaman arrabnikoo Galatoomi waaqakoo teessoo keerraatti argadhuu ulfinaa Naaf galatoomi dhugaa ani siifan jiraadha Abbaakoo Galanni Abbaaf Ilmaaf Afuura Qulqulluuf dhiifnaa Deessee kan nuu badhaafteef deessuu waaqayyoof Irrattii fannifamee kan nu fayyisee fannoo waaqayyoof Eegumsa isaaniin kan nu eegan ergamoota waaqayyoof Kadhannaa isaaniin kan nu gargaran qulqulloota waaqayyoof GALANNI HAA TA'U BARA HAMMA BARAATTI AMEEN❗️❗️❗️ ...............................itti fufa......................... @yaaqulqulleettiinuufkadhadhu Walaleessaan Walaloo Dn/Sanyii Mulaatuu Ittaanaa Oromiyaa,Finfinnee
نمایش همه...
😭 20👍 9 5
Photo unavailableShow in Telegram
Jaalalakee dhugaa nutti agarsiiftee fannoorratti Lubbuukee nuuf laattee guddummaakee dagattee Jaalala abbummaakee tolaa hojiikee baranneeti Fayyina argannee lubbuun nu gammadee jiraattee Garbichaa Tsaadiqin jedhama naaf kadhadha adaraa🤲
نمایش همه...
29🥰 15👍 5🙏 5