ABDI MEDIA💥
Kanalga Telegram’da o‘tish
3 786
Obunachilar
-424 soatlar
+3447 kunlar
+34230 kunlar
Postlar arxiv
3 786
Carraa 'Iskoolaarshiippii Pirezidaantummaa' Addaa Yunivarsiitii Finfinnee!
Yunivarsiitiin Finfinnee bara barnootaa 2019 barattoota ciccimoodhaaf carraa barumsa bilisaa addaa, 'Iskoolaarshiippii Pirezidaantummaa' (Presidential Scholarship) iddoo 200 qopheessuu isaa ifoomseera.
Carraa kanaaf kan dorgomuu danda'an barattoota qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2018 fudhatanii qabxii 500 fi isaa ol galmeessan, ulaagaalee biroo taa'an guutanii fi qormaata seensaa yunivarsiitichaa (UAT) gahumsaan darban qofa akka ta'e ibsameera. Barattoonni carraa addaa kana argatan sagantaalee digirii jalqabaa kolleejjota yunivarsiitichaa torbaa fi Mana Barumsaa Seeraa jalatti ramadamanii kan baratan ta'a.
Faayidaaleen iskoolaarshiippii kanaa barnoota guutummaatti bilisa ta'e, kaffaltii maallaqa harkaa madaalawaa ta'ee fi deeggarsaa fi leenjii dabalataa dhaabbileen michuu ta'an waliin kennamu kan of keessatti hammatuudha. Akkasumas, barattoonni kunniin gara fuulduraatti carraa barnoota digirii lammaffaa (Masters) fi sadaffaa (PhD) yunivarsiitichuma keessatti bilisaan kan argatan ta'uu eereera. Haa ta'u malee, barattoonni carraa kanatti itti fufiinsaan fayyadamuuf, semisteera hundatti qabxii waliigalaa (CGPA) 3.50 fi isaa ol fiduu kan qabanii fi damee barnootaa itti ramadaman irratti itti fufuun dirqama isaaniiti.
Akkuma kanaan dura gabaasnee turre, galmeen barattoota haaraa sagantaa digirii jalqabaa bara 2019 hanga Hagayya 29, 2018 qofa kan turu waan ta'eef, barattoonni ulaagaa kana guuttan daftanii akka galmooftan hubachiifameera.
Odeeffannoo dabalataaf liinkii asii gadii kana tuquun ilaaluu ni dandeessu:
👉 https://admission.aau.edu.et/UGAnnouncements
3 786
+3
RAAJII ADDAATIIN!🫢
(Obbolaa lakkuun, qabxiis qixa fidan)
Naannoo Amaaraatti qorumsa biyyooleessaa kutaa 12ffaa bara kanaatiin obbolaa lakkuun, qabxii qixa 413.75 fi 413.42 kan fidan Yoordaanos Malkaamuu fi Bamnat Malkaamuuti; uumamni Waaqaa adduma, kennaan ganamaa kan lakkuu taasise, itti fayyadamni uumama isaanii ammoo bifa kanaan qixa tahuun hedduu nama raaja.
Amma fedhe namuu wal bira taahee qoramee, garaagarummaa ni uuma; keessumaa ijoollee lakkooleen kunneen gosoota fudhatan irratti garaagarummaa qabu, ida'amni isaanii garuu qixa.🫢
Congratulations
Abdinaa'ol Abarraa.✍️
3 786
+3
RAAJII ADDAATIIN!🫢
(Obbolaa lakkuun, qabxiis qixa fidan)
Naannoo Amaaraatti qorumsa biyyooleessaa kutaa 12ffaa bara kanaatiin obbolaa lakkuun, qabxii qixa 413.75 fi 413.42 kan fidan Yoordaanos Malkaamuu fi Bamnat Malkaamuuti; uumamni Waaqaa adduma, kennaan ganamaa kan lakkuu taasise, itti fayyadamni uumama isaanii ammoo bifa kanaan qixa tahuun hedduu nama raaja.
Amma fedhe namuu wal bira taahee qoramee, garaagarummaa ni uuma; keessumaa ijoollee lakkooleen kunneen gosoota fudhatan irratti garaagarummaa qabu, ida'amni isaanii garuu qixa.🫢
Congratulations
Abdinaa'ol Abarraa.✍️
3 786
6 MOO 9 JETTU?!
Jiru namootni tokko tokko; yaada adeemsa ofii barbaadan qofaan namni biroos akka jiraatuuf sammuun egoism kan rakkisu jechuudha.
Amantiin, siyaasni, jireenyi idilee kamuu akka ofii barbaadu qofaatti akka mul'atuuf ykn hubatamu kan barbaadu jechuudha; karaaf karra koo qofaan jechuu, kiyyatu caalaa, ofittummaan kan sammuu keessatti mana ijaarrate.
Caalaan sirrii tahuunsaa Tolasaan dogoggora qaba miti; hunduu akkuma abbaan itti jiraateef itti hiikkateedha. Abbichaaf garuu sirruma; gidduutti yaadni araarama qabu, garaagarummaa yaada walii kabajuufi wal gaarreffannaa dhiisuutu tureyyu. Inni gamanatti sirrii, gamatti dogoggora; kan gamatti sirrii faallaa kanaa gamanatti sittiidha. Bakki waa dhaabbatanii ilaalan, haalli ati keessa teessee waa madaaltu asirratti murteessaadha.
Mee suuraa armaan gadii kana ilaalaa! 6 fi 9 irratti yaadaan wal mormaa jiru; "Lakkoofsi kun jaha; lakki sagal!" Wanta jedhurratti, asirratti jarri lachuu ofii isaaniif sirruma. Garaagarummaan isaanii bakka dhaabbii fi akkaa itti hiikkatantu adda adda; dadhabbinnii fi hanqinni lamaan gidduutti mul'ate ammoo, furmaata kaahuu dadhabuudha. Wal mormuu, wal qoccoluu, wal gaarreffannaa, kiyyatu caalaa qofaatu jarreen lamaan gidduu burqa.
Namootni baay'een ofii rakkina/gidiraa wanta hin arganeef, jireenya mijataaf qananii keessa taa'anii namatti murteessu; kanatuu sirriidha, asiif asiin qofa adeemi, ittis jiraadhu siin jedhu!
Gabaabsee yoon dubbadhu; eenyuyyuu yerootu wal caalchise, ciminniif dadhabbinni lafa itti madaalamee sirriif dogoggoraan itti adda bahe miti, hubannaa fi ciminni nutti hafa. Yeroo qofatuu kan namaa dogoggoratti/balleessatti fudhannee, keenya akka sirrii tahetti akka fudhatamu tahe maleessa!
Anyhow, 6 fi 9 jara lachuuf lakkoofsuma sammuu isaanitti dhufetuu sirriidha; atis keetiin, anis kiyyaan bakkaaf akka keessa jirrutti ciminaaf hanqina keenya amannee, garaagarummaa keenya waliif kabajnee jiraanna.
Yoo akkas hin taane garuu, umrii kee guutuu osoo gaaffii sitti tahuu, abjooftuu hafta!
Kalaas jette warri arabaa!
Abdinaol Abera✍️
3 786
WAAMICHA YUUNIVARSIITII💥
Yuunivarsiitileen hedduun galmee fi dorgommii barattoota ASTU fi AASTU dorgoman booddee, ji'a Fulbaanaa 05/2019A.L.I booddee saffisaan akka waamicha barattootaaf taasisan Ministeerri Barnootaa, Prof.Birhaanuu Naggaa dhaaman.
Kana bu’uura godhachuun yuunivarsiitileen qophii xumuruun barattoota simachuuf qophiitti jiru; barattoonni haaraanis tahee buleeyyiin, yeroodhaan wantota barumsa keessaniif isin barbaachisu yeroon guuttattanii akka of qopheessitan gamanumaan isiniif dhaamna.
Keessumaa barattoonni Oromiyaa keessa jirtan, Yuunivarsiitii dhiyeenyarra jiru, kan qilleensa mijataa fi muummee barbaaddan itti argattan filachuudhaan galaa!
CARRAA GAARII!
3 786
Yuunivarsiitiin Saayinsii fi Teknoloojii Adaamaa (ASTU) galmee Waxabajjii 25-Phaaqumee 03/2018'tti tahuu ifoomseera.
3 786
Yunivarsiitiin Finfinnee Barattoota Haaraa Bara 2019'f Simachuuf Galmee Eegale!
Yunivarsiitiin Finfinnee sagantaa barnootaa idilee (iskoolaarshiippii mootummaa fi kaffaltii dhuunfaatiin), akkasumas sagantaa galgalaa fi walitti fufaatiin (extension) barattoota haaraa digirii jalqabaa bara barnootaa 2019 (A.L.I) simatee barsiisuu akka barbaadu beeksiseera.
Ulaagaaleen galmee kanaaf taa'an, barattoota qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2015, 2016, 2017 fi 2018 (A.L.I) fudhatanii qabxii seensa yunivarsiitii fidan, ykn immoo barnoota sadarkaa 4ffaa (Level 4) xumuranii madaallii gahumsaa (COC) darban kan hammatuudha. Barattoonni galmaa'an hundi Qormaata Seensa Yunivarsiitii Finfinnee (UAT - University Admission Test) kan fudhatan ta'uun isaa ibsameera.
Yeroon galmee karaa toora interneetii (Online) eegaleera; kan turus hanga Hagayya 29, 2018 (A.L.I) qofa akka ta'e hubachiifameera. Qormaanni seensaa (UAT) Qaam'ee 02 hanga 04, 2018 (A.L.I) gidduutti kan kennamu ta'a. Kanaafuu, barattoonni ulaagaa kana guuttan marsariitii dhiyaate (https://admission.aau.edu.et) fayyadamuun yeroon akka galmooftan hubachiifameera.
3 786
ADARAA ADARAA!
(Isin akkamitti ilaaltu kana?!)
Oromoon gaafa aadaa fi sirna wayii gaggeeffatu adeemsa fi duudhaa mataa isaan gaggeeffata; ulfoo fi safeeffannaa uummata irra buuseeti. Safuu gataa, aadaan kabaju hin jiraatu; Orom-durii sirnaaf aadaa, duudhaaf dhugeeffannoo achii as fidate, karaa miira namummaa eeguufi safuu hin dabsineen ture.
As dhiyeenya tekinoloojii jennee wanti nuti addunyaa keessa jiraannu ilaallee safuuf duudha ganamaa, achii dhuftee warra keenya kaleessaa keessaa baanee itti aadaa hormaa ofitti fudhannee keenya achi dhiibnu akka qaroominatti hawaasa keenya, keessumaa dhaloota akka keenya amma kana gidduutti adapted taheera. Kun qaroomina duubatti hafaa fi of wallaaluudha jedheen amana.
Sirni Gadaa,Irreechaa, wanti duudhaa fi aadaa Oromoo ibsu martuu karaa safuuf safeeffannaa uummataa eegeen, uffannaa irraa eegalee naamusaa fi qabatamaan lafarratti jireenya hawaasummaa gidduutti jiruun turedha. Keessumaa as amma amma dubartootni baay’een uffata aadaa Oromoo gara ammayyummaatti harkifna jechuun qul-laa isaanii, harma, handhuura akkasumas kofa isaanii mul'isuudhaan qullaa isaanii promote of godhan ni argina. Hundas tahuu baatu, irra caalaan qaroomina itti fakkaatee dhalootni ammaa yeroo aadaa Oromoo kana gara biraatti diverge godhan argina; manneen uffata aadaaf ammayyaa illee wanta kana ilaalcha keessa galfatanii osoo hojjechuu baatanii gaarii natti fakkaata. Business qofarratti xiyyeeffachuun gaarii miti; 'Maal na dhibdeen' akkasii dhaloota asumee fi ofittoo oomisha; kan safuuf dhuudhaa hin beekne, dhaloota ofirraa bahee miira namummaa dagatutu uumama.
Maal si galche nuuf taanaan jechuu dandeessu taha; yoo dhuguma Oromoo Oromoo si taphachiisa taate, aadaaf duudhaa Uummata kanaatti amanta taateef, karaa safuuf dhugeeffannoo uummatichaan deeggari, hirmaadhu! Yoo akkas hin taane, bel-qeexxummqq fi addaggummaa akkasiin aadaa Oromoo ati tarkaanfachiiftu hin jiraatu. Sitti hafuutu irra wayya; qullaa kee promote of gootee dargaggeessa waammachuuf taanaan, amma mirga of gurguruu legally approve tahuus baatu, karaa hotee-la biyya kanatti baramaa taheera; achumatti yoo hirmaatte siif wayyaan dhaamsa kooti.
Namoota akkasii osoo wanta aadaa Oromoo, seenaaf sirnicha jechuma gabaabaan ibsi jedhamanii kan Afaan Oromoo dubbachuun illee itti ulfaatu fi akka ፋራ'tti ilaalantu baay'ata. Jechi koo isin deebisuus baatu, namoota kana booda akka keessan tahuu barbaadaniif garuu barumsa haa tahuufan wanta kana barreesse; maaltu na dhibeen nama keenyaa ammoo, aadaaf duudhaa Uummata kanaatti dabsaa jira.
Xiyyeeffannaa itti goonee, namoota aadaa fakkeessanii sirnicha gara biraatti beeksisan gorsuu, itti loluu, adabuu fi seeraan gaafachuun illee akka fooyyessan haa taasifnu. Yoo akkas hin taane, fagoo miti; waggaa shanii kurna fuula keenya duraa kanatti, aadichi kan hormaa taati. Save godhaa jecha koo kana!
Na ofkalchaa! Aadaan keenya afaaniin osoo hin taane, hundeerraa sirrachuu fi uummata keenya kan ibsu tahuudha qaba; akkasitti wal haa hubannu!
Abdinaol Abera✍️
3 786
ISIN MAAL JETTU?
Biyyoota Adii(baat-gamatti) dhala namaa jiraatti(yeroo lubbuun dacheerra jiranitti) kabajaafi miira namummaa qabuufi; erga fooniin du'anii booda garuu, reenfa ni gubu. Jiraaf malee du'aaf bakka hin qaban; Afrikaa keessatti garuu, faallaa kanaa dhala namaa jiraatti wal gubuun, du’a booddee reenfaaf kabaja guddaaf jaalala addaa qabaatuuf.
Mee kun qaroomina moo? Bartee tahee hawaasa gidduutti wanta adapted tahe qofaafi jettanii yaaddu?!
3 786
BARAARAMAA!💥
Barri hamaa ta'ee
Dubbiifuu rakkisaa,
Gaarummaanis hafee
Hammina harkisaa,
Bara namni bineensaa
Bineensimmoo namaa,
Dheekkamsa akkasii
Waaqaan baraaramaa!
Nuhaa baraaru Waaqni!🙏
Abdinaol Abera✍️
3 786
ዩኒቨርሲቲዎች የተማሪዎችን ቅበላ በፍጥነት እንዲያከናውኑ እየተሠራ ነው።
የትምህርት ሚኒስትሩ ብርሃኑ ነጋ (ፕ/ር)፥ አዲስ አበባ ዩኒቨርሲቲና የሳይንስና ቴክኖሎጂ ዩኒቨርሲቲዎች ምልመላና ቅበላ ካከናወኑ በኋላ ሌሎች ዩኒቨርሲቲዎችም በፍጥነት ጥሪ እንዲያደርጉ እየተሠራ መሆኑን ገልጸዋል።
የ2019 ዓ.ም የትምህርት ዘመን መስከረም 5 ቀን 2019 ዓ.ም እንዲጀምር መርሐ ግብር የተያዘ ሲሆን እሱን ለመጠበቅ እየተሠራ መሆኑንም አስታውቀዋል።
©️ ቲክቫህ ኢትዮጵያ
3 786
Waamichi Yuunivarsiitii kamuu Fulbaana 05 irraa kaasee akka tahu Ministeerri Barnootaa Prof.Birhaanuu Naggaa dabarsan.
3 786
ODUU AAGAA💥
(Barattootaa kutaa 12ffaa maraaf)
Barattoonni qabxii 297-300 galmeessan akka darban hayyamameef bara kanas hojiirra oola!!
Qormaata Ministeerri Barnootaa qopheesse kamiifuu darbiinsa %50 akka ta’e ni beekama. Ibsa kana kan kenne Dr. Solomon Kifle (gorsaa MOE) akka jedhanitti kanneen qabxii 49.5%-49.99 galmeessan gara 50tti walitti qabnee akka %50tti lakkoofne, akkasumas iskeelii qabxii hin jijjiirre ammallee 50 ta'eera jedhan.
3 786
Fooyya'iinsa Damee Barnootaa Irratti Taasifameen Jijjiirama Qormaata Biyyaalessaa Kutaa 12ffaarratti argamaa dhufe.
