ABDI MEDIAπ₯
ΠΡΠΊΡΡΡΡ Π² Telegram
3 757
ΠΠΎΠ΄ΠΏΠΈΡΡΠΈΠΊΠΈ
-724 ΡΠ°ΡΠ°
-177 Π΄Π½Π΅ΠΉ
-9430 Π΄Π½Π΅ΠΉ
ΠΡΡ
ΠΈΠ² ΠΏΠΎΡΡΠΎΠ²
3 757
+2
Aanaa Dandii (Giincii)π₯
Siyaas-diinagdee, hawaasumattis of gahoomsuun dansa; keessumaa qonna ammayyaa'aa addunyaa ammaa waliin walitti hidhamiinsa qaburratti xiyyeeffatanii qote-bulaa sangaa irraa gara tiraakteraatti jijjiiruun, maashina midhaan haamee dhahu (Combine Harvester, Thresher or Reaper) dhiyeessuun dijitaalessuun wanta jabeeffamu.
Kun bu'aa bulchiinsa gaarii fi hooggansa yeroo waliin deemutuu fura.
Abdinaol Abera
3 757
ATTAM OOLTAN?!
Kabajni fageenya keessa jiru, tuffii dhiheenya keessa jirurra baayyee caala!
Namoota tokko tokko waliin, halaala irraa wal jaalachuu fi wal kabajuutu bareeda. Gaafa garmalee walitti dhihaatan, daangaan kabajaa ni caba, wal tuffachuun, fi waliif iddoo dhabuutu madda. Namni fageenyatti baayyee si kabajuu fi si jaalatu, gaafa sitti dhihaatu amala ati hin eegneefi bitaa sitti ta'u agarsiisuun isaa waanuma jiruudha.π
Kanaafuu, garmalee walitti dhihaatanii wal nuffuu, wal mufachiisuu fi boodarra gargar fagaachuurra; fageenyuma ofii eeggachuun kabajaan waliin jiraachuutu filatamaadha. Hundi keenya iddoo ofii fi daangaa keenya beeknee yoo jiraanne, walitti dhiheenya dhamaatii qaburra, fageenya nagaa qabutu nuuf wayya. Halaalumatti wayyaπ«‘
Lafa nagayaa bulaa!
3 757
ATTAM OOLTAN?!
Kabajni fageenya keessa jiru, tuffii dhiheenya keessa jirurra baayyee caala!
Namoota tokko tokko waliin, halaala irraa wal jaalachuu fi wal kabajuutu bareeda. Gaafa garmalee walitti dhihaatan, daangaan kabajaa ni caba, wal tuffachuun, fi waliif iddoo dhabuutu madda. Namni fageenyatti baayyee si kabajuu fi si jaalatu, gaafa sitti dhihaatu amala ati hin eegneefi bitaa sitti ta'u agarsiisuun isaa waanuma jiruudha.π
Kanaafuu, garmalee walitti dhihaatanii wal nuffuu, wal mufachiisuu fi boodarra gargar fagaachuurra; fageenyuma ofii eeggachuun kabajaan waliin jiraachuutu filatamaadha. Hundi keenya iddoo ofii fi daangaa keenya beeknee yoo jiraanne, walitti dhiheenya dhamaatii qaburra, fageenya nagaa qabutu nuuf wayya. Halaalumatti wayyaπ«‘
Lafa nagayaa bulaa!
3 757
Yuunivarsiitiin DIILLAA, b/ttoota REMEDIAL onkololeessa 19-20/2019'tti waamee jira!π«
3 757
Ilaa fi Ilaamee, Mallattoo Siyaasa Ammayyaa
Garaagarummaan yaada siyaasaa yeroo kamiyyuu jiraachuun uumama. Garaagarummaan yaadaa yoo hin jiraanne, dorgommiin siyaasaa hin jiraatu. Bakka dorgommiin siyaasaa hin jirretti, siyaasni jireenya dhugaa irraa adda baβee, akka nama bosona dukkanaa keessa dhaabbatee waan hin jirre tokko eeggatuu taβa.
Garuu garaagarummaan siyaasaa fedhii biyyaa, egeree sabaa fi tokkummaa uummataa diiguuf ykn miidhuuf ooluu hin qabu. Abbootiin siyaasaa fi jaarmiyaaleen siyaasaa yaada isaanii ammayyeessuuf, karaa nagaa filachuu fi rakkoolee hawaasaa furuuf carraaqqii godhan, sarara diimaa kana beekanii kabajuun isaanii jajjabeeffamuu fi irraa baratamuu qaba.
Garaagarummaa siyaasaa qawwee irraa bilisa haa baafnu; falmii siyaasaa yaadaa fi mulβata irratti hundaaβe karaa nagaan haa gaggeessinu.
Warri garaagarummaa siyaasaa furuuf qawwee kaasanis, dhumni falmii siyaasaa marii, waliigaltee fi araara karaa nagaa taβuu akka qabu hubachuun guddina siyaasaa ti. Qawween kan biyyaalessaa fi seera biyyattii jalatti bulu taβuu qaba malee, meeshaa paartileen siyaasaa ittiin wal doorsisan ykn yaada isaanii humnaan fudhachiisan taβuu hin qabu. Qawwee falmii paartilee siyaasaa keessaa baasuun mallattoo bilchina siyaasaa ti.
Ilaa fi ilaameen, mariin fi waliigalteen injifannoo waloo fida. Falmii qawween gaggeeffamu garuu, waliigaltee yaadaan argamu osoo hin taane, humnaan moβachuu fi wal balleessuutti geessa. Kun barmaatilee siyaasaa badaa fi egeree sabaaf balaa taβan keessaa isa tokko.
Kanaaf, karaa nagaa ilaa fi ilaameen wal amansiisnee, wal kabajnee, waliin haa moβannu!
Dargaggoota Oromoo kaayyoo siyaasaa qabattanii gaarreenii fi laggeen Oromiyaa keessa jirtan, ergaan isiniif qabu ifa dha. Yoo dhugumaan dhimma saba keessanii irratti yaaddooftan, saba keessan gara injifannoo waaraa geessuun karaa marii nagaa, yaada bilchaataa, tokkummaa fi waliigaltee taβuu hubachuu qabdu.
Dhimma saba keessanii dagattanii, kaayyoo alagaa fagootti argamuuf qawwee baachuun garuu, egeree saba keessanii balaa keessa galchuu dandaβa. Seenaa irraa barachuun barbaachisaa dha. Yaada siyaasaa humnaan nama fudhachiisuuf yaaluun furmaata waaraa hin fidu.
TPLF dabalatee muuxannoo gareewwan qawwee qabatanii siyaasaa keessatti hirmaatanii irraa barachuun barbaachisaa dha. Qawween yeroo tokko abbaa ishee tajaajiluu dandeessi; garuu yeroo biraa abbaa isheetti garagaluu dandeessi. Kanaaf qawween bakka marii fi siyaasaa buβuu hin qabdu.
Yaada siyaasaa humnaan fudhachiisuun fi nama amansiisuun wantoota adda addaa dha. Sodaachisuun yeroo gabaabaaf ajajamuu fiduu dandaβa; amansiisuun garuu amanamummaa, waliigaltee fi nageenya waaraa ijaara.
Injifannoon dhugaan kan garee tokkoo qofa miti; injifannoon dhugaan nagaa, tokkummaa, bilisummaa yaadaa fi egeree saba keenyaa ti.
Injifannoon kan saba keenyaa ti!
Β©οΈ General Hailu GonfaβοΈ
3 757
+2
Biyya keenyaaf, uummata teenyaaf yoomuu ni hojjenna; yoomessa bakkaaf akka kamuu keessatti saba tajaajiluurratti haa xiyyeeffannu!
Education is about serving oneβs country and fulfilling oneβs responsibilities to all nations, nationalities and peoples without discrimination. As an educated person, I am committed to serving with integrity, fairness and kindness wherever I am.
Today and tomorrow, I will treat everyone equally and serve all with respect and dedication.π«‘π€
V/President of Salale University Students Unionπ₯
Abdinaol Abera
3 757
+2
βOkolee diddu, Okkotee hin diddu!β jedhe namichi Saβaa maseente qalatee!
Egaa Shaabiyaanis yookan Asab gadi dhiiftee nagaan jiraatti; yookan ammoo siruma kaartaa ofii lafarraa balleessitee as makamti. Tokko keessaa tokko dirqama!
3 757
BIYYAAF EENYUMMAAN,β¦!π«
Alaabaa sadeen: Birmadummaan biyya kanaa, daangaa fi olaantummaan sabaaf sablammootaa kan kabajamee addan gahe, alaabaa mtaashee biyyaaf, Afrikaatti akkasumas sadarkaa addunyaattuu tarree biyyoota guddataniitti kan fannifatte beekamtii sadarkaa idil-addunyaatti qabdu alaabota sadeen kana.
Kan Itoophiyaa: irraa gadi, Magariisa, Diimaaf Keelloo gidduun asxaa walqixxummaa kan ofirraa qabu; kan Oromiyaa, Diimaa, Adiif Gurraacha kan gidduun Odaa kan qabuufi alaabaa abbaa Gadaa (Oromoo) Irraa gadi Gurraacha, Diimaaf Adii kan mallattoo dabalataa biroo ofirraa hin qabnedha.
Eenyummaan ofii biyyarraa eegala; biyya ofii yoo hin jaalanne, eenyummaan kee siif hin kabajamu, sirni ati balballoomsitu, wixineen ati diriirsite fudhatama hin qabu. Biyya koorraa maalan eeggadha? Jechuu caala, biyyi koo dursa maal narraa eeggatti? Kan jedhus beekuun gaaruma; jaalala biyyaa, ilaalcha rational taheen sab-lammoota kabajuuf waliin jiraachuutti yaa amannu!
Garaagarummaan siyaasaa, amantaaf eenyummaa keenya biyya tokko waliin qabnu keessatti, waliif kabajuufi wal dandahuun alatti, wal gaarreffannaa fi wal jibbuudhan jijjiiramni dhufu wanta hin jirreef, βgaraagarummaa keenya akka miidhaginaatti' fudhannee wal haa jaalannu, wal waliin haa jiraannuun dhaamsa kooti.
Loving our country means respecting our identity. Our national flag, officially recognized and cherished by our people, represents the sacrifices made for our nation.
Let us reflect on the question: βWhat does my country expect from me, and what can I contribute to my country?β
Together, let us uphold our nationβs sovereignty and respect the equality and dignity of all nations, nationalities, and peoples.
Serve your country with pride and responsibility!β€οΈπͺ
Abdinaol AberaβοΈ
3 757
INJIFANNOO ADDAA!πͺβ€οΈ
(Asab Teenya; Eertiraan ni diigamti!)
Kun injifannoo salphifamee ilaalamuu qabu miti; tokko, birmadummaa biyyaaf aarsaa qaalii kanfaluun warra daangaa tiksaniif duulatti jiran injifannoo boonsaan kun deeggaramuu qaba. 2ffaa, Asab dhuunfannee, kaartaa ganamaa biyya kanaa sararuudhaan siyaas-diinagdee biyya kanaa sirreessuuf dooniin gama sanaan daldala biyyoota alaaf keessaan taasifamu hedduu nuuf murteessaadha. Namuu jireenya qaalaβiinsa biyya kanaaf sababa tahe, karaan kun furmaata wanta taheef siyaasaaf amantii, ilaalcha kamirrayyuu bilisa tahee Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaruufi utubuudha qaba; kunis jaalala biyya ofiif qabnuufi injifannoo ofii gonfachuus taha wanta taheef!
Nu warri miidiyaa hawaasaan ilaallee salphaatti jechaan, yaadaan wanta hedduu salphifnee laaluu dandeenya; garuu qorraaf ho'a, beelaaf dadhabbii meeqa keessa darbuun waraana sabaaf, biyyaaf jecha aarsaa hanga lubbuu ofii hin qusanneetti nuuf taasisaa jiran kanneeniif haamilee fi galata guddootu malaaf! Kana namni kamuu rationally yaada ofii, gara ilaalcha walootti fiduudhaan; wal utubuuf wal deeggaruutti dhufuudha qabna.
Kun dhimma eenyummaati, birmaduu biyyaafi; jaalalaafi injifannoo Raayyaan Ittisa Biyyaa, sabaaf-sablammoota isaaf taasisaa jirudha!
Injifannoon keenyuma; daangaan keenya kabajamee, Galaanni Diimaa nuuf banamee, Asab dhuunfachuun sabni kun siyaas-diinagdeen itti of gahoomsuun, hiyyummaa jalaa bahuudhan namuu akka of dandahu abdanna! Qaamni(namni) duula waloo ammaa kana qeeqee, arrabsee, xibaara hin malle balballoomsu diina biyya kanaaf uummataa tahuu namuu beekuu qaba; hayyootni siyaasaa, barataaf barsiisaan, dhalataan maqaa biyya kanaan waamamuuf dhahatu kamuu deeggaruu baatullee diraamaa hin barbaachifne dalaguurraa of qusachuun, yoo itti amanan ammoo haamilee tahuun hunduma keenyarraa kan eegamuudha!
Injifannoo hawwinaaf; Waaqni biyya keenya haa walaboomsu, Asab nuuf deebitee olaantummaa kan itti mirkaneeffannu nuuf haa taasisu!β€οΈπͺ
Abdinaol AberaβοΈπ«
3 757
+2
Ministeerota Ministeera Barnootaa itti fufaniif haaromsi(muudamni) taasifamuun waggaa 5'f itti fufan sadeen!π€
3 757
SAAYINTISTOOTA ADDUNYAA KEESSAA TOP 2% YUUNIVARSIITII JIMMAA IRRAA! π
BAGA GAMMADDAN! SAAYINTISTOOTA YUUNIVARSIITII JIMMAA TARREE SAAYINTISTOOTA ADDUNYAA KEESSAA %2 ISAAN DURAA BARRUU 2026 KEESSATTI FILATAMANπͺπ€
Yuunivarsiitiin Jimmaa (Jimma University) qorattoota isaa tarree saayintistoota addunyaa keessaa %2 sadarkaa olaanaa irra jiran, kan Stanford fi Elsevieriin qophaaβu bara 2026 keessatti hammataman baga gammaddan jechuun, baga milkaaβina guddaa kanaan gaβan jedha.
Milkaaβinni kun hojii qorannoo keessan, kutannoo, gahumsa saayinsii fi buβaa qorannoowwan keessaniin beekumsa addunyaa irratti dhiibbaa guddaa uumuu keessan kan mirkaneessudha. Keessumaa, dhiibbaa hojii qorannoo keessanii karaa caqasa saayinsii (citation impact) madaalamuun sadarkaa addunyaatti beekamtii argachuun keessan, buβaa hojii keessanii fi gumaacha beekumsa saayinsii guddisuuf taasiftan kan mulβisuudha.
Yuunivarsiitiin Jimmaa milkaaβina keessaniin boona; gumaacha saayinsii, kalaqa, qorannoo fi guddina beekumsaa keessatti taasiftan ni dinqisiifata; akka biyyaattis nu boonsitan!πͺ
Milkaaβina keessan kana waliin gammanna; imala qorannoo fi hojii akaadaamikii keessan keessatti milkaaβina itti fufiinsa qabu isiniif hawwina. Beekamtiin addunyaa argattan kun maqaa Yuunivarsiitii Jimmaa ol kaasuu, maqaa biyya kanaa addunyaatti lallabuufi utubuu qofa osoo hin taane, hawaasa akaadaamikii guutuu keessatti kakaβumsa fi fakkeenya gaarii uuma.
Baga gammaddan! Milkaaβinni keessan milkaaβina Yuunivarsiitii Jimmaa fi biyya keenyaati.π«΄
Abdinaol AberaβοΈ
3 757
Qorattoonni Itoophiyaa Dr. Jiinanuus Fiqaaduufi Dr. Taaddasaa Gammadaan saayintistoota addunyaa %2 keessaa tokko taβanπ₯
Qorattoonni lammiilee Itoophiyaa damee fayyaafi mahaandisumnaarratti bobbaβan Dooktar Jiinanuus Fiqaaduufi Dooktar Taaddasaa Gammadaan saayintistoota Addunyaa %2 maqaan isaanii wabeeffannaan caqasaman keessaa tokko taβan.
Stanford-Elsevier tarree qorattoota addunyaa bara 2026 hojiin qorannoo isaanii caalaatti wabeeffatame 2% ifoomseera.
Haaluma kanaan Damee βGeneral and Internal Medicineβ irratti Qorataa Yuunivarsitii Hoongikoong kan taβe Dooktar Jiinenus Fiaaaduu waggaa 4ffaaf walitti aansuun filameera.
Bara 2023 irraa kaasee walitti aansuun waggoota 4f kan filame barataan Yuunivarsitii Wallaggaa duraanii kun, bara kana qorattoota %2 ifooman keessaa warreen ijoo %0.3 qofaa taβan keessa seenuuf dandaβeera.
Lammiin Itiyoophiyaa biraan Dooktar Taaddasaa Gammadaan damee Injinariingii Siiviiliitiin Yuunivarsiitiin Stanford fi Elsevierβ saayintistoota addunyaa % 2 ol keessaa tokko taβuun filatameera.
Dooktar Taaddasaan beekumtii kana yeroo 3ffaaf argachuu isaati.
Dabalataanis, damee Injinariingii Siivilii keessatti, qorattoota sadarkaa olaanaa addunyaa irratti argaman keessaa %1 jalqabaa keessatti hammatamuu ibsameera.
3 757
Itiyoophiyaan ilmaan Oromoon ala duwwaadha kan jennuuf sababaani!
Kaleessa gaafa Xaaliyaaniin biyya kana weeraruuf dhuftu kan aarsaa kaffalee ofirra deebise, Fitawuraarii Gabayyoo Gurmuuti; Dajjaazmaach Baalchaa Saafoo, Dajjaazmaach Garasuu Dhukii, Fitawuraarii Habtegiyoorgis Diinagdee, Koloneel Abdiisaa Aagaati. Balaay Zallaqaati. Jeneraal Jaagamaa Keellooti. Isaantu salphirraa oolchee biyya kana biyya jechisiise.
Harβas ammoo biyyattii kana kan tiksaa jiru ilmaan Oromooti.
1.Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa
2.Jenaraal Geetaachoo Guddinaa
3.L/Jeneraal Yilmaa Mardaasaa
4.Jeneraal Dirribaa Mokonnoon
5.L/Jeneraal Shuumaa Abdataa
6.M/Jeneraal Bultii Taaddasaa
7. Jeneraal Suufiyaan Ahimad
8.M/Jeneraal Tashoomaa Gammachuu
9.Jeneraal Naasir Abbaa Diggaa
10.Jeneraal Abdallaa Mohaammed
11.Jeneraal Baacaa Dabalee
12.Jeneraal Haacaaluu Shallamaa
13.Jeneraal Kabbadaa Raggaasaa
14.B/Jeneraal Darajjee Magarsaa
15.Jeneraal Tasfaayee Ayyaaloo
16.B/Jeneraal Jamaal Shaalee
17.B/Jeneraal Nuuruu Muzayyin
18.Jeneraal Moosisaa Tolasaa
19.L/Jeneraal Abdurraaman Ismaaβel
20.L/Jeneraal Solomoon Ittafaa
21.Jeneraal Tashoomaa Baacaa
22.Jeneraal Getaachoo Shifarraa
23.L/Jeneraal Kaffaaloo Amdee
24.Jeneraal Biraanuu Baqqalaa
25.Jeneraal Takluu Hurrisaa
26.Jeneraal Nigusee Lammaa fi β¦ hedduutu biyya kana tiksaa jira.
Eeyyeen Itiyoophiyaa Oromoo malee yaaduun abjuudha!
