uk
Feedback
Aartii Oromoo

Aartii Oromoo

Відкрити в Telegram

Afaan Oromoo haa cimsinu Aadaa keenya haa ibsinu!

Показати більше
3 350
Підписники
-424 години
+677 днів
+2630 день
Архів дописів
Madaalliin Beekumsaa… theory vs practice Oromoonis ta’ee, biyyi keenya yeroo ammaa kan barbaadu, rakkoo tarreessanii nutti hi
Madaalliin Beekumsaa… theory vs practice Oromoonis ta’ee, biyyi keenya yeroo ammaa kan barbaadu, rakkoo tarreessanii nutti himuun garaa nu ammeessuu ykn nu booressuu qofa miti. Rakoolee abbaan fedhee ni dubbata. Rakkoon haa guddatu, haa xiqqaatu, wanti murteessaan rakkoo beekuu qofa osoo hin taane, qaama furmaataa ta’uu, fala argachuu fi mala ittiin rakkoo keessa ba’an akeekuu dha. Yeroo ammaa kan nu barbaachisu, nama rakkoo dubbatu qofa osoo hin taane, nama rakkoo hubatee furmaata akeeku, nama komatu qofa osoo hin taane, nama furmaataaf karaa saaqu, nama abdii kutachiisu osoo hin taane, nama abdii fi kallattii agarsiisu dha. Beekumsi dhugaan rakkoo agarsiisuu qofaan hin daangeffamu, furmaata barbaaduu fi karaa furmaataa agarsiisuu keessatti madaalama. Namni kan baratuuf, rakkoo himuuf otoo hin taane, rakkoo hiikuuf. Kanaaf ammoo qaamaan itti hirmaachuu gaafata. A theory has value only when it can be tested, applied, and proven in practice. ©️ J.Hailu Gonfa✍️

BIYYI LAFAA SOBDUUDHA!😭 Mucayyoo ol adeemtuu, balaa tasaa muudateen lubbuun ishee darbuutti hedduun gadde; kutannoon, cichoo
BIYYI LAFAA SOBDUUDHA!😭 Mucayyoo ol adeemtuu, balaa tasaa muudateen lubbuun ishee darbuutti hedduun gadde; kutannoon, cichoominni, gara-laafinni osoo bifa qabaatee silaa ishee fakkaatayyu. Kutattuu shamarree dhiira caaltu, jabduu kana balaan tasaa karaatti hambise; Adaanech Laggasaa, obboleettii garraamii siif jecha hin qabu.😭 Balaa Bajaajiitiin, tasa akkasitti lubbuun kee ba'a jedhees guyyaa tokko namuu maaltu yaade?! Shamarree mul'ata fagoo fi akeeka dheeraa qabdu, duuti si salphiftiitti hin yaadne! Ani jecha siif hin qabu; harmee keefan boo'a!😭😭😭😭😭 Waaqayyo lubbuu kee jennata haa dhaalchisu; maatiif firoottan maraaf jajjabinan hawwa! Amma malee, har'a keenya iyyuu hin beeknu; Waaqayyo balaa tasaa hunduma keenya haa oolchu! Duuti mana kamuu hin galiin!

Kalaandarri Barnootaa Bara 2019 Ifoome. BBO - Adoolessa 18/2018 Kalaandariin Barnootaa Bara 2019 Ifoomeera. Haaluma kanaan: 📍 Adeemsi Baruu Barsiisuu Fulbaana 05/2019 Ni Jalqaba. 📍 Guyyaan Barnootaa Semisteera 1ffaa - 107 📍 Guyyaan Barnootaa Semisteera  2ffaa - 103 📍 Walitti Guyyaa  210 adeemsi baruu barsiisuu ni gaggeeffama.

One of the darkest psychological truths is this: People often test how much disrespect you can tolerate before they lose resp
One of the darkest psychological truths is this: People often test how much disrespect you can tolerate before they lose respect for you completely. At first, the behavior is small. Late replies. Ignoring your feelings. Passive disrespect disguised as jokes. And when you stay silent every time… their mind slowly learns: “This person will tolerate anything.” That’s why manipulators love emotionally soft people. Because kindness without boundaries becomes self-destruction. Psychologically, humans repeat behaviors that have no consequences. So the moment you stop reacting to disrespect,people either respect your boundaries… or they reveal who they truly are.

Kalaandarii Barnootaa Bara 2019.pdf3.27 MB

ILAAMEE💥 Jireenya keenya keessatti namoonni tokko tokko ni jiru. Yeroo nu waliin jiraatanis bu'aa nuuf hin buusan; yeroo nurraa fagaatanis miidhaa nurraan geessisan hin qaban! Garuu akka waan jireenya keenya keessatti gahee guddaa qabanitti of ilaalu! Kanaaf, namoota gatii isaaniis ta'ee gatii nama biraa hin beekne waliin yeroo kee hin gubiin! Either family or other, male or female!🚬 Nama tasgabbaa'aa ta'i. Hojii kee irratti xiyyeeffadhu; namoota akkasiitiif deebiin hundarra gaarii ta'e milkaa'ina keeti🙏🏻 Lafa nagaa bulaa🤝

“Tole naan jettaaree waan sirra barbaade? “Al tokko deebi’i an ija kee yaade”🥲 I can’t 😞
+2
“Tole naan jettaaree waan sirra barbaade? “Al tokko deebi’i an ija kee yaade”🥲 I can’t 😞

photo content

KUTAA 8FFAA HUNDAAF Naannoo Oromiyaatti Qabxiin Qormaata Naannoo Kutaa 8ffaa Bara 2018 Ifoome.💥 Naannoo Oromiyaatti Qormaatni Naannoo Xumura Barnoota Sad. Giddu Galeessaa Kutaa 8ffaa Bara 2018 Waxabajjii 11 - 12/2018 Kennamee Ture Har'a Firiin Isaa Ibsameera. Haaluma kanaan, qabxiin darbiinsaa 50%fi ol kan galmeessisan yoo ta'u , barattotni 50%fi ol galmeessisanis 86.4% ta'uun beekameera. Liinkii :- oromia.ministry.et Itti aansuudhaan:- "Check My Result" kan jedhu banaa! dhumarratti, Bakka"Registration Number" jiedhu lakk. Admission keessan galchaa, Bakka" First Name" jedhu Maqaa keessan kan jalqabaa galchuun qabxii keessan ilaaluu ni dandeessu. Odeeffannoo gama barnootaaf biroo biroo kamiyyuu argachuuf group kana join gochuu hin dagatiinaa! Hiriyoota keessaniif SHARE taasisaa! Hub: may be server busy tahuu mala; irra deddeebiin yaalaa! Takka obsaan eegaa; bilbilaan yoo isin dide, bakka connection keessan access tahetti computer illee yaalaa! CARRAA GAARII! @Waloof

Kutaa 8ffaa martuu qorumsa keessan ilaallachuu dandeessu!🤝 https://oromia.ministry.et/#/result
Kutaa 8ffaa martuu qorumsa keessan ilaallachuu dandeessu!🤝 https://oromia.ministry.et/#/result

KUTAA 8FFAA HUNDUMAAF💥 Firiin qorumsa Naannoo kan kutaa 8ffaa guyyaa boruu sa'aatii 4:001-6:00 gidduu ifooma; kam kutaa 6ffa
KUTAA 8FFAA HUNDUMAAF💥 Firiin qorumsa Naannoo kan kutaa 8ffaa guyyaa boruu sa'aatii 4:001-6:00 gidduu ifooma; kam kutaa 6ffaa ammoo, guyyoota kudhan hafan booddee ifoomuu BBO beeksisee jira. Website ittiin ilaallattan, akkuma lakkifameen isin beeksifna!🤝

Qorumsi biyyoolessaa kutaa 12ffaa marsaa 6ffaa Yuunivarsiitii Salaaleetti eegalee jira.💥 Salale University Students Union-SL
+2
Qorumsi biyyoolessaa kutaa 12ffaa marsaa 6ffaa Yuunivarsiitii Salaaleetti eegalee jira.💥 Salale University Students Union-SLUSU

GOOTOTA OROMOO💥 1. Dr. Hayilee Fidaa “Kan Dammaqe, Kan Gurmaa’eef Kan Hidhate Yoomiyyuu Injifataadha." 2.Jaal Nadhii Gammada
GOOTOTA OROMOO💥 1. Dr. Hayilee Fidaa “Kan Dammaqe, Kan Gurmaa’eef Kan Hidhate Yoomiyyuu Injifataadha." 2.Jaal Nadhii Gammadaa Hiree uummata Oromoo kan murteessu, uummata Oromooti malee anatu siif beekaa, karaa kana deemtu malee kan siin jedhuu fi kan Afaan qawweetiin si doorsisu, kan si dirquu yoo jiraate uummanni keenya fudhachuuf qophii miti." 3. B/J. Taaddasaa Birruu “Barannu malee hin bilisoomnu”, "Namni kamiyyuu haa baratu; dhalootni barate gaaffii mirgaa gaafata" 4. Elemoo Qilxuu “Gabrummaarra duuti bilisummaadha.”

CRAZY WORDS🫢 Such kind of messages do not provide constructive guidance to the younger generation. Because they contain idea
CRAZY WORDS🫢 Such kind of messages do not provide constructive guidance to the younger generation. Because they contain ideas that are inconsistent with our culture, we encourage everyone to reflect on them carefully and thoughtfully.

🏆| 𝐒𝐏𝐀𝐈𝐍 𝐀𝐑𝐄 𝐓𝐇𝐄 𝐂𝐇𝐀𝐌𝐏𝐈𝐎𝐍𝐒 of the WORLD CUP 2026💥 my prediction was argentina 0-1 spain. That's how it
+8
🏆| 𝐒𝐏𝐀𝐈𝐍 𝐀𝐑𝐄 𝐓𝐇𝐄 𝐂𝐇𝐀𝐌𝐏𝐈𝐎𝐍𝐒 of the WORLD CUP 2026💥 my prediction was argentina 0-1 spain. That's how it ended!🫢

photo content

SEENAA KOO WAGGAA 9 HAR'AA!🥺 (Tokko jedheen shira siyaasaa bar sana bare) Tokko jedhee waggaa saglan(9) har'aa, Adoolessa 12/2009A.L.I’tti osoon barumsa Gannaa(extra education) barachaa jiruu, zamana Command Post sana ana nama barumsaaf barumsaan ala addunyaan biroo itti hin mul'anne, safaruma tokkoo ijoollee walitti qabanii nu hidhan. Bara sana 1/2 Wayyaanee yoo jenne ni danda'ama; sirni yeroo sana ture, update tahe malee sirnuma Way-yaaneeti. Kan nama dhibu, isuma dhugaa gooftaati mana taaheen dubbisaa jira; kanuma waraan-ni mooraa guuten arge, isayyuu balbala direct seensisuun osoo hin taane, ulaa gaadaatin seenuun shug-guxii addatti na qabee na dhidhiitaa na fuudhee bahe qofaan beeka. Yoon bahu, ijoollee safaraa walitti haranii konkolaataa tokko guunne; edaa yeros nama qabanii hidhuu qofatuu hojjechuu mirkaneessa ture.😁 Nama 18 taanee hidhamne; namni abbaa kanaa nuun jedhu hin jiru, adeemsa keessa maatiin mana murtiitti himata banuun dhimma keenya duukaa bu’an, gaafa mana murtiitti dhiyaannu kabajamoo abbaa seeraa yeroo sanaa maqaa qabachuus baadhu dhimma keenyatti umrii fi ijoollummaa keenya argee hedduu aaree, dhimma keenya qaama yeroo sana nu qabe yoo gaafatan "Haala yeroo!" Jecha jedhu qofaadha. "Haala yeroo ijoollee reefu jabbiloota eegdu walitti qabdee fiddeet qorattaa?! Ijoollee kanneen lakkisi!" Jechuun itti dubbate. "Ni qoranna; yeroo nuuf kennaa!" Jedhanii ammas guyyaa nurratti beellamatan. Tole jennee teenye; mana tokkotti namni 18 isayyuu balballi ganamaaf galgala qofaa nujalaa banama ture. Torbee lama, hidhamnee akka carraa abbaan alangaa Godina irraa qorannoof manneen hidhaarra deemanii osoo nu gaafatanii, haala yeroof jedhanii callisanii akka nu qabanii fi abbaan murtiis gad-lakkisaa jedhanii, garuu akkuma ammaa itti fufuun nu tursiisan itti eere. Yerosuma abbaan alangaa godina irraa dhufe, "Amma ija koo duratti lakkisaa!" Jedheen, muraasa keenya baasanii, namoota muraasa ammoo inumaa ji'a sadiif afur obaasanii lakkisan. Ergasii adeemsa keessa waatu naaf gale; wanta hundumaa yeroon akka hiiku fi cichoominni fi ijaaramni jiraatee jennaan, sirniif namni darara hamaa callisee yakka tokko malee nama dara-ru akka hundeen isaa buqqa'uu dandahudha. Wanti akkasii amma jiraa?! Still now, namni tokko shakkamee qoratamuuf qabamuu danda'a malee, yakka ykn shakkii malee namni akkuma argetti qabama natti hin fakkaatu. Jijjiirama guddoon arge; manni murtii himata kee qulqulleessee, shakkamaa qabame yakka irraa bilisa tahuu murteessee jennaan dhimmi waajjira poolisii turuuf hin jiraatu. May be subjectively wanti omitted tahee nu hin beekne sadarkaa mana hojiitti jiraatu jira tahinna. Tahus sirniif namni nama cunqursu sun har'a dhabama taheera; ijoollee, dargaggeessa, nama barate qabsoo diinagdeetti siyaasessuu malee, namuu yaada faallaaf negative horachuudhaan akka badiitti adeemu sirniif namni godhu amma badaas hin mul'atu. Yericha ture egaa nama kamuu xiiqii kan bare; tokko jedhee shiraaf gidiraa siyaasaa kanin bare! Har’i waggaa 9 taanaan yaadadhe malee, silas sirnichi daaraa botoroo taheera; ana nama barumsaaf barumsa malee addunyaa biraa hin beekne, ejjennoo qabaachuu, shiraaf gidiraa addaan baasee beekuu, addunyaa maraa keessatti akkan waa dursee hubadhu na taasise. Barri ni fiigdi; nuti achuma🤗 Abdinaa'ol Abarraa Adoolessa, 12/2018 Giincii, Oromiyaa

“Yoo sangaan qotuu dide Jimmattan gad dhidhimsa; Yoo garaan obsuu dide Cirrachan shan liqimsa”😝

photo content

photo content
+1