uz
Feedback
Kombolcha Agricultural Polytechnic College

Kombolcha Agricultural Polytechnic College

Kanalga Telegram’da o‘tish

Official account of Kombolcha Agricultural Polytechnic College to share updated information for its trainees and workers

Ko'proq ko'rsatish
1 045
Obunachilar
-124 soatlar
+57 kunlar
+1030 kunlar
Postlar arxiv
Kolleejjiin Poolii Teknika Qonnaa Kombolchaa Leenjifamtoota bara2018 ogummaa gara garaan leenjisaa ture marsaa 20ffaaf Eebbisaa jira. Saganticharratti I/G Waajjira Bulchiinsa Godinaa H.Bahaa Obbo Mahammad Jamaal I/G waajjira CHU Godinaa Obbo Ahmaddiin Suufiyaan Waliin argamuun koree Qindeessaa Aana kombolchaa Waliin sirna Eebba gaggeessaa jira.Kanuuman walqabsisun tajaajila tola ooltumman mana hhiyyeessa tokko ijaaruuf sirna jalqabsisas gaggeeffamee jira.

Kolleejjiin Poolii Teknika Qonnaa Kombolchaa Leenjifamtoota bara2018 ogummaa gara garaan leenjisaa ture marsaa 20ffaaf Eebbisaa jira. Saganticharratti I/G Waajjira Bulchiinsa Godinaa H.Bahaa Obbo Mahammad Jamaal I/G waajjira CHU Godinaa Obbo Ahmaddiin Suufiyaan Waliin argamuun koree Qindeessaa Aana kombolchaa Waliin sirna Eebba gaggeessaa jira.

Harka Kalaqaa Fi Teeknikaa Harka keenya qarannee Waraqaa qofa miti, hojiidhaan mul'anne walitti dhiheessinee Har'a gootummaan, dhaabbanne!

Baga gammaddan! Baga guyyaa jalabultii eebbaa kanaan isin gahe. Fuuldurri keessan badhaadhinaa fi injifannoon haa guutamu. Baga gammaddan!

Sagantaa kana irratti Keessumonni hirmataan eenyu? 1. Hoggaansa Aanaa keenya fi Koree qindeessituu Aanaa Keenya 2. Hoggaansa Godinaa fi Koree qinndeessa Godinaa 3. Abbootii Amantaa 4. Abbootii Gadaa fi Hadhoolii Siinqee 5. Jaarsolii Biyyaa 6. Abbotii Qabeenya 7. Maatii Eebbifamtootaa 8. Eebbifamtootaa 9. Hoggaansa Kolleejjii fi Hojjattoota Kolleejjii keenyaa

Guyyaa Eebba Sagantaa maaltu jira? 1. Qophii Bashananaa Baandii qophoofte waliin 2. Sirna badhaasa leenjifaamtoota fi Leenjistootaa Ogummaa kamtu Eebbisisaa? 1. Animal Health 2. Animal Production 3. Crop Production 4. Natural Resource 5. HNS Badhaasni maali? 1. Ogummaa hundarraa leenjifamtootni 1-3ffaa ba'an ni badhaafamu 2. Akka waliigalatti leenjifamtoota dhiira fi dubartootaan 1-3ffaa ba'aniif korniyaa lachaanuun sirni badhaasa medaaliyaa ni gaggeeffama Meedaliyaa akkamitii? 1. 1ffaa Medaliyaa warqee 2. 2ffaa medaliyaa birrii 3. 3ffaa medaliyaa nahaasa Hojjattoonni fi Leenjistoonni hoo ni badhaafamu? 1. Eeyyeen 2. Hojjattoota deeggarsaa hojii isaanitiin beekaman 1-3ffaa ni badhaafamu 3. Leenjistoota hojii isaanitiin beekaman 1-3ffaa ni badhaafamu EENYU TA'INNAA BADHAFAAMAN 1. Leenjifamtootaa? 2. Hojjattootaa? 3. Leenjistootaa? CARRAA GAARII!

Akkam jirtu? Kabajamtoota Eebbifamtoota KPT Qonna Kombolchaa Eebba keenya gaggeessuuf guyyaa 3 nu hafe. Qophiin haala ajaa'ibaatiin gaggeeffamaa jira. Kanaaf, guyyaa boru (Arbaa) irraa jalqabdanii gawoona eebba fudhachuun akka micaattanii qophooftaan haa ta'u. Maaltu barbaachisa fudhachuuf? 1. Sartifikeeta/ Waraqaa Xumura Leenjii qabsiisuu 2. Mallaaqa Qarshii 400 qabsiisuu Kanaaf, laman keessa tokko qabsiisuun fudhachuu ni dandeessu. Yoomii Jalqabee? Guyyaa boru (Arbaa) jalqabee

Bayindaara leenjifamtootaan hojjetama jiru

photo content
+1