Kombolcha Agricultural Polytechnic College
前往频道在 Telegram
Official account of Kombolcha Agricultural Polytechnic College to share updated information for its trainees and workers
显示更多1 045
订阅者
-124 小时
+57 天
+1030 天
帖子存档
Kolleejjiin Poolii Teknika Qonnaa Kombolchaa Leenjifamtoota bara2018 ogummaa gara garaan leenjisaa ture marsaa 20ffaaf Eebbisaa jira.
Saganticharratti I/G Waajjira Bulchiinsa Godinaa H.Bahaa Obbo Mahammad Jamaal I/G waajjira CHU Godinaa Obbo Ahmaddiin Suufiyaan Waliin argamuun koree Qindeessaa Aana kombolchaa Waliin sirna Eebba gaggeessaa jira.Kanuuman walqabsisun tajaajila tola ooltumman mana hhiyyeessa tokko ijaaruuf sirna jalqabsisas gaggeeffamee jira.
Kolleejjiin Poolii Teknika Qonnaa Kombolchaa Leenjifamtoota bara2018 ogummaa gara garaan leenjisaa ture marsaa 20ffaaf Eebbisaa jira.
Saganticharratti I/G Waajjira Bulchiinsa Godinaa H.Bahaa Obbo Mahammad Jamaal I/G waajjira CHU Godinaa Obbo Ahmaddiin Suufiyaan Waliin argamuun koree Qindeessaa Aana kombolchaa Waliin sirna Eebba gaggeessaa jira.
Harka Kalaqaa Fi Teeknikaa
Harka keenya qarannee
Waraqaa qofa miti, hojiidhaan mul'anne
walitti dhiheessinee
Har'a gootummaan, dhaabbanne!
Baga gammaddan!
Baga guyyaa jalabultii eebbaa kanaan isin gahe.
Fuuldurri keessan badhaadhinaa fi injifannoon haa guutamu.
Baga gammaddan!
Sagantaa kana irratti Keessumonni hirmataan eenyu?
1. Hoggaansa Aanaa keenya fi Koree qindeessituu Aanaa Keenya
2. Hoggaansa Godinaa fi Koree qinndeessa Godinaa
3. Abbootii Amantaa
4. Abbootii Gadaa fi Hadhoolii Siinqee
5. Jaarsolii Biyyaa
6. Abbotii Qabeenya
7. Maatii Eebbifamtootaa
8. Eebbifamtootaa
9. Hoggaansa Kolleejjii fi Hojjattoota Kolleejjii keenyaa
Guyyaa Eebba Sagantaa maaltu jira?
1. Qophii Bashananaa Baandii qophoofte waliin
2. Sirna badhaasa leenjifaamtoota fi Leenjistootaa
Ogummaa kamtu Eebbisisaa?
1. Animal Health
2. Animal Production
3. Crop Production
4. Natural Resource
5. HNS
Badhaasni maali?
1. Ogummaa hundarraa leenjifamtootni 1-3ffaa ba'an ni badhaafamu
2. Akka waliigalatti leenjifamtoota dhiira fi dubartootaan 1-3ffaa ba'aniif korniyaa lachaanuun sirni badhaasa medaaliyaa ni gaggeeffama
Meedaliyaa akkamitii?
1. 1ffaa Medaliyaa warqee
2. 2ffaa medaliyaa birrii
3. 3ffaa medaliyaa nahaasa
Hojjattoonni fi Leenjistoonni hoo ni badhaafamu?
1. Eeyyeen
2. Hojjattoota deeggarsaa hojii isaanitiin beekaman 1-3ffaa ni badhaafamu
3. Leenjistoota hojii isaanitiin beekaman 1-3ffaa ni badhaafamu
EENYU TA'INNAA BADHAFAAMAN
1. Leenjifamtootaa?
2. Hojjattootaa?
3. Leenjistootaa?
CARRAA GAARII!
Akkam jirtu? Kabajamtoota Eebbifamtoota KPT Qonna Kombolchaa
Eebba keenya gaggeessuuf guyyaa 3 nu hafe. Qophiin haala ajaa'ibaatiin gaggeeffamaa jira. Kanaaf, guyyaa boru (Arbaa) irraa jalqabdanii gawoona eebba fudhachuun akka micaattanii qophooftaan haa ta'u.
Maaltu barbaachisa fudhachuuf?
1. Sartifikeeta/ Waraqaa Xumura Leenjii qabsiisuu
2. Mallaaqa Qarshii 400 qabsiisuu
Kanaaf, laman keessa tokko qabsiisuun fudhachuu ni dandeessu.
Yoomii Jalqabee?
Guyyaa boru (Arbaa) jalqabee
