#Arrabni keenya bara 2018 keessa maal dubbachaa ture❓ Nama itti balleessinee fi itti yakkine hin qabnu laata❓
Egaa waa'ee arraba Kitaabni Qulqulluun waan baay'ee nuun jedha.
Jechi "#Arraba" jedhu Kitaaba qulqulluu afaan oromoo abbaa jaatamii ja'aa irraa caqasa (xiksii) sagaltamii afur (94) qaba.
"Afaanii (arraba irraa) bahee gooftaa namaaf ta'a" akkuma jedhu mammaaksi Oromoo ko, Wangeellis immoo "Namni #arraba isaa eeggatu, jireenya isaa eeggata; namni of eeggachaa hin dubbanne garuu, jireenya isaa balleessa" (Fakk.13:3).
Itti daddabalees "Gowwaa #arraba isaatu isa balleessa, wanta afaan isaa dubbateenis qabama" (Fakk.18:7). Ammas waa'ee arraba (dubbii) keenyaas Kitaabni Qulqulluun akkas nuun jedhu : -
"Dubbii kee hundumaan siif murteeffama, dubbii kee hundumaanis sitti murteeffama"(Maat.12:37).
"Afaannii isaanii gara awwaala banamaatti nama geessa, #arraba dhadhaa dibatanii dubbatu." (Faar.5:9).
"Dubbii afaan isaa keessaa ba’u keessaa abaarsa, wallaalchisa, gad nama qabuutu guute; #arraba isaa jala jal’inaa fi hamminatu jira." (Faar.10:7)
"Hidhii sobaan namatti kuulu hundumaa, #arraba jajuu gurguddaa dubbatus, gooftichi haa kukkutu!" (Faar.12:3).
"Isaan #arraba isaanii akka billaa qaratu, dubbii hadhaa'aas akka xiyyaa iddaatti kaa'atu." (Faar.64:3).
"Dubbiin #arraba isaanii isaan gufachiisa." (Faar.64:8).
"... #arraba isaaniitiin akka bofaa nama hiddu." (Faar.140:3).
"Jal'ina dubbachuu afaan keettii, dubbii micciiramaas #arraba keettii fageessi!" (Fakk.4:24).
"Namni waa'ee hin baafne, namni jal'aan #arraba isaa isa micciiramaa fudhatee, asii fi achi deema" (Fakk.6:12).
"Yommuu dubbiin baay'atu cubbuun hin hafu, namni #arraba isaa eeggatu garuu hubataa dha #arrabni nama qajeelaa akka meetii fo'amaati, yaadni nama jal'aa garuu gatii hin qabu;
#arrabni nama qajeelaa nama baay'ee soora, warri gowwoonni garuu qalbii dhabuu isaaniitiif du'u." (Fakk.10:19-21).
"Duunii fi jireenyi aboo #arrabaa jala jiru." (Fakk.18:21).
"Namni afaan isaa fi #arraba isaa eeggatu, rakkinatti akka hin galleef of eega." (Fakk.21:23).
"Namni #arraba tole lafee nama cabsa." (Fakk.25:15).
"... #Afaan keessaniin soba dubbattu, #arraba keessaniinis micciiramummaa dhageessiftu." (Isa.59:3).
"Ollaan ollaa isaa gowwoomsa, dhugaa kan dubbatus hin jiru; isaan #arraba isaaniitiin soba dubbachuu, micciiramummaadhaanis hojjechuu amala godhatan; karaa isaanii kana irraas deebi'uu dadhaban." (Erm.9:5).
"... #arraba isaaniitiin akka xiyyaatti waraananii nama ajjeesu; afaan isaaniitiin ollaa isaaniitti nagaa dubbatu, garaa isaanii keessatti garuu isa gaadu." (Erm.9:8).
"... ani akka ati isaanitti dubbachuu, isaan ifachuus hin dandeenyetti, #arraba kee laagaa keetti nan maxxansa;" (Hisq.3:26).
"Namni nama amantii qabu of se'ee, #arraba isaatti immoo luugama hin keenye, inni of sossoba malee amantiin isaa waa'ee hin baasuuf." (Yai.1:26).
"Garuu namni #arraba leejisuu danda'u hin jiru; inni (arrabni) hamaa gabii hin qabnee dha, hadhaa du'a fiduunis guutuu dha. Arrabaan maqaa Waaqayyoo gooftaa eebbifna (galateeffanna, faarfanna, lallabna, ...) isumaanis namoota fakkaattii Waaqayyootti uumaman arrabsina.
Afaanuma tokko keessaa eebbii fi abaarsi ba'a; kun akkas ta'uun irra hin jiru, obboloota ko! Burqaan tokko bishaan miyaa'aadhaa fi hadhaa'aa yaasaa ree? Obboloota ko! Mukti harbuu ija ejersaa, mukti wayniis ija harbuu godhachuu danda'aa ree? Akkasuma immoo burqaan horaa bishaan namni dhugu yaasuu hin danda'u." (Yai.3:8-12).
"Namni jireenyatti gammaduu barbaadu, inni bara gaarii arguu fedhus, #arraba isaa hamaa dubbachuuttii, afaan isaas haxxummaadhaan dubbachuuttii haa ittisu." (1Pheex.3:10).
Egaa Walumaagalatti yaa michoota ko! "Yoos #arraba kee hamaattii, afaan kees soba dubbachuuttii eegi!" (Faar.34:13).
Xumura itti dhaamsi koo, Bara dhuftu kanatti "Kottaa dubbiidhaa fi afaaniin utuu hin ta'in hojiidhaa fi garaa dhugaadhaan wal jaallannaa!" (1Yoh.3:18).
Ammaaf kun as irratti barreessuuf ni ga'a natti fakkaata. Hedduutu jira waan ta'eef isa kaan immoo isinumti barbaadaatii dubbisa kitaaba qulqulluu keessa jira.