ru
Feedback
Ephrem Diriba

Ephrem Diriba

Открыть в Telegram

📖 Barumsa Macaafa Qulqulluu 🎧 Faarfannaa Hafuuraa ✒️ Walaloo fi Ergaa Hafuuraa 🎬 Viidiyoo & Fiilmiiwwan Amantii 📢 @EphremDiriba 💬 @EphremDiribaChat 🏠 https://t.me/EphremDiriba/2287 YouTube.com/@EphremDiriba

Больше
4 421
Подписчики
-124 часа
-107 дней
-4730 день
Архив постов
Hojiiwwan Tiksummaa Yesuus Maal Maali? 📖 Yohannis 10:14 “Tikseen gaariin ana, ani hoolota koo beeka, hoolonni koos ana beeku
Hojiiwwan Tiksummaa Yesuus Maal Maali?
📖 Yohannis 10:14 “Tikseen gaariin ana, ani hoolota koo beeka, hoolonni koos ana beeku.”
Yesuus Tiksee ta'uu isaa fi tiksee gaarii ta'uu isaa, akkasumas hoolota tiksu qabaachuu isaa dubbateera. Hoolonni inni tiksu eenyudha? Yeroo tiksu hoo maal maal hojjeta? Deebiin gaaffii kanaa ja'an (6) video kana keessa jira. Kottaa Macaafa Qulqulluu haa barannu: https://youtu.be/giPyk-PjVJs?si=MfiRgJoc2jFvR0EP

Nagaan Waaqayyoo Isiniif Haa Ta'u! Waaqayyo na gargaarraan haala mijeeffadhee, gara video barumsaa YouTube irratti hojjechuutti deebi'eera. Yoo Waaqayyo jedhe har'a galgala video tokko isiniifin gadhiisa! YouTube.com/@EphremDiriba Irratti Eeggadhaa!

siyyaasaa: mat 12:1 ama ayyaanii waaqayyoo siif ibse naaf ibsi mee Deebii
Maatewos 12:1 Yeroo sana Yesus guyyaa Sanbataatti maasii qamadii tokko keessa darbe; bartoonni isaa immoo beela'anii waan turaniif, asheetii isaa ciranii nyaachuutti ka'an.
Seenaan kutaa kana kan armaan gadiiti: bara Yesuus biyya lafaa irra ture sana namoonni Fariisota jedhaman seera musee isa Waaqayyo kenne irraa gara yaada mataa isaanitti jijjiiranii isa saba barsiisaa fi eegsisaa jiru turan. Waan bartoonni godhan kun waan seera museen dhorkame utuu hin ta'iin waan seera Farisootaan dhorkame qofadha.
Keessa Deebii 23:25 Midhaan ollaa keetii isa maasii keessa jirutti yommuu lixxu, haammachuudhaaf haamtuu itti hin buusin malee, harka keetiin asheetii isaa cirachuu in dandeessa.
Haa ta'u malee warri Fariisotaa akka waan seerri Waaqayyoo cabeetti Yesuusiin (Waaqayyo isa seericha kenne) sirreessuu fi balleessaa isaafis isa dheekkamu yaalan, inni garuu deebii isaan qaanessuun seera isaanii malee seera musee (seera ofii isaa museetti kenne) akka hin cabsiin mirkaneesseef. #Deebii@EphremDiriba

Tajaajila baay'isun nama hafuuraa si hin taasisu.

3. Dhiigni Ilma Waaqayyoo Cubbuu Hundumaatti Nama Qulleessa Yesuus dhiiga isaa fannoo irratti yeroo dhangalasetti, gatii cubbuu keenya isa darbe, isa ammaa fi isa gara fuulduraa hundumaa kaffaleera. Of ajjeesuun cubbuu isa dhumaa ta'us, tasumaa dhiiga Kiristoos isa fannoo irratti nuuf dhangala'ee ol miti.
Qolosaayis 2:13-14 ¹³ Isinis irra-daddarbaa keessanii fi dhagna-qabaa dhabuu foon keessaniif hafuuraan du'oo yoo taatan iyyuu, Waaqayyo akka isin Kristosii wajjin jiraatoo taatan godheera; irra-daddarbaa keenya hundumaas nuuf dhiiseera. ¹⁴ Wanta nu irratti caafamee ture, isa nutti hin tolin sana, waan inni karaa seeraa nu irraa barbaaduu wajjin duguugee fannootti cinqaarsuu isaatiin iddoo isaatii balleesseera.
Kana jechuun of ajjeesuu fi cubbuu biraa hojjechuun rakkina hin qabu jechuudhaa? • Kun matumaa hin ta'u, barumsi Ayyaanaa cubbuu kan jajjabeessu utuu hin ta'iin, cubbuu irraa kan nama fayyisu fi gara gaarii hundumaatti kan nama geessudha. Cubbuu hojjechuun guutummaatti kiristaanaaf hin heyyemamu. biyya lafaa irra jiraachuu keenya fi foon dadhabaa uffachuu keenya irraa kan ka'e yoo dogoggoreef, Teessoon abbaa keenyaa yeroo hundumaa araaraan guutuudha.
1 Yohannis 2:1-2 ¹ Yaa ijoollee ko, akka isin cubbuu hin hojjenneef kana isiniifan caafa; namni tokko illee yoo cubbuu hojjete garuu, nama nuuf dhaabatu abbaa biraa qabna, innis Yesus Kristos isa qajeelaa dha. ² Inni furee cubbuu keenyaa ti, cubbuu keenya duwwaafis miti cubbuu guutummaa biyya lafaatiifis malee.
Of ajjeesuun matumaa furmaata miti, cubbuu maatii fi firoota gaddisiisudhas. Garuu, dhiphinni hamaan humnaan olii Kiristaana tokko cubbuu akkasiitti yoo geessisellee, amanannaan isaa Kiristos irra yoo ta'e, Gooftaan inni amanamaan hamma dhumaatti isa ni eega. #Deebii@EphremDiriba

Kiristaanni Tokko Yoo Of Ajjeese Mootummaa Waaqayyootti In Galaa? Deebii: Namoonni baayyeen Kiristaanaa fi Pheenxee lammaffaa hin dhalatiin tokko godhanii ilaalu. Kana irraa kan ka'es yeroo deebiin Macaafa Qulqulluu fi Kiristaana dhugaa ilaallatu kennamu, haala jireenya pheenxee tokkoo ilaalanii gaaffii kaasu. Na hubadhaa: Pheenxeen hundumtuu Kiristaana dhugaa miti. Kiristaana dhugaa ta'uun amantaa jijjiirachuu utuu hin ta'iin, Yesuus kiristoosiin amananii lammaffaa dhalachuu (hafuuraan Jijjiiramuu) dha. Kun garaagarummaa guddaa qaba, namni keessi isaa jijjiirame akka duraatti hin yaadu, hin jiraatus. Amma Kiristaana Dhugaa irratti hundoofnee deebii Macaafa Qulqulluu haa ilaallu:
1 Yohannis 3:15 “Obboleessa isaa kan jibbu hundinuu nama nama ajjeesee dha; namni nama ajjeese abdii jireenya bara baraa of keessaa akka hin qabne isin iyyuu beektu.”
Caqasni kun, Kiristaanaaf nama jibbuun iyyuu nama ajjeesuu waliin wal qixa akka ta'e fi namni nama jibbu abdii jireenya bara baraa (Yesuusiin) of keessaa akka hin qabne ykn akka hin fayyiin dubbata. Namni tokko "ani fayyeera" jedha, garuu nama hin jaallatu, du'a namaatti in gammada, akkasumas cubbuu keessa deddeebi'a taanaan fayyuu namicha kanaaf ragaa tokkoyyu hin qabnu. Kiristaana dhugaaf of ajjeesu, nama ajjeesu, nama jibbuu miti, waa'ee ofii ilaalchaa gaarii hin taane qabaachuun iyyuu cubbuu akka ta'e itti dhaga'ama. Dhiiga Yesuus Kiristoosiin mucaa Waaqayyoo kan ta'e fi Hafuurri Qulqulluu isa keessa buufatee kan isa geggeessu yoo ta'e, inni ofii isaa irra darbee namoota biroof (diinota isaaf illee) gaarii kan yaaduu fi hojjetudha.
1 Yohannis 2:9 “Namni, "Ani ifa keessan jira" jechaa obboleessa isaa immoo jibbu, amma iyyuu dukkana keessa jira.”
Namoonni maqaa Yesuus dha'ani fi pheenxee ta'uu isaanii ibsan, garuu jaalala Kiristoos kan of keessaa hin qabne, gabaabaamatti hin fayyine. Garuu, Namni dhugumaan Yesuusitti amanee sanyii hin badne irraa lammaffaa dhalate, sababa kamiinuu fayyina isaa hin dhabu. Kiristaanni tokko of (lubbuu) ajjeesuu haa turuu jibbuun iyyuu isaaf akka hin danda'amne isinitti himeera. Haa ta'u malee akkuma amanaan tokko dhukkuba garagaraan (dhibee onnee, somba kanserii fi kkf) qabamuu danda'u, akkasuma dhibee sammuu (Severe Depression) cimaatiin qabamee yoo murtoo akkasii ofirratti fudhate, matumaa fayyina isaa dhabuu hin danda'u!
Daftanii hin aariinaa ykn mormii hin kaasiinaa. Caqasoota Macaafa Qulqulluu fi yaadota itti fufanii jiran erga dubbiftanii booda, yaada mormii keessan barreessuu dandeessu. Nuti obboloota fi namoota baratan waan taaneef dubbii Waaqayyoo qofaan wal qajeelchina.
Kiristaanni dhugaa tokko yoo of ajjeese maaliif fayyina isaa hin dhabu?
⚠️ Maaloo, akka ilaalcha keenyatti utuu hin ta'iin akka yaada Waaqayyoo fi Macaafa isaatti haa ilaallu!
1. Cubbuun Hundi Wal Qixa Namoonni baayyeen sobuu cubbuu xinnoo; ajjeesuu immoo cubbuu guddaa godhanii ilaalu. Kanaafis inni of ajjeese waan ta'eef fayyina isaa in dhaba, ani garuu nan sobe/nan ejje malee hin ajjeefne waan ta'eef hin dhabu jedhanii yaadu. Barsiisa Macaafa Qulqulluu keessatti garuu hundinu wal qixxa.
Yaaqoob 2:10 “Namni tokko seera keessaa warra kaan hundumaa eegee tokko yoo cabse, akka waan hunduma isaanii cabseetti yakki itti in murama.”
2. Cubbuu Dhiifama Hin Qabne Miti! Of ajjeesuun akkuma ejjaa fi hannaa cubbuudha. abboommii Waaqayyoo cabsuudha. Ta'us Macaafni Qulqulluu cubbuu bakka lamatti qooda; isaanis cubbuu dhiifama qabu fi hin qabnedha. Cubbuun dhiifama hin qabne tokkichadha, innis hafuuraa qulqulluu arrabsuu (dhuga ba'umsa isaa Yesuus Kiristoosiin fudhachuu dhiisuu) dha. Namoonni Macaafa Qulqulluu keessatti beekaman, kan abboota amantii keenyaa jedhamani fi armaan gaditti maqaan isaanii dha'amu hundi lubbuu ajjeesaniiru, garuu hundi isaanii dhiifama argataniiru. Qaayin, Abrahaam, Musee, Iyyaasuu, Abboota Firdii Hunda, Daawit, ... Tarii Phaawulos illee.
Maatewos 12:31 “Kanaafis ani isinittan hima, cubbuun kam illee arrabsoonis namootaaf in dhiifama; arrabsoon hafuura qulqulluu irratti ka'u garuu hin dhiifamu.”

Dargaggoonni ani Church keenya keessatti barsiisu gaaffii ulfaataa tokko na gaafatanii turan. Mee yaada keessan caqasa Macaafa Qulqulluu waliin naa kennaa: Kiristaanni tokko yoo of ajjeese Mootummaa Waaqayyootti in gala?

⁉️Gaaffiiwwan kana duraa gaafattanii ani isiniif hin deebisiin hafe yoo jiraate fi gaaffii deebii Macaafa Qulqulluu barbaadu yoo qabaattan as jalatti nuuf barreessaa❓

Qaala'iinsa Jireenyaa Irratti Dammaquu
1. Dhugaa Isaa Fudhachuu

Nagaan Isiniif Haa Ta'u! Sababa garagaraan tajaajila irraa xinnoo fagaadheen ture, amma guutummaatti deebi'eera, yaada fi gaaffii keessan naaf barreessaa, hamma ayyaanni Waaqayyo nu gargaare wal tajaajillaa. Ayyaanni Isiniif Haa Baayyatu!
#Shalom@EphremDiriba

Barnoonni kun YouTube irratti bifa viidiyoodhaan hojjetame: YouTube.com/@EphremDiriba

Kiristaanni Maali?
8. Kiristoos Wajjiin Mirga Waaqayyoo Kan Taa'eedha. (00:06)
9. Kiristoos Wajjiin Ulfinaan Kan Mul'atudha. (07:07)
10. Kiristoos Wajjiin Waggaa Kuma Kan Mo'udha. (14:20)
Kutaawwan Itti Aanan: 1 2 3 4 5 6 7 • 8

Kiristaanni Maali?
6. Kiristoos Wajjiin Kan Awwaalamedha. (00:13)
7. Kiristoos Wajjiin Kan Du'aa Ka'edha (07:05)
Kutaawwan Itti Aanan: 1 2 3 4 5 6 • 7 • 8

Kiristaanni Maali?
5. Kiristoos Wajjiin Du'edha.
Kutaawwan Itti Aanan: 1 2 3 4 5 • 6 • 7 • 8

Kiristaanni Maali?
4. Kiristoos Wajjiin Kan Fannifamedha.
Kutaawwan Itti Aanan: 1 2 3 4 • 5 • 6 • 7 • 8

Kiristaanni Maali?
3. Faana Kiristoos Kan Hordofudha.
Kutaawwan Itti Aanan: 1 2 3 • 4 • 5 • 6 • 7 • 8

Kiristaanni Maali?
2. Gara Kiristoosiin Fakkachuutti Kan Guddatudha.
Kutaawwan Itti Aanan: 1 2 • 3 • 4 • 5 • 6 • 7 • 8

Kiristaanni Maali?
2. Bu'aa Lammaffaa Dhalachuu
Kutaawwan Itti Aanan: 1 • 2 • 3 • 4 • 5 • 6 • 7 • 8

Kiristaanni Maali?
1. Lammaffaa Kan Dhalatedha.
Kutaawwan Itti Aanan: 1 • 2 • 3 • 4 • 5 • 6 • 7 • 8

Daniel Bekele: Waanta musilmni tookkoo qalee akka hin nyaannee macaafa keessatti caqafamee jiraa? Deebii: Gaaffii baay'ee gaariidha. Deebiin isaa gabaabaan: Kallattiidhaan jechi "Musliima" ykn "Foon Musliimni qale" jedhu Macaafa Qulqulluu keessa hin jiru. Sababni isaas, amantiin Islaamaa kan hundeeffame Macaafni Qulqulluun barreeffamee xumuramee jaarraa ja'a (6) booda (Jaarraa 7ffaa keessa) waan ta'eefi. Haa ta'u malee, namni alaa ykn namni amantii biroo hordofu foon inni qale nyaatamu qaba moo hin qabu kan jedhuuf, Kakuu Haaraa keessatti qajeelfamni bal'aan kennameera. Dhimmi kun Macaafa Qulqulluu keessatti karaa sadiin (3) ilaalama: 1. Foon Waaq-tolfamaaf (Idols) Dhiyaate: Walga'ii Ergamootaa isa jalqabaa irratti (Yerusaalemitti), namoonni saba ormaa irraa gara Kiristoositti dhufan wantoota muraasa irraa akka of eegan murtaa'ee ture. Isaan keessaa inni tokko foon waaq-tolfamaaf qalamuudha.
Hojii Ergamootaa 15:29 “Kunis immoo qalma waaqayyoolii tolfamaniif dhi'aate irraa, dhiiga nyaachuu fi dhuguu irraa, foon horii hudhamee du'ee nyaachuu irraa, halalummaa irraa akka fagaattan; kana hundumaa irraa yoo of eeggattan gaarii dha; nagaatti jiraadhaa!".”
Kiristiyaanonni baay'een yeroo ammaa foon Islaamni qale irraa kan of qusatan seera kana irratti hundaa'uuni. Sababni isaas, Musliimonni horii yeroo qalan maqaa "Allaah" (Bismillah) jedhanii waan qalaniif, kun immoo akka waan waaq-tolfamaaf aarfameetti fudhatu. 2. Bilisummaa Sammuu fi Kakuu Haaraa Gama biraatiin, Phaawulos Ergamaan waa'ee foon gabaa keessatti gurguramuu ykn nama amantii hin qabne biratti dhiyaatuu ilaalchisee bal'inaan barsiiseera. Waaqayyoon kadhannee fi galateeffannee yoo nyaanne homaa akka nu hin miine dubbata:
1 Qorontos 10:25-27 ²⁵ Foon dhaabii fooniitti gurguramus, yaada garaa keessanii akka hin tuqneef, waaqayyolii tolfamaniif qalamuu isaa utuu hin gaafatin, nyaachuu in dandeessu; ²⁶ akkuma caaffanni qulqullaa'aan jedhu iyyuu, "Biyyi lafaa wanti ishee keessa jirus hundinuu kan gooftaa ti". ²⁷ Namni hin amanne tokko mana isaatti nyaataaf yoo isin waame, isinis dhaquu yoo barbaaddan, yaada garaa keessanii akka hin tuqneef, maaliif qophaa'e jettanii utuu hin gaafatin, waan isiniif dhi'aate nyaadhaa!
1 Ximotewos 4:4-5 ⁴ Wanti Waaqayyo uume hundinuu gaarii dha, wanta galataan fudhatamu keessas hirmiin hin jiru. ⁵ Dubbiin Waaqayyoo kadhannis isa in qulleessa.
3. Namoota Biroo Gufachiisuu Dhiisuu Phaawulos itti fufuudhaan dhimmi nyaataa kun dhimma sammuu (conscience) ta'uu ibsa. Namni amantii cimtuu qabu "waaqni tolfamaan waa'ee hin qabu, foon kana nan nyaadha" jechuu danda'a. Garuu, yoo namni biraa (inna amantiin isaa dadhabaa ta'e) argee gufata ta'e, jaalala obbolummaaf jecha dhiisuun akka gaarii ta'e gorsa.
1 Qorontos 10:28 “Namni tokko, "Kun qalma aarsaadhaaf dhi'aatee dha" jedhee yoo isinitti hime garuu, waa'ee namicha isinitti hime sanaaf, yaada garaa isaas waan tuquuf hin nyaatinaa!”
Walumaa galatti Macaafni Qulqulluun "Foon Musliimni qale hin nyaatinaa" hin jedhu. Garuu qajeelfama kakuu haaraa irraa yeroo ilaallu: Namni tokko kadhatee, dhiiga Yesuusii fi dubbii Waaqayyootiin qulqulleessee nyaachuu danda'a (Mirga kakuu haaraati). Garuu foon sun maqaa waaqolii birootiin akka aarfame ykn qalame beekaa, akkasumas gochi kun namoota amantii dadhabaa qaban ni gufachiisa (ni mufachiisa) yoo ta'e, nyaachuu dhiisuutu filatamaadha. Kunis dhorkaa seeraa osoo hin taane, fagootti of eeggachuu fi miira (sammuu) namoota biroof eeggannoo gochuudha.
1 Qorontos 10 Dubbifachuun Gaariidha!
#Deebii@EphremDiriba