Ephrem Diriba
Ir al canal en Telegram
📖 Barumsa Macaafa Qulqulluu 🎧 Faarfannaa Hafuuraa ✒️ Walaloo fi Ergaa Hafuuraa 🎬 Viidiyoo & Fiilmiiwwan Amantii 📢 @EphremDiriba 💬 @EphremDiribaChat 📩 t.me/EphremDiriba?direct 🏠 https://t.me/EphremDiriba/2287 YouTube.com/@EphremDiriba
Mostrar más4 530
Suscriptores
-724 horas
-437 días
-14230 días
Archivo de publicaciones
4 530
Barnoonni kun YouTube irratti bifa viidiyoodhaan hojjetame: YouTube.com/@EphremDiriba
4 530
4 530
4 530
4 530
Kiristaanni Maali?
2. Bu'aa Lammaffaa DhalachuuKutaawwan Itti Aanan: 1 • 2 • 3 • 4 • 5 • 6 • 7 • 8
4 530
Kiristaanni Maali?
1. Lammaffaa Kan Dhalatedha.Kutaawwan Itti Aanan: 1 • 2 • 3 • 4 • 5 • 6 • 7 • 8
4 530
Daniel Bekele:
Waanta musilmni tookkoo qalee akka hin nyaannee macaafa keessatti caqafamee jiraa?
Deebii:
Gaaffii baay'ee gaariidha. Deebiin isaa gabaabaan: Kallattiidhaan jechi "Musliima" ykn "Foon Musliimni qale" jedhu Macaafa Qulqulluu keessa hin jiru. Sababni isaas, amantiin Islaamaa kan hundeeffame Macaafni Qulqulluun barreeffamee xumuramee jaarraa ja'a (6) booda (Jaarraa 7ffaa keessa) waan ta'eefi.
Haa ta'u malee, namni alaa ykn namni amantii biroo hordofu foon inni qale nyaatamu qaba moo hin qabu kan jedhuuf, Kakuu Haaraa keessatti qajeelfamni bal'aan kennameera. Dhimmi kun Macaafa Qulqulluu keessatti karaa sadiin (3) ilaalama:
1. Foon Waaq-tolfamaaf (Idols) Dhiyaate:
Walga'ii Ergamootaa isa jalqabaa irratti (Yerusaalemitti), namoonni saba ormaa irraa gara Kiristoositti dhufan wantoota muraasa irraa akka of eegan murtaa'ee ture. Isaan keessaa inni tokko foon waaq-tolfamaaf qalamuudha.
Hojii Ergamootaa 15:29 “Kunis immoo qalma waaqayyoolii tolfamaniif dhi'aate irraa, dhiiga nyaachuu fi dhuguu irraa, foon horii hudhamee du'ee nyaachuu irraa, halalummaa irraa akka fagaattan; kana hundumaa irraa yoo of eeggattan gaarii dha; nagaatti jiraadhaa!".”Kiristiyaanonni baay'een yeroo ammaa foon Islaamni qale irraa kan of qusatan seera kana irratti hundaa'uuni. Sababni isaas, Musliimonni horii yeroo qalan maqaa "Allaah" (Bismillah) jedhanii waan qalaniif, kun immoo akka waan waaq-tolfamaaf aarfameetti fudhatu. 2. Bilisummaa Sammuu fi Kakuu Haaraa Gama biraatiin, Phaawulos Ergamaan waa'ee foon gabaa keessatti gurguramuu ykn nama amantii hin qabne biratti dhiyaatuu ilaalchisee bal'inaan barsiiseera. Waaqayyoon kadhannee fi galateeffannee yoo nyaanne homaa akka nu hin miine dubbata:
1 Qorontos 10:25-27 ²⁵ Foon dhaabii fooniitti gurguramus, yaada garaa keessanii akka hin tuqneef, waaqayyolii tolfamaniif qalamuu isaa utuu hin gaafatin, nyaachuu in dandeessu; ²⁶ akkuma caaffanni qulqullaa'aan jedhu iyyuu, "Biyyi lafaa wanti ishee keessa jirus hundinuu kan gooftaa ti". ²⁷ Namni hin amanne tokko mana isaatti nyaataaf yoo isin waame, isinis dhaquu yoo barbaaddan, yaada garaa keessanii akka hin tuqneef, maaliif qophaa'e jettanii utuu hin gaafatin, waan isiniif dhi'aate nyaadhaa!
1 Ximotewos 4:4-5 ⁴ Wanti Waaqayyo uume hundinuu gaarii dha, wanta galataan fudhatamu keessas hirmiin hin jiru. ⁵ Dubbiin Waaqayyoo kadhannis isa in qulleessa.3. Namoota Biroo Gufachiisuu Dhiisuu Phaawulos itti fufuudhaan dhimmi nyaataa kun dhimma sammuu (conscience) ta'uu ibsa. Namni amantii cimtuu qabu "waaqni tolfamaan waa'ee hin qabu, foon kana nan nyaadha" jechuu danda'a. Garuu, yoo namni biraa (inna amantiin isaa dadhabaa ta'e) argee gufata ta'e, jaalala obbolummaaf jecha dhiisuun akka gaarii ta'e gorsa.
1 Qorontos 10:28 “Namni tokko, "Kun qalma aarsaadhaaf dhi'aatee dha" jedhee yoo isinitti hime garuu, waa'ee namicha isinitti hime sanaaf, yaada garaa isaas waan tuquuf hin nyaatinaa!”Walumaa galatti Macaafni Qulqulluun "Foon Musliimni qale hin nyaatinaa" hin jedhu. Garuu qajeelfama kakuu haaraa irraa yeroo ilaallu: Namni tokko kadhatee, dhiiga Yesuusii fi dubbii Waaqayyootiin qulqulleessee nyaachuu danda'a (Mirga kakuu haaraati). Garuu foon sun maqaa waaqolii birootiin akka aarfame ykn qalame beekaa, akkasumas gochi kun namoota amantii dadhabaa qaban ni gufachiisa (ni mufachiisa) yoo ta'e, nyaachuu dhiisuutu filatamaadha. Kunis dhorkaa seeraa osoo hin taane, fagootti of eeggachuu fi miira (sammuu) namoota biroof eeggannoo gochuudha.
1 Qorontos 10 Dubbifachuun Gaariidha!#Deebii@EphremDiriba
4 530
#Shalom@EphremDiribaNagaa bultanii? Galata Waaqayyoo, ani nagaa kooti. Har'as deebii Macaafa Qulqulluu fi yaadota irratti mari'achu qabnu irratti hamma Ayyaanni nuuf baayyate waliin dudubbanna. Eebbifamaa!
4 530
Dŕ.አብዲ 2G:
Mat 11:11? Hunda caala? Hunda gadi?
Deebii:
Maatewos 11:11 “Dhuguman isiniin jedha, nama ta'ee lafa irratti kan dhalate keessaa, Yohannis cuuphaa irra kan caalu takkaa hin kaane; garuu mootummaa waaqaatti inni hundumaa irra xinnaatu iyyuu isa irra in caala.”Dhugumadha. Nama ta'ee kan dhalate keessaa raajota turan keessaa kan Yohannis caalu hin kaane. Raajonni baayyeen ka'aniiru, Raajonni Kakuu Moofaa hundi waa'ee dhufaatii Masiihichaa (Kiristoos) fagootti rajan. Yohannis garuu baay'ee adda ture; inni Masiihicha ijaan argee, Harka isaan isa cuuphe, "Ilaa hoolicha Waaqayyoo, isa cubbuu biyya lafaa irraa fuudhu!" (Yohannis 1:29) jedhee uummataaf dhugaa ba'e. Kanaan namoota (raajota) kakuu moofaa keessa turan caale. Maaliin caalame? Yohannis raajota kakuu moofaaf isa dhumaa fi isa guddaa ture. Inni kakuu haaraaf karaa ta'us, kakuu haaraa garuu hin argine. hafuurri qulqulluu isa keessa hin buufanne, akka keenya ayyaana Waaqayyoo hin miyeeffanne. (Mootummaa Waaqayyoo keessatti jechuun; waan gara fuulduraatti ta'uuf jiru keessatti jechuu utuu hin ta'iin, amma addunyaa hafuuraa nuti keessa jirru kan argisiisudha. Nuti ammayyuu Mootummaa Waaqayyoo keessa jirra.) Caqasichi waa'ee ayyaana Waaqayyoo fi eebba guddaa amantoonni karaa fannoo fi du'aa ka'uu Yesus Kiristoosiin argatan agarsiisa. Nuti warri bara Kakuu Haaraa (bara ayyaanaa) keessa jirru, raajota Kakuu Moofaa warra gurguddoo caalaa carraa, mirga fi ifa guutuu akka qabnu nu yaadachiisa. Nuti sababa hojiin Kiristoos guutummaatti xuxmurameef, lafa irratti amma kana eebba hafuuraa raajota Kakuu Moofaa hunda caalu qabna jechuudha. #Deebii@EphremDiriba
4 530
Lata Warkina:
Epha akkam ati, kananaaf ibsi mee Efeson 5:5
Deebii:
Nagaan siif haa ta'u, Galata Waaqayyoo anis nagaa kooti.
Efesoon 5:5 “Namni halaleen, yookiis xuraa'aan yookiis sassataan mootummaa Kristosii fi mootummaa Waaqayyootti galuu akka hin dandeenye beekaa! Namni sassataan waaqayyolii tolfaman waaqessuu isaa ti.”Kun jireenya namoota Waaqayyoof hin abboomamne ykn Waaqayyotti hin amanneeti. Isaan qulqulloota waan hin ta'iiniif mootummaa Waaqayyootti hin galan. Itti fufnee yoo dubbifne dubbichi ifa nuuf ta'a:
Efesoon 5:7-8 ⁷ Hidhata namoota akkasii hin ta'inaa! ⁸ Isin dur dukkanaa'oo turtan, amma garuu karaa gooftaa iftaniittu; egaa akka ijoollee ifaatti jiraadhaa!Ergaan kutaa kanaa “isin yoo akkas gootan mootummaa Waaqayyootti hin galtan” kan jedhu utuu hin ta'iin, “namoota akkasii hin fakkaatiinaa, amala akkasii qabdu turtan, amma garuu jireenya akkasii irraa hiikamtanii ijoollee ifaa (ijoollee Waaqayyoo) taataniittu. akka kanatti jiraachuu hin qabdan. Abbaa keessan isa Waaqarraa fakkaachuu qabdu.” Kan jedhudha. Kiristaanni (namni mana amantaa jijjiirata utuu hin ta'iin, namni Yesuusitti amanee eenyummaa isaa jijjiirratee) mucaa Waaqayyoo ta'e tokko, amala akkasiitti qabamee jiraachuu hin danda'u:
1 Yohannis 3:9-10 ⁹ Namni mucaa Waaqayyoo ta'e hundinuu, sanyii Waaqayyoo waan ta'eef cubbuutti qabamee hin jiraatu; mucaa Waaqayyoo waan ta'eefis cubbuutti qabamee jiraachuu hin danda'u. ¹⁰ Namni waan qajeelaa hin hojjenne, obboleessa isaa hin jaallannes hundinuu, kan Waaqayyoo miti; ijoolleen Waaqayyoo fi ijoolleen Seexanaas kanaan in beekamu.#Deeb@EphremDiriba
4 530
Shalom! Nagaa bultanii?
Tajaajilli keenya har'aa ifatti eegaleera! Gaaffiiwwan keessan hamma ayyaanni Waaqayyoo naaf baayyate isiniifin deebisa.
#Shalom@EphremDiriba
4 530
Kiristaanni Maali?
1. Lammaffaa Kan Dhalatedha.
Kutaawwan Hunda Ilaali:
1 • 2 • 3 • 4 •5 • 6 • 7 • 8
4 530
Yoo dinqiin siif raawwatamuu baate, dinqii namootaaf hojjedhu!
— Nick Vujicic (namicha harkaaf miila malee dhalate fi Wangeela barsiisuutiin beekamu)
#JechamaAmantii@EphremDiriba
4 530
Guutummaa Fakkeenyichaa:
Maatewos 25:1-13 ¹ Yesus yommus, "Mootummaan waaqaa durboota kurnan warra ibsaa isaanii fudhatanii, dhirsa misirroo simuudhaaf ba'an fakkaata. ² Durboota sana keessaa shan gowwoota turan, shan immoo afshaalota turan. ³ Warri gowwoonni ibsaa isaanii fudhatan malee cuunfaa ejersaa isa ibsaatti naqan hin fudhanne. ⁴ Warri afshaalonni ibsaa isaanii wajjin cuunfaa ejersaa qodaatti fudhatan. ⁵ Dhirsi misirroo galuu turraan hundumti isaanii muganii rafan. ⁶ "Halkan walakkaa immoo sagalee guddisee, 'Dhirsi misirroo kunoo ti! Isa simuudhaaf ba'aa!' jedhutu dhaga'ame. ⁷ Yommus durboonni sun hundinuu ka'anii ibsaa isaanii tottolfatan. ⁸ Warri gowwoonni warra afshaalotaan, 'lbsaan keenya dhaamuuf jedha, cuunfaa ejersaa keessan irraa waa nuuf kennaa!' ittiin jedhan. ⁹ Warri afshaalonni garuu deebisanii, 'Warra gurguran bira dhaqaatii bitadhaa malee, innoo nuufis isiniifis hin ga'u' jedhaniin. ¹⁰ Yeroo isaan bitachuu dhaqanittis dhirsi misirroo in dhufe; warri qophaa'an isaa wajjin mana cidhichaatti ol galan, balballis in cufame. ¹¹ Durboota sana keessaa warri hafan immoo booddee dhufanii, 'Yaa gooftaa, yaa gooftaa nuuf bani!' jedhaniin. ¹² Inni immoo deebisee, 'Dhuguman isiniin jedha, ani isin hin beeku' jedheen. ¹³ Egaa, guyyicha, yerichas hin beektaniitii dammaqaa!" jedhe.Beektonni macaafa qulqulluu fakkeenya kanaaf hiika garagaraa qabu. Yaada beektotaa as guurree wal jaanjessuu irraa, dogoggora yeroo baayye barsiifamu tokko fi hiika sirrii ergaa Macaafa Qulqulluu waliin deemu, ani itti amanu akka armaan gadiitti isiniif ibseera: Hiika Dogoggoraa: Durboota Kurnan: Waldaa Kiristaanaa Ibsaa Cuunfaa Ejersaa: Hafuura Qulqulluu Dhirsa Misirroo: Gooftaa Yesuus Kun akkamitti dogoggora ta'a? • Akka hiika armaan oliitti, Misirricha qofatu sirriidha. • Waldaan Kiristaanaa 10 utuu hin ta'iin tokkittiidha (mushirittiidha) • Mushurraan tokko, altokkotti durba 10 fuudhuu hin dhufu. • Hafuurri qulqulluu hin dhaamu, gabaa irraas hin bitamu. Hiika Sirrii: Haasaan kun yihuudota gidduutti kan raawwatame waan ta'eef aadaa isaanii kan gidduu-galeeffatedha. Aadaa gaa'elaa warra yihuudotaa keessatti, dhirsi misirroo galgala dhufa, durboonni (miinzonni) ishees ibsaa qabatanii dhirsa misirroo simatu. Durboota Kurnan: Yihuudota Dhirsa Misirroo: Gooftaa Yesuus Ibsaa Cuunfaa Ejersaa: Gidiraa Keessatti Cimanii Dhaabbachuu Butamsa waldaa kiristaanaa booda, gidiraa waggaa 7 keessatti wangeelli mootummaa ni lallabama kaan ni amanu, kaan immoo ni dhaga'u malee hin amanan. Gooftaanis amantootaa fi ergamoota waliin, biyya lafaa irratti mootummaa isaa waggaa kumaa dhaabuuf ni dhufa. Lakkoofsi kudhan israa'el guutummaa akka jechuuti. Shan immoo walakkaan akka jechuuti. Warri jabaatanii dhabbatan (warri ibsaan isaanii hin dhaabiim) mootummichatti galu. Warra kaa immoo in dhabu jechuudha.
4 530
Hiika Fakkeenya Durboota Kurnanii
Barumsa gabaabaa gaaffii keessan irratti hundaa'uun qophaa'e!Kun seenaa/taatee dhugaa raawwatame miti. fakkeenya Yesuus barsiisuuf uumedha malee. Taatonni inni fakkeenya isaa keessatti fayyadamu hundis hiika mataa isaanii fi barumsa guddaa qabu! Macaafa Qulqulluu keessa qomoo sadiitu jiru. 1. Yihuudota (Israa'el) 2. Ormoota fi 3. Waldaa Kiristaanaa Kutaawwan tokko tokko Israa'elootaaf caafaman, sun waldaa kiristaanaaf barumsa ta'uu danda'a malee kallattiin waldaa kiristaanaa hin ilaallatu. Kaanimmoo Waldaa Kiristaanaaf caafaman, isa kana Yihuudonni Yesuusitti hin amaniin ni mormu. Kanaaf, waanuma macaaficha keessatti argine hundumaa Waldaa Kiristaanaatti hiiku fi yaada dogoggoraa lallabuu irraa of haa eeggannu jechuun barbaada. Fakkeenyichi fi hiika isaa akka armaan gadiitti isiniif dhiyeesseera👇
#Deebii@EphremDiriba
4 530
Nagaa ooltani obbolaa?
Galata Waaqayyoo, ani nagaa kooti, guyyaan koos gaarii ture. Isin biraa akkami?
#Shalom@EphremDiriba
¡Ya disponible! Investigación de Telegram 2025 — los principales insights del año 
