cookie

ما از کوکی‌ها برای بهبود تجربه مرور شما استفاده می‌کنیم. با کلیک کردن بر روی «پذیرش همه»، شما با استفاده از کوکی‌ها موافقت می‌کنید.

avatar

FBC (Fana Broadcasting Corporate/Fana The Insider,ፋና የውስጥ አዋቂ.Kaayyoon chaanaalii kanaa warra sagalee hin qabneef sagalee ta'uu,

Fana Afaan oromo Kessaa Bekaa,fana the Insider,ፋና የውስጥ አዋቂ.የዚህ ቻናል አላማ ድምጽ ለሌላቸው ድምጽ መሆን፣ድብቅ አጀንዳዎችን ለህዝብ ማሳየት፣የህብረተሰቡን ሸክም ማጋለጥ እና ለፍትሃዊ እኩልነት ሚዛናዊ መሆን ነው። ለበለጠ Info ከእኛ ጋር ይቀላቀሉን።Kaayyoon chaanaalii kanaa warra sagalee hin qabneef sagalee ta'uu dha

نمایش بیشتر
فنلندة1 102زبان مشخص نشده استسیاست8 355
پست‌های تبلیغاتی
5 321
مشترکین
+4824 ساعت
+3127 روز
+1 55330 روز

در حال بارگیری داده...

معدل نمو المشتركين

در حال بارگیری داده...

Magaalaa Mooyyaaleetti, tajaajilii taargaa mootora,baajaajiifi makinaa,akkasumaas, boolloo fi libre/ dabtara abba qabeenyumma,Kennuun jalqabamee jira. Kanaaf jechaa fagoo deemuun haafeeraa! Isan tajaajiluuf jirraa waan ta'eef,haala isanii mijeessuun dirqama kenyyaa! Ejansii Geejiiba Magaalaa Mooyyaalee dhuftanii tajaajila argachuu dandeettu!
نمایش همه...
👍 2
Faayidaa Fayyaa Bishaan Garbuu: ¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯ Bishaan Garbuu dhuguun fayyaa keessaniif bu'aa ajaa'ibaa qaba. Bishaan garbuu dhuguun dhukkuba sammuufi dhiphina nama irraa ittisa. Carraa kaansariin qabamuu hir'isa. Dhukkuba kalee; keessumattuu cirracha kalee, dhukkuba onnee, rakkoo ujummoo dhiigaa fi rakkoo ujummoo fincaanii ni fayyisa. Hir'ina dhiigaa fi dadhabbii qaamaa fooyyessa, gogiinsa garaa dhoogga. ¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯ Faayidaa fayyaa bishaan Garbuu qabu: ¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯ 1: Ulfaatina qaamaa hir'isuuf gargaara  Garbuun madda faayibara nyaataan badhaadhaa waan ta’eef, bullaa'insa nyaataa fi adeemsa gubatuu soorataa(metabolism) suutaan madaalawaa gochuu ulfaatina qaamaa hir'isuuf nu gargaara. 2: Infeekshinii ujummoo fincaaniif: Bishaan Garbuu dhugaatii ajaa'ibaa dhukkuba ujummoo fincaaniif gargaarudha. Akka qoricha cimaa hamma fincaan fincaannuu dabaluu fi summii qaama keessaa baasuun hujii dinqii hojjata. Bishaan Garbuu cirracha kalee dhabama taasisa. Faayidaan bishaan Garbuu dandeettii kalee qulqulleessuufi infekshiinii ujummoo fincaanii fayyisuu qaba. 3: Bullaa'insa nyaataa: Bishaan Garbuu dhuguun rakkoo garaachaa fi marrumaanii furuuf baayyee beekamaadha. Sababa faayibara baay'ee qabuuf sirna bullaa'ina soorataaf faayidaa guddaa qaba. Bishaan garbuu baakteeriyaa"Bacteroides" jedhamu, kan garaacha keessatti argamuun miidhaa garaachaa fi qaama biraa irrattis geessisu ajjeesuufis gargaara. Kana males Summii garaa keessaa balleessuun sirna keessoo qaamaa qulqulleessuuf gargaara. Qorattoonni akka jedhanitti bishaan garbuu yeroo dheeraaf dhuguun dhukkuba onnee fi ujummoolee dhiigaa fooyyessuuf gargaara. Kunis kan ta’u sababa beetaa-giluukaanota kanneen dallaa seelii barbaree keessatti argamaniin. 4: Sukkaara dhiigaa hir'isuu danda'a: Bishaan garbuu sukkaaraan usuu hin mi'eeffamin dhuguun faayidaa sukkaara dhiigaa hir'isuuf to'achuuf bayyee nama gargaara. Antioksidaantoonni garbuu keessatti argamanis sukkaara dhiigaa to’achuuf haalaan gargaaru. 5: Kolestroolii gadi buusu danda'a: Keemikaalonni uumamaan Garbuu keessatti argaman – meeshaalee, kolestroolii LDL (hamaa) ukkaamsuu fi fayyaa waliigalaa onnee fi ujummoolee dhiigaa fooyya’aa ta’eef gumaacha ta’anii argaman. Antioksidaantoonni fi fiberoonni argaman hamma kolestroolii dhiiga keessatti argamu hir'isuufis baay'ee gargaaru.  6: Gogaadhaaf: Bishaan garbuu dhuguun gogaa keessaniif gaarii akka ta'e namoonni baay'een hin beekanu. Fuula keessaniif ifa kan kennu yoo ta'u, fayyaa akka qabaatu taasisa. Akkasumas gogaa keessan bareechuufi gogaan qacalee ykn kichuu akka ta'u godha. Bishaan garbuu kompaawundii azelaic jedhamu kan finniisa salphaa hanga giddu galeessaa yaaluuf gargaaruu danda'us of keessaa qaba. Bishaan garbuu bu'aa farra dulloomuu kan qabu yoo ta'u, antioxidants baay'ee waan of keessaa qabuuf ifa aduu(radicals) ofirraa ittisuuf gargaara. 7: Dhiibbaa Dhiigaa to'achuuf gargaara: Bishaan garbuu dhiibbaa dhiigaa gadi buusuun isaas beekamaadha . Yeroo baayyee dhiibbaan dhiigaa dhukkuba onnee fi ujummoolee dhiigaa kan atherosclerosis jedhamu fiduuf sababoota adda duree ta’uun isaa beekamaadha. Bishaan garbuu dhiibbaa dhiigaa hir’isuu fi marsaa dhiigaa sirnaan fooyya'aa akka qabaatu taasisa. 8: Ulfa fayya qabeessa ta'e mirkaneessa Bishaan garbuu soorata hedduu waan qabuuf dubartoota ulfaaf dhugaatii fayyaa gaarii ta'ee fudhatama. Bullaa'insa nyaataa fayya qabeessa ta'e ni jajjabeessa, qufaa akka hin uumamne kan ittisu yoo ta'u, dhukkuba ganama hir'isuuf illee gargaaruu danda'a. Hunda caalaa bishaan garbuu amaloota fincaan namaa baasu qaba, kana jechuun yeroo ulfaa bishaan qabachuu hir'isa . 9:Madda soorataa:gadi Garbuun qabiyyeewwan madda soorata barbaachisoo ta’an kanneen akka: Vitaminoota –vitaamin B complex Albuudota – maangaanizii, seeliiniyeemii, fosfarasii, ayirenii, kaalsiyeemii fi ziinkii Fiiber soorataa  Antioksidantoota  Faayitookeemikalota fi kkf of keessaa qaba. ¯¯¯¯¯¯¯¯ Akkaataa Fayyadamaa: ¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯ 1:Sanyii Garbuu dheedhii kubbaayyaa 1 2:Loomii firii 1 3:Damma maankaa 1. 4:Qarafaa fi Zanjabila hanga ta'e
نمایش همه...
👍 5
➫Garbuuu, Qarafaa fi Zanjabila bishaan burcuqqoo lamaa wajjiin daqiiqaa 30f ibidda cimaa irratti danfisaa! ➫Erga sirritti danfee ibidda irraa buuftanii dhimbiibaa! ➫ Erga dhimbiibdanii loomii itti cuunfaa, damma maankaa tokkoo itti dabalaa! Xiqqoo akka qabbanaayuu yoo ta'e dhugaa! ➫Guyyatti yeeroo lama, torbee tokkoof ykn akkaataa dhukkubaatiin torbee 2 fi 3 yoo ta'e miidhaa hin qabu.
نمایش همه...
👍 1
Qabsaa kalkuleshinii biyyaa kana of harkaa qabuu obboo jawar mohmed
نمایش همه...
👍 8
#Itoophiyaa_Qulqulluu Qaamolee sosochii waamicha "Daandii Qulqulluu - Jireenya Fayyaalessa"tti makaman Pirezdaantiin Mootummaa Naannoo Gidduugala Itoophiyaa Obbo Indashawu Xaasoofi Hogganaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa damee naannichaa Doktar Diilaamoo Otooree waamicha "Daandii Qulqulluu - Jireenya Fayyaalessa"tti makaman. Akkasumas Televizyiniin EBS (SILVER SPRING PRODUCT & PROMOTION PLC) qarshii miliyoona afur, Naashinaal Oyil Itoophiyaa qarshii miliyoona lama gumaachuun waamichichatti makamaniiru.
نمایش همه...
Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad, ayyaana dhufu sababeeffachuun, hojjettootaa Waajjira Ministira Muummee galii gadaanaa qabaniifi daa’imman waajjirichi guddisuuf maaddii qoodaniiru.
نمایش همه...
Ergaa Kantiibaa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanec Abeebee!! Kabajamoo Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahimad waliin sadarkaa hojiin keenya misooma koriidarii itti argamurratti gamagamma gadi fagoo adeemsifnee raawwiin hojiileen keenya waliigalaa irra jiran bu'a qabeessa ta'uusaanii ilaalleerra. Bu'uura kallattii nuuf kennameen hojiilee keenya misooma koriidarii bu'uuruma ummata keenyaaf waadaa seenneen yeroo gabaabaa keessatti nixumurra. Rakkoo dhiibbaa tiraafikaa yeroof magaalaa keenyatti mudate hundeerraa furuuf bu'uura misoomaa magaalattii madaalu ijaaruurratti kan argamnu yoo ta'u, obsaafi tumsa ummanni keenya agarsiiseef maqaa bulchiinsa magaalattiin galateeffachuun barbaada. Waaqni Itoophiyaafi ummatashee haa eebbisu
نمایش همه...
Konkolaattonni pirojektii deeggarsa godaantotaa marsaa 2ffaaf oolan 54 naannoleef kennaman *** Gaazexaa Bariisaa Pirojeektiin hawaasa qodaantotaa biyyattiitti qubataniifi hawaasa naannawa sana jiraatu deeggaruuf bocame marsaa 2ffaa kanaaf doolaara miliyoona 180 ramadamuu Ministeerri Qonnaa beeksise. Konkolaattotni har’a naannolee pirojektichi ittiraawwatamuuf kennamanis hojichi raawwii gaarii akka qabaatuuf yaadameeti jedhame. Pirojektichi hawaasa lammiilee 2.2 ta’an fayyadamoo akka taasisu ibsameera. Bayyanaa Ibraahimiin
نمایش همه...
Konkolaattonni pirojektii deeggarsa godaantotaa marsaa 2ffaaf oolan 54 naannoleef kennaman *** Gaazexaa Bariisaa Pirojeektiin hawaasa qodaantotaa biyyattiitti qubataniifi hawaasa naannawa sana jiraatu deeggaruuf bocame marsaa 2ffaa kanaaf doolaara miliyoona 180 ramadamuu Ministeerri Qonnaa beeksise. Konkolaattotni har’a naannolee pirojektichi ittiraawwatamuuf kennamanis hojichi raawwii gaarii akka qabaatuuf yaadameeti jedhame. Pirojektichi hawaasa lammiilee 2.2 ta’an fayyadamoo akka taasisu ibsameera. Bayyanaa Ibraahimiin
نمایش همه...
👍 2