cookie

ما از کوکی‌ها برای بهبود تجربه مرور شما استفاده می‌کنیم. با کلیک کردن بر روی «پذیرش همه»، شما با استفاده از کوکی‌ها موافقت می‌کنید.

avatar

Ethiopian Press Agency/ Afaan Oromoo/

نمایش بیشتر
پست‌های تبلیغاتی
13 137
مشترکین
+5424 ساعت
+3677 روز
+1 52930 روز

در حال بارگیری داده...

معدل نمو المشتركين

در حال بارگیری داده...

Ergaa Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmad‼️ Waggoota muraasa darbanitti omishni waqtii roobaa duubatti otoo hin harkifatiin tattaffii misooma qamadii bonaa babal’isuu dandeenyeerra. Daawwannaan har’aa ittifufinsa hojiiwwanii kan itti arginedha. Qonnaan invastimantii cimaa barbaada. Qabiyyeen lafa keenyaa midhaaniin uwwisnus suuta suuta dabalaa dhufeera.
نمایش همه...
Itoophiyaatti qamadii jal'isiin omishame keessaa dhibbantaa 97 Oromiyaatu omishe ******************** Gaazexaa Bariisaa Itoophiyaatti qamadii jal'siidhaan omishame keessaa dhibbantaan 97 Naannoo Oromiyaatti kan omishame ta'uu Ministeerri Qonnaa beeksise. Ministeerichatti Bakka Bu'aa Gaggeessa Dhimmoota Tarsimoo kan ta'an Obbo Mulugeetaa Siyyum gabaasa raawwii ji'a sagalii ministeerichaa yommuu dhiyeessan akka jedhanitti, bara kana akka guutuu biyyaatti, jal'isii bonaatiin qamadii kuntaala miliyoona 87.4 omishame keessaa kuntaalli miliyoona 85.1 Naannoo Oromiyaatti omishame. Haaluma walfakkaatuun omisha midhaanii idilee bara omisha 2015/2016 akka biyyaatti kuntaala miliyoona 506 argame keessattis Oromiyaan kuntaala miliyoona 284 omishuun dhibbantaa 56 gumaacha taasiseera jedhan. Taammiruu Raggaasaatiin Caamsaa 13 bara 2016
نمایش همه...
Damee turizimiirraa galii doolarri biliyoona 3.2 argame ****************** Gaazexaa Bariisaa Ji'oottan salgan darbanitti damee turizimiirraa galii doolaarri Ameeriikaa biliyoona 3.2 argamuu Ministeerri Turiizimii beeksise. Ministeerichi raawwii hojii ji'oottan salgan darbanii har'a Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataaf dhiyeesseera. Ministirri Turizimii Ambaasaddar Naasisee Caalii akka ibsanitti, ji'oottan salgan darbanitti lammiilee alaa kuma 861 ol Itoophiyaa daawwatanirraa galii doolaara biliyoona 3.2 argameera. Turistoota biyya keessaa miliyoona 30.5 biyyattii daawwatanirraa qarshii biliyoona 48.8 argachuun danda'ameera jedhan. Gama carraa hojiin namoota kuma 81fi 126 ta'aniif carraan hojii wayita umamu namootni kumni 29fi 295 waldaan gurmaa'uun galii qarshii miliyoona 52 ol argataniiru. Waaqshuum Fiqaaduutiin Caamsaa 13 bara 2016
نمایش همه...
Aadde Amiinaa Abdulkariimin Afyaa’ii Ittaantuu gumichaa ta’uun muudaman ***************** Gaazexaa Bariisaa Gumiin Biyyaalessaa Hararii walgahii hatattamaa gaggeesseen Aadde Amiinaa Abdulkariimin Afyaa’ii Ittaantuu yaa’ichaa taasisuun muudeera. Aadde Daliilaa Yasuuf ammoo Walittiqabduu Koree Daabbii Aadaafi Turizimii taasisuun muudeera. Waltajjicharratti Pirezdaantiin naannichaa Obbo Ordiin Badrii, Afyaa’ii gumichaa Obbo Mahaddiin Ahmad dabalatee hoggantoonni olaanaa argamuusaanii kominikeeshinii naannichaatu gabaase. Caamsaa 13 bara 2016
نمایش همه...
DhPI ogeessota kominikeeshinii Baankii Daldala Itoophiyaaf leenjii kennaa jira **************** Gaazexaa Bariisaa Dhaabbanni Pireesii Itoophiyaa ogeessota kominikeeshinii Baankii Daldala Itoophiyaaf leenjii kennaa jira. Leenjichi manaajimantii miidiyaa hawaasummaa, manaajimantii vizuwaal odiyoofi markeetiingii dijitaalaarratti xiyyeeffatee kennaa jira. Leenjicharratti ogeessonni kominikeeshinii baankichaa 70 hirmaatu. Guyyaa har’as leenjitoonni 30 mata duree manaajimantii miidiyaa hawaasummaarratti leenji’aa kan jiran yoota’u, kanneen hafan manaajimantii vizuwaal odiyoofi markeetiingii dijitaalaarratti kan leenji’an ta’u. Giddugalli leenjii DhPI kaleessa dargaggoota magaalaa Finfinnee 300 ta’aniif leenjiin kennameera.
نمایش همه...
Photo unavailableShow in Telegram
Oromiyaan Tigraayiif deeggarsa sanyii midhaanii taasise ********** Gaazexaa Bariisaa Bulchiinsi mootummaa naannoo Oromiyaa, Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Tigraayif deeggarsa sanyii midhaanii kuntaala kuma 20 taasisuuuu Biiroon Qonna Tigraay beeksise. Hogganaan biirichaa Doktar Iyyaasuu Abrahaa sagantaa gamaggama raawwii ji'a sagalii Ministeeraa Qonnaa har'a taasifamaa jirurratti raawwii hojii biiroosaanii oggaa dhiyessan akka jedhanitti, sababa waraana Itoophiyaa kaabaatiin naannoonsaanii garmalee waan miidhameef mootummaa fedaraalaafi maatiin qonnaa deeggarsa addaa taasisuurratti argamu. Naannichi bara omisha 2015/2016tti midhaan kuntaala miliyoona 15 omishuuf karoorfatee, sababa hanqina rooba ganna darbeetiin kuntaala miliyoona 5.7 qofa omishuu danda'e jedhaniiru. Hanqina dhiyeessii sanyii furuuf naannichi jallisiidhaan sanyii baay'isuuf lafa hektaara 114 sanyii filatamaadhaan uwwisuus guutummaatti sanyiin marge sinbira girrisaatiin waan jalaa nyaatameef kuntaala tokkollee hinarganne jedhaniiru.
نمایش همه...
Daandii Baalee Gobbaa-Dalloo Mannaa furmaata waaraa barbaadu ****************** Gaazexaa Bariisaa Naannoo Oromiyaa Godina Baaleetti, daandiin aanaalee Gobbaafi Dalloo Mannoo walqunnamsiisu naannawaa sochiin daldalaa itti baay’atu, omishaaleen qonnaa gara gidduugalaafi kutaalee biyyattii itti daddarbudha. Haa ta’u malee daandiin kun mijataa akka hintaane, bu’aa bahiin kan ittibaay’atuufi barootaaf suphiinsi kamiyyuu akka hintaaneef jiraattoonni naannawichaa dubbatu. Keessumaa konkolaachistoonniifi imaltoonni baay’ee rakkachaa jiraachuu himaniiru. Daandichi kiiloo meetira 110 kan dheeratu yoota’u, wayita roobni roobu socho’uun akka hindanda’amne jiraattonni kunneen himaniiru. Hogganaan Biiroo Daandiiwwanii Godina Baalee Obbo Dheekkamaa Bokkolluu daandicha Bulchiinsi Daandiiwwan Itoophiyaa akka bulchu ibsanii, haa ta’u malee komiiwwan hawaasicharraa dhufuuf deebii kennuuf bulchiinsicha waliin hojjetamaa jira jedhan. Daandichi konkolaattoota gurguddaa waan keessummeessuuf yeroo roobaa dafee bada jedhanii, rakkoo hawaasaa yeroof hiikuuf hojiin suphaa yeroo yerootti akka taasifamuufi rakkoo kanaaf furmaata waaraa kennuurratti qaawwi akka jiru dubbataniiru. Rakkoo daandii hawaasichaa waaraan furuuf daandiin haaraa aanaa Baalee Gobbaarraa hanga Dalloo Mannaatti geessu hojjetamaa jiraachuu himanii, hojiin daandii haaraas kontiraktaraaf kennamee haala gaariin deemaa akka jiru ibsaniiru. Daandiin haaraa hojjetamaa jiru kiiloo meetira 133 kan uwwisu yoota’u, hojiinsaas waggoota sadii keessatti xumuramee tajaajilaaf akka oolutti hojjetamaa jira jedhaniiru. Caamsaa 12 bara 2016
نمایش همه...
Photo unavailableShow in Telegram
Barana dinagdeen %7.9n akka guddatu eegama *********** Gaazexaa Bariisaa Finfinnee: Barana dinagdeen Itoophiyaa %7.9n kan guddatu ta'uu Ministeerri Karooraafi Misoomaa ibse. Ministirri Ministeerichaa Doktar Fitsum Asaffaa raawwii hojii ministeerichaa ji'oota saglan darbanii ilaalchisuun har'a miidiyaaleef ibsa kennaniiru. Guddina dinahdee %7.9 eegamu kanaaf dameen qonnaa dursa yoo qabatu damee alergiin warqii (sookoo) galii sharafa alaa maddisiisuu hubachiisaniiru. Waaqshuum Fiqaaduutiin
نمایش همه...
Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad muudama kennan. 1. Injiinar Ayishaa Mahaammad Ministira Ministeera Raayyaa Ittisaa 2. Doktar Abrahaam Balaay Ministira Ministeera Jaallisiifi Naannawa Gammoojjii 3. Doktar Mahaammad Indiriis Sadarkaa Ministir de’eetaatti, Qindeessaa Giddugala Ijaarsa Sirna Dimokraasii ta'uun Caamsaa 13 bara 2016 muudamaniiru. Caamsaa 12 bara 2016
نمایش همه...