cookie

ما از کوکی‌ها برای بهبود تجربه مرور شما استفاده می‌کنیم. با کلیک کردن بر روی «پذیرش همه»، شما با استفاده از کوکی‌ها موافقت می‌کنید.

avatar

Mana Qoricha Aadaa Al-Hikmaa

Traditional medicine

نمایش بیشتر
فنلندة1 933زبان مشخص نشده استپزشکی7 805
پست‌های تبلیغاتی
2 510
مشترکین
+1224 ساعت
+1137 روز
+69930 روز

در حال بارگیری داده...

معدل نمو المشتركين

در حال بارگیری داده...

Faayidaa Shaayii Magariisni Fayyaaf Namaaf Qabu ⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻ Caamsaan 21 guyyaa shaayii addunyaa jedhamee kabajama. Ani akka dhuunfaa kootti woggaa keessatti guyyaa tokko adda baasanii maqaa wahii itti godhanii kabajuu kana hin leellisu. Haata'uutii malee kaayyoon guyyaa aakkasii hubannaa kennuu sila ta'eef anis waa'ema Shaayii kana irratti hubannaa tokko akka argattan barbaada. Shaayiin waan irraa qophaayu irratti hundaa'ee gosoota heddu qaba. Gosoota shaayii jiran hunduma irra shaayiin magariisni sadarkaa 1ffaa irratti argama.Sadarkaa kunis faayidaa fayyaa namaaf kennan irratti hundaa'eeti. Qorannoon adda addaa taasifameen shaayiin magariisni fayyaa ilma namaatiif haalaan barbaachisaa akka ta'e mirkaneessa. Shaayii magariisa dhuguun: ➢ Hanga sukkaaraa dhiiga keessaa to’achuu ➢ Shaayii magariisni dhibee sukkaaraa gosa 2ffaa to’achuu ➢ Dhiitoo marummaanii namatti furuuf kan gargaaru ta’uu ➢Sammuu keenya burjaajjii dullumarraa dhufu baraaruufi sammuun hojiisaa haala fooyya’aa ta’een akka hojjatu gargaara ➢ Dhukkuba kaansarii ittisuufis haalaan kan gargaaru. ➢ Istirookii/dhiigni mataa keessatti itituu ittisuu ➢ Dhukkubbiiwwan onneefi maashaalee onneen walqabatan ittisuuf, ➢ Ulfaatina qaamaa hir’isuuf, ➢Hanga zayitaa dhiigaa sirreessuuf, ➢ Dhiibbaa dhiiigaa to’achuuf, ➢ Foolii badaa afaanii ballessuuf ➢ Fayyaa gogaafi tiruu eeguuf furmaata gaarii ta’uu qorannoowwan adda addaan eerameera. Shaayii magariisni bifa shaayiitiin danfistanii dhuguu dabalataan bifa juusiitiin qopheessattanii dhuguu ykn daakuu isaa qophaa’ee nyaata wajjiin faayyadamuu ni dandeettu. Nama ni fayyada jettanii yoo yaaddan #share namaaf godhaa Fuulaa kana Facebook irratti Mana Qoricha Aadaa Al-Hikmaa Fillow taasisaa
نمایش همه...
👍 2
Falfala/Sihrii Dhugaatii Irratti Hojjatamu ⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻ Namoonni falfala dhugaatii irratti hojjachatan jinnoota “jiraattota bishaanii“ jedhamaniin gargaaramanii hojjatu. Jinnoonni kunneen dhangala'oo irratti hojjachuu waan danda'aniif “jiraattota bishaanii“ jedhamu. Namni tokko dhugaatii akka Aannanii, Bunaa, bishaanii, Lallaafaa, Cuunfaa adda addaa fi wantoota dhugaatii biroo irratti yeroo Sihr godhu, jiiniiwwan Sihrii dhangala'aa akka hojjetu taasisan kanniin fayyadamaniiti. ⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻ Mallattoo Falfala/Sihrii Dhugaatii. 1. Bishaan dhuguu baattus garaan bishaaniin guutamuu, garaa keessa sagalee akka bishaan koddaa keessaatti 'culba culba' jedhu dhagayuu. 2. Bishaan qofa haqqisiisuu(oldeebisuu): Bishaan oldeebisuun bishaan qulqulluu osoo hin taane, dhangala’aa nyaata of keessaa hin qabne haqqisiisuu dha. 3. Garaa dhiitessuu: Dhiita'uun kun kan jalqabu yoo dubartii taate ulfa waan baatte fakkaata, yoo dhiira ta'e immoo borcii waan qabu fakkaata. Mana yaalaatti meeshaadhaan (Altiraasaawundiin) yoo ilaalamu dhangala'aa malee mallattoo biraa hin agarsiisu. 4. Caphsata harkaa fi lukaatti dhukkubuu: Ciqilee irratti, many'ee irratti, koroony'oo, jilba irratti, dugada qixxee miira dhukkubbii fi keessa nyaataa qabaachuu 5. Funyaan cufamuu: Kunis funyaan hanga foolii adda baafachuu hin dandeenyetti cufamuu. Yeroo haxxiffattu, qonyonyaa baay’ee goggogaa fi dhiiga makat kan foolii badaa qabu bahuu. 6. Dhiphina sammuu Humnaa Olii: Mallattoon kun mallattoo guddaa nama falfala kanaan qabamuu adda baasnuudha. Mallattoolee asii olitti himne waliin mallattoon dhiphina sammuu yoo jiraate, kallattiin weerara jiinii kanaa agarsiisa. 7. Hirriba dhabuu: Akkuma halkan dhiyaateen hirribni ijaa baduu. Sa'aatii tokkoo fi lamaa olitti hirriba rafuu dadhabuu. Yeeroo rafanis hirriba boqannaa namaaf hin kennine rafuu.Hirribni jeeqamuu ykn abjuu sodaachisaa irra deddeebiin arguu. 8.Garaa keessatti dhukkuba hin ibsamne ykn qaama namaatti hin tolle, ulfaatinni garaa ykn miirri dhukkubbii garaa ibsuuf nama dhibu namatti dhagahamu. 9. Miirri ykn haalli xiinsammuu tasa jijjiiramuu. Jijjiirama amala dhuunfaa tasuma dhufuu kan ibsa hin qabne. Fkf Namootaan wol-qunnamuu irraa fagaachuu, hawaasa ofbaasuu, raawwii hojii hir’achuu, raawwii barnootaa irratti dadhabuu, humni namaa dadhabuu, kasumas sammuun qayyabachuu dadhabuu. Hubachiisa Mallattoolee kanneen keessaa mallattoo 3 fi sanaa ol yoo ofirratti argitan daftanii yaalamuu qabdu! #Follow_Share_Like Mana Qoricha Aadaa Al-Hikmaa
نمایش همه...
4
Photo unavailableShow in Telegram
Harmeen koo akka nuti namaa gadi hin taaneef uffata namaa miccaa nu jiraachisaa turte. Yeroo tokko, ''huccuun ati miiccaa/dhiqaa jirtu kan eenyuuti?'' jedhee yeroon gaafadhu, ''kan ollaati, isaanin gargaara jedheetani'' naan jette. Garuu dubbiin akkas hin turre. Yerosuma osoo isiin qarshii 40 isaan harkaa fuutuun arge. Ani eenyummaa koo hin dagadhu. Marqaa nan marqa, hojii mana keessaa hunda nan hojjadha. Kantiibaa Magaalaa Dirre Dhawaa Obbo Kadir Juhaar. © Amar Temam
نمایش همه...
👍 5
Photo unavailableShow in Telegram
Rakkoo Waa Dagachuu Fi Furmaata Isaa >>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>> Sababoonni waa dagachuuf namatti fidan. ። Dhiphina sammuu ። Hirriba gahaa dhabuu ። summii ijaa irraa ። Miidhaa qorichootaa irraa ። Nyaata madaalawaa dhabuu ። Dhangala'aa gahaa fudhachu dhabuu(dehydration) ። Rakkoo xannacha adda addaa irraa fkf xannacha taayirooyidii irraa kan ka'e fkk Sababoota waa dagachuu isa bu’uuraa kana fooyyessuun rakkoo yaadachuu kee furuuf gargaaruu danda’a. Dabalataan qoricha uumamaa(Aadaa)armaan gadii fayyadamuun rakkoo waa dagachuu kana hambisuu ni dandeettu. Mala 1. Ixaana adii(Olibanum). ixaana adii maankaa tokko bishaan burcuqqoo tokkootti buusaa keessa bulchaa. Ganama bishaan san dhimbiibaa garaa duwwatti dhugaa. Mala 2 Aannan horii qarafaa daakkamaa woliin wolitti makaa ganama ganama dhugaa. Mala 3 Damma adii ganama ganama garaa duwwatti maankaa lama lama nyaachuu Mala 4 Aannan hoolaa qurunfudii woliin danfisanii dhuguu. Mala 5 Karbee bishaanitti bulbulaa. Bishaan san dhimbiibaa funyaaniin butadhaa. Mala 6 Qullubbii adii firee kaachaatu san 10. Timaatima sadi. Sooqidda maankaa xiqqaa wodhakkaa. Waan kana sadeen wolitti bulleessaa firiijii keessa tursiisaa. Erga akka wolqabutuu ta'ee xuuxadhaa. Mala 7 Rabbiin irra deddeebiin yaadadhaa(Zikrii)baayyisaa Hikma Home Remedy 0928795750 Mana Qoricha Aadaa Hikmaa #follow_share_like godhaa
نمایش همه...
👍 6
Photo unavailableShow in Telegram
Fedhii nyaataa dhabuu(Loss of Appetite) Fi Furmaata Rakkoo Kanaa ⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻ Furmaata Duraa ---------- ➢ Sochii qaamaa gochuu(regular exersice) ➢Nyaata xixiqqeessaa yero yeeroon nyaachuu shaakaluu ➢ Nyaata foolii cimaa qaban dhiisuu ➢ Nyaata baayyee mi'aawaa nyaachuu dhiisuu ➢ Bishaan gahaa dhuguu ➢ Nyaata qulqullinaan qopheeffachuu ➢ Nyaata gidduutti bishaan xiqqeessaa dhuguu ➢ Hirriba gahaa rafuu ➢ Hirriba dura nyaata salphaa nyaachuu ➢ Nyaannii waan kamuu caalaa baayyee barbaachisaa akka ta'e ofitti himuu ➢ Dhiphina sammuu to’achuu Haalota armaan olitti isiniif himne gochuu cinatti maloota armaan gadii keessaa kan isiniif mijaaye filadhaa itti fayyadamaa ⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻ Furmaata lammataa 1. Absuuda gurraacha maankaa 5 fi Shukkaara maankaa 5 wolitti daakaa. Sukkaaraaf Absuuda daktan kana irraa maankaa shukkaaraa 1 aannaan danfaa burcuqqoo tokkootti bulbulaa. Hirribaaf sa'aatiin tokko yoo hafu burcuqqoo tokko dhugaa. Galgala hundumaa hanga daakuun sun dhumutti itti fuufaa. 2. Qullubbii kaachisaa(clove) 3 ykn 4 bishaan burcuqqoo tokkoo wajji danfisaa. Loomii firii takka itti cuunfaa. Guyyatti yeeroo 2 ganamaaf galgala dhugaa. 3. Shaayii zanjabiilaaf qarafaa irraa qopheeffadhaa. Ganamaaf galgala burcuqqoo shaayii tokko tokko dhugaa. 4. Zayita absuuda gurraachaa shaayii ykn bunaan wajji dhugaa. 5. Firii Kororimaa(oogiyoo) ibidda laafaa irratti akaayaa! erga akaayamee daakaa ykn akka bunaatti tumaa. Daakuu sana irraa maankaa tokko akka shaayiitti danfisaa dhugaa! Guyyatti yeeroo lama. Dandeettii Rabbiitiin fedhiin nyaataa keessan akkaan ni dabala. Mana Qoricha Aadaa Al-Hikmaa
نمایش همه...
👍 8 1