Dr Abdi Adugna (MD)
رفتن به کانال در Telegram
Chaanalii kanaan; Dhimmoonni fayyaafi saayikoolojii ni tamsaasifamu! Isinis nu faana ta'aa! Gaaffii yoo qabattan; @Thomsankar
نمایش بیشترکشور مشخص نشده استپزشکی15 733
1 031
مشترکین
اطلاعاتی وجود ندارد24 ساعت
+37 روز
+2030 روز
در حال بارگیری داده...
کانالهای مشابه
هیچ دادهای
مشکلی وجود دارد؟ لطفاً صفحه را تازه کنید یا با مدیر پشتیبانی ما تماس بگیرید.
ابر برچسبها
هیچ دادهای
مشکلی وجود دارد؟ لطفاً صفحه را تازه کنید یا با مدیر پشتیبانی ما تماس بگیرید.
اشارات ورودی و خروجی
---
---
---
---
---
---
جذب مشترکین
مارس '26
مارس '26
+10
در 0 کانالها
فوریه '26
+41
در 0 کانالها
Get PRO
ژانویه '26
+28
در 0 کانالها
Get PRO
دسامبر '25
+101
در 2 کانالها
Get PRO
نوامبر '25
+131
در 6 کانالها
Get PRO
اکتبر '25
+83
در 2 کانالها
Get PRO
سپتامبر '25
+109
در 6 کانالها
Get PRO
اوت '25
+282
در 7 کانالها
Get PRO
ژوئیه '25
+320
در 6 کانالها
| تاریخ | رشد مشترکین | اشارات | کانالها | |
| 18 مارس | +1 | |||
| 17 مارس | +1 | |||
| 16 مارس | +1 | |||
| 15 مارس | +1 | |||
| 14 مارس | 0 | |||
| 13 مارس | 0 | |||
| 12 مارس | 0 | |||
| 11 مارس | +1 | |||
| 10 مارس | 0 | |||
| 09 مارس | +1 | |||
| 08 مارس | 0 | |||
| 07 مارس | +2 | |||
| 06 مارس | 0 | |||
| 05 مارس | 0 | |||
| 04 مارس | 0 | |||
| 03 مارس | +2 | |||
| 02 مارس | 0 | |||
| 01 مارس | 0 |
پستهای کانال
| 2 | KANAAFI, OGEESSI FAYYAA LUBBUU BARAARA KAN JEDHAMEEFIS! 🙏🙏
Mee taʼii harmee kana muudate haalan dubbisaa!
Haati umuriin ishee waggaa 40 taʼe, daaʼima 12 deessee qabdu, yeroo ulfaa 13ffaa ishee irratti argamtu (G13P12), hordoffii ulfaa tokkollee hin qabne (no ANC follow-up), akkasumas jiʼoota 9f xurii (laguu/aadaa) hin argine tokko, erga miidhamni irra gahee booda gara Hospitaala Waliigalaa Ginnir deemte.
Miidhaan isheerra gahe, miidhaa garaa tarsaasee seenuu (penetrating abdominal injury) ture. Miidhaan kunis kan irra gahe haati sun gufachuun sibiila (feerroo) naannoo ijaarsa boolla bishaanii, qarqara riqicha tokkootti argamu irratti kufte. Sababa kanaanis haati sun boolla sana keessatti kufte.
Gargaarsa namoota naannoo sanaatiin achi keessaa baasanii gara hoospitaalaa geessan. Erga hoospitaala geessanii booda qorannoo taasifameen, sibiilichi gara keessaa darbee gadameessa tarsaasee bishaan mucaa marsee jiru yaaʼaa (amniotic fluid leakage) akka jiru mirkanaaʼe.
Kana malees, qorannoo #ultrasound taasifameen haati sun ilmoo lakkuu (twins) akka garaatti baatte jirtu barame. Waan nama ajaaʼibu garuu, haati kun akka ilmoo lama garaa qabdu hin beektu turte.
Sana booda, qorannoo fi gorsi gahaa erga kennamee booda, yaalli baqaqsanii dhalchisuu (cesarean delivery) raawwatame. Haala kanaanis mucaa dhiiraa ulfaatina 2.8 kg fi mucaa durbaa ulfaatina 2.7 kg taʼan nagaadhaan gara addunyaa haarawa kanaatti fiduun dandaʼameera.
Gadameessi harmee sanaas 2 cm miidhamee ture; yaala taasifameen, deebisanii hodhuunis milkaaʼee jira.
Osoo Waaqayyoo fi ogeessoonni fayyaa hin gargaarin taʼee, carraan harmee kanaa fi ijoollee kanaa maal taʼa ture laata? 💔
It was a tragic moment, but by the grace of God and the dedication of health professionals, a life was saved.
Heartfelt thanks to everyone who was involved in this life-saving procedure. 🙏
Big applause for the team this time! 👏
Madda: Hakim Page
@ https://t.me/drabdiadugna | 3 623 |
| 3 | https://t.me/drabdiadugna | 1 |
| 4 | بدون متن... | 491 |
| 5 | Nuyi hoo meeqa gaafanna?
Guyyaa tokko #Albert_Einstein osoo kutaa isaa keessa taa’ee kitaaba dubbisaa jiruu, namichi tokko waa’ee nama isaan waliin walbeekuu tokko itti himuuf bira deeme. Yeroo namtichi achi ga’us Albert kitaaba dubbisaa ture. Namichis waan itti himuuf dhaqe sana osoo hin himin deebi’uu waan hin barbaanneef, gidduutti Albert waamee akkana jedhe:
Namicha: “Waa’ee hiriyyaa kee kana dhageessee jirtaa, Albert?”
Albert: Akkuma nama hin dhageenyee callisee dubbisa isaa itti fufe.
Namicha: Ammas irra deebi’ee, “Inni akkamitti waan akkanaa godha?” jedhe.
Albert: Ammas calluma jedhee dubbisa itti fufe.
Namichis dhiisuu waan hin barbaanneef, baay’ee aaree, “Inni hiriyyaa keetii mitii? Akkamitti hin gorsitu?” jedhee gaafate.
Albertis namtichi osoo oduu sana itti hin himin akka hin deemne hubachuun, dubbisa isaa addaan kutee gara namichaatti fuula deebise. “Tole,” jedhen. "Waan inni godhe hundaa natti himta. Garuu dura gaaffilee kana sadi keessaa yoo xiqqaate lama naaf deebisuu qabda!” jedheen.
Namichis waan himuuf dhaqe sana hanga himutti waan muddameef, “Tole, rakkoon hin jiru. Na gaafadhu,” jedhen.
Albertis gaaffilee isaa akkanaan eegale:
Gaaffii 1ffaa:
“Waan natti himuuf deemtu kana dhugaa ta’uu isaa hangam itti amanta?”
Namicha: “Ayii, namarraa dhaga’e malee dhugummaa isaa hin beeku ani.”
Albert: “Tole, dhugummaa isaa hin beektu jechuudha. Haa ta’u.”
Gaaffii 2ffaa:
“Wanti natti himuuf deemtu kun gaarummaa of keessaa qaba?”
Namicha: “Lakki, waan gaarii miti; waan badaa dalage waan ta’eef sitti himuu barbaade.”
Albert: “Tole, gaarummaa of keessaa hin qabu. Hayyee.”
Gaaffii 3ffaa:
“Waan ati natti himuuf deemtu kun anaan na fayyadaa?”
Namicha: “Ayii… waan si fayyaduu hin qabu, garuu akkuma ati dhageessuuf malee."
Albert: 🙄
“Waan dhugummaa isaa hin beekne,
waan gaarummaa of keessaa hin qabne,
waan anaan na hin fayyadne,
dhaga’uuf fedhiis yeroos hin qabu. Kanaaf, narraa deemi,” jedhee isa gaggeesse.
Nuyi hoo, gaaffilee kana keessaa meeqa nama gaafanna laata?
Dr Abdi Adugna (MD)
https://t.me/drabdiadugna | 3 795 |
| 6 | بدون متن... | 3 538 |
| 7 | PAPPAAYAA FI ULFA!
=====================
✓ Hawasa addunyaa heddu biratti pappaayaan miidhaa akka ulfa baasuu ykn daa'ima garaa jirutti rakkoo uuma hubannoon jedhu baratamaadha. Saayinsiinis hubannoo kana hamma tokko ni deeggara.
Kunis:-
- Pappaayaa sirritti hin bilchaatin kan qaamni isaa magariisa ykn magariisaa fi keelloo walkeessa ta'e yeroo ulfaa nyaachuun hin gorfamu. Kunis dhangalaa'aa ham'ee (sticky ) adiin akka aannanii kan pappaayaa dheedhii yoo muran irraa yaa'u sun inzaayimii "paapeeyin" jedhamu of keessaa qaba. Inzaayimiin kun akkuma hormoonii ciniintii "oksitoosiin" jedhamuu ciniintii eegalchiisuu danda'a. Kanaaf hamma isaa irratti kan hundaayu ta'us pappaayaa dheedhiis tahee sirritti hin bilchaatin yeroo ulfaa, keessattuu gara jalqabaatti, sorachuun carraa ulfi yeroo malee ba'uuf nama saaxila.
-Akkuma pappaayaan bilchaataa deemun qabiyyeen dhangalaa'aa inzaayimii San qabuu xiqqaachaa waan deemun gaafa sirritti bilchaatu baay'ee xiqqoo hamma ta'e qofatu keessatti hafa. Kuni immoo ulfarratti dhiibbaa uumuu hin danda'u. Dabalataanis pappaayaan sirritti bilchaatee qaamni isaa guutuun keelloo ta'e vaayitaaminoota garagaraa kanneen akka vaayitaamin A, C, B9 (folate) fi faayiberin badhaadhe ta'uu isaatin osoo hin baay'isin giddu-galaan guyyaatti muraa walakkaa hanga guutuu pappaayaa xiqqaa tokkotti [ykn cuunfaa isaa burcuqqoo tokko hin caalle] sorachuun ulfarratti miidhaa homaatuu hin qabaatu. Inumaatuu •vaayitaamin C qabuun dandeetti dhukkuboota infekshinii sassalphoo kanneen akka difafaa ykn hasbaa fi kkf dandamachuu ni dabala akkasumas xuuxama aayiranii dabaluun rakkoo hir'ina dhiigaa godhachuu ni hir'isa,
• Vaayitaamin B9 (folate)'n rakkoo dagaagina sammuu fi dugugguruu dugdaa "Neural tube defect " jedhamu irraa daa'ima ni baraara,
• Vaayitaamin A'n fayyaa ijaa fi walhormaata seelotaa ni gargaara,
•Faayiberiin gogiinsa garaa ittisuu fi bullaa'insa nyaataa fooyyessuun fayyaa mar'ummaanii ni tiksa,
• Qabiyyee bishaanii gahaa qabuun madaala dhangalaa'aa keessoo qaamaa tiksuu fi kaalorii xiqqaa qabuun ulfaatina dabaluu hir'isa.
© Dr Abdi K Gada
Odeeffannoo fayyaan walqabatu argachuuf #link https://t.me/drabdiadugna jedhuun miseensa ta'uu dandeessu! | 3 195 |
| 8 | بدون متن... | 2 919 |
| 9 | Nyaata Daa’immanii
"Barreeffama koo yeroo darbee irratti, nyaata daa’imman waggaa tokko gadii fudhachuu hin qabne!" jedhu irratti qabxiilee muraasa kaaseen ture. Kanumaan wal-qabatee, “Nyaanni daa’imman nyaachuu qaban hoo maal fa’adha?” gaaffiin jedhu gaaffii namoota hedduu ture.
Anis gaaffilee sanaaf deebii kennuuf barreeffama kana qopheesse.
❗️Daa’imman umuriin isaanii waggaa tokko olii ta’eef nyaata akkamii kennuu qabna?
Umuriin daa’imummaa umurii guddina dhala namaa keessatti murteessaa ta'edha. Haalli nyaataa fi guddinni daa’imman waggaa jalqabaa sadan(the first 3 years) keessatti, haala guddina qaamaafi fayyummaa yeroo dargaggummaa murteessu keessatti gahee olaanaa qaba. Kunis nyaatni daa’immaniif kennamu baay’ee murteessaa ta’uu agarsiisa.
Daa’imman waggaa tokko olii nyaata armaan gadii kana yoo argatan, guddina qaamaa, sammuu fi fayyummaa guutuu argachuuf gargaara:
1. Nyaatota ijaarsa qaamaf oolan
Itittuu, aannan, foon qurxumii, killeefi kkkf
Nyaanni kun qaama ijaaruuf baay’ee barbaachisaa dha.
2. Nyaatota qaama hojii akka hojjatu taasisan; garden kun ammoo vaayitaminootaafi mineeraalota garagaraa of keessaa qabu.
Kuduraafi muduraalee garaagaraa akkasiin:
Abukkaadoo (Avocado), muuzii, burtukaana, kaarotii, timaatima
*Abukaadoon cooma gaarii ta’e kan guddina sammuu fi qaamaaf barbaachisu, akkasumas vaayitaaminoofi albuudota hedduu of keessaa qaba.
3. Nyaatota anniisaa kennan
Dinnicha, dinnicha mi’aawaa, paastaa, ruuzii, fi midhaan nyaataa birooti
Kunniin daa’immaniif humna fi anniisaa kennu.
Yeroo Nyaataa
Daa’imman qabiyyee nyaataa qofa osoo hin taane, yeroo itti nyaatan beekuuns baay’ee barbaachisa. Daa’imman yeroo hunda nyaata idilee (breakfast–lunch–dinner) fi yoo xiqqaate nyaata al-idilee (#snacks) lama barbaadu.
Fayyaa hin dhabinaa
Dr Abdi Adugna (MD)
Odeeffannoo fayyaan wal qabatu argachuuf @ https://t.me/drabdiadugna | 3 278 |
| 10 | I was a C2 student when I first heard that a patient had lost his life to pneumonia. At that moment, I couldn’t believe it. How could pneumonia be fatal?
But with time and experience, I realized something important: it’s not always the type of disease that determines the outcome — it’s the stage at which the patient arrives. Early detection saves lives.
Namni tokko dhukkuban qabamee irraa danda'amachuuf yookiin immoo guutumatti fayyuuuf, wanti ijofi murteessaa ta'e, sadarkaa namni tokko erga dhukkubsatee gara mana yaalaa itti deemuudha.
Kana jechuunis; namni tokko dhukkuba baay'ee balaafamaa ta'een qabamee, akkuma mallattooleen dhukkubicha irratti mul’ateen gara mana yaalaa yoo deemee carraan fayyuu isaa guddaadha!
Garuu immoo namni tokko dhukkuba salphaan qabamee, erga dhukkubichi xaxxama(complications) heddu uumeen booda gara mana yaalaa yoo deemee carraan dhukkubicharraa hafuu baay'ee xiqqaadha!
Dhukkuba dawwaa waggoota 1000 dura oomishameen yaalamuu osoo danda'u, gaafa namni miidhamu arguun ammoo ogeessa fayyaa heddu gaddisiisa.
Hundaa ol, fayyaa hin dhabinaa, yoo fayyaan isinitti hir'atte ammoo daftanii yaalamuu hin dagatinaa!
Dr Abdi Adugna (MD)
https://t.me/drabdiadugna | 5 066 |
| 11 | بدون متن... | 5 242 |
| 12 | GARMALLEE DHIIGUU DAHUUMSAA BOODAA (Postpartum Hemorrhage – PPH)
❗️ Haati tokko kanaan dura ijoollee shan (5) nagaan manatti deesse jechuun, kana booda rakkoon dahuumsaa ishee hin muudatu jechuu miti!
Adeemsa dahuumsaa tilmaamuun hin danda’amu! (Labor is unpredictable!)
Haati tokko erga deessee guyyaa 5ffaa booda gara hospitaala keenyaa dhufte. Anis itti siiqee rakkoo ishee gaafadhe. Sananiss erga deessee booda dhiigni hedduun akka irraa jige naaf himan. Anis itti dabalee eessatti akka deesse gaafadhe; abbaan warraa ishee immoo manatti akka deesse naaf hime.
Anis maaliif manatti akka deessee gaafadhe; abbaan warraa sababoota laman kana naaf eere:
1. Kanaan dura ijoollee shan manatti nagaan akka deessee.
2. Haalli naannoo isaanii jiru halkan gara mana yaalaa deemuu akka hin danda’amne.
❗️Garuu sababoonni lamaan kun miidhaa haadha sanaf sababa gahaa ta’uu hin danda’an!
Garmalee Dhiiguu Dahuumsaa Boodaa (PPH) jechuun maal jechuudha?
👉Haati takka gara uumaman(gara qaama wal-hormaatan) erga deessee booda, dhiiigni 500ml fi isaa ol,
ykn immoo yaala baqaaqsanni yaaluun (cesarean delivery) deessee dhiigni 1000ml fi isaa ol,
ykn immoo haati takka erga deessee booda haalli marsaa dhiiga qaama ishee kan dura ture irra gadi bu'uun nageenya qaamoolee ishee jeequmsaf ni saaxila yoo ta'e, (hemodynamic instability, dhiiguun dahuumsan boodaa(Postpartum hemorrhage) uumamae jenna!
Sababoota Garmalee Dhiiguu Dahuumsaan Boodaa (PPH);
1. Gadaameessi haalaan hin kottoonfachuu (Uterine atony)
2. Caasaleen miciree(placenta/tissue) keessaa hafuu (Retained placenta/tissue)
3. Miidhama yeroo deessuu qaamota walhormaatarra ga’u(trauma):
Fknf: balballi gadaameessaa ciramuu (cervical tear)
4. Rakkoo ittiituu dhiigaa haati sun qabdu (Coagulopathy)
Fallisaa maal fa’a?
👉 Hordoffii yeroo ulfaa gahaa taasisuu
👉 Haati deessu kamiyyuu gara buufata fayyaatti akka deemtu gochuu
👉 Adeemsa dahuumsaa qubsaa hin taane irratti dursa odeeffannoo fi qophii godhuu
👉 Hojjattoota fayyaa biratti deesuu filachuun nageenya haadha fi daa’imaaf murteessaadha.
Fayyaa hin dhabinaa.
Dr. Abdi Adugna (MD)
Odeeffannoo fayyaan wal qabatu argachuuf: https://t.me/drabdiadugna | 4 219 |
| 13 | Nyaata Daa’imman Waggaa Tokko Gadiif kennamuu hin qabne🚫
Daa’imman waggaa tokko gadii qaama dagagaa jiru qabu; kanaaf nyaata muraasa irraa qusachuun barbaachisaa dha. Isaan keessaa:
1. Damma
✔️Botulism ijoolee (dhukkuba hamaa baakteeriya dammaa keessatti argamuun dhufu) fiduu danda’a.
2. Aannan Loonii
✔️Allergii fida.
✔️Akka qaamni isaanii iron hin xuuxne taasisee hir’ina dhiigaa geessuu danda’a.
3. Nyaata fi Dhugaatii Mi’aawaa (juusii, biscuit, cake...)
✔️Harma haadha jibbisiisa.
✔️Gara-kaasa fida.
✔️Hir’ina nyaataafi Ilkaan burkuta’uu fiduu danda'a
4. Nyaata Soogidda Baay’ee Qabu (chibisii fi kkf)
✔️Kalee daa’imman irratti dhiibbaa uuma.
5. Nyaata Hin Bilchoofne (dheedhii, foon, killee …)
✔️Baakteeriyaan itti guddata; faalama hamaa geessisa.
6. Buna fi Shaayii
✔️ Daa’imman hirriba gahaa akka hin rafne dhorka.
✔️Iron qaama keessatti akka hin xuuxamne taasisa.Kunis hir’ina dhiigaa daa’imman keessatti fida.
Fayyaa hin dhabinaa!
Dr Abdi Adugna(MD)
https://t.me/drabdiadugna | 3 766 |
| 14 | Warra ilaalatuf 👈 | 662 |
| 15 | بدون متن... | 518 |
| 16 | VAAYIRASII— Vaayirasiin maalidha?
*******
Vaayirasiin wanta lubbu-qabeeyyii fi lubbu-dhabeeyyii jidduu jiruudha. Of-danda’ee baay’achuu fi anniisaa tolfachuu hin danda’u. Vaayirasiin baay’achuufis ta’ee anniisaa tolfachuuf lubbu qabeeyyii biroo (nama, bineensota, baakteeriyaa, ykn biqiltoota) kan barbaaduudha. Isaaniin alatti of-danda’ee wal hin horu (baay’atu). Seelii namaa, bineensotaa ykn biqiltootaa yoo argate qofa kan baay’atuudha.
Vaayirasiin waan baay’ee xiqqaa ta’e kan ijaanii fi maayikirooskoopii baakteeriyaa ittiin ilaallu saniinis hin muldhanneedha. Seelii guutuu tokkos kan hin guunnedha. Seelii guutuu tokko kan hin taane, garuu qaccee sanyii xiqqaa tokko (DNA ykn RNA) fi qola pirootiinii kan eegumsaa DNA ykn RNA ta’e, kaapsiid (capsid) kan jedhamu qofa qaba. Vaayirasiin tokko tokko ammoo dabalataan—kaapsiidiin ala—qola eeggumsaa kan membareenii seelii hubanii turan irraa argatan kan invaloop (envelope) jedhamu qabu.
Dabalataan, pirootiinootaa fi inzaayimoota murtaa’an qabaachuu danda’u. Saniin ala, vaayirasoonni, qaamota (orgaaneelii) seeliin lubbu-qabeeyyii tokko qabu kan hinqaban.
Vaayirasoonni, hedduun isaanii, yoo qaama seenan sirni ittisa qaamaa otoo dhukkuba hin fidin dursee isaan balleessuu ykn dhabamsiisuu danda’a. Isaan tokko tokko ammoo haala adda addaatiin dhukkuba fiduu danda’u.
Vaayirasoonni tokko tokko, seelii namaa faayidaa dhuunfaa isaaniitiif itti fayyadamuun dhukkuba fidu. Isaan kan biroo ammoo sirna ittisa qaamaa garmalee dallansiisuun dhukkuba fiduu.
Vaayirasoonni kan dhukkuba fidan seelii fayya-qabeessa namaa keessa seenuun qaamota xixiqqoo seelii sanaa fayyadamuun garmalee of-baay’isuuni. Erga kfbaay’isan booda hojii seelii sanii fi seelota bifa saniin huban faayidaan ala godhu. Erga itti fayyadaman booda seelonni sun akka du’an godhu. Yeroo tokko tokko ammoo sirna ittisa qaamaa garmalee dallansiisuun, yeroo sirni ittisaa deebii isaanii kennu dhukkuboonni (mallatooleen dhukkubaa) mudatu.
Vaayirasoonni dhukkuboota garagaraa fidu. Isaan keessaa muraasni: dhukkuba shiftoo (gifiraa), uttaalloo ykn hibibii, HIV (AIDS), gurraan xil (shugujuf), dhukkuboota tiruu vaayirasiin dhufan (hepatitis virus), infuleenzaa, COVID-19, dhukkuba laamshessaa (polio), dhukkuba saree maraattee (rabies) fi dhukkuboota kan biroo heddu fidu.
Dhukkuboonni vaayirasiin dhufan muraasni isaanii kan akka gifiraa (measles), saree maraattee (rabies), gurraan xil (mumps), infuleenzaa (influenza), pooliyoo (polio) faati talaallii waan qabaniif yeroo barbaachisetti talaallii isaanii argachuun (fudhachuun) dhukkuboota kanniin irraa of ittisuun ni danda’ama.
Sababa vaayirasiin seelii qaamaa keessa seenuun seelichuma faayiidaa (sagantaa) ofiitiif oolfatuu fi qaccee sanyii (DNA ykn RNA) malee qaama lubbu qabeeyyi biroo hin qabneef dhukkuboota vaayirasiin dhufan hedduu isaanii adda baasanii rukutuun yaaluun rakkisaadha. Kanaaf, of-eeggannoowwan dhukkuboota kanaan qabamuu dhabuuf gargaaran hordofuun barbaachisaadha.
Fayyaa ta’aa, fayyaa dahaa!
Via Dr. Nuredin Luke | 774 |
| 17 | بدون متن... | 760 |
| 18 | Mallattoolee Dhukkuba Vaayirasii Marburg
**********
Dhukkubni Vaayirasii Marburg-iin dhufu talaallis ta’ee qoricha addaa ka isa waldhaanu hinqabu. Talaalliin isaa qorannoo irra jira. Dhukkubsattootaaf yaalli dandamachiisuu adda addaa ni kennama. Kun ammoo du’aatii sababa dhukkubichaatiin mudatu hanga tokko hirdhisuu ni danda’a.
Nama mallattoo dhukkubichaa muldhiseef saaxilamanii vaayirasichi yoo namatti tare, guyyaa lamaa hanga digdamii tokkoo keessatti mallattoo muldhisuu jalqaba namni tokko.
Yeroo hedduu (yeroo hunda ta’uu baatus), Mallattooleen inni muldhisuu fi tartiibni mallattooleen itti muldhatanis akka kanaa gadiiti:
Mallattooleen dura muldhatan (mallattooleen guyyaa duraa) hoo’a qaamaa, bowwoo cimaa, fi miira dadhabii hamaa ta’edha. Dabalatan, dhukkubbiin maashaalee fi buusaawwanis jirachuu danda’a.
Baasaan gar-malee haphii ta’e, dhukkubbiin garaa, lollojjiniifi haqqeen guyyaa sadaffaa irratti ni muldhatu. Dabalatan, guyyoota lamaa hanga torbaa jiddutti shifiniin gogaa qaamaa irratti ni muldhata.
Guyyaa shan yoo gahe—dhiigni afaanii, irgaa, funyaanii, akkasumas bifa haqqeetiinii fi baasaatiin ni jiga.
San booda dhukkubsataan gara dadhabuu, gara of-wollaluu deema. Dhukkubichis gara hammaachutti deema. Qamaa fi sirna qaamota heddu dadhabsiisa. Yoo dhukkibichi haalaan cimaa ta’e mallattoo muldhisuu eegalee guyyaa 8 ykn 9-ffatti lubbuu galaafachuu danda’a.
Kanaaf, namoota mallattoolee kanniin muldhisan irraa qaamaan fagachuun barbaachisaadha. Namoonni mallattoolee akkanaa of-irratti argan ammoo hatattamaan gara dhabbilee fayyaa deemuu qabu.
—-
Fayyaa ta’aa, fayyaa dahaa!
Dr. Nuredin Luke | 650 |
| 19 | OF-EEGGANNOO! ⚠️ ⚠️
Dhukkubni ammaaf maalummaan isaa guutumaan guutuutti hin beekamne naannoo kibbaa Itoophiya, magaala Jinkatti muudachuu ibsame.
Dhukkubichis mallattoolee akka hoo’a qaamaa, qola ijaa diimessuu, baasaa dhiiga makate, dhiigni irga, afaan, funyaanii fi qaama biraatii dhangala’uu kan qabu yoo ta'u, carraan lubbuu galafachuu dhukkubichas hamaa akka ta'e ogeessoonni naannichaa ibsan. Kanuman walqabatee, Odeeffannoo hanga amma jirun torbee kana keessaa namoonni 5 lubbuun yoo darban isaan keessaa 2 hojjattoota fayyaa(1 Doctor and 1 nurse) ta'uun beekamee jira. Kana malees dhukkubichi namarraa namatti kan darbu ta'uu ibsame. Kanaafuu of-eeggannoo haa taasisnu! | 4 893 |
| 20 | بدون متن... | 867 |
