Addis Standard Afaan Oromoo
📈 تحلیل کانال تلگرام Addis Standard Afaan Oromoo
کانال Addis Standard Afaan Oromoo (@addisstandardao) در بخش زبانی جاوهای بازیگری فعال است. در حال حاضر جامعه شامل 27 935 مشترک است و جایگاه 8 701 را در دسته اخبار و رسانهها و رتبه 1 241 را در منطقه أثيوبيا دارد.
📊 شاخصهای مخاطب و پویایی
از زمان ایجاد در невідомо، پروژه رشد سریعی داشته و 27 935 مشترک جذب کرده است.
بر اساس آخرین دادهها در تاریخ 05 سپتامبر, 2026، کانال فعالیت پایداری دارد. در ۳۰ روز گذشته تغییر اعضا برابر 578 و در ۲۴ ساعت گذشته برابر 32 بوده و همچنان دسترسی گستردهای حفظ شده است.
- وضعیت تأیید: تأیید شده (به صورت رسمی توسط تلگرام)
- نرخ تعامل (ER): میانگین تعامل مخاطب 12.61% است و در ۲۴ ساعت نخست پس از انتشار، محتوا معمولاً 7.09% واکنش نسبت به کل مشترکان کسب میکند.
- دسترسی پستها: هر پست به طور میانگین 3 521 بازدید دریافت میکند. در اولین روز معمولاً 1 979 بازدید جمعآوری میشود.
- واکنشها و تعامل: مخاطبان بهطور فعال حمایت میکنند؛ میانگین واکنش به هر پست 0 است.
📝 توضیح و سیاست محتوایی
توضیحی برای کانال ارائه نشده است.
به لطف بهروزرسانیهای پرتکرار (آخرین داده در تاریخ 06 سپتامبر, 2026)، کانال همواره بهروز و دارای دسترسی بالاست. تحلیلها نشان میدهد مخاطبان بهطور فعال با محتوا تعامل دارند و آن را به نقطه اثرگذاری مهم در دسته اخبار و رسانهها تبدیل کردهاند.
در حال بارگیری داده...
| تاریخ | رشد مشترکین | اشارات | کانالها | |
| 06 سپتامبر | +7 | |||
| 05 سپتامبر | +32 | |||
| 04 سپتامبر | +17 | |||
| 03 سپتامبر | +21 | |||
| 02 سپتامبر | +17 | |||
| 01 سپتامبر | +10 |
| 2 | #Koriyaan_Kibbaa #Finfinnee dabalatee akeekkachiisa imalaa addaa kutaalee #Itoophiyaa irratti baastee turte kaasuu ibsite
Finfinnee, Fulbaana 05, 2026: Kooriyaan Kibbaa haala nageenya biyyattii gamaaggamuun akkasumsa vaayirasiin #Iboolaa daangaa biyyattii keessatti akka hin jirre mirkanaa’uu hordofuun, akeekkachiisaafi gorsa imalaa addaa Magaalaa Guddoo Finfinnee dabalatee kutaalee Itoophiyaa kaan irratti keessee turte kaasuu ishee Ministirri Dhimma Alaa biyyattii Jimaata kaleessaa beeksise.
Ministirrichi akeekkachiisaa fi gorsa imalaa addaa haga Fulbaanaatti ture achi dheeressuu fi dhiisuu isaanii weerara dhibee qorachuun, haala biyyoota afaranii—Taayilaand, Turkii, Azarbaajaan fi Itoophiyaa—gamaaggamuun booda tarkaanfiiwwan kana kaasuuf murteessuu isaa ibseera.
Odeessa guutuuf dubbisaa
https://www.facebook.com/share/p/19b6CPhfbH/ | 2 179 |
| 3 | #Gamtaan_Mootummootaa murtoo #kaartaa hamma guddina qabiyyee lafaa #Afiirikaa agarsiisu deeggaru raggaasise
Finfinnee, Fulbaana 05, 2026: Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii Jimaata kaleessaa kaartaa addunyaa bar dhibbee 16ffaa #Maarkaater jedhamu irraa gara kaartaa guddina dhugaa biyyoota sirriitti agarsiisutti jijjiiruuf sagalee kenneera; kunis murtoo biyyoota Afiirikaatiin deeggarame ta'ee, ilaalcha ardichi qaree irratti argama jedhu sirreessuuf kan kaayyeffatedha.
Iinisheetiviin #Toogoon gaggeeffamu kan akka Gamtaan Afiirikaa (AU) fayydama kaartaa Maarkaatar kanaa akka daangessu kan eerudha. Sababni isaas kaartaan Maarkaatar kun hamma guddina lafaa warra biyyoota hemisfeera kaabaaitti dhihaatanii jiran bal'isuun hanga dhugaa biyyaa jallisa jechuun qeeqa dhiyeessa. Kanaanis Odola Giriinlaandi guddinaan Afiirikaa waliin qixa godhee agarsiisa; ta'us Afiirikaan Giriinlaandii dacha 14n caalti.
Guutuu odeessichaaf cuqaasaa
https://www.facebook.com/share/p/1EqpGTuSuK/ | 1 944 |
| 4 | #Xaaliyaan waldhabdee fayyadama bishaan #Abbayyaa irratti qaban ilaalchisuun #Itoophiyaafi #Masrii walitti araarsuu akka feetu ibsite
Finfinnee, Fulbaana 05, 2026: Xaaliyaan marii falmii fayyadama bishaan Abbayyaa irratti Itoophiyaafi Masrii giddutti godhamu mijeessuuf waadaa kan galte yoo ta’u, biyyoonni lachuu seera addunyaa wajjin walqabatee furmaata haqaafi itti fufiinsa qabu mariidhaan akka irra gahan gaafattee jirti.
Gaazexaan Middle East Monitor, Ministirri Dhimma Alaa Itaaliyaa Antooniyo Tajaanii waadaa kana kan dhiyeessan Roobii kaleessaa Masrii, El Alaameenitti marii taasisaniin booda Ministira Dhimma Alaa Masrii Badrii Abdellaatii wajjin ibsa gaazexeessitootaaf wayita kennan ta’uu gabaaseera.
Guutuu odeessichaaf cuqaasaa
https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=9698 | 1 795 |
| 5 | #Ajajaan Raayyaa Ittisaa #Sudaan marii marsaa lammaffaaf #Eertiraa daawwatan; kun ji’a lama keessatti yeroo lammataatiifi
Finfinnee, Fulbaana 05, 2026: Hoogganaan Mana Maree fi Ajajaaan Raayyaa Ittisa Biyyaa Sudaan Abdel Fattah al-Burhan, Preezidaantii Eertiraa Isaias Afwerqi waliin marii taasiisuuf Jimaata kaleessaa #Asmaraa ga'aniiru; kunis ji'oota lamaan darban keessatti daawwannaa isaanii isa lammaffaa ta'a jedhameera.
Burhan kanaan dura Adoolessa 17 magaalaa guddoo Eertiraa daawwachuun Afwerqi waliin mari'achuun isaanii ni yaadatama. Manni Maree Sudaan ibsa Jimaata kaleessaa baaseen, daawwannaa kana "obbolummaarratti kan hundaa'e" fi hoogganaa Eertiraa waliin marii gam-lamee taasiisuuf kan kaayyeffate ta'uu ibseera.
Odeessa guutuuf cuqaasaa
https://www.facebook.com/share/p/1cfNKVzgct/ | 1 803 |
| 6 | #Ijoo_Dubbii: Qaama nama irbaata rasaasaa taasisuun itti fufuu hin qabu!
Yeroo qondaalli mootummaa yookaan aangawaan siyaasaa tokko lammii isaa lolatti bobbaasuuf amansiisuu dadhabee, dirqiin waraanatti oofuuf murteessu, wanti tokko karaa sirnaa-qabeessa irra akka hin jirre ifaa dha.
Bakka adda addaa irraa haa maddu malee, gabaasni kun hundi seenessa wal-fakkaataa qaba: dargaggoonni imalaa yookin hojii irra qabamuu; qonnaan bultoonni leenjii milishaa akka fudhatanif dhiibbaa irra ga’a; maatiin firoota hidhaman gadi lakkisiisuuf maallaqa guddaa kaffalu; qaamoleen bulchiinsa naannoo namoota waraanaaf galmeessan lakkoofsa itti murtaa’e guuttachuuf uummata jeequ; akkasumas sababa dargaggoonni gara mooraa waraanaatti guuramaniif jireenyi maatii isaanii tamsa’eera.
Waanti akkasii kun haaromsa biyyaalessaa miti. Kufaatii biyyaatti malee.
https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=9688 | 2 424 |
| 7 | #Namiibiyaan hojiin Daandii Qilleensaa mataa ishee lafaa dhaabuu #Daandii_Qilleensaa_Itoophiyaa wajjin sadarkaa mariirra irra kan jiru ta’uu mirkaneessite
Finfinnee, Fulbaana 04, 2026: Mootummaan Namiibiyaa Daandii Qilleensaa Itoophiyaa wajjin sarara daandii qilleensaa haaraa biyyoolessaa #Namibia_Air jedhamu dhaabuuf marii taasaisaa jiraachuu kan mirkaneesse yoo ta'u, haa ta'u malee waliigaltee irra waanti gahame ammaaf akka hin jirre ibseera.
Akka ch-aviation, Ministeerri Hojii fi Geejjibaa Namiibiyaa, “hojamaata kana ilaalchisee mariin gorsaa Daandii Qilleensaa Itoophiyaa, ogeeyyii balalii naannoo fi qaamolee dhimmi ilaallatu biroo wajjin taasifamu sadarkaa yaadrimeerra irra kan jiru dha; kunis sarara qilleensaa kana jalqabsiisuuf moodela haalaan bu'a qabeessa fi itti fufiinsa qabu madaaluuf qophii taasifamu keessaa tokkodha jedhee jira” jechuun gabaaseera.
Odeessa guutuuf dubbisaa
https://www.facebook.com/share/p/1Ef2pDDfaM/ | 2 303 |
| 8 | #Ruuttoon lammilee biyya alaa #Keeniyaa keessatti daldala xixiqqaa irratti bobba’an tarkaanfiin seeraa akka irratti fudhatamu ajajan
Finfinnee, Fulbaana 04, 2026: Pireezidantiin Keeniyaa #Wiiliyaam_Ruuttoo, lammilee biyya alaa hojii daldala xixiqqaa irratti bobba’an irratti tarkaanfiin seeraa fudhatamuu akka qabu ibsan. Dabaluunis hojii kanaan daldaltoonni fi warreen hojii meeshaa gurguramu harkaafi gateettiitti baatanii naanna’anii gurguran lammileen biyyattii carraan hojii isaanii eegamuu akka qabullee akeekkachiisaniiran.
Haasawaan Ruuttoo diinagdee daldalaa al idlee biyyattii keessatti hirmaannaan godaantotaa akkaan dabaluu hordofeeti.
"Torban dhufu irraa eegalee, hojiin daldala xixiqqaa kan almmileen biyya alaa of harkaa qaban hundi cufamuu qabu," jedhaniiru; akkasumas seerawwan daldala irratti dhihaatan hojiirra oolchuuf tattaaffiin akka godhamu waadaa seenaniiran.
Odeessa guutuuf dubbisaa
https://www.facebook.com/share/p/1N2UJHdPaU/ | 2 260 |
| 9 | Lammileen #Itoophiyaa finciltoota #Sudaan #RSF waliin lolarratti hirmaachuu gabaasni Ergama #Gamtaa_Mootummootaa ifoomse; Gamtichi Itoophiyaan qorannoof akka tumsitus gaafate
Finfinnee, Fulbaana 04, 2026: Gamtaa Mootummootaatti Ergamni Qorannoo Walabaafi Haqaa Sudaan, lammiileen Itoophiyaa loltoota Finciltoota ‘Raappid Sapport Foorsis’ (RSF) wajjin hiriiruu keessatti qooda fudhachuu isaanii erga adda baase jedheen booda, mootummaan Itoophiyaa qorannoo shira waraana Sudaan wajjin walqabatu irratti tumsa barbaachisu akka godhu waamicha dhiyeesse.
Gabaasa isaa kan “Waraana Sudaan Ittuu Hammeessuu: Meeshaa Waraanaa, Loltootaa fi Hidhata Deeggarsa Alaa” mata duree jedhuun Fulbaana 01, 2026 Mana Maree Mirga Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitiif dhiyeesse irratti, ergamni kun akka ibsetti: ....
Guutuu isaaf cuqaasaa
https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=9695 | 2 093 |
| 10 | Xinnaatu mootummooleen 12 qaamolee lola Sudaan keessatti hirmaataa jiran meeshaa hidhachiisaa jiran: Gorsaa U.S. Masaad Buuloos
Finfinnee, Fulbaana 04, 2026: Biyyoonni hoo xinnaate kudhanii lama ta’an qaamolee Sudaan keessatti wal lolaa jiraniif deeggarsa waraanaa dhiyeessuudhaan walitti bu'iinsa biyyattii keessatti hammaachaa jirus ittuu bobeessaa jiru jechuun, Gorsaan Ol’aanaan #Ameerikaa Dhimma #Afriikaa fi #Eeshiyaa Masaad Buuloos dubbatan.
Aaf Gaaffii BBC qophii Dhimma Afriikaa kan ‘Focus on Africa” jedhamu wajjin taasisaniin Buuloos akka ibsanitti, deeggarsi waraanaa alaa Raayyaa Waraana Sudaaniitiif fi waraana Finciltootaa 'Raappiid Sappoorti Foorsis' (RSF) jedhamuuf godhamu torbanoota fi ji’oota dhiyoo kana keessa haalaan hammaateera.
Odeessa guutuuf dubbisaa
https://www.facebook.com/share/p/19BMbooV48/ | 2 174 |
| 11 | #Puutiin walii galtee araaraaf carraan jiraachuu eeran; #Yuukreenn “sochii haarawa” ilaallataa jirti
Finfinnee, Fulbaana 04, 2026: #Pireezidantiin Raashiyaa Vilaadimiir Puutiin Kamisa kaleessaa Fulbaana 03, 2026, waraana Yuukreen waliinii xumuruuf walii galtee irra gahuuf carraan kan jiru ta’uu dubbataniiru; gama biraatiin ammoo #Kiiyiiv tattaaffii adeemsa nagaa buusuu keessatti "sochii haarawa" eega jettee jirti.
Puutiin marii fooramii dinagdee Raashiyaa kallattii Baha Fagootti geggeeffamaa jiru irratti haasaa taasisaniin, biyyoota akka #Ameerikaa fi #Chaayinaa dabalatee biyyootni biroon nagaa buusuuf gumaacha gochuuf qophii ta'uu isaanii eeraniiru.
Guutuu odeessa kanaaf dubbisaa
https://www.facebook.com/share/p/1Csxjid8D5/ | 2 275 |
| 12 | Xiinxala: Roobni Dhabamuufi Jireenyi Madaa'uu: #Qonnaan_Bultoonni #Janamora Beela, Kisaaraa fi Abdii Kutannoo keessa Jiraachuun gabaafame
Namoota rakkoo kana keessa jiran keessaa tokko kan ta’e Warquu Ismaa’el, qonnaan bulaa umriin isaa 40 fi abbaa ijoollee sadii kan Ganda Waasel keessa jiraatudha.
Warquun ‘Addis Standard’tti akka himetti, hongeen yeroo dheeraan kun jireenya isaa miidhuu qofa osoo hin taane, maatii isaa irraa isa fageessee fi dhiphina xiinsammuu cimaa keessa isa galcheera.
“Ani abbaa ijoollee sadiiti. Hongee kana irraa kan ka’e niitii koo fi ijoollee koo nyaachisuu hin dandeenye. Hundi isaanii na dhiisanii deeman, anis kophaa koo manatti hafe,” jedhe Warquun.
Dhaloota hedduudhaaf, hawaasni qonnaan bultootaa hojii sassaabbii, facaasaafi kunuunsa midhaanii marsaa rooba barame irratti hundaa’aniitii qindeessaa turan. Marsaan roobaa kun yoo darbe ykn boora’e, miidhaan isaa saffisaan dinagdee baadiyyaa irratti mul’ata.
https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=9684 | 2 707 |
| 13 | Daandiin Qilleensaa #Itoophiyaa xiyyaarota fe’umsaa #Booyingi kudhan bitachuuf gara walii galtee xumuraarra gahe jedhame
Finfinnee, Fulbaana 03, 2026: Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa tajaajila geejjiba fe’umsaa isaa babal’isuuf akkasumas kaayyoo Afrikaa keessatti wiirtuu tajaajila balalii qilleensaa ta’uuf kaayyeffateen, xiyyaarota fe’umsaa fageenya dhihoo fi fagoo Booyingi 10 ta’an bitachuuf waliigaltee dhumaa irra gahuu isaa Rooyiters maddawwan industirichaa waabeeffachuun gabaase.
Itti dabaluudhaanis, ajajni bittaa xiyyaarotaa haaraa kun gosa xiyyaarota Booyingi 777F ammayyaa 2 kan hammatu yoo ta’u, kanneen hafan immoo moodeela haaraa 777-8F kan raawwiin omishaa isaa tursiifame ta’uu danda’a jechuun maddoonni kun Rooyitersitti himaniiru. Maddi tokko oduu kanaa, ajajichi xiyyaarota 8 hanga 10 ta’an kan haammatu ta’us, sirreeffamni xumura irratti mudachuu ni danda’a jechuuun ibsaniiru.
Guutuu odeessa kanaaf cuqaasaa
https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=9681 | 2 602 |
| 14 | #al_Burhaan Biluu Naayilitti qophii lotootaa daawwatan, kun wayita walitti bu’iinsi hammaateefi kuufamni humnoota finciltootaa #RSF naannoo daangaa #Itoophiyaa dabalaa dhufetti
Finfinnee, Fulbaana 03, 2026: Dura Taa’aan Mana Maree Walabummaa fi Hoogganaan Waraanaa Sudaan Abdel Fattaa al-Buraan, dhiyeenya daangaa Itoophiyaa irratti walitti bu’iinsi Raayyaan Waraana Sudaan (SAF) fi Humnoota finciltootaa Raappiid Sappoorti Foorsis (RSF) akkasumas kan isa waliin tumsu Dhaabbata Bilisummaa Uummata Sudaan-Kaabaa (SPLM-N) gidduu jiru cimaa dhufuun qophii qabeenya waraanaa fi oppaareeshinii Naannoo Biluu Naayil keessatti godhamaa jiru sakatta’aniiru.
Burhaan magaalaa guddoo Naannoo Biluu Naayil kan taate Damaaziin dawwachuun, qophii Waraanaa Kantaa 4ffaa sakatta’uu isaanii fi dhimma nageenyaa fi oppaareeshinii irratti gabaasni akka dhihaateef, ibsa waraanaa wabeeffachuun dhaabbati oduu Anadooluu beeksiseera.
Odeessa guutuuf dubbisaa
https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=9678 | 2 446 |
| 15 | Aangawaan #Somaaliyaa miseensonni raayyaa biyyattii gara daangaa #Itoophiyaa 'tti qaxaamuruu mirkaneessan
Finfinnee, Fulbaana 03, 2026: Gorsaan Dhimma Nageenya Biyyooleessa Somaaliyaa Aweys Haajii Yuusuf, miseensonni raayyaa Waraana Biyyaaleessa Somaaliyaa (#SNA) kanneen dhiyeenya kana leenjii Saa’ud Arabiyaan deeggaramu xumuran gara Naannoo Somaalee Itoophiyaatti qaxxaamuruu isaanii kan mirkaneessan yoo ta'u, raayyaan kun maatii isaanii daawwachuuf boqonnaa irra akka jiran ibsaniiru.
Yuusuf ibsa kennan kanaan miseensonni humna raayyaa kun, kanneen Naannoo Galmuduug kutaalee Hananbuuree keessatti waggaa tokkoo ol leenji'aa turan, yeroo ammaa Naannoo Somaalee Itoophiyaa keessa jiraachuu isaanii qaama mootummaa isa jalqabaa taatee kan mirkaneessan isa jalqabaa ta'uun ibsameera.
Odeessa guutuuf dubbisaa
https://www.facebook.com/share/p/1DfJX2wRcH/ | 2 379 |
| 16 | Gulaalaan Tuuta Dhaabbata Miidiyaa #Keeniyaa butame hurufa hidha bishaanii biratti argamuun gabaafame
Finfinnee, Fulbaana 03, 2026: Gargaaraa Gulaalaa Tuuta Dhaabbata Miidiyaa Keeniyaa - Ze Istaandaardi Miidiyaa Giruup - (The Standard Media Group) namoota hidhannoo qaban kan fuula isaanii haguuggataniin halkan Kibxata darbe kanaa naannoo saatii sadii booda butamee hurufa hidha bishaanii biratti argamuu ibsee jira.
Aleeksi Kiiprootich Gargaaraa Gulaalaa Tuuta Dhaabbata Miidiyaa Keeniyaa - Ze Istaandaardi Miidiyaa Giruup - (The Standard Media Group) konkolaataa keessaa Keeniyaa naannawa Magaalaa Nakuuruutti butamuu ibsa baaseen dhaabbatichi ibseera jechaan Rooyitarsi gabaaseera.
Suur sagaleen konkolaataarraa waraabame dhaabbatichi maxxanses, namootni fuula haguuggatan afur yoo konkolaataa keessaa bahan, konkolaataa Kiiprootich ittiin imalaa ture keessaas iyyi yoo dhagahamu agarsiisa.
Guutuu isaaf dubbisaa
https://www.facebook.com/share/p/19NJGPChuD/ | 2 551 |
| 17 | Imbasiin #Itoophiyaa #Riyaaditti argamu ajjeechaa lammileen walqabtee namootni shan, qabiyyee miidiyaa hawaasaan ammoo dhibbaa ol to’atamuu ibse
Finfinnee, Fulbaana 03, 2026: Imbasiin Itoophiyaa Riyaaditti argamu, lammiilee Itoophiyaa Saa’udii Arabiyaa keessa jiraatan irratti yakka ajjeechaa dhiyeenya kana raawwatameen namni shakkame tokkoo fi namoonni yakkichaaf tumsan shan to’annoo jala ooluu fi aanga’oonni immoo gocha ajjeechaa fi gocha jeequmsa daangaa fi gammoojjii keessatti raawwatamaa jiru qorachaa akka jiran beeksiseera.
Ibsa Fulbaana 01 dhimma kana ilaalchisuun baaseen, Imbasiin gabaasota miidiyaa hawaasaa irratti taasifamaniifi walitti bu’iinsa, wal-ajjeechaa fi walitti bu’iinsa miseensota hawaasa Itoophiyaa gidduutti daangaa fi gammoojjii Saa’udii Arabiyaa keessatti godhamaa jiru dhiyootti hordofaa akka jiru ibseera.
Odeessa guutuuf dubbisaa
https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=9674 | 2 436 |
| 18 | #Iraan haleellaa U.S. dhiyeenyaan maatiin cidharra turan miidhamuun booda ollaawwan #Galoo_Galaanaa jiran haleeluu ibsite
Finfinnee, Fulbaana 03, 2026: Iraan roobii ganama subii biyyoottan Galoo Galaanaa michuu Yunaayitid Isteets irratti dhukaasa banuu miidiyaan biyyattii beeksise. Kunis sababa haleellaa dursaan U.S.’n cidha lammilee Iraan irratti halkan taasifameen lubbuun namaa darbuu hordofeeti.
Kuweeyit keessatti sagleen akeekkachiisaa kan dhaga'ame yoo ta'u, Raayyaan Ittisa Qilleensa biyyattii "aggammii deebii Iraan irraa mul'ataa ta'e" fashaleessuuf misaa'elaa fi doroniiwwan dhukaafaman qolachaa akka ture Ministeerri Ittisa Biyyaa biyyattii X (Twiitarii) irratti beeksiseera.
Walitti bu'iinsi haaraa kun kan uumame walwaraansi ji'a tokkoof callisee ture erga addaan citee dhaabatee ture boodadha.
Odeessa guutuuf dubbisaa
https://www.facebook.com/share/p/19Y661kCjG/ | 2 553 |
| 19 | #Yuunaayitid_Isteetisii fi #Iraan waraanni jidduu isaanii ture yeroof erga waan qabbanaaye fakkaateen booda lafaa wal haleeluu aansan
Finfinnee, Fulbaana 02, 2026: Yuunaayitiid Isteetsii (US) fi Iraan turtii torbanootaa keessatti haleellaa dhukaasaa isa cimaa walii irratti bananiin hordofee Roobii har'a ammas haala waraanaa hamaa keessa kan seenan yoo ta'u, Waashingitan haleellaa caalaatti badii guddoo geessisu biraa raawwachuuf dhaadachaa jirti. Gama biraatiin Iraan waraana kana keessatti haleellaa namoota nagaa fuudhaa fi heeruma (cidha) irratti raawwatameen namooti shan ajjeefamuu fi kanneen biroo hedduu madaawuu ilaalchisee mormii dhiyeessiteerti.
Ajajni Waraanaa Yuunaayitiid Steetsi (CENTCOM) Kibxata har'a cibraawwan ittisa qilleensaa, sirnoota raadaarii, qabeenyawwan galaanarraa,.......
Odeessa guutuuf dubbisaa
https://www.facebook.com/share/p/1GR2yRhYDm/ | 3 007 |
| 20 | Waraana torban darbe #Sudaan naannoo #Biluu_Naayilitti hammaateen namoonni 22,000 buqqa’an – Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii
Finfinnee, Fulbaana 02, 2026: Torban darbe kana Sudaan naannoo Biluu Naayil keessatti waraanni hammaachuu isaan walqabatee namoonni 22,000 ta’an qe’ee isaanii irraa buqqa’uusaanii Waajjirri Qindeessaa Dhimmoota Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (#OCHA) Kibxata darbe beeksise.
Waajjirichi ibsa baaseen wal waraansi itti fufuun isaa nageenya idilee jiraattotaa yaaddoo keessa buusuun namoota kumootaan lakka’aman qe’ee isaanii irraa buqqisaa jiraachuu eere. “Naannoo Biluu Naayil keessatti, waraana Godina Geisaan keessatti lola itti hammaateen walqabatee guyyoota torban darban keessatti namoonni 22,000 ta’an buqqa’uu danda’u jechuun abbootiin taayitaa naannichaa gabaasaniiru,” jedhe.
Odeessa guutuuf dubbisaa
https://www.facebook.com/share/p/1FMjwE5cWA/ | 2 765 |
