cookie

نحن نستخدم ملفات تعريف الارتباط لتحسين تجربة التصفح الخاصة بك. بالنقر على "قبول الكل"، أنت توافق على استخدام ملفات تعريف الارتباط.

avatar

Addis Standard Afaan Oromoo

إظهار المزيد
Ethiopia1 581لم يتم تحديد اللغةالتعليم11 309
مشاركات الإعلانات
13 366
المشتركون
+4124 ساعات
+4497 أيام
+2 26430 أيام

جاري تحميل البيانات...

معدل نمو المشترك

جاري تحميل البيانات...

Koreen Teeknikaa waliigaltee ulaa galaanaa #Itoophiyaa fi #Somaalilaand hojii "marsaa jalqabaa" xumuruu ibse Koreen teeknikaa haala raawwii waliigaltee ulaa galaanaa Itoophiyaa fi Somaalilaand gidduu jalqaba bara 2024 mallatteeffame hordofu, hojii “marsaa jalqabaa” xumuruu Dura taa’aa Koree Teeknikaa Somaalilaand Baashee Awiil Haji Omaar ibsaniiru. “…hojii marsaa jalqabaa odeeffannoo walitti qabuu fi yaada hawaasaa sassaabuu amma xumuramee jira; wantoota walitti qabne fi qopheessine sanada xumuraa waliigaltichaaf akka galtee ta’u,” jedhan. Dabalataan, ''sanada waliigalteen kun karaa dhaabbata seeraa Biriteen kan qophaa'u ta'a,'' jechuu isaanii Horn Diplomat gabaaseera.
إظهار الكل...
Oduu: Gamtaan Awurooppaa duula weerara Koleeraatiif miliyoona €1 ramaduu ibse Gamtaan Awurooppaa maallaqa gargaarsa namoomaa hatattamaa weerara Koleeraa too’achuuf godhamuuf oolu doolaara miliyoona tokko ramaduu beeksise. Hagayya 2022 kaasee weerara mul’ateen namoonni 44,044 kooleeraan qabamuun lubbuun namoota 571 darbuu gamtichi ibseera. Bitootessa 2023 kaasee immoo saffisaa guddaadhaan dabaluu eegaluun namoonni 2,276 dhibichaan faalamuun lubbuun namoota 50 yoo darbu lammiileen miliyoona 3.3 ta’an dhibichaaf saaxilamanii argamu. Gabaasni caamsaa 2023 keessa bahe akka mul’isetti, namoonni 6,200 naannolee 54 mudachuun namoota 94 ajjeesuun miliyoona torba balaaf saaxileera. Jalqaba Hagayya 2023 weerarri kuni babal’achuun 16,800 ta’an faalamuun lubbuun 370 naannoolee Oromiyaa, Sidaamaafi Somaaliyaatti darbeera. https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=3950
إظهار الكل...
Gamtaan Awurooppaa duula weerara Koleeraatiif miliyoona €1 ramaduu ibse - Addis Standard

Finfinnee, Caamsaa 13, 2024 – Gamtaan Awurooppaa maallaqa gargaarsa namoomaa hatattamaa weerara Koleeraa too’achuuf godhamuuf oolu doolaara miliyoona tokko ramaduu beeksise. Hagayya 2022 kaasee weerara mul’ateen namoonni 44,044 kooleeraan qabamuun lubbuun namoota 571 darbuu gamtichi ibseera. Bitootessa 2023 kaasee immoo saffisaa guddaadhaan dabaluu eegaluun namoonni 2,276 dhibichaan faalamuun lubbuun namoota 50 yoo darbu lammiileen miliyoona …

Biyyoota Baha Afrikaa keessatti intarneetni adda cite Fayyadamtootni Intarneetaa biyyoota akka #Keeniyaa, #Taanzaaniyaa, #Ruwaandaa fi #Ugaandaa keessa jiran tajaajilli intarneetaa isaan rakkisuu himatan. Baha Afrikaatti dhaabbatni tajaajilicha dhiyeessu ammoo rakkoon isa mudachuu beeksiseera. Qaamni konnekshinii intarneetaa hordofu, Cloudfalre Rdara, Tanzaaniyaan biyyoota kaan caalatti miidhamuu ibseera. Fayyadamnisaas kan eegamurra dhibbeentaa 30n gadi bu’eera jedhe. Barruun Taanzaaniyaa, Sitiziin jedhamu intarneetiin baduun chaanaaliiwwan neetwoorkiin hojjetan miidheera jedheera. Qaamoleen tajaajila Interaneetaa kennan hedduunis X gubbaa gaaffii dhiyeessaa oolan. https://www.bbc.com/afaanoromoo/articles/cv29yg48ev4o
إظهار الكل...
Buufanni Xiyyaaraa #Naqamtee 95% xumurame Naannoo #Oromiyaa, godina #Wallagga_Bahaa keessatti birrii biiliyoona 1.3n ijaaramaa kan jiru Buufata Xiyyaaraa magaalaa Naqamtee ijaarsisaa dhibbeentaa 95 gahuu ibsameera. Ijaarsi isaa bara 2010 ALI kan eegalame Buufanni Xiyyaaraa Ukkee Naqamtee, sadarkaa idil addunyaa eegee ijaaramaa jiraachuu hojii raawwachiisaan piroojektichaa Injinar Wandimmuu Waaggaaw ibsaniiru. Ijaarsi waggoota lamaaf adda citee turus yeroo ammaa 95% irra ga'uu eeraniiru. Buufatni Xiyyaaraa kun lafa heektaara 220 irratti ijaaramaa kan jiru yoo ta’u, meetira 60 kan bal'atuu fi kiiloo meetira 2.6 ka'umsa xiyyaaraaf tajaajilu qaba.
إظهار الكل...
Oduu: Naannoo #Gaambeellaafi #Affaar'itti yeroon galmee filannoo dheereffame Galmeen filannoo biyaaleessaa marsaa 6ffaa naannoolee Gaambeellaa, Affaariifi buufata filannoo Jigjigaa 2fi aanaalee Masqaafi Maaraqoo keessatti gaggeeffamaa jiru torban tokkoof akka dheeratu boordiin filannoo biyyaalessaa murteesse. Filannoo biyaaleessaa marsaa 6ffaa 2021 keessa gaggeeffame naannoolee kanneen keessatti hin gaggeeffamne ture. Filannoo Caamsaa 13, 2024tti akka goolabamu karoorfamee ture torban tokkoof akka dheeratu murteeffameera. Sababiin dheerachuu guyyaa galmee walirra bu’uu ayyaana biyyaalessaafi amantaa ta’uu boordichi ibseera. Akkaataa kanaan hanga Caamsaa 20, 2024 akka dheeratu taasifameera. Sababoota walirra bu’uu ayyaanaatiin buufataaleen filannoo tokko tokko hin saaqamin turuufi gaaffii paartileen siyaasaa dhiyeessaniin walqabatee kan dheereffame ta’uu himameera. AS
إظهار الكل...
Oduu: #Itoophiyaa'n buufata doonii Laamuutti fayyadamuu eegalte Itoophiyaan buufata dooniii #Laamuutiin (LAPSSET) yeroo jalqabaatiif xaa’oo Meetriik Toonii 60,000 gara biyyaa galchuun gabaafame.. Itoophiyaafi #Sudaan Kibbaa waloon ta’uun Buufata doonii Laamuu misoomsuuf waadaa galanii ture. Dooniin MV #Abbaay II jedhamtu qabeenya Sarara Daldala Doonii Itoophiyaa kan taate xaa’oo Meetiriik Toonii 60,000 feete buufata Laamuu geesseerti. Itoophiyaafi #Keeniyaan buufata doonii Lappsset misoomsuuf waliigaltee raawwachuu hordofeeti. DaayreektarriaAbbaa Taayitaa Buufata Doonii Keeniyaa Wiiliyam Ruutoon taateen kuni hariiroo diinagdee biyyoota lameen gidduu jiru si’’eessa jechuuna jajaniiru. Haaluma walfakkaatuun, Ministeerri Ministeeraa Qonnaa Itoophiyaa Girmaa Amantee qarqarri sarara doonii kuni daldala alergiifi meeshaa gara biyyaa galchuu haala mijeessa jedhaniiru. AS https://www.standardmedia.co.ke/.../boost-for-lapsset-as...
إظهار الكل...
Dargaggoon kun ogummaa 'software development' fi urgooftu, akkasumas meeshalee qulqullinaa oomishuu qaba. Kana malees ogummaa qabu karaa adda addaatiin namoota biroof ni qooda. Afaan Oromootiin software development barsiisuun ijoolleen afaan Oromoon kompiteraan akka wal baran carraaqaa jira. Bara faana deemuuf ogummaa qabaachuun dirqama jedha. Daawwadhaa 👇 https://youtu.be/XowxxK99aR8?si=TuMkgyNnOFjZD3yv
إظهار الكل...
AS JABAA: YEROO FAANA DEEMUF OGUMMAA QABAACHUN DIRQAMA

Dargaggoon kun ogummaa software development fi urgooftu akkasumas meeshalee qulqullinaa oomishuu qaba. Kana malees ogummaa qabu karaa adda addaatiin namoota ...

#Ameerikaan namoota yakkaan barbaadaman dabarsite akka kennitu #Itoophiyaan gaafatte Komishinarri Jeneraa Komishinii Poolisii Federaalaa Dammallaash Gabramikaa’eel Itoophiyaatti Ambaasaaddara Ameerikaa Ervaan Joosee Maasiingaa waliin mari’ataniiru. Komishinar Dammallaash Gabramikaa’eel Ameerikaan “namoota biyyattii keessa taa’uun nageenya Itoophiyaa booressaa jiran” dabarsitee akka kennitu gaafataniiru. Hariiroo Poolisiin Federaalaa Itoophiyaa Biiroo Qorannoo Poolisii Ameerkaa waliin qabdu caalmatti cimsuuf Ambaasaaddarichi gahee isaanii akka ba’anis gaafataniiru. Ambaasaaddar Ervaan Joosee Maasiingaan gama isaaniin mootummaan Itoophiyaa namoota Ameerikaan barbaadaman dabarsee kennuun gumaacha taasiseef galateeffataniiru.
إظهار الكل...
#Itoophiyaa fi #Somaalilaand waliigaltee sagantaa leenjii poolisii mallatteessan Itoophiyaa fi Somaalilaand waliigaltee wal-hubannaa Somaalilaand keessatti waloon humnoota poolisii leenjisuu isaan dandeessisu mallatteessan. Humni Poolisii Somaalilaand kaleessa fuula feesbuukii isaarratti akka beeksiseen, waliigaltee leenjii humna poolisii kana Pireezidaantii Yuunivarsiitii Poolisii Itoophiyaa, Komishinar Janaraala Itti-aanaa Masfin Abbabaa fi itti gaafatamaa leenjii humna poolisii Somaalilaand Janaraal Abdii Ahmad Tir Finfinneetti mallatteessaniiru. Haata'u malee, waa'ee waliigaltee kanaa bal'inaan hin ibsine. Maddeen oduu Somaliland akka gabaasanitti, Waliigalteen kun kan raawwatame erga hogganaan poolisii Somaalilaand Mohaammad Adan Saqadii dhiheenya kana gara Itoophiyaa dhufuun hoggantoota Komishinii Poolisii Federaalaa waliin mari’achuu isaanii hordofee ta’uu miidiyaaleen Somaalilaand gabaasaniiru.
إظهار الكل...
Ijaarsi Zoonii Dinagdee Addaa #Gadaa eegalame Magaalaa #Adaamaa fi #Mojoo gidduu kan ijaaramu Piroojektiin Zoonii Dinagdee Addaa Gadaa, har’a bakka Ministirri Muummee Abiy Ahimad fi Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa argamanitti ijaarsisaa eegalame. Piroojektiin Zoonii Diinagdee Addaa Gadaa kun dhaabbilee idil addunyaa hedduu waliin kan hojjetu ta’uu fi Finfinnee irraa fageenya kiiloo meetira 65 irratti kan argamu sagantaa jalqabsiisa piroojekticha irratti ibsameera. Sirna jalqabsiisa piroojekticha irratti MM Abiy Ahimad, Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa, ministiroonni fi hoggantoonni olaanaan mootummaa federaalaa fi naannolee argamaniiru. AS
إظهار الكل...