fa
Feedback
𝐈𝐟𝐚 𝐈𝐬𝐥𝐚𝐚𝐦𝐚𝐚

𝐈𝐟𝐚 𝐈𝐬𝐥𝐚𝐚𝐦𝐚𝐚

رفتن به کانال در Telegram

𝙳𝚊'𝚠𝚊𝚊 𝚏𝚒 𝙱𝚊𝚛𝚗𝚘𝚘𝚝𝚊 𝙸𝚜𝚕𝚊𝚊𝚖𝚊𝚊 𝙰𝚏𝚊𝚊𝚗 𝙾𝚛𝚘𝚖𝚘𝚘𝚝𝚒𝚒𝚗

نمایش بیشتر

📈 تحلیل کانال تلگرام 𝐈𝐟𝐚 𝐈𝐬𝐥𝐚𝐚𝐦𝐚𝐚

کانال 𝐈𝐟𝐚 𝐈𝐬𝐥𝐚𝐚𝐦𝐚𝐚 (@ifaislaamaa) بازیگری فعال است. در حال حاضر جامعه شامل 11 245 مشترک است و جایگاه 8 196 را در دسته دین و مذهبی و رتبه 2 953 را در منطقه أثيوبيا دارد.

📊 شاخص‌های مخاطب و پویایی

از زمان ایجاد در невідомо، پروژه رشد سریعی داشته و 11 245 مشترک جذب کرده است.

بر اساس آخرین داده‌ها در تاریخ 16 ژوئن, 2026، کانال فعالیت پایداری دارد. در ۳۰ روز گذشته تغییر اعضا برابر -173 و در ۲۴ ساعت گذشته برابر -5 بوده و همچنان دسترسی گسترده‌ای حفظ شده است.

  • وضعیت تأیید: تأیید نشده
  • نرخ تعامل (ER): میانگین تعامل مخاطب 4.97% است و در ۲۴ ساعت نخست پس از انتشار، محتوا معمولاً 1.46% واکنش نسبت به کل مشترکان کسب می‌کند.
  • دسترسی پست‌ها: هر پست به طور میانگین 559 بازدید دریافت می‌کند. در اولین روز معمولاً 164 بازدید جمع‌آوری می‌شود.
  • واکنش‌ها و تعامل: مخاطبان به‌طور فعال حمایت می‌کنند؛ میانگین واکنش به هر پست 4 است.

📝 توضیح و سیاست محتوایی

نویسنده این فضا را محل بیان دیدگاه‌های شخصی توصیف می‌کند:
𝙳𝚊'𝚠𝚊𝚊 𝚏𝚒 𝙱𝚊𝚛𝚗𝚘𝚘𝚝𝚊 𝙸𝚜𝚕𝚊𝚊𝚖𝚊𝚊 𝙰𝚏𝚊𝚊𝚗 𝙾𝚛𝚘𝚖𝚘𝚘𝚝𝚒𝚒𝚗

به لطف به‌روزرسانی‌های پرتکرار (آخرین داده در تاریخ 17 ژوئن, 2026)، کانال همواره به‌روز و دارای دسترسی بالاست. تحلیل‌ها نشان می‌دهد مخاطبان به‌طور فعال با محتوا تعامل دارند و آن را به نقطه اثرگذاری مهم در دسته دین و مذهبی تبدیل کرده‌اند.

11 245
مشترکین
-524 ساعت
-557 روز
-17330 روز
آرشیو پست ها
Kabaja fi Guddina Guyyaa Arafaa 🕰 Zulhijjaa 8/1447H https://t.me/ifaislaamaa/2100

Kabaja fi Guddina Guyyaa Arafaa

Allahu Akbar! اللَّهُ أَكْبَرُ Allah Irra Guddaadha!! Jechi «اللَّهُ أَكْبَرُ» jedhu jecha hiikkaan isaa guddaafi barakaa qabuudha. Allah wanta hundarraa guddaadha. Wanti isa irraa guddatu hin jiru. Mootummaan hunduu harka isaa jira. 📮 قال الإمام بن العثيمين رحمه الله :- 👈 " إن قولك : اللَّهُ أكبرُ لا شكَّ أنك لو ‌استحضرت معنى هذا تماماً لغابت عنك الدُّنيا كلُّها لأن الله أكبرُ مِن كلِّ شيء وأنت الآن واقفٌ بين يدي مَنْ هو أكبر مِن كلِّ شيء .. 📚 " الشرح الممتع (٣ / ٢٨) “'Allahu Akbar' jechuun kee osoo hikkaa isaa sirriitti hubatte shakkii tokko malee adunyaan hundishee sirraa ni fagaatti 'Allah' waan hundarra Guddaa waan ta'eef, ati amma kan dhaabbachaa jirtu waan hundarra guddaa ta'e fuuldura dha....” 📮 قال شيخ الإسلام ابن تيمية رحمه الله:- 👈"فكُلَّما قـال العبد ﷲ أكبـــر : تحقَّق قلبه بأنْ يكونَ ﷲ في قلبِه أكبر من كلِّ شيءٍ فلا يَبقىٰ لمَخلوق علىٰ القلبِ ربَّانية تُساوي ربَّانية الـرَّب فضلاً عن أن يَكون مثـلها .. 📚 "جامع المسائل (٢٨١/٣) “Garbi tokko 'Allahu Akbar' yeroo jedhutti qoma isaa keessatti 'Allah' wanta hunda irraa guddaa ta'uu ni mirkanaahaaf , qoma isaa keessatti tokko hin hafu gooftaan uumamaa Rabbitti wal gitu kan Gooftaa Aalamaa fakkaatu dhiisii...” 🔖 Allahu Akbar jecha mujaahidoonni warreen karaa Rabbiif qabsoo godhan itti fayyadamuun Aduwwii irra itti ta'ani dha. 🔖 Allahu Akbar jecha yeroo shayxxaani dhagahu rifatee, xiqqaatee baqatu dha. 🔖 Allahu Akbar zikrii (faaruu) , Du'aa fi Ibaadaa guddaadha. قال تعالى: ﴿وَرَبَّكَ فَكَبِّرْ﴾ [المدثر: 3] “Gooftaa keetis guddisi” وقال تعالى: ﴿وَكَبِّرْهُ تَكْبِيرًا﴾ [الإسراء: 111] “Guddisuu isa guddisi” 🔖 Allahu Akbar jecha waan hundaaf qorichaa fi furtuu ta'e dha. 📮 عن أبي هريرة رضي الله عنه قال قال رسول الله ﷺ ”... ولا كَبَّرَ مُكَبِّرٌ قطُّ إلَّا بُشِّرَ ، قيل : بالجنةِ ؟ قال : نَعَمْ“ ((المعجم الأوسط)) (7779) السلسلة الصحيحة (1621) “Namni Takbiiraa (Allah Akbar) jedhu hin jiru yoo gammachiifame malee 'Jannataanii?' jedhamee gaafatamnaan Eeyyee jedhan ﷺ. 📮 قال عُمر بن الخطاب رضي الله عنه: "قولُ العبد: الله أكبر خيرٌ من الدنيا وما فيها" 📚 [تفسير القرطبي (الجامع لأحكام القرآن]. Umar Ibnul Khaxxab akkas jedhan:- “Garbi tokko 'Allahu Akbar' jechuun isaa adunyaan kanaaf waan ishee keesaa jiru hunda caala” 📮 قال الإمام ابن القيم رحمه الله :- 👈 " قبيحٌ بالعبدِ أنْ يقولَ بِلسانِهِ : اللهُ أكبر وَقَدِ امتلأ قلبه بغيرِ الله .. 📚 "بدائع الفوائد ( 2/196) “Garba tokkorratti baay'ee fokkisaa dha arabaan 'Allahu Akbar' jechaa qalbiin isaa wanta Allah ala jiruun guutamuun isaa..” ♻️ Allahu Akbar jecha bakkeewwan ciccimoo ta'anitti , bakka hundatti yeroo hunda jedhamudha. وقال ابن حجرٍ - رحمه الله - عن التكبير: "ذكرٌ مأثورٌ عند كل أمرٍ مهُول، وعند كل حادِثِ سُرورٍ، شُكرًا لله تعالى، وتبرئةً له من كل ما نَسَبَ إليه أعداؤُه" 📚[فتح الباري (2/ 438).] ♻️ Azaana keessatti, Iqaamaa keessatti, Salaata keessatti, Yeroo jiini baatu, Guyyoota kurnan Zul-Hijjaa, Dalagaa Hajii keessatti, Yeroo Iidaa(Ayyaanaa), Yeroo geejiba yaabatan, Yeroo bakka gubbaatii gadi bu'an , Yeroo qalma qalan, Yeroo oduu gammachuu dhagahan, Yeroo gubinsa argan, Yeroo salaata Janaazaa fi bakkee bay'eetti ni jedhama ⚠️ Bakkeewwan armaan olitti caqasaman hunduu ragaalee hadiisaa ni qabu. Bakka kanatti hadiisa jiru hunda kaahuuf barreeffamatu dheerataaf dhiifne. https://t.me/joinchat/TNoRmBLV_hFHVkEp

🎧 𝙃𝙞𝙠𝙠𝙖𝙖 𝙆𝙝𝙪𝙭𝙗𝙖𝙖 𝙅𝙪𝙢𝙪'𝙖𝙖  𝙈𝙖𝙨𝙟𝙞𝙙𝙖 𝙎𝙪𝙣𝙣aa    استغلال عشر ذي الحجة وذكر شيء من أحكام الأضحية 🎙 𝙐𝙨𝙩𝙖𝙖𝙯 𝘼𝙗𝙪 𝘼𝙣𝙖𝙨 𝘼𝙗𝙙𝙪𝙧𝙧𝙖𝙝𝙞𝙢 حفظه الله 🕌 𝙈𝙖𝙨𝙟𝙞𝙙𝙖 𝙎𝙪𝙣𝙣𝙖𝙖 { 𝙎𝙝𝙖𝙖𝙨𝙝𝙖𝙢𝙖𝙣𝙣𝙚} /حرسها الله http://T.me/abuanesabdrehim https://t.me/shasheme

Guyyoota Warqee Akkamiin Dabarsina?? ……Dubbisii Share Godhi…… Akkuma beekamu hardha guyyoota duniyarratti hundarra caalan jedhaman keessaa tokko jennee jalqabneerra. 🥛Soomuuf, 🧺Sadaqaa kennuuf, 📖Qur'aana xumuruuf, 🤲Gara Allaah deebi'uuf (Towbaa), 🕋Salaata Sunnaa baay'isuuf, 🔊Takbiiraa gochuuf fi Waliigala ibaadaa irratti jabaachuuf sagantaa kan qabattan hardha irraa jalqabaa mudhii keessan jabeeffadhaa. Hardha Zuul-Hijjaa tokko yoo ta'e, Kibxata dhufu Zuul-Hijjaa 9 ykn Guyyaa Arafaa ta'a. 🔹 Guyyaan Arafaa sirriin biyya keenyatti beekamu guyyaa qalmaa (Iidaa) osoo hin taane, guyyaa qalmaa dura kan jiru guyyaa 9ffaa Zuul-Hijjaati. «Guyyaa Arafaa» jedhamee kan moggaafames namoonni Hajji godhan bakka "Arafaa" jedhamutti waan dhaabbataniifi. 🔹 Guyyaan kun: Waliigala guyyoota waggaa keessa jiran keessaa guyyaa "Qalmaa" (Iidaa) tti aansuun sadarkaa 2ffaarratti guyyaa hundarra caaludha. 🔹Caalmaan guyyaan kun qabu keessaa: 👇 👉Namni guyyaa kana soome yakka isaa kan waggaa lamaa akka haqamuuf godha‼️ Akkasumas… 👇 👉Yeroo kamiyyuu caalaa guyyaa kana du'aa'iin godhamu hundarra caalaa fi qeebaltii argachuuf dhihoo kan taheedha‼️ Roobiin immoo guyyaa 10ffaa Zuul-Hijjaa ta'ee Guyyaa Iid al-Adhaa ykn Guyyaa Qaliinsaa ta'a. 🔹 Guyyaan kun waggaa keessaa guyyaa hundarra caalu jedhamee kan waamamedha. 🔹 Ibaadaawwan gurguddoo guyyaa kana raawwataman keessaa: 🕋 Salaata Iidaa fi 🔪 Qalma Uduhiyyaa Ibaadaawwan kunneen lameen «Salaataa fi Qaliinsi» mallattoolee gurguddoo Islaamummaan ittiin mul'atu waan ta'aniif, hundi keenya bakka jirrutti gammachuu fi kaka'umsa guddaan dabarsuu qabna. 🔪Udhiyyaa qaluun erga salaatni Iidaa jalqabee haga guyyoota sadii itti aananii dhufan keessatti qaluun ni danda'ama. Roobiin Iida yoo ta'e……… Kamisa, Jimaataa dabalatee hanga Sanbata Xiqqaan aduun seentutti Udhiyyaa qaluun ni danda'ama‼️ 🔹 Iida booda guyyootan jiran sadan kunniin: Kamisa, Jimaataaf Sanbata Xiqqaan «Ayyaamal Tashriiqqi» jedhamanii kan beekaman yoo ta'u, guyyoota kanneen keessa soomuun dhowwadha. Ergamaan Rabbii ﷺ akka ibsanitti guyyootan kun: 👉Kan itti nyaatamu, 👉Kan itti dhugamu fi 👉Kan Allaah itti yaadatamu (Zikrii itti baay'ifamu) dha. @ifaislaamaa

🌕Guyyotaa kurnaan zulhijaa 🎧Ustaaz abu nu'maan ahmad حفظه الله 🕌 𝙈𝙖𝙨𝙟𝙞𝙙𝙖 𝙎𝙪𝙣𝙣𝙖𝙖 { 𝙎𝙝𝙖𝙖𝙨𝙝𝙖𝙢𝙖𝙣𝙣𝙚} /حرسها الله https://t.me/shasheme

💥 ‍Guyyoota addunyaa keessaa guyyootni irra caaltu dhufuuf guyyoota muraasatu hafa!! Guyyootni 10nan ji'a Zul-hijjaa seenuuf balbala gahaniiru guyyooni kun ulfina waan qabaniif Rabbi subhaanahu itti kakateera. قال الله تبارك وتعالى:- ”وَٱلْفَجْرِ وَلَيَالٍ عَشْرٍ“ "Barii/Fajriin kakadha. Halkan kurna ni kakadha!" قال ابن كثير في تفسير :- قال عبد الله ابن عباس وابن الزبير ، ومجاهد ، وغير واحد من السلف والخلف ”وَلَيَالٍ عَشْرٍ“ المراد بها عشر ذي الحجة Abdullah Ibnu Abbaas, Ibnu Zubayr, Mujaahid fi Salafaa fi khalafa keessaa baay'een isaanii “Halkan kurna” isa jedhu guyyoota kurnan Zul-Hijjaa jechuun tafsiira ibnu kasiir keessatti ibsameera. Ergamaan Rabbii ﷺ Hadiisa keessattis akkas jedhaniiru. "أَفْضَلُ أَيَّامِ الْدُّنْيَا أَيَّامُ الْعَشْرِ، يَعْنِي عَشْرُ ذِي الحْجَّةِ" «Guyyoota addunyaa keessaa guyyootni irra caalan guyyoota kurnan Zul-Hijjaa dha» 🔖 Hadiisa biraatiin dalagaa guyyoota kana keessatti dalagaman guyyoota biroo irraa caalmaa akka qaban yammuu ibsan akkas jedhan. عَنِ ابْنِ عَبَّاسٍ عَنِ النَّبِيِّ ﷺ وأَنَّهُ قَالَ "مَا الْعَمَلُ فِي أَيَّامِ الْعَشْرِ أَفْضَلَ مِنَ الْعَمَلِ فِي هَذِهِ ". قَالُوا : وَلَا الْجِهَادُ ؟ قَالَ : " وَلَا الْجِهَادُ، إِلَّا رَجُلٌ خَرَجَ يُخَاطِرُ بِنَفْسِهِ وَمَالِهِ فَلَمْ يَرْجِعْ بِشَيْءٍ " خرجه البخاري “Ibaadaa guyyaa biroo gootan irra, tan guyyoota kurnan ZulHijjaa (gama duraatti argaman) kana keessa gootantu caala. Rabbi birattillee irra jaalatama" jennaan, Sahaabaan dubbii tana ajaa'ibanii "karaa Rabbii irratti qabsaawuu irrallee, Ibaadaa kurnan kana goonuutu caalaa?" Jedhanii ergamaa Rabbii gaafatan. "Ee! Ibaadaa kurnan kana gootantu caala. Yoo nama Jihaadaaf jecha lubbuufi qabeenya isaa baasee wareegamee hundaan achumatti hafee malee” jechuun deebisan. 📨 Yaa uummata Muslimaa guyyoota kana akkaan itti fayyadamuu qabna guyyootni kun akkanumatti taphaan, baacaan dabarsuu hin qabnu. 📮 Nutis Guyyoota saniin Rabbi nu gahee nama itti fayyadamu nu haa taasisu. Kanaafu gamanumaan qophii itti haa goonu!!
Allah/Rabbiin baay'inaan faarsuu , Takbiir, Tahliila, Tahmiida, Du'aa baayyisuu, Sadaqaa baayyisuu, soomana soomuu, Qur'aana qara'uu, Salaata jama'aan salaatuu, Sunnaa dalaguu baayyisuu walumaagalatti waan Rabbi jaalatu khayrii hunda dalaguu
. 🤲 وبالله التوفيق ✍ Abu Asiyah Abdallah السبت ٢٦ ذو القعدة ١٤٤٦ هجرية 🛰 @ifaislaamaa

✍️ Gara samiitti ol fuudhaman, Sidratul Muntahaa ga'an; 💫 Ergasii gara dachiitti deebi'anii... 💎 Re'ee isaanii elmu; 💎 Kop
✍️ Gara samiitti ol fuudhaman, Sidratul Muntahaa ga'an; 💫 Ergasii gara dachiitti deebi'anii... 💎 Re'ee isaanii elmu; 💎 Kophee isaanii suphu; 💎 Hiyyeeyyii wajjiin nyaatu!! 👆Otoo ol hin ba'in dura kabajamoo turan, 👇Erga deebi'aniis kabajaan jiraatan!! 👉Kabajamaa hin boonne!! ◽️◽️◽️◽️◽️◽️◽️ Haati koo fi abbaan koo... guutuun eenyummaa koo kabaja keessaniif haa fidaaman!! Faariin Rabbii koo fi nageenyi isaa isin irratti haa jiraatu!! 👉👉 Yaa Rasuulallaah!! صَلُّوا عَلَيْهِ وَسَلِّمُوا تَسْلِيمًا (Salawaata isaan irratti buusaa) Hadiisa Nabiyyii ﷺ irraa dabarfameen: «Guyyaa Jimaataa fi halkan Jimaataa salawaata natti baay'isaa. Nama takka natti salawaata buuse, Allaah isarratti kudhan buusa.» @ifaislaamaa

"Hattuun tokko balbala qabrii kanaa hate. Namoonni gandaas isa hordofanii qabanii akkana jedhaniin: 'Maaliif balbala qabrii s
"Hattuun tokko balbala qabrii kanaa hate. Namoonni gandaas isa hordofanii qabanii akkana jedhaniin: 'Maaliif balbala qabrii sheekichaa hatte?' Innis akkana jedheen: 'Isumatu balbala kana naaf kenne. 'Isaanis: 'Inni du'ee osoo jiruu akkamitti balbala isaa siif kenna?' jedhaniin. Innis akkana jedhee deebiseef: 'Yoos isaan osoo du'anii jiranuu akkamitti rizqii (soora) fi ijoollee akka isiniif kennaniif gara isaanii dhuftan ree?' Isaan hundi isaanii ni na'an (deebii dhaban). @ifaislaamaa

Haqqa Namootaa‼ (Galmee sodaachisaa kan Allaah akkanumatti bira hin dabre!) ✍️ Aalimichi guddaan Al-Manaawiin akkas jedhu: قال المناوي رحمه الله: "أكثر ما يُدخل الموحِّدين النَّار مظالم العباد، فديوان العباد هو الديوان الذي لا يُترك". «Namoota tokkummaa Allaahuutti amanan (Muwahiddoota) baay’inaan gara ibidda jahannam kan galchu gabroottan Allaah (namoota) miidhuu dha. Sababni isaas galmeen haqa namootaa (miidhaa) gonkumaa utuu irratti hin qoratamin kan bira hin dabarne waan ta’eef.» 💬 Baay'een keenya ni salaanna, ni soomna, Qur’aana ni qara’anna. Dalagaan gaariin (hasanaanni) nuti Allaah biratti qabnu akka gaaraa ta’uu danda’a. Garuu balaa guddaan nuti baay’ee irraa dagannu tokko jira... innis haqqa namootaati. Akka barsiisa Islaamaatti, Guyyaa Qiyaamaa galmeen cubbuu ykn zulmii bakka sadiitti qoodama: 1️⃣ Galmee gonkumaa hin dhiifamne: Allaahuutti qabaneessuu (Shirkii) 2️⃣ Galmee Allaah yoo fedhe dhiisuuf: Waan siifi Allaah gidduu jiru (Haqqa Allaah hir'isuu) 3️⃣ Galmee Allaah gonkumaa akkanumatti bira hin dabre: Waan siifi namoota gidduu jiru (Haqqa namootaa nyaachuu/miidhuu). Obboleettii/Obboleessa koo... RABBIIN yoo yakkite, Gooftaan kee araaramaa fi rahmata godhaa waan ta'eef rahmata isaatiin qofa siif dhiisuu DANDA'A. Nama yoo miite garuu, Allaah inni abbaa haqaa sun hasanaata (dalagaa kee gaarii) irraa hir’isee miidhamaaf kennuun haqaan murteessa malee, akkanumatti bira hin dabru. Yoo hasanaanni kee kaffalee liqii sirra jiru hin xumurin, cubbuu nama sanii irraa fudhatamee sirra tuulama. Nabi Muhammad ﷺ «Kasaaraa dhugaa (Muflis) eenyu akka ta’e ni beektuu?» jedhanii saahabboota yommuu gaafatan: «Guyyaa Qiyaamaa salaata, soomaa fi sadaqaa akka gaaraa madaalamuun dhufee; garuu addunyaa irratti maqaa kana balleessee, maallaqa sani nyaatee, kan biraa ammoo reebee fi boochisee kan dhufe dha. Allaahnis dalagaa isaa gaarii akka gaaraa sana irraa hir’isee miidhamaaf kenna. Yommuu dalagaan isaa jalaa dhumu, cubbuu warra miidhamanii irraa fudhatamee isatti fe’ama, achiis gara ibiddaatti gatama» jedhan! (Muslim gabaaseera) Mee of haa gaafannu: ☑ Nama meeqa arrabsine? Meeqa qaanessine? ☑ Maallaqa namaa meeqaaf meeqa hir'isne? Hamiidhaan hoo?
Wallahi haqqi namootaa baay'ee ulfaataadha‼
Furmaanni isaas: Nama miine dhiifama haa gaafannu, haqqa fudhanne haa deebifnu. Arraba keenya nama qicuun fi hamachuu irraa haa qusannu. Yaa Allaah! Nama miidhuu irraas ta'e namaan miidhamuu irraa, haqqa namaa hir'isnee harka duwwaa fuula kee dura dhaabbachuu irraa rahmata keetiin nu eegi! https://t.me/+TNoRmBLV_hFHVkEp

"Yoo Allah qabeenya siif kenne, osoo ittiin aakhirah keetiif hin hojjatin dhiiftee akka hin deemne adaraa. Zakaa baasi. Haajjiifi Umraa godhu. Da'waa babal'isuu, masjiida ijaaruu, harka-qalleeyyiin gargaaruufi fira keetti fufuun itti fayyadami. Qabeenyi ati aakhirah keetiif itti hin fayyadamne jiraachuun isaa siif bu'aan isaa maali? Wanti ati nyaattu murtaa'aa dha, wanti uffattu murtaa'aa dha, wanti itti fayyadamtuus murtaa'aa dha. Isaan ala kan jiru jiraachuun isaa hiika maaliiti siif qaba? Addunyaa dhumuma hin qabne kan jireenya baraabaraa, qananii addaan hin cinne, kan dhukkubniifi yaaddoon keessa hin jirre siif hin kennu! Abshaala ta'i. Aakhirah kee dursa. Allah yoo qabeenya siif kenne, carraa aakhirah kee ittiin bitattu harka kee keessa kaayeera. Hin dabarsin. Of irratti hin jabaatin. Hisaaba kee kan boruu hin baay'isin. Itti yaadi. Xiqqoo xiinxali, yoo barbaachises namas mari'adhuu erga duutee ajriin isaa hin cinne hojii kheeyrii ittiin hojjadhu. Allah nama nafsiyyaa ofii mo'atu nu haa godhu." https://t.me/+TNoRmBLV_hFHVkEp

📓 ‏من آداب الإسلام ،أن لا تسأل أحدا عن شيء يخفيه عنك ، فإن لم يخبرك به فهو لا يخصّك . 📜 ‏قالَ أعرابي: أدّبتني جارية كانت تحملُ طَبَقاً مُغطَّى.. فسألتها: مافي الطبق..؟ قالت: ولِمَ غطَّيناه جواب الجارية للأعرابي «ولمَ غطيناه؟» اختصر الكثير من فقه المعاملات؛ فالحكمة تقول: «مَن سأل عما لا يعنيه، سمع ما لا يرضيه». وفي ديننا الحنيف، يعتبر ترك الفضول من كمال الإيمان، كما قال رسول الله ﷺ: «مِنْ حُسْنِ إِسْلَامِ الْمَرْءِ تَرْكُهُ مَا لَا يَعْنِيهِ».

Aksum keessatti yoo sareen ykn adurreen kee duute, bakka barbaaddetti qoftee awwaaluu dandeessa; Abbaan kee ykn haati kee Mus
Aksum keessatti yoo sareen ykn adurreen kee duute, bakka barbaaddetti qoftee awwaaluu dandeessa; Abbaan kee ykn haati kee Muslimni yoo du’an garuu, "magaalaa keenya xureessa" jedhanii akka hin awwaalle si dhowwu. Magaalaa Aksum keessatti dubartiin takka mana dhugaatii fi sirbaa (night club) bante, dhugaatii machaasisaa gurguruuf yoo hojii hojjachuu yoo barbaadde, biiroon daldalaa magaalattii hayyama daldalaa ni kennaafi; Masjiida ijaaree Muslimoonni irratti haa sagadan jechuun yoo gaafatte garuu, "magaalaan keenya ni xuraawa" jedhanii si dhowwu. Wanti ani sitti himu....... Waa’ee seenaa bara dukkanaa osoo hin taane, har’a bara kee keessatti wanta ta’aa jiruudha. Sitti hin dhaga’amuu?? Si hin dhukkubsu moo?? @ifaislaamaa

🎧 𝙃𝙞𝙠𝙠𝙖𝙖 𝙆𝙝𝙪𝙭𝙗𝙖𝙖 𝙅𝙪𝙢𝙪'𝙖𝙖 Wantoota Salaata Irraa Nama Dhorkan/Shaagalan 🎙 Abu Asiyah Abdallah 🕌 Masgiida Daarusalaam Horro Guduru Wallaggaa Shaambu حرسها الله 🕰 ZulQaa'idaa 14/1447h https://t.me/ifaislaamaa/2087

🚨 خطبة الجمعة بعنوان: "الملهيات عن الصلاة" 🎙 للأخ أبو آسية عبد الله حفظه الله سجلت في بمسجد دار السلام شامبوا الموافق(١٤/ذوالقعدة/١٤٤٧هـ)         نسأل الله أن ينفع بها الإسلام والمسلمين https://t.me/ifaislaamaa/2086

Namichi Ameerikaa keessa jiru tokko utuu leenci intala takka irratti balaa geessisuu argee, leencha ajjeese... Gaazexoonni ak
Namichi Ameerikaa keessa jiru tokko utuu leenci intala takka irratti balaa geessisuu argee, leencha ajjeese... Gaazexoonni akkana jedhanii barreessan: "Lammiin Ameerikaa gootni tokko intala leenca harkaa oolche..." Namichis: "Ani lammii Ameerikaa miti," jedhe. Gaazexoonnis: "Gootni alagaa tokko intala leenca harkaa oolche," jedhanii barreessan. Namichis: "Ani Muslima," jedhe. Gaazexoonnis akkana jedhanii barreessan: "Shororkeessaan tokko leenca qulqulluu intala waliin taphachaa ture ajjeese." @ifaislaamaa

Allah Ol Ta'e Akkas Jedha {حُرِّمَتۡ عَلَيۡكُمُ ٱلۡمَيۡتَةُ وَٱلدَّمُ وَلَحۡمُ ٱلۡخِنزِيرِ وَمَآ أُهِلَّ لِغَيۡرِ ٱللَّهِ بِ
Allah Ol Ta'e Akkas Jedha {حُرِّمَتۡ عَلَيۡكُمُ ٱلۡمَيۡتَةُ وَٱلدَّمُ وَلَحۡمُ ٱلۡخِنزِيرِ وَمَآ أُهِلَّ لِغَيۡرِ ٱللَّهِ بِهِۦ وَٱلۡمُنۡخَنِقَةُ وَٱلۡمَوۡقُوذَةُ وَٱلۡمُتَرَدِّيَةُ وَٱلنَّطِيحَةُ وَمَآ أَكَلَ ٱلسَّبُعُ إِلَّا مَا ذَكَّيۡتُمۡ وَمَا ذُبِحَ عَلَى ٱلنُّصُبِ وَأَن تَسۡتَقۡسِمُواْ بِٱلۡأَزۡلَٰمِۚ ذَٰلِكُمۡ فِسۡقٌۗ} Isinirratti haraama godhamte Baktiin, dhiignis, foon booyyees, waan (maqaan) Rabbiin alaa isa irratti ol fuudhames, hudhamtee tan duutes, tumamtee tan duutes, konkolaattee tan duutes, tan gaafaan waraanamtee duutes, wanti bineensi nyaates waan (odoo inni hin du’in dura dhaqqabtanii) gorraatan malee, wanti taabota irratti gorra’ames, xiyyaan carraa ilaallachuunis, (isin irratti haraama godhamteetti). Kuni fincila. @ifaislaamaa

🎧 𝙃𝙞𝙠𝙠𝙖𝙖 𝙆𝙝𝙪𝙭𝙗𝙖𝙖 𝙅𝙪𝙢𝙪'𝙖𝙖 𝙈𝙖𝙨𝙟𝙞𝙙𝙖 𝙎𝙪𝙣𝙣𝙖𝙖/𝙎haashamannee 🔖 « الصبر» 🎙 𝙐𝙨𝙩𝙖𝙖𝙯 𝘼𝙗𝙪 𝘼𝙣𝙖𝙨 𝘼𝙗𝙙𝙪𝙧𝙧𝙖𝙝𝙞𝙢 حفظه الله 🕌 𝙈𝙖𝙨𝙟𝙞𝙙𝙖 𝙎𝙪𝙣𝙣𝙖𝙖 { 𝙎𝙝𝙖𝙖𝙨𝙝𝙖𝙢𝙖𝙣𝙣𝙚} /حرسها الله http://T.me/abuanesabdrehim https://t.me/shasheme

ዒሳ ኢብኑ መርየም ከሰማይ ከወረደ በኋላ በምድር ላይ ምን ያህል ይቆያል? አቡ አሲያ አብደላህ 🗓 ሚያዝያ 04/2018 ዓ.ል – ሀዋሳ https://t.me/islmina_min_ale/47603 https://t.me/salafihaw/1412

ዒሳ (እየሱስ) ከሰማይ ከወረደ በኋላ የዓለም ኑሮ ሁኔታ አቡ አሲያ አብደላህ 🗓 ሚያዝያ 04/2018 ዓ.ም – ሀዋሳ https://t.me/islmina_min_ale/47602 https://t.me/salafihaw/1411