es
Feedback
Imalli Koo Galma Qaba

Imalli Koo Galma Qaba

Ir al canal en Telegram

📈 Análisis del canal de Telegram Imalli Koo Galma Qaba

El canal Imalli Koo Galma Qaba (@imaluuf) en el segmento lingüístico de Javanés es un actor destacado. Actualmente la comunidad reúne a 10 308 suscriptores, ocupando la posición 19 452 en la categoría Educación y el puesto 384 en la región Finlandia.

📊 Métricas de audiencia y dinámica

Desde su creación el невідомо, el proyecto ha mostrado un crecimiento acelerado, reuniendo a 10 308 suscriptores.

Según los últimos datos del 10 junio, 2026, el canal mantiene una actividad estable. En los últimos 30 días la variación de miembros fue de -372, y en las últimas 24 horas de -8, conservando un alto alcance.

  • Estado de verificación: No verificado
  • Tasa de interacción (ER): El promedio de interacción de la audiencia es 13.29%. Durante las primeras 24 horas tras publicar, el contenido suele obtener 3.53% de reacciones respecto al total de suscriptores.
  • Alcance de las publicaciones: Cada publicación recibe en promedio 1 371 visualizaciones. En el primer día suele acumular 364 visualizaciones.
  • Reacciones e interacción: La audiencia responde de forma activa: el promedio de reacciones por publicación es 7.

📝 Descripción y política de contenido

No se ha proporcionado la descripción del canal.

Gracias a la alta frecuencia de actualizaciones (últimos datos recibidos el 11 junio, 2026), el canal mantiene la vigencia y un amplio alcance. La analítica demuestra que la audiencia interactúa activamente con el contenido, lo que lo convierte en un punto de referencia dentro de la categoría Educación.

10 308
Suscriptores
-824 horas
-717 días
-37230 días
Archivo de publicaciones
“Nyaanni hundi qaama hin ta’u; Qaamni hundis nyaata hin ta’u”

Doktoora Fayyaa erraa gara Maaraataa Daandii erraa tahuu Namni isin Suuraa erratti Argutan Kun Doktoor muhammad Saalih Al-Abiidii jedhama. Ogeessa fayyaa doktoora ajaaibaa kan Baqaqsanii yaaluu erratti erra guddaa Umurii isaa fixeedha Guyyaa Tokko Akkuma Ojii isaa Dhukkubsataa yaaluuf kutaa Operation ykn Baqaqsanii yaaluu seene Namni Inni harra yaaluuf deemu kun nama isatti jabaa waan taheef ofeeggannoodhaan ojiisaa xumuruuf onnee rifaatuun guutameen kutaa Operationii seene Yaala hudumaa godheefii haala gaariidhaan Operationii godhee xumuree yaroo kahu Dhukkubsataan kun deebi’ee of baruu hin dandeenye Namni inni osoo yaalaa jiruu harkatti lubbuun bahe kun Harmee isaa isanni akka lubbuu ofiitti ilaalu waan taheef doktoorichi of qabuu hin dandeenye Achumatti Qaamni isaa qabbajjaaee Sammuu isaallee dhabee maatii isaas dhiisee ojii isaas dhabee maraatmaan daandii erratti hafe. Waan dandahu maraa yaaleera garuu murtiin Rabbii akka inni yaade hin taane Atihoo Haadha kee woliin akkam jerta ? Yaroo woliin haasoftu sagalee akkamiitiin ittiin dubbatta laata ? Gara lafummaa akkamiitiin ija keessa ilaaltee gammachuu itti uumtee beettaa ? Ammam ammamiin sagaleesii dhagahaa jirta v Tarii dhukkubsachuusii nama biraatu sitti himaa jiraa laata Tarii hin fayyiti takka itti obsaa jettee mana yaalaa geessuu dhiisaa jirtaa laata ? Namni haadhaan nyaatame yoo nama akkamii tahe illee hoonga’aadha Rabbi Nama haadha ofii kaddamatee milkaahu nuhaa godhu Kan worra lubbuun hin jirrees Rabbi Rahmata haa godhuuf Guyyaan ati Gammachuun ooltu guyyaa gaafa harmee keetii dawwaltee kolfaa fi sagalee isii dhageesseeti Harmee kee Amaanaa Harmee kee Amaanaa Harmee kee Amaanaa

photo content

photo content

𝐎𝐟 𝐒𝐨𝐛𝐧aam...!👌 1. Karoorsanii dilii hujuu irra, nyaata summaawe Nyaachuu wayya. 2. Baratanii Itti hojjachuu dhabuu irra, wallaalumma ofiitiin gaarii dalagutu caala. 3. Sadaqaa namaaf kennanii dhaadachuu irra, Miskiinummaa wayya. 4. Maallaqni gammachuu siif hin bitu, garuu gammachuu sijalaa hata. Namni gurguddaa fi kabajamaan hedduu maallaqa dhabuu isaatiin xiqqeeffameera. 5. Osoo Rabbiin kafana kabajaa isatti uffisuu baatee, ilmi namaa hundi qullaa jira. 6. Ilkaan bareedaa Rabbi namaaf kenneen foon obboleeyyan ofii hamiin nyaachuu irra, ilkaan fixatanii muuqii dhuguu wayya. 7. Mammaaksi “Haatee Durbaa? Jennaan, dur kaa.” Jedhan sun jijjiirameera. “Haatee durbaa? Jennaan, harka dhibbaa “ tti jijjiirameera. Bara kana haadhumatu akka dubra duriitti qaanfii qaba, kabaja qaba, sharafa dubrummaa beeka. 8. Nama qaala’iinsi jireenyaa sooqidda bitachuu dhoorge, Doktorri shukkaarri kee ol ka’eera, of eegi ykn sigalaafata jedhaan

Bifa sooqiddaatiifi sukkaaraa addaan baasuun,bifa kookaatiifi peepsii adda foohuun itti fufa,umrii nama dheeressinaan,raajii guddaa argita. Eeeee. Ardiifi samii takka jalatti wajji uumamnee,aduufi urjiin qixa nutti bahaa,akki itti yaadnuufi akki itti jiraannu wal-adda tahuun isaa qorannoo guddaa barbaachisa. Maraafuu Waa barachuu,waa qorachuu,waa hubachuu,waan beekanitti hojjachuufi kallattii sirrii hordofuuf yaaluun dirqama. Beekkumsaafi barnoota wajjiin fuul durri keenna ifa inshaAllah. Akkuma quuncaatanitti quunca'aa,akkuma jirtanitti jiraataa,hanga dandeettaniin ufiifis barachuu yaalaa,ilmaan keessanis barsiifachuuf carraaqaa,santu furmaata,beenuma beeni.

"wallaalli Afaan male,Gurra hin qabu"Muhammad Alii(Burhaan Addis) Biyyoonni gurguddoon kaleessaa,kan har'aa fi boris qaroominaan humnaa fi diinagdeen maqaa kaafnu beektota,Ogummaa (xibeb) barbaacha of kennaniin ala miti. Giriik fi pershiyaan,portugali fi turk,Ingliz fi Amerikaan, beektota gurguddoon durfamaniiti,kan Addunyaarraa yeroosaaniitti biyyoota maqaaanuu isaan hin beekne humnaa,diinagdee fi siyaasaan,dhoksaa fi ifaan hoogganuuf qaqqaban. Araboonnis bara beekumsaan firooma qaban hagam akka dhiibbaa uuman beekamaadha.gaafa beekumsaan wol dhabaa,beektota dhiibaa dhufan,maamila boba'aa isaanii bituun nu Eegiin harka kennatan. Keenya garami jechuu barbaadeeti . Bara namni barreeffama miidiiyaa hawaasaarraa( see more )banee ilaaluuf obsa hin qabne,waa'ee nama kitaabota 44 barreessee dubbachuuf hin qaanofne irra jirra. Muhammad Alii( Burhaan Addis) kitaabonni isaa akka nuti waaninni barreesse dubbifnu qofa osoo hin taane akka nuti waa gaafannuuf kan nu affeeraniidha. Kanaaf nutis beekaa nu keessaa argamu akkamitti ilaalla jennee utuu of gaafannee gaariidha. Beekumsa barbaachaaf (gaaffiif karaa bahuun ) yoo nutti ulfaates warra jireenyaa guutuu xiinxaluuf,qorachuuf of kenne waan biraa yoo dadhabne utuu irraa callifnee gaarii dha.

photo content

photo content

photo content

🌹Waan Rabbi naaf kennerraa nama of jaallachiisuuf nama hin faarsu Waan inni hin qabne isaaf kennees isa hin ho’isu Wanti nama dinqisiisu hedduunis na hin dinqisiisu 👉🏻 Amaloota gadhee yeroo ammaa baratamaa tahe keessaa tokko Abbaa aangoo Beektota Amantii Beekamtoota miidiyaa Abbootii qabeenyaa fii kanneen biroo waan isaan hin qabneen Waan isaan hin hojjanneen Bakka isaan hin geenyeen isaan faarsuudha 🌸Sababnis isaan biratti jaallatamuufi Amaloonni kun immoo Abbaan aangoof karaa gara abbaa irrummaa ( dictatorship) saaqaaf Beektota amantii akka isaan qulqulluu of godhan sababa ta’a Beekamtoota Midiyaa akka isaan macha’anii namummaa gadi dhiisan ulaa banaaf Abbootiin qabeenyaa akka isaan rakkataaf hiyyeessa namatti hin lakkoofne godha Madaalli namummaaf Hiikkaan haqummaa Nama dhugaaf sadarkaa isaa cilee jalaa dibuu dhiisuun Akkasuma hammeenya isaas irraa dunuunfachuu dhiisuudha “ ونضع الموازين القسط " 🌷 Guyyaa Gaarii qabaadhaa

#KUTAA CIISICHAA SEENAN! ▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰ ▣Abbaa manaa fi haadha manaatu yaada tokkorratti wal lolu. Ergasii utuu dhiifama waliif hin godhiin kutaa ciisichaa seenu. Lamaan isaaniyyuu eenyu dursee akka dhiifama gaafatu wal eegan. ▣ Borumtaa abbaan manaa lafa hojiitti Wal gahii qaba ture. duraan haadha manaatu 'yeroon sitti gahee ka'i' jedhee hirriiibaa dammaksa. Amma garuu Wal mufatan. ▣Kanaaf abbaan manaa 'boru Wal gahiin qabaa saa'atii 11: 00 tti na kaasi'' jechuu barbaade. Garuu dursee itti dubbachuu hin barbaadne. Kanaaf waraqaa irratti boru wal gahiin qabaati saatii 11: 00 tti na kaasi'' jedhee barreessee siree irra kallatti isheen ciistuun kaa'e. ▣Ganama abbaan manaa hirriiibaa yoo ka'u saa'atiin 3:00 ta'eera. Innis baay'ee aaree, of cina yoo ilaalu waraqaa arge. Yoo dubbisuu "saatii 11: 00 ta'eera ka'i'' jedha. Innis "osoo galgala itti dubbadhe ta'e" maal qaba?'' jedhee gaabbiin of waxalee. ▣ Kana gidduutti waahilli ( hiriyaan waajjira tokko keessa wajjin hojjetan) bilbila haadha manaa isaa irratti bilbilee " Tolaan jedhama, bilbilli abbaa manaakee hin hojjetu, har'a wal gahii irraa maaliif hafe? xumura wal gahichaa irratti durgoo fi carraa torbee tokkoof biyya faransaay deemanii maatii waliin bashannanuu akka qabu amma nutti himani, carraan sii fi abbaa manaa kee darbuun hin qabu turee" jedheen . ▣Ishiiniis baay'ee aartee, "osoon dursee itti dubbadheera ta'ee carraan kun nun darbu ture" jettee gaabbiin quba of nyaachuutti kaate. ◈Asirratti wanti hubatamu ▱▱▱▱▱▱▱▱▱▱▱ Bara jiraattu keessatti 'DHIIFAMAAF' garaa bal'aa qabaachuun gaabbii hin darbine hambisa. Boqonnaa sammuu namaaf kenna.  Kanaaf har'uma, nama itti gadditeef dursii dhiifama godhiif. Maaltu beeka sababa jibba kanaa wanti gaariin siduraa qabame jira ta'a.    

Dubbisaa dubbadhabboo mataa nun nyaatinaati

Goolaa Dhufani "Baha loohani..😉

photo content

photo content

photo content

Waan jechi bareeche hojiidhaan faayanii jedhama Ilaamee Yaa namaa   jirra jechuun yoo maalirra jiraanne  wol qabna jechuun hoo yoo maal woliin qabaanne ammoo woliif qabaanne  waatu badee akkamittii badeef Eessatti  badee wollallee malee.!! Ilaa maaltu jira beektu woliif hamilee tahuu keessaa jalqabni seequu gaarii woliif kennuu akka tahe beektu laata hadaraa arraba hamaaf jireenya seenaan hin daganneef ofis hin kenninaa wolis hin kenninaa nama faluu yoo dadhabne nama faalu irraa of ha qusannu ..!! Yeroon nuti qabnuu gabaabduudha waan taateef Seequu gaariis Taatu woliif ha kenninu Ee WAAN BARRI Barreesse Qalamaan waamani jedhama..!!

Dubartiin jabduun, tattaafattuun, of irratti amantii qabdu—Boonii—jireenya ulfaataa keessa darbittee, abbaa malee guddattee, rakkoo hedduu dandamachuun of ijaarte. Jireenya gaarii jiraachaa turte… garuu jechoonni namootaa miidiyaa hawaasummaa irratti darbataman, arrabsoo fi xiqqeessuun guyyaa guyyaan hamilee ishee cabse. Namoonni tokko tokko dubbii isaanii akka salphaatti ilaalu… garuu dubbii tokko lubbuu namaa balleessuu danda’a. Har’a, Boonii nu biraa hin jirtu… of ajjeeste. Kun nu hundaaf dhaamsa guddaadha: Jechi arra akka qoosatti namatti darbannu nama miidhuu dandaha,dubbachuu keenya dura itti haa yaadnu .nama hin miidhin.hamilee namaa hin cabsin. Warri ishee beektan hundi obsaa fi jajjabina haa isinii yaa kennu.Hedduu nama tuqa🥹🙏