Maya Star College
Ir al canal en Telegram
2 684
Suscriptores
-124 horas
+37 días
+3030 días
Archivo de publicaciones
2 682
IBSA GADDAA
Kolleejjii Maayaa Istaar – Miseensa Maatii Keenya Dhabne!
Gadda guddaa fi onnee nama cabsu, barataa keenya Ararso Usmail Mume, barataa Muummee Marketing and Sales Management waggaa lammaffaa barachaa ture guyyaa har'aa du'a tasaa isa mudateen gaddi guddaan kan itti dhagahamee ta'uu ibsa.
Duuti barataa keenya Ararso Usmail Mume maatii Kolleejjii Maayaa Istaar hundaaf gadda guddaa ta'eera. Ararsoon nama gara laafessa, amalaafi naamusa gaarii qabu, barsiisotaa fi hojjettoota birattis kabaja guddaa qabu ture.
Inni barataa qofa osoo hin taane, miseensa maatii Kolleejjii keenyaati dhabne.
Rabbiin barataa keenya Ararso Usmail rahmata isaaf haa godhu, Jannatul Firdoowsiin haa qananiisu.
Kolleejjiin Maayaa Istaar Maatii, firoottan, hiriyoota, barsiisota, barattootaa fi hawaasa Kolleejichaa hundaaf jajjabinaa hawwa.
2 682
+3
QOPHII MADAALLII GAHUMSA OGUMMAA (COC)
Kolleejjiin Maayaa Istaar hojii gurguddaa fi bu’a qabeessa hojjechuun kan beekkamu, ogeessota gahumsa ogummaa ola'anaa qaban horachuuf kutannoo guddaadhaan hojjechaati jira.
Yeroo ammaa kana, barattoonni keenya Madaallii Gahumsa Ogummaa (COC) irratti milkaa’ina ola'anaa akka galmeessaniif, madaalliin duratti qophii cimaa fi bal’aa taasisaati jiru.
Qophiin kun beekumsa barnootaa (Theoretical Knowledge) fi dandeettii hojii qabatamaa (Practical Skills) barattootaa cimsuun, sadarkaa ogummaa irraa eegamuun gahumsa isaanii akka mirkaneessan gargaara.
Kanaafuu, Kolleejjiin Maayaa Istaar ogeessota gahumsafi dandeettii Ola'anaa qaban fi gara fuulduraatti biyya isaanii tajaajilan qopheessaati jira!
Qophii Cimaa!
Gahumsa Mirkanaa’aa!
Milkaa’ina Ola'anaa!
KOLLEEJJII MAAYAA ISTAAR
WIRTUU GAHUMSAA!
2 682
+4
Baga Gammaddan, Baga Gammanne!
Eebbifamttoonni Guyyaa arraa Kolleejjii Maayaa Istaar irraa eebbifamtan hunduu baga Gammaddan
Baga Gammanne
Congratulations
2 682
Kolleejjiin Maayaa Istaar
Qulqulinaan Hojjeta!
Milkaa'inaan Mul'ata!
Kolleejjiin Maayaa Istaar yeroo gabaabaa keessatti hojiiwwan gurguddoo hojjechuun, qulqullina leenjii fi barnootaa mirkaneessuuf kutannoo cimaa qabu gochaan agarsiisaa jira.
Milkaa’ina hojiiwwan isaa keessatti galmeessaa dhufe keessaa tokko, Sadarkaa Oromiyaatti Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa irraa Waraqaa Ragaa Mirkaneessa Qulqullina Leenjii argachuu isaati.
Kun milkaa’ina Kolleejjii Maayaa Istaar qofa osoo hin taane, qulqullina barnootaa mirkaneessuu, gahumsa ogummaa guddisuu fi leenjii bu’a qabeessa ta’e kennuuf kutannoo inni qabu kan mul’isuudha.
Waraqaan ragaa kun hojiiwwan hanga ammaatti hojjetaman qofaaf beekamtii kennuu bira darbee, mul’ata fagoo, kaayyoo ifa ta’e fi qulqullina irratti hundaa’uun gara fuulduraatti tarkaanfachuu Kolleejjii Maayaa Istaar kan calaqqisiisuudha.
Kolleejjiin Maayaa Istaar qulqullina barnootaatiin dhaloota ogummaa qabuu fi gabaa hojii keessatti dorgomaa ta’e horachuuf cimee hojjechaa jira.
2 682
+3
TAJAAJILA HAWAASAA
Kolleejjiin Maayaa Istaar, akkuma yeroo darbe hojiiwwan tajaajila hawaasaa, deeggarsa barattootaa fi harka qalleeyyii irratti xiyyeeffachuun beekamu, har’as gahee isaa hawaasaaf qabu cimsuun itti fufeera.
Kolleejjiin Maayaa Istaar Mana Barumsaa Sadarkaa Lammaffaa Haramayaa waliin ta’uun, bakka Daayirektara Mana Barumsaa, Kabajamoo Obbo Abdii Musee, hoggantoota, barsiisotaa fi hojjettoota mana barumsaa argamanitti, barattoota olguddatan, abdii boruu ta’aniif deeggarsa meeshaalee barnootaa, keessumaa daabtara barattoota 20f deeggarsa taasiseera.
Deeggarsa kana Bulchiinsa Kolleejjii Maayaa Istaar bakka bu’uun, Itti-Aanaa Diinii Kolleejjichaa Obbo Kadiir Mohammediin durfamuun, hojjettoota Kolleejjichaa waliin ta’uun harka barattoota deeggarsi kun barbaachisuutti dabarsanii jiru.
Kanaafuu Kolleejjiin Maayaa Istaar Barnoota qofa osoo hin taane, hawaasaaf tajaajila, carraa fi abdii uumaa jirra!
Kolleejjii Maayaa Istaar
Wirtuu Gahumsaa
2 682
+1
Milkaa’ina Boruutiif Filannoo Kee Isa Jalqabaa!
Harki hojjetu qabeenya abbaati, ogummaan baratan badhaadhina boruuti.
Koottu baradhu ogummaa, Kolleejjii Maayaa Istaar dhufnaan boru jijjiiramta!
Barachuu qofa osoo hin taane, ogummaa dhugaa harka kee keessa galchuuf carraa kanaan dura argamee hin beeknen Ogummaa Gonfatta! Kolleejjiin Maayaa Istaar galmee barattoota haaraa simachuuf eegalee akkuma itti fufetti jira.
Filannoon Keessan Kolleejjii Maayaa Istaar haa tahu jenna.
Kolleejjii Maayaa Istaar
Wirtuu Gahumsaa!
2 682
+5
Barattoonni keenya leenjii isaanii xumuruun, leenjii waltahinsaa Hospitaala Waliigala Haramayaatti gaggeeffamu milkaa’inaan xumuruudhaan, Madaallii Gahumsa Ogummaa (COC) darbuun eebbifamaniiru.
Guyyaa eebbaa isaaniitti, milkaa’ina isaanii kabajuuf badhaasa waancaa, Meedaliyaa fi waraqaa Ragaa hanga Madaallii Gahumsa Ogummaa (COC)tti argachuun, gammachuu guddaadhaan eebbifamaniiru.
Baga Gammaddan! Baga Milkooftan!
Nuti
1. Ni Barsiifna/Ni Leenjifna!
2. Madaaliif Ni Dhiheessina!
3. Madaallii Ni Gahoomsina!
4. Ni Eebbifna!
5. Gara Gabaa Hojiiitti Akka Seenan Ni Qopheessina!
Barnoota/Leenjii → Madaallii COC → Eebba → Gabaa Hojii
Inni kun adda nu taasisa waan taheef filannoon keessan Kolleejjii Maayaa Istaar haa tahu!
Ogummaa Horadhaa!
Carraa Hojii Uumadhaa!
Fuuldura Keessan Ijaarradhaa!
Kolleejjii Maayaa Istaar
Wirtuu Gahumsaa!
2 682
“Wirtuu Madaallii Gahumsa Ogummaa (COC) kan ta’e kanatti barachuun, Ogummaa Horadhaa!”
2 682
“Wirtuu Madaallii Gahumsa Ogummaa (COC) kan ta’e kanatti barachuun, Ogummaa Horadhaa!”
2 682
+8
Guyyaa 08/01/2019
Abbootiin Adeemsa Waajjira Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa Magaalaa Maayaa, Obbo Addisu Melka fi Adde Rude Nigatu, haal-duree fi qophii Kolleejjii Maayaa Istaar daawwachuun ilaalan.
Daawwannaa isaanii keessatti, Kolleejjichi meeshaalee barbaachisoo guuttachuu, qophii gahaa taasisuu, humna namaa barbaachisu guuttachuu, akkasumas naamusa ogummaa eeguun hojii isaa sirnaan gaggeessaa jiraachuu isaa dinqisiifatan.
Kana malees, Kolleejjichi yeroo gabaabaa keessatti hundaa’ee gama kenna leenjii fi Madaallii Gahumsa Ogummaa (COC) tiin jijjiirama fi bu’aa guddaa galmeessuu isaa jajjabeessan.
Haaluma kanaan, Kolleejjiin Maayaa Istaar hojii gaarii jalqabe kana caalaatti cimsuun akka itti fufuu qabu dhaamaniiru.
Kolleejjii Maayaa Istaar
Wirtuu Ga’umsaa
2 682
Barumsa Qulqulluu, Ogummaa Qabatamaa, Fuuldura Ifaa Kolleejjii Maayaa Istaar waliin.
Galmeen itti fufee jira...
2 682
ERGAA BARA HAARAA
Kolleejjiin Maayaa Istaar lammiilee biyya keenyaa hundaan Baga Bara Haaraa 2019 Nagaan Geessan! jechaa, barri haaraan kun bara nagaa, gammachuu, fayyaa fi milkaa’inaa akka isiniif ta’u hawwii fi eebba isaa dabarsa.
Kolleejjiin Maayaa Istaar dhaabbata barnootaa ol’aanaa ta’ee, waggoottan darban keessatti dhaloota gahumsa qabu, dorgomaa fi itti gaafatamummaa hawaasummaa qabu horachuuf barnootaa fi leenjii qulqullina qabu kennuun gahee isaa bahachaa tureera.
Haaluma kanaan, Kolleejjiin Maayaa Istaar barnootaa fi leenjii kennuu cinaatti, Wirtuu Madaallii Gahumsa Ogummaa (COC) ta’uun hawaasaaf tajaajila madaallii gahumsa ogummaa bal’aa kennuun, waggaa tokko keessatti marsaa afur madaallii gaggeessuun tajaajila hawaasa isaa cimsaa tureera.
Kana malees, barattoota Kolleejjii Maayaa Istaar keessatti baratanii eebbifamuuf qophaa’an, Eebbaan duratti Madaallii Gahumsa Ogummaa (COC) akka Madaalaman gochuun, akkaataa muummee barnootaa isaaniitiin sadarkaa milkaa’inaa ol’aanaa 100% fi sadarkaa gadi aanaa 96% galmeessisuun, barattoota milkaa’an gara eebbaatti dhiyeessuun Eebbiseera.
Hojiin kunis Kolleejjiin Maayaa Istaar qulqullina barnootaa fi gahumsa barattootaa irratti xiyyeeffannoo ola'anaa akka kennu kan agarsiisudha.
Itti fufuun, Kolleejjiin Maayaa Istaar waggoottan darban keessatti qulqullinaaf dursa kennuun hojjechaa turuu isaa kan mirkaneessu, Biiroo Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa Oromiyaa irraa "Ragaa Mirkaneessa Qulqullina Leenjii" argachuun, tajaajila barnootaa fi leenjii isaa sadarkaa qulqullina qabuun kennachaa jiraachuu isaa mirkaneesseera.
Kanaafuu, Kolleejjiin Maayaa Istaar bara barnootaa 2019 keessatti barnootaa fi leenjii sagantaalee gara garaan kennuuf qophii isaa guutuu xumuruun, barattootaaf barsiisota gahumsa qaban, kutaalee barnootaa mijatoo, mana kitaabaa, laaboraatorii fi bakka shaakalaa qopheessuun, barnoota yaad-rimee qofa osoo hin taane, ogummaa, dandeettii hojii fi gahumsa qabatamaa irratti hundaa’e kennuuf galmee isaa baneera.
Barattoonni qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa fudhattanii, ulaagaa seensa barnootaa guuttanii fi ragaalee barnootaa barbaachisan qabdan, gara Kolleejjii Maayaa Istaar dhufuun galmaa’uun carraa barnootaa fi leenjii qulqullina qabu akka argattan kabajaan Waamicha isiniif goona.
Baradhu!
Ogummaa Horadhu!
Fuuldura Kee Ijaari!
Kolleejjii Maayaa Istaar
Wirtuu Gahumsaa!
2 682
+4
#Kolleejjiin Maayaa Istaar Mana Barumsaa Sheekh Ahmad Haramaayaatiif Waraqaa Ragaa Galataa Kenne
Kolleejjiin Maayaa Istaar, akka kolleejjii hawaasaa bal’aa fi hawaasa isaa waliin guddatuutti, Mana Barumsaa Sheekh Ahmad Haramaayaa waliin tumsa qabu cimsuuf Direektara mana barumsichaa Kabajamtuu Aadde Maliikaa Kamaal Waraqaa Ragaa Galataatiin kabajee jira.
Sirni kun keessummootaa fi maatii eebbifamtootaa duratti gammachuu guddaadhaan gaggeeffame. Kolleejjichis gara fuulduraatti Mana Barumsaa Sheekh Ahmad Haramaayaa cinaa humna danda’amu hundaan dhaabbachuun tumsa isaa itti fufuuf waadaa galeera.
Waliin dhaabbanna, waliin guddanna, hawaasa keenya waliin ijaarra!
Kolleejjii Maayaa Istaar
Wirtuu Gahumsaa
2 682
Oduu Gammachiisaa
Manajimentiin Kolleejjii Maayaa Istaar Guyyaa Arraa Galmmee bara 2019 akka eegalu danda'u ifoomseeti jira.
Kana waan taheef Bara 2019tti Kolleejjii Maayaa Istaaritti barachuuf amma irraa galmaahuu dandeessan jechuudha.
2 682
+9
#Kolleejjiin Maayaa Istaar Barattoota ogummaawwan garaa garaan leenjisaa ture Yuuniversiitii Haramaayaa Galma Afran Qallootti sirna ho’aan eebbisiiseera.
Sagantaa eebba kana irratti keessummoonni affeeraman, Abbootii Gadaa fi Haadha Siiqqee, bulchitoota waajjira Mootummaa fi Dhaabbilee dhunfaa, hoggantoota kolleejjichaa ergaa dabarsaniin, ogummaan meeshaa ijoo hiyyummaan ittiin injifatanii fi jireenya ittiin fooyyessan ta’uu ibsaniiru. Eebbifamtoonnis barnoota fi leenjii argataniin hojii eeggachuu osoo hin taane, carraa hojii uummachuudhaan maatii fi biyya isaaniitiif gumaacha gochuu akka qaban dhaamaniiru.
Eebbifamtoonnis gama isaaniitiin bu’aa aarsaa fi carraaqqii isaanii argachuu isaaniitti gammaduu ibsuun, ogummaa gonfataniin hawaasa isaanii tajaajiluufi dinagdee biyyaa utubuuf kutannoodhaan kan hojjetan ta’uu mirkaccessaniiru. Sirna kana irratti leenjifamtoota qabxii ola'anaa galmeessisaniif badhaasaa Meedaliyaa, Waancaa fi beekamtiin kennamee jira
2 682
+3
Yeroo Eebbaaf Gara Mooraa Yuuniversiitii Haramaayaa Galmma Guddicha Afran Qallootti Maatii fi Eebbifamttoonni Seenaa jiranitti
Suuraan
